1 Kitaaba hidda dhaloota Yasuus Kiristoos, isa sanyii Daawwit, sanyii Abrahaam. 2Abrahaam Yisihaqiin dhalche; Yisihaaq Yaaqoobiin dhalche; Yaaqoob Yihudaa fi obboloottan isaa dhalche. 3Yihudaan Taamaar irraa Peereezii fi Zaaraa dhalche; Peereez Heezroom dhalche; Heezroom Raam dhalche.4 Raam abbaa Aminaadaabi dha; Aminaadaab abbaa Nahashoon dha; Nahashoon Saalmoon dhalche. 5Saalmoon Rahaab irraa Boaziin dhalche; Boaz Ruut irraa Yoobeedin dhalche; Yoobeed abbaa Jeesee ti.6Jeeseen abbaa mooticha Daawwit dha; Daawwit haadha manaa isaa Uriiyaa irraa Solomoonin dhalche;7 Solomoon abbaa Reehoobo’aam dha; Reehoobo’aam abbaa Abiiyaa dha; Abiiyaan abbaa Asaa dha;8Asaan abbaa Yoshaafaax dha; Yoshaafaax abbaa Yooraam dha; Yooraam abbaa Oziyaasin dha;9Oziyaas abbaa Yo'ataami dha; Yo'ataam abbaa Akaazin dha; Akaaz abbaa Hisqiyaasi dha. 10Hisqiyaas abbaa Minaasee dha; Minaaseen abbaa Amosin dha; Amos abbaa Yosiyaasin dha. 11Yosiyaas abbaa Yekoniyaasii fi obboloota isaa dha; kunis bara sabni Israa'el biyya Baabilonitti booji'amanitti dha.12Sabni Israa'el biyya Baabilonitti erga booji'amanii booddees, Yekoniyaas Salaati'elin dhalche; Salaati'el immoo abbaa Zarubaabelin dha. 13Zarubaabel abbaa Abiyuudin dha; Abiyuud abbaa Eliyaaqimin dha; Eliyaaqim abbaa Azorin dha; 14Azor Zaadoqin dhalche; Zaadoq immoo abbaa Akiimin dha; Akiim abbaa Eliyudin dha.15 Eliyud abbaa Ele'azaarin dha; Ele'azaar immoo Maattaanin dhalche; Maattaan abbaa Yaaqoobi dha; 16Yaaqoob abbaa Yoseefi dha; Yoseefis kaadhima Maariyaam dha; isheen immoo Yasuusiin isa Kiristoos jedhamee waamameen, deesse. 17Dhaloonni kun hundinuu Abrahaamii hanga Daawititti dhaloota kudha afur, Daawitii hamma bara sabni Israa'el biyya Baabilonitti booji'amaniitti dhaloota kudha afur, bara biyya Baabilonitti booji'amanii hamma Kristositti dhaloota kudha afur turan.18Dhalachuun Yasuus Kiristoos akka kanatti fufee jiru ture; Maariyaam haati isaa Yoseefiif kaadhimatamtee turte; isheen Yoseefii wajjin utuu wal bira hin ga'in, hafuura qulqulluudhaan ulfooftee argamte. 19Yoseef inni ishee kaadhimates nama jireenya qajeelaa jiraatu waan tureef, dhoksaatti ishee dhiisuudhaaf murtoo godhe malee, ummata duratti ishee yeellaasisuu hin barbaanne.20 Utuu Yoseef kana yaadaa jiruu, kunoo, ergamaan gooftaa abjuutti itti mul'atee, “Yaa Yoseef ilma Daawwit, Maariyaam kaadhimni kee hafuura qulqulluudhaan waan ulfoofteef, ishee of biratti fudhachuu hin sodaatin! 21Isheen ilma in deessi; atis maqaa isaa 'Yasuus' jettee in moggaafta, inni ofii isaatii saba isaa cubbuu isaaniittii isaan in fayyisa” jedheen.22 Kun hundinuu inni Waaqayyo gooftaan afaan raajichaatiin dubbate akka raawwatamuuf ta'e. 23Innoo, “Kunoo, durbi in ulfoofti ilmas in deessi, maqaa isaas 'Amaanu'el' jedhanii in moggaasu" jedhe; "Amaanu'el” jechuun “Waaqayyo nuu wajjin jira” jechuu dha.24 Yoseef hirribaa dammaqee, akkuma ergamaan gooftaa isa abboometti kaadhima isaa of biratti in fudhate. 25Haa ta'u iyyuu malee, inni hamma isheen ilma ishee deessutti ishee hin barre; mucicha immoo "Yasuus" jedhee ni moggaase.
1 Yasuus, bara mooticha Herooditti, biyya Yihudaa Beeteliheem keessatti erga dhalatee booda, beektonni (namoonni beektonni) karaa ba’a biiftuu irraa gara Yerusaalemitti dhufani; 2Isaanis, “Mootiin inni Yihudootaaf dhalate eessa jira? Nuti urjii isaa ba’a biiftuu keessatti waan argineef, isaaf sagaduudhaaf dhufne” jedhanii dubbatani. 3Herood, inni mootichi, yeroo kana dhaga'ees, ni raafame; guutuun Yerusaalemis, isa wajjin ni raafamani.4 Heroodis, dura buutota luboota fi barreessiitoota uummataa walitti waamee, “Kiristoos eessatti dhalachuudhaaf dha?” jedhee isaan gaafate. 5Isaanis, “Raajichaan akkuma barreessamee jirutti, biyya Yihudaa Beeteliheem keessatti ni dhalata. 6'Ati, yaa Beeteliheem, ishee biyya Yihudaa keeessaa! Ati bulchitoota Yihudaa gidduutii ishee xinnoo miti; si keessaas kan mo'u tokko ni dhufa; innis uummata koo warra Israa'eliin kan tiksu (eegu) dha” jedhanii isatti himani.7Sana boodas, Herood yeroo isa sirrii urjichi itti mul'ate isaan gaafachuudhaaf, beektota sana dhoksaadhaan ofitti waame.8Heroodis “Dhaqaatii of-eeggannoodhaan mucichaa barbaadaa. Anis dhaqee isaaf sagaduu waanan maluuf, yeroo isa argathan immoo anatti himaa” jedhee gara Beeteliheemitti isaan erge.9 Waan mootichi jedhe erga dhaga’anii boodas, beektonni suni imala isaanii jalqabani; urjiin inni isaan karaa ba’a biiftuutti arganii tures isaan fuul dura bu’ee deeme; bakka mucaan suni jiru yeroo ga’e immoo socho’uu dhiiseetu dhaabbate. 10Jarri urjicha yeroo argan, gammachuu guddaadhaan ililchani.11 Manicha keessas lixanii mucicha, haadha isaa Maariyaam wajjin, argatani. Isaanis lafatti gadi kufanii isaaf sagadani. Qorxii (Borsaa) isaaniis bananii, kennaa warqee, ixaanaa fi qumbii isaaf kennani. 12Isaan gara Heroodisitti akka hin deebineef Waaqayyo abjuutiin waan isaan akeekkachiiseef, karaa biraa irraan ba’anii gara biyya isaaniitti deemani.13 Erga isaan gara biyya isaaniitti deemanii boodas, ergamaan Gooftichaa tokko abjuudhaan Yooseefitti mul’atee, “Ka'ii, mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii gara biyya Misiriitti (Gibxiitti) baqadhu! Herood mucicha ajjeesuudhaaf waan barbaaduuf, hamma ani sitti himutti achuma turi!” ittiin jedhe. 14Halkanuma sanas, Yooseef ka’ee mucichaa fi haadha isaa fudhatee gara biyya Misiriitti sokke. 15Mucichis hanga guyyaa Herood du’etti achuma ture. Kunis, isa Gooftaan afaan raajichaatiin, “Ani Ilma koo biyya Misirii keessa nan waameera” jedhee dubbatee ture raawwachuudhaaf dha.16 Sana boodas, Herood warri beektonni sun akka isa gowwoomsan waan hubateef, baay’ee aare. Kana irraa ka’uudhaanis, yeroo mucichi itti dhalate warra beektota sana irraa gaafatee sirriitti erga baree booda, ijoollee dhiiraa waggaa lamaa fi isaa gadii ta’anii Beeteliheemii fi naannoo ishee keessa jiran hunduma isaan namoota ergee ajjeesise.17 Kanaanis, dubbiin inni raajicha Eermiyaasiin dubbatamee ture ni raawwatame;18Innis, “Sagaleen boo’ichaa fi gadda guddaa tokko Raamaa keessatti ni dhaga’ame; Raaheelis ijoollee isheetiif boosse; kana booda deebitee waan isaan hin argganneefis, jajjabaachuu didde” isa jedhuu dha ture.19 Akkuma Herood du’een immoo, kunoo, ergamaan Gooftichaa tokko biyya Misirii keessatti abjuudhaan Yooseefitti mul’atee akkas isaan jedhe: 20“Warri lubbuu mucichaa balleessuuf barbaadan waan du’anii jiraniif, ka’iitii mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii gara biyya Israa’el deemi.” 21Yooseefis ka’uudhaan mucichaa fi haadha isaa fudhatee gara biyya Israa’elitti dhufuuf ture.22 Garuu immoo, Arkelaawos, bakka abbaa isaa Herood, bu’ee Yihudaa bulchaa (bitaa) akka jiru Yooseef waan dhaga’eef, achi deemuu ni sodaate. Waaqayyo abjuudhaa erga isa akeekkachisee boodas, gara naannoo Galiilaatti imaluuf ka’e.23 Achis deemee, magaala Naazireet jedhamtu keessa jiraate. Kunis kan ta’e, inni raajonni waa’ee Yasuus, ‘Inni Naaziricha ni jedhama’ jedhanii dubbatanii ture akka raawwatamuuf dha.
1 Bara sanatti Yohaannis cuuphaan lafa onaa biyya Yihudaatti dhufee lallabaa ture,2“Mootummaan waaqaa dhi'aatee waan jiruuf, balleessaa kessanitti gaddaatii, dhiifama gaafadhaa” jedhe.3Kunis kan dubbatame Isaayaas isa raajichaan ture. Innis, “Sagaleen inni lafa onaa keessaa dubbachaa jira ‘Gooftichaaf daandi isaa qopheessaa; karaa inni irra darbu sirreessaa’” jedhe.4 Yommusis, Yohaannis uffata rifeensa gaalaa irraa hojjetamee uffatee, mudhii isaa immoo xeebaan hidhate ture. Nyaanni isaas hawwannisaa fi damma gammoojjii ture.5Sana boodas, warri Yerusaalem, warri Yihudaa, warri kutaa biyya naanna'aa Laga Yordaanos jiraatan hundumtuu bakka Yohaannis jirutti ba'ani.6Isaanis cubbuu isaanii himachaa Laga Yordaanos keessatti Yohaannisiin cuuphamani.7 Yohaannis warra Faarisootaa fi warra Saaduqoota keessaa namoonni baay'een cuuphamuudhaaf gara isaa dhufuu isaanii yeroo arge, “Isin sanyii warra dhiiga namaa dhuguu nanaa, dheekkamsa isinitti dhufuuf jiru jalaa akka baqattan, eenyutu isin akeekkachise? 8Bu’aa firii qabu kan hojii kessanitti gaabbitanii dhiifama itti gaafattan qabadhaa. 9Wal-gidduu kessanitti ‘Nuti abbaa keenya Abrahaam qabna’ waliin jechaa hin yaadiinaa. Kan ani isinitti himus, Waaqayyo dhagoota kana keessaa iyyuu Abrahaamiif ijoollee kennuu akka danda'u dha.10 Qottoon durumaanuu hidda moukootaa irra kaa'amee jira. Kanaafuu, mukti kam iyyuu inni midhaan gaarii hin horre murameetu (falaxameetu) ibidda keessatti darbatama.11Cubbuu keessan irraa gaabbitanii akka deebitaniif, ani bishaaniin nan isin cuupha. Inni ana boodda dhufu garuu, ana irra jabaa dha; kophee miillaa isaa baachuun illee, ani nama anaaf malu miti. Inni Afuura Qulqulluu fi ibiddaan isin ni cuupha. 12Oobdii isaa keessaa qamadii isaa sirritti qulleessee gumbii isaatti kan ittiin sassaabu afarsaan isaa, harkaa isaa keessa jira. Galabaa isaa garuu ibidda tasuma hin dhaamneetiin ni guba” jedhee isaanitti dubbate.13 Sana boodas, Yasuus Yohaannisiin cuuphamuudhaaf Galiilaatii gara Laga Yordaanositti dhufe. 14Yohaannis garuu, “Ani siitiin cuuphamuun barbaada; ati immoo anaatiin cuuphamuudhaaf gara koo dhuftaa?” jedhee isa dhoowwuudhaaf yaalaa ture.15Yasuusis, “Waantota qajeelaa ta’an hunduma guutuun sirrii waan ta'ef, naaf eeyyami” jedhee deebisee itti dubbate. Sana booddees, Yohaannis isaaf eeyyame.16 Yasuus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een, kunoo egaa, waaqni hundumtuu isaaf baname. Innis, Afuurri Qulqulluu Waaqayyoo bullaallaa fakkaatee gadi dhufudhaan isa irra yeroo qubatu ni arge. 17Kunoo, sagaleen, “Inni kuni Ilma koo isa jaalatamaa dha; anis isatti nan gammada” jedhu waaqa keesaa ni dhufe.
1 Sana boodas, Yasuus seexanaan qoramuudhaaf jecha, Afuura Qulqulluudhaan dursamee gara lafa onaatti geessame.2Innis erga guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf nyaata lagatee turee booda, beela’ee ture. 3Inni isa qorus dhufuudhaan, “Ati dhuguma ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoota kana akka buddeena ta'ani ajaji” ittiin jedhe.4Yasuus garuu, “‘Dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba’uun malee, namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu’ jedhamee barreessameera” jedhee isaaf deebise.5 Itti aansees, seexanichi gara magaa qulqullaa'aatti Yasuusiin geessuudhaan, fittee gamoo mana sagadaa isa hundaa ol dheera ta’e irra dhaabachiisee, 6“Ati dhuguma ilma Waaqayyoo yoo taate, bakka kana irraa gadi of-darbadhu, ‘Inni ergamoota isaa akka siin eeganiif ni ajaja; miilli kee dhagaatti akka hin buunes, isaan harka isaanii irratti siin ni baatu’ jedhamee barreessamee waan jiruuf” ittiin jedhe.7 Yasuusis “‘Gooftaa kee Waaqayyoon hin qoriin’ kan jedhus barreessamee jira” ittiin jedhee.8Ammas seexanichi gara gaara dheeraa tokkotti Yasuusiin ol isa baasuudhaan, mootummoota biyya lafaa hundumaa, ulfina isaanii hunda wajjin isatti argisiisee,9“Gadi kuftee anaaf yoo sagadde, isaan kana hunduma isaani ani siif nan kenna” ittiin jedhe.10 Achiin boodas, Yasuus immoo, “Seexana nana, asiitii badi! ‘Gooftaa kee Waaqayyoof ni sagada; isaaf qofaa (duwwaa) ni hojjetta’ jedhamee barreessamee jira” ittiin jedhe. 11Achumaanis, seexanichi isa dhiisee deeme; kunoo, ergamoonnis dhufanii isa tajaajilani.12 Yohaannis mana hidhaa galuu isaa erga dhaga’ee boodas, Yasuus gara Galiilaa deeme.13Naazireetiinis gadhiisee gara Kapernaa’um, ishee naannoowwan Zebuluun fi Niftaalem keessa qarqaraa Galaana Galiilaa jirtu, deemee achi jiraate.14 Kunis kan raawwate, waanti Isaayaas isa raajichaatiin dubbatamee ture akka guutamuufi dha ture; innis, 15“Biyyi Zebuluun, biyyi Niftaalem, gara galaanaatti, Yordaanos gama, Galiilaan, isheen biyya saba warra Waaqayyoon hin amannee, isaan ulfina ni argatu! 16Uummatichi inni dukkana keessa jiraachaa ture, ifa guddaa argee jira; isaan warra biyya gaadidduu du’aa keessa jiraachaa turaniif, ifni isaaniif ba’ee jira” kan jedhu ture.17Yeroo sanaa kaasees Yasuus, “Mootummaan waaqaa waan dhiyatee jiruuf, hojii keessan itti gaabbaatii, dhiifama gaafadhaa” jedhee lallabuu jalqabe.18 Yeroo qarqara Galaana Galiilaa adeemaa turettis, Yasuus obbolaan lama, Simoon, isa Pheexroos jedhamuu fi obboleessa isaa, Indriiyaas, warra qurxummi qaban waan ta’aniif, otoo kiyyoo isaanii galaana keessatti darbachaa jiraanii isaan arge. 19Yasuusis, “Kootaatii ana duukaa bu’aa. Anuu warra namootaa walitti qabdan nan isin godha” isaaniin jedhe. 20Isaanis battalumatti kiyyoota isaanii achumatti dhiisanii isa duukaa bu’ani.21 Akkuma achi irraa adeemuu jalqabeen, Yasuus obbolaa biraa lama, Yaaqoob, ilma Zabdewoos fi obboleessa isaa, Yohaannisiin, arge. Isaanis, abbaa isaanii Zabdewoos wajjin, bidiruu keessattii kiyyoota isaanii suphachaa jiru turani. Innis isaan waame; 22Battalumattis, bidiruu fi abbaa isaanii achumatti dhiisanii isa duukaa bu’ani.23 Yasuusis Galiilaa keessa bakka hundumaa deemuudhaan, manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa Waaqayyoo lallabaa, namoota dhukkubaa fi dhibee hundumaattiin qabamanii turan fayyisaa ture.24Oduun isaas biyya Sooriyaa hundumaatti ni dhaga’amee; namoonnis dhukkubsatoota isaanii, warra dhukkuba fi waraansa garaa garaatiin dhiphatan, warra afuura seexanootaatiin qabamanii jiran, warra dhukkuba nama kuffisu kan qaban, warra qaamni isaanii hadoode hundumaa gara isaatti fidan. Yasuusis isaaniin ni fayyise. 25Namoonni hedduun, Galiilaa irraa, magaalota kurnanii irraa, Yerusaalem irraa, biyya Yihudaa irraa, gama Yordaanos irraas, isa duukaa bu’ani.
1 Yasuus namoota baay'ee sana yeroo arges, tulluutti ol ba'e. Erga inni taa'ee boodas, barattoonni isaa gara isaatti dhufani. 2Afaan isaa saaqees akkas jechaa isaan barsiise: 3“Warri Afuuraan hiyyeessota ta' an eebbisamtoota mootummaan waaqaa kan isaanii waan ta’eef; 4Warri gaddaa jiran eebbisamtoota waan isaan jajjabina argataniif;5 Warri garraamiin eebbisamtoota waan isaan biyya lafaa dhaalaniif;6Warri qajeelummaa akka midhaanii beela'anii, akka bishaaniis dheebotan eebbisamtoota waan isaaniif guutuu jiruuf;7Warri namaaf dhiifama godhan eebbisamtoota waan isaanis dhiifama argataniif;. 8Warri yaadni garaa isaanii qulqulluu ta’e eebbisamtoota, waan isaan Waaqayyoon arganiif;9 Warri nagaa buusan eebbisamtoota, waan isaan ijoollee Waaqayyoo jedhamanii waamamaniif; 10Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ajjeesaman eebbisamtoota, waan mootummaan waaqaa kan isaanii ta’uuf;11 Isin warri anaaf jettanii namoonni yommuu isin arrabsan, yommuu isin ari'atan, yommuu sobaan waan cubbuu ta’e hundumaa isin irratti dudubbatani, isinis eebbisamtoota dha! 12Ililchaa; gammadaa waan badhaasni keessan inni guddaan waaqa irra waan ta’eef. Raajotoni warri isin duraas akkasuma ajjeefamaa turani”.13 Itti fufees, Yasuus, “Isin soogidda biyya lafaa ti. Soogiddi mi’aahina isaa yoo dhabe garuu, attam godheetu mi’ahina isaa deebisee argachuu dhanda’a? Gadi gatamee miilla namaatiin dhidhiitamuu irraa kan hafe, deebi’ee waan fayyadu tokko iyyuu hin qabu. 14Isin ifa biyya lafaa ti. Magaalli tabba gubbaatti ijaaramte dhokachuu hin danddeessu.15 Namoonni tasuma ibsaa qabsiisani guuboo (gombisaa) jala hih kaa’ani; baattuu ibsaa irra kaa’u malee; ibsichis mana keessa warra jiran hundumaaf ni ifa.16Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii Abbaa keessan isa waaqa keessa jiruuf ulfina akka kennaniif, ifni keessan akkuma kanaatti namoota fuul duratti haa ifu” isaaniin jedhe.17 Dabalataanis Yasuus, “Ani seericha yookiin immoo raajotaa balleessuuf akkan dhufetti hin yaadiinaa. Ani kanan dhufe isaan balleessuuf otoo hin ta’iin, waa’ee isaanii raawwachuuf dha.18Ani dhuguman isinitti hima, hamma waaqnii fi lafti badanitti seericha keessaa qubeen inni xinnan tokko yookiinis gar-tokkoon isaa illee hanga waan hunduu xumuramanitti keessaa hin badu.19Kanaafuu, namni eenyumtuu ajajoota seerichaa keessaa isa xinnaa iyyuu cabsuudhaan waan biraa immoo namoota warra kaan yoo barsiisu, inni mootummaa waaqaa keessatti isa hundumaa irra isa xinnaa ni jedhama. Namni inni ajajoota kana eegee barsiisu garuu mootummaa waaqaa keessatti isa guddaa ni jedhama.20“Ani nan isinitti hima, qajeelummaan keessan qajeelummaa warra barreessitootaa fi Faarisoota sanaa kan caalu ta’uu yoo baate, isin mootummaa waaqaa keessa gonkuma hin seentani” jedhee isaan barsiise.21 Yasuus itti fufuudhaan, “Yeroo durii sana ‘Hin ajjeesiin’; ‘namni ajjeesu eenyumtuu firdiif ni dhiyaata’ jedhamee akka isaanitti himame ture dhageessanii jirtu.22Ani garuu isinittan hima; namni obboleessa isaatti aaru (dheekkamu) eenyu illee, firdiif ni dhiyaata; namni eenyumtuu inni obboleessa isaatiin ‘Ati hin fayyaddu’ jedhus, yaa’ii seeraa duratti duratti firdiif ni dhiyaata; namni eenyumtuu inni obboleessa isaatiin ‘Gowwaa (Raatuu)’ jedhus, boolla ibiddaatti firdiif ni dhiyaata.23 “Kennaa dhiheessuudhaaf bakka aarsaa dhuftee, achuma otoo jirtuu akka obboleessa kee waa yakkitee akka jirtu yoo yaadatte, 24Kennaa kee achuma iddoo aarsaa sanatti dhiisiitii deemi. Obboleessa keetti dura araaramiitii, sana booddas deebi'iitii kennaa aarsaa kee dhiheessadhu.25 Nama ittiin wal-lolte wajjin gara yaa’iitti otoo adeemtuu dafiitii itti araarami; yoo kana gochuu baatte garuu, inni abbaa firdiitti si kennuu ni danda’a; abbaan firdii immoo eegduu mana hidhaatti dabarsee si kennuu ni danda’a; sana boodas, mana hidhaatti darbatamuu ni dandeessa. 26Dhuguman siin jedha; sana booda immoo gatii sirra jiru isa dhumaa hanga kaffaltutti (baaftutti) mana hidhaa sana keessaa tasuma ba’uu hin baatu.27 “Akka ‘Hin ejjin’ jedhamee himame dhageessanii jirtu. 28Ani garuu nan isinitti hima; namni dubartii ijaan ilaalee ishee hawwee, inni dura dabarssee garaa isaa keessaatti ishee wajjin ejjee jira.29 Iji kee inni mirgaa cubbuu si hojjechiisa yoo ta’e, isa of keessaa baasiitii gati. Sababni isaas, qaamni kee guutuun boolla du’aatti darbatamuu mannaa, qaama kee keessaa inni tokko yoo bade siif wayya.30Harki kee inni mirgaa cubbuu si hojjechiisa yoo ta’e, isa of irraa kutiitii gati. Sababni isaas, qaamni kee guutuun boolla du’aatti darbatamuu mannaa, qaama kee keessaa inni tokko yoo bade siif wayya.31 Dabalatamaanis, ‘Eenyumtuu inni haadha manaa isaa hiiku, waraqaa wal-hiikumsaa isheedhaaf kennu akka qaba’ jedhamee himamee jira. 32Ani garuu nan isinitti hima; isheen yoo ejjite irraa kan hafe, namni kam iyyuu inni haadha manaa isaa hiiku, akka isheen ejjitu ni godha. Erga isheen hiikamtee booda namni ishee fuudhu eenyumti iyyuu ejjummaa ni raawwata.33 “Ammas, ‘Sobaan hin kakatiin; kakaawwan kee garuu Gooftaadhaaf godhi’ jedhamee warra duriitti himamee akka ture dhageessanii jirtu.34Ani garuu nan isinitti hima; gonkuma hin kakatiinaa; waaqaatiin hin kakatiinaa; inni teessoo Waaqayyooti;35Lafaanis hin kakatiinaa; inni ejjennaa miilla isaa ti; Yerusaalemiinis hin kakatiinaa; isheen magaala Mooticha isa guddichaa ti.36 Mataa keetiinis hin kakatiin; ati rifeensa tokko illee addeessuu, yookiin immoo, gurraachessuu hin dandeessu.37Dubbiin keessan ‘Eeyyeen, eyyee’ yookiin immoo, ‘Lakkiin, lakkii’ haa ta’u. Waanti kana irraa darbee jiru garuu kan isa cubbamaa ti.38 “Akka ‘Bakka ijaa, ija, bakka ilkaanii, ilkaan’ jedhamee himamee tures dhageessanii jirtu.39Ani garuu nan isinitti hima; nama hamaa ta’e, hin morkatinaa (Nama gadhee wal-aansoo hin qabatiin). Kana irra, eenyumtuu maddii kee isa mirgaa yoo si kabale, isa karaa bitaas itti qabi.40 Namni uffata qomoo kee sirraa fudhachuu barbaadee seeratti yoo si himate, ati immoo kootii kees itti dabalii isaaf dhiisi.41Eenyumtuu kiiloo meetra tokko isa duukaa akka deemtu yoo si dirqisiise, ati immoo kiiloo meetra lama isa duukaa deemi.42Isa si kadhatu (gaafatu) eenyumaafuu kenni; nama sirraa liqeeffachuu barbaadutti, fuula kee irraa hin garagalchiin.43 “‘Ollaa kee jaalladhu; diina kee jibbi’ jedhamee akka himame ture dhageessanii jirtu.44Ani garuu nan isinitti hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin ari’aniifis kadhadhaa.45Kana gochuu keessaniinis, ijoollee Abbaa keessanii isa waaqa keessaa ni taatu. Inni biiftuu isaa warra hamaa ta’aniifis, warra gaari ta’aniifis ni baasa; bokkaa isaas warra qajeelotaafis, warra jallatootaafis ni roobsa.46 Isin warra isin jaalatan jaalattu yoo ta'e, bu’aa maalii argattu? Akkas immoo warri gibira sassaaban suni iyyuu hin godhanii?47Obboloottan keessan qofaa nagaa gaafattu (dubbistu) yoo ta'e, warra kaan caalaa maal gootu? Akkas immoo warri Waaqayyoon hin amanne iyyuu hin godhanii?48Kanaafuu, akkuma Abbaan keessan inni waaqa keessa mudaa hin qabneetti, isinis warra mudaa hin qabne ta’aa.
1 “Namootatti of-argisiisuudhaaf jettanii hojiiwwan qajeelummaa keessannii fuul dura namootaatti akka hin hojjenne of-eeggadhaa; ta’uu baannaan garuu, Abbaa keessan isa waaqa keessaa birra bu’aan argattan hin jiru.2Kanaafuu, akkuma warri ofittoon akka namootni isaan jajaniif jedhanii manneen sagadaa keessatti fi daandiiwwan irraati arjoomanitti, atis yeroo arjoomtu of-fuul dura keetti xurumbaa hin afuufiin. Dhuguma nan isinitti hima; isaan kun gatii isaanii guutummaatti argatanii jiru.3 Ati garuu yeroo arjoomtu, waan harki kee inni mirgaa godhaa jiru, harki kee inni bitaa iyyuu akka argu hin godhiin.4Akka kanattis, arjummaan kee dhoksaadhaan haa ta’u. Abbaan kee inni dhoksaatti argus, gatii kee siif ni kenna.5“Yeroo kadhattanis, akka warra of-jajjootaa (of-argisiistotaa), warra akka uummatni isaan arguuf jedhanii manneen sagadaa keessattii fi daandiiwwan bukkeetti kadhatanii, hin ta’iinaa. Ani dhuguma nan isinitti hima, isaan gatii isanii fudhatanii jiru.6Ati garuu, yeroo kadhattu, mana kee keessatti ol-seeni. Balbala cufadhuutii, abbaa kee isa iddoo dhoksaa jiru kadhadhu. Sana boodas, Abbaan kee inni dhoksaatti argu, gatii kee siif ni kenna.7Yeroo kadhattanis, akka warra Waaqayyoon hin amanneetti irra deddeebi’uu dubbii faayidaa hin qabne hin godhiinaa; isaan, baay’ee dubbachuun, waan isaaniif dhaga’amu isaanitti fakkaata.8 Kanaafuu, otoo isin hin himatiin iyyuu waantota isin barbaaddan Abbaan keessas waan beekuuf, akka isaanii hin ta’iinaa. 9Kanaafuu, akkasitti kadhadhaa:‘Yaa Abbaa keenyaa isa waaqa keessa jiraattuu,Maqaan kee inni qulqulluu ta’e haa ulfaatu. 10Mootummaan kee haa dhufu.Jaalalli kee waaqa irratti akka ta’e,Akkasumas immoo, lafa irrattis haa ta'u.11 Hirbaata guyyaa guyyaan nyaannu hara’a nuuf kenni.12Balleessaa keenya unuuf dhiisi;Nutis akka warra unuun midhaniin dhiifama goonu nu godhi.13Gara qormaataattis nuuni hin galchin;Hamaa irraa unuun oolchi malee.14 Namootaaf balleessaa isaanii yoo dhiiftaniif,Abbaan keessan inni waaqa irraa immoo isiniif ni dhiisa. 15Garuu isin namootaaf balleessaa isaaniif dhiisuufii yoo dhiistan,Abbaan keessanis balleessaa keessaniif isiniif hin dhiisu’.16 “Yeroo nyaata lagattanis, akka warri of-jajjootaa akka isaan nyaata lagachaa jiran namootni akka beekaniif jedhanii fuula isaanii gurraachessaniitti, isinis fuula keessan hin gurraachesiinaa. Ani dhuguma nan isinitti hima, isaan gatii isaanii guutummaatti argatanii jiru.17Ati garuu, yeroo nyaata lagattu, mataa kee dibadhu; fuula kees dhiqadhu.18Nyaata lagachuu kee Abbaa kee isa dhoksaatti arguu malee, namota duratti akka hin mul’annetti godhi; Abbaan kee inni dhoksaatti argu immoo gatii kee siif ni kenna.19 “Qabeenya ofii keessaniif lafa irratti, iddoo rirmii fi daana’oon nyaatutti, iddoo hattuunis cabsitee seentee hattutti, walitti hin qabiinaa.20Akkana irraa garuu, qabeenya ofii keessaniif waaqa irratti iddoo rirmii fi daana’oon nyaachuu hin dandeenyetti, iddoo hattuunis cabsitee seentee hatuu hin dandeenyetti, walitti qabadhaa. 21Kunis kan ta’e, garaan keessan kan jiraatu bakka qabeenyi keessan jiru waan ta’eef dha.22 Ijji ibsaa qaamaa ti; ijji kee gaarii yoo ta’e, qaamni kee hundi ifaan ni guutama. 23Ijji kee gadhee yoo ta’e garuu, qaamni kee hundi dukkanaan ni guutama. Kanaafuu, ibsaan inni qaama kee keessa jiru dhugumatti yoo dukkanaa’e, dukkanichi hangam guddaa dha! 24Eenyumtuu gooftolii lamaaf ergamuu hin danda’u; yookiin isa tokko jibbee isa biraa jaalata; yookiin immoo, isa tokkoof of-kenneetu, isa biraa immoo gadi dhiisa malee. Isinis, Waaqayyoofis, qabeenyaafis ergamuu hin dandeessani.25 Kanaafuu, ani nan isinitti hima; waa'ee jireenya keessaniif, waan nyaattanii fi waan dhugdaniif, yookiin immoo waa’ee qaama keessanii, waa’ee waan uffattaniif hin yaadda’iinaa. Jireenyi isa nyaatamuu fi isa uffatamu irra guddaa mitii? 26Simbirtoota samii keessa ilaalaa. Isaan hin facaasani; hin haamani; yookiin immoo waan gumbiitti naqatan hin qabani; garuu Abbaan keessan inni waaqa keessa isaaniin ni soora. Isin immoo isaan caala faayidaa hin hin qabdanii?27 Isin keessaa namni tokko waan dhiphateef, bara jireenya isaa irratti waggaa tokko illee namni dabalachuu danda’u jiraa? 28Waa’ee waan uffataa maaliif dhiphattu? Abaabonni goodaa keessatti biqilanii attamitti akka guddatan mee yaadaa. Isaan hin dhama’ani; uffatas hin fo’ani (dha’ani). 29Ani nan isinitti hima; Salamoon inni ulfina hundaa qabu ture illee, akkuma isaan kana keessaa, isa tokkoo, hin uffatne ture,30 Yaa isin, warra amanntiin xinnoo, Waaqayyo biqiltuu goodaa keessaa, isa har’a bakkeetti argamee, boru immoo ibiddatti affeelamu, yoo uffisa ta’e, hammam caalaatti isinitti uffisa? 31Kanaafuu, ‘Maal nyaanna? Maal dhugna? Maal uffanna?’ jettanii of hin dhiphisiinaa.32 Warri Waaqayyoon hin amanne waantota kana barbaadaa jiru; isiniifis akka barbaachisu Abbaan keessan inni waaqa keessa ni beeka.33Waantotni kun hundumtuu isiniif ni kennamu; isin garuu dura dabarsaatii mootummaa fi qajeelummaa Waaqayyoo barbaadaa. 34Kanumaafuu, waa’ee boruu hin dhiphatiinaa; boru ofii isaafuu jedhee ni dhiphata. Tokko tookkoon guyyaa, rakkinna ga’aa kan mataa isaa ni qaba.
1 “Namatti hin faradiinaa; isin irrattis hin faradamu.2Firdiin inni isin faraddan, isinis ittiin ni faradamtu; safara isin safartanis, isiniifis ni safarama.3 Maaliif huuba xinnoo ishee ija obboleessa kee keessa jirtu ilaalta, yeroo muka isa ija kee keessa jiru hin hubannetti?4Otoo mukichi ija kee keessa taa’ee jiru, attamitti obboleessa keetiin, ‘Huuba ija kee keessa jiru nan siif baasa’ jechuu dandeessa? 5Ati yaa ofittoo nanaa! Dura dabarsiitii, muka isa ija kee keessa jiru baassadhu; isa booddee huuba ija obboleessa kee keessa jiru, hubattee baasuu ni dandeessa.6 Waanta qulqullaa’a ta’e sarootaaf hin kenninaa. Calleewwan keessanis booyyeewwan jalatti hin darbatiinaa. Ta’uu baannaan, isaanuu milla isaanii jalatti erga dhidhitanii booda isinitti garagalanii isiniinuu bakka hedduutti ni kukkutu.7 “Kadhadhaa (Gaafadhaa), isiniif ni kennamaa. Barbaadaa, ni argattuu. Balbala rurrukutaa isiniif ni banama (saaqama).8Kan kadhatu (gaafatu) eenyumtuu, ni fudhata; kan barbaadu eenyumtuu, ni argata; nama balbala rurrukutuufis, ni banama. 9Yookiin immoo, isin keessaa eenyu dha, yoo ilmi isaa buddeena (daabboo) isa gaafate, inni dhagaa kennuufi? 10Yookiin immoo, yoo ilmi isaa qurxummii kadhate, inni bofa kennuufi?11 Kanaafuu, isin warri hamtoonni ijoollee keessaniif kennaa gaarii attamitti kennitan beektu erga ta’ee, Abbaan keessan inni waaqa keessaa immoo isin caalaa hammam warra isa kadhataniif waan gaggaarii kenna ree? 12Kanaafis jecha, waantota kameen iyyuu isaan namoonni akka isiniif godhan jaalattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa; seerrii fi raajonnis kan barsiisani isuma kana dha.13 “Karra isa dhiphaa ta’een ol-seenaa. Karri inni bal’aa fi dheeraan, isa gara badinsaatti (balleessaatti) nama geessu dha; achi irraanis namoota hedduutu seena. 14Karri inni gara jireenyaatti geessu garuu dhiphaa dha; karaan (daandiin) isaas rakkisaa dha; namoonni isa argatanis muraasa dha.15 “Raajota sobdoota, warra raroo hoolaa uffatanii gara keessan dhufanii, kessi isaanii garuu, dhugaa dhumatti yeeyyota butanii nyaatan warra ta’an, irraa of eeggaa. 16Firiiwwan (bu’aawwan) hojii isaaniitiin isaaniin ni beektu. Namoonni muka qoraattii irraa ija waynii funaanuu ni danda’uu; yookiin immoo muka kosorruu irraa harbuu funaanuu ni danda’uu? 17Haaluma walfakkaatuun, mukti gaariin midhaan ba’eessa ni godhata; mukti gadheen immoo midhaan badaa ni godhata.18Mukti gaariin tokko midhaan hamaa hin godhatu; mukti gadheenis midhaan ba’eessa godhachuu hin danda’u.19Mukti kam iyyuu inni midhaan gaarii hin godhanne, murameetu, ibidda keessatti darbatama.20Kanaafuu egaa, isin midhaan (bu’aa) isaaniitiin isaan baruu ni danddeessu.21 Warra jaalala Abbaa koo isa waaqa keessaa hojjetan irraa kan hafe, inni ‘Gooftaa keenya, Gooftaa ko’ anaatiin jedhu hundumtuu mootummaa waaqaa keessa hin seenuu. 22Gaafa guyyaa isa dhumaa sanattis, namoonni baay’een, ‘Gooftaa, Yaa Gooftaa ko, nuti maqaa keetiin raajii hin dubbannee? Nuti maqaa keetiin afuura seexanaa hin baafnee? Nuti maqaa keetiin raajiiwwan hedduu hin hojjennee?’ anaan ni jedhu.23Yeroo sanatti, ani immoo, ‘Ani tasuma isin hin beeku! Isin warra seeraan dhala hojjettani mitii; ija koo duraa achi deemaa!’ jedheen ifatti saaxileen isaanitti nan hima.24“Kanaafuu egaa, namni kam iyyuu inni dubbiiwwan koo dhaggeeffatee isaaniifis abboomame, inni akka mana isa mana isaa dhagaa irratti ijaarratetti beekaa dha. 25Bokkaan itti roobees, lolaan itti yaa’es, qilleensis itti qilleensa’e yoo itti bu’es, manichi bu’uurri isaa dhagaa irra waan dhaabbateef homaa hin ta’u.26 Namni kam iyyuu inni dubbiiwwan koo dhaggeeffatee isaaniif hin abboomamne garuu, inni akka mana isa mana isaa cirracha irratti ijaarratetti gowwaa dha. 27Bokkaan itti roobee, lolaan itti yaa’e, qilleensis itti qilleensa’e itti bu’e, manichis ni jige; manichis guutummaan guutuutti bade.”28 Yasuus dubbiiwwan isaa kanneen dubbatee akkuma xumureenis, namoonni achitti walitti qabamanii barsiisa isaa dhaggeeffachaa turanis hedduu dinqisiifatanii,29Kunis kan ta’e, inni akka barreesitoota sanaa otoo hin ta’iin, akka nama aboo qabuutti waan isaan barsiisa tureef dha.
1 Yeroo Yasuus gaara (tabba) sana irraa gadi bu’ettis, namoonni isa biratti walitti qabamanii turan hedduunis isa duukaa bu’ani. 2Kunoo, namichi lamxaa'aan (qomaaxaan) tokko gara isaa dhufee, fuula isaa fuul dura isaattis jilbeeffatee, “Yaa Gooftaa, fedhii kee yoo ta’e, na fayyisi” jedhee isa gaafate.3Yasuusis harka isaatiin hiixatee namicha qabuudhaan, “Fedhii kooti; fayyitee jirta” jedheen. Battaluma sanattis, namichi qomaaxummaa isaa irraa ni fayye.4 Yasuusis, “Namatti waan tokko iyyuu akka hin jenneef beekkadhu. Garuu immoo, karaa kee irra bu’ii deemiitii lubichatti of argisiisitii akkuma Museen ajajee turetti kennaa kee dhiyyeessiitii fayyuu kee isaaniif dhugaa ba’i” isaatiin jedhe.5 Yommuu Yasuus gara Qifirnaahom deemaa turettis, ajajaan dhibbaa tokko gara isaatti dhufee isa kadhate,6“Yaa Gooftaa ko, hojjetaan koo qaamni isaa hadoodee mana ciisee baay’ee dhukubsachaa jira” jedhe.7Yasuusis, “Anuu dhufeen isa fayyisa” jedheen.8 Ajajaan dhibbaa sunis, “Yaa Gooftaa ko! Ani nama ati mana koo keessa seenuun isaaf malu miti. Waan jettu qofaa dubbadhuutii, ergamaan koo ni fayya.9Anis nama aangoo qabu waanan ta’eef, loltoota ana jalatti bulan nan qaba. Isa tokkoon ‘Deemi’ yoon jedhu, ni deema; isa biraatinis, ‘Koottu’ yoon jedhu, ni dhufa; ergamaa kootiinis, ‘Kana godhi’ yoon jedhu, innis ni godha” jedhe. 10Yasuus kana yeroo dhaga’ettis, dinqisiisamuudhaan warra isa duukaa bu’anii jiraniin akkas jedhe: “Dhuguman isiniitin jedha, ani Israa’el keessatti nama akka kanaatti amantii qabu hin argine;11 Ani nan isinitti hima; namoonni hedduun karaa ba’a biiftuu irraas, karaa lixa biiftuu irraas dhufanii mootummaa waaqaa keessatti Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoobii wajjin maaddiitti ni dhiyaatu. 12Ijoolleen mootummichaa garuu, dukkana keessatti alaatti ni darbatamu; achittis boo’aa ilkaan isaani walitti ni qaru”. 13Yasuusis, ajajaa dhibbaa sanaatiin, “Deemi! Akkuma ati amantetti, siifis haa ta’u”jedheen. Sa’aatti dhuma sanattis ergamichi ni fayye.14 Yasuus mana Pheexroos yeroo dhufee turettis, amaatiin Pheexroos dhukkuba dhaqna-gubaadhaan dhukkubsattee otoo ciisaa jirtuu arge. 15Akkuma Yasuus harka ishee qabeenis, dhukubichi ishee gadhiise. Isheenis achumaan kaatee isa keessummeessuu jalqabde.16 Galgala sanas namoonni warra afuura seexanaatiin qabamanii jiran gara Yasuusitti fidanii dhufani. Innis sagalee dhuma tokkoon afuurota sana isaan irraa baasee (ari’ee), warra dhukkubsatan hundumaa fayyise.17Kunis kan raawwate isa karaa raajicha Isaayyasiin dubbatamee ture guutuufidha. Innis, “Inni dhibee keenya unu irraa fuudhe; dhukkuboota keenyas unu irraa baate” kan jedhu ture.18 Amma immoo, Yasuus tuuta namootaa isaatti naanna’anii jiran erga ilaalee booda, gara Galaana Galiilaa duubatti darbanii akka deeman isaan ajaje.19Achumaanis, barreessaan tokko gara isaa dhufeetu, “Barsiisa! Garuma ati deemtutti, anis si duukaa nan deema” jedheen. 20Yasuus immoo, “Waangonni (sardiidonni) boolla qabu; simbiroonni waaqa keessaas, godoo simbraa qabu; Ilmi Namaa garuu, bakka mataa isaa itti hirkifatu illee hin qabu” ittiin jedhe.21 Barattoota isaa keessaa inni biraa tokko immoo, “Yaa Gooftaa! Dura abbaa koo awwaalladhee akkan deebi’uuf naaf eeyyami” jedhee isa gaafate. 22Yasuus garuu, “Du’aa warri du’aan haa awwaalatani; dhiisitii anaduukaa bu’i” ittiin jedhe.23 Yeroo Yasuus bidiruu yaabbatee turettis, barattoonni isaas isaa wajjin yaabbatani. 24Kunoo qilleensi hamaan galaanicha irraa waan ka’eef, bidiruun sunis humna qilleensichaatiin uffisamee raasame. Yasuus garuu rafee ture.25Barattoonni isaas gara isaa dhufanii isa dammaqsanii, “Yaa Gooftaa, nuti dhumuuf jirraattii, kana jalaa nu baasi,” ittiin jedhani.26 Yasuusis, “Yaa warra amantii xinnoo; maaliif sodaattu?” jedhee isaaniif deebise. Achumaanis ka’eetu qilleensichaa fi bishaanicha akka dhaabbataniif isaa abboome (ifate). Battaluma sanattis, tasgabbii guddaan ni uumame.27Namoonni achi jiranis waan arganitti ajaa’ibamanii, “Kuni nama attamiiti kan qilleensii fi bishaan illee isaaf abboomamani?” jedhani.28 Yeroo Yasuus galaanicha ce’ee gara biyya Gadaraa dhufee turettis, namoonni lama warri afuura seexanaatiin qabamanii jiran gara isaa dhufani. Namoonni warri bakka awwaalcha namaa keessaa ba’anii dhufan kunis hamtoota waan ta’aniif, karaa deemaan karaa sana darbu tokko illee hin jiru ture. 29Kunoo isaanis, “Yaa Ilma Waaqayyoo, ati unu irraa maal qabda? Ati as kan dhufte, yeroon jedhame otoo hin ga’iin nu gidiruuf (dhiphisuuf) dhaa?” jechaa iyyanii caraananii.30 Yeroo sanas, hoomaan booyyee, bakka isaan jiran irraa baay’ee kan hin fagaatne, bobba’anii dheedaa jiru turani. 31Afuuronni seexanaa namoota sana irra jiran sunis, “Yoo baastee nu ariita ta’e, gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi” jedhanii isa kadhachaa turani. 32Yasuusis, “Dhaqaa!” isaaniin jedhe. Isaanis namoota sana keessaa ba’anii booyyota sanatti galani; kunoo, hoomaan booyyee sun hundumtuu gaara ol jedhee dhaabbatee jiru irraa furguggisamanii galaana keessatti namm’anii, bishaanicha keessatti dhumani.33 Warri booyyee tiksaa turanis baqatanii gara magaalichaa deemuudhaan waan raawwatee ture tokko tokkoon, keessumattuu immoo, waa’ee namoota warra afuura seexanaatiin qabamanii turan sanaa, warra magaala jiranitti odeessani. 34Kunoo, magaalicha keessa namoonni jiraatan hundumtuu Yasuusiin qunnamuudhaaf yaa’anii dhufani. Yeroo isa arganis, naannoo biyya isaanii gadi dhiisee akka adeemuuf isa kadhatani.
1 Yasuusis bidiruu yaabbatee galaanicha ce’uudhaan gara magaala isaa dhufe. 2Kunoo, jaroonni tokko nama qaamni isaa hadoodee ture tokko siree irra ciibsanii gara isaatti fidani. Yasuusis amantii isaanii waan argeef, namicha qaamni isaa hadoodee tureetiin “Ilma ko, jabaadhu! Cubbuuwwan kee siif dhiifamaniiru” jedhe.3 Warra barreesitoota keessaa muraasni isaanii, garaa isaaniitti, kunoo, “Namichi kuni Waaqayyoon arrabsaa jira” jedhanii dubbatani.4Yasuusis waan isaan yaadaa jiran waan bareef, “Maaliif garaa keessan keessatti waan cubbuu yaaddu?5Isa kamtu irra salphaa dha? ‘Cubbuuwwan kee siif dhiifamaniiru’ jechuu moo ‘Ka’ii dhaabbadhuutii deemi’ jechuutu salphaa dha? 6Ilmi Namaa lafa irratti cubbuuwwaniif dhiifama gochuuf aboo (aangoo) akka qabu garuu beekuu ni maltu,…” erga isaaniin jedhee booda, namicha isa qaamni isaa hadoodee tureetiin immoo, “Ol ka’i; siree kees fudhadhuutii mana keetti gali” jedhe.7 Namichis ka’ee gara mana isaatti adeeme.8Namoonni achitti walitti qabamanii turan, yeroo kana argan ni sodaatani; Waaqayyo, isa aboo akkasii namootaaf kenneefis, ulfina kennani 9Yasuus otoo achii ka’ee gara biraatti darbaa jiruus, nama Maatiwoos jedhamu tokko, otoo inni dunkaana gibira keessatti sassaabanii keessa ta’ee jiruu arge. Yasuusis, “Ana duukaa bu’i” ittiin jedhe. Innis ka’ee isa duukaa bu’e.10 Yeroo Yasuus manicha keessa taa’ee maaddiitti dhiyaatee turettis, kunoo, warri gibiraa sassaabanii fi warri cubbamtoonni dhufanii Yasuusii fi barattoota isaa wajjin maaddiitti dhiyaatani. 11Warri Faarisootaa yeroo kana araganis, barattoota isaatiin, “Barsiisaan keessan maaliif warra gibiraa sassaabanii fi warra cubbamtootaa wajjin nyaata?” jedhanii gaafatani.12 Yasuus yeroo kana dhaga’es, “Namoonni warri qaamni isaanii dadhabaa ta’e malee, warri qaamni isaanii cimaa ta’e, yaala hakiimii hin barbaadani. 13Hiikni kanaa maal akka ta’e, deemtanii barachuu qabdu: ‘Kan ani barbaadu dhiifama dha malee, akka aarsaa anaaf ta’ani miti’. Anis kanan dhufe warra qajeelotaa waamuudhaaf otoo hin ta’iin, warri cubbamoota cubbuu isaaniitti gaabbanii akka dhufaniif waamuufi dha” jedhe.14 Achiin boodas, barattoonni Yohaannis gara isaa dhufanii, “Barattoonni kee nyaata hin lagatani; nutiifi fi Faarisoon garuu maaliif nyaata lagannaa?" jedhanii Yasuusiin gaafatani. 15Yasuusis, “Hanga mushurraan (aruusni) isaan bira jirutti, miinzoliin (waa’iloon) isaa gadduu danda’uu? Guyyaan mushurraan suni isaan biraa fudhatamu yeroo dhufutti garuu, miinzoliin sunis nyaata ni lagatu.16Namni erbee haaraa uffata moofaa irratti hoddhu (erbu) tokko iyyuu hin jiru; sababni isaas, erbeen inni haaraan suni uffata moofaa sana irraa citee (tarsa’ee) waan bu’uuf, uuffatichis isa duraa caalaa tarsa’a ta’a.17 Akkasumas, namoonni waynii haaraa qodaa dulloometti tasuma hin naqani. Akkas goonaan garuu, qodichi ni caba; wayinichis ni dhangala’a; qodichis ni bada. Kana irra garuu, waynii haaraa qodaa haaraatti ni naqu; akkanattis, wayinichis, qodichis badii irraa ni oolu (hafu)” jedhee isaaniif deebise.18 Yeroo Yasuus kana isaanitti dubbachaa turetti, kunoo namni taa’itaa qabu tokko dhufee isaaf sagade. Innis, “Intalli koo ammuma na duraa duute; maaloo kottuutii harka kee ishee irra kaa’iitii naaf fayyisi” jedhee Yasuusiin kadhate. 19Sana boodas, Yasuus ka’ee barattoota isaa wajjin namicha sana duukaa deemani.20 Kunoo, dubartiin, waggaa kudha lamaaf dhiigni ishee waan dhangala’uuf rakkachaa turte tokkos, dugda duuba isaatiin dhuftee, fiixee uffata Yasuus tuqxe. 21Isheenis, “Uffatuma isaa illee otoon tuqee, ani nan fayya” jettee garaa isheetti yaaddee turte.22Yasuusis duuba isaatti garagalee, ishee argee, “Intala koo, jabaadu; amantiin kee si fayyiseera” isheetiin jedhe. Sa’aati dhuma sanattis, dubartittiinis ni fayyite.23 Yasuus mana abbaa taa’itaa sanaa bira yeroo ga’ettis, waca warra ulullee (xurumbaa) gaddaa afuufanii fi namoota naanna’anii boo’anii arge. 24Achumaanis, Yasuus, “Asii deemaa! Intalli raftee jirti malee, hin duune” isaaniin jedhe. Isaan garuu, qeeqiidhaan isatti kolfani.25 Namoonni erga gadi baafamanii boodas, Yasuus mana keessa ol lixee, intalattii harka ishee qabee ol kaase; isheenis ol kaatee dhaabbatte. 26Oduun isaas naannoo sanatti bakka hundumaatti ni dhaga’ame.27 Yasuus achii irraa gara biraatti otoo darbaa jiruu, ija jaamonni lama isa duukaa bu’ani. Isaanis, “Yaa Ilma Daawwit, ati mee nu fayyisi!” jechaa iyyanii isa kadhatani.28Yeroo Yasuus manatti ol seenee ture sanattis, jaamonni sunis gara isaatti dhiyaatani. Yasuusis, “Kana gochuu akkan danda’u ni amantuu?" jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Eyyee, yaa Goofta” jedhanii isaaf deebisani.29 Sana booddees, Yasuus ija isaanii qabee, “Egaa akkuma amantii keessanii isiniif haa ta’u!” jedhe.30Battaluma sanattis, iji isaanii baname. Achiin boodas, Yasuus, “Beekkadhaa, namni tokko illee waa’ee kana akka hin dhageenye” jedhee of eeggannoodhaan isaan akeekkachiise. 31Namoonni lameen suni garuu akkuma achii ba’aniin oduu isaa naannoo sanatti bakka hundumaatti tamsaasani.32 Akkuma namoonni lameen suni achii ba’anii deemaniinis, namni arrabni isaa afuura seexanaatiin xaxamee dubbachuu dadhabe tokko, gara Yasuusitti fidame. 33Afuurichi namicha keessaa erga ari’amee boodas, namichi ni dubbate. Namoonni achitti walitti qabamanii jiranis, isa ta’e raajeffachaa, “Waanti akkasii kun Israa’el keessatti tasuma argamee hin beeku” jedhani.34Faarisoonni garuu, “Inni seexanoota kan baasu humna isa seexanoota bulchuutiini dha” jedhani.35 Achiin boodas, Yasuus magaalotaa fi gandoota hunduma bira deeme. Manneen sagadaa isaanii keessattis, wangeela mootummaa Waaqayyoo lallabee barsiisuu, dhukkubootaa fi dhibeewwan hundumaas fayyisuu itti fufe. 36Yasuus, namoota hedduu walitti qabamanii isa wajjin jiran, yeroo arges, waan isaan rakkachaa fi haamlee dhabanii tureef, isaaniif gadde. Isaan akka hoolota tiksee hin qabnee turani.37 Barattota isaatiinis, “Midhaan sassaabamu baay’ee dha; hojjetoonni sassaaban garuu muraasa dha;38 Kanaafuu, dafaatii Gooftaa midhaanichaa, hojjetoota gara midhaan isaaatti akka ergu, kadhadhaa” jedhe.
1Yasuus barattoota isaa kudha lamaan bakka tokkotti waamee, afuurota hin qulqulloofne akka baasaniif, dhukkubootaa fi dhibeewwan hundumaas akka fayyisaniif aangoo isaaniif kenne.2 Maqaan ergamoota (barattoota) kudha lamaaniis kunooti: Inni duraa, Simi’oon (isa inni Pheexroos jedhees moggaase); Indriiyaas, obboleessa Pheexroos; Yaaqoob, ilma Zabdiwoos; Yohaannis, obboleessa Yaaqoob; 3Filiphoosii fi Bartolomewoos; Toomaasii fi Maatiwoos, isa gibira sassaabu; Yaaqoob, ilma Alfewoosii fi Taadiwoos; 4Simi’oon, isa inaaftichaa fi Yihudaa Keeriyoot, isa Yasuusiin gane (dabarsee kenne).5Isaan kudha lamaan kunneenis ni ergamani. Yasuusis “Iddoo warri Waaqayyoon hin amanne jiraatan hin deemiinaa; magaala warra Samaaritaanii keessa hin seeniinaa. 6Bakka kanaa immoo, gara mana Israa’el warra hoolota badanii dhaqaa; 7Yeroo dhaqxanis, ‘Mootummaan waaqaa dhiyaatee jira’ jedhaatii lallabaa.8 Dhukkubsataa fayyisaa; du’aa, kaasaa; qurcoota fayyisaa; afuura seexanootas baasaa. Tolaan waan argattaniif, isinis tolaan kennaa. 9Warqee, meetii yookiinis sibiila diimaa hin gudunfatiina; 10Imala keessaniif jettanii, korojoos, qomee dabalataas, kophee dabalataas, ulees hin baatiinaa; hojjetaan tokko nyaata isa barbaachisu argachuun isaaf ni mala.11 Magaala fi ganda deemtan bakka hundumaatti iyyu nama ta’u barbaadaatii, hanga achii deemtanitti isa bira turaa. 12Mana isaatti yeroo lixxanis, nagaa gaafadhaa. 13Manichi gaarii yoo ta’e, nagaan keessan isa irratti haa dhufu; gaarii ta’uu yoo baate garuu, nagaan keessan isiniif haa deebi’u.14 Yeroo mana yookiin immoo magaala warra sirriitti isin hin simanne yookiin immoo waan isin dubbattan hin dhaggeeffanne gadi dhiistanii deemtan, awwaara isaanii miilla keessan irraa dhadha’adhaa. 15Ani dhuguma nan isinitti hima; gaafa guyyaa firdii inni warra Sodoomii fi Gomoraa irra ga’u, kan magaala kanaa irra ga’u caalaa salphaa ni ta’a” jedhee isaan hubachiise.16 “Hubadhaa! Ani akka hoolotaatti kan ani isin ergu yeeyyii gidduutti waan ta’eef, akka bofaa gamna ta’aa; akka gugees garraamii ta’aa. 17Namoota irraa of eeggaa! Isaan yaa’ii mama murtiitti dabarsanii isiniin ni kennu; manneen sagadaa isaanii keessattis isiniin ni reebu.18Sana boodas, anaaf jettanii warra Waaqayyoon hin amanneef akka dhugaa baataniif jedhanii, fuula warra biyya bulchanii fi fuula moototaa duratti isiniin ni dhiheessamtu.19 Yeroo qabanii isin kennanis, waa’ee waan dubbattanii fi attamitti akka dubbattan hin yaadda’iinaa; maal akka jettan yeroodhuma sana isiniif ni kennama. 20Kan dubbattu isin miti; Afuurri Abbaa keessanii garuu isin keessaa ni dubbata.21 Obboleessi obboleessa isaa, abbaanis mucaa isaa dabarsee ni kenna. Ijoolleenis warra isaanii irratti ka’anii, warra isaaniis ni in ajjeesus. 22Isinis, sababa maqaa kootiif jettanii, hundumaa biratti ni jibbamtu. Eenyumtuu inni hanga dhumaatti rakkina isa irra ga’u obsu garuu, inni ni fayya.23Magaala isa tokko keessaa yoo isin ari’atan, gara magaala isa biraatti baqadhaa; ani dhuguma nan isinitti hima, Ilmi Namaa hanga dhufutti magaalota Israa’el adeemtanii waliin hin geessani.24 “Barataan tokko barsiisaa isaa hin caalu; hojjetaan tokkos ajajaa isaa (nama isa hojjechiisu) hin caalu.25Barataan akka barsiisaa isaa, hojjetaanis akka hojjechiisaa isaa taanaan ni ga’a. Abbaa manaatiin Biilzebuul (Alaqaa Seexanaa) jedhanii waamu yoo ta’e, maqaan warra maatii mana sanaa ittiin waaman immoo hangam caalaatti gadhee ta’a ree!26 Kanaafuu, dhoksaatti waan jiru keessaa waanti ifa hin baane waan hin jiraanneef, iccitiidhaan waan eegamee jiru keessaas, waanti hin beekamne waan hin jiraanneef, isaaniin hin sodaatinaa.27Dukkana keessatti waantan ani isinitti himu, ifa guyyaa keessatti dhageessisaa; waanta gurra keessaniitti asaasame, bantii manaa irra dhaabbadhaatii labsaa.28 Warra foon ajjeesan, lubbuu garuu ajjeesuu hin dandeenye, hin sodaatinaa. Isa foonii fi lubbuu ajjeesee boolla ibiddaatti naquu danda’u sana garuu sodaadhaa. 29Simbirroonni lama saantima tokkootti hin gurguramnee? Garuu immoo, otoo Abbaan keesan hin beekiin, tokkoon isaanii ilIee lafatti hin kufani; 30Garuu, rifeensi mataa keessanii illee hundumti isaa ni lakaa’ama. 31Hin sodaatinaa. Isin simbirroota caalaa faayidaa ni qabdu.32 Kanaafuu, nama namoota duratti anaaf dhugaa ba’eef, anis Abbaa koo isa waaqa keessa jiru duratti isaaf dhugaa nan ba’aaf. 33Isa namoota duratti anaan kaade (gane) garuu, anis Abbaa koo isa waaqa keessa jiru duratti isaatiin nan kaada.34 “Ani biyya lafaa irratti nagaa fiduudhaaf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin. Ani haaduu fiduudhaaf malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne. 35Ani, ilma abbaa isaa irratti, intala haadha ishee irratti, haadha manaa ilmaa amaatii ishee irratti kaasuudhaafi kan ani dhufe. 36Diinonni nama tokkoos namootuma warra maatii mana sana ta’anii jirani dha.37 Namni anaan caalsisee abbaa yookiin haadha isaa jaalatu, inni anaaf gatii hin qabu; akkasumas, namni anaan caalsisee ilma yookiin intala isaa jaalatu, inni anaaf gatii hin qabu. 38Namni fannoo isaa baatee ana duukaa hin buune, inni anaaf gatii hin qabu. 39Namni inni jireenya ofii isaa barbaadu, jireenya isaa ni dhaba. Inni anaaf jedhee jireenya isaa dhabu garuu, jireenya ni argata.40 “Namni inni siitiin simatu, anaatiinis ni simata; inni anaatiin simatus, isa ana ergeetiin ni simatama. 41Namni inni raajii tokko, raajii ta’uu isaatiif simate, gatii raajii tokkoo ni argata; namni inni nama qajeelaa tokko, qajeelaa ta’uu isaatiif simate, gatii nama qajeelaa tokkoo ni argata.42 Dhuguman isinitti hima, eenyumtuu inni isaan xixiqqaa kana keessaa, isa tokkoof waan inni barataa koo ta’eef, bishaan qabbanaa’aa hullee tokko illee yoo kennef, karaa kam illee yoo ta’e, inni gatii isaa hin dhabu.
1 Yasuus barattoota isaa kudha lamaan waan gochuu qabani isaanitti himuu erga raawwatee boodas, iddoo jiru sana gadi dhiisuudhaan gara magaalota isaanii barsiisuudhaa fi lallabuudhaaf deeme. 2Yohaannis otoo mana hidhaa keessa jiruu, hojiiwwan Kiristoos yeroo dhaga’etti, karaa barattoota isaa Yasuusitti dhaamsa erge; 3Ergaa isaatiinisoolotas, “Kan dhufuudhaaf jiru si dha moo kan biraa haa eegganuu?” isaatiin jedhee gaafate.4 Yasuusis, “Deemaatii waan argitanii fi waan dhageessan Yohaannistti himaa. 5Warri jaamanii turan, deebisanii argani; waarri miilli isaanii laamsha’ee ture, ni adeemani; qurcoonni ni fayyani; warri duudaan, deebisanii ni dhaga’ani; warri du’ani, deebisanii lubbuu horani; warra hiyyeessotaafis wangeelli lallabamaa jira.6Eenyumtuu inni waa’ee kootiif hin gufanne, ebbisamaa dha” jedhee isaaniif deebise.7 Warri ergaman kunis erga deebi'anii, Yesus waa'ee Yohannis cuuphaa namootatti dubbachuu jalqabee, "Maal arguu Yohannis bira gara lafa onaa dhaqxan? Jajjaba qilleensi raasuu? 8Garuu maal ilaaluudhaaf deemtani ture? Nama uffata bareedaa uffatee jiru miti hin turree? Dhugumatti garuu, warri uffata bareedaa uffatan mana moototaa keessa jiraachaa jiru.9 Garuu maal ilaaluuf baatani? Raajii ilaaluudhaafii? Eyyee, ani nan isinitti hima, isin ilaaluuf kan baatani isa raajii irra iyyuu kan caaluu dha.10Inni kuni isa waa’een isaa barreessameefi dha. Innis, “Hubadhu, ani ergamaa koo, isa karaa kee siif qopheessuu, si dura nan erga” jedhamee kan barreessame dha.11 Ani dhuguman isinitti hima, namoota dubartiin deesse gidduudhaa, namni Yohaannis Cuuphaa caalaa cimaan hin dhalanne. Garuu, mootummaa waaqaa keessatti inni hundumaa irra xinnaa ta’e iyyuu immoo isa ni caala. 12Baroota Yohaannis Cuuphaa irraa jalqabee hanga ammaatti, mootummaan waaqaa finciltootaan dhiibbachaa jira; warri finciltootnis humnaan mootummaa waaqaa ni fudhatu.13 Raajonni hundumtuu fi seerri hanga bara Yohaannis Cuuphaatti turaniis, kanuma raajii ba’aa turani. 14Kana fudhachuudhaaf qophaa’ota yoo taatani, inni dhufuuf jedhee ture Eeliyaas dha. 15Inni gurra dhagga’u qabu, haa dhagga’u.16 Dhaloota bara kanaa, maal waliin wal bira qabee madaaluun natti jiraa? Eeyyee, dhalootni bara kanaa akka ijoollee lafa gabaa keessa taa’anii hiriyyoota isaanii waamanii ti; 17Isaanis, ‘Nuti ulullee isiniif afuufnaan, isin garuu hin sirbine (shubbisne); nuti faaruu gaddaa isin dhageessifne, isin garuu hin boonye’ warra jedhanii dha.18 Yohaannis otoo hin nyaatiin, otoo hin dhugiinis waan dhufeef, isaan garuu, ‘Inni Seexana qaba’ jedhani. 19Yeroo Ilmi Namaa nyaatees, dhugees dhufe immoo, isaan, ‘Ilaalaa, namicha kana, isa albaadhessaa fi machaa’aa kana, isa michuu warra gibira sassaabanii fi hiriyyaa warra cubbamtoota!’ jedhani. Ogummaan garuu hojiiwwan isheetiin ni qulqulloofti.20 Sana boodas, Yasuus magaalota warra raajiiwwan isaa garri caalaan keessatti hojjetaman, waan isaan balleessaa isaaniitti gabbanii dhiifamaan irraa deebi’uu didaniif, isaan qeequu jalqabe. 21“Siif wayyoo, yaa Koraaziin! Siif wayyoo, yaa Beetesaayida! Raajiiwwan isin keessatti hojjetaman, otoo Xiiroosii fi Sidoon keessatti hojjetamanii ture ta’ee, sabni isaan keessa jiraatu yoona kana duruu uffata gaddaa uffatanii, daaraas ufitti dibanii cubbuu isaanii of irraa dhiqaniiru ture. 22Ani garuu nan isinitti hima, guyyaa firdiin itti kennamu sana, firdiin Xiiroosii fi Sidooniif kennamu kan keessan irra ni salphata.23 Yaa Qifirnaahoom, amma ati waaqaatti waan ol fudhatamtu sitti fakkaataa? Hin ta’u; ati boolla ibiddaatti gadi darbatamta. Raajiiwwan si keessatti hojjetamanii turani, otoo Sodoom keessatti godhamtanii ture ta’ee, hanga har’aatti Sodoom dhaabatee ni argama ture. 24Ani garuu nan isinitti hima, guyyaa firdiin kennamu sana, kan biyya Sodoom kan kee caalaa ni salphata.25Sa’aatii sanattis, Yasuus, “Yaa Abbaa, Gooftaa waaqaa fi lafaa, waantota kana warra gamnaa fi beekaa jalaa dhoksitee, ijoollee xixinnootti waan mul’ifteef sin galateeffadha; 26Eeyyee, yaa Abbaa, kuni isa siitiin gammachiisu dha. 27Waanti hundumtuu kan kan anaaf laatame Abbaa irraati; Abbaa irraa kan hafe, namni Ilma beeku hin jiru; Ilma irraa kan hafe, Abbaa kan beeku hin jiru; nama Ilmi itti mul’isuuf filate malee, Abbaa kan beekus hin jiru.28 Warri itti dhamaatanii dadhabdanii fi warri ba’aan keessanis isinitti ulfaate hundumti keessanuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniif nan kenna. 29Waanjoo koo ana irraatti fuudhadhaa; ana irraattiis baradhaa, ani garaa kootti garraamii fi nama gadi jedhee jiraatu silan ta’eef, boqonnaa lubbuu keessaniifis ni argattu. 30Waanjoon koo salphaa dha;, ba’aan koos hin ulfaatu” jedhe.
1 Yeroo sana Yasuu guyyaa gaafa Sanbataa maasii midhanii tokko keessa darbe. Barattoonni isaa beela’anii waan tureef, asheetii isaa ciranii nyaachuutti ka’ani. 2Warri Faarisootaa yeroo kana argan garuu, Ysuusiitiin, “Ilaali; barattoonni kee waanta gaafa Sanbataan hojjechuun seeraan ala ta’e hojjechaa jiru” jedhani.3 Yasuus garuu, “Daawwitii fi namoonni isa wajjin turani yeroo beela’anii turani waan godhanii ture isin tasuma hin dubbifne?” jedhee isaaniif deebise. 4Daawwit mana Waaqayyoo keessa seenee, buddeena kennaaf dhiyaate, isa luboota irraa kan hafe namni biraan nyaachuun seeraan ala ta’e, innis, namootni isa wajjin turanis, ni nyaatani.5 Guyyaa gaafa Sanbataa, luboonni mana sagadaa keessatti Sanbata akka xureessan, garuu immoo akka balleessaatti akka isaanitti hin lakkaa’amne, isin seericha keessaatti hin dubbifnee?6Ani garuu nan isinitti hima; mana sagadaa kan caalu as jira.7 Isin, inni ‘Ani dhiifama (garaalaafina) malee, aarsaa hin barbaadu’ jedhu, hiikni isa maal jechuu akka ta’ee, otoo beektaniittu ture ta’ee, warra yakka hin qabne, hin yakkitani ture.8Ilmi Nammaa suni, Gooftaa guyyaa gaafa Sanbataa sanaati” isaaniin jedhe.9 Achiin boodas, Yasuus bakka sana gadi dhiisee deemee, mana sagadaa isaanii keessa lixe. 10Kunoo, namni harkii iaa naafaate tokko achi ture. Warri Faarisootas cubbuudhaan isa yakkuudhaaf jedhanii, “Guyyaa Sanbataa fayyisuun seeraan danda’amaa dha?” jechuudhaan isa gaafatani.11 Yasuusis, “Isin keessaa namni hoolaa tokko qabuu fi hoolaan isaas guyyaa Sanbataa boolla keessatti yoo kufe, inni hoolaa isaa qabee achi keessaa hin baafne, nama isa kami dha?12Egaa, faayidaan namaa kan hoolaa irra hangam caalaatti guddaa dha! Kanaafuu, guyyaa Sanbataa waan gaarii hojjechuun seeruma dha” jedhee isaanitti hime.13 Sana booddees, Yasuus namichaatiin, “Harka kee diriirsi!” jedhe. Innis harka isaa ni diriirse; harki isaas, akkuma harka isa fayyaa, deebi’ee fayyaa ta’e. 14Warri Fariisotaa garuu gadi ba’aniiisa irratti mari’atani. Isaan isa balleessuudhaaf barbaadu.15 Yasuusis kana waan bareef, achii deeme. Namoonni baayy’eenis isa duukaa deemani; innis hunduma isaanii ni fayyise.16Namoota biraattis akka isa hin beeksifne isaan akeekkachiise. 17Kunis isa Isaayyas raajichaan dubbatamee ture akka raawwatamuufi dha.18 Innis, “Hojjetaa koo isa ani filadhe, isa jaallatamaa koo, isa lubbuun koo itti gammadu, ilaalaa. Ani Afuura koo isa irra nan buusaa (kaa’a); innis warra Waaqayyoon hin amanneef firdii qajeelaa ta’e ni labsa.2019 Inni hin jeequ; hin iyyus; namni tokko illee sagalee isaa daandii irratti hin dhaga’u.²20Hanga dhugaan firdii akka argattu godhutti, shambaqqoo cabuu ga’e iyyuu hin cabsu; fo’aa (kirrii) laambaa (kurraazii) aaraa jiru iyyuu hin dhaamsu; 21Warri Waaqayyoon hin amannees, maqaa isaatti ni abdatu” isa jedhamee ture dha.22 Sana boodas, namni jaamaa fi arrabni isaa hidhamee, afuura seexanaatiinis qabamee jiru tokko, gara Yasuusitti fidame. Yasuusis, akka arrabni isaa dubbatuttii fi akka ijji isaa argutti godhee isa fayyise. 23Namoonni achitti walitti qabamanii jiran hundumtuu waan ta’etti dinqamanii, “Kuni Ilma Daawwit ta’uu ni danda’aa?” jedhani.24 Warri Faarisootaa yeroo raajii kana dhaga’ani garuu, “Namichi kuni, Bi’eel Zebuliitiin, isa ilma angafa Seexanootaatiin, yoo ta’ee malee, afuura seexanaa baasu hin danda’u” jedhani. 25Yasuus garuu yaada isaanii baree waan tureef, “Mootummaan inni tokkummaan isaa gargar ba’e inni kam iyyuu, magaalli inni tokkummaan isaa gargar ba’e inni kam iyyuu, akkasumas, manni inni tokkummaan isaa gargar ba’e inni kam iyyuu, dhaabachuu hin danda’u.26 Seexannis Seexana baasa yoo ta’e, inni tokkummaan isaa gargar ba’ee jira. Mootummaan isaa egaa attamitti dhaabachuu danda’a? 27Ani Bi’eel Zebuliitiin afuurota seexana nan baasa yoo ta’e, ilmaan keessan eenyuutiin isaan baasu? Sababa kanaafis jecha, isaan isin irratti warra faradan ni ta’u.28 Ani afuura seexanootaa kan ani baasu Afuura Waaqayyootiin yoo ta’e garuu, mootummaan Waaqayyoo isin irratti dhufeera. 29Eenyumtuu mana nama cimaa tokko keessa seenee qabeenya isaa saamee deemuu attamitti danda’a, namicha cimaa sana duraa dabarsee yoo hidhe malee? Erga isa hidhee booda garuu, qabeenya isaa saamee deemuu ni danda’a. 30Namni inni ana wajjin (faana) hin taane, inni anaaf diina koo ti; akkasumas, namni inni ana wajjin walitti hin qabamne, ni bittinsa.31 Kanaafuu, ani isinitti nan hima; cubbuu fi arrabsoon inni kam illee namootaaf ni dhiifamu; arrabsoon Afuura Qulqulluu irratti ka’u garuu hin dhiifamu. 32Namni inni hamaa Ilma Nama dubbatu kam iyyuu dhiifama ni argata. Namni inni hamaa Afuura Qulqulluu dubbatu kam iyyuu garuu, biyya lafaa isa kanattis, biyya lafaa isa dhufuuf jedhuttis, dhiifama hin argatu.33Muka gaarii dhaabaa; midhaan isaas gaarii ni ta’a; yookiin immoo, muka gadhee dhaabaa; midhaan isaas gadhee ni ta’a; mukti addaan baasamee kan beekamu, midhaan inni baasuun (kennuun) dha. 34Isin warra sanyii mar’ataa; isin cubbamtoota (hamtoota) waan taataniif, attamitti waan gaarii dubbachuu dandeessu? Afaan kan dubbatu isa garaa keessa guute jiru dha.35Namni gaariin, qabeenya gaarummaa garaa isaa keessaa jiru keessaa, gaarii ni baasa; namni hamaanis, qabeenya hammina garaa isaa keessaa jiru keessaa, hamaa ni baasa.36 Ani nan isinitti hima, gaafa guyyaa firdii, namoonni dubbii yaada malee afaan isaanii keessaa ba’e hundumaaf, itti ni gaafatamu.37Dubbiiwwa keessaniin, dhugaa ni argattu; dubbiiwwan keessaniinis, isinitti ni yakkamtu”.38 Yeroo sanattis, warra barreessitoota fi Faarisoota keessaa namoonni muraasni, “Yaa barsiisaa, akka ati mallattoo (milikkita) nutti argisiiftu ni barbaanna” jedhanii Yasuusiin gaafatani. 39Yasuusis, “Dhaloonni cubbamaa fi sagaagalaan milikkita ni barbaada. Milikkita Yoonaas raajicha irraa kan hafe garuu, milikkinni tokko illee issaf hin kennamu. 40Akkuma Yoonaas garaa qurxummii guddaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ture, Ilmi Namaas guyyaa sadii fi halkan sadiif garaa lafaa keessa turuuf ni jira.41 Gaafa guyyaa firdiis, uummanni Nanawwee dhaloota kana wajjin ka’anii, ittis ni faradchiisu. Isaan lallaba Yoonaas dhaga’ani, balleessaa isaanitti gaabbanii dhiifamaan irraa deebi’anii jiru; amma garuu, kunoo, inni Yoonaas caalaa cimaa ta’e tokko as jira.42 Mootitiin biyya Kibbaa guyyaa firdiitti dhaloota si'anaa kanaa wajjin ni kaati; isaaniinis yakkitee firdiitti isaan dhiheessiti. Isheenis biyya fagoodhaa kan dhufte ogummaa Solomoon dhaggeeffachuudhaaf ture; amma garuu, kunoo, inni Solomoon irra cimaa ta’e as jira.43 Afuurri qulqulluu hin taane name keessaa yeroo ba’u, iddoowwan bishaan hin qabne keessa darbuudhaan bakkeewwan itti aara galfatu barbaada; garuu immoo hin argatu. 44Sana boodas, inni ‘Mana koo isan keessaa ba’ee dhufeetti nan deebi’ee gala’ ni jedha, manichis qulqulleessamee haramee waan sirreessamee jiruuf, duwwaa isaa ni argata. 45Itti aanees, afuurota toorba warra isa caalaa hamaa ta’an of duukaa fudhatee deemuudhaan hundumti isaanis achi manicha keessa ni jiraatu. Achiin boodas, jireenyi namichaa isa duraa caalaa hammaataa ta’a. Kan dhaloota cubbamaa ammaa kanaas akkasuma ni ta’a” jedhe.46 Yeroo Yasuus namootaa isa biratti walitti qabamanii jiran itti dubbachaa turettis, kunoo, haati isaa fi obboloonni isaa, isatti dubbachuu waan barbaadaniif, ala dhaabachaa turani. 47Namni tokkos, “Kunoo ilaali; haati kee fi obboloonni kee, sitti dubbachuu barbaadaniitu ala dhaabatanii jiru” ittiin jedhe.48 Yasuus garuu, “Haati koo eenyu dha? Obboloonni koos eenyufaa dha?” jedhe namichatti deebise hime. 49Sana boodas, harka isaa gara barattoota isaatiitti qabee, “Haati koos, obboloonni koos, kunooti! 50Eenyumtuu, inni jaalala Abbaa koo isa waaqa keessaa hojjetu, inni obboleessa koo ti, obboleettii koo ti, haadha koo ti” jedhe.
1 Guyyaadhuma sanas Yasuus manaa ba’ee galaana qarqara taa’e.2Namoonni hedduun isatti naanna’anii waan walitti qabamaniif, bidiruu tokko yaabbatee isa keessa taa’e; namoonnis qarqara galaanichaa dhaabbatani.3 Sana booddees, Yasuus, fakkeenya garaa garaatiin, waan heduu isaanitti hime. Innis, “Kunoo, qotee bulaan tokko sanyii facaasuudhaaf gadi ba’e. 4Yeroo facaasuus, sanyiin tokko tokko karaa bukkeetti bu’ani (harca’ani); simbirroonni immoo dhufanii isaan nyaatani. 5Sanyiin warri kaan immoo lafa dhagaa biyyoo baay’ee hin qabne irratti bu’ani. Biyyoon isaan irra bu’ani gadi fageenya waan hin qabneef, isaan dafanii biqilani.6Akkuma aduun isaanitti ba’een garuu ni cooligani; hiddas waan hin qabneef, ni gogani.7 Sanyiin warri kaan immoo mukoota qoraattii qaban gidduutti bu’ani. Mukoonni qoraattii qaban yeroo guddatan, isaan wawwaraanani.8Sanyiin warri kaan biyyoo gaarii irra bu’anii midhaan godhatani; oomishni isaaniis, kan gar tokkoo dachaa dhibba, gar tokko dachaa jaatama, gar tokko immoo dachaa soddoma ta’e. 9Namni inni gurra qabu, haa dhagga'u” isaaniin jedhe.10 Barattoonni isaas dhufanii, “Maaliif fakkeenyaan isaanitti dubbatta?” jedhanii Yasuusiin gaafatani. 11Yasuusis, “Iccitiiwwan mootummaa waaqaa beekuun isiniif kennameera; isaaniif garuu hin kennamne. 12Isa qabuuf, dabalataan waan isaaf kennamuuf, inni kan isa irraa hafu iyyuu ni qaba. Inni hin qabne garuu, waan inni qabu iyyuu isa irraa ni fudhatama.13 Ani fakkeenyaan kan isaanitti dubbadhus, kanaafi dha. Isaan ni ilaalu yoo ta’es, hin argani; ni dhaga’u yoo ta’es, hin dhaggeeffatanii; yookiin immoo isaaniif hin galu (hin hubatani).. 14Inni Isaayyas raajee ture isaan irratti raawwatamee jira; innis isa, ‘Dhaga’uummaa, ni dhageessu; garuu, isin tasuma hin hubattani; ilaaluummaa, ni ilaaltu; garuu, isin tasuma hin beektani.15 Yaadni garaa saba kanaa hadoodee waan jiruuf, gurri isaanii hin duudeera; ijji isaaniis dununfachiisameera. Akkas ta’uu otoo baatee, ija isaaniitiin akka argan, gurra isaaniitiin akka dhaga’an, akkasumas, yaada garaa isaaniitiinis akka deebi’ani hubataniif, anuu nan isaan fayyisa ture’ inni jedhee ture dha.16 Ijji keessan waan arguuf, gurri keessanis waan dhaga’uuf, isin garuu eebbifamtoota dha. 17Ani dhuguman isinitti hima; raajonni fi namoonni qajeelloo baay’een isa isin argitan kana arguuf barbaadanii ture; garuu immoo hin argine; akkasumas, waan isin dhageessan, dhaga’uuf hawwanii ture; garuu immoo hin dhageenye” jedhee isaaniif deebise.18 Egaa, hiikkaa fakkeenya namicha isa sanyii facaasee dhaggeeffadhaa. 19Namni tokko dubbii mootummichaa dhaga’ee hubachuu yoo baate, inni cubbamaan (hamaan) dhufeetu dubbicha isa garaa isaa keessatti facaasamee ture butee ni deema. Kuni sanyii isa karaa bukkeetti facaasamee ture dha.20 Sanyiin inni lafa dhagaa irratti facaasame, nama isa dubbicha akkuma dhaga’een fudhatee gammadu dha 21Inni hidda (hundee) kan mataa isaa waan hin qabneef, yeroodhaaf qofaa tura. Sababa dubbicha irraa.kan ka’e, gaafa rakkinni yookiin immoo ari’atamuun ka’u, dafeetu kufa.22 Namni inni dubbicha dhaga’u, garuu immoo inni waa’ee biyya lafaa waan dhimmamuuf, qabeenyaanis waan gowwomsamuuf, dubbichi isa jalaa waan wawwaraanamuuf, bu’aa (firii) otoo hin horiifiin hafa; namnichi kunis, sanyii isa qoraattii gidduutti facaasamee dha.23Sanyiin inni biyyoo gaarii irratti facaafame immoo, namicha isa dubbicha dhaga’uu fi hubatu bakka bu’a. Inni ija ni godhata; midhan isaas inni tokko harka dhibba, inni tokko harka jaatama, inni kaan immoo harka soddoma ni baayy’ata” jedhe24 Yasuus ammas fakkeenya biraa tokko isaanitti hime. Innis akkas jedhe: “Mootummaan waaqaa nama sanyii gaarii lafa qotisa isaa irratti facaafate wajjin wal fakkaata. 25Yeroo namoonni rafanitti garuu, diinni namichaa dhufee qamadii gidduutti sanyii aramaa facaasee deeme. 26Midhaanichi guddatee ija yeroo godhate, aramaan sunis( inkirdaadichis) ni mul’ate.27 Hojjettoonni abbaa lafaa sunis isa bira dhufanii, ‘Goofta, ati sanyii gaarii facaftee hin turee? Amma immoo attamitii aramaa godhate?’ jedhanii isa gaafatani. 28Inni immoo, ‘Diinatu akkas godhe’ jedhe. Hojjettoonni isaas, ‘Akka nuti dhaqnee aramaa sana buqqifnee gatnu ni barbaaddaa?’ jedhaniin.29 Abbaan lafaa sun garuu, ‘Yeroo aramaa sana buqqiftan, qamadii faana buqqisuu waan maltaniif, lakki dhiisaa.30Hamma midhaan ga’ee sassaabamutti lachuu walumaa faana haa guddatani. Yeroo midhaan sassaabamu, anuu warra haamaniitiin, “Dura aramicha (inkirdaadicha) bubuqqisanii bilsii bilshiidhaa (kaasuu kaasuudhaan) walitti qabanii hidhuudhaan akka guban, qamadicha garuu gumbii kootti akka anaaf naqan nan isaanitti hima” jedhee isaanii deebise.31 Itti aansees, Yasuus fakkeenya biraa tokko isaanitti hime: “Mootummaan waaqaa nama sanyii sanaaficaa fuudhee lafa qotisaa isaa irratti facaase wajjin wal fakkaata. 32Dhugaa dhumatti, ijji sanyii kanaa ija sanyii hundaa irra xiqqaa dha. Yeroo guddatutti garuu midhaan maasaa keessa jiran hunduma irra caalee guddaa ta’a. Muka guddaa waan ta’uufis, simbirroonni waaqaa dhufanii dameewwan isaa irratti godoo isaanii ni ijaarratu” jedhe.33 Yasuus ammas itti dabalee fakkeenya biraa isaanitti hime. “Mootummaan waaqaa raacitii dubartiin fuutee daakuu safartuu sadii itti maktee hanga bukoon bukaa’utti bukeessitu fakkaata” jedhe.34 Yasuus, waantota kanneen hunda namoota achitti walitti qabamanii jiranitti, fakkeenyaan dubbate; fakkeenya malees waan tokko iyyuu isaanitti hin dubbanne. 35Kunis kan ta’e, inni raajichaan dubbatamee ture akka raawwatamuufi dha. Innis, “Ani fakkeenyaan afaan koo saaqqa dha. Uumamuu biyya lafaa irraa jalqabee waantota dhokatanii turanis, nan hima” kan jedhu ture.36 Achiin boodas, Yasuu namoota achitti walitti qabamanii jiran gadi dhiisee, gara manaa lixe. Barattoonni isaas gara isaa dhufanii, “Fakkeenya aramaa maasaa keessaa sana unuuf hiiki” jedhanii isa gaafatani. 37Yasuusis, “Namichi inni sanyii gaarii facaasu, Ilma Namaa ti. 38Lafti qotisaa, biyya lafaa ti; sanyiin gaariin sunis, ilmaan mootummaa ti. Aramoonni suni immoo, ilmaan isa cubbamaa (hamaa) ti. 39Diinichi inni sanyii aramaa facaase immoo Seexana dha. Sassaabbiin midhaanii immoo guyyaa dhuma biyya lafaa ti; warri haaman immoo ergamoota Waaqayyoo ti.40 Kanaafuu, yeroo aramaan walitti qabamee ibiddaan gubamu, yeroon kuni dhuma biyya lafaa tis. 41Ilmi Namaa ergamoota isaa ni erga; isaanis mootumma isaa keessaa waantota nama gufachiisan fi warra seeraan ala hojjetan hunduma walitti qabu 42Ergamoonni sunis, waantota walitti qaban, boolla ibiddaa, iddoo itti boo’anii fi ilkaan walitti qaran, keessatti gadi darbatu. 43Achiin booda egaa, namoonni warri qajeelloon mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka biiftuutti ni ifu. Namni inni gurra qabu, mee haa dhaggeeffatu” jedhee isaaniif deebise.44 “Mootummaan waaqaa akka qabeenya lafa qotisaa keessa dhokfamee kaa’amee tokkoo ti. Namni tokkos qabeenya kana argee deebisee erga dhoksee. Innis gammachuudhaa deemuudhaan waan qabu hundas gurguruudhaan laficha ni bitata. 45Ammas, mootummaan waaqaa daldalaa isa calleewwan gatii guddaa qaban barbaadaa jiru fakkaata. 46Naggaadichis callee gatii guddaa baasuu waan argateef, deebiuudhaan waan qabu hunduma gurguruudhaan callee sana bitate" jedhe.47 Ammas, “Mootummaan waaqaa kiyyoo galaana keessatti darbatamee qurxummoota adda adda hunduma walitti qabe fakkaata. 48Kiyyichi yeroo guutettis, warri qurxummii baasan qarqara galaanaatti harkisanii baasanii. Isaanis, gadi taa’ani, qurxummoota isaan gaggaarii qodaa isaaniitti naqantanii; isaan gaggadhee ta’an immoo achi gatani.49 Gaafa guyyaa isa dhumaas, akkasuma in ta’a. Ergamoonni Waaqayyoos dhufanii warra hamoota warra qajeelota gidduudhaa ni baasu. 50Warra hamoota sanas boolla ibiddaa, iddootti boo’amuu fi ilkaan walitti qaramu, keessatti ni darbatu jedhe.51 Waantota kana hunduma hubattaniittuu?” jedhees isaan gaafate. Isaanis, “Eeyyee” jedhanii isaaf deebisani. 52Sana boodas, Yasuus, “Kanaafuu egaa, barreessaan kam iyyuu inni barataa mootummaa waaqaa ta’ee jiru, abbaa manaa, isa qabeenya isaa keessaa warra moofaa fi warra haaraa ta’ani gadi baasu, ni fakkaata” jedhe. 53Yeroo sanattis, Yasuus fakkeenyota kanneen xumuree waan tureef, iddoo sana gadi dhiisee deeme.54 Achiin boodas, Yasuus naannoo bakka dhaloota isaa seenee, namoota achii mana sagadaa isaanii keessatti isaan barsiise. Kana irraa kan ka’eenis, namoonni waan ta’etti dinqisiisamani, “Namichi kuni ogummaa isaa kanaa fi humna (aangoo) raajii hojjetu kan eessa argate?55Namichi kuni ilma isa muka soofu sanaa mitii? Haati isaa ishee Maariyaam jedhamtu mitii? Obbolonni isaa Yaaqoob, Yooseef, Simi’oonii fi Yihudaafaa mitii? 56Obboleettonni isaa hundumtuu as unu bira jiru mitii? Waantota kanneen hunda eessaa argatee ree?” jedhani.57 Kanaafis, isaan isatti ni aarani. Yasuus garuu, “Raajiin bakka biraatti malee, biyya isaa fi, maatii isaa keessatti ulfina hin argatu” isaaniin jedhe.58Sababa isaan amantii dhabaniifis jecha, Yasuus raajiiwwan baay’ee achitti hin hojjenne.
1 Yerooduma sanattis, Herood, inni abbaa biyyaa sanaa, oduu waa’ee Yasuus dhaga’ee ture.2Innis hojjetoota isaatiin, “Inni kuni Yohaannis cuuphaa dha; inni du’aa kaafameera. Kanaafuu, humnoonni kunneen isaatiin hojjetamaa jiru” jedhe.3 Herood Yohaannisiin qabee hidhuudhaan mana hidhaatti kan galchee waa’ee Heroodiyaas, haadha manaa obboleessa isaa Filiphoosiif jedheetu ture. 4Sababni isaas, yeroo sana, Yohaannis Heroodiin, “Ati ishee haadha manaa godhatee fuudhuun kee seera miti” jedhee waan tureef dha. 5Innis Yohaannisiin ni ajjeesa ture; garuu immoo namootni Yohaannisiin akka raajiitti waan ilaalaniif, isaaniin sodaateetu dhise.6 Gaafa guyyaan dhaloota Heerood kabajamaa turetti garuu, intalli Heroodiyaas namoota gidduutii baatee waan shubbisteef (sirbiteef) Heroodiin gammachiifte. 7Heroodis waan isheen kana isaaf jettee gooteef jecha, waanuma isheen gaafatte isheedhaaf akka kennu kakaadhaan waadaa gale.8 Intalattiinis, haadha ishee irraa gorsa erga fudhatee booda, “Mataa Yohaannis isa cuuphaa gabatee kana irratti as fidii anaaf kenni” jette. 9Mootichis waan isheen isa gaafattetti ni gadde; garuu immoo sabaa kakatee fi sababa, warra affeerraa hirbaata sana irratti isa wajjin jiran hundumaaf jedhee, waan isheen gaafatte akka raawwatu ajaje.10 Namootas ergee, Yohaannisiin mana hidhaa keessatti morma isaa irraa kuchisiise. 11Mataan isaas fidamee gabatee irra kaa’amee intalattiidhaaf kenname; isheenis haadha isheetti geessite. 12Achiin boodas, barattoonni Yohaannis dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalani. Eerga kana godhanii booddees, deemanii Yasuusitti himani.13 Yasuus yeroodhuma kana dhaga’etti, bakka sana gadi dhiisuudhaan, bidiruu yaabbatee gara bakka namni hin jirre tokkotti deeme. Namoonni isa biratti walitti qabamanii turan deemuu isaa yeroo dhaga’anis, magaalota keessaa ba’anii miillaan isa duukaa bu’ani. 14Sana boodas, Yasuus dura isaanii dhufee, tuta namootaa sana arge. Innis isaaniif waan gaddeef (garaa laafeef), dhukkubsatoota isaanii ni fayyise.15Yeroo galgalli ga’ettis, barattoonni isaa gara isaa dhufanii, “Bakka kana homtuu hin jiru; sa’aatiinis sokkeera. Gara gandootaa deemanii waan nyaatan bitachuu akka danda’aniif, namoota asitti walitti qabamanii jiran kana gaggeessi” jedhanii isa gaafatani.16Yasuus garuu, “Deemuun isaan hin barbaachisu. Isinumti waan nyaatan wa’ii kennaafi” isaaniin jedhe. 17Isaanis deebisanii, “Nuti daabboo (buddeena) shanii fi qurxummii lama qofaa asii qabna” jedhanii itti himani. 18Yasuusis, “Gara kootti fidaa” jedhe.19Achiin boodas, namoonii marguma irra akka taa’an isaanitti hime. Buddeena shananii fi qurxummii lamaan sanas ni fuudhee. Gara waaqaatti ol ilaaluudhaanis erga eebbisee booda cacabsuudhaan barattoota isaatti kenne; isaanis namootaaf kennani. 20Hundumti isaaniis nyaatanii quufani. Achiin boodas, barattoonni nyaatamee kan hafe qircaatii kudha lama guutuu walitti qabani. 21Warri nyaatanis, dubartootaa fi ijoollee otoo hin dabalatiin, dhiirota (namoota) gara kuma shanii turani.22Yasuus, battaluma sanatti, hanga inni namoota gaggeessutti, barattoonni isaa bidiruu yaabbatanii isa dura gamatti akka ce’an godhe. 23Namoota sana erga gaggeessee booddees, Yasuus kophaa isaatti kadhachuudhaaf tulluu irratti ol ba’e. Hanga galgalaa’uttis, kophaa isaa achi ture. 24Yeroodhuma kanattis, bidiruun suni qarqara galaanaa irraa erga fagaattee booda garuu qilleensi gara isheetti waan qilleensa’eef, bubbee (qilleensa) galaanaatiin asii fi achi raasamaa turte.25Halkan keessaa sa’aatii kudhan yeroo ta’utti Yasuus bishaan galaanaa irra adeemaa gara isaaniitti hiiqe. 26Barattoonni isaas, otoo inni bishaan galaanaa irra adeemaa jiruu yeroo arganitti, baay’ee na’anii, “Kuni ekeraa dha” jechaa, sodaatanii iyyani. 27Yasuus garuu, “Gootomaa (Gootota ta’aa)! Ana dha! Hin sodaatinaa!”jedhee dafee isaanitti dubbate.28Pheexroos, “Gooftaa, si dha yoo ta’e, bishaan irra adeemee gara kee akkan dhufu, nan ajaji” jedhee isaaf deebise.29Yasuusis, “Kottu” jedhe. Pheexroosis bidiruu keessaa ba’ee gara Yasuusitti galaana irraa adeemuutti ka’e. 30Pheexroos qilleensa cimaa yeroo argetti garuu, ni sodaate. Akkuma gadi liqimfamuu jalqabeenis, “Maaloo Gooftaa ko, na oolch (kana jalaa na baasi)!” jedhee iyye.31Yasuusis dafee harka isaa hiixatee Pheexroosiin erga qabee booda, “Yaa namicha amantii xinnoo! Maaliif shakkite?” isaatiin jedhe. 32Sana boodas, yeroodhuma Yasuusii fi Pheexroos bidiruu yaabbatanitti, qilleensi sunis ni dhaabbate. 33Achumaanis, barattoonni warri bidiruu keessaa Yasuusiif sagadanii, “Ati dhugumatti Ilma Waaqayyoo ti!” ittiin jedhani.34Galaanas ce’anii, biyya Genesaareet jedhamutti ba’ani. 35Namoonni bakka sanaa Yasuus ta’uu isas yeroo baranittis, ergaa naannoo bakka sanaa hundumaatti erganii; wara dhukkubsachaa jiran hundumas gara isaatti fidani. 36Warri dhukkubsattoonnis fiixee wayyaa isaa takkaa dhuma illee akka tuqaniif isa kadhatani; warri fiixee wayyaa isaa xuqan hundumti isaaniis ni fayyani.
1 Sana boodas, Faarisoonnii fi barreesitoonni muraasni Yerusaalem irraa gara Yasuus dhufanii. 2Isaanis, “Barattoonni kee maaliif aadaa (barsiisa) abboota keenyaa cabsu (irra daddarbu)? Isaan harka otoo hin dhiqatiin buddeena nyaatu” jedhanii isa gaafatani. 3Yasuusis, “Ergasii, isinis barsiisa keessaniif jettanii maaliif abboommii Waaqayyoo cabsitu (irra daddarbitu)?4Waaqayyo, ‘Abbaa fi haadha keef ulfina kenni’; akkasumas, ‘Namni inni hammeenya waa’ee abbaa isaa fi haadha isaa odeessu dhugaa dhumatti ni du’u’ jedheera. 5Isin garuu, ‘Namni kam iyyuu inni abbaa isaa fi haadha isaatiin, “Gargaarsi ati Ana irraa argattee turte inni kam iyyuu kennaa Waaqayyoof kenname dha”;6Namichi suni abbaa isaa kabajuun isa hin barbaachisu. Akka kanaanis, isin barsiisa keessaniif jettanii dubbii Waaqayyoo gadi gattanii jirtu.7 Isin, yaa warra ofittoo! Isaayyas waa’ee keessan gaariitti raajee ture yeroo inni akkas jedhee ture:8’Namoonni kuni afaan isaaniitiin ni na kabaju; garaan isaanii garuu baay’ee ana irraa fagaata. 9Isaan sobanii anaaf ni sagadu; sababni isaas, isaan akka seeraatti kan barsiisan seera namootaa waan ta’eef dha’” isaaniin jedhe.10Sana boodas, Yasuus namoota achitti walitti qabamanii jiran ofitti waamee, “Dhaggeeffadhaatii hubadhaa 11Waanta afaan seenu keessa kan nama xureessu hin jiru. Kana irra garuu, kan nama xureessu waanta afaan namaa keessaa ba’u dha” isaaniin jedhe.12Achiin booddees, barattoonni gara isaa dhufanii, “Warri Faarisootaa dubbii ati jette yeroo dhaga’ani akka aarani beektee jirtaa?” jedhanii isa gaafatani. 13Yasuusis, “Biqiltuu Abbaan koo inni waaqa keessaa hin dhaabne kam iyyuu ni buqqifama. 14Waa’ee isaanii dhiisaa. Isaan jaamota warra jaamaa harkisani dha. Jaamaan tokko jaamaa isa biraa harkisa yoo ta’e, lamaan isaanii iyyuu boolla keessa ni bu’u” jedhee isaaniif deebise.15Pheexroos garuu, “Fakkeenya kana mee unuuf ibsi” deebisee isa gaafate. 16Yasuusis immoo deebisee “Atis hanga ammaatti hin hubannee?17Waanti afaan keessa seenu kam iyyuu garaacha keessatti erga darbee booda mana fincaanii keessatti akka gadi ba’u hin hubannee?18 Waantotni afaan keessaa ba’an garuu, yaada garaa namaa keessaa ba’u. Isaan waantota nama xureessani dha. 19Yaadonni hammeenyaa kan akka, nama ajjeesuu, ejjuu, halalummaa wal qunnamtii saalaa, hanna, sobaan dhugaa ba’uu fi nama salphisuun hundumtuu kan maddan yaada garaa keessaa irraa ti. 20Waantotni nama xureessani isaan kana dha. Harka hin dhiqamneen nyaachuun garuu, nama hin xureessu” jedhee itti hime.21Achiin boodas, Yasuus bakka sana gadi dhiisee gara naannoowwan magaalota Xiiroosii fi Sidoonitti deeme. 22Kunoo, dubartiin Kana'aan tokko naannoo sanaatii dhufte. Isheenis sagalee ishee ol fudhatee, “Yaa Ilma Daawwit, Gooftaa koo! Intalli koo afuura seexanaatiin qabamtee jirtu kana anaaf maari” jettee Yasuusiin kadhate. 23Yasuus garuu waan tokko iyyuu isheetti hin dubbanne. Barattoonni isaa “Waan Nuti iyyaa jirtuuf, achi ishee gaggeessi” jedhatanii isa kadhatani.24Yasuus garuu, immoo deebisee, “Ani kanan ergame hoolotaa warra mana Israa’el keessaa badaniif malee kan biraaf hin ergamne” jedhee isaaniif deebise. 25Isheen garuu miilla isaa jalatti dhuftee kuftee,, “Gooftaa ko, na gargaari” jetteeni. 26Yasuusis, “Buddeena ijoollotaa fuudhanii ilmaan sarootaaf darbachuun sirrii miti” jedhee isheef deebise.27lsheenis, “Eyyee, dhugaa dhuma, Gooftaa ko. Garuu immoo, ilmaan sarootaas, maaddii gooftota isaanii irraa lafatti gadi harca’u hinuma nyaatu” jette. 28Sana boodas, Yasuus, “Dubartii nana, ati amantiin kee guddaa dha, akkuma ati barbaadde siif haa ta’u” jedhee isheef deebise. Sa’aatii dhuma sanattis intalli ishees ni fayyite.29 Sanaan boodas, Yasuusis bakka sanaatii gara qarqara Galaana Galiilaa deeme. Achiin boodas, tabbatti ol ba’ee achi taa’e. 30Namoonni baay’eenis gara isaa dhufani. Isaanis namoota warra naafaa, warra jaama, warra kottaa’an (meelatan), warra arrabni hidhame (warra hin dubbane) fi warra biroo dhukkubsatan hedduu isaanii gara isaatti fidanii dhufani. Fidaniis miilla Yasuus jala kaa’ani; innis isaan ni fayyise. 31Namoonni achitti walitti qabamanii jiranis warri arrabni hidhamee ture yeroo dubbatan, warri kottaa’anii turan yeroo deebi’anii fayyan, warri naafatanii turan, yeroo adeeman, warri jaamanii turan, yeroo argan waan arganiif, ni raajeffatani. Kana irraa kan ka’eenis, Waaqayyoo Israa’eliif galata galchani (ulfina kennani).32Yasuus barattoota isaa ofitti waamee, “Namoonni asitti walitti qabamanii jiran kuni waan tokko illee otoo hin nyaatiin anaa wajjin erga turani guyyaa sadii ta’ee waan jiruuf, isaaniif gaddeen jira. Beelaan karaa irratti kufuu waan danda’aniif, isaan otoo hin nyaatiin asii isaan gaggeessuu hin barbaadu” jedhee isaanitti hime. 33Barattoonni sunis, “Bakka lafa onaa kana namoota hedduu kana buddeena quuphsu eessaa arganna ree?” jedhaniin. 34Yasuusis, “Buddeena meeqa of harkaa qabdu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Buddeena toorbaa fi qurxummiiwwan muraasa qabna” jedhaniin. 35Achiin boodas, namoonni suni lafuma irra akka tattaa’an isaanitti hime.36Buddeen toorbaa fi qurxummiiwwan sana fuudhee, Waaqayyoof galata erga galchee booda, buddeena sana kukkutee barattootatti kekkenne. Bartoonnis namoota sanaaf kennani. 37Namoonni sun hundumtuu quufanii nyaatani. Sana boodas, isa irraa hafe gundoo gurguddaa toorba kan guute walitti sassaabani. 38Dubartootaa fi ijoollee otoo hin dabalatiin, warri nyaatan namoota kuma afur turani. 39Ergasiin booda, Yasuus namoota sana erga gaggeessee booda, bidiruu yaabbatee gara naannoo Magadaan itti deeme.
1 Warri Faarisootaa fi warri Saaduqootaa dhufanii, Yasuusiin qoruudhaaf, akka inni waaqa keessatti mallattoo (milikita) isaanitti argisiisu isa gaafatani. 2Yasuus garuu, “Galgala yeroo ta’u, ‘Samiin waan diimatuuf, haalli qilleensaa gaarii dha’ jettu.3Ganama yeroo ta’u immoo, ‘Samiin diimatee duumessaan waan uffifamuuf, haalli qilleensaa gaarii miti’ jettu. Isin bifa samii ilaaluudhaan attamitti akka hiikamu ni beektu, mallattoowwan yeroo kana garuu hiikuu hin dandeessani. 4Dhalootni hamaa (cubbamaa) fi sagaagaltootaa mallattoo ni barbaada; garuu mallattoo Yoonaas irraa kan hafe, mallattoon kennamuufi hin jiru” jedhee isaaniif deebise. Sana booddees, Yasuus isaaniin gadi dhiisee achiitii deeme.5Barattoonni galaana gamatti yeroo ce’an, buddeena fudhachuu hirraanfatanii ture. 6Yasuusis, “Raacitii Faarisootaa fi Saaduqootaa irraa of eeggadhaa!” isaaniin jedhe. 7Barattoonnis, waan inni akkas nuun jedheef “Innis waan nutti buddeena tokko illee hin fudhaneef dha” jedhanii walitti dudubbatani. 8Yasuusis waan isaan jechaa jiran waan hubateef, “Yaa warra amantii xinnoo, sababni isaa waan nuti buddeena tokko iyyuu fudhanne hin dhufneefidha jettanii maliif walitti dudubbattu?9 Isiniif hin galuu? Buddeena shanannamoota kuma shaniif kennamee, kan irraa hafe immoo gundoo meeqa akka walitti qabdan hin yaadattanii? 10Yookiin immoo, buddeena toorba namoota kuma afuriif kennamee, kan irraa hafe immoo gundoo meeqa akka walitti qabdan hin yaadattanii?11 Ani waa’ee buddeenaa akkan isinitti dubbachaa hin jirre attamitti isiniif hin galu? Ani kanan jechuu barbaade, raacitii Faarisootaa fi Saaduqootaa irraa of eeggadhaa dha” isaaniin jedhe.12Achiin boodas, kan inni isaan akeekkachiisaa jiru waa’ee raacitii isa kan buddeenaa otoo hin ta’iin, waa’ee barsiisa Faarisootaa fi Saaduqootaa irraa akka of eeggan akka ta’e isaanii gale.13 Yasuus naannoowwan Qiisaariyaa Filiphoos itti dhihoo jiranitti yeroo dhufettis, “Namoonni ilma Namaatiin inni eenyu dha jedhu?" jedhee barattoota isaa gaafate. 14Isaanis, “Namoonni tokko tokko, Yohaannis isa cuuphaa dha jedhu; namoonni tokko tokko immoo, Eeliyaas dha jedhu; Eermiyaasi dha kan jedhanis jiru; warri inni raajota keessaa isa tokko dha jedhani jiru” jedhani. 15Yasuusis, “Isin garuu eenyu anaan jettu?” jedhee isaan gaafate. 16Simi’oon Pheexroos, “Ati Kiristoos, Ilma Waaqayyoo isa jiraataa dha” jedhee deebise.17 Yasuusis, “Simi’oon, ilma Yoonaas, eebifami! Kana kana sitti mul’ise foon yookiin dhiiga otoo hin ta’iin, Abbaa koo isa Waaqa keessa jiru dha. 18Anis nan sitti hima; atis Pheexroosi dha [Pheexroos jechuun dhagaa jechuu akka ta’e ibsuuf dha]; anis dhagaa kana irratti waldaa koo nan ijaara. Karri boolla du’aas waldaa kana tasuma hin danda’u (argatu)19 Anuu bantuu (saaqxuu) balbala mootummaa waaqaa siifan kenna. Waanti kam iyyuu inni ati lafa irratti hiite, waaqa keessattis ni hidhamaa; waanti kam iyyuu inni ati lafa irratti hiiktes, waaqa keessattis ni hiikamaa” isaan jedhe. 20Achiin boodas, Yasuus, akka inni Kiristoos ta’e, nama tokkottuu aka hin himne barattoota isaa akeekkachiise.21 Yeroo sana irraa kaasees, Yasuus gara Yeruusaaleem deemuu akka qabu, harka manguddoota, dura bu’oota lubootaa fi barreessitoota seeraatiin akka hedduu dararamu, akka ajjefamuu fi guyyoota sadii boodas du’aa akka ka’u barattoota isaatti himuu jalqabe. 22Achumaanis, Pheexroos bukkee isaatti isa ofitti qabee, “Gooftaa ko, kana irraa Waaqayyo si haa oolchu! Mee kuni tasuma si irratti hin raawwatiin!” jechaa yaada inni dubbate mufachuutti ka’e. 23Yasuus garuu gara Pheexroositti garagaluudhaan, “Duuba kootti darbi, Seexana nana! Ati waa’ee waantota namootaa malee, waa’ee waantota Waaqayyoo waan hin yaadneef, gufuu anatti taata” ittiin jedhe.24 Sana boodas, Yasuus barattoota isaatiin akkas jedhe: “Namni tokko ana duukaa bu’uu barbaada yoo ta’e, waa’ee ofii isaa dhiisee, fannoo isaa ol fudhatee, ana duukaa bu’uu qaba. 25Namni kam iyyuu inni jireenya isaa oolfachuu barbaadu, jireenya isaa ni dhaba; namni kam iyyuu inni anaaf jedhee jireenya isaa dhabu immoo, jireenya ni argata.26Namni tokko guutuu biyya lafaa argatee, garuu immoo lubbuu isaa ni dhaba yoo ta’e, inni bu’aan isaa maali dha? Namni lubbuu isaa maaliin jijjiiruu danda’a?27 Ilmi Namaas ulfina Abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin ni dhufa. Yeroo sanattis, inni tokko tokkoo namaaf akkaataa dhuma hojiiwwan isaatti gatii isaa ni kennaafi.28 Ani dhuguman isiniin jedha, namoota as dhaabatanii jirtan keessaa, hanga yeroo Ilmi Namaa mootummaa isaa keessaa dhufu arganitti, namoonni duuni isaan bira hin geenye ni jiru” jedhe.
1 Guyyoota ja’a booddee, Yasuus Pheexroos, Yaaqoob fi Yohaannis, obboleessa Yaaqoob qophaatti fudhatee gara tulluu dheeraa tokkotti ol isaan fide. 2Innis fuul dura isaaniiti ni jijjiirame. Fuulli isaas akka biiftuu ife; uffanni isaas akka ifaatti addaatee calaqise.3 Kunoo, Muusee fi Eeliyaas isa wajjin dudubbachaa otoo jiranitti isaanitti mul’atani.4Pheexroosis, “Gooftaa, asitti argamuun keenya gaarii dha. Ati yoo barbaadde immoo, anuu mana sadii Asia nan ijaara: tokko siif, tokko Muusee dhaaf, tokkoo immoo Eeliyaasiif” jedhee Yasuusitti deebisee dubbate.5 Otoodhuma inni dubbachaa jiruu, kunoo, gaaddisni hurri addii dhufee isaan haguuge (uffise); akkasumas, kunoo, sagaleen, “Inni kuni Ilma koo isa jaalatamaa, isa ani itti gammadu dha. Waan inni jedhu dhaggeeffadha” jedhu hurrii sana keessaa dhaga’amaa ture.6Barattoonni sunis yeroo sagalee sana dhaga’anis, baay’ee sodaatani; addaanis lafatti gadi gombifamani.7Achiin boodas, Yasuusis gara isaanitti dhufee harka isaan qabee, “Ol ka’aa; hin sodaatinaa” isaaniin jedhe. 8Isaanis erga ol ka’a boodas, ol ilaalani; Yasuus irraa kan hafe nama biraa garuu hin argine.9 Tulluu sana irraa yeroo gadi bu’aa turanittis, Yasuus, “Hanga Ilmi Namaa du’aa ka’utti, mul’ata kana nama tokkotti hin himinaa” jedhee isaan akeekkachiise. 10Barattoonni isaas, “Ergasii, barreesstittoonni maaliif ‘Eeliyaas dura dhufuu qaba’ jedhu?” jedhanii isa gaafatani.11 Yasuusis, “Dhugumadha Eeliyaas waan hunda iddootti deebisuudhaaf ni dhufa.12Ani garuu nan isinitti hima; Eeliyaas duruu dhufee jira; isaan garuu isa hin barre (hubanne). Sana irra garuu, isaan waanta barbaadan hunda isa irratti hojjetaa turani. Haaluma wal fakkaatuun, Ilma Namaas harka isaanitiin baay’ee ni dararama” jedhee isaanii deebise. 13Sana boodas, barattoonnis akka inni waa’ee Yohaannis isa Cuuphaa isaanitti dubbachaa jiru hubatani.14Yeroo isaan gara namoota walitti qabamanii jiranitti dhufaa turanitti, namichi tokko gara isaatti dhufee, jilbeeffachuudhaan akkas jedhe: 15“Gooftaa ko, ilma koo maraanmartoo (dhukkuba isa nama kuffisu) tiin garmalee rakkachaa waan jiruuf, anaaf fayyisi (maari). Yeroo hedduuf ibidda keessattis, bishaan keessattis ni kufa. 16Barattoota kee bira fideen ture; isaan garuu isa fayyisuu hin dandeenye”.17 Yasuusis, “Yaa dhaloota hin amannee fi jallataa nana, hanga yoomiitti isinii wajjin jiraachuun ana irra jira? Hanga yoomiittis isin ba’aa anatti taatu? Gara kootti as fidaa” jedhee deebise. 18Yasuusis afuura seexanaa ifachuudhaan gurbaa sana keessaa baase; sa’aatii sanaa kaasees gurbichi ni fayye.19 Ergasii boodas, barattoonni kophaatti gara Yasuusitti dhufuudhaan,, “Nuti maaliif afuuricha sana baasuu hin dandeenye?” jedhanii isa gaafatani. 20Yasuusis, “Sababa amantiin keessan xinnoo ta’eef. Ani dhuguman isiniin jedha, amantii hamma ija sanaaficaa geessu illee otoo qabdu ta’ee, tulluu kanaan, ‘Asiitii gara achiitti siiqi’ jechuu dandeessu; innis ni siiqa; waanti isiniif hin danda’amnes tokko iyyuu hin jiraatu. 21[Inni akkasii kunis Kadhannaa fi tsoomiidhaan malee gonkumaa hin baafamu]” isaaniin jedhe. This is missing in the original version.22 Yeroo Galiilaa turanittis Yasuus Barattoota isaatiin, “Ilmi Namaa harka namootaatti dabarfamee ni kennama; 23Isaanis isa ni ajjeesu; inni garuu guyyaa sadaffaatti du’aa ni kaafama” jedhee isaanitti hime. Barattoonni isaas hedduu gaddani.24 Yeroo isaan gara Qifirnaahomitti dhufani turettis, warri gibira mana qulqullummaa fuudhan Pheexroos bira dhufanii, “Barsiisaan keessan gibira mana qulqullummaa hin kaffaluu?” jedhanii isa gaafatani. 25Pheexroosis, “Eeyyee, ni kaffala” jedhee deebise. Akkuma Pheexroos gara manaatti dhufeenis, Yasuus dura dabarsee, “Maal sitti fakkaata Simi'oon? Mootonni biyya lafaa qaraxa yookiin immoo gibira eenyu irraa fudhatu? Ilmaan isaanii irraati moo warra kaan irraa fudhatu?” jedhee isa gaafate.26 Pheexroosis, “Warra kaan irraatti” jedhee deebise. Yasuusis, “Akkas taanaan egaa ilmaan isaanii gibira irraa bilisa dha. 27Kanaafuu, nuti warra gibira sassaaban dogogorsiisu waan hin qabneef, gara galaana deemiitii, hokkoo ittiin qurxummii qaban erga galaana keessatti darbattee booda, qurxummii isa dura ba’u fuudhiitii ol baasi. Yeroo afaan isaa bantus, birrii tokko ni argatta. Birrii kanas fuudhiitii anaa fi ofii keetiif jedhii warra gibira sassaabanitti kenni” isaatiin jedhe .
1 Yeroo sanattis Barattoonni Yasuus bira dhufanii, “Mootummaa waaqaa keessatti hundumaa irra kan caalu eenyu dha?” isa gaafatani.2Yasuusis mucaa tokko gara isaatti waamee, isaan gidduu dhaabachiisee,3“Ani dhuguman isinitti hima, isin deebitanii akka mucoolii xixinnoo yoo taatan malee, gonkuma mootummaa waaqaa keessaa hin galtani.4 Kanaafuu, namni eenyumtuu inni akka mucaa kanaatti gadi of qabu, inni mootummaa waaqaa keessatti hundumaa irra kan caalu dha. 5Eenyumtuu inni maqaa kootiin mucaa akka kanaa ofitti qabee simatu, inni anaan ni argata (fudhata) 6Eenyumtuu inni mucoolii xixinnoo warra anatti amanan kana keessaa tokko illee gufachiisuu garuu, dhagaa isa midhaan daakuu guddaa tokko morma isaatti rarraafatee hallayyaa galaanaa keessatti otoo liqimsamee isaaf wayya.7 “Wayyoo yaa biyya lafaa, sababa gufannaa keetiif! Gufannaan dhufuun isaa barbaachisaa dha; nama gufannaan karaa isaa dhufu sanaaf garuu, wayyoo! 8Kan si gufachiisu harka kee yookiin immoo miilla kee yoo ta’e, isa of irraa kutiitiii achi of irraa darbadhuu gati. Harka lama yookiin immoo miilla lama qabaattee ibidda bara baraatti darbatamuu kee mannaa, harka citaa yookiin immoo milla citaa taatee gara jireenyatti galuuu siif wayya.9 Ijji kee si gufachiisa yoo ta'e, of keessaa baasiitii achi of irraa gati. Ija lama qabaattee boolla ibiddaatti gadi darbatamuu kee mannaa, ija tokkoon gara jireenyatti galuu siif wayya.10 Isaan xixinnoo kana tokkoo isaanii iyyuu akka hin tuffanne of eegadhaa! Ani nan isinitti hima, waaqa keessatti ergamoonni isaanii yeroo hunda fuula Abbaa koo isa waaqa keessa ni ilaalu.11 [Ilmi Namaas kan dhufe isa bade fayyisuudhaafi.]12 Maal isinitti fakkaata? Namni hoolota dhibba qabu tokko, tokkoo yoo keessaa bade, sagaltamii salgan gaara irratti dhiisee, isa bade sana barbaacha hin deemuu? 13Ani dhuguman isinitti hima, isa bade yoo argates, warra sagaltamii salgan hin badne caalaa itti ni gammada. 14Haaluma wal fakkaatuun, isaan xixinnoo kana keessaa tokko illee baduun fedhii Abbaa keessan isa waaqa keessa miti.15“Obboleessi kee yoo si yakke, bakka isin lamaan kophaa jirtanitti dhaqiitii, balleessaa isaa itti himi. Innis yoo si dhaga’e, obboleessa kee deebiftee ni argatta. 16Inni yoo si dhaga’uu dide garuu, afaan nama lamaatiin yookiin sadiitiin dhugaan waan ba’uuf, nama tokko yookiin lama fudhuutii dhaqi.17 Yoo inni isaaniinis dhaga’uu dide immoo, dhimma isaa waldaatti himi. Yoo inni waldaas dhaga’uu dide immoo, akka nama amantii hin qabnee fi akka nama gibira sassaabuutti isa lakkaa’i (ilaali).18 Ani dhuguman isiniin jedha, Waantotni isin lafa irratti hiitan hundumtuu, waaqa irrattis ni h 19Ammas dhuguman isiniin jedha; isin keessaa lamaan keesan waan isaan isin gaafatan irraatti biyya lafaa kana irratti yoo walii galtanii, Abbaa koo isa waaqa keessa jiruutiinis isaaniif ni ta’a.idhamu; waantotni isin lafa irratti hiiktan hundumtuu immoo, waaqa irrattis ni hiikamu. 20Bakka namoonni lama yookiin sadii ta’anii maqaa kootiin walitti qabamani jiranittis, achitti anis isaan gidduutti nan argama” jedhe.21Sana boodas, gara Yasuusitti dhufee, “Gooftaa, obboleessi koo yoo na yakke, si’a meeqan Pheexroos isaafii dhiisaa? Hamma si’a toorbaatii?” jedhee isa gaafate. 22Yasuusis, “Ani hamma si’a torbaatamii toorbaatti malee, hamma si’a toorbaati siin hin jedhu” jedhee isaaf deebise.23Kanaafuu, mootummaan waaqaa, mootii isa hojjetoota isaa wajjin hisaaba (kaffaltii) wal biraa qaban hedu tokko wajjin wal fakkaata.24Akkuma inni heduu jalqabeenis, nama inni qarshii kuma kudhan irraa qabu tokko itti fidani. 25Namichi waan kaffalu waan dhabeef garuu, gooftaan isaa akka inni, haati manaa isaa, ijoolleen isaa fi waantotni inni qabu hundumtuu gurguramanii idaan suni isaafii kaffalamu ajaje.26 Hojjetaan sunis, miilla gooftaa isaa jalatti kufuudhaan, ‘Maaloo gooftaa ko, xinnuma naaf obsi, anuu waan ana irraa qabdu hunda siifan kaffala’ jedhee kadhate. 27Kana irraa kan ka'eenis, gooftaan isaa hojjetaa sanaaf garaa waan laafeef, gatii isa irraa qabus isaaf dhiisee, isa gadi dhiise.28 "Hojjetaan sunis akkuma gadi ba’een, hojjetaa dhuma akka isaa kan inni qarshii dhibba tokko irraa qabutti arge. Innis, ‘Idaa (Liqii) isa ani si irraa qabu anaaf kenni’ jedhee morma isaa hudhee qabee 29“Hojjetichi akka isaa sunis miilla isaa jalatti kufee, ‘Xinnuma anaaf obsi; liqii kee anuu siifan kaffala’ jedhee kadhate.30 Hojjetaan inni gatii irraa qabu suni garuu ni dide. Sana irra darbees, hamma inni gatii isaa kaffaluufitti, mana hidhaatti isa galchisiise.31Hojjetoonni akka isaa warri kaan waan uumamee ture yeroo arganittis, gar malee gaddani. Waanta ta’e hundas gooftaa isaanii bira dhufani iisatti himani.32 “Sana boodas, gooftaan hojjetaa sanaa ofitti isa waamee , ‘Ati yaa hojjetaa gadhee nana! Ani, waan ati ana kadhatteef jedheen, gatii si irra qabu sana hundumaa siif nan dhiise.33Akkuma ani siif dhiise, atis immoo hojjetaa akka keetiitiif dhiisuun sitti hin jiruu?’ ittiin jedhe.34 Achiin boodas, gooftaan isaa waan aareef,, hamma inni gatii isa irra jiru hundumaa kennuufiitti, namoota warra nama reebaniitti (dararaniitti) dabarsee isa kenne. 35Kanaafuu egaa, isinis obboleessa keessaniif garaa guutuudhaan dhiifama hin gootan yoo ta’e, Abbaan koo inni waaqa keessaas dhiifama isiniif hin godhu” jedhe.
1 Yasuus erga dubbiiwwan kanneen raawwateen boodas Galiilaadhaa ka’ee gara biyyaa Laga Yordaanos gama jirtutti, naannoo Yihudaa deeme. 2Namoonni hedduunis isa duukaa bu’ani; innis achitti isaan fayyise.3 Warri Faarisootas gara isaa dhufanii isa qoruudhaaf, “Namni tokko sababuma kamiinuu haadha manaa isaa hiikuun seerumadha mitii?” jedhanii isa gaafatani. 4Yasuusis, “Inni jalqabuma isaan uume dhiiraa fi dubartii godhee akka uume hin dubbifnee?5 Inni isaan uumes, ‘Sababa kanaaf dhiirri abbaa fi haadha isaa dhiisee haadha manaa isaa wajjin jiraata; isaan lachanuus foon tokko ni ta’u’.6Kana boodas, isaan lama miti, foon tokko dha malee. Kanaafuu, waanta Waaqayyo walitti fide, eenyumtuu gargar baasuu hin qabu” jedhee iisaaniif deebise.7Isaanis , “Yoo akkas ta’e egaa, Muuseen maaliif waraqaa wal hiikumsaa kenniifiitii achi ishee gaggeessi jedhee nu ajajee ture ree?” jedhanii deebisanii isa gaafatani. 8Innis deebisee, “Muuseen haadha manaa keessan akka hiiktan kan isiniif eeyyamee ture, sababa garaa jabeenya keessanii irraa kan ka'een malee, jalqabatti akkas hin turre.9Ani isinittan hima, sababa sagaagalummaa irraa kan hafe, namni haadha manaa isaa hiikee kan, biraa fuudhu inni kam iyyuu balleessaa ejjummaa (sagaagalummaa) hojjetee jira” isaaniin jedhe.10Barattoonni isaa immoo, “Dhimmi namni tokko haadha manaa isaa wajjin qabu akkas yoo ta’e, fuudhuun gaarii mitii” ittiin jedhani. 11Yasuus garuu, “Jechaa kana warra isaaniif kenname malee, namni hundumtuu fudhachuu hin danda’u. 12Yeroo garaa haadha isaanii keessaa ba’anii jalqabee dhalootumaan warri xu'aashii (kolaasamaa) ta’anii uumaman ni jiru; warri harka namaatiin xu'aashii ta’anis ni jiru; mootummaa waaqaatiif jedhanii warri xu'aashii of godhanis ni jiru. Namni barsiisa kana fudhachuu danda’u, haa fudhatu” isaaniin jedhe.13Sana boodas, akka Yasuus harka isaa isaan irra kaa’ee isaaniif kadhatuuf jecha, mucooliin xixinnoon tokko gara isaatti fidamanii ture; barattoonni isaa garuu ifatanii isaan dhoowwani. 14Yasuus garuu, “Mucoolii xixinnoo sanaaf eeyyamaa; mootummaan waaqaa kan warra akka isaanii kanaa waan ta’eef, akka isaan gara koo dhufan hin dhoowwiinaa” jedhe. 15Harka isaa isaan irra erga kaa’ee boodas, bakka sana gadi dhiisee deeme.16 Kunoo, namichi tokko gara Yasuus dhufee, “Barsiisa, jireenya bara baraa argachuuf waantota gaarii attamii hojjechuun natti jiraa? jedhee isa gaafate. 17Yasuusis, “Isa kamtu gaarii dha jettee maaliif ana gaafatta? Gaariin tokko qofaa dha; jireenyatti seenuu yoo barbaadde garuu, abboommiiwwan sana eegi” jedhee itti hime.18 Namichis, “Abboommiiwwan isaan kam?” jedhee isa gaafate. Yasuusis, “Hin ajjeesin; hin ejjiin; hin hatiin; sobaan nama irratti dhugaa hin ba’iin; 19Abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni; ollaa kees akkuma mataa ofii keetiitti jaaladhu” jedhe.20 Namichi dargaggeessi sunis, “Isaan kana hundumaaf abboomameen jira. Kan na hafe (barbaachisu) kan biraa jiraa?” ittiin jedhe. 21Yasuusis, “Waan hundumaan guutuu ta’uu barbaada yoo ta’e immoo, deemiitii qabeenya kee gurguriitii hiyyeessotaaf kenni; waaqa irrattis qabeenya ni argatta. Achiin boodas, koottuutii ana duukaa bu’i!” isaan jedhe. 22Dargaggeessichi garuu qabeenya guddaa waan qabuuf, dubbii isa Yasuus jedhee erga dhaga’ee booda, gadda guutuudhaan achii deeme.23 Yasuusis barattoota isaatiin, “Ani dhuguman isinitti hima, mootummaa waaqaa keessa lixuun nama sooressa ta’e tokkoof rakkisaa (cimaa) dha. 24Ammas nan isinitti hima, sooressi tokko mootummaa Waaqayyoo keessa seenuu irra, yoo gaalli qaawwa lilmoo keessa baatetu irra salphata” jedhe.25Barattoonni isaas kana yeroo dhaga’ani, hedduu ajaa’ibamanii, “Egaa eenyutu fayyisamuu danda’a ree?” jedhanii isa gaafatani. 26Yasuusis isaaniin ilaalee, “Kuni namootaaf hin danda’amu; Waaqayyoof garuu waantotni hundumtuu ni danda’amu” isaaniin jedhe. 27Sana boodas, Pheexroos, “Akkuma argitu, nuti waanta hundumaa dhiifnee, si duukaa buunee jirra. Egaa nuti maal arganna laata ree?” jedhee isa gaafate.28 Yasuusis, “Ani dhuguman isinitti hima, bara haaraa sanatti, yeroo Ilmi Namaa ulfina isaatiin barcuma (teessoo) isaa irra taa’u, isin warri ana duukaa buutanis, barcumoota kudha lamaan irra teessanii, gosoota Israa’el kudha lamaan sanaaf firdii ni kennitu.29 Tokko tokkoon namaa inni maqaa kootiif jedhee mana, obboloota, obboleettota, abbaa, haadha, ijoollee, yookiin immoo lafa isaa dhiisee ana duukaa bu’e, dachaa dhibbaan ni fudhata; jireenya bara baraas ni dhaala. 30Warra dura jiran keessaa baayy’een isaanii boodatti ni hafu; warra booda irraa jiran keessaa garuu baayy’een isaanii dura ni ta’u” isaaniin jedhe.
1 Yasuus itti fufuudhaan, “Mootummaan waaqaa akka abbaa lafaa isa maasii wayinii isaatiif hojjettoota qacaruudhaaf jedhee bariidhaan ba’ee deemee tokkoo ti.2Innis guyyaatti nama tokkoof miindaa qarshii tokko kaffaluuf hojjetoota sanaa wajjin erga walii galee booda, gara maasii waynii isaatti isaan erge.3Gara sa'aatii sadii boodas, abbaan lafaa suni gadi ba’ee hojjettoota hojii malee lafa gabaa keessa dhaabatanii jiran arge.4Isaaniinis, ‘Isinis gara maasii waynichaa dhaqaa; waan isiniif malu immoo anu nan isiniif kenna’ isaaniin jedhe. Isaanis gara hojiitti deemani.5Ammas gara saa’atii ja’aatti, gara sa'aatii sagaliittis gadi ba’ee akkasuma godhe. 6Si’a tokkos dabaluudhaan, gara sa'aatii kudha tokkootti gadi ba’ee namoota biraa hojii malee dhaabbachaa jiran arge. Isaaniinis, ‘Maaliif guyyaa guutuu hojii malee addana dhaabattu?’ jedhee isaan gaafate. 7lsaanis, ‘Sababa namni tokko iyyuu nu hin qacarreefi’ jedhaniini. Innis, ‘Isinis gara maasii waynichaa dhaqaa’ isaaniin jedhe.8Galgalli yeroo ga’us, abbaan lafaa suni hojii gaggeessaa isaatiin, ‘Hojjettoota sana waamiitii, warra booda dhufan irraa jalqabiitii, dhuma irratti immoo warra dhufaniif, mindaa isaanii kaffaliif’ jedhee itti hime. 9Warri gara sa'aatii kudha tokkootti qacaraman dhufanii, miindaa guyyaa tokkoo qarshii tokko tokkoo fudhatani. 10Warri duraa dhufan yeroo fudhachuu dhufan kan caalu akka fudhatan yaadanii yoo ture iyyuu, isaanis tokko tokkoo isaaniif qarshii dhuma tokkotu kenname.11Mindaa isaanii erga fudhatanii boodas, simootaa isaanii abbaa lafaa sana irratti dhiyeessani.12Isaanis, ‘Hojjettoonni warri booddee kuni sa'aatii tokko duwwaa hojjetani; ati garuu unu warra guyyaa guutuu aduu nama gubu keessa dhaabbannee hojjechaa oolle wajjin wal qixxee dhuma nuu kaffalte’ ittiin jedhani.13Namichi garuu isaan keessaa isa tokkoon, 'Yaa namicho! Ani waan tokko illee sitti hin balleessine; ati miindaa guyyaa tokkootti anaa wajjin walii hin gallee ree? 14Amma kan kee fudhadhuu dhaqi! Ani namicha isa booddee kanaafis hammuma kan keetii kennuufii nan fedha.15Ani immoo horii ofii kootiitiin waanan fedhe gochuun anaaf hin ta'uu ree? Yookiis arjummaa koo weennaattaa?' jedheen. 16Akkasuma warri booddee warra duraa, warri duraas warra booddee in ta'u" jedhe.17Yasuus gara Yerusaalemitti ol ba’aa yeroo turettis, karaa irraati barattoota isaa kudha lamaan kophaatti fudhatee, 18“Kunoo, nuti gara Yerusaalemitti ol ba’aa jirra; Ilmi Namaas dura buutota luboota fi barreessitoota seeraatiin dabarfamee ni kennama. Isaanis yakka du'aa itti ni murteessu; 19Warra hin ammannettis, akka isaan itti dhaadatanii, isaas reebanii fi dhuma irrattis isa fannisaniif dabarsanii isa ni kennu. Gaafa guyyaa sadaffaa garuu inni du’aa ni kaafama” jedhee isaanitti hime.20Sana boodas, haati ilmaan Zabdiwoos, ilmaan ishee wajjin, gara Yasuusitti dhuftee. Waan tokko isa kadhachuudhaafis, miilla isaatti kufte. 21Yasuusis, “Maal akkan siif godhu barbaadda?" jedhee ishee gaafate. Isheenis, “Ilmaan koo lamaan kuni mootummaa kee keessatti, inni tokko gara mirga kee, inni tokko immoo gara bitaa kee, akka taa’an itti naaf himi (naaf abboomi)” isaan jette.22Yasuus garuu, “Waan gaafachaa jirtan kana hin beektani. Isa ani waancaa keessaa dhuguuf jiru kana isinis dhuguu ni dandeessuu?” jedhee deebise isaan gaafate. Isaanis, “Ni dandeenya” jedhaniin. 23Innis, “Isa waancaa koo keessaa illee dhuguma ni dhugdu. Karaa mirga koo fi karaa bitaa koo taa’uuf garuu, kennuun kan koo miti; taa’umsi suni garuu kan warra Abbaan koo kanaan dura isaaniif qopheessee ture dha” isaaniin jedhe. 24Barattoonni warri kaan kurnan yeroo kana dhaga’anis, obbolaa lamaan sanatti ni aarani.25Yasuus garuu ofitti isaan waamee, “Bulchitoonni warra Waaqayyoon hin amanne isaaniin akka hacuucanii fi namoonni isaanii warri gurguddon humnaan akka isaan bitan, isinuu ni beektu.26Isin gidduutti garuu akkas ta’uu hin qabu. Kana irraa garuu; isin keessaa eenyumtuu inni guddaa ta’uu barbaadu, hojjetaa keessan ta’uu qaba. 27Isin keessaa eenyumtuu inni tokkoffaa ta’uu barbaadu, hojjetaa keessan ta’uu qaba. 28Akkasuma, Ilmi Namaas kan dhufe ergachuuf otoo hin ta'iin ergamuudhaafi bakka namoota hedduus bu’ee lubbuu isaa kennuudhaafi dha” jedhe.29Yeroo isaan Iyyaarikoo keessaa ba’anii deemanis, namoonni hedduun isaan duukaa bu’ani.30Namoonni jaamaa ta’an lama daandii bukkee taa’anii ture. Isaanis Yasuus achiin darbaa akka jiru yeroo dhaga’anii, “Gooftaa, yaa Ilma Daawwiit, nu maari (fayyisi)” jedhanii iyyani. 31Namoonni achitti walitti qabamanii jiran suni garuu akka isaan callisaniif isaanitti orihani. Isaan garuu isa duraa caalaa iyyaa, “Gooftaa, yaa Ilma Daawwiit, nu maari (fayyisi)” jedhani,32Sana boodas, Yasuus dhaabatee isaan waamuudhaan, “Maal akkan isiniif godhu barbaaddu?” jedhee isaan gaafate. 33Isaanis, “Gooftaa, ija keenya akka unuuf bantuufi dha” jedhanii deebisani. 34Yasuusis hedduu waan isaaniif gaddeef, ija isaanii qaqabe. Battaluma sanattis ijji isaanii ni arge; isaanis isa duukaa bu'ani.
1Yasuusii fi barattoonni isa Yerusaalemitti dhiyaataniin, Tulluu Ejersaa bira Beetefaagee akkuma ga’aniin, Yasuus barattoota lama ergee, 2Innis “Gara ganda asitti aanee jiru sana dhaqaa; akkuma achi geessaniinis harree achitti hidhamtee dhaabbattuu fi ilmoo ishee ni argattu. Hiikaatii as naa fidaa. 3Eenyumtuu waa’ee isaa yoo isin gaafate immoo, ‘Gooftichatu isaan barbaade’ jedhaatii itti himaa; namtichis battalumatti harroota sana isin duukaa ni erga” jedhee isaan erge.4Kuni hunduu amma kan raawwate, inni karaa raajichaatiin dubbatamee ture akka guutuufi dha; innis: 5“Intala Tsiyoonitti himaa; ‘Mootiin keessan kunoo gara keessan dhufaa jira; Gadis of qabee harree fi ilmoo ishee yaabbatee dhufaa jira’” kan jedhu dha ture6Achiin boodas, barattoonni sunis deemanii akkuma Yasuus isaan ajajetti raawwatani.7Isaanis harree sanaa fi ilmoo ishee fidanii gilaasa (uffata) isaanii irra buusani; Yasuusis gilaasa sana irra taa’e. 8Namoonni achitti walitti qabamanii jiran keessaa harki caalaan isaaniis uffata isaanii karaa inni deemu irra afani; warri kaan immoo dameewwan mukaa ciruudhaan karaa irra firfirsani.9Achiin boodas, namoonni hedduun warri dura fi booda Yasuus deemaa jirani sagalee isaanii ol fudhatanii, “Hosaa’inaa, Ilma Daawwiitiif! Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha! Hosaa’inaa gara ol gubbaatti!” jedhani.10Yasuus Yerusaalem keessa yeroo lixee turettis, guutuun magaalittii ni raafame; “Inni kuni eenyu dha?” jedhaniis gaafatani.11Namoonni isaa wajjin achi turanis, “Inni kuni Yasuus isa raajicha isa Naazireet biyya Galiiiaa irraa dhufe dha” jedhanii isaaniif deebisani.12Sanaan boodas, Yasuus mana sagadaa keessa seene. Innis namoota warra mana sagadaa keessatti bitanii fi gurgurani hundumaa isaanii gadi baase; gabatoota (xarapheezota) warra horii callaa gegeddaranii fi taa'umsa warra gugee gurguraniis gadi gagaragalche. 13Innis, “‘Manni koo mana kadhannaa jedhamee waamama’ jedhamee barreessameera; isin garuu gola saamtotaa isa godhattani” isaaniin jedhe.14Sana boodas, warri jaama fi warri naafni mana sagadaa keessatti isa bira dhufani; innis isaan fayyise.15Dura buutonni lubootaa fi barreesitoonni seeraa waanta raajii inni gochaa turee yeroo arganii fi ijoolleen mana sagadaa keessatti sagalee isaanii ol fudhatanii, “Hosaa’inaa, Ilma Daawwiitiif!” yeroo jedhan dhaga’anii, isaan baayy’ee ni aarani.16Isaanis, “Waan isaan jechaa jiran ni dhageessaa?” jedhanii isa gaafatani. Yasuusis, “Eyyee! Isin garuu, ‘Afaan ijoollee xixinnoo fi daa’imman keessaa, ati galateeffannaa ni qopheesita’ isa jedhu tasuma hin dubbifnee?” jedhee isaaniif deebise. 17Sanaan booddees, Yasuus isaaniin dhiisee magaalittii keessaa ba’ee Bitaaniyaa dhaqee achi bule.18Ganamas yeroo magaalittiitti deebi’aa turettis, Yasuus ni beela’e. 19Muka harbuu tokkos karaa bukkeetti waan argeef, gara mukichaatti goree yeroo ilaalu baala malee homaa irraa hin arganne. Innis mukchaatiin, “Bara baraan iji midhaanii sirratti hin margiin” jedhe; muktii harbuu sunis battalumatti ni goge.20Barattoonni isaas mukichi gogu isaa yeroo arganitti, ni raajeffatani; achumaanis, “Attamitti mukti harbuu kun battalumatti gogee?” jedhani. 21Yasuusis, “Ani dhuguman isiniin jedha, amantii qabdu yoo ta’ee fi hin shakkitan (mamatan) yoo ta’e, isin kan gochuu dandeessani waanta mukicha irratti ta’e duwwaa otoo hin ta’iin, tulluu kanaan iyyuu, ‘Ol ka’iitii galaana keessatti gadi darbatami’ jechuu ni dandeessu; inni jettanis ni raawwatama. 22Amantaniidhaan kadhattanii waanta gaafaffan hundumaa ni argattu” jedhee isaaniif deebise.23Yasuus mana sagadaatti ol deebi’ee barsiisaa yeroo inni turettis, dura buutonni lubootaa fi manguddoonni uummataa gara isaa dhufanii, “Humna (Aangoo) maaliitiin kana hundumaa goota; humna (aangoo) kanas eenyutu siif kenne?” jedhanii isa gaafatani. 24Yasuusis, “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Yoo isin anatti himtan, anis humna maaliitiin waantota kana akkan godhu isinitti nan hima.25Cuuphaan Yohaannis eessaa dhufee? Waaqa biraa moo, namoota biraatii?” jedhee deebisee isaan gaafate. Isaanis akkas jedhanii wal mari’atani: “Yoo nuti ‘Waaqa biraati’ jenne, inni immoo, ‘Erga akkas ta’ee, isin maaliif hin amantani ree?’ nuun jedha.26Yoo nuti ‘Namoota biraati’ jenne garuu, namoonni Yohaannisiin akka raajiitti waan fudhataniif, isaaniitiin ni sodaanna”. 27Sanaan boodas, “Nuti hin beeknu” jedhanii Yasuusiif deebisani. Innis, “Anis humna maaliin waantota kana akkan godhu isinitti hin himu.28Isin garuu maal isinitti fakkaata? Namichi tokko ilmaan lama qaba ture. Innis ilma isaa isa tokko bira deemee, ‘Ilma ko, har’a deemiitii maasii waynii keessa hojjedhu’ ittiin jedhe. 29“Ilmi isaa sunis, ‘Hin dhaqu’ jedhee erga deebiseefii booda garuu, yaada isaa jijjiiree, ni dhaqe. 30“Achiin boodas, namnichi ilma isaa isa lammaffaa bira dhaqee, isuma ilma isaa isa duraatiin jedhee ture, isa kanattis hime. Innis, ‘Tole nan dhaqa, yaa abbaa ko’ jedhee abbaa isaaf deebise; garuu immoo hin deemne.31Ilmaan isaa lamaan kana keessaa, isa kami dha inni fedhii abbaa isaa guute?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Isa duraa ti” jedhanii deebisani. Yasuusis, “Ani dhuguman isiniin jedha; warri qaraxa sassaabanii fi warri sagaagalani iyyuu dura keessan mootummaa Waaqayyoo keessa ni seenu. 32Yohaannis gara keessan kan dhufee ture qajelummaa keessaniif ture; isin garuu isa hin amanne. Warri qaraxa sassaabanii fi warri sagaagalani garuu isa ni amanani. Isin garuu, erguma kana argitanii booda illee, gaabbitanii isa hin amanne.33“Fakkeenya biraa tokko mee dhaggeeffadhaa. Namni abbaa lafaa ta’e tokko ture Innis lafa isaa irratti wayinii dhaabe; dallaas itti naannessee ijaare; boolla waynii keessatti cuunfanis ni qote; gamoo irra taa’anii maasicha eeganis ni ijaare; sanaan boodas, namoota warra wayinii hoomishanitti kireesse. Innis achiin booda gara biyya biraa deeme. 34Yeroon midhaan wayinii itti sassaaban akkuma dhiyaatettis, midhaan waynichaa akka isaaf sassaabaniif jedhee hojjetoota muraasa gara warra wayinii hoomishan sanaatti erge.35Warri wayinii hoomishan suni garuu hojjetoota sana qabanii, isa tokko ni reebani; isa biraa ni ajjeesani; isa hafe immoo dhagaadhaan rukutani. 36Abbaan lafaa sunis ammas hojjetoota biraa, warra duraa irra kan baay’atan, isaanitti erge; warri wayinii hoomishan suni garuu akkuma warra duraa isaan godhani. 37Sanaan booddees, abbaan lafaa suni, ‘Ilma koo illee ni kabaju’ jedhee, ilma isaa gara isaaniitti erge.38“Warri wayinii hoomishan sunis ilmicha isaa yeroo argan, ‘Kuni isa dhaalu dha. Koottaa, isa ajjeesnee dhaala isaas haa fudhannu’ waliin jedhani. 39Akkuma jedhanis, isa qabanii, maasii waynichaa keessaa gadi isa baasanii, isa ajjeesani.40Amma egaa abbaan waynichaa yeroo dhufu, warra wayinii hoomishan sana maal isaan godha laata?” isaaniin jedhe. 41Isaanis, “Inni immaa warra abaaramtoota (gadhoota) sana dimshaashumaan erga isaan balleessee booda, maasii waynii isaa sanas namoota biraa, warra yeroo wayinichi ga’ee funaanamu ga’ee isaa isaaf kennaniif, ni kireesa” jedhanii isaaf deebisani.42Yasuusis, “Isin Kitaaba Qulqulluu keessatti isa, ‘Dhagichi inni mana ijaarttonni gadi gatani, Dhagaa bu’uuraa godhame. Kunis gocha Gooftaa ti; Ijji keenyas dinqii kana ni arge’ jedhu gonkuma hin dubbifnee?43Kanaafuu, mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, biyya isa midhaan kan isaa hoomoshu (horu) sanaaf akka kennamu isinittan hima. 44Eenyumtuuu inni dhagaa kana irratti kufu, ni caccaba. Eenyumtuu inni dhagaan kuni irratti kufu garuu, ni daakama” isaaniin jedhe.45Warri dura buutota lubootaa fi warri Faarisootaa fakkeenyota isaa yeroo dhaga’anis, akka inni waa’ee isaanii dubbaachaa jiru, beekanii ture.46Isa hidhuus barbaadanii ture, garuu namoonni achitti walitti qabamanii jiran Yasuusiin akka raajiitti waan ilaalaniif, ni sodaatani.
1Yasuus ammas fakkeenyaan isaanitti dubbate; 2“Mootummaan waaqaa akk mootii isa diggisii cidha ilma isaa qopheesse tokkooti.3Mootichi warra cidhicha irratti hirmaatan hojjettoota isaa ergee waamsisee ture; warri affeeramani garuu hin dhufne.4Mootichi ammas, ‘Warra affeeramaniitiin, “Kunoo, affeerraa hirbaataa qopheesseen jira. Sangoonni koo fi horiin furdisaman qalamanii, waanti hundumtuu qophaa’ee jira. Diggisii cidhaatti kootta’” jedhaatii waamaa jedhee hojjettoota isaa kan biraa isaanitti ergee.5Warri waamaman garuu affeerraa isaaf gurra dhoowwatanii, gar tokko gara qotiisa isaanii, gar tokko immoo gara daldala isaanii deemani.6Warri kaan immoo hojjetoota mootichaa qabanii, salphisanii, dhuma irrattis ajjeesani. 7Mootichis waan aareef, loltoota isaa isaanitti erge; isaanis warra hojjetaa isaa ajjeesan sana ni balleessani; magaala isaaniis ni gubani.8Sana boodas, mootichi hojjetoota isaatiin, ‘Cidhichi qophaa’eera; warri waamamanii turan garuu warra gatii hin qabne dha.9Kanaafuu, gara daandii guddaa wal qaxxaamuru sana dhaqaatii, namoota argachuu dandeessan hunda gara diggisii cidhichaatti affeerraa’ jedhe. 10Hojjettoonni sunis gara daandii guddaa wal qaxxaamuru sana deemanii, namoota argatan hundumaa, warra hamaas warra gaariis, walitti qabanii fidani. Manni cidhichaas keessumootaatiin guutame.11Mootichis keessummoota achitti argaman ilaaluuf yeroo ol lixettis, nama uffata cidhaa hin uffatne tokko arge. 12Mootichis namichaatiin, ‘Firana, uffata cidhaa malee attamitti as dhufte?’ jedhe. Namichis waan dubbatu dhabe.13Achiin boodas, mootichi hojjettoota isaatiin, ‘Namicha kana harka fi miilla isaa hidhaatii, iddoo boo’ichii fi ilkaan walitti qaruun jiru dukkana alaa keessatti gadi darbadhaa’ jedhe. 14Namoonni waamaman baay’ee dha; warri filataman garuu muraasa dha” jedhee fakkeenya isaa isaanitti hime.15Sanaan boodas, warri Faarisootaa isuma inni dubbateen attamitti Yasuusiin kiyyoo keessa isa gashuu akka danda’an irratti deemanii mari’atani. 16Achiin boodas, hordoftoota isaanii, warra garee Herood wajjin, gara Yasuusitti ergani. Warri ergamanis Yasuusiin, “Barsiisa, nuti akka ati nama dhugaa taatee fi daandii Waaqayyoos dhugaadhaan akka ati barsiiftu ni beekna. Ati yaada namootaaf iddoo hin laattu; namas wal hin caalsitu. 17Kanaafuu, maal akka sitti fakkaatu mee nutti himi? Qeesaarii gibira kaffaluun sirrii dha immoo seeran ala dha?” jedhaniini.18Yasuus garuu sharrii isaanii waan bareef, “Warra ofittoo nana, ammaa maaliif ana qortu? 19Maallaqa gibira sanaa mee anatti argisiisaa” jedhe. Isaanis qarshii tokko isatti fidani.20Yasuusis; “Kunneen bifa eenyuu fi maqaa eenyuu ti?” isaaniin jedhe. 21Isaanis, “Kan Qeesaari dha” jedhaniini. Sana booddees, Yasuusis,, “Waantota Qeesaar kan ta’an, Qeesaariif, waantota Waaqayyoo kan ta’an immoo, Waaqayyoof kennaa” isaaniin jedhe.22Yeroo kana dhagaa’anittis, ni dinqisiifatani. Achumatti isa dhiisaniis, achiitii deemani.23Guyyaa dhuma sanas, Saaduqoonni, warri du’aa ka’uun hin jiru jedhan tokko, gara Yasuus dhufani. 24Isaanis, “Yaa barsiisa, Muuseen ‘Namni tokko dhala otoo hin godhatin yoo du’e, obboleessi isaa haadha manaa isaa fuudhee obboleessa isaatiif ijoollee ni guddisa’ jedhee ture.25Obbolaawwan toorba turani. Inni angafni niitii erga fuudhee booda ni du’e. Ijoollee otoo hin godhatiin, niitii isaa obboleessa isaatti dhiisee du’e. 26Achiin boodas, inni lammaffaanis, inni sadaffaanis, hamma isa toorbaffaattis ishee fuudhanii, dhala otoo hin godhatiin hundumtuu irraa du’ani. 27Hundumti isaanii erga du’anii boodas, dubartittiinis ni duute. 28Toorban isaanii iyyuu ishee fuudhanii waan tureef, amma yoo du’aa ka’ani, isheen niitii isa kamii taati egaa?” jedhanii isa gaafatani.29Yasuusis, “Isin waan Kitaabni Qulqulluu jedhu, yookiin immoo, humna Waaqayyoo waan hin beekneef, dogogortanii jirtu. 30Du’aa ka’ina booda, isaan hin fuudhani, hin heerumanis. Bakka kanaa garuu, isaan waaqa keessatti akka ergamoota ti.31Waa’ee du’aa ka’uu warra du’anii ilaalchisee garuu, isin isa Waaqayyo isinitti dubbatee ture hin dubbifnee? Innis, 32‘Ani Waaqayyoo isa kan Abrahaam, Waaqayyoo isa kan Yisihaaq, Waaqayyoo isa kan Yaaqoobi dha’ kan jedhu ture. Inni Waaqayyoo warra jiraataniiti malee, Waaqayyoo warra du’anii miti” jedhee isaaniif deebise. 33Namoonni achitti walitti qabamanii jiranis yeroo kana dhaga’ani, barsiisa isaatti ni ajaa’ibamani.34Yasuus warra Saaduqootaa akka afaan isaanii isaan qabaxhiise erga dhaga’anii booda, warri Faarisootaa walitti qabamani. 35Isaan keessaas, namichi inni ogeessa seeraa tokko Yasuusiin qoruudhaaf gaaffii isa gaafatee, 36“Barsiisa, seera keessaa abboommiin inni warra hundumaa irra cimaan isa kami dha?” jedhee gaafate37Yasuusis, “‘Gooftaa kee Waaqayyootiin garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaaladhu’. 38Inni kuni abboommii isa cimaa fi isa duraa ti.39Abboommiin inni lammaffaas akkuma isa duraa ti – ‘Ollaa kee akka mataa keetiitti jaaladhu’. 40Seerichii fi barsiisni raajotaa hundumtuu abboommiiwwan lamaan kana irratti hundaa’u” jedhee isaaniif deebise41Warri Faarisootaa akkuma walitti qabamanii jiranitti, Yasuus gaaffii tokko isaan gaafate. 42Innis, “Waa’ee Kiristoos maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti” kan jedhu ture. Isaanis, “Ilma Daawwiit dha” jedhani.43Yasuusis, “Erga akkas ta’ee, attamitti Daawwiit Afuuraatiin Gooftaatiin akkas jedhe ree?:44‘Gooftichi Gooftaa kootiin, Karaa harka mirgaa koo taa’i, Hanga ani diinota kee barcuma miilla kee irra kaawwattu godhutti’ jedhee dubbateera.45Egaa Daawwiit Kiristoosiin ‘Gooftaa’ jedhee waama yoo ta’e, attamitti ilma Daawwiit ta’a” jedhe.46Namni tokko illee deebi’ii isaaf kennuu hin dandeenye; guyyaa sana irraa kaasees, namni garaa jabaatee gaaffii biraa tokko illee isa gaafachuudhaaf yaale hin turre.
1Sanaan boodas, Yasuus namoota achitti walitti qabamanii jiran fi barattoota isaatti dubbate, 2Innis, “Barreessitootni seeraa fi warri Faarisootaa iddoo taa’umsa (teessoo) Muusee taa’anii jiru.3Kanaafuu, waantota isaan godhaa jedhanii isin ajajan godhaa; eegaas. Isaan ni jedhu male, waantota jedhan garuu waan hin gooneef, hojiiwwan isaanii duukaa hin bu’iinaa.4Eeyyee, isaan ba’aa ulfaataa namni baachuu hin dandeenye hidhanii gatiittii namootaa irra ni kaa’u. Isaan, ofii isaanii baachuuf garuu, quba isaanii illee itti hin butani. 5Isaan, hojiiwwan isaanii hundumaa kan hojjetaan, akka namoonni isaan arganiif dha. Isaan rarraatoowwan (phylacteries) ni bal’isu; fiixee uffata isaaniis dheerassanii ni hoddu.6Isaan, bakka diggisiiwwaniitti, iddoo ulfinaa; manneen sagadaa keessattis, teessoowwan warra angafaa, taa’uu jaalatuu. 7Lafa gabaa keessattis, namoonni haala adda ta’een nagaa akka isaan gaafatanii fi namoonni ‘Barsiisa’ jedhanii akka isaan waaman ni jaalatu.8Isin garuu barsiisa tokko qofaa waan qabdaniif, hundumti keessan iyyuu obboloota dha malee, ‘Barsiisa’ jedhamtanii waamamuun isinitti hin jiru. 9Lafa irratti nama tokkoon iyyuu abbaa koo jettanii hin waamiinaa; Abbaan keessan inni tokkichi isa waaqa keessa jiru dha. 10‘Barsiisa’ jedhamtaniis waamamu hin qabdani; barsiisaan keessan inni tokkichi Kiristoosi dha.11Isin gidduudhaa inni caalaatti cimaa ta’ee garuu, inni hojjetaa keessani dha.12Nammi eenyumtuu inni ol of qabu, gadi ni qabama; inni gadi of qabu immoo, ol ni qabama.13Wayyoo garuu warra of jajjoota nanaa – yaa warra barreessitoota seeraa fi yaa warra Faarisootaa! Isin mootummaa waaqaa namoota duraa cuftaniittu. Ofii keessanii itti hin galtan; warra itti galuu barbaadan immoo akka isaan itti hin galle ni hoowwitu.14 Wayyoo garuu warra of jajjoota nanaa – yaa warra barreessitoota seeraa fi yaa warra Faarisootaa! Isin warri dubartii ishee gaalamoota sana jalaa waan isheen qabdu nyaattanii fixxan, fakkeessuudhaaf jettanii immoo kadhannaa keessan dheeresitan, yakki caalaan isin irratti ni murama. 15Wayyoo warra of jajjoota nanaa – yaa warra barreessitoota seeraa fi yaa warra Faarisootaa! Isin galaana fi lafa irraa asiif achi deemtanii amantii namaa jijjiirtu; erga inni amanticha fudhatee boodas, hamminni isaa harka lamaan kan caalu ilma du’a bara baraa isa gootu.16“Wayyoo yaa jaamtota warra jaamtota akka keessanii harkiftan nanaa; isin warri ‘Namni eenyumtuu inni maqaa mana sagadaatiin kakatu, kakaan isa homaa miti. Namni eenyumtuu inni maqaa warqee mana sagadaatiin kakatu garuu, inni kakaan isaa amanamaa dha’ jettani. 17Isin jaamtota gowwoota nana! Isa kamtu caala, warqee moo, mana sagadichaa isa warqee sana iyyuu qulqulluu godhutu, caala?18Isinis warri ‘Namni eenyumtuu inni maqaa iddoo aarsaa itti kennaniin kakatu, kakaan isa gatii hin qabu. Namni eenyumtuu inni maqaa aarsaa achi irraa kaa’ameen kakatu garuu, kakaan isa guutuu dha’ jettani,19Isin yaa namoota jaamtota nanaa! Isa kamtu caala, kennaa sana moo, iddoo aarsaa sana, isa kennaa sana iyyuu qulqulluu godhutu, caala?20Kanaafuu, namni inni iddoo aarsaa sanaatiin kakatu, inni kan kakatu iddoo aarsaa sanaatiin, akkasumas kennaa isa iddoo aarsaa sana irra kaa’ameetiinis dha. 21Namni inni maqaa mana sagadaatiin kakatus kan kakatu maqaa mana sagadaa sanaa fi maqaa isa achi keessa jiraatuunis dha. 22Namni inni maqaa waaqaatiin kakatu sunis kan kakatu maqaa barcuma (teessoo) Waaqayyootiinii fi maqaa isa barcumicha irra taa’uutiinis dha.23“Wayyoo warra of jajjoota nanaa – yaa warra barreessitoota seeraa fi yaa warra Faarisootaa! Baala kefoo, inchilaala fi ija dimbilaalaa illee harka kudhan keessaa harka tokko Waaqayyoof ni kennitu; seera Waaqayyoo keessaa warra caalaatti barbaachisaa ta’an –firdii qajeelaa, gara laafinaa fi amanamummaa – garuu otoo hin godhiin ni dhiiftu. Garuu immoo, warra sanas gochuu otoo hin dhiisiin, isaan kanas gochuun isinitti jira ture. 24Isin yaa jaamtota warra jaamtota harkiftan nanaa! Isin warra bookee liqimsuun isinitti cimee, gaala garuu liqimsitani dha!25“Wayyoo warra of jajjoota nanaa – yaa warra barreessitoota seeraa fi yaa warra Faarisootaa! Keessi kubbayyaa fi gabatee saammii fi gabgaabbumaadhaan guutamee otoo jiru, isin garuu duuba duuba isaanii qulqulleessitu. 26Faarisootaa warra jaamtota nana! Duubni isaaniis akka qulqullaa’uuf, dura dabarsaatii keessa kubbayyaa fi gabatee sanaa qulqulleessaa!27“Wayyoo warra of jajjoota nanaa – yaa warra barreessitoota seeraa fi yaa warra Faarisootaa! Isin akka bakka awwaalcha isa duubaan nooraa dibamee addaatee bareedu, keessi isaa garuu lafeewwan warra du’anii fi waantota qulqulluu hin taane biraatiinis guutamee jiruu ti. 28Haaluma wal fakkaatuun, isinis duubaan namootatti qajeellota ni fakkaattu; keessi keessan garuu ofittummaa fi seeraan alummaatiin guutamee jira.29“Wayyoo warra of jajjoota nanaa – yaa warra barreessitoota seeraa fi yaa warra Faarisootaa! Isin bakka awwaalcha raajotaa ni ijaartu; bakka awwaalcha warra qajeelotaas ni miidhagsitu. 30Isin, ‘Bara abboota keenyaa sana jiraanneerra otoo ture, nuti isaan wajjin dhiiga raajotaa hin dhangalaasnu ture’ ni jettu. 31Kanaafuu egaa, isin ilmaan warra raajota ajjeesanii ta’uu keessan of irratti dhugaa bahaa jirtu jechaa dha.32Isinis egaa safartuu abbootii keessanii guuttaniittu jechaa dha. 33Yaa bofoota nanaa, yaa ijoollee mar’attoota nana! Egaa isin firdii hallayyaa boolla du’a bara baraa jalaatii attamitti baatu ree?34"Kanaafuu, kunoo ani raajota, namoota ogeeyyii fi barreesitoota gara keessaniitti na erga. Isinis, gar tokkoo isaanii ajjeestanii ni fanniftu; gar tokkoo isaanii immoo manneen sagadaa keessan keessatti ni reebdu; magaala tokko irraa gara magaala biraattis isaan ni ariitu. 35Kanaanis, dhiigni warra qajeelotaa inni lafatti dhangala’ee ture hundumtuu isin irratti ni dhufa; kunis kan ta’u, dhiiga Abeel isa qajeelaa sana irraa kaasee hanga dhiiga Zakkaariyaas, ilma Baraakiyaa, isa isin bakka mana sagadaa fi iddoo aarsaa gidduutti ajjeeftaniitti, isa jiru dha. 36Ani dhuguman isiniin jedha, hundumti kuni iyyuu kan dhufu. dhaloota ammaa kana irratti dha.37“Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ishee raajota ajjeeftuu; ishee warra gara isheetti ergamanis dhagaadhaan rukuttuu! Akkuma handaaqqoo wicii ishee kaattuu ishee jalatti sassaabduu, ijoollee kee walitti qabuuf, yeroo hammamii anatti fudhatee? Ati garuu indaanqoon cuucota ishee qoochoo ishee jalatti akkuma walitti qabatutti, si'a meeqan ijoollee hin barbaanne. 38Kunoo ilaali; manni kee onee duwwaatti sii hafee jira. 39Ani nan isinitti hima; ammaa irraa kaasee hanga isin ‘Inni maqaa Gooftaatiin dhufu suni eebbifamaa dha’ jettanitti ana hin argitan” jedhe.
1Yasuus mana sagadaa keessaa ba’ee, karaa isaa irra bu’e adeemsa jalqabe. Barattoonni isaas ijaarsa mana sagadaa isatti argisiisuudhaaf gara isaa dhufani. 2Inni garuu, “Isin waantota kana hundumaa hin argitanii? Ani dhuguman isiniin jedha; bakka kanatti, lafatti cacabsameetu diddiigama malee, dhagaan tokko iyyuu dhagaa biraa irratti taa’ee hin hafu” jedhee isaaniif deebise.3Akkuma inni Tulluu Ejersaa irra taa’eenis, barattoonni isaa gara isaa dhufanii, “Nutti himi mee, waantotni kun kan raawwatan yoomi dha? Mallattoon dhufaatii kee fi xumurri barichaa maali dha?” jedhanii kophaatti isa gaafatani 4Yasuusis, “Eenyumtuu daandii keessan irraa akka isin hin kaachisne of eeggadhaa! 5Warri maqaa kootiin dhufan baay’ee dha. Isaanis, ‘Ani Kiristoos dha’ jedhanii namoota baay’ees karaa irraa ni kaachisu.6Isin waranotaa fi waa’een waraanotaa yeroo asaasamu ni dhageessu. Kunis raawwachuu waan qabu sila ta’eef, isin garuu akka hin na’iinaa; guyyaan suni garuu amma iyyuu akka hin geenye hubadhaa.7Biyyi biyya irratti ni ka’a; mootummaanis mootummaa irratti ni ka’a. Beellii fi kirkirri lafaas, bakka adda addaatti ni uumamu. 8Waantonni kunneen hundumtuu garuu jalqaba ciniinsuuwwan da’umsaa ti.9Achiin boodas, isaan rakkinatti dabarsanii erga isin laatanii booda, isin ni ajjeesu. Maqaa koofis jettanii biyya lafaa hundaa irrattis ni jibbamtu. 10Yeroo sanatti namoonni baay’een ni gufatu, wal ganu; walis ni jibbu. 11Raajonni sobduun baay’een ni ka’u (dhufu); namoota baay’ees ni dogogorsiisu.12Seeraan-alummaan waan baay’atuuf, jaalalli namoota baay’ee qabbanaa’aa ni deema. 13Namni hamma dhumaatti rakkoowwan kanneen danda’ee turu garuu ni fayyisama. 14Oduun gammachisaan kunis mootummaa Waaqayyoo akka dhugaa ba’uuf guutummaa biyya lafaa irratti namoota biyya lafaa hundumatti ni lallabama. Kanaan boodas, inni dhumaa ni dhufa.15“Kanaafuu, akkuma raajicha Daani’eeliin dubbatamee ture sanaatti, waanti jibbisiisaan bakka qulqulluu ta’e keessa dhaabbatee yeroo jiru yoo argitani”, namni kana dubbisu haa hubatu.16“Yeroo sanatti, warri Yihudaa keessa jiran, gara tulluuwwaniitti haa baqatani;17Namni inni bantii manaa irra jirus, waan tokko iyyuu mana isaa keessa fudhachuudhaaf jedhee gadi hin bu’iin;18Namni inni goodaa jirus, uffata (wayyaa) isaa fudhachuudhaaf jedhee gara mana isaatti hin deebi’iin.19Yeroo sanatti warra ulfaa ta’anii fi warra hoosisaniif garuu wayyoo!20Yeroon itti baqattan yeroo gannaa fi guyyaa Sanbataa akka hin taaneef kadhadhaa! 21Yeroodhuma sanattis, rakkoo guddaan, inni erga uumama biyya lafaa irraa jalqabee hanga ammaatti uumamee hin beekne, gara fuul duraatiis kan deebi’ee hin uumamne, ni uumama. 22Guyyoonni suni otoo hin gabaabsifamani ta’ee ture, namni fooniin jiru tokko illee hin hafu (fayyu) ture. Warra filataman sanaaf jecha garuu, guyyoonni suni ni gabaabsamu.23Yeroo sanatti, eenyumtuu, ‘Ilaalaa, inni kuni Kiristoos dha’; yookiin immoo, ‘Inni suni Kiristoos dha’ yoo isiniin jedhe, hin amaninaa! 24Kiristoosonni sobaa fi raajonni sobaa ka’uudhaan karaa irraa isin jallisuu (isin dogogorsiisuuf), yoo isaaniif danda’ame immoo warra filataman iyyuu karaa irraa jallisuuf (dogogorsiisuuf), mallattoowwanii fi dinqiiwwan gurguddaa ni argisiisu. 25Hubadhaa, ani duraan dursee isinitti himeera.26Kanaafuu, isaan ‘Inni kunoo lafa onaa keessa jira’ yoo isiniin jedhan, gara lafa onaa sana hin deemiinaa. Yookiin immoo, ‘Inni kunoo mana keessa jira’ yoo isiniin jedhanis, hin amaniinaa.27Gaafa guyyaa bakakkaan ba’a biiftuu irraa ka’ee hanga lixa biiftuutti balaqqisee ifu sana, dhufaatiin Ilma Namaas ni ta’a. 28Eessumayyuu taanaan, bakka raqni (horiin du’e) jiru sanatti, joobirri walitti ni qabama.29“Battaluma guyyoonni rakkinnaa suni darbeen immoo, biiftuun ni dukkanoofti; jiinis ifa ishee hin laattu; urjoonnis waaqa irraa gadi ni harca’u; humnoonni waaqa keessaas ni raafamu.30Achiin boodas, mallattoon Ilma Namaa waaqa keessatti ni mul’ata; yeroo sanattis, sanyiin namaa biyya lafaa irra jiraatan hundumtuu ni gaddu. Isaanis Ilmi Namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan hurrii waaqa keessaa irra yeroo inni dhufuu ni argu. 31Innis ergamoota isaa waaqa keessaa, sagalee xurumbaa guddaa wajjin, ni erga; isaanis warra filataman handaara samii karaa tokkoo irraa hanga fiixee isa biraatti, karaa kallattii arfaniin iyyuu walitti ni qabu.32“Muka harbuu irraa barumsa baradhaa. Yeroo dameen isaa gogee baalli isaa harca’uu jalqabu, bonni akka dhiyaate ni hubattu. 33Akkuma kanaatti, waantota kanneen hunda yeroo argitan, akka inni dhufee balbala biraatti dhiyaatee jiru beekuun isinitti jira34Ani dhuguman isiniin jedha; waantotni kunneen hundumtuu hanga raawwatamutti, dhaloonni ammaa kuni hin darbu. 35Waaqnii fi lafti ni darbu; dubbiiwwan koo garuu gonkumaa hin darbani (badani).36Guyyaa fi sa’aatii dhufaatii sanaa ilaalchisee garuu, Abbaa irraa kan hafe, ergamoonni waaqa keessaas, Ilmis, hin beekani.37Akkuma dhufaatiin guyyoota Nohi hin beekamne ture, guyyaan dhufaatii Ilma Namaas hin beekamu.38Bara sana, lolaan suni otoo hin dhufiin dura, hanga gaafa Nohi doonii keessa gale sanaatti, namoonni nyaachaas, dhugaas, fuudhaas, heerumaas turani. 39Hanga lolaan suni dhufee hunduma isaanii haree fudhatee deeme sanaatti, isaan homaa tokko iyyuu hin beekani ture – barri dhufaatii Ilma Namaas akkasuma dha.40Gaafa guyyaa sanaas, namoonni lama maasii keessatti ni argamu – inni tokko ni fudhatama; inni tokko immoo ni dhiifama. 41Dubartoonni lamas majiitiin midhaan ni daaku – isheen tokko ni fudhatamti; isheen tokko immoo ni dhiifamti. 42Kanaafuu, guyyaa gaafa Gooftaan keessan dhufu hin beektan waan ta’eef, qophaa’aatii eeggadhaa!43Abbaan manaa tokko halkan keessaa yeroo kam itti hattuun akka dhufu otoo beeka ta’e turee, dammaqee waan eeggatuuf, mana isaa akka hin cabsisiifne ture, garuu ni beektu. 44Kanaafuu, Ilmi Namaas sa’aatii isin hin eegnetti waan dhufuuf, isinis qophaa’aatii eeggadhaa.45“Egaa hojjetaan amanamaanii fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni maatii isaaf nyaata isaanii yeroodhaan isaaniif kennuuf jedhee mana isaa dabarsee itti kennu isa kami dha ree? 46Hojjetaan inni otoo inni hojii isaa hojjetaa jiruu gooftaan isaa dhufee isa argu suni eebbifamaa dha. 47Dhuguman isiniin jedha; hojjetaa sanaatiin, gooftaan isaa, akka inni qabeenya isaa hundumaa irratti ajajjuus ni godha.48Hojjetaan inni hamaan suni garuu, garaa isaa keessatti, ‘Gooftaan koo ni tura’ jedhee ni yaada;49Kana irraa kan ka'eenis, hojjetoota akka isaa reebuu fi isaaniin dhoowwatee, warra machooftota wajjin nyaachuu fi dhuguu ni jalqaba.50Gooftaan isaa garuu guyyaa inni hin eeginettii fi sa’aatii inni hin beekinetti ni dhufa; 51Gooftaan isaas hojjetaa sana bakka hedduutti isa ni kukkuta; achiin boodas, iddoo warri ofittoo jiraatan – iddoo ittii boo’anii fi iddoo ilkaan walitti qaran sana – isaaf ni kenna.
1“Mootummaan waaqaa egaa mishirroota kurnan warra mushurraa isaan fuudhu simachuudhaaf jedhanii ibsaa isaanii fudhatanii deemanii ture wajjin wal fakkaata.2Mishirroota sana keessaa shanan isanii gowwoota turani; shanan isaanii immoo abshaalota (gamnoota) turani. 3Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatanii yeroo deemanii turetti, naafxaa garuu fudhatanii hin deemne ture.4Warri abshaalonni garuu, ibsaa isaanii wajjin, naafxaa qodaa isaatti naqantanii fudhatanii ture.5Mushurrooni isaanii otoo hin dhufiin waan turaniif hunduma isaanii iyyuu hirribni waan qabeef ni rafani.6Halkan walakkaa keessa garuu, sagaleen, ‘Mushurraan kunoo ti! Gadi ba’iitii simadhu’ jedhee iyyu ni dhaga’ame.7Yeroo sanattis mishirroonni sun hundumtuu ka’uudhaan ibsaa isaanii qopheessatani.8Warri gowwoonnis warra abshaalotaatiin, ‘Ibsaan keenya nu jalaa baduuf waan ta’eef, naafxaa keessan irraa waa nuuf kennaa’ jedhani.9“Warri abshaalonni garuu, ‘Inni nuti qabnu, unuu fi isiniif ga’aa waan hin taaneef, warra gurguran bira deemaatii bitadhaa’ jedhanii isaaniif deebisani.10Yeroo isaan bitachuuf deemanii turettis mushurraan ni dhufee; warri duruma qophaa’anii turanis, isa wajjin gara mana cidhichaatti deemani; sanaan boodas, balballi mana cidhichaa ni cufame.11Erga manni cidhaa sun cufamee boodas, warri gowwoonni suni dhufanii, ‘Gooftaa, gooftaa, maaloo nuuf bani’ jedhani. 12Inni garuu, ‘Ani dhuguman isiniin jedha; ani isin hin beeku’ jedhee isaaniif deebise. 13Kanaafuu egaa, isin guyyaa fi sa’aatii isaa waan hin beekneef, of eegadhaa.14“Dhimmi kuni egaa akka nama biyya biraa deemuuf jiru tokkoo ti. Innis hojjetoota isaa waamee, qabeenya isaa isaanitti kennate. 15Innis, isa tokkotti qarshii kuma shan, isa biraatti qarshii kuma lama, isa hafetti immoo qarshii kuma tokko kennee. Namtichis, tokko tokkoo isaaniitti akkuma dandeetti isaaniitti erga kenne boodas, gara biyya biraatti ni deeme. 16Hojjetichi inni kuma shan fudhatee ture sunis, battalumatti deemee ittiin hojjetee kuma shan buufate.17Haaluma wal fakkaatuun, hojjetaan inni kuma lama fudhatee tures, hojjetee kuma lama buufate. 18Hojjetaan inni kuma tokko fudhatee ture suni garuu, deemee boolla qotuudhaan maallaqa gooftaan isaa itti kennate sana ni awwaale.19Yeroo dheera booddees, gooftaan hojjetoota sanaa deebi’ee dhufe; horii isaa isa isaan irraa qabus shallagee fudhate. 20Hojjetaan inni qarshii kuma shan fudhatee tures, qarshii biraa kuma shan dabalee fidee dhufe. Innis, ‘Yaa gooftaa, qarshii kuma shan anatti kennattee turte. Kunoo ani immoo qarshii kuma shan buufadheen jira’ ittiin jedhe.21“Gooftaan isaas, ‘Gaarii goote; ati hojjetaa gaarii fi amanamaa dha! Ati waan xinnoo irratti amanamtee jirta. Ani immoo waantota baay’ee irratti itti gaafatummaa nan siif kenna. Gara gammachuu gooftaan kee seeni’ isaatiin jedhe.22“Hojjetaan inni qarshii kuma lama fudhatee tures dhufee, ‘Yaa gooftaa, ati qarshii kuma lama anatti kennattee turte. Kunoo ani immoo qarshii kuma lama buufadheen jira’ jedhe. 23“Gooftaan isaas, ‘Gaarii goote; ati hojjetaa gaarii fi amanamaa dha! Ati waan xinnoo irratti amanamtee jirta. Ani immoo waantota baay’ee irratti itti gaafatummaa nan siif kenna. Gara gammachuu gooftaan kee seeni’ isaatiin jedhe.24“Achiin boodas, hojjetaan inni qarshii kuma tokko fudhatee tures dhufee, ‘Yaa gooftaa, akka ati garaa jabeessa taate nan beeka. Ati bakka facaastee hin turreetii ni haammatta; bakka bittinsinee hin turreetiis, ni sassaabbatta. 25Kanaaf jedheen anis waanan si sodaadhee tureef, qarshii kee fuudhee deemeen boolla keessa awwaaleen ture. Qarshiin kee kunoo ti’ jedhe.26“Gooftaan isaa garuu, ‘Ati yaa hojjetaa hamaa fi dhibaa’aa nana; ani bakkan facaasee hin turree akkan haammadhu; bakkan bittinsee hin turreetiis, akkan sassaabbadhu garuu ni beekta ture mitii? 27Kanaafuu, maallaqa koo mana baankii keessa otoo anaaf keessee turteetta ta’ee, amma yeroon deebi’ee dhufu dhala isaa wajjin nan fudhadha ture.28Kanaafuu egaa, qarshii koo kuma tokko sana harkaa fuudhaatii, hojjetaa isa qarshii kuma kudhan qabu sanaaf kennaa. 29Isa qabuuf, dabalamee ni kennama; hanga isa irraa hafuttis ni hora. Isa hin qabne irraa garuu, innumti inni qabu iyyuu isa irraa ni fudhatama. 30Hojjetaa isa gatii hin qabne kana alatti baasaatii dukkana keessatti, iddoo boo’anii fi ilkaan walitti qaramutti, gadi darbadhaa.31“Ilmi Nammaa, ergamoota hundumaa wajjin ta’ee, ulfina isaatiin yeroo dhufus, barcuma ulfinaa isaa irra ni taa’a. 32Namoonni biyya lafaa hundumtuu fuul dura isaatti walitti ni qabamu; akkuma tikseen tokko hoolota ro’oota keessaa footee addaan baaftutti, innis namoota sana gargar ni fo’a. 33Innis hoolota karaa harka mirgaa isaa, ro’oo immoo karaa bitaa isaa ni kaa’a34Achiin boodas, Mootichi warra karaa mirga isaa jiraniin, ‘Isin Abbaa kootiin eebbifamtanii waan jirtaniif, mootummaa isa uumama biyya lafaa irraatii jalqabee isiniif qophaa’ee jiru koottaatii dhaalaa. 35Isin yeroo ani beela’ee ture, beela na baaftaniittu; yeroon dheebodhee turettis, dheebuu na baaftanii jirtu; yeroo ani keessummaa ta’ee dhufes, na keessummeessitanittu. 36Isin yeroo ani qullaa hafee turettis, natti uffiftanii jirtu; yeroon dhukkubsadhee tures, na waldhaantaniittu; yeroon mana hidhaa keessa tures, dhuftanii na gaafattanii jirtu’ jedhe.37“Achiin boodas, warri qajeelonni, ‘Gooftaa, yeroo ati beeloftu yoom arginee, si nyaachifnee beekna? Yoomis dheebuu kee arginee, si obaafnee beekna? 38Keessumummaa kees yoom arginee, si keessumeessinee beekna? Yookiin immoo, yoom qullaa ta’uu kee arginee, sitti uffifnee beekna? 39Dhukkubsachuu kees, mana hidhaa galuu kees yoom arginee, dhufnee si gaafannee beekna?’ jedhanii deebisu. 40“Mootichis, ‘Ani dhuguman isiniin jedha; inni isin obboloota koo warra hundaa gadi ta’aniif goochaa turtan, akka anaaf gootaniitti ilaalama’ jedhee isaaniif ni deebisa.41Achiin boodas, Mootichi warra karaa harka bitaa isaa jiraniitiin, ‘Isin warra abaaramtoota nanaa, ana biraatii gara boolla ibiddaa isa kan bara baraa, iddoo Seexanaa fi ergamoota isaaf qophaa’ee jirutti, badaa. 42Sababni isaas, yeroo ani beela’ee turetti, isin beela nan baafne; yeroon dheebodhee turettis, dheebuu nan baafne. 43Isin, yeroo ani keessummaa ta’ee dhufee turettis, ana hin keessummeessine; yeroo ani qullaa hafee turettis, natti hin uffifne; yeroon dhukkubsadhee turettis, yeroon hidhamee turettis, isin homaa anaaf hin goone ture’ ni jedha.44Isaanis, ‘Gooftaa, ati beela’uu kee, dheebochuu kee, keessummaa ta’uu kee, qullaa ta’uu kee, dhukkubsachuu kee, akkasumas immoo, hidhamuu kee, yeroo kami kan nuti si arginee, si tajaajiluu dhiifne?’ jedhanii deebisanii isa ni gaafatu. 45“Achiin boodas, Inni immoo, ‘Ani dhuguman isiniin jedha; warra hundumaa gadi ta’aniif homaa gochuu dhiisuun keessan, anaaf akka homaa hin gooneetti fudhatama’ jedhee isaaniif ni deebisa.46Isaan kuni gara adabbii bara baraatti ni deemu; warri qajeelonni garuu, gara jireenya bara baraatti ni deemu” jedhe.
1Yasuus dubbiiwwan kana hundumaa erga xumuree boodas, barattoota isaatiin, 2“Guyyaa lama booddee ayyaanni Faasikaa akka dhufu ni beektu; Ilmi Nammaas fannifamuudhaaf dabarfamee ni kennama” jedhe.3Achiin boodas, dura buutonni lubootaa fi manguddoonni uummataa masaraa luba ol aanoo, isa Qayyaafaa jedhamee waamamu ture, keessatti walitti qabamani.4Yasuusiin malaatiin attamitti akka qabsiisanii fi achiin boodas, ajjeesan irratti mari’atani. 5Yeroo mari’atanittis, “Namoonni jeequmsa akka hin kaafneef, yeroo ayyaana sanaa ta’uu hin qabu” jechaa turani.6Yasuus biyya Bitaaniyaa, mana Simi'oon isa lamxaa’a keessa, ture. 7Yeroo sanattis, yeroo Yasuus maaddiitti dhiyaatee turetti, dubartiin tokko, shittoo gatii guddaa baasu qodaa shurrubbee keessatti qabattee, gara isaa dhuftee shittoo sana mataa isaa dibde. 8Barattoonni isaa garuu yeroo kana argan waan aaraniif, “Sababa maalif jetteetu akkas balleessita? 9Kuni horii baay’eetiin gurguramee warra hiyyeessotaaf kennamuu ni danda’a ture” jedhani.10Yasuus garuu sababa isheen kana gootuuf waan beekuuf, “Maaliif dubartii kana rakkiftuu? Isheen waan gaarii anaaf gootee jirti. 11Warra hiyyeessota yeroo hundumaa of biratti ni argattu; anaan garuu yeroo hundumaa of biratti hin argattani.12Isheen shittoo kana dhaqna kootti yeroo dibdu, isheen awwaalcha koof ana qopheessuudhaaf kana goote. 13Ani dhuguman isiniin jedha; guutummaa biyya lafaa, iddoo oduun gammachuu kuni lallabamu, irratti, waanti isheen goote kunis, seenaa ishee ta’ee, ni dubbatama” isaaniin jedhe.14Achiin boodas, barattoota warra kudha lamaan keessaa tokko, inni Yihudaa isa Iskaariyoot jedhamu, gara dura buutota luboota deeme. 15Innis, “Yoo ani isa dabarsee isiniif kenne, isin immoo anaaf maal gootu?” ittiin jedhee isaan gaafate. Isaanis meetii soddoma isaaf murani. 16Yihudaanis yeroo sanaa irraa jalqabee, mala ittiin dabarsee isa kennu barbaadaa barbaada ture.17Guyyaa jalqabaa gaafa ayyaana Maxinoos, barattoonni isaa gara Yasuus dhufanii, “Hirbaata ayyaana Faasikaa eessatti akka siif qopheessinu barbaadda?” jedhanii isa gaafatani. 18Innis, “Gara magaalaa deemaatii gara nama tokkoo dhaqaatii, namichaatiinis, ‘Barsiisaan “Yeroon koo ga’ee jira. Ayyaanna Faasikaa, barattoota koo wajjin, mana keettin ayyaaneffadha jedha’ jedhaatii itti himaa” isaaniin jedhe. 19Haaluma Yasuus isaan ajajeenis, barattoonni isaas Hirbaata Faasikaa ni qopheessani.20Yeroo galgalli ga’es, Yasuus, barattoota isaa kudha lamaan wajjin, hirbaata nyaachuuf maaddiitti dhiyaatani. 21Otoo dhuma nyaachaa jiraniis, Yasuus, “Dhuguman isiniin jedha; isin keessaa tokko hin nagana” jedhe.22Isaanis hedduu gaddani; tokko tokkoon isaaniis, “Dhugaa dubbachuuf, ana miti mitii, Goofta?” jedhanii isaa gaafachuu jalqabani.23Innis, “Isa harka isaa gara maaddiitti ana wajjin hiixatee xuqatu sanatu na gana.24Ilmi Nammas, akkuma waa’ee isaa barreessamee jiru sanaatti, ni deema. Namicha isa Ilmi Namaa ittiin ganamu sanaaf garuu, wayyoo! Namichi suni otoo dhalachuu baatee isaafi wayya ture” jedhee isaaniif deebise.25Yihudaan, inni isa ganuuf jedhu sunis, “Ana dhaa, Barsiisa?” jedhee Yasuus gaafate. Innis, “Sumatu ofiin jedhe” ittiin jedhe.26Otoo dhuma nyaachaa jiraniis, Yasuus buddeena fuudhee erga eebbisee booda buddeenichas ni mummure. Barattoota isaatiinis, “Fudhadhaatii nyaadhaa. Kuni foon qaama kooti” jedhee buddeena mummure sana isaaniif kennee,27Kubbaayyaas fuudhee erga galateeffatee booda isaaniif kennee, “Hundumti keessanuu dhugaa. 28Kuni dhiiga koo, isa namoota baay’eef cubbuuwwan isaanii isaaniif dhiisuudhaaf isa kakuutiin waadaa galamee ture sana cimsuuf, kan dhangala’u dha.29Ani garuu, hanga gaafa guyyaa ani mootummaa Abbaa koo keessatti wayinii isa haaraa isin wajjin dhugutti, wayinii kana deebi’ee akkan hin dhugne isinittan hima” jedhe.30Faarfannaa erga faarfatanii boodas gara Tulluu Ejersaatti ol ba’ani.31Sana boodas, Yasuus, “Hardha galgala hundumti keessan iyyuu, sababa koo irraa kan ka’e, ana jalaa ni mucucaattu; kunis kan ta’u, ‘Ani tiksee sana nan rukuta; Achiin boodas hoolonni sunis ni bittinna’u’ jedhamee haaluma barreessamee jiru sanaatiini dha. 32Du’aa eergan kaafamee booda garuu, anatu isin durseen Galiilaa dhaqa” isaaniin jedhe.33Pheexroos garuu, “Hundumti isaanii iyyuu si jalaa yoo mucucaatan (si irraa yoo baqatan) illee, ani garuu gonkuma hin mucucaadhu” ittiin jedhe. 34Yasuusis, “Dhuguman siin jedha, halkanuma kana, handaaqoon otoo hin iyyiin dura, ati si’a sadii na ganta” isaatiin jedhe. 35Pheexroosis, “Sii wajjin du’uun dirqama natti yoo ta’e illee, ani siitiin hin ganu” jedheeni. Barattoonni warri kaanis akkasuma jedhani.36Achiin boodas, Yasuus isaan wajjin gara bakka Geetesemmaanee jedhamu tokkoo deemee, barattoota isaatiinis, “Ani achi deemeen kadhadhaa; isin asuma ta’aa” jedhe. 37Yasuusis Pheexroosii fi ilmaan Zabdiwoos lamaan of faana fudhatee deemuudhaan gadduu fi jeeqamuu (dhiphachuu) jalqabe. 38Sana boodas, isaaniitiin, “Lubbuun koo hamma du’aatti illee gadi fageenyaan gaddaan guutamee jira. Isin asuma turaatii anaa eegaa” jedhe.39Innis xinnoo achi siiqee adda isaatiin gombifamee kadhate. Innis “Yaa Abbaa koo, yoo ni danda’ama ta’e, kubbaayyaan dhiphinaa kun ana irra haa darbu. Garuu immoo akka fedhii koo otoo hin taane, akkuma fedhii keetti haa ta’u” jedhee kadhate. 40Ergasiis, gara barattoota sanaa dhufee otoo isaan rafaa jiranii waan argeef, Pheexroosiin “Maali, isin saa’aatii dhuma tokkoof illee anaa eeguu hin dandeenye jechaa dha? 41Gara qormaataatti akka hin galleef jabaadhaatii kadhaahaa. Afuurri fedhii qabaatu illee, foon garuu dadhabaa dha” jedhe.42Yeroo lammaffaafis achi deemee ni kadhate. “Yaa Abbaa koo, yoon dhuge malee kuni ana irraa darbuu hin danda’u yoo ta’e, fedhiin inni kan kee haa ta’u” jedhees kadhate.43Ammas deebi’ee yeroo dhufu, otoo isaan rafaa jiranii isaan arge; ijji isaanii itti ulfaatee ture. 44Kanaafuu, isaaniin achumatti dhiisee, ammas achi siiqee yeroo sadaffaadhaaf isuma dura jechaa ture jedhee kadhate.45Achiin boodas, Yasuus gara barattoota sanaatti debi’ee dhufee, “Amma iyyuu raftanii boqachaa jirtuu? Yeroon suni kunoo ga’ee jira; Ilmi Namaas harka cubbamtootaatiin ni ganama. 46Ka’aa, haa deemnu! Inni ana ganu sunis kunoo as dhiyaatee jira” isaaniin jedhe.47Otoo dhuma Yasuus dubbachaa jiruus, Yihudaan, inni warra kudha lamaan keessaa tokko ta’e, gara isaanii ni dhufe. Namoonni hedduunis, warri dura buutota luboota fi manguddoota uummataa biraa ergamani, isa wajjiniin dhufani. Isaanis cuubee (billaa) fi eeboo qabatanii dhufani. 48Namichi inni Yasuusiin ganee dabarsee isa kennuuf jedhe sunis, “Inni ani dhungadhu suni namicha dha. Isa qabadhaa” jedhee milikkitaan isaanitti himee ture.49Battaluma sanattis, Yihudaan gara Yasuus dhufuudhaan, “Attam jirta, Barsiisa!” jedhee isa dhungate.50Yasuusis, “Michuu ko, waan gochuuf as dhufte godhi” ittiin jedhe. Achiin boodas, jaroonni dhufanii harka isaanii Yasuus irra godhanii isa qabani.51Kunoo, warra Yasuus wajjin turan keessaa inni hiixatee cuubee isaa erga luqqifatee booda, hojjetaa luba ol’aanoo rukutee, gurra isaa irraa kutee buuse. 52Sana boodas, Yasuus, “Cuubee kee mann’ee isaatti deebisi; warri cuubee luqqifatan hundumtuu cuubeedhaan ni badu. 53Ani Abbaa kootti iyyadhee (himadhee), inni immoo waraana ergamoota isaa kudha lama irra kan caalan iyyuu akka anaaf ergu, gochuu waan ani hin dandeenye sitti fakkaataa? 54Kuni ta’uu akka qabu, isa Kitaabni Qulqulluu jedhu garuu attam godheetu raawwata ree?” isaatiin jedhe.55Yeroodhuma sanattis, Yasuus namoota achitti walitti qabamanii jiraniitiin “Akka hattuutti (saamtuutti) ana lakkooftaniitu (ilaaltaniitu) anaan qabuudhaaf cuubee fi eeboo qabattanii dhufanii? Ani guyyaa guyyaadhaan mana sagadaa keessa taa’een barsiisaa ture; isinis ana hin qabne ture. 56Hundumti kunuu amma kan raawwate garuu, inni raajonni barreessanii ture akka guutamuuf jedheetu” jedhe. Achiin boodas, barattoonni hundumtuu achitti isa gatanii baqatani.57Warri Yasuus qaban sunis isa fuudhanii iddoo barreessitootni seeraa fi manguddoonni walitti qabamanii jiranitti, gara Qayyaafaa, isa luba ol’aanoo, isa geessani. 58Pheexroos garuu hanga dallaa mana luba ol’aanoo sanaatti, irraa fagaatee Yasuus duukaa bu’ee deeme. Waanta ta’u ilaaluudhaafis, ol seenee warra eegdotaa wajjin taa’e.59Dura buuttonni lubootaa fi guutummaan walii gala yaa’ii Yasuusiin ajjeesuu kan isaan dandeessisu yakka sobaa irratti barbaaduu jalqabani. 60Dhugaa baastonni baay’een dhufanii sobaan isa irratti dhugaa ba’an illee, balleessaa tokko illee irratti hin arganne. Booda irra garuu, namni lama fuul duratti dhufani. 61Isaanis, “Namichi kuni, ani mana sagadaa diigee eergan balleessee booda, guyyaa sadii keessatti deebisee ijaaruu nan danda’a jedhee ture” jedhan.62Lubni ol’aanaanis ol ka’ee erga dhaabbatee booda, “Deebi’ii hin qabduu? Inni isaan si irratti dhugaa ba’aa jiran kuni maali dha?" jedhee Yasuus gaafate. 63Yasuus garuu cal jedhe. Lubni ol’aanaanis, “Maqaa Waaqayyoo isa jiraataatiin nan si ajaja (gaafadha); ati akka Kiristoos, Ilma Waaqayyoo, taate nutti himi” isaatiinjedhe. 64Yasuusis, “Atumtuu ofiin kee jettee jirta. Garuu, nan sitti himaati, amma irraa jalqabee, ati Ilma Namaa kan argitu yeroo inni karaa harka mirgaa isa Abbaa Angoo taa’uu fi yeroo iinni karaa hurrii waaqa keessaa dhufu dha” jedhee isaaf deebise.65Achiin boodas, lubni ol’aanaan suni aaree uffata isaa tarsaasee, “Kan inni dubbate arrabsoo dha! Kana irra egaa dhugaa baatota maalii nu barbaachisaa? Kunoo, amma iyyuu arraboo isaa dhageessani jirtu. 66Maal isinitti fakkaata?” jedhe. Isaanis, “Inni ajjeefamuu (du’uu) qaba” jedhanii deebisani.67Sanaan booddees, fuula isaa irratti tufanii; ulee qabatanii jiraniitiins, isa reebani; warri kaanis isa kakkabalani. 68“Mee raajii keetiin nutti himi, Kristoos. Inni si rukute eenyu dha?” jedhaniini.69Yommus Pheexroos ala dallaa keessa taa’aa turetti, intalli hojjettuu taate tokko gara isaa dhuftee, “Atis Yasuus isa Galiilaa sanaa wajjin turte” jette. 70Inni garuu, “Waa’ee maalii akka dubbachaa jirtu ani hin beeku” jedhee hunduma isaanii fuul duratti kaade.71Yeroo inni gara karra balbalaatti gadi ba’aa turettis, intalli hojjettuun isheen biraa tokkos isa argitee, “Namichi kun Yasuus isa Naazireet sanaa wajjin ture” jettee warra achi dhaabatanii jiranitti himte. 72Innis ammas, “Ani namicha kana hin beeku” jedhe kakachuudhaan kaade.73Yeroo muraasa booddees, warri achi dhaabbachaa turani dhufanii, “Dhuguma dha; ati isaan keessaa isa tokko dha; akkaataan ati itti dubbattu iyyuu, ni si hima” jedhani. 74Innis, “Ani namicha kana hin beeku” jedhee of abaaruu fi kakachuut akkuma inni jalqabetti handaanqoon iyyite. 75Pheexroosis waan Yasuus itti dubbatee ture, “Handaanqoon otoo hin iyyin dura, ati yeroo sadii na ganta” sana yaadate. Achiin boodas, Pheexroos gadi ba’ee maassanee boo’e.
1Akkuma lafti bari’eenis, dura buuttonni lubootaa fi manguddoonni uummataa hundumtuu akkaataa Yasuus ajjeesuu danda’an irratti mari’atani. 2Isaanis, isa hidhanii gara bulchaa biyyaattii, Philaaxoos, geessanii dabarsanii isa kennani.3Achiin boodas, Yihudaan, inni dabarsee isa kenne, Yasuusitti faradamuu isaa erga baree booda, waan godhetti gaabbuudhaan, meetii soddoma sana dura buutota luboota fi manguddootatti deebisee kenne,4Innis, “Ani dhiiga balleessaa hin qabnee (qulqulluu ta’e) kaaduudhaan cubbuu hojjedheera” isaaniin jedhe. Isaan garuu, “Unuutiin maaltu nu dhibe ree? Atumti ofii keef maladhu malee” isaatiin jedhani. 5Achiin boodas, Yihudaanis meetii sana mana sagadaa keessatti darbatee achiitii deeme; achi sokkees of fannise.6Dura buuttonni lubootaas meetii sana fuudhanii, “Meetiin kuni gatii dhiigaaf kaffalame waan ta’eef, qabeenya keenyatti dabaluun seera miti” jedhani.7Dhimma kana irratti erga mari’atanii boodas, maallaqichaatiin iddoo awwaalcha warra keessummoota ta’aniif kan oolu, lafa nama suphee dha’u tokkoo bitani. 8Sababa kanaafis, lafti suni hanga har’aatti iyyuu “Lafa Dhiigaa” jedhamee waamama.9Achumaanis, inni Ermiyaas raajichaatiin dubbatamee ture sunis ni raawwatame. Innis, “Isaanis meetii soddoma, gatii isa ilmaan Israa’el isa irratti muran sanaa, ni fuudhanii. 10Isaanis, akkuma Gooftichi anaan ajajee turetti, gatii lafa namicha isa suphee dha’u sanaaf kennani” kan jedhu ture.11Yasuus fuul dura bulchaa biyyaa dhaabate; bulchaan biyyaa sunis, “Ati Mootii Yihudootaa ti?” jedhee isa gaafate. Yasuusis, “Sumatu akkas jedha” jedhee isaaf deebise. 12Yeroo dura buuttonni lubootaa fi manguddoonni isa yakkan (himatan) garuu, inni deebii’ii tokko iyyuu hin laanne ture. 13Achiin boodas, Philaaxoos, “Dhimma meeqaan akka isaan si himachaa jiran hin dhageessuu?” ittiin jedhe. 14Inni garuu jecha tokko illee waan hin deebisneef, bulchaan biyyaa sunis baay’isee ajaa’ibame.15Bulchaan biyyaa yeroo ayyaana hidhamaa tokko filannoo uummataatiin akka hiiku kan baratame dha. 16Yeroo sanatti hidhamaan baay’ee rakkisaa (gidiramaa) kan ta’e, inni Baraabaas jedhamu, tokko hidhamee ture.17Yeroo namoonii dhufanii achitti walitti qabamanii turettis, Philaaxoos, “Eenyuun akkan isiniif hiiku barbaaddu? Baraabaas moo Yasuus, isa Kiristoos jedhamu, dha?” jedhee isaan gaafate .18Isaan Yasuusiin dabarsanii isaatti kan kennan hinaaffaadhaan akka ture inni ni beeka. 19Otoodhuma inni barcuma firdii irra taa’ee jiruuttis, haati manaa isaa ergaa, “Namicha qulqulluu sana homaa hin godhiin. Abjuu kootiin waa’ee isaa kanan argee ture irraa kan ka’e, har’a baay’ee dhiphachaan jira" jedhu itti ergite.20Dura buuttonni lubootaa fi manguddoonni garuu, akka isaan Baraabaas nuu hiikiitii Yasuus immoo balleessi jedhanii isa gaafatan namoota sana dura dabarsanii amansiisanii jiru, 21Bulchaan biyyaa sunis, “Isaan lamaan kana keessaa eenyuun akkan isiniif hiiku barbaaddu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Baraabaas” jedhani. 22Philaaxoosis, “Yasuus, isa Kiristoos jedhamu immoo, maal godhu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Isa fannisi” jedhani.23Achiin boodas, innis, “Maaliif? Yakka attamii hojjetee jira?” jedhee isaan gaafate. Isaan garuu isa duraa irra caalchisanii, “Isa fannisi” jedhanii iyyani. 24Philaaxoosis caalaatti jeequmsa kaasuu irraa kan hafe, homaa buusuu akka hin dandeenye waan hubateef, bishaan fudhatee fuul dura namoota sanaatti “Ani dhiiga nama kanaa irraa bilisa dha ( Ani dhiiga nama kanaa keessaa harka hin qabu). Isin garuu beekkadhaa” jedhee harka isaa dhiqatee,25Namoonni hundumtuu, “Dhiigni isaa nu fi ijoollee keenya irraatti haa ta’u” jedhani. 26Sanaan boodas, Philaaxoos Baraabaas isaaniif hiike; Yasuusiin garuu, garafee akka fanniifamuuf dabarsee isa kenne.27Achiin boodas, loltoonni bulchaa biyyaa Yasuusiin gara mana mootummaa gidduu galeessaatti fudhatani; loltoota biyyaattii hundumas achiitii walitti qabani.28Isaanis wayyaa isaa irraa baasanii, uffata diimaa itti uffisani. 29Gonfoo qoraattiis hojjetanii, mataa isaa irra kaa’ani; ulees harka mirgaa isaa keessas kaa’ani. Fuuldura isaattis jilbeeffatanii, “Nagaa keetii ree, yaa Mootii Yihudootaa” jedhanii itti qoosani.30Isattis tufanii; ulee sanas fuudhanii mataa isaa irra deddeebi’anii rurrukutani. 31Erga itti qoosaa turanii boodas, uffata sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii itti uffisanii fannisuudhaaf isa fuudhanii deemani.32Akkuma gadi ba’aniinis, nama biyya Qareenaa, kan Simi’oon jedhamu tokko, argatanii akka inni fannoo Yasuus baatee isaan wajjin deemu isa dirqisiisani. 33Isaan bakka Golgootaa, (isa hiikni isaa “Bakka Lafee Mataa” ta’e) jedhamutti dhufani.34Bakka sanattis, waynii, hadhooftuu wajjin walitti makame, akka inni dhuguuf isatti kennani. Innis erga qammasee booda, dhuguuf garuu ni jibbe.35Erga isa fannisanii boodas, uffata isaas safaranii hirmaatan. 36Taa’aniis isa eegani. 37Barreeffama inni ittiin yakkame kan ibsu, “Inni kuni Yasuus, Mootii Yihudootaa, dha” kan jedhu mataa isaa irra kaa’ani.38Samtonni lamas, inni tokko karaa mirga isaatti, inni kaan immoo karaa bitaa isaatti, isaa wajjin fannifamanii turani. 39Warri achiin darbanis mataa isaanii ittii raasanii isa arrabsaa turani.40Isaanis, “Ati inni mana sagadaa diigdee, guyyaa sadii keessatti ijaaruuf turte, mee of fayyisika! Ilma Waaqayyoo yoo taate, fannoo irraa mee gadi of buusika!” jedhanii arrabsu turani.41Haaluma wal fakkaatuun, dura buutonni lubootaa, warra barreesitoota seeraa fi manguddootaa wajjin ta’anii isaatti qoosaa turani. 42Isaanis, “Inni warra kaan fayyisaa ture, ofii isaa garuu fayyisuu hin dandeenye! Inni Mootii Israa’eli dha. Fannoo irraa yoo inni gadi bu’e, nuti immoo isatti ni amanna.43Inni Waaqayyotti ni amana; Waaqayyo isatti gammada yoo ta’e, mee amma du’a irraa isa haa oolchu (baasu) ka. Siluma iyyuu ‘Ani Ilma Waaqayyooti’ ofiin jechaa ture miti” jedhanii ittii qoosaa turani. 44Akkasumas, saamtonni isaa wajjin fannifamanis haaluma walfakkaatuun isa arrabsaa turani.45Sa’aatii ja’aa jalqabee hanga sa’aatii sagaliitti dukkanni biyyaa lafaa hundumaa irratti dhufe. 46Gara sa’atii sagaliittis, Yasuus sagalee guddaadhaan, “Eelii, Eelii lamaa sabaktaanii?” jedhee waammate; kana jechuunis, “Waaqayyoo ko, Waaqayyoo ko maaliif gadi na gatte?” jedhamee hiikama. 47Warra achi dhaabbachaa turan keessaa muraasni isaanii kana dhaga’anii, “Namni kun Eeliyaasiin waammataa jira” jedhani.48Battaluma sanattis, warra achi jiran keessa inni tokko fiigee ispoonjii fuudhee wayinii hadhaahaa keessatti erga cuuphee booda uleetti kaa’ee akka inni dhuguuf itti kenne. 49Warri kaan garuu, “Dhiisiin! Eeliyaas dhufee akka isa fayyisu (oolchu) mee ni ilaalla” jedhani. 50Achiin boodas, Yasuusis sagalee guddaadhaan iyyee afuura isaa kenne.51Kunoo, golgaan (maggaarrajaan) mana sagadaa, gubbaattii hamma gajjallaatti, bakka lamatti tarsa’e; lafti ni socho’e; kattaawwanis dhodho’anii adda addaan ba’ani.52Boollonni awwaalchaas ni banamanii; reeffonni namoota qulqulluu isaan ciisaa turanis ni kaafamani. 53Isaanis, eerga du’aa ka’uu Yasuus booddee, boolla awwaalchaa keessaa ba’anii, magaala qulqulluu keessa seenanii namoota hedduuttis mul’atani.54Dhibbaalaaan lolaa fi warri isaa wajjin Yasuusiin egaa turan, kirkira lafaa fi waantota yeroo sana ta’ani hundumaa waan arganiif, baay’ee sodaatanii, “Kuni dhuguma iyyuu Ilma Waaqayyoo ture” jedhani. 55Dubartoonni baay’een warri Galiilaa irraa jalqabee isa duukaa bu’anii isaaf hojjetaa turanis, halaala irra dhaabatanii ilaalaa turani.56Isaan gidduudhaas, Maariyaam ishee Maagdaliin, Maariyaam ishee haadha Yaaqoobii fi Yooseef fi haati ilmaan Zabdewoos achi turani.57Yeroo galgalli ga’us, sooressi Armaatiyaa, kan Yooseef jedhamu tokko ni dhufe; inni isa barataa Yasuusis ture dha.58Innis Philaaxoositti siiqee, reeffa Yasuus gaafate. Achiin boodas, Philaaxoosis akka isaaf kennamu ajaje.59Yooseefis reeffa isaa fuudhee, wayyaa haarrii quncee talbaatiin (wayyaa laayineeniitiin) kafane. 60Reeffa sanas boolla awwaalchaa haaraa isa ofii isaatiif garaa dhagaa keessatti qopheessee ture keessatti awwaale. Sana boodas, dhagaa guddaas balbala awwaalichaatti erga hirkisee booda achi deeme. 61Maariyaam isheen Maagdaliinii fi Maariyaam isheen biraas fuullee awwaalichaa taa’aa turani.62Guyyaan itti aanus, Guyyaan Qophaa’ummaa erga darbee isa boruusaa, dura buutonni lubootaa fi Faarisoonni Philaaxoos wajjin walitti qabamani. 63Isaanis, “Gooftaa! Inni nama gowwoomsaan suni yeroo lubbuudhaan ture sana, ‘Erga guyyaa sadii booda, ani deebi’ee nan kaafama’ akka jechaa ture yaadanneerra. 64Kanaafuu, awwaalichi hamma guyyaa sadaffaatti akka eegamu nuu ajaji; kuni ta’uu baannaan garuu, barattoonni isaa dhufanii isa hatanii, namootaanis, ‘Innii du’aa ka’eera’ ni jedhu. Gowwoomsaan isaa inni dhumaa kuni immoo isa duraa irra hamaa ni ta’a” jedhanii Philaaxoositti himani.65Philaaxoosis, “Nama eegu fudhadhaa. Dhaqaatiis akka beektanitti eegsisa” isaaniin jedhe. 66Isaanis bakka awwaalchaa sana deemanii dhagaa sana erga saamsanii booda nama eegus achi kaa’uudhaan awwaalicha eegsisani.
1Guyyaan Sanbataa erga darbee booda, gaafa barii jalqaba torbanii, Maariyaam isheen Maagdaliinii fi Maariyaam isheen biraas awwaalicha ilaaluuf achi dhaqani. 2Kunoo, ergamaan Goofticha tokko waaqa keessaa gadi bu’ee dhufee dhagaa isa balbala awwaalichaa irraa jiru sana achi garagalche yeroo inni irra taa’etti, kirkirri lafaa guddaan ni uumame.3Bifti isaa akka bakakkaati; uffanni isaa akka cabbiitti addaata.4Waardiyyoonni (Eegdonni) bakka awwaalichaas garmalee waan sodaataniif, akka namoota du’anii ta’ani.5Ergamichis dubartoota sana waamee, “Hin sodaatinaa; akka isin Yasuus isa fannifamee ture barbaadaa jirtan anuu beeka. 6Inni as hin jiru; akkuma jedhee ture sanattis, inni kaafameera. Koottaatii iddoo inni itti awwaalamee ture iyyuu ilaalaa.7Ammas dafaa deemaatii barattoota isaatti, ‘Inni du’aa ka’eera. Kunoo, inni isin dura Galiilaa ni dhaqa. Achittis isa ni argitu’ jedhaatii himaa. Kunoo, ani isinitti himeera” jedhe.8Dubartoonni sunis sodaa fi gammachuu guddaadhaan awwaalicha keessaa dafanii ba’anii, barattoota isaatti himuudhaaf fiigani. 9Kunoo, Yasuusis isaanitti dhufee, “Nagaa jirtuu!” jedhee nagaa isaan gaafate. Isaanis, gara isaa dhaqanii miilla isaa qabatanii isaa sagadani. 10Achiin boodas, Yasuus, “Hin sodaatinaa. Deemaatii gara Galiilaatti akka dhufan obboloota kootti himaa. Isaanis achitti na argu” isaaniin jedhe.11Dubartoonni suni otoodhuma gara jedhametti deemaa jiranii, kunoo, warra awwaalicha egaa turan keessaa muraasni isaanii duruu gara magaalittii dhaqanii, waantota ta’anii turan hundumaa dura buutota lubootaaatti himanii ture.12Luboonni sunis manguddoota wajjin wal arganii erga mari’atanii booda, maallaqa hedduu warra loltoota sanaaf kennani. 13Achumaanis, “Waa'ee isaa immoo, ‘Barattoonni isaa, yeroo nuti rafnee jirutti, dhufanii reeffa isaa hatani’ jedhaatii warra kaanitti himaa.14Dubbiin kuni bulchaa biyyaa bira yoo ga’es, akka rakkinni tokko iyyuu isin irra hin geenye goonee, nutuu isa ni amansiifna” jedhanii isaanitti himani. 15Loltoonni sunis, maallaqicha fudhatanii, akkuma isaanitti himame turettiis godhani. Dubbiin kunis warra Yihudoota gidduutti bal’inaan tamsaasamee odeeffame; hanga har’aatti illee, ittuma fufee jira.16Barattoonni kudha tokko suni garuu, haaluma Yasuus isaanitti ergeen gara Galiilaa iddoo tulluu sanaa deemani.17Yeroo isa arganis, isaa sagadani; muraasni isaanii garuu ni shakkani.18Yasuusis gara isaaniitti dhufee isaanitti dubbate; innis, “Aangoon hundumtuu waaqa fi lafa irratti anaaf kennameera.19 Kanaafuu, deemaatii uummattoota biyya lafaa hunda barattoota koo godhaa. Maqaa Abbaa, Ilmaa fi Afuura Qulqulluutiinis isaan cuuphaa.20Waantota ani isin ajajee (abboomee) ture hundumaafis akka abboomaman isaan barsiisaa. Hubadhaa! Ani yeroo hundumaa isin wajjin nan jira, hanga dhumaatii bara kanaatti illee” isaaniin jedhe.
1Kun Jalqaba wangeela Yesuus Kiristoos, ilma Waaqayyooti.2akkuma Isaayaas raajicha keessatti barreeffame."Ilaalaa, ani ergamaa koo fuula keessan dura ergaan jira, isa daandii kee qopheessu.3Sagaleen nama tokkoo lafa onaa keesssaa ni iyya,'gooftichaaf daandii tolchaa; daandicha qajeelchaa.”4Yoohaannis ni dhufe, lafa onaa keessatti cuuphaa fi cuuphaa qalbii jijjiirrannaa labsaa isa kan dhiifama cubbuu. 5Gutuummaan biyya Yihudaa fi Yerusaalen gara isaa dhaqani. Isaanis, galaana Yordaanos keessatti isaan cuuphamani, cubbuu isaaniittii qalbii jijjiirrachaa. 6Yohaannis gogaa gaanaa uffatee, mudhuu isaas saqii gogaan hidhate, hawaannisaa fi damma daammuus nyaate.7 Innis “Namni tokko ana booda ni dhufa, innis ana caalaa humna qaba; anis gadi jedhee illee hidhaa qophee isaatii hiikuun anaaf hin malu, 8Ani bishaaniin isin nan cuupha, inni garuu hafuura qulqulluun isun cuupha.”9 Kunis, guyya itti Yesuus Naazireet ishee Galiilaa keessaa dhufe ta’e; inni galaana Yoordaanos keessatti Yohaannisiin cuuphame. 10Akkuma Yesuus bishaanicha keessaa ba’een, utuu waaqni gargar saaqamuu argee, utuu hafuurri bifa gugeetiin isa irratti gadi bu’uu. 11Sagaleenis waaqa irraa dhufe, “Ati ilma koo isa jaallatamaadha. Ani baay’een sitti gammada.”12Hafuurris akka inni gara lafa onaa dhaqu isa dirqisiise. 13Innis guyyaa afurtama lafa onaa keessa ture; Seexanaanis qoramutti ka’e. Inni bineesnota bosonaa wajjin ture, ergamoonnis isa tajaajilaniiru.14Amma erga Yohaannis qabamee, Yesuus wangeela Waaqayyoo lallabaa gara Galiilaa dhufe. 15Innis, “Yerichi ga’eera, mootummaan Waaqayyoos dhiyaateera. Qalbii jijjiirradhaatii wangeelattis amanaa.”16 Inni utuu galaana Galiilaa cina adeemaa jiruu, Simoonii fi obbolessa isaa Indiriyaasiin utuu kiyyoo darbatanii arge, isaanis qurxummii qabdoota turan. 17Yesuusis, “Kottaatii ana duukaa bu’aa, anis kan namoota qabdan isin nan godhaa.” isaaniin jedhe. 18Isaanis battaluma kiyyoo isaanii dhiisanii isa duukaa bu’an.19 Yesuus utuu xiqqoo irra siqee adeemuu, Yaaqob ilma Zebdiyoosii fi obboleessa isaa Yohaannisiin arge. Isaani doonii keessaa kiyyoo isaanii suphaa turan. 20Innis isaan waame, isaanis abbaa isaanii Zebdewoosiin hojjetaa isaa qacaree wajjin doonii keessatti dhiisanii isa duukaa bu’an.21Isa booda isaan gara Qifirnaahoma dhufan; guyyaa sanbataa irra, Yesuusis gara mana sagadaatti ol seenee barsiise. 22Isaanis barsiisa isaa ni dinqifatan, waan inni akka warra barreessitotaatti utuu hin ta’in, akka nama aboo qabuutti barsiiseef.23Yeroo sana mana sagadaa isaanii keessatti namni hafuura hamaan keessa ture tokko ni iyye. 24“Yaa Yesuus isa Naazireet, nuti sii wajjin maal walittii qabna; ati nu balleessuu dhuftee? Ani eenyuun akka ati taate beeka. Ati isa qulqulluu kan Waaqayyooti” 25Yesuusis seexanicha ifatee, "cal jedhii isa keessaa ba’i!” jedhe. 26Hafuurri xuraa’aan sunis isa kuffisee sagalee guddaadhaan iyyee isa keessaa ba’e.27sabni hundumtuus ni aja’ibsiifatan, barsiifni haaraan aboo wajjinii “kun maali?” jedhaniis wal-gaafatan. Inni hafuurota hamaa illee ni abbooma, isaanis ni abboomamuuf!” jedhan. 28Oduun waa’ee isaatiis guutummaa kutaa Galiilaa keessa wal ga’e.29 Erga mana sagadaa keessaa ba’anii, gara mana Simoonii fi Indiriyaas dhufan; Yaaqobii fi Yohaannisii wajjin. 30Amaatiin Simoonii dhukkuba qaama gubaan dhukkubsattee ciisaa turte, isaanis waa’ee ishee Yesuusuttu himan. 31Innis dhufee, harka ishee qabee, ol ishee kaase, ho’i qaamaa ishees ni dhiise, isheenis isa tajaajiluu eegalte.32Galgala sana erga aduun seentee, namoota dhukkubsatan hundumaa fi warra hafuurri hamaan keessa jiru gara isaa fidan. 33warri magaalattiis balbala duratti walitti qabaman. 34Namoota namoota baay’ee dhukkuba addaa addaa qaban fayyise, seexanoota hamoota baay’ees baase; garuu akka hafuuronni hamoonni sun dubbatan hin barbaanne waan isa beekaniif.35Inni ganama barii dukkanaa’e utuu jiruu ka’ee, gara bakka qoofni dhaqee, achittis kadhate. 36Simoonii fi warr isaa wajjin turan isa barbaadani. 37Isa arganiis “Namni hundumtuu si barbaadaa jira” jedhan.”38 Inni immoo, “bakka tokko gara mandaroota naannooo jiranii haa adeemnu, achittis akkan lallabuuf, anis kanumaafin dhufe.” Jedhe. 39Inni lallabaa, seexanootas baasaa Galiilaa hundumaa keessa darbe.40 Laxaa’aan gara isaa dhufe. Isas kadhate, inni jilbeefatee “yoo fedha kee ta’e ana qulleessuu dandeessa” jedhe. 41Gara laafinaan itti dhiyaatee, Yesuus harka isaa qabaae, itti bu’e, “ani fedheera, qullaa’i” ittii jedhe. 42Battaluma lamxiin isaa bade, innis ni qulleeffame.43Yesuus cimsee isa akeekkachiisee gad isa dhiise. 44“Nama tokkotti homaa tokko hin himin, garuu dhaqiitii, lubatti of argisiisi, waan qulloofteef immoo waan Museen abboome dhiyeessi, dhuga ba’uma isaaniif akka ta’utti” ittiin jedhe.45 Inni garuu adeemee walabumaan labsee sagalicha tamsaase, Kana booddee, Yesuus mulinaan gara magaalaatti hin seenne, garuu, irraa fagaatee taa’e. amma iyyuu namoonni bakka addaa addaatii gara isaa dhufaa turan.
1 Yersoo Yesuus guyyoota murasa boosa deebi’ee gara Qifirnaahom dhufe, akka inni mana jiru dhagaa’ame. 2Namoonni baay’eenis hanga bakki dhibutti achitti walitti qabaman, balbala duratti illee, innis sagalicha isaanitti dubbate.3Namoonni tokkos nama qaamni isaa lawaasa’e tokko gara isaatti fidani, namoota afur ta’anii baatanii. 4Isaan baay’ina namootaaf yeroo isa bira ga’uu dadhaban, guutuu guutuu manaa isa Yesuus gubbaa ture bananii, afata isa isa namichi lawaasa’aan sun irra ciisaa ture gara Yesuusitti gadi buusani.5Yesuus amantii isaanii ilaalee, namocha lawwaasa’aa sanaan “Yaa ilmaa, cubbuu kee siif dhiifameera.” 6Amma warri barreessitootaa achi ta’aa turan, garaa isaaniittis yaadani, 7"Namni kun akkamitti akkasitti dubbachuu danda’a? Inni Waaqayyoon arrabsa! Waaqayyoo malee eenyuutu cubbuu dhiisuu danda’a?”8Battaluma, waan isaan walii isaanii wajjin yaadan hafuura isaatiin hubate. “Garaa keessanitti maal yaadaa jirtu?” ittiin jedhe. 9Isa kamtu salphaadha, nama isa lawwaasa’aa “cubbuun kee siif dhiifameera” jechuumoo, “ka’ii dhaabadhu, afata kees fudhadhuu adeemi” jedhuudha?10 Garuu, akkuma beetu, ilmi namaa biyya lafaa irratti cubbuu dhiisuudhaaf aboo qaba” jedhe isa qaama miidhamaa sanaan. 11"ani sittin hima, ka’I, afata kee fudhadhu, gara mana kees dhaqi.” 12Inni battaluma ka’ee afata isaa fudhatee, utuu hundumtuu ilaalalanii gara mana isaa dhaqe; isaan hundumatuus ajaa’isiifatanii Waaqayyoofis ulfina kennani, “Kan akkasii arginee hin beeknu” jedhani.13Inni ammas gara ciisa bishaanii dhaqe, namoonni heduunis gara isaa dhufan, innis isaan barsiise. 14Yeroo inni bira darbe, godoo warra qaraxa fuudhanii jalattii Leewwii ilma Alfewos argee “Ana duukaa bu’i” ittiin jedhe, innis ka’ee isa duukaa bu’e.15Yesuus mana Leewwiitti nyaata nyaachaa ture, namoonni qaraxa funaanan baay’een, akkasuma warri cubbamoonni isaa wajjin nyaachaa turan, bartoonni isaas. Isaan baay’ee waan ta’aniif isa duukaa bu’a. 16Yeroo warri barreessitootaa, warri Fariisota ta’an, akka inni warra cubbamootaa fi warra qaraxa fuudhanii wajjin utuu inni nyaatuu argan bartootaan “Inni maaliif warra qaraxa fuudhanii fi warra cubbamootaa wajjin nyaata?” jedhan.17 Yesuus yeroo kana dhaga’e, "Namoonni warri qaamni isaanii jabaan, ogeessa fayyaa hin barbaadani, warra dhukkubsatan qofaa malee. Ani namoota warra qajeelota waamuudhaaf hin dhufne, warra cubbamoota malee” isaaniin jedhe.18Amma bartoonni Yohaannisii fi fariisonni soomaa turani. Namoonni tokko dhufanii “Bartoonni Yohaannisii fi duuka buutoonni fariisotaa maaliif soomi, bartoonni kee garuu hin soomani?” ittiin jedhan.19Yesuusis, “utuu misirroon isaanii wajjin jiruu, namoonni cidhatti hirmaatan ni soomuu? ittiin jedhe. Hanga misirroon isaan bira jirutti, isaan hin soomani.20Garuu guyyaan itti misirroon isaan biraa itti adeemu jira, guyyaa sana isaan ni soomu. 21Namni erbee moofaa uffata haaraa irratti hodhu hin jiru. Yoo kanaa achii erbicha moofaa sana ni tarsaasa, isa moofaa isa haaraa irraa, tarsaasuun isaas isa duraa irra kan caalu ta’a.22Namni kam iyyuu wayinii isa haaraa qodaa wayinii isa dullomaa keessa hin kaa’u. akka goonaan wayinichi qodicha ni dhoosa, wayinichaa fi qodaan sunis ni badu. Qooda kanaa, wayiniin haaraan qodaa wayinii isa haa kaassa ni ka’ama.”23 Guyyaa sanbataa tokko Yesuus oyiruu midhaanii keessa darbaa ture, bartoonni isaas mataa midhaanichaa kutatanii fudhatan. 24Fsriisonnis, “Ilaali, isaan maaliif waan guyyaa sanbataa seera hin taane hojjetu?” jedhan.25 Innis, “Waan Daawwit yeroo beela’ee nyaachuaa barbaade godhe dubbiftaniittuu, isaa fi namoonni isaa wajjin turan 26akka inni gara mana Waaqayyootti ol seen yeroo Abitaat luba ol aanaa ture, daaboo aarsaas nyaate, isa luba malee namni nyaachuu hin dandeenye. Keessa iyyuu namoota warra isaa wajjin turaniid kenneera.” Jedhe.27 Yesuus, “Sanbatni namaaf hojjetame malee, manatu sanbataaf hojjetame miti.” 28Kanaaf, Ilmani namaa sanbata irratti illee gooftaadha." Jedhe.
1 Yesuus ammas gara mana sagadaa dhaqe, namni harki isaa naafaa tokkos isaa wajjin ture. 2Namoonni yoo inni guyyaa sanbataatti isa fayyisa ta’e isa himachuudhaaf jedhanii isa ilaalani.3Yesuus namicha harka naafaa sanaan, “ka’iitii namoota kana gidduu dhaabadhu,” ittiin jedhe. 4Isa booda inni namootaan, “Guyyaa sanbataatti waan gaarii gochuumoo, waan miidhaa qabu gochuutu seera, lubbuu fayyuuf yookaan ajjeesuuf?” isaan garuu ni callisani.5Innis aariidhaan gara isaanii ilaale, inni gara jabina isaaniitti aaree, “harka kee diriirsi.” ittiin jedhe. Inni ni diriirse, harki isaas ni fayye. 6Warri fariisotaad gadi ba’anii battaluma, warra garee Heroodisii wajjin karaa ittiin isa ajjeesuu danda’aan mala maluu eegalan.7Yeruusis, bartoota isaa wajjin, gara galaanaa dhaqee, namoonni hedduunis Galiilaa fi Yihuudaatii isa duukaa bu’an. 8Yerusaalemii fi Edoomiyaasii, akkasuma Yoordaanosii fi naannoo Xiiroosii fi Sidoonaatii. Isaan yeroo waa’ee hojii inni hojjechaa turee dhagaa’an, sabni guddaan gara isaa dhufan.9Inni akka bartoon isaa sababii baay’ina namaa irraa kan ka’e doonni xiqqoo isaaf qopheessaniif itti hime. Akka isaan isa hin dhiphisnetti. 10Waan inni namoota baay’ee fayyiseef, namoonni rakkina qaban hawwiidhaan isa tuquudhaaf itti siqan.11 Hafuurri hamaan yeroo isa arge, isa datatti lafatti kufanii iyyan, isaanis, “Ati ilma Waaqayyooti.” jedhan. 12Inni akka isaan waa’ee isaa hin dubanne jabeessee isaan dhuwwe.13 Inni gara gaaraatti ol ba’e, warra barbaadus waame, isaanis gara isaa dhufan. 14Inni warra kudha lamaanii muude (warra duuka buutota jedhaa waame) akka isaan isaa wajjin ta’anii fi adeemaniis ergicha labsaniif. 15akkasuma akka isaan seexana baasuudaafis aboo qabaataniif. 16Inni warra kudha lamaa muude, Simoon, isa inni maqaa Pheexiroos jedhu kenneef,17 Yaaqob ilma Zabdiyoos fi Yohaannis obboleessa Yaaqob, inni ilmaan qaqawweessaa, 18Indiriyaas, Filiphoos, Batelemewos Maatewos, Toomaas, Yaaqob ilma Alfewos, taadewos, Simoon isa hinaafticha fi 19Yihudaa isa Asqoroticha, isa isa gane,20Isa booda inni gara manaa dhaqe, namoonni baay’een ammas isaa wajjin dhuufan, kanaaf isaan nyaata illee nyaachuu hin dandeenye. 21Yeroo maatiin isaa kana dhaga’aan, isa dhaabsisuu dhaqana, isaanis, “Inni sammuu isaan ala ta’eera” jedhan.22Warri barreessitootaa Yerusaalemii dhufan, “Inni Bi’eelxebuliin qaba” akkasuma, “ajaja seexanaan seexanootas baasa” jedhan.232523 Yesuus isaaniin gara ofii isaatti waamee fakkeenyaan “seexanni akkamitti seexana baasa? 24 24manii yoo walii gar gar cabe, dhaabachuu hin danda’u.26 seexannis yoo ka’ee walii isaa irratti ka’ee gar-gar cabe, innis dhaabachuu hin danda’u, garuu ni bada. 27Garuu, utuu nama isa jabaa sana dura jebeessee hin hidhun, namni nama jabaatti seenee qabeenyaa isaa hatu hin jiru.28 Ani dhuguman isinitti hima, cubbuun ilma namaa kam iyyuu ni dhiifama, inni isaa Waaqayyoo arrabsan illee, 29Garuu namni Hafuura qulqulluu arrabsu tasuma dhiifama hin argatu, gaabbii cubbuu bara baraa malee.” Jedhe.30Yesuus waan isaan “Inni hafuura xuraa’aa jedhaniif” jedhaniif kana jedhe.31 Isa booda haati isaa fi obbolaan isaa dhufanii bakkee dhaabatan. Isa waamsisuuf itti ergan. 32Namoo baay’ee isa duratti walitti qabamanii, “Haati kee fi obbolaa fi obboleettonni kee ala jiru, isaan si barbaadu.” Ittiin jedhan.33 Innis “Haati koo fi obboleen koo eenyu?” jedhe. 34Inni gara warra isatti naanna’anii ta’anii ilaalee, “Ilaalaa, haati koo fi obboleen koo kunooti! Jedhe. 35Namni fedha Waaqayyoo raawwatu, obboleessi, obboleettii fi haati koo isaani” jedhe.
1 Ammas galaana qarqaratti barsiisuu itti fufe, namoonni baay’eenis isa biratti walitti qabamani. Inni gara doonii isa galaana keessa jiruu dhaqe, isa keessas taa’e. guutummaan namoota baay’ee sun galaana qarqara galaanaa turan. 2Inni waantota baay’ee fakkeenyaan barsiise, barsiisa isaa keessattis, kana dubbate.3"Dhaggeeffadhaa! Qotee bulaan sanyii facaasuu ba’e. 4akkuma inni facaaseen, keessaa, kan daandii cina bu’e, simbirroonis dhuftee funaannatte. 5Sanyiin kaan dhagaa keessa bu’e, bakka itt biyyoon ga’aan hin arganne.6Yeroo aduun baate garuu, biqiltuun sun ni goge, hidda waan waan hin qabneef, hin goge. 7Sanyyiin kaan immoo qoraattii gidduu bu’e. qoraattiinis guddatee isa hudhe, kanaaf ija hin godhanne.8 Sanyiin inni kaan immoo biyyoo isa gaarii irra bu’eef biqilee guddate, ijas ni godhate, tokko soddoma, tokko ja’aatamaa fi kaan immoo dhibba godhate.” 9Kanaaf inni “Dhaga’uuf gurra kan qabum haa dhaga’u!” jedhe.10 Yeroo Yesuus qofaa ture, warri warra kudha lamaa wajjin isa bira turan waa’ee fakkeenyihcaa isa gaafatan. 11Innis, “Isiniif dhoksaan mootummaa Waaqayyoo isiniif kennameera. Garuu, warra bakkee jiran hundumaatti garuu waan hundumtuu fakkeenyaan dubbatama, 12kanaaf yeroo, ilaalan, eyyee ni ilaalu, garuu hin argani, akkasuma yeroo dhagaa’an, eyyee ni dhaga’u, garuu hin hubatani; yookaan deebi’anii, Waaqayyos isaaniif dhiisa.”13 Innis, “fakkeenya kana hin hubattanii? Ittiin jedhe. Akkamitti fakeenyota hundumaa hubachuu dandeessuree?” 14Inni facaasu sagalicha ni facaasa. 15Isaan kun warra daandii cinaati, bakka sanyihci bu’e. Isaan yeroo dhagaa’an, seexanni battaluma dhufee, sanyii isa isaan keessatti faca’e keessaa funaannate.16 Isaan kun immoo, sanyii warra dhagaa irra bu’eedha. Warra yeroo sagalicha dhagaa’an, gammachuudhaan dhagaa’an. 17Garuu, ofiif hidda gadi fagoo hin qabani, yeroo muraasaaf immoo ni jiraatu. Itti fufee, yeroo rakkinni yookaan ari’atamni dhufu sababii sagalichaaf, isaanbattaluma ni kufu.18 Amma iyyuu warri kaan warra qoraatti gidduutti facaafamaniidha. Isaan warra sagalicha dhagaa’aniidha. 19Garuu, yaadni biyya lafaa, gowoomsaan qabeenyaa fi fedhiin waanota kan biraa dhufee sagalicha ni hudha, inni bu’aa maleessa ta’a. 20Warri lafa isa gaarii irra facaaman immoo, warra sagalicha dhagaa’anii, fudhatanii ijas godhataniidha, soddoma, jaa’atamaa fi dachaa dhibba akkasuma.21 Yesuus, “Ibsaa mana keessa jiru guuboo jala, yookaa siree jala kaa’uuf ni fidduu? Fiddanii baattuu ibsaa irra ni keessu. 22Waan dhokfame waan hin mullanneef, waan banaa ta’ee hin dhinaanne dhoksaa miti. 23Namni dhaga’uuf gurra qabu, haa dhaga’u!”24Inni, "Waan dhageessanitti xiyyeeffanaa kennaa, safartuun ati gargaaramtu siifis waan itti safaramuuf, kan caaluns itti siif dabalama. 25Sababiin isaa kan qabuuf itti dabalama, isa hin qabne jalaa immoo kan inni kabu iyyuu duraa dudhama.26 Inni “Mootummaa Waaqayyoo akka nama lafa irratti sanyii facaasuuti” jedhe. 27Inni halkaniin rafee, guyyaa immoo ka’a, sanyichis biqilee ni guddata, yoodhuma inni akkamitti akka ta’e hin beeku ta’e. 28Lafti ofiidhuma isheen midhaan ni biqilichiti. Jalqaba haadduu, itti fufee gurra, isa booda gurraa isaa keessatti midhaan bilchaataa. 29Midhaannichi yeroo ga’u, yeroon sassaabuu waan ga’eef, battaluma haamtuu ni erga.”30 Inni ammas, “Mootummaa waaqayyoo maalitti fakkeessinaree, ibsuudhaafis fakkeenya akkamii gargaaramna? Jedhe. 31Inni akka ija sanaaficaati. Isa yeroo faca’u, sanyii lafa irra jiran caalaa xiqqoodha. 32Eyyee, yeroo facaafamu, guddatee midhaan oyiruu mukeetii keessa jiran ni caala, dame gurguddaas ni baafata, akka simbirroonni waaqaas man’ee isaanii irratti ijaarratanitti” jedhe.33 Inni fakkeenyota akkasii baay’eetiin sagalicha isaanitti dubbate. Hanga isaan hubachuu dandaa’an. 34inni fakkeenyaan malee isaanitti hin dubbanne. Garuu yeroo qofaa ture, waan hundumaa bartoota isaatiif ni ibse.35 Guyyaa sana, yeroo bari’e, “gara gamaatti haa ceenu.” jedhe. 36Kanaaf namoota baay’ee sana dhiisanii, Yesuusiin of biratti fuudhanii, akkuma inni doonii keessa jirutti. Doonniiwwan kan biraan isaanii wajjin turaniiru. 37Isa booda bubbeen jabaan ni ka’e, dha’aan isaan hanga dooniin sun bishaaniin guutetti itti gale.38 Yesuusis doonicha keessa ture, boraattii irra rafee. Isaanis ka’anii, “barsiisa, du’uun keenya sin dhibuu?” ittiin jedhan. 39Innis ka’ee, bubbicha ifate, galaanichaanis, “Nagaa, haa ta’u!” isa booda bubbichi ni dhaabate, isa booda tasgabbiin guddaan ni ta’e.40 Innis, “Maaliif sodaattu? Amma iyyuu amantii hin qabdanii?” 41Isaanis sodaan guddaan guutamanii, “Inni kun eenyuudha, bubbee fi galaannis kan isaas abboomamu?” waliin jedhan.
1 Isaan gamatti ni ce’ani, gara kutaa Genesaarexitti. 2Yeroo Yesuus doonii keessaa bu’e, namni hafuurri hamaan keessa jiru tokko awwaalcha keessaa itti ba’e.3 Namicha awwaalcha keessa jiraata. Namni isa dhaabuu danda’u hin jiru, fuuncaadhaan illee. 4Inni yeroo baay’ee isa ittiin harka hidhanii fi fuuncaadhaan hidhameera. Fuunichas kukkutee, isa ittiin harka isaa hidhanis ni caccabsa ture. Namni isa dhaabuuf humna qabu hin turre.5Guyyaa fi halkna awwaalcha keessatti, tulluuwwan keessattis, dhagaa qara qabu baatee ittiinis ofii isaa kuta. 6Inni yeroo fageenya irratti Yesuusiin arge, gara isaatti fiigee fuula isaa duratti gadi gombifame.7Sagalee guddaadhaanis iyyee, “Sii wajjin maalin walittii qaba, ilma Waaqayyoo isa guddaa? Ani Waaqayyoodhuma mataa isatiin sin kadhana, ana hin dhiphin.” Jedhe. 8Innis akkas ittiin jedhe, “hafuura hamaanana, namicha keessaa ba’i” jedhe.9 “Maqaan kee eenyuudha?” jedhee gaafate.Innis, “Maqaan koo Leegiyoon, nuti baay’eedhas.” jedhe. 10Inni akka inni kutaa sana keessaa isa hin ariineef irra deddeebi’ee kadhate.11Baay’een baay’een bakka sana, tulluu irra dheedaa turan. 12Isaanis “Gara booyyeewwaniitti nu ergi, isaanitti gallaa” jedhanii isa kadhatan. 13Inni hin eyyameef, hafuurroonni hamoon sunis keessaa ba’anii booyyeewwanitti galan. Booyyeewwan sunis gaara irraa gara galaanaatti gadi fiigan; gara booyyeewwan kuma lamaatus galaanatti seene.14 Isa booda warri booyyeewwan sana tiksaa turan fiiganii dhaqanii magaalotaa fi baadiyaatti himan, kanaaf namoonnis waanta ta’e ilaaluudhaaf ba’an. 15Isa booda gara Yesuus dhufanii nama hafuurri hamaan Leegiyoon keessa ture achi taa’ee argan. Uffataa sammuutti deebi’ee, isaanis ni sodaatan.16Warra waan nama hafuurri keessa ture kana irratti waan ta’e argan, gadi fageessanii isaanitti himan, waa’ee booyyeewwaniis itti himan. 17Isa booda akka inni naannoo isaaniitii adeemuuf kadhachuutti ka’an.18 Yeroo inni doonii seenaa ture, namichi hafuurri hamaan keessa ture akka inni isaa wajjin turuuf isa kadhate. 19Yesuus garuu tole hin jenne, garuu, “gara mana keessa fi gara namootaa dhaqiitii waan gooftichi siif godhe itti himi, akkamittis akka araara sitti argisiise.” 20Inni dhaqee Dikaapolisitti waan gudda Yesuus isaad godhe labsuutti ka’e, namni hundumtuus ni ajaa’ibsiifate.21 Yesuus amma yeroo galaana ce’e, namoonni baay’een naannoo isaatti walitti qabaman, inni galaana qarqara ture. 22Yeroo sana geggeessitoota mana sagadaa keessaa namni maqaan isaa Yaa’iroos jedhamu tokko dhufe, innis yeroo isa arge, miilla isaa jalatti kufe, 23Irra deddeebi’ee “mucaan durbaa koo isheen xiqoon du’uuf jetti, sin kadhadha akka ati dhuftee harka kee irra keessuus akka isheen fooyyotee fayyitutti” jedhee kadhate. 24Innis isaa wajjin dhaqe, namoonni baay’eenis isaa hordofani, nannoo isaattis wal dhiiban.25 Dubatiin dhiigni ishee waggoota kudha lamaaf dhanga’e tokkos achi turte. 26Ogeessota yaffaa biratti baay’ee dhiphattee, waan qabdu maras fixxe, garuu qooda itti fooyy’u itti hammaate. 27Isheen yeroo waa’ee Yesuus dhageesse, isa cina dhuftee qarqara uffata isaatii tuqxe.28 Isheenis, “yoon uffatuma isaa tuqe, nan fayya.” Jette. 29Isheen yeroo isa tuqxe, dhiigni ishee ni dhaabate, isheenis qaama ishee keessatti akka dhiphina ishee irraa fayyiye itti dhagaa’ame.30Yesuusis battaluma akka humni isa keessa ba’e itti dhagaa’ame. Inni gara sabichaatti gara galee, “eenyuutu ana tuqe?” jedhe.31Bartoonni isaas, “namoota hedduu naannoo kee jiran ni argita, ati immoo eenyutu ana tuqe jettaa?” jedhan.32Yesuus garuu eenyu akka isa tuqe baruuf naannoo isaa ilaale.33Dubartittiin, waan isheef ta’e beektee, sodaattee dhiphatte. Dhuftees isa duratti kufte, dhgaa hundumaas itti himte. 34Innis, “amantiin kee si fayyiseera ittiin jedhe, nagaan dhaqiitii dhipha keettiis fayyi.” Ittiin jedhe.35 Utuu inni dubbachaa jiruu, geggeessitoota mana sagadaa keessaa jarri tokko dhufanii, “intalli kee duuteetti. Maaliif barsiisaa rakkifta?” jedhan.36 Garuu Yesuus yeroo dubbii dubbatame dhaga’e, geggeessitoota mana sagandaan, “hin sodaatinaa, amanaa malee” jedhe. 37Pheexiroos, Yaaqobii fi Yohaannis obboleessa Yaaqob malee akka namni kan biraanisa duukaa hin adeeme godhe. 38Isaanis gara mana geggeessaa mana sagadaa dhufanii, utuu namoonni iyyanii argan, isaanii boo’aa, sagalee isaanii ol kaasanii iyyaas turan.39 Inni manatti ol seenee, “Maaloof aartanii boossu? Mucichi ni rafe malee hin duune.” Jedhe. 40Isaanis isatti qoosootti ka’an. Inni garuu, isaaniin dhiisee, abbaa mucaa, haadha fi warra isa bira turan fuudhee bakka mucaattiin jirtu seene.41Innis harka mucattii fuudhee, “xaalitaa quumii!” jedhe, hiikaan isaas, “mucaa durbaa xiqqoonana, ani siinan jedhaa, ka’i” jechuudha. 42Mucattiinis battaluma kaatee dhaabatte (isheenis mucaa waggaa kudha lamaa turte). Isaanis battaluma dinqii humnaan olii kana dinqifatan. 43Inni akka eenyu illee waa’ee kanaa hin dhageenyeef cimsee isaan abboome. Isa booda akka isaan waan ishee nyaattu isheef kannaniif ishee abboome.
1 Inni bakka sanaa adeemee, gara dhaloota isaa dhufe, duuka buutonni isaas isa hordofani. 2Yeroo guyyaa torbaffaan ga’e, inni mana sagadaa keessatti barsiise. Namoonni baay’een isa dhagaa’anii dinqifatan. Isaanis, “Inni barsiisa kana eessaa fide?” jedhan. “Ogummaa akkamiitu isaaf kenname?” “diniin inni harka isaatiin hojjetu maali?” 3"Kun isa muka soofticha mitii, ilma Maariyaam, obboleessa Yaaqobii fi Yooses, Yihudaa fi Simoon mitii? Obboleettonni isaa as nuu wajjin jiru mitii?” jedhanii isa maman.4 Yesuusis, isaaniin, “Raajiin kabaja qaba, bakka dhalootaa fi firoota isaa fi maatii isaa gidduutti malee.” Jedhe. 5Inni hojii guddaa kam hojjechuu hin danda’u, harka isaa namoota dhukkubsatan muraasa irra kaa’ee fayyisuu malee. 6Inni amanuu diduu isaanii ni sinqifate. Isa booda gara naannoo magaalaatti ba’e barsiisuudhaaf.7 Isa boosa warra kudha lamaa waamee lama, lamaan isaan erge. Hafuurota hamoo irrattis aboo kenneef. 8akka isaan imla isaaniif homaa homaa hin fudhanneefis isaan gorse; daabboo, qalqalloo, qarshii fi saqii isaanii. 9Garuu immoo akka qophee kaa’atanii fi qomee lama garuu akka hin uffanne.10 Inni, “Yeroo manatti ol seentan, hanga achii adeemtanitti achuma turaa; 11yoo magaalaan tokko sin hin simatu ta’e yookaan isin hin dhaggeeffatu ta’e, yeroo bakka sanaa adeemtan, dhuga ba’umsa isaaniif awaara miilla keessanii of irraa dhadhaa’adhaa.” Jedhe.12Isaanis ba’anii akka sabni qalbii jijjiirratuuf itti lallaban. 13seexanootas baasan, namoota dhukkunsatan baay’ees zayitii dibanii fayyisan.14 Mootichi Heroodis kana dhaga’e. akka maqaan Yesuus ballinaa beekame. Namoonni kaan, “Yohaannis cuuphaatu du’aa ka’e, kanaaf hojii dinqii kun isaan hojjetama.” Jedhan. 15Warra kaan immoo, “Inni Eliyaasi.” jedhan. Amma warri kan biraan immoo, “Inni raajiidha, akkuma raajota warra bara durii.” jedhan.16 Heroodis garuu yeroo kana dhaga’e, “Yoohaannis isa ni morma irraa kuchisiisetu ka’e.” jedhe.17Heroodis Yoohaannisitti ergee qabsiisee, hiisisee ture, waan Heroodis, (haadha manaa obboleessa isaa Filiphoos), fuudheef.18 Yohaannis, “Ati, haadha manaa obboleessa keetii fuudhuun seera miti.” ittiin jedheef. 19Heroodiyaas garuu, garuu itti aartee isa ajjeesuuf barbaadde, garuu hin dandeenye, 20Heerodis inni nama qajeelaa fi qulqulludha jedhaa waan sodaateef. Kanaaf ni dhiise. Yeroo dubbii isaa dhaga’es walii isaa wallaale, garuu immoo gammachuudhaan dhaggeeffate.21 Yeroo sana carraan, guyaya itti Heroodis guyyaa dhaloota isaa kabajatuu fi warra aangawoota isaa fi ajajoota isa geggeessitaooa galiilaaf irbaata qopheessee ni dhufe. 22Intallo Heroodiyaas ol seentee isaaniif ragadde, isheenis Heroodisii fi keessummoota warra nyaachaa jiran gammachiifte. Mootichis, mucattii durbaan, “Waan fedha kee ta’e ana gaafadhu, ani siifan kennaa.” ittiin jedhe.23 Innis, “Waan ati ana gaafattu hundumaa, ani siifan kenna, hanfa walakkaa mootummaa kootitti illee” jedhee kakateef. 24Isheenis dhaqxee, haadha isheetiin, “Maal isa gaafadhu?” jette.Isheenis, “Morma Yohaannis cuuphaa.” Jette.25Isheen ariiffattee gara mootiitti deebitee, “Amma, akka ati, mataa Yohaannis cuuphaa gabatee mukaatti akka ati anaaf kennituuf nan barbaada,” jettee gaafate.26 Kun yoodhuma mooticha gaddisiise ilee, inni waan waadaa isheedhaaf galee turee fi akkasuma sababii keessummaato isaa warra nyaata irra turaniif. 27kanaaf mootichi eegdota isaa keessa loloota ergee, akka isaan morma Yoohaannis fidaniif abboome. Loltuunis dhaqee, mana hidhaa keessatti maraa isaa irraa kute. 28inni mataa isaa gabatee irra kaa’ee fidee mucattii durbaaf kenne; mucattiinis haadha isheetiif kennite. 29Bartoonni isaa yeroo kana dhagaa’an, dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalcha keessa kaa’ani.30Bartoonni Yesuus duukaa dhufanii, waan hojjtanii fi barsiisan isatti himan. 31Isa booda, inni, “Ofii keessaniif gara bakak duwwaatti ba’aatii yeroo muraasaaf boqodhaa.” Jedhe. Baay’een waan dhufanii adeemaniif, isaan nyaachudhaaf illee yeroo hin arganne. 32kanaaf isaan dooniidhaan, ofii isaaniitiin gara bakka qoofniitti adeemani.33Garuu isaan utuu isaan adeemanii arganii baay’eenis hubatniiru, isaan faanas miillaan magaalota hundumaa keessaa itti fiigan, isaan duras bakka sana ga’an. 34Isaan yeroo galaana galaanaa ga’an, inni namoota baay’ee sana argee, o’eef, sababiin isaa, isaan akka hoolota tiksee hin qabnee turan. Kanaaf waantota hedduu isaan barsiisuu eegale.35 Yeroo guyya’e, bartoonni isaa gara isaa dhufanii, “Kun bakka onaadha, guyya’eeras, 36akka isaan gara baadiyaa fi magaalota dhiyoo jiranii dhaqanii, waan ofii isaaniif nyaatan bitaniif ergi.” Ittiin jedhan.37 Garuu inni deebisee, “isin waan nyaatamu isaaniif kennaa.” Jedhe.Isaanis deebisanii, “Dhaqnee buddeen diinaarii dhibba lamaa bitnee isaaniif kennuu ni dandeenyaa?” ittiin jedhan. 38Innis isaaniin, “buddeena meeqa qabdu? Dhaqaa ilaalaa.” Ittiin jedhe.Isaan yeroo argatan, “buddeenya shanii fi qurxummii lama.” Jedhan.39Inni akka namoonni gareedhaan marga isa lalisaa irra ta’aniif abboome. 40isaniif gareedhaan dhibbaan shantamaanis ni ta’an. 41Innis budeena shanii fi qurxummii lama fuudhee, waaqa keessa ilaalee, eebbisee, cabsee, bartootatti kenne, akka isaan namoota hiraniif. Akkasuma inni qurxumiiwwan lamaan sanas namootaa ni qoode.42Isaanis hanga quufanitti ni nyaatani. 43Isaanis buddeena isa harca’e gundoo kudha lama guutuu fuudhani, akkasuma haftee qurxummiis. 44Namoonni buddeena nyaatanis dhiirota kuma lama.45 Inni, battaluma akka bartoonni isaa doonii yaabanii isa dura gara gamaatti ce’an godhe, gara Bee-sayidaatti, hanga ofii isaatiif namoota baay’ee sana geggeessutti. 46Erga geggeessee booda, kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba’e. 47Halkanis ta’e, dooniin amma gara walakkaa galaanaa jirti, inni qofaa isaa lafa jira.48 Inni akka isaan rakkachaa jiran argee, qilleensi akka isaan rakkisaa jiru. Halkan keessa gara sa’atii afurii keessa, galaana irra adeemaa gara isaanii dhufee isaan bira darbuu barbaade. 49Garuu yeroo inni galaana irra adeemuu argana, hafuura isaanitti fakkaatee guddisanii iyyan. 50Sababiin isaa isaan isa arganii sodaatan. Inni battaluma isaanitti dubbatee, “Jabaadhaa! Inni ana, hin sodaatinaa!” jedhe.51 Isaanii wajjin doonii seenee, qilleensichis gab jedhe. Isaanis guddaa dinqifatan. 52Buddenicha maal jechuu akak tura waan hin hubatiniif. Qooda isaa, garaan isaanii ni jabaate.53Isaan yeroo ce’an, Geneseraaxiin ga’anii doonicha dhaabana. 54Yeroo doonii keessaa bu’an, namoonni battaluma isa hubatan, 55Guutmmaa naannoo keessa fiiganii, namoota afata isaanii wajjin fiduudhaaf, gara bakka inni jira jedhanii dhagaa’anitti.56 Mandara, magaalaa yookaan biyya inni seenetti, dhukkubsatoota bakka gabaatti itti fidu. Isaan qarqara uffata isaatii tuquudhaaf isa gaafatu, namoonni baayyeenis tuqanii fayyaniiru.
1 Fariisotaa fi warri barreessitootaa baay’een, warri Yerusaalemii dhufan isa cinatti walitti qabaman.2 Isaanis, utuu bartoonni isaa warri xuraa’otaa wajjin nyaatanii argan; utuu harka hin dhiqatin. 3(Fariisonnis, Yihuudonni hundumtuus utuu sirriitti harka hin dhiqatin hin nyaatani, sababiin isaa duudhaa maanguddota eegu. 4Fariisonni yeroo gabaatii galan, utuu hin dhiqatin hin nyaatani, akkasuma waantota kan biraa fudhatan hedduu ni eegu, kan akka kubbayyaa dhiquu, gaanii, qodaa sibiila diimaa irraa hojjetamee fi teessuma isa irra ta’anii nyaatanis.)5 Fariisonnii fi barreessitoonni, “Bartoonni kee maaliif akka seera abbootaatti hin adeemani, maaliif utuu harka hin dhiqatin nyaatu?” jedhanii Yesuusiin gaafatan.76 Inni, “Isaayaas waa’ee keessa warra of tuultotaa raajii dubbateera, akkuma barreeffamee jiru,8 Isin babboommii Waaqayyoo dhiiftanii, aadaa namootaa eegdu.” Jedhe. 9Akkasuma, “aadaa ofii keessanii eeguuf jettanii, akkas abboommii Waaqayyoo tuffattu! Ittiin jedhe. 10Museen, “abbaa kee fi haadha keef ulfinna kenni,’ “namni abbaa fi haadha isaatti hamaa dubbate du’a dhugumaan ni du’a.’ jedheera.11Isin immoo namni abbaa isaa fi haadha isaa gargaaruuf ture tokko isaaniin, waanti na biraa isiniif kenname, waa’ee isiniif baasuuf ture, amma qurbaana ta’eera”, kana jechuunis Waaqayyoof kennameera’ yoo jedhe ba’eessa godhe’ jettu. 12Isa booda isin akka inni abbaa isaa yookaan haadha isaaf waa hojjetuuf hin eyyamtani. 13Isin aadaa keessan isa fudhattaniin, sagalee Waaqayyoo gatii dhabsiiftu. Akkasuma waantota kana fakkaatan hedduus ni raawwattu.”14151614 Inni ammas namoota baay’ee sana waamee akkas ittiin jedhe, “ana dhaggeeffadhaa, hundumti keessan, hubadhaas. 15 Waanti bakkeedhaa seenee nama xureessuu hin jiru, yeroo inni gara isaatti seenu. Isa namicha keessaa ba’utu isa xureessa.” 617Yeroo Yesuus namoota baay’ee sana dhiisee mana seene, bartoonni isaa waa’ee fakkeenyichaa isa gaafatan. 18Yesuus, “Amma iyyuu hin hubatin jirtuu? Akka waanti bakkeetii gara namaatti seenu nama hin xureessine hin beektanii, 19Sababiin isaa gara onnee hin dhaqu, garuu gara garaa dhaqee, kosii ta’ee ba’aa? Dubbiin kanaa Yesuus qulqulluu ga’uu nyaata hundumaa labse.20 Inni, “waan bakkeedhaa dhufutu, nama xureessa. 21Inni keessa namaatii dhufu, onnee keessaa, yaada hamaa hordofee, ejja, hanna, ajjeesuu, 22hawwii, hameenya, gowwomsaa, miirummaa, hameenya, maqaa balleessuu, of tuuluu, dhibaa’ummaa. 23Isaan hamoon kun hundumtuu keessaa ba’u, isaanis warra nama xureessaniidha.”'sabni kun hidhii isaatiin ana kabaja, garaan isaa garuu ana irraa fagadoodha.7 isaan akkasumaan ana waaqessu,Abboommii namaa akak barumsa bu’uura amantiitti barsiisu.’24 Inni achii ka’ee gara kutaa Xiirosii fi Sidoonaa dhaqe. Achitti manatti ol seenee, bakka inni jirus akka namni beeku hin barbaanne, garuu dhukachuu hin dandeenye. 25garuu, battaluma, dubrtiin mucaa durbaa xiqqoo hafuurri hamaan keessa jiru tokko, waa’ee isaa dhageessee, dhuftee miillaa isaa jalatti kufte. 26Dubartiin sun Girikii turte, Finiiqee Sooriyaatii dhufte. Isheen akka inni seexana sana mucaa ishee keessaa baasuuf isa kadhatte.27 Innis, “Ijoolleen jalqaba haa nyaatani. Nyaata ijoollee fuudhanii sarootaaf kennuun sirrii miti.” Ittiin jedhe. 28Isheen garuu deebiftee, “Eyyee, yaa gooftaa, sareen minjaala jalaa isa haca’e nyaatu.” Jette.29 Innis deebisee, “sababii waan dubbatteef, ati adeemuuf walaba. Seexannis mucaa durbaa keessaa ba’eera.” 30Isheenis gara mana isheetti deebitee mucaan ishee siree irra raftee argite, seexannis keessaa ba’eera.31 Isa booda, inni nannoo Tiroosii ni adeeme, karaa Sidoonaa ba’ee gara Galaana Galiilaa dhaqe, hanga kutaa Diqaaphoolisitti. 32Isaani, nama dhaga’uu hin dadneenyee fi haasa’uu hin dandeenye tokko gara isaatti fidani. Akka inni harka isaa isa irra kaa’us isa kadhatan.33 Namoota baay’ee irraa qophaatti adda baasanii, inni quba isaa gurra isaa keessa kaa’ee, inni itti tufees, arraba isaa qabe. 34isa booda waaqa keessa ilaalee, hafuura baafatee, “Eftaa,” jedhe; hiikaan isaas “banami” jechuudha. 35battaluma gurri isaa baname, hidhaan arraba isaatiin gad dhiifame, innis walabaan dubbachuu eegale.36 Yesuus akka isaan namatti hin himne isaan akeekkachiise. Garuu hangua inni isaan abboome, isaan immoo caalchisanii lallabani. 37Isaan baay’ee dinqifatanii, “inni waan hundumaa gaarii godhe, inni duudaa bane, akka inni haasa’u gochuus ni danda’a” jedhan.
1 Guyyoota sana, amma namoonni hedduun turani, isaanwaan nyaatan hin qabani. Yesuus bartoota isaa waamee, 2"Ani namoota baay’ee kanaaf na o’a, sababiin isaa isaan guyyoota sadii nu bira turanii, waan nyaatanu hin hin qabani, 3utuu isaan hin nyaatin yoon gara mana isaaniitti erge, karaa irratti kukkuufuu danda’u. isaan keessaa kan lafa fagootii dhufan jiru.” Jedhe.4Bartoonni isaa, “lafa onaa kana keessatti buddeen ga’aa namoonni kun qoofan eessaa arganna?” jedhan.5 Innis, “Buddeen meeqa qabdu?” jedhee gaafate.Isaanis, “Torba.” Jedhan. 6Inni akka namoonni baay’een sun lafa irra ta’an abboome. Buddeena toraban sana fuudhee, galateeffatee, cabse. Akka bartoonni isaaniif dhiyeessaniif itti kenne. Isaanis namoota baay’ee sanaad dhiyeessani.7akkasuma isaan qurxummii muraasa tokkos qabu turani. Inni erga isaaniif galateeffatee booda, isa kanas akka isaan dhiyeessaniif abboome. 8Isaanis nyaatanii quufan, isaan nyaata isa isaan irraa hafe funaanani. 9Isaanis akka namoota kuma afurii turan, isa booda inni isaaniin gad dhiise. 10Battalumas bartootaa wajjin doonii seenee, isaanis gara kutaa Daalmaatiyaa dhaqan.11 Isa booda fariisonni dhufanii isaa wajjin falmuutti ka’an. Isaan mallatttoo waaqa irraa isa irraa barbaadan, isa qoruudhaaf. 12Innis hafuuraa isaan guddisee hafuura baafatee, “dhaloonni kun maaliif mallaattoo barbaada? Ani dhuguman isinitti hima, dhaloota kanaaf mallattoon hin kennamu.” Jedhe. 13Ammas isaaniin dhiisee gara dooniitti deebi’e,e gara gamaatti ce’e.14Amma, bartoonni buddeen fuudhuu irraanfatani. Isaan buddeen tokko isa doonii keessa jiruun ala homaa hin qabani. 15Innis, “Ilaalladhaa, raacitii warra fariisotaa fi raacitii Heroodis irraa of eeggadhaa!’ jedhee akeekkachiise.16Bartoonni waa’ee buddeenya dhabuu isaanii walitti falmuutti ka’an.17Inni yeroo kana hubate, “maaliif waa’ee buddeenya dhabuu walitti falmitu? Amma iyyuu argitanii hun hubannee? Garaa jabaataa qabduu?18Ija qabdu, hin argitanii? Gurras qabdu, hin dhageessanii? Hin yaadattanii? 19yeroo budeenya dhan warra kuma shaniif kenne, nyaata irraa hafe, guuboo meeqa funaantan?” jedhe. Isaanis, “kedha lama.” Jedhan.20 "Yeroo buddeenya torba warra kuma afuriif kenne, harca’aa buddeenii guuboo meeqa funaantan?”Isaanis, “torba” jedhan.21Innis, “hin hubattaniiree?” jedhe.22 Isaan gara Beet-sayidaa dhufan, namoonni achi jiran, nama qaro dhaneessa tokko fidanii akka Yesuus isa qaqqabatuuf kadhatan. 23Yesuus nama qaro dhabeessa sana harka isaa qabee, magaalaa keessaa baase. Yeroo inni ija isaatti tufee harka isaa irra kaa’e, “waa ni argitaa?” jedhee gaafate.24 Innis ilaalee, “ani akka muka adeemuttin nama arga.” Jedhe.25Inni ammas harka isaa ija isaa irra kaa’e, namichisa ija isaa bane, hafuurri isaas ni deebi’e, waan hundumaas sirriitti arguutti ka’e. 26Yesuus gara mana isaatti ergee, “gara magaalaatti hin seenin.” Jedhe.27 Yesuus, bartoota isaa wajjin gara magalaa Qeesaar Filiphoos dhaqe. Daandii irratti “Namoonni eenyu anaan jedhu?” jehee bartoota isaa gaafate. 28Isaanis deebisanii, “Yohaannis cuuphaa, warr kaan immoo, “eliyaas,’ warri kaan, “raajota keessaa tokko.” Jedhan.29 Inni, “isin immoo eenyu anaan jettu?” jedhe.Pheexiroos, “Ati kiristoosi.” Jedhe. 30Yesuus akka isaan waa’ee nama kamitti iyyuu hin himne akeekkachiise.31 Inni akka ilmi namaa waan baay’eedhaan dhiphachuuf jiru barsiisuutti ka’e, geggeessitootaan, angafa lubootaa fi barreessitotaan jibbamuuf akka jiru, ajjeefamuufis akka jiru, guyyaa sadaffaattis du’aa akka ka’u. 32Inni mul’inaan ergicha dubbate. Isa booda Pheexiroos kophaatti baasee ifachuu eegale.33 Yesuus garuu deebi’ee bartoota isaa ilaalee, Pheexiroosiin ifatee, “Seexanana , ana duraa adeemi, ati isa kan Waaqayyoo irra yaada kee keessee hin jirtu; waanta isa kan namaa irra malee.” Jedhe 34Isa booda inni saba baay’ee sanaa fi bartoota isaa walitti waame, “Namni ana duukaa bu’uu barbaadu, ofii isaa ganuutu irra jira, fayyoo isaas baatee, ana duukaa haa bu’u.” jedhe.35 Nami lubbuu isaa oolfachuu barbaadu isa ni dhaba, garuu name anaaf jedhaa, akkasuma wangeelaaf lubbuu isaa dhabu ni oolfata.” Jedhe. 36 Nami guutummaa biyya lafaa bu’aa isa godhatee, lubbuu isaa yoo dhabe maal buufata? 37Namni jijjiirraa lubbuu isaatii maal kenna?38 Dhaloota ejjaa fi cubbamaa kana keessatti, nama anatti, dubbii koottis yeela’utti, ilmi namaas ulifna abbaa isaatiin ergamoota qulqullootaa wajjin yeroo dhufu itti yeella’a.
1 Inni, “ani dhuguman isiniin jedha, Isin warra as keessa dhaabatta keessaa, utuu mootummaan Waaqayyoo humnaan dhufuu isaa hin argina, hin argina du’a kan argine jirtu.” Ittiin jedhe. 2Guyyoota ja’a booda, Yesuus, Pheexiroosiin, Yaaqobii fi Yohaannisiin of duukaa fuudhee, gara gaara dheeraa tokkotti kophaatt isaan baase. Achitti bifni isaa jijjiirame. 3Uffatani isaa baay’ee ife, baay’ee addii, muuccituun lafa irraa uffata addeessitu caalaa addaata.4 Isa booda Eliyaas Musee wajjin isaanitti mul’ate, isaanis Yesuusii wajjin adeemaa turan. 5Pheexiroos deebisee, Yesuusiin, “Rabbin as turuun nuuf gaariidha, manneen sadii haa ijaarru, tokko siif, tokko Musees, tokko immoo eliyaasiif.” Jedhe. 6(Inni waan jedhu hin beeku ture, isaan sodaatanii waan turaniif.7 Duumessi dhufee isaan haguuge. Sagaleenis duumessa keessa dhagaa’ame, “Kun ilma koo isa jaallatamaadha, isa dhaga’aa.” 8Akka tasaa, yeroo naanoo ilaalan, of biratti homaa iyyuu hin argine, Yesuus kophaa malee.9 Utuu gaara irraa gadi bu’aa jiranii, akka isaan waan argan hana ilmi namaa du’aa ka’utti eenyuutti iyyuu hin himneef akeekkachiise. 10Kanaaf isaan dhimmicha ofiidhuma isaaniif qabatani. Garuu immioo, “du’aa ka’uu jechuun maal jechuudha” jedhanii walii isaanii gidduutti haasa’ani.11 Isaan, “warri barreessitootaa maaliif eliyaas dursee dhufuutu irra jira jedhu?” jedhanii isa gaafatan 12Innis, “waan hundumaa bakka deebisuudhaaf, Eliyaas dursee hin dhufu. Isa immoo maaliif ilmi namaa naaf guddaa dhiphachuu fi tuffatamuutu irra jira, jedhamee caafameree?” isaaniin jedhe. 13Ani garuu akka Eliyaas dhufe isinittin hima, isaanis waan barbaadan isa irratti hojjetan, akkum isa waa’ee isaaf barreeffamee jiru.” Jedhe.14 Isaan yeroo gara bartootaa dhufan, naannoo isaaniitti namoota baay’ee argan, warri barreessitootaas isaanii wajjin falmiitti turan. 15Yeroo akkuma Yesuusiin arganiin, guutummaan sabichaa ni dinqifate, gara isaatti fiiganiis nagaa isa gaafatan. 16Bartoota isaas, “isaanii waa’ee maalii walitti falmitu?” jedhee gaafatae.17 Sabicha keessaas namni tokko, “yaa barsiisa, ani mucaa dhiiraa koon sitti fide. Inni hafuura akka inni hin dubbanne isa taasisu qaba. 18Iddoodhuma isa qabutti lafaan isa dha’a, oomochas afaan isaa keessa guuta, ilkaan isaa walitti riga, qarattis ni goga. Ani akka bartoonni kee isa keessaa baasaniif gaadheen ture, isaan garuu hin dandeenye.” Jedhe.19Innis, “dhaloota hin amanne, hanga isin bira turu? Hanga yoomiittis ba’aa anatti taatu? Anatti fidaa.” Jedhe.20 Isaanis mucicha gara isaatti fidani. Hafuurichi yeroo Yesuusiin battaluma darbatee oollate. Mucichis lafatti kufee afaan isaatiin oomocha baase. 21Yesuus “yeroo hangamiif akka ta’e?” jedhee abbaa isaa gaafate.Abbaan isaas, “mucummaa isaatti kaasee” jedhee deebise. 22Yeroo baay’ee abiddatti, bishaanitti, isa darbata isa balleessuus ni barbaada. Yoo waa gochuu ni dandeessa ta’e, nuuf gaddiitii nu gargaari jedhe.”23 Yesuus deebisee, “Yoon ni dandeessa ta’ee? Warra amananiif waanti hundumtuu ni dandaa’ama.” Jedhe. 24Abbaan mucichaa iyyee, battaluma “ani nan amana! Amanuu diduu kootti ana gargaari!” jedhe. 25Yesuus yeroo uttu namoonni hedduun gara isaatti utuu fiiganii arge, inni hafuurota hamoota ifatee, “ati hafuurri didaadhaa fi duudaanana, ani sin abbooma, keessaa ba’i, deebitees itti hin seenin” jedhe.26 Innis iyyee, cimsee mucicha oollachiisee, keessaa ba’e. mucichis akka nama du’ee ta’e. kanaa namoonni baay’een, “Inni du’eera” jedhan. 27Yesuus garuu harka isaan qabee ol isa kaase, inni ka’ee dhaabate.28Yesuus Yesuus ol seene, bartoonni isaa “nuti maaliif baasuu dadhabne?” jedhanii qofaatti isa gaafatana. 29Inni immoo, “inni akkasii kun kadhannaadhaan malee hin ba’u” ittiin jedhe.30 Inni achii ba’ee, Galiilaa keessa darbe. Inni eessa akka isaan jiran eenyu illee akka beeku hin barbaanne. 31 31bartoota isaa barsiisaa waan tureef. Inni “ilmi namaa harka namootaatti dabarfamee ni kennama, isaanis isa ni ajjeesu. Inni yeroo du’u, guyyoota sadii booda immoo deebi’ee ni ka’a.” ittiin jedhe. 32 32Isaan garuu jecha kana hin hubanne, isa gaafachuus ni sodaatani.33 Isa booda gara Qifirnaahom dhufan. Erga manatti ol seenee booda, “daandii irratti maal mari’chaa turtan?” jedhee isaan gaafate. 34Isaan garuu ni callisani, daandii irratti waa’ee eenyuutu caalaa irratti walitti falmaa waan turaniif. 35Taa’aniis, inni warra kudha lamaanii walitti waamee, “namni isa jalqabaa ta’uu barbaadu, dhuma ta’uu fi tajaajilaa hunudmaa ta’uutu irra jira.” Jedhe.36 Inni mucaa xiqqoo fuufhee gidduu isaanii dhaabe. Bobaa isaattis baatee, 37"namni mucaa akkasii maqaa kootiin simatu, anas ni simata, namni ana simatu ana simata miti, isa ana ege simata malee” jedhe.38 Yoonnis, “yaa barsiisa, utuu namni tokko maqaa keetiin seexana baasuu arginee, isa dhowwine, sabaiin isaa inni nuun hin hordofu” jedhe. 39Yesuus garuu, “isa hin dhowwinaa, namni maqaa kootiin hojii aangoo hojjetee, dafee immoo waa’ee koo hamaa dubbachuu danda’u hin jiru’oo.” Jedhe.40Namni faallaa keenya hin taane gara keenya. 41Waan isin kan Kiristoos taataniif, namni akka isin dhugdaniif maqaa kootiin bishaan isiniif kennu, dhuguman isinitti hima, inni gatii isaa hin dhabu.42434442 Namni warra anatti amanan xixiyyannoota kana gufachiisu, utuu dhagaan daakuu guddaan isaa morma isaatti hidhamee galaanatti darbatee isaaf wayya ture. 43 Haki kee yoo si gufaachiise, of irraa muri. harka lamaanuu qabattee gara qiliilee abida hin dhaamnee, dhaquu kee irra, harkuma tokko qabattee jireenyatti galuu siif wayya.47 Iji kee yoo si gufachiise, of keessaa baasi. Ija lamaanuu qabaattee qilileetti darbatamuu kee manna, ija tokko qabaattee mootummaa Waaqayyootti galuu siif wayya. 48bakka raammoon hin duune, abiddi isaas hin dhaamne.49 namni hundumtinuu abiddaan minyaa’a. 50Soogiddi gaariidha, garuu yoo soogiddummaa isaa dhabe, akkamitti deebi’ee minyaa’uu danda’aree? Soogidda of keessa qabaadhaa, walii keessaniifis nagaa qabaadhaa.”
1Yesuus bakka sanaa adeemee gara kutaa Yihudaa dhaqe, akkasuma bakka isa galaana Yordaanos duuba ture. Namonni immoo ammas gara isaa dhufan. Immoo ammas isaan barsiise, akkuma gochaa ture. 2Fariisonni isa qoruudhaaf gara isaa dhufanii, “abbaan manaa tokko haadha manaa isaa hiikuun seeraa?” jedhanii isa gaafatani.3Innis, “Museen maal isin abboome?” jedhee deebise.4Isaanis, “Museen akka abbaan manaa xalayaa, wal hiikuu barreessuu fi hiiku, akkasuma, ishee geggeessuuf eyyame” jedhan.5Yesuus “Inni sababaii mata jabian keessaaniif kana isiniif barreesse” jedhe. 6"garuu jajqaba uumamaatii kaasee, “Waaqayyo dhiiraa fi shamarran uume.’7 'Kana irraan kan ka’e, namni abbaa isaa haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana.” 8Isaan lamaanuu foon tokko ni ta’u.’ 9Kanaaf waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gar gar hin basin.’10 Yeroo isaan mana keessa turan, bartoonni isaa ammas waa’ee kanaa isa gaafatan. 11Innis, “namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu, ishee irratti ejja raawwata.” Jedhe. 12Isheenis yoo abbaa manaa ishee hiiktee kan biraatti heerumte, ejja ni raawwatti.” Jedhe.13 Isa booda isaan, mucoolii xixiqqoo gara isaa fidani, akka inni harka isaa isaan irra kaa’uuf, bartoonni garuu isaani dheekkamani. 14Yesuus garuu yeroo hubate, isaaniin hin dhowwinaa, mootummaan Waaqayyoo warra akkasiitiif waan ta’eef jedhe.15Ani dhuguman isiniin jedha, namni akka mucooliitti mootummaa Waaqayyoo hin fudhanne, dhugumaan mootummaa Waaqayyootti hin galu.” 16Isa booda mucoolii bobaa isaatti fuudhee, akkuma harka isaa isaan irra kaa’etti isaan eebbise.17 Inni yeroo imala isaa eegale, namni tokko gara isaatti fiigee jilbeenfatee, “Yaa barsiisa gaarii, mootummaa Waaqayyootti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta’e?” jedhe.18Yesuusis, “Maaliif gaarii jeytaa ana waamta? Waaqayyo qofaa malee gaariin hin jiru. 19Abboommota isaas beektu, “hin ajjeesin, hin ejjin, hin hatin, sobaan dhugaa hin ba’in, hin gowwomsin, waliin hin dha’in, abbaa kee fi haadha kee kabaji” jedha jedhe.20 Namichis, “Barsiisa, waantota kana hundumaa xinnummaa kootii eegalee raawwadheera” jedhe. 21Yesuus isa ilaalee, jaallates. Innis, “waan tokkotu sitti hir’ata” jedhe. “waan qabdu hundumaa gurgurii warra hin qabneef kenni, waaqa irraa badhaadhummaa ni qabaattaa.” Isa booda, kottuu ana duukaa bu’i ittiin.” Jedhe. 22jecha isaa kana irraan kan ka’en inni baay’ee gadde, gaaddees ba’ee sokke, sababiin isaa inniq qabeenyaa guddaa qaba ture.23 Yesuus naanoo isaa ilaalee, bartoota isaatiin, “Warra badhaadhotaad mootummaa Waaqaayyootti galuun akkam cimaadha!” jedhe 24Bartoonni isaas dubbii isaa kana ni ajaa’ibsiifatan. Yesuus garuu, “IJoolle, Mootummaa Waaqayyootti galuun akkami cimaadha! jedhe. 25Gaalli qaawwa lilmoo keessa ba’uutu irra salphaadha, sooressii mootummaa Waaqayyootti galuu caalaa.”26 Isaan guddaa dinqifatanii walii isaaniitiin, “Yoos eenyuutu fayyuu danda’aree?” jedhan.27Yesuus isaaniin ilaalee, “namaaf hin dandaa’amu, Waaqayyoof malee, Waaqayyoof waanti hundumtuu ni dandaa’ama.” Jedhe.28Pheexiroosisi isatti haasa’uu eegale, “Ilaali, nuti waan hundumaa dhiifnee si duukaa buuneerra.”29 Yesuusis, “dhuguman isinitti hima, namni anaaf wangeelaafis jedhee, mana yookaan obboleessa, yookaan obboleettii, yookaan haadha yookaan abbaa yookaan ijoollee yookaan oyiruu isaa dhiise hin jiru. 30Amma bara kanatti ari’atamuu wajjin manneen, obboloota, obboleettota, haadholii, ijoollee, qonnaa harka dhinna kan hin fudhanne, mootummaa isa dhufutti, namni jireenya bara baraa hin arganne hin jiru.31gaaruu baay’een warra duraa kan turan, dhuma ni tau. Warri dhumaas jalqaba.”32 Isaan gara Yerusaalemitti ol ba’uu daandii irra turan, Yesuusis isaan dura adeemaa ture. Bartoonnis ni dinqifatan, warra boodaan adeemaa turanis ni sodaatan. Isa booda Yesuus amma bara kudha lamaanii addatti fuudhee, waanta yeroo dhiyoo keessatti isa irra ga’uuf jiru itti hime. 33"Ilaalaa, Nuti Yerusaalemitti ol ba’uuf jenne, ilmi namaas harka warra angafa lubootaa fi warra barreessitoaatti dabarfamee ni kenname.” Jedhe. Isaanis du’atti dabarsanii ni kenni, warra ormaattis dabarsanii ni kennu. 34Isaanis, itti qoosu, itti tufu, ni rebus, akkasumas ni ajjeesu. Guyyoota sadii booda du’aa ni ka’a.”35 Yaaqobii fi Yohaannis, ilmaan Zabdiyoos, dhufanii, “Yaa bariisa, waan nuti si kadhannu akka nuuf gootu ni barbaanna.” Jedhan.36Innis isaaniin, “maal akka an isiniif godhu barbaaddu?” jedhe.37Isaanis, “akka nuti ulfinicha keessa sii wajjin teenyuuf nuuf eyyami, tokko mirka kee, inni kaan immoo bitaa kee.” Jedhan.38 Yesuus garuu, isaaniif deebisee, “waan gaafattan hin beektani. Dhugaatii isa ani dhugu dhuguu ni dandeessuu, yookaan cuuphaa isa ani ittiin cuphamuun cuupahmuun cuuphanii ni dandeessuu?” jedhe.39Isaani, “nuti ni dandeenya” jedhan.Yesuus, “xoofoo ani dhugu, isin ni dhugdu, cuuphaa isa ani ittiin cuuphamu isinis ni cuuphamtu. 40isa mirga koo yookaan bitaa koo ta’u kennuun garuu kan koo miti. Inni garuu kan warra qophaa’eefiiti.”41 Bartoonni warri kudhanii yeroo kana dhagaa’an, Yaaqobii fi Yohaannisitti baay’ee aarani. 42Yesuus gara ofii isaatti isaan waamee, "warri saba biyya lafa kanaa abboomuutti beekan, gooftummaadhaan akka isaan seerratan isin iyyuu ni beektu, gurguddoonni isaaniis aboo isaanii isaan irratti ni argisiisu.” Jedhe.43 Isin gidduutti garuu akkas miti. Isin gidduuttii guddaa ta’uu kan barbaadu hojjetaa keessan ta’uutu irra jira. Jedhe. 44akkasuma isin gidduutti isa duraa ta’uu kan barnaadu, hunda keessaniif garbicha ta’uutu irra jira. 45Ilmi n amaa tajaajilamuudhaaf hin dhufne, lubbuu isaa furii godhee baay’eedhaaf kennuuf malee” jedhe.46 Isaan gara Yeriikoo dhufan. Yeroo inni bartoota isaa fi namoota baay’ee wajjin Yerikootii adeeme, ilmi Ximewos, Barximewos, kadhataan qaro dhabeessi tokko, daandii cina ta’aa ture. 47Inni yeroo Yesuus Zaazireet ta’uu isaa dhaga’e, iyyee, “Yesuus, ilma Daawwit, ana fayyisi!” jedhe. 48Baay’een naa qaro dhabeessa sana ni ifatani. Akka inni callisuuf. Inni garuu ittuma caalchisee iyye, "Ilma Daawit, ana fayyisi!” jedhe.49 Yesuus dhaabatee akka isa fidaniif abboome. Isaanis namicha qaro dhabeessa sana ni waamani, “Jabaadhu! ka’i! inni si waama” jedhan. 50Inni kootii isaa darbatee, utaalee, gara Yesuus dhufe.51 Yesuus deebisee, “maal akkan siif godhu barbaadda?” jedhe.Qaro dhabeessichis, “rabbi, akka ati qaroo koo anaaf deebift” jedhe.52Yesuusis, “Dhaqi, amantii kee si fayyiseera.” Jedhe, battalumas deebisee arguu danda’e. daandii irrattis isa duukaa ba’e.
1 Amma akkuma isaan Yerusaalemiin dhufaniin, Bee-faagee fi Bitaaniyaa Gaara Ejersaatti dhiyoo turan, Yesuusis bartoota isaa lamaan of dura erge. 2Isaaniinis, “gara mandara isa nu fuula dura jiruu dhaqaa, akkuma seentaniinis, hara takkaa irra hin taa’amin tokko ni argitu. Isas hiikaatii anaaf fidaa. 3Yoo namni, “Maaliif kana gootu?” isiniin jedhe, “Gooftaatu barbaada, dafees immoo deebisa.” Jedhaa jedhe.4 Isaanis ba’anii harree balbalaan ala daandii irratti hidhame arganii, isas hiikan. 5Namoonni achi dhaabataa turan tokko, “maal gochaa jirata, maaliif harree kana hiiktu?” 6Isaanis akka Yesuus itti hime itti himani, namoonni sunis akka isaan adeemaniif eyyamaniif.7 isaanis harree sansa fidanii, uffata isaaniis irra buusan. Inni irra taa’e. 8namoonni hedduunis uffata isaanii daandii irra afanii, warri kaan immoo dame mukaa isa bakkeetii kutan facaasan. 9warri isa dura adeemanii fi isa duubaan adeeman ni iyyani."Hoosaa’inaa! Maqaa Waaqayyootiin kan dhufu inni eebbifamaadha.10Mootummaan abbaa keenya Daawwit inni dhufe eebbifamaadha!Hoosaa’inaa ol gubbaatti!”11 Isa booda Yesuus Yerusaalemitti galee, gara mana sagadaa dhaqee, waan hundumaa ilaale. Amma yeroo yeroon darbaa jira, warra kudha lamaanii wajjinis gara Bitaaniyaatti darbe. 12guyyaa itti aanu utuu, Biyaaniyaatii dhufaa jiruu, beela’e.13 fageenyaa irrattis muka Harbuu baala qabu tokko arge, yoo ija qabaate jedhee gara mukichaa dhaqe, yeroo bira ga’es, ija malee homaa irraa hin arganne, yeroo isaas yeroo habuu hin turre. 14Inni itti dubbate, “deebisee namni sitti hin nyaatin.” jedhe. Bartoonni isaa ni dhagaa’ani.15 Isaan gara Yerusaalem dhufan. Innis mana sagadaatti seenee warra bitanii guguran mana sagadaa keessaa gadi baase. Minjaala warra maallaqa jijjiiranii baay’ee gara galche, teessuma warra gugee gurguraniis. 16Inni, akka namni tokko illee, mana sagadaa keessatti waanta gurgutamu baatuuf hin eyyamne.17 Inni isaan barsiisee, “manni koo saba hundumaaf mana kadhataa jedhamee” “caafamee hin jiruuree?” jedhe.18Angafoonni lubaa fi barreessitoonni waan inni jedhe, karaa ittiin isa balleessan barbaadan. Isaan waan guutummaan sabichaa barsiisa isaa dinqifataniif isa sodaatan. 19Yeroo dhiyes, isaan magaalichaa ba’ani.20 Ganama utuu adeemanii, mukti harbuu sun hanga idda isaatti gogee argan. 21Pheexiroos yaadatee, "Rabbi! Mukti harbuu ati abboomte gogeera.” jedhe.22 Yesuusis, “Waaqayootti amanaa. 23ani dhuguman isiniin jedha, namni tokko tulluu kanaan, “buqqa’iitii galaanatti gadi gadi darbatami,’ yoo jedhe, garaa isaatti utuu hin shakkin, waanti inni jedhe ni ta’a jedhee yoo amane, Waaqayyo isa akkasii ni hojjeta.242624 kanaaf ani isiniinan jedha, waanta kadhattanii fi gaafatan hundumaa, nana argadha jedhaa amanaa, kan keessanis ni ta’a. 25 25Yeroo kadhattan, waan namatti gadditan hundumaa dhiisuutu isin irra jira, abbaan keessan inni waaqa irraas, irra daddarbaa keessanakka isiniif dhiisutti.” Jedhe.27Isaan ammas gara Yerusaalem dhufan. Utuu Yesuus gara mana qulqullummaatti adeemaa jiruu, angafni lubootaa, barreessitoonnii fi warri geggeessitootaa gara isaa dhufan. 28Isaanis, “Ati humna maaliitiin hojii kana hundumaa hojjetta, akka ati kana gootuufis maaltu aboo kana siif keene?”29Yesuusis, “ani gaaddii tokkon isin gaafadhha. Anatti himaa, anis humna maaliitiin akkan kana hundumaa hojjedhu isinittin himaa.” Jedhe. 30Cuuphaan Yohaannis, waaqa irratimoo, nama biraa ture? Anaad deebisaa.”31 isaanis walii isaanii wajjin mari’tanii irratti waliif galanii, Yoo, “Waaqa irratti” jenne, inni immoo, “maalii isa hin amanneree?” jedha. 32garuu yoo, “nama biraatti jenne,’ namoota sodaatani, namoonni hundumtuu Yohaannis raajii akka ta’e waan amananiif. 33Kanaaf isaan deebisanii, Yesuusiif “hin beeknu” jedhan. Yesuusis, “ani aboo maaliitiin akka kana hundumaa hojjedhu isinitti hin himu” jedhe.
1 Isa booda Yesuus fakkeenyaan isaan barsiisuu eegale. Inni, “Namni tokko mukeetii wayinii hedduu oyiruu isaa irra dhaabee, dallaas itti ijaare, boollaa wayinicha keessatti cuunfanis qote. Siree irra ta’anii eeganis ijaaree, namoota hojjetanii eeganitti kennee adeeme. 2Yeroon isaa geenyaan, akka inni dhaqee, muka wayiniittii ija fiduu gara wara wayinii eeganiitti hojjetaa isaa erge. 3Isaan garuu isa fuudhanii, rukutanii, harka isaa duwwaa isa deebisan.4 Inni, ammas hojjetaa kan biraa erge, isaanis mataa isaa madeessanii, isa qaanessan. 5Inni amma kan biraa erge, isa kana immoo ni ajjeesan. Isaa namoota baay’ee bifa kanaan akka godhan, warra kaan ni reebani, warra kaan immoo ni ajjeesan.6 Inni amma nama erguudhaaf nama hafe tokko qaba, ilma isaa isa jaallatamaa. Inni kuun isa dhumaa ergamuudha.Innis, “isaan mucaa koo ni kabaju” jedhe.7"Garuu warri wayinii guddisan, “Kun isa dhaaltuudha. Kottaa, isa ni ajjeesnaa, dhaalichis kan keenya ta’aa.” Waliin jedha.8Isaan qabanii isa ajjeesani oyiruu wayinii keessaa isa darbatan. 9Kanaaf, abbaan oyiruu wayinii sanaa maal godha? Inni dhufee warra wayinii eegan sana ni balleessee namoota kan biraatti ni kenna”10 caaffata qulqullaa’aa kana hin dubbifnee?'Dhagaan inni warri ijaartuun tuffatan, dhagaa-golee ta’e.11Kun Waaqayyoo biraa ture, ija keenyattis dinqiidha.” Jedhu.12Kana booda, geggeessitoota warra Yihuudotaa, karaa ittiin Yesuusiin qaban barbaadan, sababiin isaa akka inni fakkeenya faallaa isaanii dubbate hubatan. Garuu immoo saba baay’ee sana sadataniiru. Kanaaf isa dhiisanii sokkan.13isa booda fariisota keessaa, akkasuma warri garee Heroodis keessa namoota gara isaatti ergan haasaa isaatiin isa qoruudhaaf.14Isaan yeroo dhufan, “Yaa barsiisa, ati dhuga qabeessa akka taate nuti ni beekna, nama tokko illees hin sodaattu, karaa Waaqayyoo dhugaadhaan barsiifta malee, namas wal hin caalsiftu. Egaa Mootii warra Roomaaf gibira baasuu seeramoo seera miti? Moo dhiifnu?” jedhaniin.15Yesuus garuu of tuulummaa isaanii baree, “isin maaliid ana qortu? Mee akka ilaalutti Diinaaricha anatti fidaa.” Jedhe.16 Isaanis tokko Yesuusitti fidan. “fakkiin kana irraa eenyuun fakkaata?” jedhe?"Isaanis, “Qeesaar” jedhan .17Yesuus, “waanta isa qeesaar, qeesaariif kennaa, isa kan Waaqayyoo immoo Waaqayyoof kennaa” jedhe, isaanis isa ni dinqifatan.18Warri saaduqootaa, warri du’aan hin jiru jedhan. Gara isaa dhufan. Akka jedhaniis isa gaafata. 19"Yaa barsiisa, Museen nuuf barreesseera, yoo obboleessi nama tokkoo, haadha manaa dhiisee du’e, mucaa immoo hin qabu ta’e, namichia haadha manaa obboleessa isaatii fuudhuutu irra jira, ijoollee obboleessa isaatiis guddisuuti irra jira jedhee nuuf barreesseera” jedhan.20222320 Obboloota torbatu turan, inni jalqabaa haadha manaa fuudhee du’e, ijoollee utuu hin fodhatin. 21 21Inni lammaffaan fuudhee irraa du’e, ijoollee utuu hin godhatin, inni sadaffaanis akkasuma. Dhuma irratti, dubartitiinis ni duute. 23 Du’aa ka;uutti, yeroo du’aa ka’an, isheen kan eenyuu taati? Obboloonni turban hunduntuu akka haadha manaattoo ishee fuudhaniiruu?”24 Yesuus, “kun sababii isin ittiin dogoggrtan mitii, isin yookaan caafata qulqulla’aa, yookaan immoo humna Waaqayyoo hin beektan” jedhe. 25Isaan yeroo du’aa ka’an, akka ergamoota warra keessaa ta’u malee, hin fuudhan hineerumani.26 Garuu waa’ee warra du’aa ka’anii ilaalchisee, isin macaafa Musee keessatti hin dubbifne, waa’ee daggala isa boba’uu, akkamitti akka Waaqayyo itti dubbatee fi “ani Waaqayyo isa kan Abrahaamii fi Waaqayyo isa ka Yisiyaaqi, Waaqayyo isa kan Yaaqobis” jedhe? 27Inni Waaqayyo warra du’anii miti, kan warra jiraatooti. Isin sirriiti dogoggortaniittu.”28Warra barreessitootaa keessaa tokko dhufee isaanii wajjin mari’ate, utuu Yesuus siirriitti isaaniif deebisuus dhaga’e. Inni “abboommiiwwan keessa isa kamtu caalaa barabaachisaadha?” jedhee isa gaafate. 29Yesuusis, “inni baay’ee barbaachisaan, Yaa Israa’el dhaga’I Waaqayyo kee Waaqayyo tokkicha. 30Waaqayyoo kee garaa kee guutuu, lubbuu kee guuuu, sammuu kee guutuu, human hundumaan jaalladhau” isa jedhu jedhe. 31Abboommiin inni lammaffaan, “olloota kee akka ofii keetti jaalladhu” abboommiin isaan kana caalu hin jiru jedhe.32Barreessichis, “Yaa barsiaa gaarii! Ati dhuguma Waaqayyo tokko jette, isa birattis Waaqayyo kan biraan akka hin jirre. 33garaa hundumaan isa jaallachuun, hubannaa hundumaa fi humna hundumaa, akkasuma olloota ofii akka ofiitti jaallachuun aarsaa gubamuu aarsaa irra akkka caalu. Siirri jette jedhe.34Yesuus yeroo inni gaafii gaarii ta’e kennuu isa arge, “ati mootummaa Waaqayyoo irraa fagoo miti” ittiin jedhe. Isa booda, eenyu illee Yesuusiin gaadii gaafachuudhaaf kan ija jabaate hin turre.35Yeroo Yesuus mootaa mana sagadaa keessatti barsiisaa ture, "warri barreessitootaa akkimitti, Kiristoos ilma Daawwiti” jedhu. 36Daawwit ofii isaatiif, hafuura qulqulluudhaan, 37Daawwit mataan isaa iyyuu “gooftaa” jedhee isa waame, kanaaf akkamitti Kiristoos ilma daawwit ta’aree?” jedhe. Sabichis gammchuudhaan isa dhaggeeffate.'Gooftaan koo gooftaa kootiin,"karaa mirga koo taa’i, hangan diinota kee miilla kee jala kaa’utti.”38 Yesuus barsiisa kana keessatti, “warra barreessitoota irraa of eegaaa, warra dhedheeraa uffatanii fi bakka gabaattis nafaa gaafatamuu barbaadan irraa of eeggadhaa, 39warra yaa’ii keessattis teessuma isa baay’ee barbaachisaa qabanii fi bakka dhangaattis bakka kabajaa qaban. Jedhe. 40Isaan mana dubartoota abbaa manaa hin qabnee ni saamu, akkasuma isaan namootaafis kadhannaa dheeraa kadhatu arguudhaaf, namoonni kun ifatamuu guuddaa ni fudhatamu.”41 Yesuus al tokko fuullee qodaa buusii taa’ee ture, inni yeroo namoonni buusii isaanii qodaa buusii keessa buusaa turan ilaalaa ture. Namoonni sooressootni baay’een, maallaqa baay’ee kennaa turan. 42Dubartiin abbaa manaa hin qabne tokkos dhuftee horii sibiilaa kan akka saantima lama buuste.43 Inni bartoota isaa waamee, “ani dhuguman isinniin jedhe, haati hiyyeessaa kun, isa warri kaan qodaa buusii keessa buusan caalaa buuste. 44warra kaan isa isaan irraa hafe buusani. Dubartiin abbaa manaa hin qabne kun, dhaba ishee keessaa kennite, qabeenyaa ishee hundumaa isa ittiin jiraattu buuste.” Jedhe.
1 Utuu Yesuus mana sagadaa keessaa ba’uu, bartoota isaa keessaa tokko, “Yaa barsiisaa, dhagoota fi gamoo ajaaiboo kana ilaali” jedhe!” 2Yesuusis, “Gamoowwan gaarii kana ni ilaaltuu? Dhanaan kam iyyuu dhagaa irratti hin hafu, ni diigama malee."3 Yeroo inni tulluu Ejersaa irra fuullee mana qulqullummaa taa’e, Pheexiroos, Yaaqob, Yohaannisii fi Indiriyaasiin qoofniitti gaafate. 4"Nutti himi, Kun yoom ta’a? yeroo kun ta’uudhaaf jedhu mallattoo akkamiitu ta’a?”5 Yesuus akka ittiin jechuutti ka’e, “eenyu illee akka isin hin gowwomsineef of eeggadhaa. 6Baay’een maqaa kootiin dhufanii, ‘Ani isa,’ isaan garuu baay’ee isin gowwomsu.7 Yeroo lolaa fi oduu lolaa dhageessan, hin sodaatinaa, kun ta’uutu irra jira, garuu dhumni isaa amma iyyuu hin geenye. 8sabni saba irratt ni ka’a, mootummaanis mootummaa irratti. Bakka hedduuttis sochiin lafaa ni ta’a, beellis akkasuma. Kun jalqaba miixuu da’umsaati.9 "Of eeggadhaa. Isaan yaa’ii duratti isin dhiyeessu, yaa’ii duratti isin dhaanu. Isaan waa’e koof jedhanii abboota biyyaa fi mootota dura isin dhaabu. Kun dhugaa isinitti ni ba’a. 10Garuu jalqaba saba hundumaatti wangeelli lallabamutu irra jira.11 Isaan yeroo isin qaban, waan waa’ee dubbattaniif hin dhipatinaa. Yeroo sana, waanisin dubbatan isiniif ni kennama, kan dubbatu isin miti, hafuura qulqulluudha malee. 12Obboleessi dabarsee obboleessa isaa du’atti ni kenna, abbaanis mucaa isaa. Ijooleen maatii isaanii irratti ni ka’u, isaan ajjeesisuudhaaf. 13Maqaa koof jettanii nama hundumaa biratti ni jibbamtu. Garuu hanga dhumaatti kan obsu, ni fayya.14 "Inni jibbisiisaan iddoo qulqull’aa xureessu sun, iddoo isaaf hin malle dhaabachuu isaa yeroo argitan namni kana dubbisu haa hubatu, warri Yihudaa jiran gara gaarotaatti haa baqatan. 15Namni inni guutuu manaa irra jiru waa fudhachuudhaa gara manaatti gadi hin bu’in, 16Inni oyiruu keessa jiru uffata isaa fudhachuudhaaf hin deebi’in.17Garuu guyyaa sana warra ulfia ta’aniif ijoollee guddisaniif wayyoo! 18Akka inni yeroo gannaatti hin taaneef kadhadhaa. 19Guyyoonni sun guyyoota dhiphinaa waan ta’aniif, rakkinni akkasii erga Waaqayyo biyya lafaa uumee, jalqabee hanga ammaatti hin taane, deebi’ees hin ta’u. 20Yoo Waaqayyo guyyicha gabaabse malee, namni tokko iyyuu hin fayyu. Garuu warra fo’amanii jedhee, warra inni fo’ate, guyyicha ni gabaabsa.21 Kanaaf namni kam iyyuu yoo “Ilaalaa, Kiristoos as jira!’ jedhan hin amaninaa. 22Kiristoos warri sobduu fi raajonni waan ka’aniif, akkasuma isin gowwomsuudhaaf mallattoo fi dinqii isin argisiisu, yoo dandaa’ame warra fo’aman illee. 23Of eeggadhaa! Ani waanta kan dursee isinitti himeera.24 "Garuu dhiphina guyyoota kanaa booda, 25 Urjoonnis waaqa irraa ni harca’u,Humnoonni bantii waaqaa keessaas ni raafamu.’ 26Isa booda utuu ilmni naa duumesa keessan humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu ni argu. 27 Isa booda, inni ergamoota isaa ergee, warra Waaqayyoof fo’aman qixa arfanii, andaara lafaatii, andaara bantii waaqatiis walitti ni qaba, jedhe.'aduun ni dukkanoofti,Jiinis ifa ishee hin kennutu,28 Muka harbuu irraa fakkeenya fudhadhaa. Dameen isaa quqquuqee baala yeroo biqilchu, bonni akka dhiyaate ni beektu. 29Akkasuma, yeroo kun ta’u yeroo argitan, inni akka dhiyaate beekaa, gara balbalaatti akka dhiyaate.30Ani dhuguman isinitti hima, hanga waanti kun hundumtuu ta’utti dhaloonni kun hin darbu. 31Waaqayyo lafti ni darbu, garuu, dubbiin koo tasa hin darbu. 32Garuu guyyaa yookaan yeroo sana ilaalchisee, eenyu illee hin beeku, ergamoonni waaqa keessaa illee, ilmis, abbaa qofaa malee.33 "Dammaqaa! Ilaalaa, yoom akka ta’e waan hin beekneef. 34Inni akka nama karaa adeemuuti, mana isaa warra hojjetootatti kennaa adeema, tokkoo tokkoo isaaniifis hojii ni kenna, akka inni balbala eegu dammaqaa ta’uufis ni abbooma.35 kanaaf, abbaan manichaa yoom akka ddeebi’ee gara manaa dhufu, waan hin beekneef dammaqee ni eega. Tarii ganama ta’uu danda’a, halkan ta’uu danda’a, yeroo Indaaqqoon iyyu ganama barii. 36Inni akka tasaa dhufe, utuu isin rafaa jirtanii akka isin hin argine. 37waan an isiniin jedhe kana nama hundumaatti nan hima. Ilaalaa!”
1Amma yyaana Faasikaa fi ayyaana Maxinoo dura guyyaan lama hafee ture. Angafoonni lubootaa fi warri barreessotootaa akkaataa dhoksaadhaan itti Yesuusiin qabanii ajjeesan barbadaa turan. 2Isaanis, “Yeroo ayyaanaa miti, akka saba gidduutti jeequmsi hin kaanetti.” Jedhan.3Utuu Yesuus Bitaaniyaa mana Simoon isa lamxii qabuu jiruu, utuu inni minjaala irra ta’uu, dubatiin tokko urgooftuu dibata makaa hin qabne, baay’ee gatiin isaa jabaa ta’e, hidda biqiltuu Naardo jedhamu irraa kan hojjetame, shurrubeetti qabattee dhufte, isheenin shurrubee sansa cabsitee, urgooftuu sana mataa Yesuus irratti naqxe. 4Garuu, namoonni aaran immoo turaniiru. Isaan walii isaanii gudduutti haasa’anii, “hiikaan urgooftuu kana balleessuu maaloodha? Jedhan. 5Urgooftuun kun Diinaarii dhiibba lama caalaatti gurguramee, warra hiyyeessotaaf kennamuu ni danda’a ture.” Jedhanii ishee arrbsan.6896 Yesuus garuu, “ishee dhiisaa. Maaliif ishee dhiphiftu? Isheen waan gaarii anaaf hojjette. Jedhe. 7 7warri hiyyeessotaa yeroo hundumaa isin gidduu jiru, kanaaf yeroo barbaadanitti isaaniif waan gaarii ta’e gochuu dandeessu, anaan garuu yeroo hundumaa of gidduutti ana hin argitan,” jedhe. 9 ani dhuguman isinitti hima, yeroo wangeelli guutummaa biyya lafaa keessatti lallabamu, waan dubartiin kun hojjette ni himama, yaadannoo isheetiif.” Jedhe.10 Yidudaan inn Asqorotoichi, warra kudha lamaanii keessaa, dabarsee isa kennuudhaaf gara angafa lubootaa dhaqe. 11Angafni lubootaas yeroo dhagaa’an, gammadanii qarshii isaaf kennuuf waadaa galaniif. Inni isa dabrsee kennuudhaaf carraa barbaadaa ture.12Guyyaa jalqabaa ayyaana maxinootti, yeroo isaan hoolaa faasikaa qalan, bartoonni isaa, “eessatti akka qopheessini barbaadda, akka nyaata ayyaanaa nyaattuuf?” jedhan.13Innis bartoota isaa lama ergee, “gara mandaraa dhaqaa, nanmi okkotee bishaanii baatu tokkos isinitti ni dhufa. Isa duukaas bu’aa. 14mana inni itti seenus, duukaa seenaatii abbaa mana sanaan, “barsiisaan, kutaan koo meerree, bakki ani bartoota koo wajjin itti faasikaa nyaadhu? “ jedhaa jedhe.15Inni kutaa isa gara olii miidhagaa fi qophaa’aa ta’e isnitti ni argisiisa. Achittis nuuf qopheessaa.” 16bartoonnis dhiisanii gara magaalichaa dhaqan. Akkuma inni jedhettis waan hundumaa argan. Achittis faasikaa qopheessan.17Yeroo dhiyes, inni warra kudha lamaanii wajjin dhufe. 18Utuu maaddiitti ta’anii nyaataniis, Yesuus, "Dhuguman isiniin jedha, warra anaa wajjin nyaattan keessaa tokko ana gana.” Jedhe.19Hundumti isaaniis ni gaddani, tokko tokkoonis, “anaaree?” jedhan.20Yesuusis deebisee, “warra kudha lamaanii keessaa, isa anaa wajjin qodaa ittoottii cuuphatuudha, 21Ilma namaa akkuma waa’ee isaaf barreeffame ni ta’a. garuu waa’ee isa ilmi namaa karaa isaa darbarfamee kennamuuf wayyoo! Utuu hin dhalanne ta’ee isaaf wayyoo ture.” jedha.22 Utuu nyaachaa jiraniis, Yesuus buddeen fuudhee, eebbisee, cabse. Isaaniifis kennee, “kana fudhadhaa, kun qaama kooti.” Jedhe. 23Inni xoofoo fudhatee, galatteeffatee, isaaniifis kenne, hundumti isaaniis ni dhugani. 24“Kun dhiiga kakuu kooti, dhiiga isa baayyeef dhangala’e. jedhe. 25dhuguman isinitti hima, ani deebisee wayinii kanattii hin dhugu, hanga guyyaa sanaatti, mootummaa Waaqayyoo isa haaraatti.” Jedhe.26Erga faarfannaa faarfatanii booda, gara gaara ejrsaatti ol ba’ani. 27Yesuus, “Hundumti keessan na dhiiftu, barreeffamee akkuma jiru,28Garuu ergan ka’ee booda, isin dura gara Galiilaa nan dhaqa.” Jedhe.'Tiksee nan rukuta, hoolotnis ni faca’u.’29Pheexiroos, “yoo hundumtuu si dhiisan, ani sin dhiisu.” Jedhe.30Yessuusis, “ani dhuguman siin jedha, har’a, eyyee, halkan kana, utuu Indaaqoon hin iyyin yeroo lama ana ganta.” Ittiin jedhe. 31Pheexiroos garuu jabeessee, “Yoo sii wajjin du’uun ana irra jiraate, ani sin ganu.” Jedhe. Hundumti isaaniis waafaa wal fakkaatu seenan.32Isaan gara baka iddoo Geetesemaanee jedhamu dhufan, Yesuusis bartoota isaatiin, “hangan kadhadhutti asuma turaa.” 33Inni Pheexiroosiin, Yaaqobii fi Yohaannisiin fudhatee, dhiphachuu fi guddisee yaadda’uutti ka’e.34“Lubbuun koo guddaa dhiphatteetti, hanga du’aatti illee. As turaatii ilaalaa.” isaaniin Jedhe.35Erga muraasa adeemee booda, Yesuus lafatti gadi gonbifamee kadhate, yoo dandaa’ame yeroon kun ana irra haa darbu jedhee. 36Inni, “Yaa, abbaa, yaa abbaa, siin waanti hundumtuu ni dandaa’ama. Xoofoo kana ana duraa kaasi. Garuu fedha koo miti, kan kee malee.” Jedhe.37 Inni deebi’ee dhufee utuu isaan rafanii arge, Pheexiroosiin, “Simoon, ni raftuu? Yeroo sa’atii tokkoof illee dammaquu hin daneenyee? 38 Dammaqaa, kadhadhaa, akka qormaatatti hin galletti jedhe. Hafuurri dammaqaadha. Foonni garuu dadhabaadha.” Jedhe. 39Ammas, dhaqee kadhate, jechuma wal fakkaatu gargaarame.40 Ammas yeroo deebi’ee dhufe, rafanii isaan arge, inis itti ulfaatee ture. Isaan waan ittiin jedhan dhaban. 41Innis yeroo sadaffaas dhufee, “amma iyyuu ni raftu, boqochaa jirtuu? Jedhe. Ni ga’a! Yerichi ga’eera. Ilaalaa! Ilmi namaa harka warra cubbamootaa keessatti ganamaara.” Jedhe. 42Ka’aa, haa adeemnuu. Ilaalaa, inni ana ganu asuma jira.” Jedhe.43 Utuu inni haasa’aa jiruu, Yihudaan, warra kudha lamaanii keessaa, achi ga’e, namoonni baay’eenis, isaa wajjin billaa fi bokkuu qabatanii dhufan, angafoota lubootaa biraa, warra barreessitoota biraa fi geggeessitoota biraa. 44Amma egaa inni ganu kun mallattoo kenneef, “Namichi inni ani dhungadhu isa. Isa qabaatii eeggadgaa fuudhaatii sokkaa.” 45Yihudaan yeroo ga’e, battaluma gara Yesuus dhufee, “Rabbi,” jedhee isa dhungate. 46Isa booda isaan harka isa irra kaa’anii isa qaban.47 Isaan keessaa tokko inni cina dhaabachaa ture, billaa isaa baasee gurra angafa lubaa irraa kute.48Yesuus, “akka nama saamtuu qabuutti, billaa fi bokkuu qabattanii ana qabuu dhuftanii? Jedhe. 49Yeroon guyyaa hundumaa isini bira turee fi mana sagadaa keessatti barsiisaa ture, isin ana hin qabne. Kun garuu akka caaffatni qulqull’aan fiixaan ba’uuf ta’e.” 50Warri Yesuusii wajjin turan hundumtuu dhiisanii baqatan.51Dargaggessi tokko, uffata quncee talbaa tokko qofaa uffate, Yesuus duukaa bu’e. Namoonni yeroo isa qaban. 52Uffata isaa sana gatee qullaa isaa baqate.53 Isaan Yesuusiin gara angafa lubaatti geessan. Angafoota lubootaa, geggeessitootaa fi warra barreessitootaa hundumaa wajjin wal-ga’iin ture. 54Pheexiroosis fageenya irraa isa hordofaa ture. Hanga mooraa mana angafa lubaatti. Inni warri geggeessitoota gidduu taa’e, abidda qaammachaa.55Egaa, angafoonni lubootaa fi guutummaan yaa’ii Yihuudotaa faallaa Yesuus, isa ajjeesuudhaaf dhuga ba’umsa barbaadan. Garuu hin arganne. 56Warri kaan waa’ee isaatiif dhuga ba’umsa dharaa fidan. Garuu immoo dhuga ba’umi isaanii illee waliif hin galle.57 kaan dhaabatanii sobaan isa irratti dhugaa baa’an, 58Utuu inni “Mana qulqullummaa harkaan ijaarame kana nan diiga;, deebisee immoo hojii harkaa malee guyyoota sadii keessatti nan ijaara” jedhuu dhegeenyeerra jedhan. 59amma iyyuu dhuga ba’umsi isaanii waliif hin galle.60Angafni lubaa gidduu isaanii dhaabatee, Yesuusiin, “deebii qabdaa? Inni dhugaa sirratti ba’amaa jiru kun maali?” jedhee gaafate. 61Yesuus garuu callise, homaa hin dubbanne. Angafni lubaa sun ammas, “Ati Kiristoosii, ilma isa eebbifamaa sanaa?” jedhe.62Yesuusis, “eyyee, utuu ilmni namaa mirga humna qabuu ta’uu ni argitu; duumessa waaqaatiinis utuu dhufuu ni argitu.” Jedhe.63Angafni lubaas uffata isaa tarsaasee, “amma iyyuu dhuga ba’umsa ni barbaanaa? Jedhe. 64Waaqayyoon arrabsuu isaa dhageessaniittuu, egaa murtoon keessan maaliree?” jedhe. Isaan hundumti isaanii du’uun ni ta’aaf jedhanii ceepha’an. 65Jarreen tokkos isatti tufan, ija isaa hidhanii rukutanii, “eenyuutu si rukute? Raajii keetiin nutti himi!” ittiin jedhu turan, warri eegdonnis, isaan harkaa fuudhanii isa kakkabalan.66Utuu Pheexiroos oobdii keessa jiruu, durboota warra tajaajiltoota angafa lubaa keessaa gara isaa dhufte. 67Utuu Pheexiroos abidda qammatuu argite, isheenis isatti siqxee ilaaltee, “Atis Yesuus isa Naazireetichaa wajjin turte.” Jette.68Inni garuu isa gane, “An isa hin beeku, waan isin waa’ee isaaf dubbachaa jirtanis hin beeku.” Jedhe. Isa booda gara balbalaatti sokke. Indaaqqoonis ni iyye.69Mucaan durbaa isheen hojjettuun sun garuu, mmas isa argitee, warra achi dhaabatanii turaniin, "Namni kunis isaan keessa tokko.” Jette.70Inni garuu ammas ni gane. Yeroo muraasa booda warri achi dhaabachaa jiran, Pheexiroosiin, “ati dhugaadhumaan isaan keessaa tokko, ati nama Galiilaati.” Jedhan.71 Inni garuu of abaaruu fi kakachuutti ka’e, “ani namicha isin waa’ee isaa dubbattan kana hin beeku.” Jedhe. 72Indaaqqoon yeroo lammaffaaf iyyite. Isa booda Pheexiroso dubbii isa Yesuus itti himee ture yaafate. "Utuu Indaaqqoon hin iyyin, ati yeroo sadii ana gantan” isa inni jedhe. Kufees ni boo’e.
1Ganama barii, angafoonni luboota, warra geggeessitootaa, barreessitotaa fi guutummaan yaa’ii Yihuudotaa, wal ga’aan. Yesuusiinis qabanii fuudhanii sokkani. Philaaxoosittis isa kennan. 2Philaaxoosis, “Ati mootii Yihuudotaatii?” jedhe.Innis, “Ati iyyuu jetteettaka,” jedheee deebiseef. 3Angafoonni lubootaas waan baay’eedhaan isa himataa turan.4Philaaxoos amma “deebii qabdaa?” jedhee isa gaafate. Waantota meeqaan akka isaan si himatan ilaali! Jedhe. 5Yeruus garuu kana caalaa Philaaxoosiif hin deebinfe, inni immoo isa dinqifate.6Amma, guyyaa ayyaana sana, Philaaxoos nama hidhaman tokko gad ni dhiisaaf ture, hidhamaa isaan gaafatan. 7Namni maqaan isaa Barabbaa jedhamu tokko, mormitoota yeroo mormii nama ajjeesan tokkoo wajjin mana hidhaa keessa ture. 8Sabni sunis gara Philaaxoos dhufanii, akka inni waan kanaan dura isaaniif godhe ture isaaniif hojjetuuf isa gaafatan.9Philaaxoosis deebiseefii, "Akkan mootii warra Yihuudotaa isiniif gad dhiisuuf ni barbaadduu?” jedhe. 10Inni waan angafoonni lubootaa jibba isaa irraan kan ka’e Yesuusiin isatti kennan beeka. 11Angafoonni lubootaas, akka sabni sun iyyee qooda isaa Barabbaa gadi nuuf dhiisi, jedhuuf kakaasan.12Philaaxos amma irra deebi’ee, “egaa ani mootuu Yihuudotaa maal godhuree?” jedhe. 13Isaan ammas iyyanii, “isa fannisi!” jedha.14Philaaxoosis, “Inni maal maal hojjete?” jedhe.Isaan garuu irra deddeebi’anii iyyanii, “isa fannisi.” 15Philaaxoos sab asana gammachiisuuudhaaf jedhee Barabaa gadi dhiis. Inni Yesuusiin reebee, aarsaattis dabarsee kenne.16Loltoonnis mooraa keessaa isa baasan (isa waajjira ol aanaa mootii ture), isaan garee loltootaa hundumaa waaman. 17Isaan uffata dhiilgee Yesuusitti uffisan. Gonfoo qoraarriis hojjetanii mataa isaa irras kaa’an. 18Isaan nagaa gaafatanii, “Attamiree, mootii Yihuudotaa!19Uleedhaanis mataa isaa rukutanii, itti tufan. Jibeenfataniis fuula isaa duratti kufan. 20Itti ga’isaniis, uffata isaa isa dhiilgee isa irraa baasanii uffata ofii isaanii isa irra buusani, isa booda gara isa fannisuutti geessan. 21Namni tokko, Simoon isa Qareenaa, namni biyya (Inni abbaa Alekzaanderiyaa fi Ruufos), isaanis akka namni kun fannoo isaa baatuuf isa dirqisiisan.22Loltoonni gara bakka Golgootaa jedhamuutti Yesuusiin fidani (Hiikaan maqaa bakka kanaas, “bakka lafee mataa” jechuudha. 23Isaani daadhii wayinii qumbiidhaan makame kennaniif, inni garuu hin dhugne. 24Isaan erga isa fannisanii booda, warri loltootaa carraa irra buusanii uffata isaa addaan qooddatani.252825 Yeroo isaan kana fannisan guyyaa keessaa sa’atii sadii ture. 26Yakka inni ittiin himatame mulisuudhaaf, “Mootii Yihuudotaa.” Jedhanii barreessan. 27Isaa wajjinis namoota saamota lama fannisani. Bitaa isaa fi mirga isaatti. 2829Waari isa bira darban isa arrabsan, harka isaanii raasanii, “Eenyuudha kana kan mana qulqullummaa diigee, guyyaa sadii booda immoo ijaaru, 30Ofii kee oolchiitii, fannoo irraas gadi bu’i” ittiin jedhan.31 Bifuma wal fakkatuun angafoonni lubootaas walii isaanii fi, warra barreessitootaa wajjin, itti ga’isanii, “Inni warra kaan fayyiseera, ofii isaa garuu oolchuu hin dandeenye,” 32Kiristooos inni mootiin Israa’el mee fannoo irraa gadi gaa ba’u, akka nuti arginee amanutti.” Ittiin jedhan. Warri isaa wajjin fannifaman illee isa arrabsan.33 Sa’atii ja’aa eegalee, hanga sa’atii sagalitti guutummaa lafaa irra dukkanni buufatee ture. 34Sa’atii salgaffaatti Yesuus sagalee isaa ol fuudhee, “Elo’ii, Elo’ii, lamaa sabaktaanii?” jedhe. Innis yeroo hiikamu, “Waaqayyoo ko, Waaqayyoo ko, maaliif ana dhiifte?” jechuudha. 35Warra isa bira dhaabatan keessaa kaan, “Ilaalaa, inni Eliyaasiin waamaa jira.” Jedhan.36Namni tokko fiigee, wayinii dhangaggaa’aa, waan akka cumaatti kaa’ee mataa uleetti kaa’ee, akka inni dhuguud isaaf kenne. Namichis, “Mee utuu Eliyaas si oolchuu dhufuu ni ariginaka.” Jedhe. 37Yesuus yemmus, sagalee gudda dhageessisee du’e.38Golgaan mana qulqullummaas bakka lamaatti gubbaadhaa hanga godaatti tarsa’e.39Angafni dhibbaa inni dhaabatee ture, yeroo Yesuus bifa kanaan du’uu isaa arge, “Inni kun dhuguma ilma Waaqayyootti” jedhe. 40Dubartoonni fageenya irraa isa hordofaa turanis turaniiru. Isaan keessaa, Maariyaan ishee Magdalaa, Maariyaan ishee (haadha Yaaqobii fi isa quxisuu kan Yosees), 41Isaan yeroo inni Galiilaa ture isa duukaa ba’anii isa taajaajilan. Akkasuma dubartoonni baay’een isaa wajjin gara Yerusaalem dhufaniiru.42Yeroo dhi’es, waan guyyaa qophee turee, inni guyyaa isa sanbata duraa, 43Yoosef namni Armaatiyaas achi dhufe. Inni miseensa yaa’ii, kabajamaa isa mootummaa kabajamaa Waaqayyoo eeggachaa tureedha.Inni ija jabinaan gara Philaaxoos dhaqee, reeffa Yesuus gaafate. 44Philaaxos du’uu Yesuus ni dinqifate. Inni angafa dhibbaa sana waamee yoo Yesuus du’eera ta’e gaafate.45Philaaxos yeroo akka Yesuus du’e angafa dhibbaa sana irraa adda baafate, reeffa isaa Yooseff kenne. 46Yoosefis, wayyaa quncee talbaa irra hojjetame bite. Isas fannoo irraa buusee, uffata sanaanis mare, awwaalcha keessa kaa’e, isa dhagaa irraa murame. Isa booda dhagicha gara balabala awwalichaatti gara galche. 47Maariyaan isheen Magdallaa fi Maariyaan isheen haadha, Yosees bakka Yesuus itti awwaalame arganiiru.
1Yeroo guyyaan torbaffaan dhume, Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqobii fi Saloomeen, urgoofuu bitanii ittiin qaama Yesuus dibuuf jedhan. 2Ganama barii jalqaba torbanii, yeroo isaan lafa awwaalichaa dhaqa aduun baate.3Akkasis waliin jedhan “Eenyutu balbala awwaalichaa irraa dhagicha nuuf gara galcha?” jedhan. 4Isaan yeroo ol ilaalan, dhagicha irraa gara galee argan, innis guddaa ture.5Isaanis gara awaalichaatti seenanii, dargaggeessa uffata adii uffate tokko, karaa mirgaa ta’ee arganii na’an.6Innis, “Hin na’inaa. Isin Yesuus nama Naazireet barbaadduu, isa fannifame. Inni ka’eera! Inni as hin jiru. Bakka inni kaa’amee tures ilaalaa. 7garuu dhaqaatii, bartoota isaa fi Pheexiroositti himaa, “Inni isin dursee gara Galiilaa ni dhaqa, achisttis isa ni argitu, akkuma inni isiniti himee ture” ittiin jedhe.8 Isaanii fiiganii awwalicha keessaa baa’anii fiigan, oollataniis dinqifatan. Isaan sodatanii waan turaniif nama tokkotti illee homaa hin dubbanne.9 [jalqaba guyyaa torbaniitti, erga ka’ee booda, jalqaba Maariyaam ishee Magdalaa ishee seexana torba keessaa baasetti mul’ate. 10Isheenis dhaqxee warra isaa wajjin turanitti himte, utuu isaan gaddaa fi boo’uuutti jiranii. 11Isaanis akka inni lubuun jiruu fi isheenis immoo argite ni dhagaa’an, garuu hin amanne.12 Waantota kana booddee, inni bifa kan biraadhaan isaan keessa lamatti mul’ate, utuu isaan magaalaa keessaa ba’anii. 13isaanii deebi’anii dhaqanii warra kaanitti himan, isaan garuu isaaniin hin amanne.14Yesuus booda immoo, warra kudha lamaaniitti mul’ate, utuu isaan maaddiiti ta’anii, innis amanuu diduu isaanii fi gara jabina isaaniif isaan ifate, sabaiin isaa isaan warra erga inni du’aa ka’e isa argan hin amanne. 15 Innis, “Gara biyya lafaa hundumaa dhaqaa, uumama hundumaattis wangeela lallabaa. 16namni amanee fi cuuphame ni fayyaka, kan hin amanneetti garuu ni faradama..17mallattoon kun warra amanii wajjin ni ta’a, isaan maqaa kootiin seexanoota ni baasu, afaanota haaraa ni dubbatu. 18harka isaaniitiin bofa ni qabu, yoo waan nama ajjeesu dhufanis, isaan hin miidhu. Dhukkubsataa irra harka isaanii ni kaa’u, isaanis ni fayyu.” Jedhe.19Gooftaan Yesuus erga isaanitti dubbatee booda, gara waaqa keessatti ol fudhatamee gara mirga Waaqayyoos taa’e. 20Bartoonnis dhaqanii bakka hundumaatti wangeela lallabani, gooftaan isaanii wajjin hojjetee, dubbichas mallattoon isaaniif mirkaneessuu.
1Yesuus bartoota isaatiin akkana isaaniin jedhe, "Dhagaawwan nama gufachiisan akka jiran kan mirkanaa’ee dha, garuu wayyoo namicha karaa isaatiin kun ta’uuf! 2Isaaf ni wayya ture utuu dhagaan daakuu morma isaatti rarraafamee innis gara galaanaatti darbatamee warreen xixiqqoo kanneen keessaa isa tokko gufachiisuu isaa irra.3Ofii keessan eeggadhaa. Yoo obboleessi keessan cubbuu hojjete, isa ifadhaa, inni yoo deebi’ee, dhiisaafi. 4Yoo inni guyyaa tokko keessatti si’a torba isin yakke, si’a torbanuu gara keessanitti deebi’ee akkana jedhee, ‘Ani balleesseera,’ dhiisuufii qabdu!"5Bartoonni Gooftaadhaan akkana ittiin jedhan, "Amantii keenya nuuf guddisi."6Gooftaan akkana jedheen, "Utuu amantii hanga ija sanaaficaa geessu qabaattanii, muka ejersaa kanaan akkana ittiin jettu, ‘Asii buqqa’ii, galaana keessa dhaabbadhu,’ innis isiniif abboomama.7 Garuu isin keessaa eenyu namni hojjetaa isaaf qotu yookaan hoolaa tiksu kan qabu, yeroo inni hojii irraa gara manaatti deebi’u kan akkana jedhuun, ‘Kottuu ariifadhuu taa’ii nyaadhu'? 8Akkana isaan jedha mitii, 'Waanan nyaadhu mee anaaf qopheessi, mudhii keetti marxifadhuutii hangan nyaadhee dhugee xumurutti na tajaajile. Sana booddee ati immoo nyaattee ni dhugdaa'?9Waan abboomame kanneen waan inni raawwateef inni hojjetaa sana hin galateeffatu, ni galateeffataa ree? 10 Isinis immoo akkasuma, wannneen abboomamtan mara yommuu raawwatan, akkana jechuu qabdu, ‘Nuyi hojjetoota waa’ee hin baafnee dha. Waanuma raawwachuu qabnu qofa raawwanne.'"11 Inni utuu gara Yeruusaalemitti imalaa jiruu, daandii daangaa Samaariyaatii fi Galiilaa giddu jiru keessa darbe. 12 Akkuma inni mandara tokko seeneen, namoota dhukkuba lamxiitiin dhukkubsatan kudhan ni arge. Isaan isa irraa fagaatanii dhaabbatanii 13 sagale isaanii ol fudhatanii akkna isaan jedhan, "Yaa Yesuus, yaa Gooftaa, araara nutti argisiisi."14Inni yommuu isaan arge, akkana isaaniin jedhe, "Dhaqaatii lubootatti of argisiisaa." Akkuma achii deemaniin, isaan ni qullaa’an. 15 Isaan keessaa inni tokko akka qullaa’e yommuu argette, of irra gara galee, sagalee guddaadhaan Waaqayyoon ni galateeffate. 16 Miilla Yesuus jalatti fuula isaatiin lafatti gombifamee, isa galateeffate. Namichi kun nama Samaariyaa ture17Achumaan Yesuus akkana jedhe, "Nama kudhan hin turre mooo kanneen qulleefaman? Salgan meerre ree? 18 Namicha isa horma ta’e kana malee warreen kan Waaqayyoof galata galchuudhaaf kan deebi’an hin jiranii?" 19Isaan immoo akkana jedheen, "Ol ka’ii deemi. Amantiin kee si fayyiseeraatii."20Mootummaan Waaqayyoo yoom dhufuuf akka jiru Fariisotaan gaafatamee, Yesuus akkana jedhee isaaniif deebise, "Mootummaan Waaqayyoo akka namni isa eegetti hin dhufu. 21Yookaan akkana hin jedhamu, 'kunoo ti, inni as jira!' yookaan, ‘Inni achi jira!' Hubadhaa, mootummaan Waaqayyo isin gidduu jiraatii."22 Inni bartoota isaatiin akkana jedhe, "Guyyoonni isin Ilma Namaa arguudhaaf itti hawwitan ni dhufu, garuu hin argitan. 23Namoonnis akkana isiniin jedhu, ‘Ilaa, achi jira! Ilaa as jira! Garuu isaan waliin hin adeeminaa, 24 bakakkaan samii gar tokko irraa gara isa kaaniitti calaqqisuu guddaadhaan akkuma mul’atu, Ilmi Namaas guyyaa isaatti akkasuma25Garuu inni duraan dursa wanneen hedduudhaan dhiphachuuf jira, dhaloota kanaanis tuffatamuudhaaf. 26Akkuma bara Nohitti ta’ee turetti, guyyoota Ilma Namaattis akkanuma ta’uuf jira. 27 Isaan nyaataa, dhugaa, fuudhaa fi heerumaa, fuudhaa fi heerumatti waliif kennaa turan hanga guyyaa Noh doonii isaatti seeneetttii—fi lolaanis dhufee isaan mara balleesseetti.28 Haaluma wal fakkaatuun, akkuma bara Looxitti ta’e iyyuu—isaan nyaataa fi dhugaa, bitaa fi gurguraa, biqiltuu dhaabbataa fi mana ijaarrataa turan. 29Garuu guyyaa gaafa Loox Sodoomii ba’etti, ibiddaa fi diiniin samii irraa roobee isaan mara balleesse.30 Haaluma kana fakkaatu boodaan guyyaa mul’achuu Ilma Namaattis akkanuma ni ta’a. 31 Guyyaa sanatti namni inni bantii manaa irra jiru meeshaalee ofii kanneen mana keessa jiran fudhachuudhaaf gadi hin bu’in, haaluma wal fakkaatuun namni dirree irra jirus ol deebi’uudhaaf hin yaalin32 Haadha warraa Looxiin yaadadhaa. 33Eenyu illee jireenya ofii oolfachu kan fedhu isa ni dhaba, namni jireenya ofii gatu garuu isa ni oolfata.34Ani isinittan hima, halkan sanatti namoonni lama siree tokko irra ni jiraatu. Inni tokko ni fudhatama, inni kaan immoo ni hafa. 35Dubartoonni lama waliin midhaan daaku. Isheen tokko ni fudhatamti, isheen garuu ni hafti." 36waraabbiin gaggaariin warri duraanii 36 hin qaban, Namoonni lama dirree irra jiru; inni tokko ni fudhatama, inni kaan garuu ni hafa37Isaan isa ni gaafatan, "Eessatti, yaa Gooftaa?"Inni akkana isaaniin jedhe, "Bakka reeffi jirutti, allaattiiwwan achitti wal ga’u."
1Achumaan akka isaan dammaqanii kadhatanii fi akka isaan abdii hin kutanneef mammaaksa isaanitti hime, 2akkana jedheen, "Magaalaa tokko keessa abbaan murtii Waaqayyoon hin sodaannee fi namootaafis kabaja hin qabne tokkotu ture.3 Dubartiin tokkos magaala sana keessa kan jiraattu, gara abbaa murtii kanatti deddeebitee, akkana isaan ni jetti turte, ‘Ana gargaari, mormituu koo irratti murtii qajeelaa naaf kenni.'4 Inni yeroo dheeraadhaaf ishee gargaaruudhaaf hin feene, garuu booda irratti akkana ofii isaatiin jedhe, ‘Yoon Waaqayyoon hin sodaatin, namootaafis kabaja hin qabaatin illee, 5 haati hiyyeessaa kun anatti deddeebite waan ana rakkiftuuf, akka isheen murtii argattu nan godha, anatti deddeebi’uudhaan akka isheen ana hin rakkifneef.'"6Achumaan Gooftaan akkana jedhe, "Mee waan abbaan murtii jal’aan kun jedhu dhaga’aa. 7Amma Waaqayyo warra filatamoo isaa ta’anii halkanii fi guyyaa gara isaatti boo’aniif murtoo qajeelaa hin kennuufii ree? Isaan jalaas ni tursaa ree? 8 Ani isinittan hima akka inni ariitiidhaan murtoo qajeelaa isaaniif godhu. Kunis ta’ee, Ilmi Namaa yommuu deebi’ee dhufutti, dhugaatti lafa kana irratti amantii ni argata ta’aa?"9 Achumaan inni ammas warra akka waan qajeelota ta’aniitti ofitti amananii warra kaan garuu tuffatanitti mammaaksa kana isaanitti dubbate, 10"Namoonni lama kadhannaadhaaf gara mana qulqullummaa adeeman—inni tokko Faarisii hennaa ta’u inni kaan immoo nama ashuuraa funaanu ture.11 Farisichi dhaabbatee wanneen kana waa’ee ofii isaatii kadhate, 'Yaa Waaqayyo, ani akka namoota warra kaanii waanan hin ta’iniif sin galateeffadha—akka warra saamtuu, warra qajeelota hin ta’inii, ejjitoota—yookaan akka namicha ashuuraa funaanu kanaa illee. 12 Ani torbanitti guyyoota lama nan sooma. Waanan argadhuu keessaas kurnoo nan baasa.'13 Namichi ashuuraa funaanu sun garuu, fageenya irra dhaabatee, ija isaa illee utuu samiitti ol hin kaasin, qoma ofii rurrukutataa, akkana jedhe, ‘Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araara kee natti argisiisi.' 14Ani isinittan hima, namichi kun qulqullaa’ee mana ofiitti gale namicha isa kaan caalaa, sababiin isaa namni ol ol of qabu gadi ni qabama, namni gadi of qabu garuu ol ni qabama."15Akka inni isaan tuquuf namoonni daa’imman isaanii gara isaatti ni fidu turan, garuu bartoonni yommuu kana arganitti, isaan ni ifatan. 16Yesuus garuu ofitti isaan waamee, akkana jedheen, "Daa’imman gara koo haa dhufaniif eyyamaafii, ana irra isaan hin dhorkinaa. Mootummaan Waaqayyoo kanneen akkasiitiif malaatii. 17 Dhugaatti ani isinittan hima, mootummaa Waaqayyoo akka daa’imaatti kan hin simanne tasa itti hin galu."18 Geggeessaan tokko gaaffi isa gaafate, akkana jechuudhaan, "Yaa Barsiisaa gaarii, mootummaa Waaqaa akkan dhaaluuf maal gochuutu anaaf ta’aa?"19Yesuus akkana isaan jedhe, "Maaliif gaarii anaan jetta? Namni gaariin hin jiru, Waaqayyo tokkicha malee. 20 Ati abboommiiwwan ni beekta—hin ejjin, hin ajjeesin, hin hatin, sobaan dhugaa hin ba’in, abbaadhaa fi haadha kee kabaji."21Geggeessichis akkana isaan jedhe, "Wanneen kana yommuun dargaggeessa ture irraa eegalee eegeera."22 Yesuus yommuu kana dhaga’etti, akkana isaan jedhe, "Wanta tokkotu sitti hir’ata. Wanta qabdu mara gurgurtee warra hiyyeessotaaf kennuu qabda, waaqa irratti qabeenya horattaatii—yeroo sanatti kottuu, ana hordofi."23 Geggeessichi yommuu wanneen kanneen dhaga’etti, hedduu ni gadde, qabeenya guddaa qaba waan tureef.24 Achumaan Yesuus isa ilaalee F akkana jedhe, "Warra dureeyyii ta’aniif mootummaa Waaqayyotti galuun hangam ulfaataa dha! 25 Gaalli qaawwa lilmoo keessa seenutu salphata dureessa tokkoof mootummaa Waaqayyootti galuu irra."26 Warreen kana dhaga’an akkana jedhan, "Yoos eenyutu fayyuu danda’a ree?"27Yesuus akkana jedhee deebise, "Wanneen namootaaf hin danda’amne Waaqayyoof ni danda’amu."28 Pheexroos akkana isaan jedhe, "Tole, nuyi wanta qabnu mara dhiifnee si hordofne."29 Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe, "Dhugumaan isinittan hima, akka namni tokko illee kan mana isaa, haadha warraa isaa, yookaan obboloota isaa, yookaan hidhata isaa, yookaan ijoollee isaa mootummaa Waaqayyoof jedhee dhiise, 30yeroo kanattis caalchisee kan hin fudhanne, baroota dhufuuf jiranittis, jireenya bara baraa kan hin arganne hin jiru."31Warra kudha lamaan of biratti erga walitti isaan qabee booda, akkana isaaniin jedhe, "Ilaa, gara Yeruusaalem deemna, wanneen raajotaan waa’ee Ilma Namaatiif barreeffaman marti ni raawwatamu. 32Inni warra ormootatti dabarfamee ni kennamaatii, itti ga’ifama, ni salphifama, ittis ni tufama. 33Erga isa garafanii booda, isa ni ajjeesu, guyyaa sadaffaattis inni ni ka’a34 Isaan wanneen kanneen keessaa homaa hin hubanne, jechi kunis isaan jalaa dhokfame ture, wanneen jedhaman kanneen hin hubanne.35Akkana ta’e, akkuma Yesuus Yeriikootti dhi’aateen, namni iji isaa hin argine tokko daandii cina taa’ee ni kadhata ture, , 36 gaafa namoota hedduu achiin darbaa jiran dhaga’u, waan ta’aa ture ni gaafate. 37Akka Yesuus namni Naazireet achiin darbaa ture namoonni isatti ni himan.38Kana irratti namichi iji isaa hin argine sun sagalee isa ol kaasee, akkana jedhe, "Yaa Yesuus, Ilma Daawit, araara anatti argisiisi." 39 Namoonni warri fuul dura deeman namicha isa iji isaa hin argine kana ni ifatan, akka inni callisus isatti himan. Inni garuu itti caalchisee iyyuu ni iyye, "Yaa Ilma Daawit, araara anatti argisiisi."40Yesuus dhaabbatee namicha gara isaatti akka fidan ni abboome. Achii yommuu namichi iji isaa hin argine sun isatti dhi’aatetti, Yesuus akkana jedhee isa gaafate, 41 "Maal akkan siif godhu barbaadda?" Innis akkana jedhe, "Yaa Gooftaa, agartuu koo deebisee argachuun barbaada."42Yesuus akkana isaan jedhe, "Agartuu kee fudhadhu. Amantiin kee si fayyiseera." 43Battaluma sana agartuun isaa deebi’eefii innis Waaqayyoon galateeffataa isa hordofe. Yommuu kana arganitti, namoonni marti Waaqayyoon ni galateeffatan.
1Yesuus achi keessa darbuudhaaf Yeriikotti seena. 2 Kunoo, achis namichi maqaan isaa Zakkewoos jedhamu tokkotu ture. Inni warra ashuuraa funaananiif oogganaadhaa fi dureessas ture.3 Inni Yesuus eenyu akka ta’e arguudhaaf hawwii qaba ture, garuu gabaabaa waan ta’eef heddumina namaatiif isa arguu hin dandeenye. 4 Kanaafuu inni namoota gidduudhaan fiigee darbee dhaqee muka harbuu tokko irra ba’e, Yesuus achiin darbaa tureetii5 Yesuus yommuu bakka sana ga’etti, asii ol ilaalee namichaan akkana jedheen, "Yaa Zakkewoos, dafiitii gadi bu’i, ani har’a mana keettan goraatii." 6Kana irratti ini atattamaan gadi bu’ee gammachuudhaan isa ni simate. 7 Namni marti yommuu kana argetti, isaan marti ni guunguman, akkana jechuudhaan, "Inni gara nama cubbamaatti gore.8."Zakkewoos dhaabbatee Gooftaadhaan akkana ittiin jedhe, "Ilaa, yaa Gooftaa, walakkaa qabeenya kootii warra hiyyeessotaaf nan kenna, nama tokko irraa illee waanan gar malee fudhadhe yoo jiraate, dacha afur godhee nan deebisa."9Yesuus akkana isaan jedhe, "Har’a fayyinni mana kanaaf dhufeera, inni mucaa Abrahaami woo. 10 Ilmi Namaa namoota warra badan barbaadee fayyisuudhaaf dhufeetii."11 Isaan wanneen kanneen yommuu dhaga’an, inni dubbachuu itti fufee mammaaksa isaanitti hime, Yeruusaalemitti dhi’aatee tureetii, isaan immoo mootummaan Waaqayyoo battaluma sanatti waan mul’atu isaanitti fakkaatee waan tureef. 12 Inni kanaaf akkana jedhe, "Mootiin tokk biyya fagoo dhaqee mootummaa isaa fudhatee deebi’uuf ni adeeme.13Hojjetoota isaa keessaa kudhan ofitti waamee akkana isaaniin jedhe, ‘Hangan deebi’utti hojii koo sirriitti anaaf hojjedhaa.'14 "Garuu lammiin isaa isa jibbanii, isa duubaan ergamoota ni ergan, akkana jedhanii, 'Namichi kun akka inni nu irratti mo’u hin barbaannu.' 15Yommuu inni deebi’etti akkana ta’e, inni mootummaa isaa fudhatee, hojjetoota isaa warra horii isaa isaanitti kennee ture akka waamaniifiif ni abboome, hojii hojjetan irraa maal akka isaan buufatan to’achuudhaaf.16"Inni duraa fuula isaa duratti dhi’aatee, akkana isaan jedhe, ‘Yaa gooftaa ko, qarshiin kee kan biraa kudhan argamsiiseera.'17"Mootichis akkana isaan jedhe, ‘Gaarii goote, hojjetaa gaarii nana. Ati waan xiqqootti amanamteettaatii, magaalota kudhan irratti muudamteetta.'18 "Inni lammaffaanis dhufee, akkana jedheen, 'Yaa gooftaa, qarshiin kee kan biro shan buufateera.'19"Motichis akkana isaan jedhe, ‘Ati immoo magaalota shan irratti oogganaa taateetta.'20"Inni kan biroon dhufee, akkana isaan jedhe, 'Yaa mootii, qarshiin kee kunoo ti, ani huccuutti mareen siif kaa’ee, 21an sin sodaadhee, ati waan hedduu barbaaddaa. Waan hin kaa’inis ni fudhattaa, waan hin facaasinis ni haammataatii.'22"Mootichis akkana isaan jedhe, ‘Ani jechuma keetiinan sitti murteessa, ati hojjetaa hamaa nana. Akka ani waan hedduu barbaadu ni beekta, waanan hin kaa’in kanan fudhadhu, kanan hin facaasin kanan haammadhu. 23 Yoos maaliif horii koo baankii keessa anaaf hin keenye ree, yommuun deebi’ee dhufutti akkan dhaa isaa waliin isa argadhutti?'24Mootichi warreen achi dhaabbatanii turaniin akkana isaaniin jedhe, ‘Qarshii ishee inni qabu isa harkaa fuudhaa, isa kudhan qabu sanaafis kennaafii.'25"Isaan akkana isaan jedhan, ‘Yaa mootii, inni qarshii kudhan qaba woo.'26"’Ani isinittan hima, namni waa qabu itti ida’amee isaaf kennama, isa hin qabne irraa garuu, ishumti inni qabu iyyuu irraa fudhatama. 27Garuu diinonni koo kunneen, akkan isaan irratti mo’u warreen hin barbaadin, as fidaatii fuula koo duratti isaan ajjeesaa.'"28 Wanneen kanneen erga jedhee booda, imala isaa itti fufee, Yeruusaalemitti ol ba’e.29Yommuu inni Beetafaageedhaa fi Bitaaniyaatti, tulluu isa Oliif jedhamutti dhi’aatetti akkana ta’e, bartoota isaa keessaa lama of dura erge, 30akkana isaaniin jedhee, , "Gara mandara isa as dhi’oo jiruu dhaqaatii, akkuma itti seentaniin, harree takkumaa yaabbatamtee hin beekne kan hidhamtee jirtu ni argattu. Hidhaattii ishee hiikaatii anaaf fidaa. 31 Yoo namni tokko ‘Maaliif hiiktu?’ jedhee yoo isin gaafate, ' akkana ittiin jedhaa, Gooftaatu ishee barbaada.'"32Wareen ergaman sun harrettii akkuma Yesuus isaaniin jedhetti ishee argatan.33Harrettii utuu isaan hiikaa jiranii, abbaan qabeenyaa akkana isaaniin jedhe, "Maaliif harree kana hiiktuu?" 34 Isaan akkana isaan jedhan, "Gooftaatu ishee barbaada." 35Isaan Yesuusitti ishee fidan, huccuu isaaniis dugda ishee irra buusanii Yesuusiin ni yaabbachiisan. 36Imalaa utuu jiranii, isaan huccuuwwan isaanii daandii irra ni afaniif.37 Akkuma inni bakka tulluun Oliifota itti gadi bu’utti dhi’aateen, guutummaan bartoota isaatii gammaduudhaa fi Waaqayyoon sagalee ok ka’aadhaan galateeffachuu eegalan hojiwwan gurguddaa isa inni hojjetee arganiif,38akkana jechaa, "Mootiin inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha! Nagaan waaqa irratti, ulfinnis isa ol gubbaa jiraatuuf!"39 Fariisota keessaa tokko tokko uummata achitti wal ga’e sana keessaa akkana isaan jedhan, "Yaa Barsiisaa, bartoota kee ifadhu."40Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, "Ani isinittan hima, yoo isaan kun callisan iyyuu, dhagoonni iyyuudhaaf jiru."41Yommuu Yesuus magaalichatti dhi’aatetti, inni isaaf ni boo’eef, 42akana jechuudhaan, "Guyyaa kana dursite beektee utuu jiraattee, ati iyyuu, wanneen nagaa siif fidan! Amma garuu isaan ija kee duraa dhokataniiru.43Guyyoonni dhufuuf jiruutii kan itti diinonni kee si marsanii dallaa sitti ijaaranii kallattii maraan si dhiiban. 44 Isaan lafatti si dabalu, daa’imman kees si waliin. Isaan dhagaa isa tokko illee kan biroo irratti hin hambisan ati yeroo ilaalamuu keetii hin argineetii."45Yesuus gara mana qulqullummaatti seenee warreen gurguraa jiran gadi isaan ari’e, 46akkana isaaniin jedhaa, "Barreeffamee jira, 'Manni koo mana kadhataa ta’a,' isin garuu bakka saamtotaa isa gootan."47Kanaafuu Yesuus mana qulqullummaa keessatti guyyaa guyyaadhaan ni barsiise. Angafoonni lubootaatii fi barreessitoonni isa balleessuudhaaf ni yaadu turan, geggeessitoonni sabaas akkanuma, 48garuu namoonni marti dhimmanii isa dhaga’aa waan turaniif, isaan karaa argachuu hin dandeenye.
1Guyyaa tokko immo utuu Yesuus namoota achitti wal ga’an barsiisaa fi wangeela isaanitti lallabaa jiruu, angafoonni lubootaatii fi barreessitoonni maanguddoota waliin gara isaa ni dhufan. 2 Isaan akkana jechuudhaan isatti dubbatan, "Nutti himi, ati aangoo maaliitiin wanneen kanneen mara kan gootu, yookaan aangoo kana eenyu akka siif kenne."3Inni deebisee akkana isaaniin jedhe, "Anis immoo gaaffiin isin gaafadha, isinis anatti himaa. 4Cuuphaan Yohaannis: Inni waaqa irraa ti moo nama biraa ti?"5 Isaan of keessatti yaadan, akkana jechuudhaan, "Yoo ‘Waaqa irraa ti,' jenne, inni immoo akkana nuun jedha, 'Yoos maaliif isa hin ammanne ree?' 6Yoo nuyi, 'Nama biraa ti,' jennes, namoonni marti dhagaadhaan nu rukutu, isaan Yohaannis akka inni raajii ta’e amananiiruutii."7Kanaafuu isaan eessa akka inni ta’e akka hin beekne isaaf deebisan.8Yesuus akkana isaaniin jedhe, "Anis aangoo maaliitiin wanneen kanneen akkan godhu isiniti hin himu."9 Inni mammaaksa kana namootatti ni dubbate, "Namni tokko waynii dhaabbatee warra waynii guddisanittis kiraa kennatee yeroo dheeraadhaaf gara biyya fagoo adeeme. 10Yeroo itti waliif galanitti hojjetaa isaa gara warra waynii guddisan sanatti ni ergate, akka isaan ija waynichaa isaaf kennaniif. Isaan garuu hojjetaa sana reebanii harka qullaa isa deebisan.11 Achuumaan inni hojjetaa kan biroo isaanitti erginaan, isas reebanii, isa qaanessanii harka qullaa deebisanii isa ergan. 12Inni ammas isa sadaffaa isaanitti erginaan isaan isa mammadeessanii, gadi baasanii isa ni gatan.13Kanaafuu abbaan lafa waynii sanaa akkana jedhe, 'Maal godhu? Ilma koo isan jaalladhu nan erga. Tarii isa ni kabaju ta’aatii.' 14 "Garuu warreen waynii gudisan sun yommuu isa argan, akkana jechuudhaan waliin mari’atan, 'Inni kun dhaaltuu isaa ti. Kottaa isa ni ajjeefnaa, dhaalli isaa kan keenya akka ta’utti.'15Isaan lafa waynichaatii gadi isa baasanii isa ni ajjeesan. Egaa abbaan waynichaa maal isaan gochuutu isaaf ta’a ree? 16 Inni dhufee warra saynii guddisan kanneen ni balleessa, lafa waynichaas namoota kan birootti ni keennata."Isaan yommuu isa kana dhaga’anitti, akkana jedhan, "Kun ta’uun haa hafu!"17 Garuu Yesuus gara isaanii ilaalee, akkana isaaniin jedhe, "Inni akkana jedhamee barreeffame maal jechuu dha: 18Eenyu illee dhagaa sana irratti yoo kufe inni ni caccaba, kan inni isa irratti kufus ni daakama."‘Dhagaan inni warri ijaartuun tuffatan kan golee qajeelchu ta’e '?19 Kanaafuu warri bareessitoonnii fi angafoonni lubootaa battaluma sanatti harka isaanii isa irratti diriirsuu barbaadanii turan, akka inni mammaaksa kana waa’ee isaaniitiif dubbatee baraniiruutii. Garuu uummata immoo ni sodaatan. 20 Of eeggannaadhaan isa ilaalaa, isaan basaastota warra namoota qajeeloo of fakkeessan ergatan, akka isaan dubbii isaa keessa dogongora barbaadaniif, isaan qabanii seeraa fi anga’oota bulchiinsa biyyaatti isa kennuudhaaf akka ta’uufitti.21Isaan akkana jedhanii isa gaafatan, "Yaa Barsiisaa, nuyi akka ati waan sirrii ta’e dubbattuu fi barsiiftu ni beekna, akka ati nama gidduutti garaa garummaa hin goones, garuu waa’ee karaa Waaqayyoo barnoota sirrii ta’e kennita malee. 22Ashuuraa Qeesaariif baasuun seera moo, seera miti?"23Yesuus garuu gamnuma isaanii hubatee, akkana isaaniin jedhe, 24 "Mee dinaarii keessan anatti argisiisaa. Fakkiidhaa fi maqaa eenyuutu isa irra jira?"Isaan akkana ittiin jedhan, "Kan Qeesaar."25 Inni akkana isaaniin jedhe, "Yoos waan kan Qeesaar ta’e Qeesaariif kennaa, waan kan Waaqayyoo ta’e immoo Waaqayyoof." 26 Isaan wanneen inni saba duratti dubbatee keessaa homaa dogongora argachuu hin dandeenye, garuu deebii inni isaaniif kennette ajaa’ibamaa, callisan.27 Warri Saaduqootaa, warri du’aa ka’uun warra du’anii hin jiru jedhanii kanneen amanan, tokko tokko yommuu gara isaa dhufanitti, 28 akkana jedhanii isa ni gaafatan, "Yaa Barsiisaa, Museen akka barreessee turetti, yoo obboleessi nama tokko utuu haadha warraa qabu du’e, garuu yoo daa’ima hin qabaatin, namichi haadha warraa obboleessa isaa isa du’ee haa fuudhu, obboleessa isaaf daa’imas haa godhatuuf.29Obbolaan torba kan turan yommuu ta’u, inni angafni haadha warraa fuudhee, utuu daa’ima hin godhatin ni du’e, 30inni lammaffaanis akkasuma. 31Inni sadaffaan ishee fuudhee, haaluma kanaan torbanuun isaanii kan daa’ima godhate utuu hin jiraatin ni du’an. 32Dhuma irratti dubartittiinis ni duute. 33Egaa yeroo du’aa ka’uutti isheen haadha warraa isa kami taati? Torbanuun isaanii haadha warraa ishee godhataniiruutii."34Yesuus akkana isaaniin jedhe, "Ijoolleen bara kanaa wal fuudhu, fuudhaa fi heerumaanis waliif kennamu. 35Garuu bara isa sanatti warri bakka argatanii du’aa ka’an, hin fuudhan, hin heerumanis. 36Sana booda du’uunis hin jiraatu, isaan ergamootaa fi ijoollee Waaqayyoo waliin wal qixa ni ta’u, ijoollee du’aa ka’uu ta’aniiruutii.37 Garuu warreen du’an ni ka’u, Museenis isa kana argisiise, bakka margaa keessatti, bakka inni itti Waaqayyoon Gooftaa Abrahaam, kan Yishaaqii fi kan Yaaqob waammatetti. 38 Amma inni Waaqayyo warra du’anii miti, garuu kan warra jiranii ti, martinuu isaaf jiraatuutii."39Warreen barreessitootaa keessaa tokko tokko akkana jechuudhaan isaaf deebisan, "Yaa Barsiisaa, ati gaarii deebifteetta." 40 Kana booda namni gaaffii isa gaafachuudhaaf ija jabaate hin turre.41Yesuus akkana isaaniin jedhe, "Isaan akkamitti Kiristoos ilma Daawiti jedhu? 42Daawit ofii isaatii Kitaaba Faarfannaa keessatti akkana jedhaatii, 43 Daawit egaa Kiristoosiin ‘Gooftaa’ jedhee waama, kanaafuu inni akkamitti ilma Daait ta’a ree?"Gooftaan Gooftaa kootiin akkana jedhe,'Gara harka koo isa mirgaa taa’i,44hangan diinota kee ejjennaa miilla keetii siif godhutti.'45 Utuma namoonni marti dhaga’anii inni bartoota isaatiin akkana isaaniin jedhe, 46"Barreessitoota irraa of eeggadhaa, isaan warra huccuu gadi dheeraa ufgatanii daandii irraa naanna’anii fi nagaa gaaffii adda ta’e bakka gabaa keessatti argachuu barbaadanii fi bakka taa’umsaa ol aanaa mana sagadaatii fi bakka afeerraan jirutti ofiif kennanii dha woo. 47 Isaan mana haadha hiyyeessaa ni saamu, mul’achuudhaaf jedhaniis kadhannaa isaanii ni dheeressu. Namoonni akka kanneenii dheekkamsa guddaa ni dheekkamamu."
1Yesuus asii ol ilaalee namoota warra dureeyyii utuu isaan meeshaa buusiin itti funaanamu keessa kennaawwan isaanii buusanii ni arge. 2Haati hiyyeessaa tokkos saantima lama utuu isheen keessa buuftuu ishees ni arge. 3Kana irratti inni akkana jedhe, "Dhugumaan ani isinittan hima, dubartiin iyyeettiin kun isaan mara caalaa kennaa ishee kenniteetti. 4Isaan kunneen marti waan isaan irraa hafe kennan. Isheen garuu, hiyyuma ishee keessa waan silaa ittiin bultu kenniteetii."5Namoonni tokko tokko utuu waa’ee mana qulqullummaa dubbataa jiranii, dhagaawwan mimmidhagoodhaan akka inni miidhagfamee fi kennaa isaan ittiin miidhagfamaniis, inni akkana isaaniin jedhe, 6 "Waa’ee warreen isin argaa jirtan kanaatiif, yeroon dhufuudhaaf jira kan itti dhagaan tokko illee isa kaan irratti hin hafne utuu hin harca’in."7 Kana irratti isaan akkana jedhanii isa ni gaafatan, "Yaa Barsiisaa, wanneen kunneen yoom raawwatamu? Wanneen kunneen yommuu isaan raawwatamuudhaaf jedhanitti mallattoowwan akkamittu mul’ata?" 8Yesuus akkana jedhee isaaniif deebise, "Of eeggadhaa akka hin gowwoomfamnetti. Hedduun maqaa kootiin dhufuudhaaf jiruutii, akkana jechaa, 'Ani isa dha,' akkasumas, 'Yerichi dhi’aateera.' Isaan faana hin adeeminaa. 9 Lolaa fi jeequmsa yommuu dhageessanitti, hin raafaminaa, isaan kunneen dursanii ta’uudhaaf jiruutii, garuu dhumni battaluma saanatti hin ta’u."10Achumaan inni akkana isaaniin jedhe, "Biyyi biyya irratti ni ka’a, mootummaanis mootummaa irratti. 11Sochiin lafaa jabaan isaa ni ta’a, bakka hedduutis beelaa fi hawaannisni ni jiraatu. Wanneen nama sodaachisanii fi mallattoon hedduun samii irraa ni mul’atu.12Garuu wanneen kanneen mara dura, isaan isin irratti harka isaanii ol fudhatanii isiniin ni ari’atu, gara mana sagadaatii fi mana adabaatti isin harkisu, moototaa fi bulchitoota duratti isin dhi’eessu maqaa kootiif jedhanii. 13Inni kun immoo carraa isin ittiin dhugaa baatan isiniif ta’a.14Kanaafuu dursitanii of irraa qolachuudhaaf akka hin qophoofne murteeffadhaa, 15ani jechootaa fi ogummaa isin ittiin mormitoota keessan ittiin of irraa dhorkitan kan isaan fuul dura dhaabbachuudhaa fi ittiin mormuu hin dandeenye isiniifan kennaatii.16 Garuu isin dabarfamtanii warra keessaniin, obboloota keessaniin, firootaan, hiriyootaa ni kennamtu, kaan keessan du’atti iyuu ni kennamtu. 17Isin nama maraan ni jibbamtu maqaa kootiif jettanii. 18Garuu rifeensa mataa keessanii keessaa isheen tokko illee hin baddu. 19Jabina keessaniin jireenya keessan ni oolfattuutii.20 "Yeruusaalem akka isheen raayyaa waraanaatiin marfamte yommuu argitan, hubadhaa yeroon inni itti diigamee badu akka dhi’aate beekaa. 21Gaafas warreen Yihuudaa gara gaarotaatti haa baqatan, warreen magaalaa keessa jiranis keessaa haa ba’an, warreen baadiyyaa keessa jiranis gara magaalaatti ol hin seenin. 22Isaan guyyoota ijaa baafannaatii, wanneen barreeffaman marti akka raawwatamaniif.23 Warreen ulfaatii fi warreen hoosisaniif wayyoo guyyoota sanatti! Laficha irratti gadda guddaa isaatu ta’aatii, saba irrattis balaa guddaa. 24 Isaan eeboowwaniin ni kukkufu, biyyoota marattis boojuu ta’anii ni fudhatamu, Yeruusaalemis Ormootaan ni diigamti hanga yeroon Ormootaa raawwatamutti.25 "Biiftuu irratti, ji’a irrattii fi urjoota irratti, lafa irrattis mallattoowwan ni mul’atu. Biyyoonni gaddaa fi soda keessa ni seenu, huursaa galaanaatii fi bubbee irraa kan ka’e. 26Namoonni sodaadhaa fi eegumsa wanneen biyya lafaa irratti dhufaa jiranii irraa kan ka’e of wallaalan ni jiraatu. Humnoonni samiiwwanii ni raafamuutii.27 Kana booda isaan Ilmi Namaa duumessa keessaan humnaa fi kabaja guddaadhaan utuu dhufuu ni argu. 28Garuu wanneen kunneen ta’uu yommuu eegalanitti, dhaabbadhaatii mataawwan keessan ol qabadhaa, fayyinni keessan isinitti dhi’aateeraatii."29Yesuus mammaaksa isaanitti hime, "Muka harbuu ilaalaa, mukkeetii warreen kaanis. 30 Yommuu isaan daraaraa baafatanitti, isin ofuma keessanii ilaaltanii akka bonni dhi’aate ni beektu. 31 Egaa akkasuma, wanneen kunneen utuu raawwatamanii yomuu argitanitti, mootummaan Waaqayyoo akka inni dhi’aate beeka.32Dhugaatti ani isinittan hima, utuu wanneen kunneen hin raawwatamin, dhaloonni kun hin darbu. 33Samiidhaa fi lafti darbuudhaaf jiru, dubbiin koo garuu hin darbu.34"Garuu ofii keessan ilaalladhaa, garaan keessan dhugaatiidhaa fi machiidhaan akkasumas yaaddoo jireenyaatiin akka hin guutamnetti, guyyaan sunis tasa akka isin irra hin geenyetti 35akka kiyyootti. Inni nama irra lafaa irratti argamu maratti dhufuuf jiraatii.36 Garuu yeroo maratti dammaqaa, wanneen ta’uuf jiran kana jalaa ba’uudhaaf jabina barbaachisu akka qabbaattanii fi Ilama Namaa fuul dura dhaabbachuu akka dandeessaniif kadhadhaa."37Egaa guyyoota inni mana qulqullummaa keessatti barsiisaa ture sanatti, halkaniin gadi ba’ee tulluu isa Oliif jedhamu irra ni ture. 38Namoonni marti isa dhaggeeffachuudhaaf ganamaan gara mana qulqullummaatti ni yaa’an.
1Guyyaan Ayyaana Maxinoo, inni Faasikaa jedhamee beekamu, ni dhi’aate. 2Angafoonni lubootaatii fi barreessitoonni uummata waan sodaataniif akkamitti Yesuusiin ajjeesan karaa barbaadaa turan.3Achumaan Seexanni Yihuudaa isa Asqorticha isa kudha lamaan keessaa tokko ta’etti ni seenee. 4Yihuudaanis gara angafoota lubootaatii fi geggeessitoota waraanaa deemee akkamittiin Yesuusiin dabarsee akka isaanitti kennu irratti ni mari’atan.5 Isaanis gammadanii mahaallaqa isaaf kennuudhaaf waliif ni galan. 6Innis isaaniin waliif galee akkamitti isa uummata keessaa qabee akka isaanitti kennu carraa barbaaddataa ture.7Achii guyyaan ayyaana maxinoo, inni hoolaan Faasikaa itti gorra’amu, ni ga’e. 8 Kanaafuu Yesuus Pheexroosii fi Yohaannisiin akkana ittiin jedhee ni erge, "Dhaqaatii irbaata Faasikaa nuuf qopheessaa, akka nyaannuuf." 9Isaanis akkan isaan jedhan, "Eessatti akka siif qopheessinu barbaadda?"10Inni immoo deebiseefii, "Ilaa, yommuuu magaalaatti seentanitti, namichi meeshaa bishaan itti waraaban baatu tokko isinitti ni dhufa. Mana isa inni itti seenutti isa faana bu’aa. 11Achumaan abbaa manichaatiin akkana jedhaanii, ‘Barsiisaan akkana siin jedha, "Manni keessummaa eessa jira, bakki ani bartoota koo waliin nyaata Faasikaa itti nyaadhu?"'12 Innis kutaa ol aanuu keessaa bakka tottolfamaa isinitti ni argisiisa. Achitti qophii nuuf godhaa." 13Achumaan isaan ni deeman, akkuma inni isaaniin jedhettis waan mara ni argatan. Nyaatas achitti ni qopheessan.14 Yommuu yeroon ga’etti, inni ergamoota waliin ni taa’e. 15 Achumaan akkana isaaniin jedhe, "Utuun hin dhiphatin fuul dura isin waliin Faasikaa kana nyaachuudhaaf hawwiin koo guddaa ture. 16 Waanan akkana isiniin jedhuuf, hanga inni mootummaa Waaqayyotti ta’utti deebi’ee isin waliin hin nyaadhuutii."17Achumaan Yesuus xoofoo fudhatee, erga galateeffatee booda, akkana jedhe, "Kana fudhadhaa, waliifis hiraatii dhugaa. 18Ani akkanan isiniin jedhaatii, hanga mootummaan Waaqayyoo dhufutti, ani isin waliin deebi’ee xoofoo kanattii hin dhugu."19 Achii inni buddeena fudhatee, erga galata dhi’eessee booda, akkana jedhaa isaaniif kenne, "Kun qaama koo ti, isiniif kan kennamu. Kana yaadannoo kootiif godhadhaa." 20 Irbaata booddee haaluma wal fakaatuun xoofoo fudhatee akkana jedheen, "Xoofoon kun dhiiga koo isa isiniif dhangala’uuntiin kan mallatteeffame kakuu haaraa dha.21Garuu hubadhaa. Harki nama na ganuuf jiruu ana waliin maaddiitti hiixataa jira. 22Ilmi Namaa akkuma dursee murtaa’etti, ni deema. Garuu wayyoo namicha isa karaa isaatiin inni dabarfamee kennamuuf!" 23Isaan inni kun eenyuun ta’uu akka danda’u walii isaanii gidduutti waliin mari’achuu eegalan.24Kana booda immoo isaan gidduutti eenyu isaan keessaa kan caalu akka ta’e irratti wal morkiin ni uumame. 25Inni akkana isaaniin jedhe, "Mootiin warra Ormootaa isaan irratti gooftaadha, warri isaan irratti aboo qabanis warreen hojiiwwan gaggaarii hojjetan jedhamanii beekamu.26Isin biratti garuu kun ta’uu hin malu. Ijaa kanaa, isin keessaa inni ol aanu akka isa booddee haa ta’u, inni geggeessus akka nama isa tajaajiluu haa ta’u. 27Egaa inni mara keessaa inni caalu eenyu, isa nyaatatti dhi’aatee taa’u moo isa tajaajilu? Isa taa’ee nyaatuu dha mitii? Ani garuu isin gidduutti akka nama tajaajiluu ti.28 Isin garuu qoramuu koo keessatti kan ana waliin hanga dhumaatti turtanii dha. 29 Akkuma Abbaan koo mootummaa irra ana kaa’e, anis mootummaa irra isiniin nan kaa’a, 30akka isin mootummaa koo keessatti ana waliin nyaatanii dhugdaniif, qomoo Israa’el kudha lamaan irratti murtoo kennuudhaafis akka isin teessoo irra teessaniif.31"Yaa Simon, yaa Simon, dammaqi, Seexanni si argachuudhaaf gaafateeraatii, akka qamadiitti si gingilchuudhaaf. 32Ani garuu siif kadhadheeraa, amantii kee akka hin badneef. Erga asii deebitee galtee immoo obboloota kee jajjabeessi."33Pexroos akkana isaan jedhe, "Yaa Gooftaa, ani si waliin mana adbaas ta’e gara du’aa iyyuu dhaquudhaaf qophaa’eera."34Yesuus deebiseefii akkana isaan jedhe, "Ani sittan hima, yaa Phexroos, ati akka ana beektu utuu si’a sadii ana hin ganin har’a hindaaqqoon hin iyyitu."35 Achumaan Yesuus akkana isaaniin jedhe, "Yommuu ani korojoo, meeshaa kan itti baadhattan, yookaan kophee malee isin bobbaasee turetti wanti isinitti hir’atee tureeraa?"Isaanis deebisanii akkana jedhaniin, "Homaa."36 Achumaan inni akkana isaaniin jedhe, "Amma garuu, namni inni korojoo qabu haa fudhatu, waan meeshaa itti baadhattanis akkasuma. Namni gooraadee hin qabne, huccuu ofii illee gurguree haa bitatu.37Ani isinittan himaa, waa’ee kootiif wanti barreeffamee ture raawwatamuun ni ta’aaf, ‘Inni warra seera maleeyyii duukaa lakkaa’ame.’ Wanti waa’ee kootiif raajame raawwatamaa jiraatii."38Achumaan isaan akkana jedhan, "Yaa Gooftaa, ilaa! Goraadeen lama as jiru." Inni akkana isaaniin jedhe, "Ga’aa dha."39Yesuus akkuma yeroo kaan godhaa turetti gara Tulluu Oliifitti ol ba’e, bartoonni isaas isa n hordofan. 40Yommuu achi ga’an, inni akkana isaaniin jedhe, "Akka qoramsatti hin seenneef kadhadhaa."41 Inni isaan irraa hanga darbannaa dhagaa tokkoo ni fagaate, jilbeenfatees ni kadhate, 42akkana jedhee, "Yaa Abbaa, yoo fedha kee ta’e, xoofoo kana ana irra dabarsi. Haa ta’u malee kan koo utuu hin ta’in, fedhi kan kee ha raawwatamu."43Achumaan ergamaan waaqa irraa isatti mul’atee isa ni jajjabeesse. 44 Dhiphinuma keessa taa’ee, inni dhimmee ni kadhate, dafqi isaas akka dhiiga lafatti dhangala’aa jiruu ta’e.45 Yommuu inni kadhannaa isaa irraa ka’etti, inni dhufee bartoonni isaa gadda isaanii irraa kan ka’e rafanii isaan argatee 46akkana jedhee isaan gaafate, "Maaliif raftanii? Ka’atii kadhadhaa, qoramsatti akka hin seenneef."47Utuma inni dubbataa jiruu, kunoo, namoonni hedduun Yihuudaa isa warra kudha lamaanii keessaa ta’een geeggeeffamanii gara isaa ni dhufan. Yihuudaan isa dhudhungachuudhaaf gara isaatti ni dhi’aate, 48Yesuus garuu akkana isaan jedhe, "Yaa Yihuudaa, ati Ilma Namaa dhudhungachuudhaan dabarsitee kennitaa?"49 Warreen Yessu waliin turan wanneen ta’aa jiran kanneen yommuu arganitti, akkana jedhan, "Yaa Gooftaa, goraadeedhaan isaan rukunnuu?" 50 Achumaan isaan keessaa inni tokko hojjetaa angafa lubootaa tokko rukutee gurra isaa irra kute.51 Yesuus akkana jedhe, "Ni ga’a!" Gurra namichaa ni tuqe, innis ni fayyef.52Yesuus angafa lubootaatiin, ooggantoota mana qulqullummaatii fi maanguddoota warreen isa irratti dhufaniin akkana jedheen, "Akka nama saamtuu irratti duuluutti anatti dhuftanii, goraadeedhaa fi hoomaadhaan? 53Isin waliin guyyaa guyyaadhaan yommuun mana qulqullummaa keessa turetti, harka keessan anatti hin buufne. Amma garuu kun yeroo keessanii fi kan aangoowwan dukkanaa ti."54Isaan isa qabanii, gara mana hangafa lubootaatti isa ni geessan. Phexroos garuu fageenyaan hordofaa ture. 55Isaan erga oobdii keessatti ibidda bobeessanii booda, itti marsanii taa’an, Phexroosis isaan gidduu ni taa’e.56Ifa ibiddaatiin isa argitee, hojjettuun dubartii tokko ija isaa keessa ilaaltee, akkana jette, "Namichi kunis isa waliin ture."57Phexroos garuu akkana jechuudhaan ni gane, "Dubartii nana, ani isa hin beeku "58Yeroo gabaabduu booddee, namni kan biroon tokkos isa argee, akkana jedheen, "Atis isaan keessaa tokko."Phexroos garuu akkana jedhe, "Namicha nana, ani isaan keessaa miti."59Naannoo sa’atii tokkoo booda, namni kan biroon tokko jabeessee akkana isaan jedhe, "Dhugumaan namichi kun isa waliin ture, inni nama Galiilaa ti woo."60Phexroos garuu akkana jedhe, "Namicha nana, waan ati dubbattu kana ani hin beeku." Battalumatti, utuu inni dubbataa jiruu, hindaaqqoon ni iyyite.61Gara itti galee, Gooftaan Phexroosiin ni ilaale, Phexroosis dubbii Gooftaan dubbatee ture ni yaadate, isa inni akkana jedhee ture, "Har’a utuu hindaaqqoon hin iyyin si’a sadii na ganta." 62Phexroos manaa gadi ba’ee boo’icha guddaa ni boo’e.63Achumaan namoonni Yesuusiin qabatanii jiran isatti ni qoosu, ni rebus turan. 64Isaan huccuu isatti maranii isa gaafatan, akkana jedhanii, "Raaji! Eenyu kan si rukutaa jiru kun?" 65Isaan Yesuus irratti wanneen isa gadi qaban hedduu dubbatan.66Akkuma lafti bari’een, maanguddoonni biyyaa, hangafoonni lubootaa fi barreessitoonni walitti ni qabaman. Isaan gara yaa’iiti isa ni geessan 67akkana jedhan, "Ati yoo Kiristoosiin taate nutti himi."Inni garuu akkana isaaniin jedhe, "Yoon isinitti hime, isin hin amantan, 68yoon isin gaafadhes, isin hin deebiftan.69Garuu amma irraa eegalee, Ilmi Namaa gara harka mirgaa humna Waaqayyoo taa’uuf jira."70Isaan marti akkana jedhan, "Egaa ati Ilma Waaqayyootii ree?"Yesuus akkana isaaniin jedhe, "Isini iyyuu akkan ta’e jechaa jirtu."71Isaan akkana jedhan, "Nuyi amma iyyuu maaliif raga barbaadnaa? Nuyi ofii keenyaa afaan isaa irraa dhageenyeeraatii."
1Martii isaanii lafaa ka’anii Yesuusiin gara Philaaxoositti fidan. 2Akkana jedhaaniis isa himachuu eegalan, "Namichi kun utuu inni uummata keenya gara dabarsuu isa arganneerra, Qeesaariif ashuuraan akka hin kennamne gochuu isaatii fi ofii isaatiin immoo Kiristoos mooticha ofiin jechuu isaas."3 Philaaxoosis akkana jedhee isaa ni gaafate, "Ati mootii warra Yihuudotaa tii?"Yesuus akkana jedhee isaaf deebise, "Ati akkas jechaa jirta."4Philaaxoos angafoota lubootaatii fi uummata achitti walitti qabame saanaan akkana jedheen, "Ani balleessaa tokko illee nama kana irratti hin argine."5Isaan garuu akkana jechuudhaan isa ni dirqisiisan, "Inni saba kakaasaa jira, Yihuudaa mara keessatti, Galiilaadhaa eegalee hanga bakka kanaatti iyyuu, mara isaanii barsiisuudhaan."6Kanaafuu Pilaaxoos yommuu isa kana dhaga’etti, akka namichi nama Galiilaa ta’e isaan gaafate. 7Akka inni bulchiinsa Heroodis jala ta’e yommuu dhaga’etti, Yesuusiin gara Heroodis isa ofii isaattii yeroo sanatti Yeruusaalemiin jirutti isa erge.8Heroodis Yesuusiin yommuu argetti, inni guddaa ni gammade, yeroo dheeraadhaaf isa arguudhaaf fedha qaba waan tureef. Waa’ee isaa dhaga’ee waan tureef, ajaa’iba inni hojjetu keessaa arguudhaaf ni hawwas ture. 9 Heroodis Yesuusiin jechoota hedduudhaan gaaffi isaaf dhi’eesse, Yesuus garuu homaa isaaf hin deebifne 10 Angafoonni lubootaatii fi barreessitoonni achi dhaabbatanii cimsanii isa himataa turan.11Heroodis raayyaa waraanaa isaa waliin Yesuusitti tuffii ni argisiise, isaanis isatti ni qoosan. Kana booda isaan huccuu miidhagaa isatti uffisanii deebisanii Philaaxoositti isa ni ergan. 12Heroodisii fi Philaaxoos warreen sana dura diinota waliif turan guyyuma sana irraa kaasee walitti ni michooman.13Achumaan Philaaxoos angafoota lubootaa, geggeessitootaa fi uummata mara walitti qabee 14akkana isaaniin jedhe, "Isin namicha kana akka namaa karaa irraa kaachisuutti himachuudhaan anatti isa fiddan, egaa ilaalaa, ani isin fuul duratti isa gaafadheera, wanneen isin ittiin isa himattan ilaalchisee garuu homaa isa irratti hin arganne.15Lakkii, Heroodisis akkanuma, inni deebisee gara keenyatti isa ergeetii, egaa ilaalaa, isaan wanti hojjetame wanti du’aan isa ga’u tokko illee hin jiru. 16Kanaafuu ani adabeen gadi isa dhiisa." 17hin qaban, Amma Philaaxoos guyyaa ayyaanaatti nama tokko gadi dhiisuudhaaf dirqama qaba18 Isaan garuu martinuu wal faana ni iyyan, akkana jechuudhaan "Balleessi namicha kana, Baraabaasiin gadi nuuf dhhisi!" 19Baraabaas nama jeequmsa magaalaa keessatti uumuudhaa fij ajjeechaa namaatiinis hidhame ture.20 Philaaxoos ammas deebisee isaanitti dubbate, Yesuusiin gadi dhiisuu fedhee. 21 Isaan garuu ni iyyan, akkana jedhanii, "Isa fannisi, isa fannisi." 22Inni yeroo sadaffaadhaaf akkana issaaniin jedhe, "Maaliif, namichi kun yakka maalii hojjete? Ani waan du’aan isa ga’u waan inni hojjete isa irratti hin argine. Kanaafuu, ergan isa adabee booda, gadi isa nan dhiisa."23Isaan garuu sagalee guddaadhaan isa dirqisiisuu ittuma fufan, akka inni fannifamu gaafachuudhaan. Sagaleen isaanii Philaaxoosiin ni amansiise. 24Kanaafuu Philaaxoos fedha isaanii ni raawwateef. 25Isa isaan akka gadi dhiifamuuf gaafatan namicha isa jeequmsa uumuudhaa fi ajjeechaadhaan hidhamee ni hiikeef. Yesuusiin garuu fedha isaaniitti dabarsee isa kenne.26Isaan utuu isa fuudhanii ba’aa jiranii, Simoon nama jedhamu nama Qareenaa tokko utuu inni gara biyyaatii deebi’aa jiruu qabatanii, akka inni fannoo sana baatee Yesuusiin faana bu’u isa ni godhan.27Uummanni hedduunii fi dubartoonni isaa fi gaddaa fi boo’aa turan isa faana bu’aa turan. 28Yesuus garuu isaanitti gara galee, akkana isaaniin jedhe, "Yaa ijoollota Yeruusaalem, anaaf hin boo’inaa, ofii keessanii fi ijoollota keessaniif boo’aa malee.29Ilaa, guyyoonni akkana itti jedhamu dhufuuf jiruutii, 'Warri dhabduunii fi garaan dhala hin baatin eebbifamoo dha, harmi hin hoosifaminis.' 30Achumaan isaan tullootaan akkana jechuu ni eegalu, ‘Nu irratti jigaa,' tabbawwaniinis, ‘Nu dhoksaa.' 31Isaan utuu baalli mukkeetii magariisaa ta’anii jiranii erga akkana jedhanii, yommuu isaan gogan immoo maaltu ta’uuf jira ree?"32Namoonni kan biroon, yakkamtoonni lama ta’an, isa waliin du’atti kennamuuf isa waliin geeffamaa turan.33 Yommuu bakka “Lafee Mataa” jedhamee beekamu ga’nitti, isaan isaa fi warra yakamtoota sana lamaan ni fannisan—isa tokko harka mirgaa isaatti, isa kaanis harka bitaatti. 34 Yesuus akkana jedha, "Yaa Abbaa. Isaaniif dhiise, waan godhaa jiran hin beekaniitii." Achumaan isaan huccuu isaa qoqqooddachuudhaaf carraa ni buufatan.35Uummanni dhaabbatee warra bulchitootaa ilaalaa ture, yommuu isaan isatti qoosan, akkana jechuudhaan, "Inni namoota kan biroo oolcheera. Ofii isaas mee haa oolchu kaa. Yoo dhuguma Kiristoos isa kan Waaqayyoo, isa filatame sana, yoo ta’e."36immoo isatti qoosan, isatti dhi’aatanii dhangaggaa’aa isaaf kennuudhaan, 37akkanas isaan jedhaa, "Ati Mootii Yihuudotaa yoo taate, ofii kee oolfadhu kaa." 38Mataa isaa irras mallattoon akkana jedhu tureera, "Inni kun Mooticha Yihuudaa ti."39Warreen yakkamtoota isa waliin fannifaman keessaa inni tokko akkana jechuudhaan isa arrabsaa ture, "Ati Kiristoosi miti moo? Ofii kee oolfadhu, nuunis." 40Inni kaan garuu isa ni ifate, akkana isaan jechuudhaan, "Ati Waaqayyoon hin sodaattu moo, atis abaarsa wal fakkaatu keessa jirtaatii? 41Nuyi kan as jirru seeraan nutti murtaa’ee ti, waan hojii keenyaaf ta’utu nuuf keenname. Namichi kun garuu homaa hin balleessine."42 Achumaan inni akkana jedhe, "Yaa Yesuus, mootummaa keetti yommuu dhuftu ana yaadadhu." 43Yesuus akkana isaan jedhe, "Dhugumaan ani akkanan siin jedha, ati har’a ani waliin jannatatti ni galta."44Amma yeroo sa’atii ja’a ta’etti, hanga sa’atii sagaliitti kan turu dukkanni lafa mara ni uffise 45biiftuun dukkanatti waan jijjiiramteef. Achumaan golgaan mana qulqullummaa bakka lamatti ni tarsa’e.46Sagalee guddaadhaan iyyee, Yesuus akkana jedhe, "Yaa Abbaa, ani hafuura koo harka keettan kennadha." Erga kana jedhee booda inni ni boqote. 47Ajajaan dhibbaa achi ture yommuu waan ta’e kana argetti, Waaqayyoon ni galateeffate, akkana jechuudhaan, "Dhugumaan kun nama qajeelaa ture."48 Uummanni waan ta’aa ture kanaaf raga ba’uudhaaf achitti walitti qabaman waan raawwatame kana yommuu argan, isaan qoma isaanii rurrukutataa deebi’anii deeman. 49 Warri isa beeku turanii fi dubartoonni warreen Galiilaadhaa isa hordofan garuu faggenya dhaabbatanii wanneen kanneen ni ilaalu turan.50Kunoo, namni maqaan isaa Yoseef jedhamu tokko achi ture, inni miseensa Yaa’ii ture. Inni nama gaariidhaa fi qajeelaa ture. 51Namichi kun karooraa fi tarkaanffii isaaniitti waliif hin galle ture. Inni Armaatiyaa, magaalaa warra Yihuudaatii ture, mootummaa Waaqayyoos nama eeggachuu turee dha.52Namichi kun, Philaaxoositti dhi’aatee reeffa Yesuus ni kadhate. 53 Inni gadi buusee, huccuu naayilooniitiin maree, awwaala isa dhagaa irraa qirixame, namni kan biroon keessa kaa’amee kan hin beekne, keessa ni kaa’e.54Guyyichi Guyyaa Qophiitii fi Sanbanni yeroo itti seenuudhaaf jiru ture. 55Dubartoonni warreen Galiilaadhaa isa hordofan awwaalichaa fi reeffi isaas akkamitti akka achi keessa kaa’ame ni ilaalan. 56Isaan achii deebi’anii urgooftuudhaa fi dibata ni qopheeffatan. Achii booda guyyaa Sanbataatti akka abboommichaatti ni boqotan.
1jalqaba torbaniitti isaan ganameeffatanii urgooftuu isa qopheeffatanii turan qabatanii gara awwaalichaa ni dhufan. 2 Dhagichi awaalicha ittiin cufanii turanis garagalfamee argatan. 3 Isaan keessa seenanii, garuu reeffa Gooftaa Yesuus achi keessatti argachuu hin dandeenye.4Yeroo isaan waan godhan wallaalanii jiranitti, akkuma tasaa namoonni lama huccuu hedduu adii ta’e uffatanii achi dhaabbatanii argan. 5Utuu dubartoonni sun sodaatanii gadi guggufanii jiranii, jarri dubartoota sanaan akkana jedhaniin, "Isin maaliif isa jiraataa warreen du’an keessa barbaaddu?6Inni as hin jiru, garuu du’aa kaafameera! Yaadadhaa, Galiilaa yommuu turetti wanneen inni isinitti dubbataa ture, 7Ilmi Namaa harka warra cubbamootaatti dabarfamee akka kennamuudhaaf jiru, akka fannifamuu fi guyyaa sadaffaattis akka du’aa ka’u.8" Dubartoonni sun jechoota isaa ni yaadatan 9bakka awwaalichaatii deebi’aniis wanneen kanneen warra kudha tokkootii fi warreen kaanittis ni odeessan. 10Achumaan Maariyaam isheen Maqidallaa, Yohaanaan, Maariyaam haati Yesuusii fi kan Yaaqobii fi dubartoonni kanneen isaan waliin achi turan wanneen kanneen ergamootatti ni gabaasan.11Garu ergaan kunneen ergamootatti akka waan oduu gatii hin qabnee isaanitti fakkaate malee isaan dubartoota sana hin amanne. 12Achumaan Phexroos ka’ee gara awwaalichaati ni fiige, gadi gugguufee achi keessa yommuu ilaalu, huccuu naayiloonii sana kophaa arge. Phexroos achumaan gara mana isaatiitti deebi’e, waan uumame kana ajaa’ibsiifataa.13Kunoo, isaan keessaa lama guyyuma sanatti gara mandara Emaawus jedhamee beekamu Yeruusaalem irraa kiiloo meetira jaatama kan fagaatu tokkootti imalaa turan. 14Isaan waa’ee wanneen gidduu sana raawwatamanii waliin dudubbataa adeemu turan.15 Utuma isaan wanneen kanneen waliin dudubbataa adeemanii, Yesuus ofii isaatii isaanitti dhi’aatee isaan waliin imaluu eegale. 16Garuu iji isaanii akka isa hin hubanneef itti dukkanaa’ee ture.17Yesuus akkana isaaniin jedhe, "Maal wanti isin lamaan waliin dudubbataa adeemtan kun?" Isaan fuula gaddaatiin achi dhaabbatan.18 Isaan keessaa inni tokko, Kliyoopaas kan jedhame, akkana jedhee isaanf deebise, "Ati qofaan waan gidduu kana Yeruusaalem keessatti ta’e kan hin beekne maali?"19Yesuus akkana isaaniin jedhe, "Waa’ee maalii?"Isaan akkana jedhaanii deebisaniif, "Waa’ee Yesuus isa Nazireet, isa raajii ture sana, Waaqayyoo fi namoota biratti hojiin isaa guddaa kan ture, 20angafoonni lubootaatii fi geggeessitooti keenya dabarsanii dhiphinatti isa kennanii dhuma irratti isa ni fannisan.21Nuyi garuu inni Israa’eliin ni fura jennee abdannee turre. Eeyyee, caalatti immoo, erga wanneen kunneen raawwatamanii har’a guyyaa sadaffaa dha.22 Garuu immoo, dubartoonni nu waliin turan tokko ganameeffatanii gara awwaala isaatii deemanii, waan ajaa’ibaa nutti himan. 23Reeffa isaa bakka isaatii yommuu dhabanitti, isaan deebi’anii, mul’ataan ergamoota warra akkan inni jiraataa ta’e isaanitti himan arguu isaanis nutti himan. 24Nu keessaas namoonni tokko tokko gar asana adeemanii, akkuma dubartoonni sun jedhan ta’ee argatan. Garuu isa hin argine."25Yesuus akkana isaaniin jedhe, "Isin yaa gowwoota yaadni keessan waan raajonni dubbataa amanee fudhachuutti suuta jedhaa kan ta’e! 26Kiristoosiif dhiphina kana fudhachuun barbaachisaa hin turree, ulfina isaatti seenuudhaaf?" 27Achumaan Yesuus Musee irraa eegalee hanga raajotaatti waa’ee isaatiif wangeela keessatti wanneen barreeffaman isaaniif ni ibse.28Isaan gandicha isa itti adeemanitti akka dhi’aataniin Yesuus akka waan darbee adeemuu fakkaatee itti mul’ate. 29Isaan garuu akkana jechuudhaan isa dirqisiisan, "Lafti dhi’era waan ta’eef nu bira buli." Kanaafu Yesuus isaan bira buluudhaaf isaan waliin ol seene.30Achumaan akkana ta’e, yommuu inni isaan waliin nyaataaf taa’etti, inni buddeena fudhatee, eebbisee fi cabsee isaaniif ni kenne. 31Yommus iji isaanii ni baname, isas ni beekan, inni garuu ija isaanii duraa ni miliqe. 32Isaan akkana waliin jedhan, "Daandii irratti yommuu inni nu waliin haasa’aa turetti, yommuu inni wangeela nuuf ibsetti, garaan keenya nu keessatti gubataa ture mitii?"33Isaan yeruma sanatti ka’anii gara Yeruusaalemitti ni deebi’an. Isaan warreen kudha tokkoo walitti qabamanii warreen isaan waliin turan waliin walitti qabamanii argatan, 34akkana jechaa, "Dhugaatti Gooftaan du’aa ka’eera, Simoonittis mul’ateera." 35Achumaan isaan daandii irratti waan raawwatamee fi Yesuus akkamiti buddeena cabsuudhaan isaaniin akka inni hubatame isaanitti ni himan.36 Isaan wanneen kanneen dudubbataa utuu jiranii, Yesuus ofii isaatii gidduu isaanii dhaabbatee, akkana isaaniin jedhe, "Nagaan isiniif haa ta’u." 37Isaan garuu sodaadhaan guutamanii hafuura argaa waan jiran isaanitti fakkaate.38Yesuus akkana isaaniin jedhe, "Maaliif jeeqamtan? Maaliif gaaffiin yaada keessan keessatti uumama? 39Harka kootii fi miilla koo ilaalaa, innoo anumaa. Na qaqqabadhaa ilaalaa. Hafuurri foonii fi lafee hin qabuutii, ani garuu akka isin argitan nan qaba." 40Inni erga kanneen jedhee booda, harka isaatii fi miilla isaa isaanitti argisiise.41Isaan amma iyyuu gammachuu irraa kan ka’e amanuu hin dandeenye, isaan guddaa ajaa’ibsiifatan. Yesuus akkana isaaniin jedhe, "Waan nyaatamu ni qabduu?" 42Isaanis qurxummi waadama muraa tokko isatti kennen, 43innis isa fudatee isaan fuul duratti ni nyaate.44Inni akkana isaaniin jedhe, "Isaan kunneen jechoota ani yeroon isin waliin ture itti fayyadamaa turee dha, wanneen seera Musee, raajotaa fi Faarfannaa Daawit keessatti kanneen dubbataman akka raawwatamaniif jedhee45." Achumaan inni sammuu isaanii baneefii akka isaan wangeela hubatan isaan godhe. 46Inni akkana isaaniin jedhe, "Kanaafuu kan akkana jedhu barreeffameera, Kiristoos akka inni dhiphachuudhaaf jiruu fi guyyaa sadaffaatti garuu akka inni du’aa ka’u. 47Qalbii jijjiirrannaanii fi dhiifamuun cubbuu maqaa isaatiin saboota maratti ni lallabama, Yeruusaalem irraa eegalee.48Isin immoo wanneen kanneeniif dhuga baatota. 49Argituu, ani waan Abbaan koo abdachiisettan isin erga. Isin garuu ol irraa hanga humna uffattanitti magaalaa keessa turaa."50Achumaan Yesuus hanga isaan Bitaaniyaatti dhi’aatanitti isaan fuudhee ni deeme. Inni harka isaa ol fuudhee isaan ni eebbise. 51inni isaan eebbisaa jiruu, isaan dhiisee gara waaqaatti ol ni fudatame.52Kanaafuu isaan isaaf sagadaa gammachuu guddaadhaan gara Yeruusaalemitti ni deebi’an. 53Isaan yeroo mara mana qulqullummaatti Waaqayyoon eebbisaa nj deddeebi’an.
1Jalqabatti Sagalee ture. Sagalichis Waaqayyo waliin ture. Sagalichis Waaqayyo ture. 2 Innis jalqabumatti Waaqayyo waliin ture. 3Waanti hundumtu Isaan uumame ; waanti ta`e hundu Isaan male tokkolle kan uumame hin jiru.4Isa keessa ture; jireenyi kunis ifa namootaa ture. 5Iftichis dukkana ibsa, dukkanichis isa hin injifatu.6Waaqayyo biraa kan ergame Yohaannis nama jedhamutu ture. 7Innis akka namoonni hundinu amananif dhugaa bahuf dhufe. 8Yohaannis waa`ee Ifaa dhugaa bahuf malee inni ofii isaatiin ifa hin ture9Ifichi inni dhugaa nama hundaaf ifusun gara biyya lafaa dhufa ture.10Innis biyya lafaa keesa ture biyyi lafaas isaan uumame, biyyi lafaa garuu isa hin beekne. 11Innis gara isaaf ta`anii dhufe, sabni isaas garu isa hin simanne.12Warra isa simatanifi maqaa isaattin amananiif hundaa garu Ilmaan Waaqayyoo akka ta'aniif aangoo kenneef. 13Isaan kunis Waaqayyo Waaqayyoorraa male, dhiigarraa yookiin fedhii fooniirra akkasumas feedhii dhiiraarra hin dhalanne.14foon ta'ee ayyaanaafi dhugaadhaan guutamee jidduu keenya jiraate. Nutis ulfina isaa, ulfina ilmi tokkichi Abbaa isaa biratti qabu argine. 15waa'ee isaa sagalee isaa olkaasee iyyuun dhugaa ba'ee, akkannas jedhe, 'Inni kun, isan ani waa'ee isaa 'Inni na duuba dhufu, na caala, na duras ture;16 Guutumma isaa irraa hundi keenya ayyaanarratti ayyaan fudhanneerra. 17karaa Museetiin keenname ture, ayyaaniifi dhugaan garuugaruuu kara Iyyasuus Kiristoosiin dhufe. 18gonkumaa Waaqayyo kan arge hin jiru, garu ilmi isaa inni tokkichi Abbaa isaa bira jirutuu akka beekamu godhe.19 Yihudoonni yammuu lubootaafi Leewata Iyyarusaaleemiraa gara Yohaannis 'ati eenyu?'jedhanii akka gaafatannif eergan. 20Innis dhugaa ba'ee, utuu hin haalin 'Ani kiristoos miti. ' jedhe. 21Isaanis 'yoos ati eenyuudha?' Eliyaasiidhaayyii? jedhanii gaafatan. Innis 'miti' jedhe.22Isaanis 'yoos ati raajichaadhaa? jedhaniin. Innis 'miti' jedhe. Isaanis 'ega ati eenyudha? akka warra nu erganiif deebii akka kenninuuf ati waa'ee kee maal jetta? jedhaniin. 23''akkuma raajichi Isaayyas dubbatetti ani sagalee nama lafa onaatti 'Goftaaf karaa sirreessaa jedhee iyyuudha.'" jedheen.24Fariisoota ergaman keessaa tokko tokko. 25Akkana jechuun isa gaafatan 'ati erga Kiristoos yookaan Eliiyaas akkasumas raajicha hin taanee maliif cuuphxaree?'26akkana jedheet isaaniif deebise 'ani bishaaniinin cuupha, namni isin hin beekne garuu jidduu keessan dhaabate jira. 27isa na duubaan dhufuu dha, kophee isaa hiikuufuu ga'uumsa hin qabu.' 28Kun hundu kan ta'aa jiru Bitaaniyaa gama Yoordaanos bakka yohaanis itti cuupha jiru keessatti dha.29 Guyyaa itti aanutti yohaanis otoo Iyyasuus gara isaatti dhufu argeeti akkana jedhee 'Ilaa hoolaa Waaqayyoo kan cubbuu biyya lafaa irraa dhabamsiisu. 30isan ani na duubaan dhufa nadura jira ture, na caalas jedheedha. 31Anumtuu ofii kootii isa hin beekneen ture garu kaniin bishaaniin cuphaa dhufeef akka inni saba Israa'eelitti muldhatuufiidha.32Yohaannis akkana jedhe dhugaa ba'e 'Ani Afuurii samidha otoo akka gugeetti (bullaallaatti) irratti gadi bu'ee isarra qubatun arge. 33Inni akkan ani bishaaniis cuuphuuf kan na erge, otoo hafuurri gadbu'ee isarra qubatu argte sun, inni isa Hafuura Qulqulluun cuuphuudha jedhee otoo natti himu baatee anuu isa hin beekun ture. 34Anu argeera, akka inni Ilma waaqaayyoo ta'es dhugaa ba'eera. 'Ani sagalee (dubbii) lafa onaa keessatti iyyuudha: 'Gooftaaf karaa nama sirressuudha.'35itti aanuus, Yahaaniis hordoftoota isaa kessaa lamaan isaanii waliin dabalee otoo achuma dhaabatee ture. 36Isaanis otoo Iyyasuus achiraan darbaa jiru argan. Yohaannisis "ilaa hoolaa Waaqayyoo" jedhe.37isaa lamaanu waan inni dubbate kana dhaga'uun Iyyasuusiin hordofan. 38gargaleet yammu Isa hordofan ilaaluun "maal barbaaduu?" jedhee gaafate. Isaanis 'Rabbii (Barsiisa jedhamuun hiikama) eesa jiraataa?' jedhaaniin. 39Innis 'kootaa ilaalaa' jedheen. Akkasuma isaanis dhaqanii bakka inni jiraatu argan, guyyaa sanas isa waliin oolan, yeroon suniin gara sa'aatii kudhanii ture.40waan yohaannis dubbate dhaga'uun Iyyasuus hordofan lamaan saanii kessa tokko Indiriyaas obbolessa Simi'oon Pheexiroos ture. 41Innis duraan dursee obboleesa isaa Simi'oon barbaadeen argun 'nut Masiihii (Kiristoos jedhamuun hikama) argine' jedheen. 42Innis isaa gara Iyyasuusitti fide. Iyyasuusis isa ilaaluun 'ati Simi'oon ilma Yohaannis. Ati Kefaa (PheexiroosPheexiroos jedhamuun hikama) jedhamuun waamamta.43 Guyyaa itti aanutti Iyyasuus gara Galiilaa dhaquu barbaadeet, Filiiphoos argee, 'na hordofi' jedheen. 44Filiiphoos akkuma Indiriyaasiifi Pheexiroos nama magaalaa Beetasayidaa ture. 45Filiiphoos Naatinaa'eel argee 'Isa Museen kitaaba seeraa keessatti waa'ee isaa barreesse, raajonnis immoo waa'ee isaa kan barressan, Ilma Yooseef. Iyyasuus nama Naazreet argineerra' jedheen.46'Naazreetii waantii gaariin bahuu danda'aa? ' jedheen; Filiiphoosiis 'kootuu ilaali' jedheen. 47Naatnaa'eel gara isaa otoo dhufu argee 'Ilaa nama Israa'eel isa dhugaa, kan soba hin qabne' jedhee dubbate. 48Naatnaa'eelis 'akkamitti na beekta? jechuun gaafate. Iyyassuus akkas jedheet deebise 'otoo Filiiphoossi hin waaminiin dura yammu ati muka harbuu jala jirtuun si arge' jedheen.49Naatnaa'eelis 'yaa Rabbi (Barsiisaa) ati Ilma Waaqayyooti ati Mootii Israa'eeliiti' jedheen. 50Iyyasuusis akkana jechuun deebiseef 'ati sababiin ani muka harbuu jala osoo jirtuun si arge jedheef amante, mitii? waantoo kana caalan argita. 51tti aansuunis akkana jedhe 'ani dhugaa, dhugaan isiniini jedha, samiin banamee Malaakonni Waaqayyoo ilma nama irra ba'aniifi bu'an ni argitu jedheen.
1Guyyaa sadiin booda kutaa Galiilaa magaalaa Qaanaa keessatti cidhatu ture, haati Iyyassusis achi turte. 2Iyyassuusiifi hordoftooni isaa gara cidha sanaatti waamamanni turan.3Yammuu daadhii wayinii dhumus haati Iyyaasuus 'jarri daadhii wayinii hinqaban' jetteen. 4'ati dubartii maal godhi naan jetta? yeroon koo ammallee hin geenye 'jedheen. 5Haati isaas tajaajiltootaan 'waan inni isiniin jedhu hunda godhaa'jetteen.6Akka sirna qulqullina Ayihudotaati gaanii waandhagaa ja'a achi dhaabatanii turan, tokko tokkoon isaaniis liitira 75 hanga 115 qabatu turan. 7Iyyyasuusis tajaajiltootaan 'gaaniiwwan bishaaniin guuta' jedheen, isaanis amma irraan bahutti gaaniiwwan guutan 8Innis 'amma irraa waraabaatii abbaa cidha qophesuu kannaa' jedhee tajaajiltoota ajaje. Isaanis akkasuma godhan.9cidha qopheesses bishaan gara daadhii wayinitti jijjiirame sana dhandhamatee ilaale, garu daadhiin wayinii eessaa akka dhufe hinbeekne ture (haa ta'u malee tajaajiltootni bishaan waraabani beeku ture.) Akkasumas mushirricha offitti waamee 10 akkana jedheen; 'namni hundi daadhii wayinii isa gaarii jalqabatti dhiyeesse, erga kessummoonni quufanii booda isa laafaa immoo dhiyeessa: ati garu daadhii isa gaarii hanga ammaatti tursiifte.11Iyyasuus mallattoo isa jalqabaa magaalaa Qaanaa kutaa Galiilaatti hojjatee ulfina isaas muldhisa, hordoftootni isaas isatti amanan.12Kanaan booda Iyyasuus, haati isaa, obboloowwan isaafi hordoftootni isaa gara Qifirnaahoomitti gad bu'anii guyyoota muraasa qofa achi turan.13waan Faasiigaan Yihuudootaa dhiyaateef, Iyyasuus gara Iyyarusaaleemitti ol ba'e. 14Mana Qulqullummaa keessatti warra sangoota, hoolotaafi booyyeewwan gurguraniif warra taa'anii diinaara (qarshii) waljijjiran arge.15Innis qaccee hojjachuunbhunda isaanii dabaltee mana qulqullumaa keessa ari'ee baase Diinara (qarshii) isaaniin jalaa bittineese, minjaala isaanis jalaa gargalche. 16Warra booyyee gurguraniinis akkan jedhe, 'wantota kana hunda asii fageessaa, Mana Abbaa Kootiis mana daldalaa gochu dhiisaa.'17kana hordoftooni isaa ''Inaafaan mana keetii na guba " jedhamee kan barreeffame yaadatan. 18Abbaan taayitaa Yihuudotaa deebisanii kana hunda waan gootuuf, mallattoon nutti agarsiiftu maaliidha jedhaniin. 19Iyyasuusis ''Isin mana qulqullummaa kana diiga ani immoo deebiseen guyyaa sadi'iittin ijaara "jedheen.20Abbaa taayitootaa Yihuudotaas deebisanii 'mana qulqullummaa kan ijaaruuf waagoota afurtamaafi ji'a ja'a fudhate, ati immoo gara guyyaa sadii keessattiin "ol kaaftaa? "' jedhaniin. 21ta'u malee, inni mana qulqullummaa kan jedhe garu waa'ee nafa isa dubbate ture. 22Erga inni du'aa ka'ee booda hordoftootni isaa waan inni dubbatee ture yaadatanii kitaabaafi dubbii Iyyasuus dubbatetti amanan.23Amma yeroo inni ayyaana Faasiigaaf jedhee Iyyaruusaaleem keessa turetti namoonni baay'een mallattoo inni taasise arganii maqaa isaatti amanan. 24Garu Iyyasuus sababbii hunda isaanii beekuuf isaan hin amanu ture. 25Kanaafuu eenyumtu waa'ee biraa akaa isaaf dhuga ba'an hin barbaadu ture, nama keessa maal akka jiru waan beekuuf.
1Farisoota keessaa ajajaa kan ta'e namni maqaa isaa Niqoodimoos jedhamutu ture. 2Namichi kunis halkaniin gara Iyyaasuus dhufee akkana jedheen 'Yaa Rabbii, ati barsiisaa Waaqayyo biraa akka dhufte ni beekna, Yoo Waaqayyoo isa waliin ta'e malee, namni mallatto ati gootu kana gochuu danda'u gonkumaa hin jiru' jedheen.3Iyyasuusis deebisee 'dhugaa dhugaa siin jedha namni yoo lammaffa dhalatee malee mootummaa Waaqayyoo argu hin danda'u' jedheen. 4Niqoodimoosis 'namni erga dulloomee boodee akkamitti dhalachuu danda'aa? Gara garaa haadhaa isaatti lammaffaa deebi'ee dhalachuu danda'aayyii? jedheen.5Iyyasuusis deebisee "dhugaa dhugaa siin jedha namni bishaaniifi Hafuurarraa yoo hin dhalannee male gara mootummaa Waaqayyo galuu hin danda'u.' jedheen. 6Kan fooni irraa dhalate foonii dha, kan Hafuurarraa dhalate garuu hafuura.7 Isan ani 'lammaffaa dhalachuu qabda' sin jedhen hin diniqfatiin. 8Qilleensi gara barbaadetti qilleensa'aa, atis sagalee hursuu isaa dhageessa malee eessaa akka dhufuufi eessas akka dhaqu (deemu) hin beektu. Mamni Hafuurarraa dhalate hundinuus akkanuma.9Niqoodimoosis deebiseen 'kun akkamitti ta'uu danda'a' jechuun gaafate. 10 Iyyasuusis akkana jechuun deebiseef 'ati barsiisaa Israa'eel otoo taatee jirtuu waanta kana akka mitti hin beekne? 11dhugaa sitti hima, nuti waan beeknu dubbanna, waa'ee waan arginees dugaa baana, isingaruu waan nuti dhugaa baane hin fudhattan.12Yammuun waa'ee biyya lafaa isinitti himu yoo hin amaniin, waa'ee waan sami yammuun isinitti himu akkamitti amanturee? 13Ilma namaa Isa samii dhaa gad-dhufe malee eenyumtuu gara samitti ol hin baane.14Museen lafa onaa keessatti akka bofa fannise sana ilmi namaas fannifamuu qaba. 15Kunis akka namni isaatti amanu hundi jireenya barabaraa qabaatuudhaaf.16 Akka namni isatti amanu hundi jireenya barabaraa qabaatuuf malee akka hin bannee, Waaqayyo amma (hanga) ilma isaa tokkichaa kennutti akkasumaan addunyaa jaalateera. 17Waaqayyo ilma isaa gara biyya lafaatti kan ergeef, addunyaattu murteesuuf otoo hin ta'iin itti amananii akka fayyaniifiidha. 18Kan isatti amanu hunduu itti hin murteeffamu; kan isatti hin amaniin garu waan innibmaqaa tokkicha ilma Waaqayyootti hin amanneef itti murtaa'eera.19Sababbiin murtiis kanadha, Ifti gara biyya lafaa dhufe, namoonnibgaruu ifarra dukkana jaalatu turee, sababniis hojiin isaanii hamaa waan ta'eefi. 20Namni waan hamaa hojjatu hunduu ifa jibba, hojiin isaas akka hin muldhannee gara ifaatti hin dhufu. 21ta'u male inni dhugaan deddeebi'u garu hojiin isaa Waaqayyoon akka hojjatame muldhisuuf gara ifaatti dhufa.22Kanaan booda Iyyasuusiifi hordoftootni isaa gara biyya Yihuudoota deeman, achittis isaan waliin yeroo muraasa ture, ni cuuphas ture. 23Yohaannisis naannoo saaleem bakka Heenoon jedhamutti bishaan baay'een waan jirtuuf ni cuupha ture. Namoonnis gara isaa dhufuun ni cuuphamu ture. 24Kunis kan ta'e otoo Yohaannis gara mana hidhaatti hin darbamiin ture.25Yammuu kanas hordoftoota Yohaanniis tokko tokkoofi Yihudii tokko jiddutti waa'ee sirna qulqullina irratti walmormiin uumame. 26Isaanis gara Yohaannis dhaquun akkana jedhaniin 'yaa barsiisaa, namni siin waliin gama Yoordaanos ture kan ati waay'ee isaa dhugaa baateef sun kunoo ni cuuphaa, namoonni hundis gara isaa dhaqaat jiru 'jedhaniin.27Yohaannisis akkana jechuun deebise 'Namni yoo samii irraa isaaf kenname malee homaa fudhachuu hin danda'u. 28Isin ofiin keessan akkan ani Kiristoosii mitti garuu isa dura kaniin ergame jedhee akkan dubbadhe dhugaa naaf baatu.29 Mushiirroon kan mushirraati, Amma eegaa sagalee isaa dhaga'uuf miizeen mushirra bira dhaabatu garu yammuu sagalee isaa dhaga'uu baay'iseeti gamada. Egaa gammachuun kun kan kooti, innis amma raawwwatameera (fiixaan ba'eera). 30Inni ol ol jechuu, ani garuu xiqqachuun qaba.31 Inni olii dhufu waan hundumaatii oli inni lafaa immoo kanuma lafaati, waanuma lafaa dubbatas. Inni samii dha dhufu garuu waan hundaa oli. 32waa'ee waan argeefi dhaga'ee dhugaa baha, garu waan inni dhugaa bahu namni fudhatu eenyumtuu hin jiru. 33 Namni inni dhugaa ba'uumsa isaa kana fudhate Waaqayyo akka dhugaa ta'e mirkaneeffata34Waaqayyo erge inni dubbii waaqayyoo dubbata. Waaqayyoos Hafuura safaree hin kennu. 35 Abbaan Ilma ni jaalata, waan hundumaas harka isaatti kennera. 36Namni inni ilmatti amanun jireenya barabaraa qaba, namni Ilmatti hin amanne garu dallansuu Waaqayyootti isarra t'a malee jireenya Ilmaa hin argu '
1Fariisonni akka Iyyasuus Yohaaniis caala hordoftoota baayifachaa, cuphaas jiru dhaga'an. 2 Haa ta'u male hordoftoota isaa cuuphaa ture male Iyyasuus ofii isaatii hin cuuphne ture. 3Innis Yiihuudaa gad lakkisuun gara Galiilaatti deebi'e.4Garuu isaafa Samaariyaa keessa darbuun barbaachiisaa ture. 5Kanaafuu gara magaalaa Samaariyaa bakka Siikaar jedhamu, lafa Yaa'iqoob ilma isaa Yooseefiif kennetti dhiyoo ta'etti dhufe.6bishaanii kan Yaa'iqoob achi ture. Iyyasuus karaarraa kan ka'e waan dadhabeef boollicha qarqara taa'e yeroon isaas gara sa'atii ja'aa ture. 7Samaariyaa tokkos bishaan waraabuu dhufte; Iyyasuusis 'Akkan dhuguuf bishaan xiiqoo naa kenni' jedheen. 8 Hordoftootni isaas nyaata bituuf gara magaalaa deeman ture.9Dubartiin Samaariyaa sunis Iyyasuusiin 'ati otoo nama Yiihuudaa taatee jirtu akkamitti dhagaati ana dubbartii Samaariyaa gaafattaa?' jetteen. Yihuudonni warra Samaariyaa waliin walqunnamtii hinqaban turan. 10 Iyyasuusis deebisee 'kenna Waaqayyoofii inni waaniin dhugu naa kenni siin jedhu kun otoo eenyu akka ta'e beektee situu isa gaafata ture. Innis bishaan jireenyaa siif kenna ture' jedheen.11Dubartiinis akkana jetteen, 'yaa gooftaa ati waan ittiin waraabduu hin qabdu, boollichiis gadi fagoodha, egaa bishaan jireenyaa kana essaa argatta? 12Ati immoo Abbaa keenya Yaa'iqoob isa boolla kana nuuf kenne caaltaayyii? Inni mataa Isaa, Ijoolleefi horiin isaas boolluma kana keessaa dhuganii turan.'13Iyyasuusis akkana jechuun deebiseef 'namni bishaan kana dhugu hundu deebi'ee ni dheebota. 14Garuu namni bishaan ani kennuuf dhugu kamiyyuu yoomumaa deebisee hin dheebotu, bishaan innin ani isaaf kennu isa keessatti burqaa bishaan jireenya barabaraaf burqa ta'a.15Dubartiinis 'yaa gooftaa akkan hin dheeboonnee fi akkan waraabuuf asitti hin deebinee bishaan sana naaf kenni' jetteen. 16Iyyasuusis 'deemiiti dhirsa kee waamitti deebi'ii kootu jedheen.17 Ishiinis deebiftee akkana jetteen 'ani dhirsa hinqabu. Iyyasuusis deebisee 'dhirsa hinqabu jechuun kee sirrii dha.' 18Sababnisaas 'kanaan dura dhirsoota shan qabda ture, ammas namni siin waliin jiru dhirsa keetii mitti. Waantii ati dubbatte dhugaadha.19Dubartiinis akkana isaan jette 'yaa Gooftaa akka ati raajaa taaten arga. 20Abbotiin keenya tulluu kana irratti sagadu turan, isin immo garuu bakki namootni sagaaduu qaban Iyyaruusaaleemiidha' jettu.21Iyyasuusis akkana ishii dhaan jedhe. 'Yaa dubartii na amanii, yeroo isiin tulluu kana irrattiis ta'ee Iyyaruusaaleemitti Waaqa Abbaatiif hin sagadnetuu dhufa. 22Isiin waan hin beekneef sagaddu, nuti garu sababbii fayyinni Yiihudoota keessa dhufuuf waan beeknuuf sagadna.23dhugaan sagadan yeroon isaan itti haafuuraa fi dhugaan Waaqa Abbaaf sagadan tokko ni dhufa, ammayyuu dhufeera Abbaan warreen akkana kanneen isaaf sagadan barbaada.' 24 Waaqayyoo Hafuura, warri isaaf sagadanis hafuuraa fi dhugaadhaan ta'u qabu.25'Akka Masiihiin dhufu, yammuu inni dhufus waan hunda akka nutti himu nan beeka' jetteen. 26 Iyyasuusis 'namni inni amma siin waliin haasayaa jiru kun isaa dha' jedheen.2727Yeroodhumasana hordoftootni isaa deebii'anii dhufan. Isaanis Iyyasuus dubartii tokko waliin otoo haasayuu arganii diniqfatan. Garuu eenyumtuu 'maal barbaadaa? Yookiin maaliif ishii waliin haasofta?' Isa gaafate hin jiru ture.28Dubartiin suniis ubboo (okkotee) bishaan ishii dhiftee gara magaalaatti deebi'uun namoota akkana jetteen 29 'kootaa, naman, waanin ani hojjadhe hunda natti hime tokko ilaala, inni Kiristoos ta'uu diidaalaata?' jetteen. 30magaalicha keessaa ba'uun Iyyasuus bira dhufan.31Yammuma sana hordoftootni isaa "yaa Rabii (barsiisaa) mee waa nyaadhu" jechuun kadhatan. 32 Garu, Innis akkana isaaniin jedhe "ani nyaatan nyaadhu 'kan isin hin beeknen qaba.'" 33Kanaafu hordoftootnis 'namatuu waan nyaata wayii isaaf fidemoo laata?" Waliin jedhan.34 Iyyasuusis akkana jedheen "Nyaanni koo fedhii Isa na erge hojjachuu fi hojii isaa raawwachuu dha." 35 Isin 'ji'ota afurtu hafe, sana booda midhaan walitti qabna (sasaabna) jettu mitii? Ani isinittin hima akka midhaan bilchaatee walitti qabamuu (sasaabamu) ga'e ija keessan ol kaasaatti oorruu ilaalaa. 36Inni walitti qabu (sasaabu) mindaa ofi ni argata firiis jireenya barbaraatiif walitti qabata, kunis akka inni facaaseefi walitti qabe (sasaabe) waliin gamadaniifi.37Kanaafu mammaaksa 'tokko ni facaasaa kaan immoo ni haama' jedhu dhugaadha. 38Ani isiin waan itti hin dadhabnee akka haamtaniifiin isin erge. Warri kaan itti dadhabu isiin immoo gara firii dadhabbii isaaniitti galtan. '39dubartittin 'Inni waaniin ani hojjadhe hunda isa natti hime' jette waan dhugaa ba'uun gabaafteef namootni baay'een magaalaa Samaariyaa keessaa isaatti amanan. 40 Kanaafuu namoonni Samaariyaa yammuu gara isaa dhufan akka inni isaan waliin turuuf gaafatan, inni guyyoota lama achi ture.41dubbii isaatiifis namoonni biroo baay'een amanan. 42Isaaniis dubartii dhaan 'kanaan booda waan ati nuun jetteef otoo hin ta'iin waan ofiin keenya dhageenyeef akka inni dhugaadhumaan fayyisaa addunyaa ta'u beekneerra' jedhaniin.43 Guyyoota lamaan sana booda Iyyasuus bakka sana gad lakkisuun Galiilaa deeme. 44 Iyyasuus ofiin isaa akka raajni tokko biyya isaa keessatti ulfina hin qabu jedhee dubbatee turetti 45yammuu inni Galiilaa dhufee tureetti warri Galiilaa isa simatan. Isaanis yeroo ayyaanaa gara Iyyarusaaleem deemanii waan turaniif, sababbii kanaan waan Iyyasuus ayyanicharratti hojjate hunda arganii jiru.46Iyyasuusis deebi'uun gara Qaanaa ishii Galiilaa keessaa bakka inni bishaan gara daadhii wayiniitti jijjiire deeme. Qifirnaahoom keessas qondaallii kanaan dura ilmi isaa dhukkubsate tokkotu ture. 47Namni kuniis yammuu Iyyasuus Yihuudaa gara Galiilaa akka dhufe dhagahu isa bira deemuun gara isaatti gad dhufe ilma isaa isa gara dhu'aatti dhiyaatee akka fayyisuuf gaafate.48Akkasumas Iyyasuus 'Isin yoo mallattoofi dinqii argitan malee hin amantan'jedheen. 49Qondaaltichiis 'yaa gooftaa otoo mucaan koo hin du'iin dafi koottu 'jedheen. 50 Iyyasuusis 'deemi ilmi kee fayyeera' jedheen. Namichis waan Iyyasuus isaan jedhetti amanuun deeme.51 Otoo inni deemaa jiru tajaajiltootni isaa gara isaatti dhufuuf akka ilmi isaa fayye itti himan. 52Innis sa'aatii mucaatti foyyaa'uu jalqabe isaan gaafate. Isaanis deebisuun akkana jedhaniin 'kalleessa sa'atti torbatti nafa gubaan isa dhiise 'jedhaniin.53Abbaanis akka yeroo sun sa'aatti Iyyasuus 'Ilmi kee fayyeera' isaan jedhe ta'uu hubate. Kanaafuu inniifi maatiin isaa hunduu amanan. 54Egaa suun Iyyasuus Yihuudaadha bahe gara Galiilaa erga dhufe booda mallattoo isa lammaffaa inni hojjate ta'u dha.
1Kanaan booda ayyaana Yihuudotaatu ture. Iyyasuusis gara Iyyaruusaaleemitti ol-ba'e. 2Iyyaruusaaleem keessa karra hoolaa bira bishaan afaan Armaayikootaatiin 'Beetazaataa' jedhamu tokko kan dafoowwan shan qabantuu ture. 3Namoonni lakkofsaan baay'ee turan kanneen dhukkubsatan jaamoonni, hokkoloonni, laamshonni achi ciisu turan. 4Maleekaan Gooftaas yeroo tokko tokko gad-bu'uun bishaan sana ni raasa ture. .5 Raafama bishaanichaatiin booda namni jalqaba bishaan keessa seenee kamiyyuu dhibee qabu hunda irraa ni fayya. Namni waggaa soddomii seddeet dhukkubsate tokkoos achi ture 6Iyyasuusis yammu namtichi achi ciisee argee akka yeroo dheeraafis achi ture yammuu hubatu akkana jedheen 'fayyuu barbaadaayyii?'7Dukkubsataan suniis 'yaa Gooftaa ani nama na gargaaree yammuu bishaan raafamu achi keessa naseensisu hin qabu yammuun yaaluus nama biraatu na dursee seena' jedheen. 8Iyyasuusis 'ol-ka'i, siree kees qabadhu deddeebii.'99Ennasuma fayyee siree isaa fudhatee deeme.' Guyyaan suniis sanbata ture.10Yihuudootni namicha fayyee sanaan 'hardhi sanbata, kanaafu siree kee baattattee deemuun siif hin eyyamamu' jedhaniin. 11 Inni garuu namichi na fayyise sun siree keen fudhadhuutii deemi naan jedhe' jedheen.12Isaanis 'namninsiree kee fudhadhuutii deemi siin jedhe sun inni eenyu?' Jedhanii gaafatan. 13Haa ta'uuti namichi fayye suun eenyu akka ta'e hin beekne ture, sababni isaa namootni bakka sanatti walitti qaban baay'ee waan turanif Iyyasuus dhokatee waan achii deemeefii.14 Ergasii Iyyasuus namicha mana qulqulummaa keessatti argee, kunoo ati amma fayyiteetta, rakkinni kana caalu akka sira hin geenyeef ammaan achi cubbuu hin hojjatiin' jedheen. 15Namichis deemee gara warra Yihuudootaa dhaqun kan isa fayyise Iyyasuus ta'u gabaaseef.16 Sababa waantota kanneen guyyaa sanbataatiin hojjateef yihuudotni Iyyasuus hari'atan turan. 17Iyyasuus akkan isaaniin jedhe "Abbaan koo hanga ammaatti hojjachhaat jira, aniis immoo kunoo hojjachaan jira.' 18 Egaa waa'ee sanbata cabseef qofa otoo hin ta'iin, sababbii inni ofii isaa Waaqaan walqixxeeseefi fi Waaqni Abbaa kooti jedheef yihuudoonni itti caalchiisuun isa ajjeesuuf barbaadan.19 Iyyasuusis 'dhugaa dhugaa isiiniin jedha 'ilmi ofii isaatiin waan tokkoollee gochuu hin danda'u, waanta Abbaan hojjatu yoo arge malee, waanta Abbaan godhu hunda akkasuma Ilmis ni hojata. 20Abbaan Ilma ni jaalata; waan godhu hunaas itti agarsiisa, akka isin diniqfattaniifis hojii kana caalu itti agarsiisa.21 Akkuma Abbaan warra du'an kaasee jireenya ni kennaaf. 22nama tokkottiyyuu hin murteesu, garuu murtii hunda Ilmaaf keenera. 23namni hundi akkama Abbaa ulfeessanitti Ilmaafis ulfina kennaniifi; Namni ilmaaf ulfina hin kenine Abbaa isa ilma erges hin ulfeessan.24Dhugaa, dhugaa namni inni dubbii koo dhagawu fi isa na erettis kan amanu jireenyaatti darbe malee.25Dhugaa, dhugaa ani isinittan himaa, yeroo warrii du'an sagalee Ilma Waaqayyo itti dhagayan ni dhufa, innis ammumaa dha; issan warri dhagayanis ni jiraatu.26Abbaan jireenya of keessatti ofumaa qabu, akkasuma ilmis akka ofii isaatiin jireenya qabaatuu isaafis kenneeraaf. 27Sababa inni Ilma Namaa ta'eefis akka inni murtii kennuu Abbaan aangoo isaaf kenneera.28 Waan kanaaf hin diniqfatiina, yeroo warrii awwaala keessa jiran hundi sagalee isa dhagayan ni dhufa. 29Warrii waan gaarii hojjatan du'aa ka'iinsa jireenyaatiif warrii waan bodaa hojjatanis immoo du'aa ka'iinsa murtiitiif awwaala keessaa ni ba'u.30 Ani ofii kootiin waan tokkollee gochuu hin danda'u garuu ani akkumman dhagawuttiin murteessa; ani fedhii isa na ergee malee fedhii ofii kootii waaniin hin barbaadneef murtiin koo qajeelaadha. 31 Ani yoo dhan waa'ee ofikootii dhugaa ba'e. Dhugaa ba'iinsi koo dhugaa miti. 32Kan waa'ee koo dhugaa ba'u kan biroo ni jira, anis akka inni dhugaa ba'iinsa waa'ee koo kennu dhugaa ta'e nan beeka.33gara Yohaannisitti ergitanii jirtu: innis dhugaa dhaaf dhugaa ba'ee jira. 34Kun garuu dhuga ba'iinsa namaa nan fudhadha jechaa miti. Waantota kanneen kanan jedhu akka isin fayyitaniifi. 35Yohaannis ibsaa isa boba'aa ifu ture, isin immoo yeroo xiqqoof ifa isaatti gamaduu barbaaddan.36 Dhuga ba'iinsiin ani qaba isa kan Yohaaniisii sana caala, hojiin akkan ani raawwadhuf Abbaan naa kenne, inniin ammayyuu jira kun akkan Abbaan na erge waa'ee koo dhugaa ba'a. 37Abbaan inni na erges ofii isaatii waa'ee koo dhugaa ba'eerra. Isin sagalee isaas takkumaa hin dhageenye, bifa isaas hin argine. 38Isiin sababbii isa inni ergetti hin amanneef dubbi isaa kan isin keessatti hafe hin qabdan.39Isiin kitaaboota qulqullu qu'atu, sababni isaa jireenya barabaraa isaan keessaa arganna jettanii waan yaaddaniif, garuu Kitaabbotuma kanatuu waa'ee koo dhugaa ba'a. 40Isin garuu jireenya argachuuf gara koo dhufuu hin barbaadan.41Ani nama irraa ulfina hin fudhadhu. 42Isin garuu akka jaalala Waaqayyoo of keessaa hin qabne nan beeka.43 Ani maqa Abbaa kootiitiinin dhufee, isin immoo na hin simanne. Isin wal irraa ulfina yoo fudhattan, ulfina isa Waaqayyoo tokkicha irraa dhufu garuu hin barbaadan. 44Akkamitti amanuu dandeesu isin warrii wal irraa ulfina fudhattan ulfina isa Waaqayyo tokkicha irraa dhufu garuu hin barbaaddan.45 Ani Abbaa fulduratti waaniin isin himadhu isinitti hin fakkaatiin. Kan isin himatu tokko jira, innis Musee isa isiin abdattanii dha. 46 Otoo Museetti amantanii, anattis ni amantubture, sababnis inni waa'ee koo waan barreesseef. 47Waan inni barressetti yoo hin amaniin, hojii kootii akkamitti amanturee?
1booda Iyyasuus, gama galaana Galiilaa isa galaana Xibriyaadoos jedhamee waamamuutti ce'e. 2 Namootni baay'ee ta'anis sababa mallattoo inni warra dhukkubsatoota ta'an fayyisuudhaaf argisiise waan arganiif isa hordofan. 3Iyyasuus hordoftoota isaa waliin gaaratti ol bahee ta'e.4yeroo kana Faasiigaan, ayyaani Yiihuudotaatuu dhiyaate ture.) 5Yammuu Iyyasuus ija isaa olkaasuu namoonni baay'ee ta'an gara isaa dhufan arge, Filiiphoosiin; 'namoota kanaaf biddeena isaan nyaatan eessaa binaafi?' Jedheen 6Iyyasuus garu Filliphoos) qoruuf kan jedhe inni ofuma isaatiin waan gochuu qabu ni beeka ture.7Filiiphoosis deebisee 'tokko tokkoon isaanii akka xiqoo xiqqoo argataniif, yoo biddeena diinaara dhibba lamaan binnellee wal isaan hin gahu ' jedheen. 8 Hordoftoota isaa keessaabtokko Indiriyaas, obbolleessi Simi'oon Pheexiroos Iyyasuusiin akkana jedhe. 9'Gurbaan biddeena garbuu shaniifi qurxummii lama qabu tokko kunoo as-jira, garuu kun namoota kan hundaaf akkamitti gahaa?10Iyyasuusis 'namoota akka taa'an godhaa' jedheen. Bakka sanas margi baay'inaan jira ture, kanaafuu namoonnis ni tataa'an, lakkoofsi isaaniis dhiirri gara kuma shanii ture. 11Iyyasuusis biddeena sana fuudhee erga galateesse booda warra taa'an sanaa hanga isaan barbaadan hire, qurxummis akkasuma godhe. 12Erga namoonni quffanii booda innis hordoftoota isaatiin. 'Otoo waanti tokkollee hin hafiin hurraa'aa walitti sasaabaa ' jedheen.13Isaaniis hurraa'aa biddeena garbuu shanii isa hafe sana Zanbiila kudha lama guutuu walitti qaban. 14sana namooni mallattoo Iyyasuus taasise arganii 'kuni dhugaadhummaan raajaa gara addunyaa kana dhufuf jiru 'jedhan. 15 Iyyasuus akka namootni dhufanii humnaan mootii isa gochuuf yaalan hubatee achii gad-lakkisee qophaa isaa debi'ee gaaratti olba'e.16 Yammu galgalaa'ee hodoftootni isaa gara galaanaatti gadi bu'an. 17Isaanis bidiruu yaabachuun galaana irra gara gama Qifirinaahoomitti ce'uuf ka'an yeroo kanas dukkanaa'ee ture, akkasumas Iyyasuus ammallee gara isaanii hin dhufne ture. 18Bubbeen jabaan waan bubbiseef galaanichi ni raafama ture.19kiiloo meetira shan yookiin ja'a kan ta'u erga bidiruudhaan deemanii booda otoo Iyyasuus galaana irra deemaa gara bidiruutii dhiyaatu arganii sodaatan. 20 Innis garu 'Inni Anaa! Hin sodaatinaa' jedheen. 21Isaanis gara bidiruu keessatti isa fudhachuu barbaadan, battalumatti bidirichis gara bakka deemanii gahe.22Guyyaa itti aanutti namoonni galaanicha gamatti hafan akka bidiruun tokko qofti achi turte male kan biroo akka achi hin jire argan, qkka hordoftootni isaa qofti kophaa isaanii ce'an male, akka Iyyasuus isaan waliin hin yaabadne beekan. 23Haa ta'u malee bidiruuwwan muraasni Xibriiyaadoosii ka'anii gara bakka Goftaan galata kenneefi isaanis biddeena itti nyaatan ture.24 Yammuu kana namootnii akka Iyyasuusii fi hordoftootni isaa achi hin jirre yammuu qoratanii baratan isaanumtii ofii isaaniitiin bidiruuwwan yaabbatanii Iyyasuus barbaacha gara Qifrinaahiom deeman. 25Isaanis erga galaanicha gamatti isa arganii booda 'Rabbi (barsiisaa) yoom asi dhuftee?' jedhanii isa gaafatan.26Iyyasuusis akkana jechuun deebiseef 'dhugaa dhugaa isiniin jedha isin kan na barbaaddaniif sababa mallattoo argitaniif otoo hin taane, garuu sababa biddeena nyaataanii quuftaniifi. 27Nyaata baduuf hin hojjatina, nyaata jireenya barabaraatiif jiraatu kan Ilma Namaa isiniif kennuuf hojjadhaa malee, kanaafis Waaqni Abbaa isaa irratti chaappeseera.28Akkasumaan isaaniis 'Maal gochuu qabna, akka hojii Waaqayyo hojjanuu' iIsaan jedhan. 29Iyyasuusis deebisuun 'isa inni ergetti amanuun keessan kun hojii Waaqayyooti' jedheen.30 Kanaafuu isaaniis akkana isaan jedhan 'akka arginee si amannuuf mallattoo maalii hojjata? 31Akka 'nyaataaf samii irraa biddeena isaaniif kenne' jedhamee barreeffame, abbootiin kenya lafa onaatti Mannaa nyaatan'32 Iyyasuusis akkana isaaniin jedhe.' Dhugaa, dhugaa kan samii irraa biddeena isiniif kenne Musee mitu, garuu samii irraa kan biddeena dhagaa isiniif kenne Abbaa kootii malee.' 33Biddeenni Waaqayyoo inni samii irraa gadi bu'ee addunyyaa kanaaf jireenya kennuu dha. 34 Isaaniis 'yaa Gooftaa yeroo hunda biddeena kana nuuf kenni' jedhaniin.35 Iyyasuusis akkana isaaniin jedhe 'biddeenni jireenya anaadha, namni gara koo dhufe gonkumaa hin beela'u, kan anatti amanuus gonkumaa hin dheebotu. 36 Garuu akkaman isinitti hime na argitaniiyyuu hin amanatan. 37Abbaan ka naa kenne hunduu garabalaatti of irraa hin aru'u.38Ani kaniin samii irraa gad dhufeef fedhii koo raawwachuuf otoo hin ta'iin fedhii isa na ergee raawwachhuu dhaafi. 39Fedhiin isa na ergees bakkan ani warra inni natti kenne hundi tokkolle otoo na jalaa hin badiin gaaf guyyaa dhumaa akkan kaasuufii dha. 40Fedhiin Abbaa kootii akka namni Ilma argee isatti amanu hundi jireenya barabaraa qabaatuufii dha, anis gaaf guyyaa dhumaa isa nan kaasa.41Kanaafuu Yihuudootni sababa inni 'ani biddeena samii irraa gad bu'ee dha.' jedheef guunguman. 42Isaaniis 'kun Iyyasuus ilma Yooseef miti, isa abbaafi haadha isaa beeknu sana? Yoos akkamittin 'ani samii irraan gad bu'e' nuun jedharee amma' jedhan.43 Iyyasuus deebiseeti akkan jedheen 'Walitti gungumuu dhaabaa. 44 Abbaan na erge yoo harkise malee namni kamiyyuu gara koo dhufuu hin danda'u, anis gaaf guyyaa dhumaa nan isa kaasa. 45Akka raajota keessatti barreefametti hundi warra Waaqayyorraa baratan ni ta'u' jedhameera. Kan Abbaarraa dhaga'eefi kan isarra baratee hundi gara koo ni dhufa.46 Isa Waaqayyo biraa dhufe sana malee namni kamiyyuu Abbaa hin argine. Isa qofatuu Abbaa arge. 47Dhugaa, dhugaa kan amanu hundi jireenya barabaraa qaba.48Biddeenni jireenyaa ana dha. 49Abbootiin keessan lafa onaa keessatti mannaa nyaatan. Haa ta'u garuu ni du'an.50Bideenni samii irraa gad bu'e isa kana dha, namni isa nyaatuua hin du'u. 51Biddeenni jireenyaa inni samii irraa bu'e ana dha. Namni kamiyyuu yoo biddeena kana nyaatee barabaraan ni jiraata Biddeenni ani akka addunyaa dhaaf jireenya ta'uu kennu foon koori.'52 Akkasuma Yihuudoonis 'Namichi kun akkamitti foon isaa akka nyaatuuf nuu kennuu danda'a?' jechuun dallanuufi wal-mormuu jalqaban. 53Iyyasuusis akkana isaaniin jedhe 'Dhugaa, dhugaa isin foon Ilma Namaa yoo nyaatanifi dhiiga isaas yoo dhugdan malee ofii keessaniin jireenya qabaachuu hin dandeessan54 Namni foon koo nyaatuufi dhiga koo dhugu enyumtuu inni jireenya barabaraa qaba; Anis gaaf guyyaa dhumaa isaa kaasa. 55 Foon koo nyaata dhugaa, dhiigni koos dhugaatii dhugaati. 56Namni Foon koo nyaatuufi dhiiga koo dhugu eenyumtu na keessa jiraata, anis isa keessan jiraadha.57Akkuma Abbaan jiraataan na erga, akkasuma anis sababbi Abbaatiin jiraadhu, namni na nyaatu enyumtuu akkasuma sababbii kootiin ni jiraata. 58 Biddeenni samii irraa bu'e isa kana dha, innis akka mannaa isa Abbotiin keessan nyaatannii du'an sana moti; namni biddeena kana nyaatu garuu barabaraan ni jiraatan. 59Garuu Iyyasuus waantota kana kan dubbatee Qifirnaahoom mana sagadaa Siinaagog keessatti otoo barsiisa jiruu ture.60Hordoftoota isaa keessaa baay'een yammuu waan kana dhaga'an akkana jedhan 'barnoonni kun cimaadha, eenyutuu dhaga'uu danda'a? 61Iyyasuus sababa ofuma isaa keessatti akka hordoftootni isaa waan kana irratti guunguman beekeef akkan isaaniin jedhe 'kun isin dallansiisaa?'62Yoos yammuu Ilmi Namaa bakka duri turetti ol-ba'uu argitan maal taaturee?' 63Inni jireenya kennu Hafuura; foon omaa faayidaa hin qabu. Dubbiin ani isinitti dubbadhu Hafuura, jireenyas.64Haa ta'u malee, isiin keessaa kanneen hin amaniin tokko tokko ni jiru.' Iyyasuus jalqabumarraa kaasee isaan keessaa eenyu akka hin amanneefi eenyu akka dabarsee isa kennu ni beeka ture. 65Innis akkana jedhe 'sababiin ani yoo Abbaa biraa isaaf kenname malee namni tokkollee gara kootti hin danda'u isiniin jedhee ture kanuma.'66 Sababa kanaaf hordoftoota isaa keessaa baay'een gara dubatti deebi'an, kana boodas isa waliin hin deemne. 67 Akkasumaan Iyyasuus warra kudha lamaatiin 'Isiniis deemuu barbaaduu?' jedheen. 68 Simi'oon Pheexiroosis akkana jechuun deebiseef 'yaa Gooftaa gara eenyuu deemnaa? ati dubbii jireenya barabaraa qabda. 69Nuti akka ati Qulqullu kan Waaqayyoo taate ni amanne, ni beeknas.70 Iyyasuusiis akkana isaaniin jedhe.' Ani kudha lamaan keessanuu kanin isin filadhe mitii? Isin keessaa garu tokko Dabiloos.' 71Innis amma waa'ee Yihuudaa ilma Simi'oon Asqoroo dubbata ture, innis warra kudha lamaan keessa tokko isa Iyyasuus dabarsee kennuuf jiru.
1kanaan booda Iyyasuus sabab Yihuudonni isa ajjeesuuf barbaadanii, Galiilaa keessa dedeebi'a ture, Yihuudaa keessa hin dedeebi'uu ture. 2Amma ayyaanii daasii Yihuudotaa dhiyaatee ture.3Obboloowwan isaas akkana isaan jedhan 'bakka kana dhisiitii gara Yihuudaa ka'ii deemi, yoos hordftootni kee hojjii atti gootu sana arguu.' 4 Namni tokko otoo muldhatee beekamuu barbaaduu dhoksaatti waa hojjatuu hin jiru. Atis yoo waantota kana hojjattu taate addunyaatti of muldhisi.5Obboloonii isaallee isatti hin amanan turan. 6Kanaafuu Iyyasuus akkana isaaniin jedhe 'yeroon koo amalle hin geenye, isiinif garuu yeroon hundi mijataadha. 7Addunyaan isin jibbuu hin danda'u, garu sababan hojjiin isaanii akka badaa ta'e dhugoomsuuf ana ni jibu.8 Isiin gara ayyaanichaa oldeemaa, Ani saba amma ammatti yeroon koo hin guunneef gara ayyanatti ol hin deemu.' 9Innis waantoota kana erga isaaniin jedhee booda Galiilaati hafe10Garuu erga obboloonni isaa gara ayyanichaatti ol deemanii booda innis muldhachaa otoo hin ta'in dhoksaadhaan ol deeme. 11Yihuudonnis ayyanicha irratti 'namni sun eessa jira?' jechuun gaafachaa isa barbaadaa turan.12Namoota jidduuttis waa'ee isaa marii baay'ee ture, namootni tokko tokko 'inni nama gaarii dha' jedhuu. Isaan kaan immoo 'akkas miti inni karaa irraa nama jallisa jedhan. 13Garuu waan Yihuudoota sodaataniif namni tokkollee waa'ee isaa muldhinatti hin dubbanne.14Yammu ayyanichi gara walkaa ta'u, Iyyasuus mana qulqullina seenuun barsiisuu jalqabe. 15dinqiffachuun 'namni kun akkamitti otoo hin baratiin beekumsa akkanaa qabaate?' jedhan. 16 Iyyasuusis akkana jechuun deebiseef 'barsiisni koo kan isa na ergeetti malee kootii miti.17 Namni feedhii Waaqayyoo raawwachuu barbaadu hundi waa'e barsiisni kun Waaqayyoo biraa dhufuu fi yookin ani ofuma koottiin irraa ta'uu ni beeka. 18Namni ofumarraa dubbatu kamiyyuu inni ofuma isaatii ulfina barbaada, namni ulfina isa erge sanaa barbaada, namni sunis dhugaa dha, sobni isa keessa hin jiru.19 Museen seera isinii kenneerra miti? Garuu isin keessaa namni seera san eegu hin jiru. Isin maaliifI na ajjesuu barbaaddu? 20Namoonnis deebisanii 'jinniituu si keessa jiraa eenyutuu si ajjeessuu barbaada' jedhaniin.21Iyyasuusis deebisee akkana isaanii jedhe 'Ani hojii tokkon hajjannaan hundi keessan diniqfattan. 22Museen seera kiittaanaa isiniif kenne (sun garuu abbootarraayyi malee Museerraa miti.) Isinis guyyaa sanbataa nama kittaantu.23 Akkanum seera Musee isa hin cabnee sana erga namni tokko guyyaa sanbataatillee kiitaanamuu danda'e, isin maaliif yoodhan ani guyyaa sanbataatiin nafa namaa guutuu fayyisuuf jettanii maliif natti dallantu. 24Murtii qajeelaa kennaa malee; bifa ilaaluun hin murteesiina.'257 Namootni muraasni Iyyarusaaleemii akkana jedhan 'Inni kun nama isaan ajjeesuuf barbaadanii dha miti?' 26 Kinoo inni addabaayitti dubbata, isaaniis homaa isaan hin jenne. Abboonii seeraas bakka inni Kirisoos ta'e nuti ni beekniiruu laata? 27namni nama eessaa akka ta'e nuti ni beekna. Yammuu Kiristoos dhufu garuu inni eessaa akka dhufu namni tokkollee hin beeku.28Yammuus Iyyasuus otoo mana qulqullinaa keessatti barsiisuu sagalee isaa ol kaasee akkana jedhe 'Isin hundi na beektu, akkan eessaa dhufes na beektu. Ani ofii kootiin hin dhufne, garuu isa inni na erge dhugaa dha, isiinis isa hin beektan. 29Sababani inni na erge isa biraa dhufeef ani isa nan beeka.30 Isaaniis isa qabuuf yaalan, garuu yeroon isaa waan hin geenyeef namni tokkollee herka isaa irra diriirsee qabuu hin dandeenye. 31 Ta'uus namootni baay'een isatti amanan isaanis akkan jedhan 'Yammuu Kiristoos dhufu mallattoo namni kun agarsiise caala agarsiisa laata?' jedha. 32Fariisootnis otoo namoonnii waantoota kanneen waa'ee Iyyasuus amatanuu dhaga'an. Luboonni hangafootniifi Fariisotni akka Iyyasuus qabanii eegdota mana qulqullina isatti erga.33Iyyasuusis 'Ani amma ammaatti yeroo gabaabaa isin waliinin jira, kanaan booda gara isa na ergen deema. 34Isinis na barbaaddu, garuu na hin argitan bakkan ani jirus dhuf hin dandeessan' jedheen35ofumasaaniitiin akkana waliin jedha 'namni kun akka nuti isa arguu hin dandeenyeef eessa dhaqaa? Gara saba warra Giriikota keessa fafaca'anii deemee Giriikota barsiisuu barbaadeemoo? 36 Dubbiin kun kan inni jedhu maaliidha? 'Isin na barbaadu garu na argu hin dandeessan, bakka ani jirus dhufu hin dandeessan jechuun isaa maal jechuu isaati' jedhan.37Amma guyyaa ayyanicha isa guddaafi isa dhumaa irratti Iyyasuus ka'ee dhaabachuun sagalee guddaadhaan akkana jedhe 'namni kamiyyu yoo dheebote gara koo dhufe haa dhugu. 38Inni kan anatti amanu hundi bishaan jireenyaatu garaa isaa keessaa burqa.39garuu waa'ee Hafuura qulqullu kan warri isatti amanan argachuuf jiran dubbachuu isaati sababbi Hafuura qulqulluun ammaatti hin kennamneef Iyyasuus ammallee hin ulfaanne.40 Namoota sana keessa muraasni yammuu dubbii kana dhaga'an 'kun dhugummatuu raajicha' jedhan. 41 Isaan kaan immoo 'inni kiristoos' jedhan. Namootni kaanis 'Kiristoos Galiilaadhaa dhufaa?' jedhan. 42Akka Kiristoos sanyii Daawit keessaa dhalatuufi akka inni magaala Daawit Beetaliheemii dhufu kitaabni ni dhubata mitii?43waa'ee isaa irratti garaagarummaan isaan jidduutti uumame. 44Isaaniis muraasnis isatti dhufan, garuu namni tokkollee harka isaa isarrati hin diriirsine.45Kana boodas eegdoni gara Luboota hangafootaafi gara Fariisotaatti warreen isaan erganitti deebi'anii dhufan 'Amliif isa as hin fidne' jedhanii eegdota gaafatan. 46Eegdonnis akkan jedhanii deebisan 'namni kamiyyuu akka nama kanatti hin dubbatu.'47Fariisotniis isaaniif deebisuun 'isinis ni gowwoomse jechuu dha' jedhaniin. 48Namoota bulchootaa keessaa kan isaatti amananii yookiin Fariisotaa?. 49Namootni kun isaan kan seera hin beekne kun abaaramoo dha50Niiqoodimoos (Fariisota keessaa inni tokko, kan kanaan dura isa bira dhufee ture) akkana isaaniin jedhe, 51 'seerri keenya otoo isarraa hin dhaga'iin yookiin waan inni godhu otoo hin beekiiniin dura nama tokkotti murteessa? 52Isaanis 'ati nama Galiilaatii? 'akka Raajaan Galiilaa keessaa hin kaane qoradhuu irra ga'i' jedhaniin.53Kana boodas hundi isaanii gara mana ofiitti deeman.
1Iyyasuus garu garabgaara ejersaa deeme. 2 Ganama barii dhaan gara mana qulqullummaatti deebi'ee dhufe. Innis namni hundumtu gara isaatti walitti qabaman, innis gad-taa'ee isaan barsiisee. 3Barsiisonni Seeraatiifi Fariisotni dubartii ejja irratti qabamte tokko fidan. Jidduu isaanii dhaabuun.4 Isaanis akkana isaan jedhan 'yaa barsiisaa dubartiin kun ejja irratti qabamte. 5Seera Museen nu ajaje keessatti namni akkanaa akka dhagaadhaan tumamu nu ajajeeraa ati waa'ee ishii maal jettaa? 6Isaanis waan ittiin isa himatan argachuu jedhanii isa qoruuf waan kana jedhan. Iyyasuus garuu gad-jedhee lafa irratti quba isaatiin barreessuu jalqabae.7Yammuu isaanis gaafachuutti fufan ol jedhee, 'isin keessaa namni cubbu hin qabne yoo jiraate duraan dursee ishiitti dhagaa haa darbatu' jedheen. 8Deebisee ammas gad jedhee lafa irratti quba isaatiin barreesse.9 Isaanis yammuu kana dhaga'an maanguddoota irraa jalqabee tokkuma tokkon ba'aanii deeman. Dhumarrattis Iyyasuus fi dubbartittii walakaa dhuma dhaabate sana waliin qophaatti hafan. 10ol jedhee, ati yaa dubartii warri si himatan meerre?, namni tokkollee sitti hin murteesinee? Jedhen. 11 Ishinis 'yaa Gooftaa namni tokkollee' jetteen. Iyyasuusis 'anis sitti hin murteesu, deemi kanaan achis cubbuu hin hojjatiin' jedheen.12 Deebisee Iyyasuus isaanitti dubbate 'Ani ifa Addunyaati namni na hordofu hundi dukkana keessa hin adeemu, ifa jireenyaa qaba malee' jedheen. 13Fariisootniis ati waa'ee keetii dhugaa baata, ofii keetii kan dhugaa baatuus dhugaa miti' isaan jedhan.14 Iyyasuusis deebiseefi akkana isaaniin jedhe 'Ani waa'ee ofii kootii dhugaa ba'uullee akkan eessaa dhefee fi akkan eessa deemuwaaniin beekuufin dhugaa ba'iinsi koo dhugaa dha. Isin garuu akkan ani eessaa dhufe yookiin akkan ani eessa deemu hin beektan. 15Isiin akkuma foonitti murteesitu, Ani nama tokkotillee hin murteessu. 16Sababan ani qophaa koo hin taaneef yoodhan murteessellee murtiin koo dhugaa dha, ani Abbaa isa na erge waliinin jira.17Eeyyeen dhugaa ba'iinsa nama lamaa akka dhugaa ta'e seera keessan keessatti barreefameera. 18Ani isa ofii kootii dhugaan ba'u Abbaan inni na erges waa'ee koo dhugaa ba'a.19 Isaanis 'Abbaan kee eessa jira?' Jedhanii isa gaafatan. Iyyasuusis 'Isin anas Abbaa koos hin beektan 'jedhee deebiseef. Otoo ana beektanii, Abbaa koos immoo ni beektuuyyuu. 20Iyyasuus otoo mana ququllinaa keessatti kutaa buusiin kuufamu keessattibakkuma barsiisa tureen waantoota kana dubbate, yeroo isaas waan hin geenyeef namni tokkollee isa hin qabne.21 Innis deebisee akkana isaaniin jedhe 'Ani nan deema isinis na barbaaddu, cubbuu keessaniinis ni duutu, bakkan ani deemus dhufuu hin dandeessan.' 22Yihuudootnis bakkan ani deemu dhufuu hin dandeessan kan jedhuu of ajjeesuuf ta'iinna jedhan.23akkana isaaniin jedhe 'Isin gadirraayyi ani olirraayyi, Isin kan addunyaati, Ani immoo kan addunyaatii miti. 24Kanaafu akka cubbuu keessaniin duutan ani isinittiin hima. Yoo isin Inni Ana ta'utti amantan malee cubbuu keessaniin ni duutu.25 Isaanis kanaafuu akkana isaan jedhan 'Ati eenyuu dhaa? Iyyasuusis akkana isaaniin jedhe ani isuman jalqaabaa kaasee isinitti dubbachaa turee dha. 26Ani waan baay'ee waantin dubbadhuufi waa'ee keessan waantin murteessu nan qaba. Maalumaahaata'uu inni na erge dhugaa dha. Anis waantotnin isa irraa dhagayeen waantoota kanan addunyaatti hima. 27 Isaan akka inni waa'ee Abbaa issanitti himaa ture hin hunbanne.28Iyyasuus akkana isaaniin jedhe 'yammuu Ilma Namaa ol-kaaftan akkan Ani Isa ta'e ni beektu, akkuma Abbaan na barsiisettin dubbadha malee ani ofi kootii homaa hin hojjadhu. 29 Inni na erge ana waliin jira sababbii ani yeroo hunda waan isa gamachisu hojjadhuuf inni qophaa koo na hin dhifne. 30 Akkuma Iyyasuus waantota kana dubbatteen namoonni baay'een isatti amanan.31Iyyasuus Yihuudoota isaan isatti amananiin akkana jedhe "yoo dubbii kottii cimtanii haftan isain dhugaadhumaan hordoftoota kooti. 32Dhugaas ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa. 33 Isaanis 'nuti sanyii Abrihaamiiti, eenyumaafuu takkumaa garboota taanee hin beeknu, kanaafuu akkamitti bilisa baatu nuun jetta' jedhaniin.34Iyyasuus akkana jechuun isaaniif deebise 'Dhugaa, dhugaa isiniin jedha namni inni cubbuu hojjatu hundi garba cubbuuti. 35Garbi barbaraan mana keessa hin hafu, ilmo garuu barbaraan manuma keessatti hafa. 36Ega Ilmi yoo bilisa isin baasee dhugaadhumaan bilisa baatu.37 Akka sanyii Abrihaam taatan nan beeka garu dubbiin koo waan isin keessa hin jiraanneef na ajjeesuuf murattanii kaatan. 38Ani waantan Abbaa koo biratti argeen dubbadha ;isiniis immoo waan abbaa keessan biratti argitan hojjatu.39 Isaanis 'abbaan keenya Abrihaamidha' jedhaniin. Iyyasuusis akkana jedheen 'otoo ilmaan Abrihaam taatanii waan Abirihaam hojjate hojjattuuyyu. 40Isin garuu amma Waaqayyorraa dhugaa dhaga'ee isinitti himnaan na ajjeesuuf murattanii kaatan. Abrihaam garu waan akkanaa hin hojjanne. 40Hojii abbaa keessanii isinis hojjattu.' 41Isaanis 'nuti ejjaan hin dhalanne abbaa tokko "Waaqa qofa qabna" isaan jedhan.42Iyyasuusis otoo waaqni abbaa keesan ta'e ne jaalattu turtan, ani Waaqaa biraan dhufe, asin jiras; isatu na erge malee ofuma kootii hin dhufne' isaanin jedhe. 43 Maaliif waaniin dubbiin koo isinii hin gallee? Sababni isaa dubbii koo waan dhaga'uu hin dandeenyeefi. 44Isin ijoollee abbaa kessan kan daabiloosi;fedhiin keessan hawwii abbaa keessanii hojjachuu dha. Inni jalqabumarraa kaasee lubbuu ajjeesaa dha, waan dhugaadhaan hin dhaabannee isa keessas dhugaan hin jiru. Inni sobaafi abbaa sobaa waan ta'eef yammuu soba dubbatu ofuma isaa keessaa dubbata4645 Sababan ani dhugaa dubbadhuuf isin na hin amantan.
1 Iyyasuus otoo karaa darbuu nama dhaloota isaatii jalqabee jaamaa ture tokko arge. 2Hordoftootni isaa 'yaa Rabbii namni kun akka jaawaa ta'ee dhalatuuf eenyutu cubbuu hojjate? Isa moo abbaafi haadha isaatii?' Jedhanii isa gaafatan.3 Iyyasuusis akkana jedhee deebiseef 'Inni yookiin abbaafi haatii isaa cubbuu hi hojjanne, garuakka hojiin Waaayyoo isa keessatti muldhatuufi malee.' 4 Otoo guyyaa ta'e jiruu hojii isa na ergee hojjachuu qabna, halkan namni tokkollee itti hojjachuu hin dandeenye ni dhufa. 5Amma ani addunyaa keessa jiruutti ani ifa addunyaati'6 Erga Iyyasuus kana jedhee booda, lafatti tufee dhoqqee biyyee irraa hojjatee dhoqqe sana ija namichaa dibe.' 7Innis nama sanaan 'deemii bakka cuuphaa Saliihoomitti (ka "ergame "jechuun hiikama) dhiqadhu' jedheen. Kanaafu namichis dhaqeedhiqatee argaa deebi'ee dhufe8Ennasuma olloonni fi namoonni duraan otoo inni kadhatuu isa argan, 'namni kun isuma taa'ee kadhataa ture sanaadhaa mitu? jedhan. 9Muraasnis 'Ini isaa dha' jedhan. Kaan immoo 'miti, garuu inni isa fakkaata' jedhan. Garuu inni 'Inni ana dha' jedhe.10Isaanis 'Ijji kee akkamitti banameree' isaan jedhan. 11 Innis 'namni Iyyasuus jedhamu dhoqqee biyyee ijaa koo dibee' gara cuuphaa Saliihoomitti deemii dhiqadhu naan jedhe, anis deemeen dhiqadhe, argu nan danda'e' isaanin jedhe. 12Isaanis isaan ' Inni eessaa jira' jedhaniin. Innis 'ani hin beeku 'jedheen.13 Isaanis nama jaamaa ture sana gara Fariisotaa geessan. 14 Guyyaan itti Iyyasuus dhoqqee biyyeetiin ija namicha bane sanbata ture. 15Fariisotnis ammas akkamitti akka arguu danda'e isa gaafatan; Inis 'dhoqqee biyyee ija koo dibe, anis nan dhiqadhe, nan arges' isaaniin jedhe16muraasnis 'namni kun sababa sanbata hin eegnef namni kun Waaqa bira miti' jedhan. Kaan immoo 'namni cubbamaan tokko akkamitti mallattoo akkana hojjata?' jedhan. Kanaafuu walakaa isaaniitti wal-hiruu ta'e. 17 Kanaafu isaanis nama jaamaa ture deebisanii 'waan ija kaa baneef ati waa'ee nama kana maal jetta? jedhanii gaafatan. Namni jaamaa turees 'Inni raajaa dha' jedheen. 18Yihuudootnis haga abbaa fi haadha nama agartuu isaa argate sana waaman: akka inni jaamaa ture fi akka inni agartuu isaa argate ammallee hin amanne.19 Isaanis 'inni kun ilma keessan isa isin jaamaa ta'eet dhalate jettan sanaadha? Yoos amma akkamitti arguu danda'eree?'jedhanii gaafatan. 20Kanaafuu abbaa fi haatii isaa 'Akka inni ilma keenya ta'e fi akka jaamaa ta'ee dhalates ni beekna. 21 Garuu amma akkamitti akka arguu danda'eefi eenyu ija isa akka baneef, nuti hin beeknu, Inni nama ga'eessa waan ta'eef isa gaafadha, inni waa'ee ofiisaatii dubbachuu ni danda'a.' jedhanii deebisaniif.22Abbafi Haatii isaa waantota kana kan jedhaniif sabba Yihuudota sofaataniifi. Namni kamiyyuu Iyyasuus inni Masiihii dha jedhee yoo dubbate akka mana sagadaatii ari'atamu Yihuudotni duraan dursanii waan murteessaniidhaafi. 23Kanaafu abbaa fi haati isaa inni nama ga'eessa isuma gaafadhaa jedhan.24Isaanis yeroo lammaffaf nama jaamaa ture sana waamanii 'Waaqayyoof ulfina kenni. Nuti namni kun cubbbamaa ta'u isaa ni beeknaa' jedhaniin. 25Namni sunis deebisee 'Ani inni cubbamaa ta'u isaa hin beeku. Waantii beeku tokko ani jaamaan ture, amma garuu nan arga' jedheen.26 Isaanis 'maal sii godhe? akkamitti ija kee bane? jedhaniin. 27 Innis 'Ani mee isinitti himeen jiraa, isinimmoo hin dhageenyee, amma maaliff deebiftanii dhaga'uu barbaadu? Hordoftoota isaa ta'uufis hin barbaadani moo, barbaaduu? jedheen.28 Isaanis akkana jechuun isa deebisan 'Ati hordofaa isaati, nuti garuu hordoftoota Museeti. 29akka Waaqayyo Museetti dubbate ni beekna, namni kun eessaa akka dhufe garuu hin beeknu.30Namichis deebise akkana isaaniin jedhe 'Inni eessaa akka dhufe beekuu dhabuun keessan waan nama dinqu dha, kan ija kiyya naaf bane garuu isaa. 31nama Isa waaqeffatuufi nama fedhii Isaa hojjatu malee, akka isaan cubbamoota hin dhageenye ni beekna.32Eenyullee ija nama isa jaamaa ta'ee dhalate tokko akka bane uumama addunyaarraa jalqabee dhagaaye hin beeknu. 33kun otoo Waaqa biraa dhufuu baatee homaa gochuu hin danda'u. 34Isaanis akkana jechuun deebisaniif 'ati kan dhalatte gonkumaa cubbudhaan, situ nu barsiisaa' jedhanii gad isa baasan.3535Iyyasuus akka isaan mana sagadaatii gad baasan dhaga'ee yammuuisa argu 'Ati Ilma Namaatti ni amantaa? jedheen. 36deebise 'Gooftaa, inni eenyuu dha, akkan ani isatti amanuu?' jedheen. 37Iyyasuusis 'Ati amma isa argitee jirta, inni si waliin haasa'aa jiru isaa dha' jedheen. 38'yaa Gooftaa nan amana' jedhee sagadeef.39Iyyasuusis 'warri jaamaan akka arganiif warri argan immoo akka jaamaniif murtii keennuuf gara addunyaa kanaa dhufeera' jedheen. 40Fariisota keessaa muraasni warri isa wajjin turan tokko tokko waan kana jechuu isaa dhageenyaan 'nutis immoo jaamotaa dha? jedhanii gaafatan. 41Iyyasuusis 'otoo jaamota taatanii cuubbuu hin qabdan turtan, isin garuu waan hin argina jettaniif cubbuun keessan ni jiraata' jedheen.
1Ani dhugaa, dhugaa isinin jedha, namni inni balbalaan gara mooraa hoolotaa hin seene, garu karaa birootiin utaalee kan seenu eenyumtu, namni sun hattuu fi saamtuu dha. 2Namni inni balbalaan seenu tiksee hoolotaa dha.3Eegduun karaa isaaf ni bana. Hoolonnis sagalee isaa ni dhaga'uu, innis hoolota isaa maqaadhaan waamee yaasa. 4Erga isaan kan isaa ta'an hunda baasee booda isaan dura deema. Hoolonni isaas sagalee isaa waan beekaniif isa duukaa bu'u.5Sababa sagalee isa isaanitti keessumaa ta'ee waan beeknef gonkumaa isa hin hordofan, ofiraa isa fageesu malee.' 6Iyyasuus fakkeenya kana issanitti hime isaan garu waan inni isaanitti himaa ture hin hubanne.7Kanaafu Iyyasuus deebisee 'Dhugaa, dhugaa isiniin jedha. "Ani balbala hoolotaati. 8Isaan ana dura dhufan hunduu hattootaa fi saamtota, hoolonni garuu isaan hin dhageenye.9Balballii ana dha, namni kamiyyuu yoo karaa koo ol-galu ni fayya. Inni ni gala, ni ba'as, waan dheedus ni argata. 10Hattuun hatuuf, ajjeesuufi balleessuuf malee hin dhuftu. Ani akka isaan jireenya qabaataniif innis isa irraa haafaa akka isaanii ta'uuf dhufeera.11gaariin ana, tikseen gaariin hoolotaa isaatiif jedhee jireenya isa dabarsee ni kenna. 12Hojjataan qaxarame inni tiksee dha miti hoolonnis kan isaa miti. Inni yammu yayyiin dhuftu argeet hoolota dhiisee baqata. Yayyiinis hoolota ni butataa, ni bittinneesas. 13Sababa qaxaramaa ta'eef ni baqata hoolotaafis hin yaadu.14gaarii ana dha, Ani hoolota koo nan beeka, hoolonii koos immoo na beeku. 15Abbaan ana ni beeka a is Abbaa nan beeka, jireenya koos dabarsee hoolotaaf nan kenna. 16hoolota biroo isaan mooraa ka aa hin taane nan qaba isaanis immoo fiduun qaba, isaanis sagalee koo ni ďhaga'uu, kanaafuu hoolota mooraa tokkoo ni ta'uu tikseenis tokko.17Ani deebisee fudhachuuf lubbuu koo dabarsee waaniin kennuus Abbaan koo na jaalata. 18Anumatuu ofii kootiin lubbuu koo dabarsee kenna male eenyumtuunarraan hin fudhatuu. Ani dabarse ishii kennuuf aangoo nan qaba, deebisee fudhachuufi aangoo qaba. Ajaja kanas Abbaa koo biraa fudhadheera.19Sababa dubbii kanaatiif ammas yihuudoota jidduutti garaagarummaan uumame. 20Baay'een isaanis 'inni jinni qaba, maraateeras, isin maaliif isa dhageessu' jedhan. 21kaanis 'kun jecha nama jinniidhaan qabameetii miti, jinniin ija nama jaamaa ta'ee banuu ni danda'aa? jedhan22Yeroon sunii Iyyaruusaaleem keessatti 'Ayyaana kennaa' ture, innis ganna ture. 23Iyyasuus mana qulqullummaa keessa dedeebi'a Salamoon keessa adeema ture. 24Yihuudootnis isa marsanii, hanga yoomitti onnee keenya raraafta? Ati yoo Kiristoos taate ifatti baasii nutti himi' jedhaniin.25Iyyasuusis 'Ani isinitti himeera, isin garuu hin amantan' isaaniin jedhee deebiseef. 'Hojiin suni, innin ani Maqaa Abbaa kootiitiin hojjadhu kun waa'ee koo dhugaa ba'a' isaanii jedhe. 26Isin garuu hoolotaa koo waan hin taaneefbhin amantan.27Hoolonni koo sagalee koo ni dhaga'u, Anis isaan nan beeka, isaanis na duukaa bu'u. 28Anis jireenya barabaraan isaaniif kenna, isaanis gonkumaa hin badan. Eenyumtuu harka koo keessa isaan hin butu.29Abbaan koo inni natti isaan kenne sun hunda caala, namni tokkollee harka Abbaa kootii keessaa isaan baasuu hin danda'u. 30Aniifi Abbaan tokko dha. 31ittiin dha'uuf dhagaa guurratan.32Iyyasuusis 'ani hojiiwwan gaarii baay'ee kanneen Abbaa koo biraa ta'anin isinitti agarsiise. Hojiiwwan kanneen keessa sababa isaan kamiitiif dhagaan na dha'uuf kaaturee?' Jedheen. 33Yihuudootnis 'waanti dhagaa dhaan si dhoofnuuf, sababa ati hojii gaarii hojjattu kamiifuu miti, garu sababa ati waaqa arrabsituufi malee, ati otoo nama taatu. Waaqa of gootuufi' jedhaniin.34Iyyasuusis akkana jedhee deebiseef 'seera keessan keessatti isin waaqota "isiniin jedheera" jedhamee hin barrefamnee? 35Inni erga warra dubbin Waaqaayyoo isaaniif dhufeef waaqoota jedhee isaan waame (barreefamnis cabu hin danda'u.) 36Sababbi ani 'ani Ilma Waaqaati' jedheef, isin maaliif isabAbbaan qulqulleessa gara addunyaa kanaatti erge sanaan 'Ati Waaqa arrabsita naan jettu?37Yoodhan ani hojii Abbaa kootii hin godhiin na hin amaniina, 38Garuu yoodhan ani isaan hojjadha, yoo natti amanu baattan illee hojiiwwan amana, yoo sana akka Abbaan na keessa jiru, akkan anis Abbaa keessa jiru ni beektu, ni hubatuus.' 39Isaanis deebisanii isa qabuuu yaalan, inni garuu harka isaanii jalaa ba'ee.40Iyyasuus deebi'ee gama Yoordaanoos bakka Yohaaniis jalqaba itti cuuphaa ture sana deemee achi ture. 41Namootni baay'eenis gara isaa dhufanii 'Yohaaniis mallattoo tokkolle hin goone, garuu waanti inni waa'ee nama kanaa dubbate hundutuuu dhugaadha' jedhan. 42Bakkuma sanaatti namootni baay'een itti amanan.
1Amma namni maqaan isaa Alaazaar jedhamu ni dhukkubsate. Bakki dhaloota isaa Bitaaniyaa ganda Maariyaamii fi Obboleetti ishii Maartaa ture. 2Maariyaam ishii urgooftuu Gooftaa irratti gad-naqxee miila isaas rifeensa mataa ishiitiin haaxoofte, ishuma obbolleessi ishii dhukkubsatee dha.3Kanaaf obboleettoni isaa 'yaa Gooftaa namni ati jaalatu suun kunoo dhukkubsataa jira' jedhanii Iyyasuusitti ergan. 4Iyyasuus yammuu waan kana dhaga'eet 'dhukkubni kunbakka Ilma Waaqayyoo ittiin ulfaatuufi ulfina Waaqayyootiif dhufe malee du'aaf miti' jedhe.5Iyyasuus Maartaa fi Obboleetti ishii, Alaazaris ni jaalata ture. 6Innis gaaf akka Alaazaar dhukkubsate dhaga'ee jalqabee guyyota lama bakkuma sana ture. 7Waan kanaan booda innis hordoftoota saatiin 'gara Yihuudaatti deebinee haa deemnu' jedheen.8Hordoftootni isaas 'Rabbii |barsiisa| Yihuudootni dhiyeenya kana dhagaadhaan si dha'uu yaalaa jiran, ati achuma deebitee deemtaa' jedhaniin. 9isaanii 'guyyaan tokko keessa sa'aatii kudha lama ifa ta'a miti? jedhee deebiseef. Namni guyyaan deemu waan ifa aduunyaa kanaatiin arguufi hin gufatu.10Maalumaa haa ta'uu, inni halkaniin deema yoo ta'e, ni gufatu, sababa ifti isa keessa hin jirreefi dha.' 11Innis waantota kana dubbatee, itti fufuunis 'Jaalalleen keenya Alaazaar rafeera, ani garuu achin deema yoos rafaatiirraan isa kaasa.'12Hordooftootni isaas 'Gooftaa, innibrafee jira taanan ni dandamata' jedhaniin 13Iyyasuus kan dubbatee waa'ee rafiitii hiirribaa dubbate itti fakkaate. 14Kanaafuu Iyyasuus ifa baasuun akkana isaaniin jedhe 'Alaazaar du'eera.'15Ani waa'ee keessaniif nan gamada akka isin amantaniif sababan achii hin taaneef, ammma ka'aa gara isaa haa deemnu.' 16Toomaas inni Didiimoos jedhamuun waamamu hordoftoota isaan isa duukaa bu'aniin akkana jedheen 'nutis akkuma isa waliin duunuuf waliin haa deemnu' jedheen.17Yammuu Iyyasuus achi ga'u akka Alaazaar erga awwaalamee guyyoota afur ta'uu arge. 18Bitaaniyaan Iyyarusaaleemirraa gara kiilomeetira sadii fagaata ture. 19Yihuudootni baay'een gara Maartaa fi Maariyaam bira waa'ee obbolleessa jajjabeesuuf dhufan turan. 20Maartaan yammuu dhufaatii Iyyasuus dhageessu isa simachuuf gad baate, Maariyaam garuu manumatti hafte.21Iyyasuusiin akkana jetteen 'yaa Gooftaa, otoo ati asi jiraatte, taate obboleessi koo hin d'u ture. 22Ammas taanaan akka Waaqayyo waan ati kadhattu hunda si kennu nan baaka' jetteen. 23Iyyasuusis obboleessi kee deebise ni ka'a' jedheen.24Maartaanis akkan isaan jetteen 'akka inni du'aaka'iinsa isa gaafa guyyaa dhumaatti ka'u nan beeka. 25immoo du'aa ka'iinsiif jireenyi ana dha inni kan natti amanu yoo du'ellee ni jiraata. 26Kan jiraatuuf kan natti amanu kamiyyuu gonkumaa hin du'u. Ati kana amantaa?27Ishiin jedhe. Ishiinis 'Gooftaa, eeyee akka ati Ilman Waaqayyoo nama isa gara addunyaa dhufuu taate nan amana' jetteen. 28erga waan kana jetteenii booda, gara obboleetti ishi deemtee kophaatti Maariyaam ofti waamuun akkana jetteen 'Barsiisaan asi jira, si waamas' jetteen. 29yammee kana dhageesu dafte kaatee gara isaa deemte.30Yeroo kana Iyyasuus bakkuma Maartaan isa itti simatte ture male gara gandaatti hin dhufne. 31Yihuudotni yammuu ishii jajjabeesuuf mana keessa ishii waliin jiran sun akka dafte kaatee gad baatee arganii, boo'uuf jette gara bakka awwaala waan deemtu isaanitti fakaatee ishii hordofan. 32Maariyaamis yammuu bakka Iyyasuus jiru sana geessu isa argitee miilaa isaa jalatti kuftee akkana isaan jette 'yaa Gooftaa, otoo ati asi jirta taate obboleessi koo hin du'u ture.'33Iyyasuusis boo'uu ishii, Yihuudootni ishii waliin dhufanis boo'uu isaanii argeet hafuura isaatiin gadda keessa gale, ni dhiphate. 34eessa isa keessan?' jedheen isaan gaafate. Isaanis 'yaa Gooftaa kootuutii ilaali' jedhaniin. 35Iyyasuusis ni boo'ee.36Yihuudotnis 'Inni ammam akka Alaazaar jaalatu mee argaa' jedhan. 37Isaan kaan garuu 'Inni kuni ija nama jaamaa sana banee ta'uu danda'a, akka namni kunis hinduune hin godhu ture' jedhan.38Iyyasuus ammas gada keessa senuun gara awwaalichaa deeme innis holqa ture, balballi bolichaas dhagaadhaan cufamee ture. 39Iyyasuusis, 'dhagaa irraa kaasaa' jedheen. Maartaan obboleetiin Alaazaar isa du'e 'yaa Gooftaa erga du'ee guyyota afur waan ta'eef foolii qaba' jetteen. 40Iyyasuusis 'yoo amante akka ulfina Waaqayyoo argitu sitti hin himnee' jedheen.41Kanaafuu awaalicharraa dhagicha kaasan. Iyyasuus ol ilaalee akkana jedhe 'yaa Abbaa waan na dhageessuuf sin galateeffadha. 42Akka ati yeroo hundumaa na dhageessuus nan beeka, garuu akka namootiin as dhabatan kunii akka ati na ergite amananiif isaaniif jedheen kana dubbadha.43Erga inni waan kana jedheen booda sagalee isaa guddisee ol kaasuun 'Alaazaar ba'ii kootu' jedheen. 44Namni du'e sunis akkuma harkii fi miilli isaa hucuu (carqii) dhaan hidhameen (kafaname) tti, fuulli isaas uwifametti ol ba'ee. Iyyasuusis hiikaatii dhisaa haa deemuu isaniin jedhe.45Kanaafuu Yihuudotni gara Maariyaam dhufaniifi gocha Iyyasuus argan keessaa baay'een isaanii isatti amanan. 46Isaan keessaa muraasni garu gara Fariisotaa deemanii waantota Iyyasuu godhe isaanitti himan47Kanaafuu Lubbootni Hangafootnii fi Fariisootni wal gayi gumii walitti qabuun akkana jedhan 'Maal gochuu qabnaa? Namni kun mallattoo baay'ee godhaa. 48Yoo akkasumaan isa dhiifne namni hundi isatti amana, warri Roomees dhufanii bakka fi saba keenya lachanuu fudhatu.49Akkamuma haa ta'uu isaan keessaa namni Qayyaafa jedhamu kan waggaa sanatti Luba ol aannaa ta'ee ture, isaanin 'isin waanti beektan homaa hin jiru. 50Sabni hunduu baduurra namni tokko namootaaf du'uun akka wayyu isin hin hubanne.51Innis bara sana waan luba ol-aanaa ta'eef akka Iyyasuus sabaaf du'uu qaba jedhee raajii dubbachuu isaatii malee ofii isaa keessaa miti. 52qofaa otoo hin taane akka ilmaan Waaqayyoo kaneen bittinaa'aan bakka tokkotti walitti qabannaniifis malee. 53Kanaafuu guyyaa sanarraa jalqabee akkamitti akka isaan isa ajjeesuu danda'an karoorfatan.54Kanaafuu Iyyasuus kana booda Yihuudota jidduu ifatti deddeebi'uu ni dhaabe, garu achii gad lakkisee gara magaalaa Efreem ishii lafa onaatti dhiyoo taate deeme, hordoftootni isaas waliin achi turan. 55Ayyaanii Faasiigaan Yihuudotaa amma waan dhiyaateef namootni baay'een otoo faasigaan hin ga'iin dura of qulqulleesuuf jecha biyyaa gara Iyyaruusaaleem deeman.56Isaanis Iyyasuus barbaadaa turan, mana qulqullumma keessaas dhabatanii 'isin maal yaaduu? Inni gara ayyana kana hin dhufuu? waliin jedhan. 57Lubootni hangafootnii fi Fariisotni garu Iyyasuus qabuuf jedhanii namni kamiyyuu bakka inni jiru beeka yoo jiraate akka isaaniif gabaasuu ajaja kennan.
1dura guyyaa ja'affaatti Iyyasuus gara Biitaaniyaa, bakka Alaazaar inni Iyyasuus du'aa kaasee ture dhufe. 2achitti irbaata isaaf hojjatan, Maartaanis ni tajaajiltii turte, Alaazaar garu warra isaan isa waliin gara mijaala irbaataatti marsanii ta'aani keessaa isa tokko ture. 3sana Maariyaam urgooftuu naardiis litira tokko kan gattin isaa mi'aa (guddaa) ta'e fuutee miila Iyyasuus ittiin dibdee rifeensa mataa ishiitiinis miila isaa haaxoofte, Manichis urgaa urgooftuu sanaatiin guutame.4Hordoftoota isaa keessaa isa tokkodha, Yihuudaa Asqoorot isaa dabarsee isa kennuuf jiruu akkana jedhe. 5Urgooftuun kun maaliif diinaara dhibba sadiitti gurguramee hiyyeeyyiif hin kennamne? 6Akkana kana jedheef hiyyeeyyootiif yaadee otoo hin ta'iin sababa hatuu ta'eef dha. Korojoonis harka isaa jira turee, qarshii walitti qabamu keessaa ofii isaatii itti fayyadama ture.7Iyyasuus 'hayyamaaf urgooftuu kana guyyaa awwaala kootiitiif naa tursifte. 8Hiyyeeyyiin yeroo hundumaa isiin waliin jiru. Ana garuu yeroo huda hin argattan' jedheen.9Yihuudotni baay'eenis akka Iyyasuus achi jiraachuu baranii dhufan, dhufaatiin isaaniis Iyyasuusiif qofa otoo hin ta'iin, Alaazaar isa inni du'aa kaases ilaaluuf malee. 10Kanaafuu Luboonni Angaafotni Alaazaar ajjeesuuf mari'aatan. 11Yihuudoota keessaa namoonni baay'een sababbi isaatiif deemanii. Iyyasuusitti amanan.12Guyyaa itti fufus hoomaan namootaa gara ayyaanichaa dhufan isaaniis yammuu Iyyasuus gara Iyyaruusaaleem dhufaa jiru dhaga'an. 13Meexii qabatanii isa simachuuf ba'anii sagalee guddaan akkana jedhan 'Hoosaa'inaa! Kan maqaa Gooftaatiin dhufu eebifamaadha! Mooticha Israa'eel.'14Iyyasuus ilmoo harree tokko arge irra taa'e, kunis akkuma akkana jedhamee barreefamee dha. 15'Yaa intala (durba) tsiyoon hin sodaatiin, kunoo mootiin kee ilmoo harreerra taa'ee dhufuuf jiraa.'16Hordoftootni isaa jalqabatti waan kannee hin hubanne turan, yammuu Iyyasuus ulfaata garu akka waantootani kun barreeffaman kun waa'ee isaa ta'eefi isaanis akka waantita kana isaaf godhan yaadatan.17Hoomaan namootaas isa waliin turan akka inni awwaala keessaa Alaazaar waamee du'aa kaasee dhugaa ba'an. 18Akkasumas hoomaan namootaa isa simachuu ba'aniifi sababa malattoolee kana inni gochuu dhaga'aniif. 19Kanaafuu Fariisootni 'Isin akka waan gaarii tokkollee addunyaan isa duukaa bu'eera' waliin jedhan.20muraasni warra yeroo ayyaanaa sagaduuf ol-deeman keessa jiru turan. 21Isaani kunis gara Filiiphoos nama Beetasaayidaa ishii Galiilaa keessaa bira deemanii 'Goofticha Iyyasuus arguu barbaadna' jedhaniin. 22Filiiphoosiis deemeet Indiriiyaasitti hime, Indiriiyaasii fi Filiiphoos waliin deemani Iyyasuusitti himan.23Iyyasuusis akkana jechuun isaaniif deebise 'sa'aatiin inni Ilmi Nama itti ulfaatuu ga'eera. 24Dhugaa, dhugaa isiniin jedha firiin qamadii yoo lafa buutee du'uu baatte qophaaishiin harftii, yoo duute garuu firii baay'ee buufti.25Namni inni lubbuu isaa jaalatu ni dhaba, inni addunyaa kana keessatti lubbuu isaa inni jibbu garuu jireenya barbaraatiif lubbuu isaa kaawwata. 26Namni na tajaajilu barbaadu kamiyyuu, inni ana haa hordofu, bakkan ani jiru kan na tajaajiluus ni jiraata, nama na tajaajilu kamiyyuu isa Abbaan koo ni ulfeessa.27Amma lubbuun koo dhiphateerti maal haa jedhuu? Yaa Abbaa kana jalaa na eegi? garuu sababuma kanaafiin gara sa'aatii kanaa dhufeera. 28'Yaa Abbaa maqaa kee ulfeessi.' Akkasumas sagaleen 'Ani ulfeeseera, ammas deebisee nan ulfeessa' jedhu saamii dha dhufe. 29Namoonni oomaan achi dhaabachaa jiran yammuu sagalee jedhe sana dhaga'an 'bakka kaadha' jedhan, kaan immoo 'Maleekatuu itti dubbata' jedhan.30Iyyasuus deebiseef, akkanas jedhe 'sagaleen kun isiniif jedhee dhufe malee anaaf miti. 31Yeroon itti addunyaa kanaatti murtaa'u amma dha, amma bulchaan addunyaa kanaa gad-darbama.32Yammuun ani lafa irraa ol-ol jedhen nama hundaa ofittin harkisa.' 33kana kan jedhe akka du'a akkamii du'u agarsiisuufi.34Namootni oomaanis deebisanii 'Nuseera irraa akka Masiihiin barabaraan jiraatuu dhageenyeerra, ati akkamiti: Ilmi Namaa Ol-ol jechuun qaba jechuu dandeessaree? Ilmi Namaa kunis eenyu dha?' jedhaniin. 35Iyyasuusis akkana isaaniin jedhe 'ammallee ifti yeroo gabaabaaf isiin bira jira, kanaafuu akka dukkanni isin hin fudhanne, otoo ifa qabdanuu deddebi'aa. Namni inni dukkanaan deemu eessa akka deemu hin beeku. 36ifaa akka taataniif, otoo ifa qabdanuu, ifankanatti amanaa. Iyyasuus eega waantoota kanneen dubbatee booda achii deeme, isaan jalaas dhokate.37Iyyasuus isaan fuulduratti mallattoolee baay'ee hoojjatullee, ammas isaan isatti hin amanne. 38Kanaafuu dubbiin Isaayaas Raajicha, inni '"Yaa Gooftaa dhugaa ba'iinsa keenya eenyutuu amane? Irreen Gooftaas eenyuutti muldhate?"39Sababa kanaaf usaan amanuu hin dandeenye, ammas Isaayaas akkana jedhe 40"Inni ija isaan jaamse Onnee isaanis jabeesse Otoo ta'uu baatee ija isaaniitiin ni argu ture Onnee isaaniitiinis ni hubatu ture."41Isaayaasis wantoota kanneen sababa inni ulfina Iyyasuus argeefi waa'ee isaas dubbateef isaaniin jedhe. 42ta'ullee, warra aangoi qaban keessaa baay'een Iyyasuusitti amanan, garuu sababa Fariisonni mana sagadaatti nu baasuu jedhanii sodaataniif akka amanan hin dubbanne. 43Isaanis ulfina Waaqayyoo biraa dhufu caala ulfina nama biraa dhufu jaalatu turan.44Iyasuusis sagalee isaa ol-kaasuun 'Namni inni natti amanu ana qofatti otoo hin ta'iin isa na ergettis ni amana, 45inni na erge isas ni erga.46addunyaa kanaatti akka ifaa ta'een dhufa, kanaafuu inni natti amanu eenyumtuu dukkana keessatti hin hafu. 47Namni kamiyyuu yoo dubbii koo dhaga'ee garuu yoo isaan eeguu baate kan isatti murteessu anaa miti, addunyaatti murteessuuf waanin hin dhufneef, addunyaa fayyisuuf malee.48inni na didu inni dubbii koos hin fudhanne, kan isatti murteessu qaba. Dubbiin ani dubbadhe gaafa guyyaa dhumaa isatti murteessa. 49Abbaa na erge sanatuu akkan an maal dubbadhu fi maal jedhu ajaja naaf kenna malee ani ofuma kootii hin dubbadhu. 50Akka ajajni isaa sun jireenya barabaraa ta'e ani nan beeka, kanaafuu waantiin ani jedhu akkuma Abbaan natti dubbate sanattiin dubbadha.
1amma yeroon sun ayyaana faasigaatiin dura ture Iyyasuus addunyaa kana keessaa gara Abbaa deemuuf akka sa'aatiin isaa ga'e ni beeke; Innis warra kan isaa ta'an kanneen addunyaa keessa turan ni jaalate, hanga dhumaattis isaan jaalate. 2Iyyasuusii fi hordoftootni isaa yeroo irbaatni dhiyaatu Daabiiloos akka inni Iyyasuus dabarse kennuuf yaada Yihuudaa Asqorootuu ilmi simi'oon keessa kaka'uumsa kaa'ee ture.43Iyyasuus akka Abbaan waan hunda harka isaatti dabarsee kenne, akka Waaqayyoo biraa dhufeefi akka gara Waaqayyootti deebi'us beeka ture. 3Irbaata irraa ka'ee uffata isa irratti uffatamu ofirraa fuudhe lafa kaa'e. Akkasuma fooxaa mundhiitti hidhata. 5Eegasii bishaan gabateetti naqatee miila hordftoota isaa dhiquufi fooxaa mundhiitti hidhate sanaa haxaa'uh jalqabe.6Innis gara Simi'oon Pheexiroositti dhufe: Pheexiroosiis 'yaa Gooftaa situu miila koo na dhiqaa' jedheen. 7Iyyasuusis deebiseef, akkanas jedheen 'waan ani hojjachaa jiru ati ama hin hubattu, booda garuu ni hubata.' 8akkana jedheen 'hin ta'u ati gonkumaa mila koo hin dhiqxuu.' Iyyasuusis deebise 'yoodhan ani si dhiqe malee ati na biratti qooda hin qabdu' jedheen. 9Pheexiroosis deebisee 'yaa Gooftaa yoos harka koofi mataa koos malee miila koo qofa hin ta'iin' jedheen.10Iyyasuusis 'namni nafa isaa dhiqate tokko miila isaa qofa dhiqachuu qaba nafti isaa guutuun qulqulluudha.' jedheen. 11eenyu dabarsee akka isa kennu waan beekuuf, sababa kanaaf 'isin hundi keessan qulqulluu miti jedheen.'12Iyyasuus akkuma miila isaanii dhiqeen booda uffata isaa ufatee bakka isaatti deebi'ee taa'e, akkanas jedheen 'Waan ani isniif godhe hubbatu?' jedheen. 13Isin Barsiisaa fi Gooftaa jettanii na waamtu sirriidhuma jettan, ani isum isin naan jettan sanaadha. 14Egaa ergan ani Gooftaa fi Barsiisaa ta'e miila keessan dhiqee, isinis akkasuma miila waliin dhiquu qabdu. 15Akkuman ani isiniif godhe kana isinis akka gootaniif ani fakkeenya isiniif kenneera.16Dhugaan, dhugaa isinitti hima tajaajilaan gooftaa isaa hin caaluu, ergamaanis kan isa erge hin caalu. 17Egaa yoo waan kana beektan, yoo raawwatanis isin eebiifamoodha. 18waa'ee hunda keessanii dubbachuuf miti, ani warran isaan filadhe beeka, kun garuu akka kitaaba keessatti 'Inni biddeena koo nyaate inni koomee isaa ol-natti fudhata' jedhamee berreefamee sun akka raawwatamuuf.19Isin yammuu inni raawwatamutti akka 'Inni Ana ta'e akka amantaniif otoo inni hin raawwatamiin amma isinittin hima. 20Dhugaa, dhugaa isiniin jedha, kan naman ani erge siimatu eenyumtuu na simata, kan simatu enyumtuus isa na erges ni simata.'21erga kana dubbatee booda hafuuraan dhiphate, Ani dhugaa, dhugaa isiniin jedha isin keessaa tokko dabarseet na kenna' jedhe. 22Hordoftootni akka inni waa'ee eenyuu akka dubbate, waan hin beekneef wal-ilaalan.23Hordoftoota isaa keessaa, inni Iyyyasuus jaalatu tokko minjaalicha irra bokko (cinaa) Iyyasuus ta'ee ture. 24Simi'oon pheexiroosis isaan 'mee eenyuu jechuu isaa akka ta'e gaafadhu' gaafadhu jedheen nyaaraan itti hime. 25Kanaafuu innis Iyyasuusitti hirkachuun 'yaa Gooftaa eenyu inni' jedheen.26Iyyasuusis deebisee 'innin ani bideena kutee waciitiin cuuphee afaan kaa'u inni isaa dha' jedheen. Haaluma kanaan inni biddeena kutee waciitiin cuuphee ilma Simi'oon Asqorotuu Yihuudaatiif kenne 27Erga biddena fudhatee booda Seexanni isa keessa galee. Iyyasuusis 'waan gochuuf jortu dafii godhi' isaan jedhe.28Warra mijaalarra nyaatatti dhiyaatan sana keessaa namni tokkollee waan Iyyasuus maliif akka waan kana isaan jedhu hin beekne. 29Sababa Yihuudaan qabdu qarshii (maallaqaa) ta'eef waan Iyyasuus 'ayyanichaaf waan nu barbaachisu biti' jedheen yookiin akka inni hiyyeeyyiif waa kennuuf' waan isatti hime isaanitti fakkaate. 30Yihuudaan akkuma biddeena sana fudhatee booda gad-ba'e, yeroon sunis halkan ture.31Erga Yihuudaan ba'ee booda, Iyyasuus akkana jedhe 'Amma Ilmi Namaa Ulfaateera, Waaqayyoo sisa irratti ulfaateera.' 32Waaqayyoo isa irrati yoo ulfaata inni ofuma isaatiin isa ulfeessa, ennasumasbisa ulfeessa. 33Yaa daa'imman, ani yeroo gabaabaaf isin waliiniin ta'a, isin na barbaadu, ani akkuma Yihuudotaan jedhe bakka ani dhaqu isun dhufuu hin dandeessan jedheen sana amma immoo isiniin jedha.34Akka wal jaalattaniif ani, ajaja haaraan isiniif kenna, akkuman ani isin jaaladheetti isinis akkasumatti wal-jaaladhaa. 35Yoo isin wal-jaalattan namoonni hunduu akka isin hordoftoota koo taatan ni beeku.36Simi'oon Pheexiroosis 'yaa Gooftaa ati eessa deemtaa?' jedhee isa gaafate. Iyyasuusis 'Bakka ani amma deemuuf jedhuu ati ana waliin dhufuu hin dandeessu, booddee garuu na hordofta' jedheen. 37Pheexiroosis 'yaa Gooftaa ani amma maaliifin si hordofuu hin dandeenye? Ani lubbuu koollee dabarseen si kenna' jedheen. 38Iyyasuus 'Lubbu kee dabarsitee naaf kennitaa? Dhugaa, dhugaa sitti hima otoo kormaan hndaaqoo (lukkuu) hin iyyiin ati yeroo sadii na ganta' jedheen.
1keessan hin raafamiin Waaqayyootti amanaa, anaattiis amanaa. 2Abbaa kootii keessa kutaan jireenya baay'eetuu jira, otoobakkana ta'uu baatee ani isinittin hima ture ani bakka isiinif qopheessuuf achin dhaqa. 3Anis yoodhan achi deemee bakka isiniif qopheessa, akka isinis bakka ani jiraadhu jiraataniif deebi'ee dhufuun ofitti isin fudhadha.4Isinis karaa bakkan ani deemu geessu ni beektu. 5Toomaasis Iyyasuusiin 'Yaa Gooftaa ati eessa akka deemtu nut hin beeknu hoo, akkamitti karaa sana nut beekuu dendeenya?' jedhe. 6Iyyasuusis 'Karaaf dhugaan jireenyis Ana dha, yoo anaan ta'e malee eenyumtuu gara Abbaa hin dhufu.' 7isin na beektanii Abbaa koos akkanuma ni beektu turtan. Ammarraa jalqabdaniis isa ni beektu, isas argitaniittu.8Filiiphoosis 'yaa Gooftaa, Abbaa nutti agarsiis, kunis nu ga'a.' 9Iyyasuusiin jedhe. Iyyasuus 'Filiiphoos ani yeroo dheeraa ammanaa isin waliin jiraadhee, ati ammalee ana hin beeknee? isaan jedhe. Namni na arge kamiyyuu Abbaas argeera, yoos ati akkamitti Abbaa nutti agarsiis jechuu dandeesse ree?10Akkan ani Abbaa keessa jiruufi Abbaanis akka ana keessa jiru ati hin amantuu? Ani dubbiin isinitti dubbadhu kana aangoo ofuma kootiitiin hin dubadhu, garuu Abbaan inni ana keessa jiraatu gocha isaa ni hojjata. 11ani Abbaa keessa jiru, Abbaanis akka na keessa jiru na amanaa. Yookiin sababuma hojiiwwan ofiibsaaniitiif jedhaatii amanaa.'12Dugaa, dhugaa isiiniin jedhe 'Namni natti amanu inni hojjiin ani hojjadhu ni hojjata, ani waaniin gara Abbaa deemuf kan natti amanu waan kanneen caaluu ni hojjata. 13Akka Abbaan Ilma isaatiin ulfina argatuuf waan kamiyyuu maqaa kootiin waan isiin gaafatan hunda ani nan raawwadha. 14Isin waanuma kamiyyuu maqaa kootiin yoo na gaafattan ani nan raawwadha.15Isin yoo na jaalattan, ajaja koo ni eegdu, 16Anis Abbaa nan kadhadha. Innis akka barabaraan isin waliin jiraatuuf jajjabeessaa biraa isiniif ni erga. 17Hafuura dhugaa Addunyaa waan isa hin beekneefi hin argineef isa fudhachuu hin danda'an isin garuu waan inni isin waliin jiruufi, isin keessas waan jiruuf isa ni beektu.18Ani akka ijoollee Abbaa fi Haadha hin qabneetti isin hin dhiisu, gara keessan nan dhufa. 19gabaabaan booda addunyaan deebi'ee ana hin argu, isiin garuu na argitu, sababan ani jiraadhuf isinis ni jiraatu. 20ani Abbaa koo keessa jiru, akka isinis na keessa jirtan, akkan anis isin keessa jiru guyyaa sana ni beektu.21Namni inni ajaja koo of biraa qabu isas kan eegu inni nama na jaalatuu dha, nama na jaalatu Abbaan koo ni jaalata, anis isa nan jaaladha, ofis isatti nan muldhisa. 22Yihuudaa (Asqorootu kan hin ta'in) Iyyasuusin 'yaa Gooftaa ati maaliif addunyaatti otoo hin ta'in nutti of muldhifta?' jedheen.23Iyyasuus akkana jedhee deebiseef 'Namni inni kamiyyuu yoo na jaalata dubbii koo ni eega. Abbaan koos isa ni jaalata; gara isaas ni dhufna;isa biras jiraanya keenya ni taasifna. 24Namni inni na hin jaalanne dunnii koos hin eegu, dubbiin isin dhageessan kunis kan Abbaa isa na erge sanaati malee kootii miti.25Ani otuman isin waliin jiru wantoota kana hunda isinitti hime. 26Jajjabeesan sun -Hafuura Qulqulluu isa Abbaan maqaa kootiin erguu dha, inni waan hunda isin barsiisa, waaniin ani isinitti hime hundumaas isin yaadachiisa. 27Ani nagaan isiniif dhiise, nagaa koo kaniin ani isiniif kennu nagaa kan akka addunyaan kennituuti miti. Onneen keessan hin raafamiin hin sodaatiinis.'28Isin akkan ani 'nan deema deebi'ee gara keessan nan dhufa' jedhe dhageessanii jirtu, otoo na jaalatani yammuun gara Abbaa dhaquubkootti ni gamaddu turtan, waan Abbaan na caaluuf. 29Amma yammuu waanti kun ta'u akka amantaniif otoo inni hin ta'iin ani duraan dursee isinitti himeera. 30Waan bulchaan addunyaa kanaa dhufuuf ani kanaan achi isin waliin baay'ee hin dubbadhu, innis angoo ana irratti hin qabu. 31Garuu akkan an Abbaa jaaladhu addunyaan akka beekuuf, akkuma Abbaan ana ajajeettis nan raawwadha olka'aa asii haa deemnuu.
1'Ani jirma Wayinii dhugaati. Kan dhaabess Abbaa kooti. 2Inni damee narra jiru kan firii hin bufne hunda muree gata, damee firii buusu immoo akka caalattu buusuuf irraa kiittaana.'3Isin ergaan ani isinitti dubbadheeraa kan ka'e qulqullooftaniirtu. 4Na keessa jiraadhaa, anis isin keessan jiraadhaa. Akkuma dameen yoo jirma wayiniitti jiraatu malee ofuma isaaniin firii buusuu hin dandeenye, isinis yoo an keessa jiraattan male firii buusuu hin dandeessan.5Ani jirma wayiniiti isin immoo dameewwan. Namni inni kamiyyuu yoo na keessa jiraate, anis yoodhan isa keessa jiraadhe, inni firii baay'ee buusa, isin anaan malee homaa gochuu hin dandeessan. 6Namni inni kamiyyuu na keessa yoo hin jiraatiin inni akka damee achi darbatamee goguti, isaanis dameewwan walitti qabanii ibidda keessa darbatu, ni gubamas. 7Isin yoo na keessa jiraattaniif dubbiin koos yoo isin keessa jiraate, waan feetan hunda gaafadhaa, innis isinif godhama.8Isin yoo firii baay'ee buufattanii fi kanaaniis hordoftoota koo akka taatan yoo mirkaneesitan, kanaan Abbaan koo ni ulfaata. 9Akkuma Abbaan na jaalatutti anis isin jaaladheera, Jaala koo keessa jiraadhaa.10ani ajaja Abbaa kootii eegee jaalala isaa keessa jiraadhu, isinis yoo ajaja koo eegdan jaalala koo keessa ni jiraattu. 11waantota kannen isinitti himeera, kunis immoo akka gammachuun koo isin keessa jiraatuufi gammachuun keessanis akka guutuu ta'uufi dha.12Ajajni koo isa kanaadha 'akkuman ani isin jaaladhetti isinis wal-jaaladha. 13kamiyyuu jaalala guddaa lubbuu isaa dabarsee jaalalleewwan isaatiif keennuu caala hin qabu. .14Waanin ani isin ajaje kana yoo gootan isin michoota kooti. 15Ani ammaan booda hojjataa (garboota) isiniin hin jedhu kunis hojjataan(garbicha) waan gooftaan isaa hojjatu waan hiin beekneef, ani isinin michoota jedheera. Anis waanin Abbaa koo irraa dhaga'ee hundumaa isin beeksiiseera16Isin akka deemtanii firii buuftaniif, firiin keessaniin akka jiraatuuf anatuu isin filate, anatuu isin muude male isin na filanne, kunis akka Abbaan waan isin maqaa kootiin gaafattan hunda isinii kennufi. 17Ani isiniin ajaja, Wal-jaaladha. 18Addunyaan yoo isin jibbe, otoo isin hin jibbiiniin dura akka na jibbe beekaa.18Addunyaan yoo isin jibbe, otoo isin hin jibbiiniin dura akka na jibbe beekaa. 19otoo kan addunyaa taatanii addunyaan akka kan ofii isaatti isin jaalata ture, garuu amma isin kan addunyaa waan hintaaneefi sababan ani addunyaa keessa isin filadheef kanaafuu addunyaa isin jiba.20Dubbun ani 'hojjataan (garbichi) gooftaa isaa hin caaluu isainiin jedhe sana yaadadha.' Isaan erga ofirraa na ariyatani, isinis akkasuma ni ariyatu, dubbii koo yoo eegan, akkasuma keessanis ni eegu. 21sababa isa na erge sana hin beekneef maqaa kootiif jedhanii waan kana hunda isin irratti raawwatu. 22Otoon ani dhufee isaanitti himuu baadhee cubbuu isaanitti hin ta'u ture, amma garuu cubbuu isaaniitiif sababa dhiyeeffatan hin qaban.23Namni inni na jibbu Abbaa koos akkasuma ni jibba. 24Otoon ani hojii namni biraa kamiyyuu hin hojjanne jidduu isaanitti hojjachuu baadhee cubbuu isaanitti hin ta'u ture. Amma garuu otuman waaniin hojjadhe argaa jiranuu anas abbaa koos jibban. 25Kunis garuu akka dubbiin seera isaanii keessatti 'Isaan sababa malee na jibban' jedhamee barreeffame sun raawwatamuuf ta'e.26Yammuu jajjabeessaan innis Hafuura dhugaa innin ani Abbaa biraa isinii ergu inni Abbaa keessaa ba'u dhufu sun inni waaye koo ni dhugaa ba'a. 27Isin jalqaba kaaftanii waan ana waliin turtaniif ni dhugaa baatu
1wantoota kanneen akka isin karaa irraa hin badneef jedheen isinitti himeera. 2Isaanis mana sagadaa keessaa isin ni ari'u. Garuu yeroon namni isin ajeesu kamiyyuu akka waan Waaqa tajaajiluutti itti yaadu tokko ni dhufa.3Sababni isaan waantoota kanneen godhaniif waan Abbaa yookin ana hin beekneefi dha. 4Ani waa'ee isaanii isinitti dubbachuun koo yammuu yeroon isaanii dhufuu akka yaadattaniifin isinitti hime. Ani waanin isin waliin tureef kanaan dura waa'ee waantoota kanneenii isinitti hin himne.5Amma garuu ani gara isa na ergee nan deema, ta'us isin keessa namni 'ati eessa deemta? jedhee na gaafatu kamiyyuu hin jiru. 6Garuu sababan waantoota kanneen isinitti himeef gaddi hadhaa'an onnee keessan keessa guuteera? 7ani dhugaan isinitti hima, yoodhan deeme isiniif wayya, ani deemu malee jajjabeessaan sun gara keessan hi dhufu, ani yoon deeme garu isa isiniif nan erga.8Yammuu inni dhufu, jajjabeessan addunyaan akka dogongoran, waa'ee cubbuu, waa'ee qajeelummaa fi waa'ee murtii ni sirreessa. 9Waa'ee cubbu, sababa isaan anatti hin amanneef. 10Waa'ee qajeelummaa, sababan ani gara Abbaa deemuufi isinis kanaan booda na hin argineef. 11waa'ee murtii, sababa bulchaa addunyaa kanaa itti murtaa'eefi.12ammallee waantiin isinitti himu baay'een qaba, isin garuu amma baachuu hin dandeessan. 13Garuu inni, Hafuurri dhugaa yammuu dhufu, inni gara dhugaa hundatti isin qajeelcha, inni waan dhaga'ee hunda hima malee ofuma isaatiin hin dubbatu, waan dhufuuf jitu isinitti hima. 14Sababa inni waanuma koo anarraa fudhee waan isinitti himu inni na ulfeessa.15Waanti Abbaan qabu sun hundinuu kootuma. Kanaafuu Hafuura waan kan koo ta'ee anarraa fuudhee isinitti hima kanin isiniin jedhe sanadha. 16yeroo gababaaf ana hin argitan, yeroo gabaabaan boodatti immo na argitu.17Kanaafuu hordoftoota isaa keessaa muraasin 'Isin yeroo gabaabaaf na hin argitan, yeroo gabaabaan booda immoo na argitus sababan ani gara Abbaa deemuuf jechuun isaa maal jechuu isaati? Waliin jedhan. 18Kanaafuu isaanis 'yeroo gabaabaa jechuun isaa kun maal jechuu dha? Maal jechuu isaa akka ta'e nuti hin beeknu' jedhan.19Iyyasuus akka isaan isa gaafachuu barbaadan beekee akkana jedheen 'waantin ani isin yeroo gabaabaaf ana hin argitan, yeroo gabaabaan booda immo na argitu jedhe kana maal jedhuu koo akka ta'e wal-gaafachaa jirtuu?' 20'Dhugaa, dhugaa isiniin jedha isin ni boochuu, ni gaddituus. 21Addunyaa garuu ni gamada, Isin akka malee gadditu, haa ta'u garuu gaddi keessan gara gammachuutti ni jijjirama.21Yammuu dubartiin tokko da'uuf ciniinsifattu waan yeroon ishii ga'eef ni dhaphatti, eega daa'ima deessee booda garuu waan gammadduuf dhiphina ishii sana hin yaadattu. 22Kanaafuu isin amma gadda qabdu ani garuu deebi'ee isini ilaala, onneen keessanis gammachuudhaan guutama. Gammachuu keessanis eenyuyyuu isin irraa hin fudhatu. 23Guyyaa sana isin waanti isin na gaafattan homtuu hin jiru. Dhugaa, dhugaa isiniin jedha isin waanumma kamiyyuu maqaa kootiin yoo Abbaa gaafattan, inni isa isiniif kenna. 24Isin hanga ammaatti maqaa kootiin homaa hin gaafatne, gammachuun keessan akka guutuu ta'uuf gaafadhaa ni argatu.25. Ani waantoota kanneen fakkeenyaan isinitti himeera, garuu yeroo ani deebi'ee fakkeenyaan isinitti hin dubbane tokko ni dhufa. Kanaan booda garu waa'ee Abbaa fakkeenyaan otoo hin ta'in ifumattin isinitti hima.26sana isin maqaa kootiin ni kadhattu anis isinif Abbaa gaafadha isinin hin jenne. 27Isin waan na jaalattaniif Abbaa biraa dhufuu koos waan amantaniif Abbaan ofiin isaa isin jaalata. 28Ani Abbaa biraa dhufeera, ammas deebise gara addunyaa nan dhufa. Addunyaa dhiseen gara Abbaa nan deema.29Hordoftootni isaas 'haali, ati amma fakkeenyaan otoo hin ta'in ifumatti dubbachaa jirta, 30akka ati waan hunda beektuufi akka eenyumtuu gaafi si hin gaafachuu hin barbaachifne nuti amma beekneerra. Kanaafuu akka ati Waaqa biraa baate nut ni amanna.' jedhaniin. 31deebisee 'Isin amma amantaniirtu?32yeroon ni dhufa, eyyee, yeroon isin tokko tokkoon ana kophaatti na dhiftani gara mana keessaniitti faffacaatan sun ga'eera. Garuu Abbaan koo waan ana waliin jiruuf kophaa koo miti.' jedheen. 33Akka isan na keessa jiraachuudhaan nagaa qabaataniif ani kanneen isinitti himeera, addunyaa kana keessatti rakkini qabdu, garuu jajjabaadha. Ani addunyaa kana moo'adheeraati!
1Iyyasuus erga waantoota kanneen jedhee booda, ija isaa gara samitti ol-kaasee akkanas jedhe 'Abbaa sa'atiin ga'eera, akkuma Ilmi si Ulfeesse Atis Ilm kee Ulfeessi. 2Akkuma ati nama hunda irratti aangoo isaaf kenniteef sana, innis namoota hunda ati isaaf kenniteef jireenya barabaraa kennera.3Jireenyi barbaraas isa kana. Innis isaan si Waaqa dhugaa qaffatiifi Iyasuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuudha. 4Ani addunyaa kana irratinsi Ulfeesseera. Hojii isa ati akkan ani hojjadhuuf naa kennitte sana raawwadheera. 5Egaa yaa Abbaa amma ati Ulfinan ani otoo addunyaan hin uumamiiniin dura si biratti qabu sanaan of-biratti na ulfeessi.6Ani ummata isaan ati addunyaa irraa anatti kenniteef maqaa kee muldiseera. 7Isaanis kan kee turan, atimmoo isaan natti kennite; isaanis dubbii kee eeganiiru. Isaanis waantii ati natti kennite hundumtuu akka sibiraa dhufe amma beekaniiru. 8ati naa kennite, ani isaaniif kennera, isaanis fudhataniiru. Akkan ani si biraa dhufes dhugumaan beekaniiru, akka ati na ergites amananiiru.9Ani isaaniif nan kadhadha. Addunyaadhaaf hin kadhadhu, waan kan kee ta'aniif isaan ati naa kenniteef malee. 10Waantii kan koo ta'e hunduu keetii dha, kan kees kooti, anis kanaan ulfinan argadha. 11Ani kanaan booda addunyaarra hin jiraadhu, uumanni kun garuu addunyaa irra jiraatu, ani gara kee nan dhufa. Yaa Abbaa Qulqulluu akkuma nut tokko taane kana akkasumtti isaanis akka tokko ta'aniif maqaa kee isa ana kennite sanaan isaan eegi.12Yeroon ani isaan waliin jiruuyyu maqaa kee isa naa kennite sanaan isaan marsee eegeera, Akka dubbiin kitaaba keessatti barreefame raawwatamuuf ilma badii sana malee isaan keessa namni tokkollee hin badne. 13Amma ani gara keen dhufa, garuu gammachuun koo akka isaan keessatti guutuu ta'uuf waantoota kana addunyaa keessattin dubbadha. 14Ani dubbii kee isaaniif kennera, akkuman ani kan addunyaa hin taane isaanis kan addunyaa waan hin taaneef addunyaan isaan jibben.15Ani akka ati isaan isa hamaa sana irraa isaan eegduuf malee akka ati addunyaa keessa isaan baaftuf si hin gaafadhu. 16Akkuma ani kan addunyaa hin taane akkasuma isaanis kan addunyaatii miti. 17Dhugaadhaan isaan qulqullessi, dubbiin kee dhugaa dha.18Akkuma ati gara addunyaatti na ergiitettin anis gara addunyaatti isaan erga. 19Isaaniif jechan ani ofi qulqulleessa. Kanaafuu akkanumattin isaanis dhugaadhaan ofqulqulleessu.20Ani isaan kana qofaaf si hin kadhaadhu,warra isaan dubbii isaaniitiin nat amananiifis maleen. 21yaa Abbaa, akkuma ati ana keessa jirtu, fi anis si keessa jiru, akkasuma isaanis nu keessa haa ta'an, tokko haa taa'anis. Kunis ati na erguu kee addunyaan ni amanu.22Akkum nuti tokko taane isaanis akka tokko ta'aniif ulfina ati anaaf kennite sana anis isaaniif kenneera. 23Ani isaan keessa, atis na keessa, kunis akka isaan gara tokkummaa guutuuttii fiduufi kunis akka ati na ergiteefi na jaalatta akka isaanis jaalatte akka addunyaan beekuuf.24Yaa Abbaa akka isaan ati naaf kennite kun bakkan ani jiru ana waliin akka jiraataniifi akka isaan ulfina koo isa ati otoo addunyaan hin uumamii iin dura sababa na jaalatteef naa kennitte akka argan nan barbaada.25Yaa Abbaa isa qajeelaa, addunyaas si hin beeku, ani garuu si beeka, isaan kunis akka ati na ergite ni beeku. . 26Jaalalli ati ittin na jaalatte isaan keessa akka jiraatuuf anis isaan keesa akkan jiraadhu, maqaan kees isaan biratti akka beekamu godheera, akka beekamuus nan godha.
1Iyyasuus erga kana dubbatee booda, hordoftoota isaa waliin ka'ee gara biraa gama Qeedaaritti bakka ashaakiltii ture tokkootti ce'enii innifi hordoftootni isaa achii keessa seenan. 2Amma Yihuudaan, inni dabarsee isa kennuuf jedhuus immoo bekka Iyyasuus yeroo baay'ee hordoftoota isaa waliin walqunnamuu tana ni beeka ture. 3Kanaafu Yihuudaan garee loltootaa, qondaaltoota lubootaa keessaa murasa fu Faisoota biraa deemee isaan dura bu'uun isaanis xamboora, faanosii fi meeshaa lolaa qabachu dhufan.4inni waan isarra ga'uuf jiru hunda beekeet, gadi ba'ee 'isin eenyu barbaadu? jedhee isaan gaafate. 5Isaanis 'Iyyasuus nama Naazireet' jedhanii deebisaniif. Iyyasuusis 'Ana dha 'jedheen. 5Yihuudaan, inni isa dabarsee kennes loltoota waliin dhaabata ture. Yammu Iyyasuus 'Ana dha' isaaniin jedhu, dugda-dubbatti lafatti kufan.6Ammas deebisee 'Eenyuu dha barbaadu?' isaan gaafate. 7Deebisanii isaanis 'Iyyasuus nama Naazireet' jedhaniin.8Iyyasuusis 'Inni Ana dha isiniin jedheera, kanaafuu isin erga ana barbaaddanii isaan kan dhiisaa haa deemanii' jedhee deebiseef. 9Kunis akka dubbin inni 'isaan Ati naa keniite keessaa tokkollee hin gatne' jedhee dubbata suun akka raawwatamuuf ture.10Pheexiroos, inni guraadee qabatee ture, guraadee isaa luqqifatee garbicha (hojjata)lubba ol-aanaa kan ta'erra gurra isaa isa mirgaa dha'uun irraa kute; maqaan garbichichaa (hojjatichaa) Maalkoos ture. 11yyasuusis Pheexiroosiin "guraadee kee deebifadhu, ani xuwwaa isa Abbaan anaaf kenne dhuguu hin qabuu' jedheen.12Gareen loltootaa ajajootafi qondaaltootni Yihuudootaa Iyyasuus qabuun hidhan. 13duraan dursanii gara Haannaa isa amaatii Qayyaffaa isa luba ol-aanaa bara sanaa ta'etti isa geessan. 14Qayyaaffan, nama isa Yihuudootaan 'namni tokko ummata hundaaf du'uu wayya'j jedhee goraa kenneedha15Simi'oon Pheexiroosis Iyyasuus hordofe, hordoftoota keessayyisbinni tokkos ni horrdofe, hordofaan sunis waan luba ol-aanaa biratti beekamaa tureef. Innis Iyyasuus waliin gara dalla bakka murii lubba ol-aanaa keessa seene. 16Pheexiroos garuu ala balbala irra dhaabachaa ture. Hordifaan luba ol-aanaa sana garuu sana biratti beekamaa ture sunis gad-ba'ee balbala eegduutti himee Pheexiroosii gara keessatti fide. ho'ifata ture.17Dubartiin, ishiin balbal aeegdu sunis Pheexiroosin 'ati hordofaa nama kanaa keessa isa tokko dha miti?' jette. Innis deebisee 'ani isa miti' jedheen. 1818Yeroon isaa yeroo qorraa waan tureef garboonni (hojjatootni) fi qondaaltootni ibida (cilee) qabsiisanii dhabbatanii ho'ifatu turan, Pheexiroosis isaan waliin dhabbatee ho'ifata ture.19Yammuu sanas lubni ol-aanaan waa'ee hordooftootaa fi waa'ee baruumsa isaa Iyyasuus gaafate. 20Iyyasuusis akkana jedheen deebiseef 'ani ifatti baasee addunyaatti dubbadheera, bakka Ayyihuudootni hundi walitti qabamanitti, mana sagadaattifi mana qulqullummaa keessaatti yeroo hunda barsiisaan ture, ani waantin dhooksaatti dubbadhe tokkollee hin jiru. 21Ati maaliif ana gaafatta? Warreen waanin ani isaaniin jedhe dhaga'an gaafadhuu, isaan waanin ani jedhe ni beeku.'22ammuu Iyyasuus kana jedhu qondaaltoota achi dhaabatan keessaa tokko 'luba ol-aanaa dhaaf akkanatti deebiftaa' jedhee isa kabalee. 23Iyyasuusis 'yoo dhan ani dogorgora dubbadhee jiraadhee dogorgora sanaa dhugaa ba'i, jedhee isaaf deebise. 24Haannaanis akkana Iyyasuus hidhamee jirutti gara luba ol-aanaa, gara Qayyaaffaatti isa erge.25Simi'oon Pheexiroos otoo dhaabatee ibida hoo'ifachaa jiruu 'atis hordofaa nama kanaa keessaa isa tokkodhaa?' jedhaniin. Innis 'ani miti' jedheen gane. 26(hojatoota) luba ol-aanaa keessaa firri namicha isa Pheexiroos gurra isaa irraa kute sanaa tokko, 'ani bakka ashaakiltiitti isa waliin si hin arginee? jechuun gaafate. 27ammas ni gane; yeroodhuma sanas kormaan lukku (handanqoo) iyyee.28Yihuudonnis mana Qayyaaffaatti Iyyasuus fuudhanii gara biroo ol-aanaa bulchaa mootummaa warra Roomaatti geessan, yeroon isaas ganama barii ture. Yihuudotnis akka hin xuroofneef jedhanii gara biroo ol-aanaa bulchiinsa mootumaatti ol-hin seenne. Kunis akka Faasigaan nyaachuu danda'aniifi. 29Kanaaf Philaaxoos gara isaanitti gadi ba'ee, 'himanni isin nama kana irratti dhiyeessitan maal dha? jedhee gaafate. 30Isaanis 'otoo namni kun yakka hojjachuu baatee nut isa dabarsinee sitti hin kennini ture' jedhanii deebisaniif.31Philaaxoosis, 'isin ofuma keessanii isa fuudhaatti akka seera keessaniitti itti murteessaa' jedheen. Yihuudotnis 'nama tokolleee ajjesuun nuuf hin eyyamamu' jedhaniin. 32Kunis waantii Iyyasuus du'a akkamiitiin akka du'u agarsiisuuf jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf ta'e.33Philaaxoosis deebi'ee gara biroo ol-aanaa bulchiinsa mootummaa seenee, Iyyasuus ofitti gaafate. 34Iyasuusis 'kun yaaduma keeti moo, namoota biraatuu waa'ee koo sitti hime?' jedhee gaafate. 35Philaaxoosis deebisee 'natuu Yihuudii dhaa ree?' kan dabarsee natti si kenne sabuma keetiifi luboota angaafoota, ati garuu maal balleesitee?' jedheen.36Iyyasuusis mootummaan koo kan addunyaa kanaatii miti, otoo kan addunyaa kanaa ta'ee akkanatti dabrfamee Yihuudotatti hin kennamneef maleektonni koo naa lolu turan, amma garuunmootummaan koo kan addunyaa kanaatii miti' jedheen. 37Philaaxosis 'yoos ati Mootii dha kaa!' jedheen. Iyyasuusis immoo 'akkan ani mootii ta'e ati dubbachuun kee sirri dha; ani dhugaaf rageessuuf jedheen dhaladhe, sababniin ani gara addunyaa kana dhufeefis kanaa dha, namni dhugaaf dhaabatu hundumtuu sagalee koo dhaga'a' jedhee deebiseef.38Philaaxoosis 'dhugaan maali dha inni?' jedheen. Iniis erga kana dubbatee booddee ammas Yihuudotatti gadi ba'ee akkana isaaniin jedheen 'Ani ballessaa tokkollee isa irrati hin arginne. 39Garu isin akkan ani yeroo Faasigaatti nama tokko mana hidhatii isinii gad-ldhiisu aadaa godhattaniirtu. Kanaaf akkan ani 'Mootii Yihuudotaa isinii gad-dhiisuu barbaadduu?' 40Isaanis Iyyudhaan 'lakki, Barbaan malee isaadhaa miti' jedhan. Barbaanis saamtuu ture.
1Philaaxiosis Iyyasuusiin ofitti fudhatee garfsiise, 2loltootnis gonfoo qoraattii Miciiranii mataa isaa irra kaa'an. Isaanis uffata huccuu diima (dhilgee) isatti uffisanii. 3Akkami yaa Mootii Yuhuudaotaa' jechaa gara isatti dedeebi'aa turan isas ni kabalan.4Philaaxoos immoo gadi ba'e, Yihuudotaan 'akka ani balleessa tokkollee isa irratti hin argine akka beektaniif kunoo ani isa gadiin isinii baasa'jedheen. 5Iyyasuusis gonfoo qoraattii keewwatee, uffata (huccuu) diimaa (dhiilqee)uffatee gadi ba'ee, Philaaxoosis, 'namichi kunooti!' isaaniin jedhe. 6Luboonni hangafootni fi qondaaltotni yammuu isa argan 'fannisaa! fannisaa! jechuun iyyan. Philaaxoosis immoo deebisee, 'isin ofuma keessanii fuudhaatii isa fannisa malee ani balleessaa tokkollee isa irratti hin argine' jedheen.7Yihuudonnis deebisanii 'nu seera qabna namni kun waan Ilma Waaqayyoo of godheef akka seera keenyaatti du'uu qaba' jedhaniin. 8Philaaxoosis 'yammuu dubbii kana dhaga'uu irra caala sodate. 9Innis biroo ol-aanaa bulchiinsa mootummaatti ol deebi'ee 'ati eessaa dhuftee?'jedheen Iyyasuus gaafate. Iyyasuus garu deebii tokkollee hin kennineef.10Philaaxoosis, 'maaliif caldhifta ani si fannisuudhaaf aangoo qaba ati hin beektuu?' jedheen. 11Iyyasuusis 'ati otoo olirraa sii kennamuu baatee aangoo tokkollee ana irratti hin qabdu ture, kanaaf inni dabarsee sitti na kenne sun irra caalatti cubbuu qaba' jedhee deebiseef.12Philaaxoosis yeroo sanaa jalqabee Iyyasuus gad-dhiisuu barbaada ture; Yihuudonni garu 'ati yoo nama kana kad-dhiifte jaalallee (michuu) Qeessariiti miti namni mootii of-godhu hundi inni Qeessariin morma' jedhuun iyyan. 13Philaaxoosiis yammuu dubbi 'paavament 'dhagaa buufamaa)' kan afaan Armaayikootaatiin 'gabataa' jedhamutti barcuuma murtii irra taa'e.14Guyyaan sunii guyyaa qophii torban faasigaa ture yeroon sunis naannoo sa'aatii ja'aa ture. Philaaxoosiis yihuudotaan 'mootiin keessan kunnootti'jedheen. 15Garuu isaan moo 'dhabamsiis! dhabamsiis! isa fannisi! jechuun iyyan. Philaaxoosis 'mootii keessan haa fannisu ree?' jedhee gaafate. Luboonni hangafoonnis 'nuti Qeesaar malee mootii biraa hin qabnu' jedhanii deebisaniif. 16Kanaaf Philaaxoos akka inni fannifamuuf dabarsee isaanitti isa kenne.17Isaanis Iyyasuus fuudhan, inni fannoo ofii isaa baadhatee bakka 'buqee mata afaan Armaayikootaatiin 'Golgootaa' jedhamuttu, ol-bahe. 18Isaanis achitti Iyasuus fannisuuf, isa waliin namoota biroo lama bitaa fi mirgaan Iyyasuus walakaa isaanitti fannisan.19Philaaxoosis barreeffama "IYYASUUS NAMA NAAZIREET MOOTII YIHUUDOOTAA" jedhee barreessee fannoo irratti maxxanse. 20Bakka Iyyasuus itti fannifame magaalaatti waan dhiyio tureef Yihuudotni baay'ee ta'an barreeffama sana dubbisanii jiru, barreeffamichiis afaan Armaayiikii, Laatiinii fi Giriikiitiin barreeffame ture.21hangafoonnis 'inni mootii Yihuudootaati' jettee hin barreessin ' jedhaniin 22Philaaxoosis 'ani waaniin barreessa, bareesseera' jedhee deebiseef.23Erga loltootni Iyyasuus fannisanii booda uffata (huccuu) isaa bakka afuritti tarsaasuudhaan bakka afuritti qoodanii tokko tokko hiraatan, kittaa isaas akkasuma godhan. Kitaan sunis kan hin hodhamne olii irraa hanga jalaatti tokko ture. 24Akkasumas isaan 'Hin taraaafnuj, koottaa akka kan eenyuu ta'u carraa buufnee haa ilaallu malee' waliin jedhan. Kunis dubbiin kitaabaa kan, "Isaan uffata (huccuu) koo ofuma isaanitii hiratan Carraas itti buufatan" jedhe25Fannoo Iyyasuus bira haatii, isaa indootoon (obboleettiin haadha isaa) Maariyaam haati manaa Qaliyophaa fi Maariyaam Magdalaa dhaabatanii turan. 26Iyyasuusis yammuu haadha isaafi hordofaa isa inni jaalatu sun otoo haadha isaa bukkee (cinaa) dhaabachaa jiru ilaaleeti haadhaan 'yaa dubartii; kunoo ilmi kee' jedhe. 27Hordoofaa sanaanis 'kunoo haadha kee' jedhe hordofichis yeroo sanarraa kaasee gara mana isaatti ishii fudhate.28Kanaan booddee Iyyasuus akka waanti hundumtuu raawwate beekee dubbiin kitaabaa akkka raawwatamuuf "dheebodhe" jedhe. 29daadhii dhangaggaa'aadhan guutame tokko achi dhabate ture, isaanis daadhii sana keessa Ispoonjii cuuphanii fiixee ispoonjiitiin gara afaan isaatti qaban. 30Iyyasuusi erga dhugaatii dhangaggaa'a sana fudhateen booda raawwate' jedhe. mataa isaa ga- labsee lubbuu isaa kenne.31Guyyaan sun sababa guyyaa qophii ta'eefi kanaafuu imoo guyyaa sanbataa Iyyasuus reenfa isaa fannoo irraa buusuun hi danda'amneef (sanbatni sun aadatti barbaachisaa ture.) Warri Yihuudotaa akka milli isaanii caccabee fannoo irraa gad-buufamuuf Philaaxiosin gaafatan. 32Kanaafuu looltootni deemanii mila nawa isa jalqaabaa fi miila nawa isa kaanis ka isa waliin fanniifaman cacabsan. 33Yammuu garanIyyasuus dhufan garuu inni du'ee waan arganiif miila isaa hin cabsine.34Loltoota sana keesaa inni tokko eeboo dhaan cinaacha isaa waraane yeroodhuma sana dhigni fi bishaan ba'e. 35Namni inni waan kana arges dhugaa ba'eera, dhugaa ba'insi isaas dhugaadha, innis akka dhugaa dubbatni beeja, inni bakka isin amantaniif dhugaa ba'a.36Kunis akka waantii kitaaba keessatti 'lafee isaa keessaa tokkolleen hin cabu' jedhame sun akka raawwatamuuf ta'e. 37Kana malees, kitaabni bakka biraatti 'isaan isa waraanan sun ni argu' jedha.38Kana boodas Yooseef namni Armaatiyaa (inni sababa Yihuudota sodaateef dhoksaan hordofaa Iyyasuus ture sun) reenfa isaa akka fudhatuuf Philaaxoos gaafate Philaaxoosis eyyamnaaniif deemee fudhate. 39Niqoodimoos inni kanaan dura halkaniin gara Iyyasuus dhufee tures wal -makaa karbee (qumbii) fi hadhaa (argeessa) gara kiloo graami soddomii afurii ta'u fudhatee dhufe40Isaanis reenfa Iyyasuus fudhanii akka aadaa awwaalcha Yihuudotaatti urgooftuu waliin huccuu quncee talbaa irraa hojjatameen (Naayilanii kafanan. 41Bakka Iyyasuus itti fannifame, lafa ahhakiltii ture sana keessas bakka awwaalaa haarawaa kan namni tokkollee kanaan dura itti hin gaatamnetuu ture. 42Sababii guyyaan sun guyyaa qophii yihuuditaa tureef, bakki awwaalichaas dhiyoo waan tereef Iyyasuus achi keessa kaa'an.
1jalqaba torbanii ganama bariidhaan duukkana otoo jiru, Maariyaam ishiin Magdalaa bakka awwaalaa deemtee akka dhagaan awwaalicha irraa fuudhame argite? 2fiigdaa gara Simi'oon Pheexiroosii fi hordofaa isa Iyyasuus jaaltuuyyu sanaa deemtee 'Gooftaan keessaa fudhataniiru eessa akka isa kaa'anis hin beeknu' jetten.3Kanaafuu Pheexiroosii fi hordofaan inni kaan ba'ani gara awwaalichaabdeeman. 4Isaan lachuu ni figu turan, hordofaan inni kaan garuu Pheexiroos bira fiiguudhaan dursee darbee bakka awwaalaa ga'e. 5Inni gadi jedhee ilaaluun uffata (huccuu) quncee talbaa irraa hojjatame laffatti arge malee awwaalicha keessa hin buune.6Simi'oon Pheexiroos garu isa dhuubaan dhufeebawwalicha keessa seenuun uffata (huccuu) quncee talbaa irraa hojjatame sana lafatti arge. 7Akkasumas uffatni (huccuun)bfuula Iyyasuusitti haguugamee ture arge uffatni (huccuu)bsunis kophaadhumatti maramaramee bakka biraa ture malee uffata (huccuu) quncee talbaa irraa hojjatame sana bira hin turre.8Isaan booda hordofaan biraa inni jalqabatti awwaalicha bira ga'e sun keessa seene argee amane. 9Isaanis waan kitaabni akka Iyysuus jidduu wara du'anii keessaa akka ta'u dubbatu sana ammayyuu hin hubanne turan. 10Hordiftootnj sunis gara mana ofiitti deebi'an.11immoo garuu awwaala bira gara alaa dhaabatee boo'aa turte, otuma boochuus gadi jettee awwalicha keessa ilaalte. 12Ishinis Malaakota Waaqaa lama uffata (huccuu) adii uffatan bakka reefi Iyyasuus kaa'amee ture sana inni tokko karaa mataarraan, inni biroo immo miila jalaan taa'anii argite. 13Isaanis 'yaa dubartii maaliif boocha' jedhaniin. Ishiinis immoo 'Gooftaa koo fudhatanii jiru, eessa akka isa kaa'anis hin beeku' jetteen.14Otuma waan kana dubbattuu of-duuba gargalte Iyyasuus achi dhaabatee argitee, garuuIyyasuus ta'uu isaa hin beekne. 15Iyyasuusis 'yaa dubartii maaliif boocha? Eenyuu barbaadda? jedheen. Ishiinis nama bakka ashaakiltii keessaa hojjatu isa seetee ('yaa gooftaa ati yoo isa fuutee jiraatte akkan ani deemee fudhadhuuf eessa akka isa keesse natti himi' jetteen.)16Iyyasuusis 'Maariyaam!' jedheen. 17Iyyasuus "ani ammallee sababan gara Abbaatti ol-hin baaneef ana hin xuqiin, garu obbolewwan koo bira deemii 'ani gara Abbaa kootiifi Abbaa keessaniittii, gara Waaqa kootiifi Waaqa keessaniittin ol-ba'a' jedheera jedhiitti isaanitti himi" jedheen. Ishiinis gara isaatti gatgaltee afaan Armaayikiitiin 'Rabbuunii! jetteen. Hiiknii isaas 'Barsiisaa' jechuu dha. 18Maariyaam ishiin Magdalaas gara hordoftootaa deemtee 'ani Gooftaa argeera' jetteen ;waan inni ishiidhaan jedhee hunda isaanitti himte.19jalqabaa torbanii sana halkan otoo Ayihudoota waan sodaataniif balbala cufatanii walitti qabamanii jiranuu Iyyasuus dhufee Isaan walkaa dhaabatee 'nageenyi isiniif haa ta'u' jedheen. 20Innin erga kana jedhee booda harkaa fi cinaacha isaa isaanitti argisiise. Hordoftootnis yammuu. Gooftaa argan baay'ee baay'ee gamadan.21Iyyasuus ammas deebisee 'nagaan isiniif haa ta'u, akkuma Abbaan koo na erge sanattii anis isin erga' jedheen. 22waan kana jedheet, hafuura isaanitti baafatee, akkana isaaniin jedhe. Hafuura Qulqullu fudhadhaa. 23Cubbuu eenyumaatuu yoo dhiiftan, isaanii ni dhiifama, cubbuu enyumaatuu yo isiin hin dhiifneef, isaanii hin dhifamun.24Toomaas inni Didiimoos jedhamee waamamu, kudha lamaan keessa tokko kan ta'e, yeroo Iyyasuus dhufeeyyu sana isaan waliin hin jiru ture. 25Hordoofaan inni biroos achiis 'Nuri Gooftaa arginee jira'. Innis isaaniin 'amman madaa harka isaa isa mismaaraan waraaname argee, quba koos madaa mismaaraan waraaname keessa kaa'uutti hin amanu' jedheen26Guyyoota saddeettin booda hordoftootni isaa deebi'aan keessa turan, Toomaasis isaan waliin ture, Iyyasuus balballi cufaa otoo ta'e jiruu seenee walkaa isaanii dhaabatee 'nagaan isiniif haa ta'u' jedhe. 27Tomaasiinis 'quba keefidii harkoo koo ilaali harka kees asifidii cinaacha koo keessa gulchii kan amantee malee kan hin ammanne hin ta'iin' jedheen28Tomaasis 'Gooftaa koo fi Waaqa koo' jedhee isaaf deebise29 Iyyasuus 'Ati sababa na argiteef amante, otoo hin argiin isaan amanan garuu ka eebbiffamanii.' usaani jedhe.30Iyyasuus bakka hordoftootni jiranitti mallattoolee biroo baay'ee, mallattota kan kitaaba keessatti hin barreeffamne hojjate. 31kun garuu akka isin Iyyasuus inni Kiristoos, Ilma Waaqayyootti jettanii akka amantaniifi maqaa isaatiin akka jireenya qabaataniif isiniif barraa'ee.
1Wantoota kanaan booda Iyyasuus ammas galaana Xibriiyaadoos biratti hordoftoota isaatti muldhate, haalli inni itti of-muldhises akkana ture. 2Pheexiroos, Toomaas inni Didiimoos jedhamu, Naatinaa'eel inni nama Qaana Galiilaa, ijoolleen Zabdiyoositti fi hordoftootni biroi lama wal-bira turan. 3Pheexiroosis 'ani qurxummi kiyyesuufin deema' isaaniin jedhe, isaanis 'nutis si waliin deemna' jedhaniin. Isaanis deemanii bidiruu keessa seenan halkan guutuus homa hin qabne.4ganama baariidhaan Iyyasuus galaana qarqara dhaabate ture garuu hordooftootni isaa inni Iyyasuus ta'uu isaa hin beekne ture. 5Iyaasuusis 'Ijjollee waan nyaatamu wayii qabduu? isaanin jedhe. Isaanis 'hin qabnu' jedhanii deebisan. 6Innis 'kaachoo keessan bidiruudhaa gara mirgaatti gad -dabaadhaatiin ni argattuu' jedheen. Kanaafuu isaanis kaachii isaanii gad-darbatanii sababa baayiina qurxummiitif kaachoo sana keessatti harkisuu dadhaban.7Hordofaan inni Iyyasuus jaalatuuyyu sun 'Inni Gooftaa dha' jedhee Pheexiroositti hime, Simi'oon Pheexiroosis immo 'Inni Gooftaa dha' jechuu isaa dhaga'ee (qullaa isaa waan tureef), uffata (huccuu) isaa marxifatee galaanatti gad- utaale. 8Hordoftootni isaan kaanis gara bidruutti dhufan (isaanis lafa qarara galaana irraa baay'ee fagoo hin turre, fageenyii isaas gara ciqilee dhibba lamaati), isaanis kaachoo qurxummii dhaan guutame sana harkisan, 9yammuu gara lafaatti ba'an ibidda cilee kan qurxummiin biddeena waliin irra jiru argani10Iyyasuusis 'qurxummii amma qabdan irraa mee muraasa irraa fidaa' isaaniin jedhe. 11Simi'oon Pheexiroos bidiruu sana irra ba'ee kaachoo keessa qurxummi gurgudaa 153 guutame sana gara lafaattu harkise, kaachoo sunis qurxummii akkasitti baay'atanin guutamulle hin tarsaane.12Iyyasuusis 'kootaati, cireebnyaadha'isaaniin jedhe. 13Iyyasuusis biddeena sana fudhee isaaniif kenne, qurxummis immoo akkasuma godhe. 14Kunis erga Iyyasuus du'aa ka'e kana waliin yeroo sadaffaadhaafi kan hordoftoota isaatti of muldhise.15Iyyasuusis erga ciree nyaatanii booda Simi'oon Pheexiroosiin; "Yaa Simi'oon Ilma Yoonaa ati isaan kana caala na jaalataa? jedheen Innis 'eeyee, yaa Gooftaa akkan si jaaladhu atu ni beekta' jedheen Iyyasuus "Ilmaallan koo bobbaas" jedheen 16ammas " yaa Simi'oon Ilma Yoonaa na jaalattaa?' jedheen Innis deebisee 'eeyee, yaa Gooftaa, akkan si jaaladhu atuu ni beekta' jedheen Iyyasuus immoo "hoolota (Korbeeyii fi Goromii) na eegi" jedheen17Yeroo sadaffaadhaaf "yaa Simi'oon Ilma Yoonaa na jaalattaa?" jedheen. Pheexiroosis sababa Iyyasuus yeroo sdaffadhaaf na jaalattaa? jechuun isa gaafateef gaddee 'Gooftaa ati waan hundaa beekta' jedheen Iyyasuusis akkana jedheen "hoolota koo bobbaas" 18Ani dhugaan siin jedhaa yeroo ati dagaggeessa turtetti ofuma keetiin mundhii kee hidhattaa, yeroo duloomtu garuu, harka kee dirirfata, namni biroos mindhii kee hidhee gara atii hin barbaadne si geessa.'19Iyyasuus akka Pheexiroos du'a akkamiitiin Waaqayyoo ulfeessu agarsiisuuf waan kana dubbate, kana booddees, "ana duukaa bu'i" jedheen.20Pheexiroosis garagalee otoo hordofaan inni Iyyasuus jaalatu suun isaan duukaa bu'uu arge, hordofaan kunis isa yeroo irbaataatti laphee Iyyasuusitti maxxanee 'yaa Gooftaa, iinni dabarsee si kennu eenyuu dha? 'jedhee sanaa dha. 21Pheexiroisis yammuu isa argub'yaa Gooftaa namni kun hoo? jedheen Iyyasuus gaafate.22Iyyasuusis deebisee "hanga ani dhufutti akka inni jiraatuu yoo feedhii koo ta'e maaltuu si dhibe 'Ati na duukaa bu'i'" jedheen. 23Kanaaf yaadni 'hordofaan kun hin du'u' jedhu obboleewwan jidduutti oddefame, Iyyasuus garuu Pheexiroosin, hanga ani dhufutti akka inni jiraatuuf yoo feedhii koo t'e maaltuu si dhibee?' jedhe malee inni hin du'u hin jenne.24Hordofaan kun hordofaa isa waa'ee wantoota kanaa dhugaa ba'ee fi isa waantoota kan barreesse dha, nutis dhuga ba'iinsa isaa dhugaa ta'uu ni beekna. 25Akkasumas Iyysuus waantoota biraa baay'ee hojateera. Otoo waantootni kun hundu isaanii tokko tokkoon barreeffamanii addunyaan ofi ishiitiin akka kitaabbotaa barreffamanii waan geessu nattu hin fakkaatu.
1Yaa Tewofiloos kitaaba koo isa kanaan duraa keessatti waan Iyyasuus hojjachuuf barsiisu jalqabe hunda si barreeseera. 2Kunis amma gaafa guuyyaa ol fudhatamuutti ergamoota isaa warra filatee karaa Hafuura qulqulluutiin isaan ajajee dha. 3Iyyasuus dhiphina isaatiin booda jiraata akka ta'e ragaalee qabatama qabaniin irra deddeebi'e isaanitti of muldhisuun guyyoota afurtamaaf akka isa argan gochuun waa'ee mootummaa Waaqayyoo isaanitti dubbate.4Otoo isaan waliin jiru "abdii Abbaan koo isiniif kenne, waa'ee isa inni 'isin na irraa dhageesu' isiniin jedhe sana eegaa malee Iyyaruusaaleemii hin ba'inaa jedhee isaan ajajee.' 5Yohaannis bishaaniin cuuphaa ture, isin garuu guyyoota muraasaan booddee Hafuura Qulqullutiin cuuphamtuu.6Isaanis yammuu walitti qabaman "yaa Gooftaa yeroo kanatti Israa'eeliif mootummaa ni deebiftaafii?" jechuun isa gaafatan. 7Innis akkana isaanii jedhe "sa'aatii yookiin yeroo Abbaan aangoo isaatiin murteesse beekuun isiniif hin kennamne. 8Garu yeroo Hafuurri Qulqulluun isin irratti bu'u humna ni fudhatu, Iyyarusaaleemittis, Yihuudaa hundatiifi Samaariyaa, hanga handaara (qarqara) lafaattis dhugaa baatota koo taatu."9Yemmuu Gooftaan Iyyasuus waantoota kanneen dubbatu otuma isaan ilaalaa jiranu ol fudhatamee duumesis ija isaanii irraa isa dhokse. 10Otuma isaan xiyyeeffannoon yeroo inni olka'u gara samii ol ilaalaa jiranu battalumatti namootni uffata adii uffatan lama bukkee (cinaa) isaanii dhaabatan. 11Isaaniis 'Isiin yaa namoota Galiilaa gara samii ol ilaalaa maliif as dhaabattan? Iyyasuus inni isin biraa gara samitti ol bahaa jiru kun, akkuma otoo ilaalatanuu ol ka'e kana akkuma kana deebi'ee dhufa" jedhaniin.12Isaanis tulluu Ejersaa jedhamuu irraa gara Iyyarusaalemittii deebi'an Gaarii kunis Iyyarusaaleemirraa adeemsa guyyaa sanbaataa fudhata. 13Isaaniis yemuu Iyyaruusaaleemitti gahan gara mana isa kanaan dura turanii kutaa olii (fooqii)tti dhufan. Isaanis Pheexiroos, Yohaannis, Yaa'iqoob, Indiriyaas, Filiiphoos, Tomaas, Baaxelemiyoos, Maatiyoos, Yaa'iqoob ilma Ilfiyoos, simi'oon isa inaafichaa fi Yihuudaa ilma Yaa'iqoob turan. 14Isaan hundinuu dubartootnii fi Maariyaam haatii Iyyasuusi fi obbollaa isaa waliin kaayyoo tokkoon kadhatatti cimaan turan.15Guyyootuma sana Pheexiroos jidduu obboloota 120 ta'anii dhaabachuun akkana jedhe, , 16"yaa obboloota akka dubbiin kitaaba inni Hafuurii Qulqulluu yeroo dheeraan dura karaa Daawiitiin waa'ee Yihuudaa isa Iyyasuus dabarsee kennee dubbata raawwatamuu qabuuf,17Innis nu keessaa tokko ta'uun tajaajila kana fudhachuun 18(Amma namni kuni gatii hammeenya isaatiif argatee sanaan lafa bitee irratti addaan lafa dhahuun qaamni isaa dhohuun mardhimaan gara lafatti jige. 19Kunis warra Iyyarusaaleem keessa jiraatan hunda biratti waa'een kun dhagahame. Kanaafuu affan isaaniitiin lafa sanaan 'Akeeldaamaa', hiikni isaas 'lafa dhigaa' jechuu dha.20Akkuma kitaaba Faarfannaa keessatti barreeffametti21Kanaafuu warrii yeroo Gooftaan Iyyasuus walakkaa keenyatti bahuufi galuu sana hunda nu waliin turan keessaa nama tokko filachuun barbaachisaa dha. 22Kunis yeroo cuphaa Yohaannis irraa jalqabee hanga gaafa guyyaa Iyyasuus nu birraa ol ka'uutti nu wajjiin ture ta'uu qaba." Namoota kana keessaa tokko nu waliin waa'ee du'aa ka'uu Iyyasuus dhugaa bahaa ta'u qaba. 23Namoota lama isaanis Yooseef isa Barsiyaan akkasuma Iyoosxos jedhamuu fi Maatiyaas fuldura isaanii dhaaban.24Isaanis akkana jedhanii kadhatan "yaa Gooftaa isa onnee nama hundaa beektuu namoota lamaan kana keessa eenyu akka ta'e nutti muldhisii 25kunis bakka Yihuudaa isa tajaajila fi iddoo isaa gad lakkisa bakka ofii isaatii filate garagaleetti filadhuu. 26Isaaniis carraa buusan carraan sunis Maatiyaasif bahe. Innis ergamoota kudha tokkoo waliin lakkaa'ame.
1Gaaf guyyaa Pheenxeeqosxee ga'ee, hundii isaanituu bakka tokkotti walitti qabamanii turan. 2Battalumatti sagaleen akka bubbee cimaa ta'ee samii irraa dhufee manaa isaan keessa jiranii hunda guute. 3Kan akka arraba ibidaa fakkaatuus isaanitti muldhachuun gargar qoqoodamuu tokko tokkoo isaanirraa qubate. 4Hundi isaanis Hafuura Qulqulluun guutaman, akkasumaan akkuma Hafuurri Qulqulluun dandeetti isaaniif kennetti afaan biraatiin dubbachuu jalqaban.5Yeroo kana Yihuudootni namoota Waaqayyoo ta'an samiidhaa gaditti kan saba hunda keessa jiraatan Iyyarusaaleemitti dhufanii jiraatu turan. 6Yeroo sagalee kana dhagahan namootni baay'een walitti qabamanii dhufuun waanta namootni dubbatan afaanuuma ofii isaaniitiin sababa ta'eef bitaa isaanitti ta'e. 7Isaaniis diniqfachuufi ajaa'ibfachuun akkana jedhan. Dhugaadhumaan warrii afaan keenyaan dubbatan kun hundi warra Galiilaadhaa mitii?8Maaliree tokko tokkoon keenya kanuma ittiin dhalanneen afaanuu ofii keenyaatiin yammuu dubbatan kan dhageenyu yoo maal ta'ee dha? 9Nu namoota warra Phaarteenaa, Meed, Elaameexiisii fi Mosophoxaamiyaa, Yihuudaa fi Qaaphidooqiyaa, Phaanxoos, Isiyaa, 10Firgiyaa, Phinfiiliiyaa, Misir, kutaalee biyya Liibiyaa keessa naannoo Qaareenaa kan jiraanuu fi doy'attoo Roomee irraa dhufne. 11Yihudootaa fi Yihuudummaa kan fudhanne warra Qarxees fi namoota Arabaa otoo taanee jirru namootni kun hojii dinqisiisan Waaqayyoo yammuu afaan keenyaan dubbatan dhageenya.12Hunduu isaaniituu diniqfachuu fi bitaa galuun akkana waliun jedhan "kuni maal jechuu dha? 13Garuu kaan isaanii immoo "dhadhii baay'ee dhugan" jechuun itti qoosan.14Pheexiroosis isaan kudha tokkoo waliin sagalee isaa olkaasuun akkana isaaniin jedhe, "yaa namoota Yuhudaa fi isin hundi keessan warri Iyyarusaaleem keessa jiraatan, mee waanti kun isiniif haa beekkamu sagalee kootiifis xiyyeeffannoo keennaa. 15Amma guyyaa keessaa sa'aatii sadaffaa waan ta'eef, akka isin yaaddan namootni kun hin dhugnee.16Garuu karaa raajicha Iyyuu'eeliin akka waantii kun dubbatame.17Akka Waaqayyo dubbatetti, gaaf guyyoota dhumaa'Hafuura koo namoota foon uffatan hunda irratti gadiin naqa.Ijjoolleen dhiiraa fi durbi keessan raajii dubbatu Namootni ga'eessoni keessaniis muldhata argu akkasumas jaarsoliin kessan abjuu abjootu.18Ani dhugaadhumaan, guyyoota sana, tajaajilitoota koo dhiiraa fi durbaa irratti Hafuura koo gadiin naqa, isaanis ni raaju.19Ani olsamii irratti waan dinqiilafa irrattis mallattooleendhigaa, ibidaa fi uurrii aaraa nan agarsiisa.20Otoo guyyaan Gooftaa inni guddaa fi inniulfaataan hin dhufiniin dura biiftuun gara dukkanaati, addeessaanis gara dhiigaatti ni jijjiiramu.21Namni kamiyyuu, inni maqaa Gooftaa waamu hundu ni fayya.'22Yaa namoota Israa'eel, dubbii kanneen dhagahaa akkuma isin ofuma keessaniin beektanitti, Iyyasuus namni Naazireetti inni nama hojii cimaa fi dinqii, akkasumas mallattooleen Waaqayyoo kara isaa hojjachuun walakaa keessanitti dhugaa baheefiira. 23Nama kana akkuma Waaqayyoo bara durii murteesee fi duraan dursee beekuutti dabarsee harka keessanitti kenne; isinis namoota hamoota waliin akka fannoo irratti fannifameebdu'u gootan. 24Waaqayyoo garuu wirxifachuu (cinqii) du'aa keessaa isa ol kaasee, duutis isa qabuu hin dandeenye.25Daawwitis waa'ee isaa akkana jedhe.'Yeroo hunda Gooftaa fuldura koottin argasababa inni karaa mirgaa koo ta'eef hin dhiphadhu.26Kanaafuu onnoon koo ni gammada, arrabni koos ni ililcha, foon koos immoo abdiidhaan jiraata.27Ati ruhii (lubbuu) koo si'ool keeasatti hin dhiftuu tokkicha kee isa qulqullus akka bosbosuu hin gootu28karaa jireenyaas akkan beeku na taasiftee jirta, fuldura keettis gammachuudhaan na guutta.29Yaa obboloota abboota durii keessaa waa'ee Daawiit akka inni du'ee awwaalame, awwaalli isaas amma hardhaatti akka nuun waliin jiru afaan guutee isinitti himuu nan danda'a. 30Kanaafuu innis raajaa waan ta'eef akka Waaqayyoo sanyii isaa keessaa nama tokko teessoo aangoo isaarraa ta'u. Kaasuuf akka kakuu galeef beeke. 31Innis waan gara fulduraatti ta'uuf jiru ni argee, waa'ee du'aa ka'iinsa Kiristoosis ni dubbate.32Waaqayyoo Iyyasuus kana du'aa ni kaaseera, nutis hundi keenya dhugabaatotta waan kanaati. 33Kanaafuu erga gara mirga Wwaqayyootti ol ol jedhee ulfaatee booda abdii Hafuura Qulqulluu isa Abbaan kennee ture sana fuudhee waan isin amma argaa fi dhagahaa jirtan gad-dhangalaasaa jira.34Daawiit gara samitti ol hin baane, garuu akkana jedhe 'akka inni si'ool keessatti hin hafne, akka foon isaas hin bosbosne Gooftaan Gooftaa kootiin 'karaa mirga kootii taa'i 35Amman ani diinota kee ijjata miila keetiisiif goodhutti 36Kanaafuu manni Israa'eel hundumtuu akka Waaqayyoo Iyyasuus kana Gooftaafi Masihii isa godhee akka hubatu."37Namootnis amma yammuu kana dhagahan onneen saanii tuqamee Pheexiroosiifi ergamootaan kaaniin "yaa obboloota yoos maal haa goonu? 38Pheexiroosis akkana isaaniin jedhe "tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradha, maqaa Iyyasuus Kiristoosniis cuuphamaa yoos cubbuun keessan isiniif dhiifamaa, kenni Hafuura Qulqulluus isiniif kennama. 39Abdiin kun isinii fi ijoolee keessaniif akkasumas isaan fagoo jiran namoota Waaqayyoo Goftaan keenta waame hundaafi.40Innis dubbi biroo baay'eedhaan dhugaa bahaafii 'dhaloota jalloo kana irraa fo'amaa 'jechuun isaan gorse. 41Isaaniis dubbii isaa ni fudhatan ni cuuphamanis, namootni guyyaa sana isaanitti dabalamanis lubbuu kuma sadii ta'anii dha. 42Isaanis barumsa ergamootaa fi jireenya tokkummaa biddeena waliin caphsachuu (nyaachuu) fi kadhanaan ciman.43Lubbuulee hunda irratti sodaan ni dhufe, karaa ergamootaas dinqii fi mallattoon baay'een ni ta'e. 44Warri amanan hundis walii jiraatu; waan qaban hundas walitti fidu. 45Waan qabaniifi mi'a (meeshaa) isaanii gurguruun namoota hundaaf akka isaaniif barbaachisutti hiruuf.46Kanaafuu guyyum guyyaan mana qulqullummaatti yaada tookkoon of cimsuu. Akkasum mana, manattis fi garaa qulqulluun biddeena waliin caphsatu (nyaatu) turan. 47Waaqayyoos galateeffachaa namoota hunda birati fudhatama qabu turan, Goftaanii lakkofsa isaanii irratti guyyuma guyyaan namoota fayyan ida'aa ture.
1Amma pheexiroosiif Yohaanis yeroo kadhannaa sa'aatii sagal irratti gara mana qulqullumaatti olbahu turan. 2Namni tokko kan garaa haadha isaatii jalqabee naafa ta'e. Kan baatamee mana qulqullinaa fuldura bakka "miidhagaa" jedhamu ture. Namootnis guyyaa, guyyaadhaan akka namoota isaan gara mana qulqullinaa deeman irraa waa gaafachuu danda'uufbachi isa kaa'u turan. 3Yammuu Pheexiroosiif Yahaannis gara mana qulqullinaa seenuuf jedhan argu akka waa kennaniif isaan gaafate.4Pheexiroosis ijaan gara isaatti garagaluun Yohaannis waliin, akkana jedheen "Garaa keenya ilaali. 5"Namitichi inni naafniis akka waan tokko argatu eegachuun gara isaanii ilaale. 6Garu Pheexiroos akkana jedhe "Ani meetii fi warqii hin qabu, garuu anii waaniin qabu siif nan kenna, maqaa Iyyasuus Kiristoos isa Naazireetiin, deemi."7Harka isaa isa mirgaas qaba, Pheexiroosisbol isa kaase, battalumaan milliifi koroonyoon namichaas jalqabaate. 8Namichi naafa tures utaalee ka'uun miilaan dhabatee deemuu jalqabe, Pheexiroosiifii Yohaannis waliinis gara mana qulqullummaa keessa seene, Waaqayyo galateffachaa ni deddebi'e, ni utaalees.9Yammuu deddebi'uu fi Waaqayyo galateeffatu nammootni hundi isa argan. 10Isaaniis akka namni kun namicha isa kanaan dura mana qulqullinaa fuldura bakka 'midhagaa' jedhamu ta'e waa kaadhatu ta'uu beekan; namootnis maal argate jechuun ajaa'iibaafi dinqiidhaan guutaman.11Akkuma namchii kun Pheexiroosiifi Yohaannisitti maxxanee waliin jiruu, namootnibhundi waliin gara isaaniitti bakka karaa deddebi'a Salamoon jedhamee waamamuutti fiigan. 12Yammuu Pheexiroos waan kana argu akkana isaaniin jedhe "yaa namoota Israa'eel waanti kun maalif isin dinqisiisa? Akka waan nuti humna yookin gaarummaa keenyatti kaaftu?13Waaqini Abrihaam, Yisihaaqiif Yaa"iqoob, Isin garuu akka du'uuf dabarsitanii kennitan, Philaaxoos hiikuuf barbaadullee isin garuu fuldura isaatti isa gantan. 14Isiin isa ququlluufi qajeelaa ta'e ganuun nama isa lubbuu ajjeese akka gad lakkiffamuu kadhattan.15Isin hundee jireenyaa ajjeeftan. Waaqayyo garuu du'aa isa kaasee, nutis dhuga baatota kanaatti. 16Amantiidhaan maqaa isaatiin, maqaan isaa nama isin argitaniifi beektan kana cimaa godheera. Amantiin inni karaa Iyyasuusin fayyina guutuu kana fuldura keessanitti isaaf kenne.17Ammas yaa obboloota koo akkuma bulchoota keessanii otoo hin beekiin akka waan kana gootan nan beeka. 18Waaqayyoo garuu dursee karaa afaan raajotaatiin akka dubatetti Kiristoos kan isaa kan ta'eerra akka rakkinni gahuu kan dubbatee turee raawwwatameera.19Kanaafu akka cuphuun keessan isinii haqamuuf deebi'aa, qalbii keessan jijjiiradhaa. 20Kanaafuu yeroon haaromsaa Gooftaa biraa isiiniif dhufa, akkasumas kan dursee isiniif heerame Kiristoos innis Iyyasuus isiniif erga.21Akkuma Waaqayyo bara durii irraa jalqabee karaa afaan qulquloota raajotasaatiin dubbatetti hanga bara haaromsaa waan hundaatti inni isa samiin fudhattee tursiiftuu dha. 22Museenis akkana jedheera 'Waaqayyo Gooftaan keessan raajaa akka kootii isin keessaa isiniif kaasa, waan inni isiniin jedhu hunda dhagahaa; 23Namni isa hin dhageenye hundi namoota hunda keessaa adda bahuun ni bada.24Eyyee, Saamu'eel irraa jalqabee raajonni isa duubaan dhufan hundi isaanii waa'ee guyyoota kana dubachaa fi beeeksiisaa turan. 25Isaanii ilmaan raajotaafi dhaaltoota Waaqayyo Abrihaamiif, Sanyii keetiinan qomoo lafaa irra jiran hunda eebisa jedhee kakuu galeeti. 26Waaqayyo tajaajilaa isa erga kaasee booda, tokko tokkoon keessan hammeenya keessan irraa deebitanii akka eebbifamtaniif duraan dursee gara keessan erge.
1Otoo Pheexiroosiifi Yohannis namootatti dubbachaa jiranuu Faariisoonnii fi itti gaafatamaan waardiyyaa mana qulqullinaa fi Saaduqoonni isaanitti dhufan. 2Isaanis sababa Pheexiroosiifi Yohaannis namoota barsiisaniifi waa'ee du'aa ka'iinsa Iyyasuus lallabaniif baay'ee dallanan. 3Isaanis isaan qabuun mana hidhaatti galchuun hanga ganama itti fufuutti achi bulchan, erga amma galgalaa'eef. 4Garuu namootni ergaa isaanii dhagahan baay'ee isaanii ni amanan, lakkofsi namootni dhiiraa isaan amananii gara kuma shanii ture.5Guyyaa itti aanuutti bulchitootni, jaarsooliinii fi barsiisonni seeraa isaanii dhufanii Iyyaruusaaleemitti walitti qabaman. 6Luba olaanaan Haanaan achi ture, Qayyaaffaafi Yohaannisis, Aleeksandari fi firootni luba olaanaa ta'an hundi isaanii achi tura. 7Isaanis yammu taa'an Pheexiroosiifi Yohaannis jidduu isaanii dhaabuun "Humna maalittin, yookin maqaa eenyuutiin kana gootan?" jechuun isaan gaafatan.8Achiin Pheexiroos, Hafuura Qulqullutiin guutamuun isaaniin jedhe "Isi bulchootnii uumnataa fi jaarsoliin. 9Hardha waa'ee waanti garii dhukkubsataa kanaa godhame akkamitti akka fayyuu danda'e kan nugaafattan yoo ta'e. 10Isi hundi keessaniifi namootni Israa'eel hundaaf akka namni kun maqaa Iyyasuus Kiristoos nama Naazireetii isa isin fanniftanii, Waaqayyo immoo isa du'aa kaaseetiin fayyee fuldura keessan dhaabaachuun isaa kan beekkame haata'u.11Iyyasuus inni isin warrii ginbii ijaartaan tuffattan, inni garuu dhagaa mataa golee ta'ee dha. 12Fayyiinni karaa nama biroo kamiiniyyuu hin jiru, akka ittiin fayyinuuf namoota hundaaf kan kenname maqaa kana malee maqaa biraa samiidhaa gaditti hin jiru.13Amma Pheexiroosiifi Yohaannis ija jebeenyaan dubbatan yammuu argan akka isaan namoota hin barannee ta'an immoo hubatan dinqisiifatan, kana irraa kan ka'ee akka Pheexiroosiifi Yohaannis Iyyasuus waliin turuu isaanii gara hubannootti dhufan. 14Sababa namachi fayyee isaan waliin dhaabatu arganiif waan kana mormannii homaa jechuu hin dandeenye.15Garu akka bakka walgahii gad-dhiisan ergamoota erga ajajanii booda, ofii isaaniitiin wal mariyatan. 16Akkanan waliin jedhan "Egaa namoota kana maal haa goonu? 'Akka isaaniin mallatoon bekkamoon hojjataman namootni Iyyaruusaaleem keessa jiraatan hundaaf kun qabatamaa dha', nutiis mormuu hin dandeenyu. 17Garuu akka inni kana caaa uummata keessatti hin babaldhanee, koota akka lammata maqaa kanaan waan tokko hindubbane isaan haa akeekfachiifnuu." 18Achiin gara keessatti isaan waaman akka isaan maqaa Iyyasuusiin homaa hin dubbanne fi hin barsiifne ajajan.19Garuu Pheexiroosiif Yohaannis deebisaniif akkanas jedhaniin "Mee isinumti faradaa murteessaa (faradaa), Waaqayyoof ajajamuu caala isiniif ajajamuun nuuf barbaachisaa dha. 20Waa'ee waan arginee fi dhageenyee dubbachuu dhaabuu hin dandeenyu.21Isaanis erga Pheexiroosiif Yohaannis akkekkachiisanii booda gad-lakkisa. Sababa uummatni hundi waa'ee waan Waaqayyoo hojjateef galateeffataniif, karaa ittiin isaan adabuu danda'an argachuu hin dandeenye. 22Namichi fayyina argatee suunis umriin isaa wagaa afurtamaa ol ture.23Pheexiroosiif Yohaannis erga bilisa ta'aniin booda, gara uummata isaanittibdhufanii waan hangafootni Lubootaa, fi jaarsoliin isaaniin jedhan hunda gabaasan. 24Isaanis yammuu kana dhagahan tokkummaadhaan sagalee isaanii gara Waaqayyooti ol kaasanii akkana jedhan, "Yaa Gooftaa Ati samiifi ardii, galaanaafi waan isaan keessa jiran hundas uumtee jirta. 25Ati Hafuura Qulqulluun karaa afaan garbicha keetii, abbaa keenya Daawiitiin26akkana jette Uumman ormaa(biraa) maaliif dallansuun dubbatu, uummanis maaliif waan faayidaa dhabeessa yaadu? Moototni lafaas walitti qabamuun hiriiran Bulchootni Gooftaa, Kiristoosiin mormuuf walitti qabaman.27Dhugaa dha, Heeroodsiifi Phiilaaxoos inni Pheenxeenaan uummata ormaa fi uummata Israa'eel waliin ta'uun tajaajilaa kee isa qulqullicha Iyyasuus, isa ati dibdeen mormuuf magaalaa kana keessatti walitti qabaman. 28Isaaniis karooruma atii dursitee harka keetiin karoorsitee sana hojjachuuf wal-gahan.29Yaa Gooftaa, gara dorsiisa isaanii ilaali, akka tajaajiltootni kees ija jabummaan (bilisaan) dubbachuu danda'an gochi. 30Fayyisuufis harka kee diriirsi, karaa maqaa tajaajilaa kee isa qulqullu Iyyasuusiin mallattoolee fi dinqi kenni. 31Erga kadhatanii booda bakki isaan walitti qabaman sun ni ollate, hundi isaaniis Hafuura Qulqulluutiin ni guutaman, sagalee Waaqayyoos ija jabeenyaan ni dubbatan.32Amantootni lakkopfsaan baay'ee ta'an sun hundi garaa tokko fi lubbuu(yaada)tokko qabu ture. Waan qaban hunda qabeenya walii akka ta'e malee namni tokkolle qabeenya isaa akka waan ofii qabutti hin lakkaa'uu. 33Ergamootni humna guddaadhaan waa'ee du'aa ka'iinsa Gooftaa Iyyasuus dhugaa bahu turan, ayyanni guddaanis hunda isaanii irratti ta'e ture.34Namni iyyessa ta'e tokkollee isaan keessa hin jiru ture, hundi isaan lafa yookin mana ofiin qaban hunda gurguruun qarshii waan gurguranii sana ni fidu turan. 35Miila ergamoota jala kaa'u, innis tokko tokkoo isaaniitiif akkuma isaan barbaachisuutti qoqqodama ture.36Yooseef kan jedhan Leewii kan ta'e namni Qoophiroos tokko kan booda ergamoonni Barnaabaas(hiikni isaas jajjabeessaa dha) jedhanii moggaasan. 37Ooruu isaa gurguruun qarshii isaa fide miila ergamoota jala kaa'e.
1Namni maqaan isaa Hanaaniyaa jedhamu tokko, haadha manaa isaa Saphiiraa waliin qabeenya isaa gurguruun, 2qarshii itti gurgure irraa muraasa hambisee (haatii manaa isaas kana ni beekti) isa hafee fiduun miila ergamootaa jala kaa'e.3Pheexiroosis akkana jedhe "Yaa Hanaaniyaa, akka Hafuura Qulqulluu sobduu maaliif seexanni yaada kee guutee gatii lafa gurguratee irraa hirtee hambifte? 4Otoo hin gurguriiniin dura kan kee hin turree, erga gurguramee hoo aangoodhuma kee jala mitiyyuu? Yoos akka ati akkana gootuuf kan yaaddee maaliifi? Ati garuu nama otoo hin ta'iin Waaqa sobde. 5Hanaaniyaan yammuu jechoota kana dhagahu lafa dhawun haafuura isaa isa dhuma baase, warreen kana dhagahan hundattis sodaan guddaa irraatt dhufe. 6Ga'eessooniis reenfa isaa kaasanii kanaafuun gara alaatti baasanii awwaalan.7Eega gara sa'aatii sadii ta'een booda otoo waan ta'e hin beekiin haati manaa isaa dhufee seente. 8Pheexiroosis "Mee natti himi lafa keessan gatiidhuma ammanaatti gurgurtanii?" jedhee ishii gaafate. Ishiinis "9Eeyyeen ammanumatti gurgurre" jetteen. Akkasumaan Pheexiroosis "Isin Hafuura Gooftaa qoqqoruudhaan akkamitti walii-galtan? Ilaali miili namoota abbaa manaa kee awwaalee balbala irraa jira, isaanis ala si baasu" ishiidhaan jedhe. 10Ishiinis miila isaa jalatti lafa dhahuun hafuura ishii isa dhumaa baafte. Yammuu namootni ga'eesotni ol-dhufanii seenan, reenfa ishii arganii ala baasuun geessanii bukkee (cinaa) abbaa warraa ishitti ishii awwaalan. 11Sodaan guddaan waldaa fi warra kana dhagahan hunda irratti dhufe.12Uummata jidduutti mallatoo fi dinqiin baay'eenkara harka ergamootaatiin hojjatame. Isaan hundumtuu bakka deddeebi'a Salamoo jedhamutti waliin jiru turan. 13Namootni hafan kaan garuu isanitti makamuuf kan kaka'e hin jiru, haa ta'u malee, uummata biraatti kabaja guddaa qabu ture.14Yeroodhaa gara yerootti amantootni dhiironnii fi dubartootni baay'ee ta'an gara Gooftaatti dabalaman. 15Kanaafuu yammuu Pheexiroos achiin darbu gadiidduun isaale namoota mumuraasa irra akka ba'uu jedhanii dhukkubsatoota siree fi wasaansaadhaan baatanii karaa irraatti baasuun qarqara daandii ciiphsuu turan. 16Uummatni lakkoofsaan baay'ee ta'an magaalota naannoo Iyyaruusaaleem jiraatan keessaa dhukkubsatootaa fi namoota hafuura hamaan qabaman ni fidu ture, hundi isaaniis ni fayyu.17Haa ta'u malee Lubni olaanafi isaan isa waliin jiran hundi (kan kutaa saaduqootas ta'an) inaaffaadhaan guutaman. 18Ergamootas qabani mana hidhaatti galchan.19Maleektotni Gooftaas halkaniin balbaloota mana hidhaa bananii isaan baasuun, akkanas jedhaniin 20"Deemaa Mana Qulqulluumma keessa dhaabadhaatii uummata hundatti waa'ee sagalee jireenyaa himaa." 21Isaanis yammii kana dhagahan, akkuma barii'een mana qulqulumma seenani barsiisan, Garuu Luboonni ol-aanaa fi warrii isaan waliin turanis, gumii fi jaarsolli Israa'eel hunda walitti waamuun akka ergamoota qabanii fidanii gara mana hiidhaatti ergan.22Qondaaltotni warri ergaman garu mana hiidha sana keessatti isaan hin arginef deebi'uun gabaasan 23"Nuti mana hidhaa haalaan akka cufaa ta'ee fi waardiyyoonnis balbala irra dhaabachuu isaanii arginee jira, garuu yammuu balbalicha bannu nama tokkollee keessatti hin argine.24Itti gaafatamaan eegdota mana qulqullummaa fi Lubni olaanaan yammuu jechoota kana dhagahan, waan ta'e ajaa'ibfachuun "maaltuu dhufuuf jira" jedhan. 25Akkasumaan namni tokko dhufee "Namootni isin mana hiidhaatti galchitanii turtan mana qulqullummaa keessa dhaabachuun barsiisaa jiru" jedhee isaanitti hime.26Kanaafuu itti gaafatamaan wardiyyaa mana qulqullina qondaalaa waliin ta'un waan uummatni dhagaadhaan na dhawu jedhee sodaateef humnatti otoo hin fayyadamne isaan fide. 27Yammuu isaan fidan, gumii fulduratti fidanii teesisan. Lubni olaanaanis akka jedhee isaan gaafate. 2828Nut akka maqaa kanaan hin barsiifne isin ajajinnee ture, isin garuu ammas barumsa keessanii Iyyaruusaleem guuttanii jirtu dhiiga nama kanaas nutti fiduuf fedhi qabdu.29Pheexiroosiif ergamootni garu "Namoota irra Waaqaaf ajajamu qabna" jedhanii ddebisaniif. 30Waaqni abbota keenya Iyyasuus isa isin muka irratti fanniiftanii ajjeftan sana du'aa kaase. 31Waaqayyoo akka Israa'eeloonni yaada jijjiirachuun dhifama cubbuu argatanii, mootiifi fayyisaa godhee isa ulfeessuun mirga ofii isa kaa'e. 32Nuti dhugaa baatota waantotaa kanaati, Hafuurri Qulqulluu, inni Waaqayyoo warra isa ajajamaniif kennees dhugaa baha.33Miseensonni gumii yammuu kana dhagahan baay'ee dallannuun ergamoota ajjeesuuf barbaadan. 34Garuu Faarisichii Gamaaliyaa jedhamee waamamu tokko, barsiisaa seera inni uummata hunda biratti kabaja qabu, gumii keessa dhaabachuun yeroo muraasaaf akka namoota alatti gadi-baasanii ajaja kenne.35Innis "Yaa namoota Israa'eel, waan namoota kanneen irratti gochuuf karoorsitan (akeektan) sirritti xiyyeefannoo kennaa" isaaniin jedhe. 36"Kanaan dura, Tewoodaas, namichi ani nama guddaadha ofiin jedhu tokko, kan namootni lakkofsaan baay'ee, gara dhibba afuurii ta'an isatti dabalamanii hordofan ka'ee ture. Innis ni du'e, kanneen isa hordofan hundis faffaca'uun badan. 37Nama kanaan boodas, yeroo lakkoofsa uummata Yihuudaa, namni Galiilaan ka'un namoota muraasa ofitti deebisee akka isa hordofan godhe. Akkasuma innis ni bade, namootni isa hordofanis ni bittinaa'an.38Ammas waantiin ani isiniin jedhu, namoota kana irraa fagaadhaa, isaanis dhiisaa, hojiin yookin karoorri kun kan namaa yoo ta'e ni badu. 39Garuu kan Waaqayyoo yo ta'e isin isaan balleessuu hin dandeessan, isin siriidhuma Waaqayyoo waliin otoo loltanuu akka hin argamne." Isaanis ni amanan.40Isaanis ergamoota gara keessatti waamuun rukutanii (garafanii) akka lamata maqaa Iyyasuusiin hin dubbanne ajajanii gad-isaan lakkissan. 41Isaanis waa'ee maqaa kanaatuuf salphachuun (rakkachuun) nuuf ulfina jechuun gammachuudhaan gumii sana bahan. 42Achiin booda, oduu misiraachuu isa Kiristoos Iyyasuus ta'u mana qulqulummaatis ta'ee mana, manaan guyyaa hunda barsiisuu fi lallabuuti fufan.
1Goyyoota kanatti, yammuu lakoofsi barattoota baay'achaa adeemu, Ayihudootni Giriikii dhufan Ibroota irratti sababa isaan yammuu kenna qoqoodan dubartoota dhirsii irraa du'e isaanii irratti qoqqobii godhaniif komii dhiyessuu jalqaban.2Warri kudha lamaanis baratoota baay'atan gara offitti waamuuni akkan jedhan "Nyaata nyaachisuuf jecha sagalee Waaqayyoo tajaajiluu dhisuun keenya sirri miti. 3Kanaafuu, yaa obboloota, isinuma keessa namoota Hafuura Qulqulluu fi ogummaan guutamuu isaanii kanneen namootni dhugaa isaaniif bahuu danda'an torba filadhaatii hojii kana isaanitti kenninaa. 4Nuti immoo garuu kadhannaa fi sagalee tajaajiluutti jabaana.5"Dubbiin isaanii tuuta hunda gammachiise. Kanaafuu isaaniis Isxiifaanos fi Filiiphoos, Phirookooros, Niqaanor, Xiimoon, Pharmeenaa fi Niqoolaawoos nama Antsookiyaa isaa gara Yihuudummaatti gale filatan. 6Amantootnis namoota kanneen ergamoota fulduratti fidan, isaanii harka irra kaa'uun kadhataniif.7Dubbiin Waaqayyoos babaladhachuutti fufe, lakkofsi barbattootaa Iyyaruusaaleem keessatti baay'inaan dabale, luboonni baay'eetti lakaawamanis ajajamuun gara mantiitti dhufan.8Isxiifaanosiis ayyaanoo fi humnaan guutamuudhaan, uummata jidduutti dinqiiwwaniifi mallatoolee gurgudaa godha ture. 9Uummanni muraasni mana sagadaa (siinaagoog) mana sagada namoota bilisoomanii jedhamee waamamuu isaan Qaareenaa fi Aleeksandariyaa, akkasumas muraasinis Keelqiyaa fi Isiyaadhaa dhufan ka'an. Namootni kinis Isxiifaanosiis mormuu jalqaban.10Haa ta'u malee ogumma fi hafuura Isxiifaanoos ittiin dubbachaa ture fuldura dhaabatan ittiin mormuu hin dandeenye. 11Kana irraa kan ka'e namoota "Yammuu Isxiifaanoos jechoota abaarree (harabsaa) Musee fi Waaqayyo irratti dubbatu dhageenyee jira" jedhanii sobaan dhugaa bahan dhoksaatti qopheessan.12Isaanis uummata, jaarsoloofi barsiisota seeraa kakaasuun gara Isxiifaanoos dhufanii qabuun gumii fulduratti isa dhiyyeessan. 13Isaanis namoota "Namni kun faallaa bakka qulqullummaa kanaa fi seeraa dubbachuu hin dhaabne. 14Nutis yammuu inni Iyyasuus, namni Naazireet bakka kana ni diigaa, Seera Museen nuu kennes ni jijjira" jedhanii sobaan itti dhugaa bahan fidan. 15Namootni hundi, isaan bakka gumii jiran ija isaanii kaasuun yammuu xiyyeefannoon fuula isaa ilaalan, fuulli isaa akkuma fuula Maleektotaa ta'ee argan.
1Lubni olaanaanis "Waantootni kanneen dhugaa dha?" 2Isxiifaanosis "Obboloonnii fi abbootni, na dhagaha. Waaqni ulfinaa abbaa keenya Abrihaamitti otoo inni gara Kaaraanitti hin dhufiin yammuu inni Mosophoxaamiyaa jiruu itti muldhate. 3Akkana isaan jedhe "Biyyaa keefi firoottan kee dhiisiitii, biyyaan ani sitti agariisuutti deemi."4Akkasuma, innis biyyaa Kaladaan dhiisee kaaraan keessa jiraate; Eega abbaan isaa du'ee booda, Waaqa gara biyya amma isin jiraachaa jirtan kanatti isa fide. 5Waaqayyos akka inni dhaalu asi lafa faanaa miilaa tokko illee hin keennineef. Haa ta'u malee, otoo Abrihaam ilma homaa hin qabaatiin isaa fi isaan booda isaatiif biyya akka qabeenyaatti akka kennuuf kakuu galeef.6Waaqayyoos akkana jechuun isatti dubbate, akka sanyiin isaa bara dheeraaf biyya ormaa keessatti darabummaadhaan wagoota dhibba afurif garboomani jiraatu. 7Waaqayyo akkana jedhe 'Ani saba isaan garbummaan tajaajilan nan adaba, sanaan booda achii bahanii dhufuun bakka kanatti na waaqessu.' ' 8Waaqayyos Abrihaamii kakuu kittaanamuu keneef. Akkasumaa Abrihaam Yisihaaq argate, guyyaa saddeettaafaatis isa kittaane, Yisihaaq immoo Yaa'iqoob argate, Yaa'iqoobis abbaa abboota qomoo kudha lamaanii ta'e.9Abbootnis sababa Yooseefitti inaafaniif, biyya Misiraatti isa girguran, garuu Waaqayyo immoo isa waliin ture, 10rakkina hunda keessaa isa baasa ture. Yooseefiifis mooticha Misiraa Fari'oon isa biyyaa fi mootumma isaa hunda irratti aangoo kennuu dibe fulduratti fudhatamaa fi qarooma kenneef.11Amma ongee fi rakkinni gudaan biyya Misiri hundaafi kana'aanitti dhufe, abbootnii keenyas waan nyaatan argachuu hin dandeenye. 12Yaa'iqoobis biyyaa Misiri akka midhaan jiru yammuu dhagahuu abbota keenya yeroo jalqabaatiif erge. 13Imala isaan isa lammaffaa irrattis Yooseef eenyummaa isaa oboloota isaatti of-muldhise, maatiin Yooseefis Fari'oon biraatti beekamoo ta'an.14Yooseefis obboloota isaa deebisee abbaa isaa Yaa'iqoob gara biyya Misiritti akka fidanii erge, innis maatii isaa hunda waliin namoota torbaatamii shanii dha. 15Yaa'iqobis gara Misiritti bu'e, innifi abbotnis ni du'an. 16Isaanis reenfa isaa baatanii Seekeemitti bakka Abrihaam qarshii isaatiin ilmaan Aamoorii irraa biteetti fidanii awwaalan.17Akkuma yeroo kakuun Waaqayyo Abrihaamiif gale raawwatamuuf dhiyaattetti baay'inni uummataas Misira keessatti guddate. 18Kana booda mootiin biraa, mootiin waa'ee Yooseef hin beeknee Misira irratti bulchaa ta'e. 19Innis akka malee uummata keenya sobee abboota keenyas mookse, daa'imman dhalatan isaaniis akka hin jiraannee akka baasanii gatan dirqisiise.20Yeroo sana Museen dhalate, fuldura Waaqayyootis midhagaa (bareedaa) ture, ji'oota sadiif mana abbaa isaatti kunuunsuun guddifame. 21Yammuu alatti baafamee gatamu, intallii Fari'oon akka ilma ofitti gudifachuuf isa fudhatte.22Musenis qarooma misiroota baratee dubbii fi hojii isaattin cimaa ta'e. 23Yammuu umriin isaa gara waggaa afurtamaa ta'u obboloota isaa ilmaan Israa'eel ilaaluu akka qabu onnee isaatti yaade. 24Yammuu kana Museen nama Israa'eel tokko irra miidhaa gahu argee isaaf tumsee nama misirichaa dhayee haaloo ba'eef. 25Museenis akka waan obbolaan isaanif Waaqayyo karaa harka isaatiin fayyina isaaniif kennu hubatan itti fakkaate ture, haa ta'u malee isaan hin bubaanne turan.26Guyyaa itti fufuus yammuu ofuma wal-lolan itti dhufee "Namoota, isinuu waliif obbolaadha hoo, maaliif waan hin taane wal-irratti hojjatu? jechuun akka naga walakaa isaanitti buusan yaale. 27Garuu namni inni miidhaa hiriyaa isaa irraan gaha jiru achi isa ha'uun "eenyutu si nu-irratti bulchaa fi abbaa murtii godhe file?" jedheen. 28"Akkuma kaleessa namicha Misira sana ajjefte anas ajjeesuu barbaadaa?"29Museenis erga jecha kana dhagaye booda dheensuun biyya Midiiyaam keessa bakka itti abbaa ilmaan lamaa ta'e baqataa ta'uun jiraate. 30Wagoota afurtama erga achi tureen boda, lafa onaa keessatti naannoo tulluu Siinaatti arrabni ibidaa muka miciree bobeesuutti muldhate.31Yammuu Museen ibidda ilaaluu waan argetti dinqifachuun akkuma itti dhiyaateen sagaleen Gooftaa itti dhufe, akkana jedheen. 32Ani Waaqa abboota keetii, Waaqa Abrihaam, WaaqaYisihaaqii fi Yaa'iqobi dha: Museenis ni sodaate oljedhee ilaaluus hin dandeenye.33Gooftaan akkana jedheen " Waan bakki ati dhaabatte kun lafa qulqulluu ta'eef kophee kee miila keerraa baasi. 34Anis dhugaadhumaan hacuucaa uumata kootii isaan Misira keessa jiranii argeera, booyicha isaaniis dhagayeera, anis isaan baasuuf gad-bu'eera, ammas kootu gara biyya Misirittin si erga."35Museen kun inni isaan yammuu isaan "Eenyutu bulchaa fi abbaa murtii godhee si kaa'ee?" jedhanii isa jibban - inni nama isa waaqayyoo bulchaa fi bilisa baasaa lachuu godhe erge ture. Waaqayyo karaa Maleekaatiin muka miciree keessatti Museetti muldhachuun isa erge. 36Museenis erga biyya Misiraa keessatti diqootaa fi mallattoolee hojjatee booda Misira keessaa isaan baasuun galaan ceesisee lafa onaa keessa wagoota afurtama isaan geggeese. 37Museedhuma kana inni uummata Israa'eeliin 'Waaqayyo raajaa akka koo ta'e obboloota keessan keessaa isiniif kaasa' jedheen.38Namuma kanaadha inni tuuta bakka lafa onaa keessatti tulluu Siinaa irratti Maleektoota isaa abboota waliin turee waliin dubbata inni sagalee jiraata fuudhee nuuf kennee dha. 39Garuu abbootni keenyas isaaf ajajamuu didan, isaanis of-irraa achi isa dhii an; yaadaa isaaniitiini gara Misiraatti deebi'an. 40Yeroo sana Aarooniin akkana jedhan "Waan Museen kun, inni biyya Misiraatti nu baase waan inni ta'e hin beekneef, waaqa nam-tolche isa nu geggeesu nuuf tolchi."41Isaaniis guyyootuma sana jabbii tolfachuun aarsaa waaqa isaanii kanaa fidaniif, sababa hojii harka isaaniitii baay'ee gamadana. 42Waaqayyoos isaan irraa gargaluun akka isaan uurjoota samii waaqeffatanii dabarsee isaan kenne, akkuma kitaaba raajotaa keessatti akkana jedhamee barreeffame "Isin yaa mana Israa'eel waggoota afurtama lafa onaa keessatti kennaa fi aarsaa naa fiddanii jirtu?43Isin, dunkaan Moloki fi waaqa Raafa kan ta'e urjii akkasumas fakkiiwwan waaqeeffachuu ofii bocattan fudhatan. Kanaafu anis Babiloonii achittin isin ariyadha."44Abbootni keenya lafa onaa keessatti dunkaan dhugaa bayinsa qabu turan. Kunis akkuma Waaqayyoo Museetti dubbachuun ajajetti, akkuma arge sanatti, haaluma sanaan isaan hojjatee dha. 45Kana boodas, Abbotni keenya isaan Iyyasuu dhaan durfaman dunkaana kana fuldhachuun Waaqayyoo uummatoota ormaa isaan fulduraa ariyatee lafa isaanii erga dhaalanii booda dunkaanicha hanga bara Daawititti ofi bira kaa'an. 46Daawitis Waaqayyoo biratti fudhatama waan argateef Waaqa Yaa'iqoobiif akka bakka qopheesuu gaafata.47Haa ta'u male mana Waaqayyoo kan ijaare Salamoon ture. 48Haa ta"u male waantii baay'ee guddaan Waaqayyoo mana harka namaatiin tolfame keessa hin jiraatu, akkuma raajichi jedheetti. 49"Samiin teesso kooti, laftis ijjata miila kootiiti mana akkamii naa ijaarturee? jedha Gooftaan yookii bakkin itti boqadhu eessaa dha? 50Wantoota kanneen hunda kaan hojjate harka koo mitii?"51Isin namoota gateetti jabeeyyii nanaa, onneen keessanii fi gurri keessan kan hin kittaanamne, isin yeroo hunda akkuma abbootni keessan godhan Hafuura Qulqulluun mormitu. 52Raajota keessa abbootni keessan kan hin ariyanne eenyuu dha? Isaan warra duraan dursanii wa'ee dhufaatii isa qajeelaa himanillee ni ajjeessan. Isinis immoo amma isa dabarsitanni keenitan ni ajjeftaniis. 53Isiin yaa uummata, isin warra seera karaa Maleektootaatiin fudhatan malee garuu hin eegne.54Isaanis warri miseensonni gumii waantoota kanneen dhagahan Isxiifaanositti baay'ee dallanan, ilkaan isaanis waliin qaran. 55Inni garuu Hafuura Qulqulluuttin guutame gara Samitti xiyyeefate yammuu ol-ilaalu ulfina Waaqayyoo fi Iyyasuus, mirga Waaqaa dhaabatee arge. 56Isxiifaanosis "Ani samii banamee, Ilma Namaas Mirga Waaqaa dhaabatuun argaa" jedhe.57Yeroo kana misensonni gumii hundi gurra isaanii qabun sagalee isaanii olkaasanii iyyudhaan gara issaatti tokkumaadhaan figan. 58Isaaniis magaalaa keessaa baasuun dhagaa itti darbachuu jelqaban. Dhagaa baatotni uffata isaani miila nama ga'eessa tokko maqaan isaa Saa'ool jeshamuu jala kaa'an..59Isxiifaanosiis, yammuu isaan dhagaa itti darbachaa tumaa jiranu, Gooftaa waama ture, akkanas jedhe "Gooftaa Iyyasuus lubbuu koo fudhadhu." 60Innis jilbeefachuun sagalee ol kaasee "Yaa Gooftaa, cubbuu isaanii kana itti hin lakkaa'iin" jedhee iyyee. Kana boodas hafuura isa dhumaa baasuun muge.
1Saa'oolis ajjeechaa Isxiifaanos irratti waligalee ture Guyyaa sanatti ariyatamni guddaan waldaa Iyyaruusaaleem jirtuu irratti jalqaba, ergamoota malee amantootni hundi isaanii gara naannoo Yihuudaa fi samaariyaa hundaatti faffaca'ani. 2Namootni amantiitti cimanis booyicha guddaadhaa Isxiifaanoos awwaalan. 3Saa'ool garuu waldaa balleessuuf hidhatee ka'e. Innis manaa gara manaa irra naanna'ee seenuun dhiiraa fi dubartoota harkisee baasuun gara mana hiidhaatti isaan galcha.4Amantootni warrii faffaca'an garu dubbii lallaban. 5Filiiphoos gara magaalaa Samaariyaatti bu'ee Kiristoos lallabeef.6Uummatni baay'eenis sirritti xiyyeeffannoo kennuun waan Filiiphoos dubbatu qalbii tokkoon dhaga'uu, mallattoolee inni godhees argan. 7Hafuurri xuraa'aanis iyyaa namoota baay'ee keessaa bahan, namootni naafniifi laamsha'an baay'eenis ni fayyan. 8Kana irraa kan ka'e gammachuu guddaan magaalatti ta'e.9Garuu kanaan dura namni maqaan isaa Siimoon jedhamu tokko kan raagaa (falfalaa) namoota magaalaa sanaa kanajaa'ibsiisu tureefi, ani nama barbaachisaadha jechuun ofjajutu ture. 10Warri Samaariyaa hunda xiqqaadha hanga guddaatti xiyyeeffanno isaa kennuun, "Namni kun isa humna Waaqaa kan 'Guddicha' jedhamuun waamamuu dha" jedhan. Isaanis 11sababa yeroo dheraadhaaf, (falfalla) isaatiin isaan ajaa'ibsiitee isa dhagahuuyyu.12Garuu isaan yammuu Filiipoos Wangeela, waa'ee mootummaa Waaqayyoo fi maqaa Iyyasuus Kiristoos lallabuu amanuudhaan dhiirooniinis dubartootnis cuuphaman. 13Siimoon mataanumtii isaatu amane cuuphamuun dhaabbataan Filiiphos waliin ture yammu mallatoollee fi hojjiiwwaan gurguddaan taasifaman argu ni ajaa'ibfate ture.14Amma ergamootni Iyyaruusaaleem jiran yammuu akka warri Samaariyaa dubbii Waaqayyootti amanan dhagahan, Pheexiroosiif Yohaannis isaanii ergan. 15Isaanis yammuu Samaariyaatti dhufan, akka Hafuura Qulqulluu fudhatanii isaaniif kadhatan. 16Hafuurrii Qulqulluun hanga yeroo kanaatti eenyuma saan irratti hin dhufne ture, maqaadhuma Gooftaa Iyyasuusiin qofaan cuuphaman malee. 17Kanaafuu Pheexiroosii fi Yohaannis harka isaanii isaan irra kaa'an, isaanis Hafuura Qulqulluu fudhatan.18Amma Siimoon yeroo ergamootni harka nama irra kaa'an akka Hafuurri Qulqulluu kennamuu yammuu argu, ergamootaaf qarshii kenne. 19Innis "Namni ani harka irra kaa'u kamiyyuu akka Hafuura Qulqulluu fudhatu, aangoo kana anaafis kennaa" jedhe.20Garuu Pheexiroos akkana isaan jedhe "Sababa kenna Waaqayyoo qarshiidhaan bituuf yaadee, qarshiin kee si waliin haa badu." 21Onneen kee fuldura Waaqayyootti qajeelaa waan hin taaneef, tajaahila kana keessatti atti qooda hin qabdu. 22Kanaafuu hammeenya kee kanaaf yaada jijjiiradhu, Gooftaas kadhadhuu, innis yaada onnee keetii ilaalee dhiifama siif kenna ta'a. 23Ani akka ati summii hadhaa'aadhaan guutamtee fi hidhaa hafuura xuraa'aa keessa jirtuun si arga.24Siimoon akkana jechuun deebise "Waanti ati jette kun akka ana irratti hin taane Gooftaa naa kadhadhuu."25Pheexiroosiif Yohaannis erga dhugaa bahanii fi dubbii Gooftaa dubbatanii booda, gandoota baay'ee Samaariyaa keessatti Wangeela lallabaa gara Iyyarusaaleemitti deebi'an.26Maleekaan Gooftaas "ka'iitii gara kibbaa daandii isa Iyyaruusaaleemii gara Gaazaatti (Daandiin kunis gamoojii /lafa ho'aa/)fidduutti gad-bu'ii" jechuun Filiiphoositti dubbate. 27Innis ka'ee deeme. Daandii isaa irratti, "Nama Itiyoophiyaadhaa dhufe, kan fuudhuu hin dandeenye, kan Handaakee mootittii (giftii) Itiyoophiyaa jalatti aangoo guddaa qabu tokkotti dhufe. Innis qabeenya ishii hunda irratti ajajaa ture. Innis sagadaaf gara Iyyaruusaaleemitti dhufe. 28Gaarii (Sargallaa) isaa irra taa'ee yammuu deebi'u kitaaba raajicha Isaayyaas dubbisa ture29Hafuurris Filiiphoosiin "Deemi gara gaarii (sargallaa) kanatti dhiyaadhu" jedheen. 30Kanaafuu Filiiphoosis dafee gara isaa dhaqee raajii Isaayyaas otoo dubbisuu dhagayee "Waan dubbisaa jirtu kana hubbattaayii?" jedheen. 31Innis akkana jedhe "otoo namni naa ibsuu hin jiraatiin, akkamittin beekuu danda'aa?" Innis akka Filiiphoos gaarii (sargallaa) isaatti bahee isa bira taa'uu afeere.32Kutaan kitaabni namichi Itiyoophiyaa dubbisaa jiru sun kanaa dha; "Inni akkuma hoolaa bakka qalamutti hoofame akkuma ilmoo hoolaattis fuldura rifeensa isaa muranii caldhisuutti, akkasuma afaan isaa hin baanne. 33Gad-ofi qabuu isaatiin murtii qajeelaa dhabe waayee dhaloota isaa guutummaan eenyutuu dubbachuu danda'a? Jireenyi isaas lafa irraa fudhatameera."34Kanaafuu namichi fuudhuu hin dandeenye kunis Filiiphoosiin, "Siin kadhadha, natti himi raajichi waa'ee eenyu dubbata, waa'ee ofii isaati moo waa'ee nama biraati?" jedheen gaafate. 35Filiiphosis waayee kitaaba kanaa jalqabaa irraa kaasee Wangeela waayee Iyyasuus lallabeef.36Isaanis otuma deema jiranu daandii irratti bishaanitti dhufan, achumaan namichis akkana jedhe "Laali, kunoo bishaan as ni jira. 3738Akkan hin cuuphamne maaltuu na doowwa? Namni Itiiyoophiyaa kunis akka gaaricha (sargalicha) dhaaban godhe. Innii fi Filiiphoos, isaan lachuu bishaan keessa bu'ani Filiiphoos isa cuuphe.39Yammuu bishaan keessaa bahan Hafuura Gooftaa Filiiphoos fudhate, namichi fudhuu hin dandeenye kanaan booda isa hin argine, garuu baay'ee gamadaa karaa isaa deeme. 40Filiiphoos garuu Azaaxoos keessatti muldhachuun hanga gara Qiisaariyaa dhufuutti naannoo sana keessa deemuun magaalotaa hunda keessatti Wangeela lallabe.
1Saa'ool garuu ammas, barattota Goftaa ajjeesuuf dubbachaa akkanumas dorsisaa gara luba ol-aanaa deeme. 2Innis nama kamiyyuu dhirootas ta'ee dubartoota isaan karaa kana (wangeelaa) jala jiran hunda hidhe gara Iyyaruusaaleemitti fiduu akka danda'uu mana sagadaa Damaasqoo jiraniif akka barreessuuf lubbicha gaafate.3Otuma deema jiruu yammuu gara Damaasqootti dhiyaatu battaluma ifti samiidhaa naannawa isaatti calaqise. 4Innis lafatti kufuun sagalee akkana isaan jedhu dhagayee "Saa'ool, Saa'ool maaliif na ariiyatta?"5Saa'oolis deebisuu, "Ati eenyuu dha, Gooftaa?" Gooftaanis "Ani Iyyasuus isa ati ariyachaa jirtuu dha" jedheen. 6Ammas ka'ii gara magaalaatti seeni, waan gochuu qabdus sitti himama." 7Namootni Saa'ool waliin deemaa jiraniiyyus sagalee dhagahuu malee nama tokkollee waan hin argineef otoo homaa hin dubbatiin dhabatan.8Saa'oo lafaa ol-ka'e, yammuu ija isaa banuus, waan tokkollee arguu hin dandeenye, kanaafuu isaan harka qabuun gara Damaasqootti isa fidan. 9Ijii isaa guyyoota sadiiyif homaa arguu hin dandeenye, homaa hin nyaannes, hin dhugnes.10Damaasqoo keessa barataan maqaan Hanaaniyaa jedhamu tokkotu ture. Gooftaanis muldhataan "Hanaaniyaa" isaan jedhe. Innis "O yaa Gooftaa, asin jiran" jedhee. 11Gooftaanis akkana isaan jedhe "Ka'i, karaatti bayiitti gara daandii sorooraa jedhamee waamamuu gara mana Yihuudaa deemii nama Xarsees isa Saa'ool jedhamee waamamu kan kadhannaa irra jiru barbaadi. 12Innis namni Hanaaniyaa jedhamu gara isaa dhufee harka irra kaa'uun kadhateefii yammuu arguu danda'u muldhata argee jira.13Garuu Hanaaniyaan "Gooftaa, ani namoota baay'ee irraa waayee nama kanaa, akka inni qulqulloota kee Iyyaruusaaleem keessa jiraatan irra ammam akka hameenya hojjate dhagayeen jira. 14Innis namoota as-jiran isaan maqaa kee waaman hunda hidhaa keessa galchuuf angoo luba ol-aanaa irraa argatee jira" jedhee deebiseef. 15Garuu Gooftaan akkana isaan jedhe "Deemi, akka inni uummata warra ormaa, mototaa fi ilmaan Israa'eelitti fulduratti maqaa koo baatuuf mi'a (meeshaa) naaf filatamee dha. 16Anis akka inni waayee maqaa kootiiti jedhee rakkinni guddaa irra gahuu ittin agarsiisa."17Hanaaniyaanis dhaqee mana sana keessa seene. Harka isaas isa irra kaa'ee, akkana isaan jedhe "yaa obbollessa koo Saa'ool, Gooftaan Iyyasuus inni otoo ati dhufaa jirtu karaa irratti sitti muldhatu suun akka atti argituu kee fudhatuu fi Hafuura Qulqulluutiin guutamuu dandeessuu sitti na erge. 18Battaluma saan bu'e, argituu ija isaan ni fudhate, olka'ees ni cuuphame. 19Nyaata nyaachuun ni jabate. Innis Damaasqoo keessa barattoota waliin guyyota baay'eef ture.20Innis ennasuma mana sagadaa keessatti ka'e. 21Isaan isa dhagahaa jiran hundumtuu ajaa'ibfachuun "Namni kun namoota Iyyarusaaleem keessa jiraatan kanneen maqaa kana waaman balleessuuyyu sanaadhaa miti? Kan as-dhufeefis isaan hidhee gara luba ol-aanaatti geessuudhaafi. 22Saa'ool garuu baay'ee jajjabaachuu dhufe; Ayihuudoota warra Damaasqoos jiraatanii Iyyasuus inni Kiristoos ta'uu isaa ragaalee baay'ee dhiyeesuun isaan qaanesse.23Guyyoota baay'een booda, Ayihuudootni tokkummaan isa ajjeesuuf karoorfatan. 24Karoorri isaanii garuu Saa'ool biratti kan beekame ta'e. Isaanis isa ajjeesuuf halkanii fi guyyaa balbaloota magaalichaa eegu turan. 25Hordoftootni isaa garuu halkaniin fuudhanii zanbiila keessa kaa'uun dallaarraan gara alaatti isa buusan.26Yammuu inni gara Iyyaruusaaleem dhufe, Saa'ool barattootatti makamuu barbaadee ture, isaan garuu akka inni barataa ta'e waan hin amanneef hundi isaanii isa sodaatan. 27Barnaabaas garuu isa fuudhuun gara ergamootaatti fide, akkamitti akka Saa'ool daandii irratti Gooftaa argee fi Gooftaaniis akka isatti dubbate, Saa'oolis Damaasqoo keessatti ija jabeenyaan maqaa Gooftaa Iyyasuusiin dubbate isaanitti hime.28Saa'oolis isaan waliin bahee gala ture. Ija jabeenyaan maqaa Iyyasuusiin dubata ture. 29Yihuudota Giriikii dhufan waliinis walmorma, isaan garu isa ajjeesuuf barbaadan. 30Obboloonnis yammuu kana beekan, gara Qiisaariyaatti gad-buusanii gara Xarseesitti isa ergan.31Kanaafuu, waldaan Yihuudaa, Galiilaa fi Samaariyaa keessa jiran hundumtuu, nagaa argatan, ni jabaatanis, akkasumas sodaa Gooftaatiin deddeebi'aa Hafuura Qulqulluutiin jajjabaatan, waldaanis lakkoofsaan guddachaa deeman. 32Otoo kun akkana ta'aa jiru Pheexiroos naannoo sana hunda keessa adeemaa jiru, gara qulqulloota Waaqayyoo isaan magaalaa Liidaa keessa jiraatannitti gad-dhufe.33Achitti nama tokko kan Eniyaa jedhame waama.u, sababa laamsha'aa ta'eef kan waggoota saddeetiif siree irra ciisaa ture arge. 34Pheexiroosis "Eniyaa Iyyasuus Kiristoos si fayyisee jiraa, ka'iitii siree kee hafadhu" isaan jedhe; Innis ennasuma ka'e. 35Kanaafuu namootni Liidaa fi shaaroonaa keessa jiraatan hundi nama kana arguu gara Gooftaatti dacha'an.36Yoophee keessa baratuun maqaan ishii Xaabiitaa (hiikni isaan Doorqaa jechuu dha) jedhamtu tokkotu turte. Dubartiin kunis gochoota gaarii hojjachuun kan guutamtee fi iyyeeyyiidhaafis kan arjoomtuu dha. 37Guyyootuma sanatti dhukkubsachuun duute, namootnis reenfa ishii dhiqanii kutaa ol-gubbaa (fooqii) jiru tokko keessa ciibsan.38Lidaan Yoopheef dhiyoo waan taateef, baratootniis akka Pheexiroos achi jiru dhagahan, isaanis namoota lama gara isaatti ergani "Otoo hin turii dafi nutti kootu" jedhanii kadhatan. 39Pheexiroosiis ka'ee jara waliin deeme, yammuu achi gahuus isa fuudhanii gara kutaa ol-gubbaatti (fooqiitti) baasan, dubartootni dhirsa hinqabne hundi isaanii isa bukkee (cinaa) dhaabachuun uffata (huccuu) adda addaa kan Doorqaan yammuu isaan waliin jirtu kan hojjatte itti argisiisuun boo'an.40Pheexiroosis hunda isaanii kutaadhaa gara alaatti isaan baase, jilbeefates kadhate, gara reenfaatti gargalee, akkana jedhe, "Xaabiitaa ka'i." Akkasumaan ishiinis Ija ishii baantee Pheexiroos argitee kaatee teesse. 41Achiin Pheexiroos harka ishii qabuun ol kaase, yammuu inni qulqullota Waaqayyoo fi dubartoota dhirsa hin qabne waamee jiraa ishii isaaniif kenne. 42Waantii kun Yoophee hunda keessatti beekame, uummanni baay'eenis Gooftaatti amanan. 43Waantii kunis akka Pheexiroos guyyota dheeraaf Yoophee keessa nama maqaan isa Simi'oon jedhamu isa gogaa (kaldhee) duugu waliin turu taasise.
1Namni Qisaariyaa keessa jiraatuu tokko kan maqaan isaa Qornooliwoos jedhamutu ture, innis kutaa humna waraana xaaliyaaqii keessatti ajajaa dhibbaa ture. 2Innis maatii isaa hunda waliib jireenya hafuuraatiin cimanifi kan Waaqayyoo sodaatan, warra harka-qaldheeyyi (hiyyeeyyii) dhaa arjummaadhaan kenna kennu, akkasumas walitti fufiinsaan Waaqayyoo kadhatu ture.3Innis guyyaa keessaa gara sa'aatii sagaliitti, Maleekaan Waaqaa gara isaa dhufu muldhataan ifatti arge. Maleekichis "Qornooliwoos" isaan jedhe. 4Qornooliwoosiis naasuun xiyyeefannaan maleeka ilaaluun sodaadhaan akkan isaan jedhe; "Yaa Gooftaa, maalii dha?" Maleekichis immoo akkana isaan jedhe "Kadhanni keefuu kenni ati goote arsaa ta'ee fuldura Waaqayyoo yaadannoo ta'ee ga'eera. 5Ammas gara magaalaa yoopheetti namoota ergitii isaanis nama maqaan isaa Simi'oon innis Pheexiroos jedhamee waamamuu haa fidan. 6Innis nama Simi'oon jedhamu, isa gogaa (kadhee) duugu kan manni isaa qarqara galaanaa ta'e waliin jiraata.7Yammuu Maleekicha inni isa waliin dubbataa ture dhiisee deemu, Qornoliiwoosis namoota mana isaa keessa tajaajilan keessaa lamaan isaaniifi akkasumas waardiyoota keessa tokko kan jireenya hafuuraatiin cimaa ta'eef isaafis amanamaa ta'e. 8Qornooliwoosis waan ta'e hunda isaaniitti humuun gara yoopheetti isaan erge.9Guyyaa itti fufutti warri ergaman sun otuma adeemaa jiranu yammu gara Magaalaatti dhiyaatan, yeroo gara sa'aatii jahaatti, Pheexiroos kadhannadhaaf gara manaa isa kutaa ol-gubbaatti baye. 10Innis beelayee waa nyaachuu barbaade, otuma namootni nyaata qopheessa jiranu, muldhanni itti dhufe. 11Innis samii baname yammuu wanti akka huccuu guddaa tokko marame gara lafaatti karaa kallatti arfaniinu gadi bu'u arge. 12Isa keessas wantootni adda addaa hundi horiin miila afuriin deeman, wantootni lafa irra lowan fi simbiroon samii hundatu jira ture.13Ennas sagaaleen "Pheexiroos, ka'iiti qalii nyaadhu" jedhu dhagaye. 14Pheexiroos garuu "Lakki, yaa Gooftaa, ani takkuma waan xuraa'aa fi hin qulqullofne nyaadhee hin beeku" jedhe. 15Sagaleen yeroo lammaffaaf deebise itti dhufe "Waan Waaqayyoo qulqulluu taasisee hojjate, ati xuraa'aadha jettee waamuu hin dandeessu." 16Kunis yeroo sadii ta'e, achuumaan waanti akka huccuu sun battaluma gara samii keessaatti olfadhatame.17Otuma Pheexiroos waay'ee waantii muldhataan arge sun maal akka ta'e baay'ee bitaa itti galee jiru, namootni isaan Qornooliwoos erge sun mana iyyaafachaa dhufanii balbala irra dhaabatan. 18Isaanis sagalee ol-kaasanii akka Simii'oon inni Pheexiroos jedhamu, achi jiraachuu gaafatan.19Otuma Pheexiroos waa'ee muldhatichaa yaadaa jiru, Hafuurri "Kunoo, namootni sadii si-barbaadaa jiru" isaan jedhe. 20"Ka'iti gadi bu'i, isaan waliins deemi. Anatu erge waan ta'eef, isaan waliin deemuf hin mamiin."21Kanaafuu Pheexiroos gara namootaati gadi bu'ee akkana jedhe "Ani isa isin barbaaddanii dha, maaliif dhuftanii?"22Isaniis akkana jedhan "Nuti ajajaa dhibbaa, kan maqaan Qornooliwoos jedhamu biraa dhufne, innis nama qulqullu fi Waaqayyoo sodaatuu dha, saba Yihuudotaa hunda biraattis kan fudhatama qabu, innis si waamee ergaa atti dubbattu dhaga'uuf ajajame." 23Pheexiroosis namoota kana akka mana seenanii isa waliin turan affere.24Isaanis guyya itti fufu gara Qiisaariyaa dhufan. Qornooliwoosis isaan eega ture, innis firoota isaa fi hiriyoota itti dhiyaatan walitti waame.25Akkuma Pheexiroos dhufee mana seeneen, Qornooliwoos simachuun isaaf sagaduuf miila isaa jallatti kufe. 26Pheexiroos garuu akka olka'u gargaaruun "Ka'ii dhaabadhu, ani immoo namaa dha" jedheen.27Yammuu Pheexiroos isa waliin haasa'aa gara keessaa seenu uummata baayinaan walitti qabaman arge. 28Innis akkana isaaniin jedhe "Akka namni Yihuudaa tokko namoota alaa (ormaa) waliin jiraachuu yookin dhaqee ilaaluu (mildhachuu) hin dandeenye seeraan dhoowwamaa akka ta'e isinumti ofuma keessaniinuu ni beektu. Garuu Waaqayyoo akkan ani kamiiniyyuu xuraa'aa dha yookin qulqulluu mitti hin jenneen natti muldhisee jira. 29Sababa kanaafi, yaammu natti ergamu kanan ani mamii malee dhufe. Kanaafu akka maaliif namoota natti ergitaniifin isin gaafaa dha.30Qornooliwoosis "Guyyoota afuriin dura sa'aatidhuma kanatti, ani manuma kootti sa'aatii saglaffaatti kadhata irran jira ture, battaluma namni uffata (huccuu) calaqisu uffatu tokko fuldura koo dhaabate" jedhe. 31Innis "Qornooliwoos, kadhannaan kee Waaqayyo biratti dhagahamee jira, kenni (arsaan) kees Waaqayyoo biratti si yaadatameera. 32Kanaafuu gara Yoopheetti nama ergi, Simi'oon isa Pheexiroos jedhamee waamamu sana gara keetti waami. Innis mana nama gogaa (kaldhee) duuguu isa Simi'oon jedhame waamamu waliin qarqara galaanaa jiraata" jedheen.33Anis yeroodhuma sanattiin nama sitti erge. Atis dhufuu keetti gaarii goote. Amma kun nuti hundi keenya waan Gooftaan siin jedhee ati nu barsiiftuu dhagayuuf as ija Waaqayyoo fulduratti argamnee jira.34Akkasuma Pheexiroos akkana jedhe "Dhugaadhumaan akka Waaqayyo nama wal-hin caachifne hubadhe. 35Haa ta'uu garu, saba hunda keessaa nama isa sodaatuuf waan sirrii (gaarii) Waaqayyoo fulduratti fudhatama qabu hojjatuu hundi ni simatama.36Isin ergaa Waaqayyoo uummata Israa'eelitti, yammuu inni oduu gammachisaa waa'ee nageenyaa karaa Iyyasuus Kiristoos, isa Gooftaa hundaatiin ergu dhageessanii jirutu. Waan Yihuudaa hunda keessatti kanaan dura yeroo tokkotti uumame isin ofuma kessanii ni beektu. 37Isin waan cuuphaa Yoohannis Galiilaa irraa jalqabee Yuhuudaa hunda keessatti lalabee kanaan dura yeroo tokko uumame isin ofuma keessaniin ni beektu. 38Waantichis waa'ee Iyyasuus nama Naazireet, akkamitti akka Waaqayyoo Hafuura Qulqulluu fi humnaa isa dibee dha. Innis waan gaarii hojjachuu fi namoote isaan hafuuri hamaan garboomse hunda fayyisuun naannayee, Waaqayyoos isa waliin jira ture.39Nuttis waan Iyyasuus biyyaa Yihuudaa fi Iyyaruusaaleem lachuu keessatti hojjate hundaaf dhugaa baatota. Isaanis fannoo mukaa irratti isa fannisuun ajjeessan. 40Waaqayyoo garu guyyaa sadaffaatti isa kaasee akka muldhatu isa godhe. 41Uummata hundatti miti, garuu erga du'aa ka'ee booda waliin nyaanne dhugnees, dhugaa baatota isaas taane. Waaqayyo dursee nu filatetti malee.42Innis akka nuti namootaaf lallabnuu fi akka inni nama Waaqayyoo warra jiraataa fi warra du'ani irratti abbaa murtii godhee angoo kenneefii akka dhugaa baanuuf nu ajaje. 43Raajonnis waa'ee isaa akka namni hunduu isaan isatti amananii maqaa isaattiin dhifama cubbu fudhatan dhugaa bahanii jiru."44Otuma Pheexiroos waanneen kana dubbachaa jiru, Hafuurri Qulqulluu ergaa kana dhagahaa jiran hunda isaanii guute. 45Uummatni isaan garee warra kittaanamani, amanan, isaan Pheexiroos waliin dhufan. Sababa kenni Afuura Qulqulluu uummata ormaa irratti dhangala'u yammuu argan diniqfatan.46Isaanis waan uummatni ormaa kun afaan haaraadhaan dubbatanii fi Waaqayyoo ulfeessan dhagahaniif. Pheexiroosis deebiseef 47"Namoota akkuma keenya isaan Hafuura Qulqulluu fudhatan kana akka hin cuphamnee bishaan irraa isaan dhowuu danda'u jiraa!" 48Ennasuma innis akka maqaa Iyyasuus Kiristoosiin cuphaman isaan ajaje. Isaanis akka Pheexiroos guyyoota gabaabaaf isaan waliin turuuf gaafatan.
1Amma ergamootnii fi obboloonii isaan Yihuudaa keessa jiraatan akka warrii ormaas dubbii Waaqayyoo fudhatan dhagayan. 2Yammuu Pheexiroos gara Iyyaruusaaleemitti oldhufu, isaan warri garee kittaanamanii jala jiran yaada mormii isa irratti kaasan. 3Isaanis "Ati namoota hin kittaanamne waliin hirmaachuun isaan waliin nyaatte" jedhaniin.4Pheexiroos garu waan ta'e baldhinaan akkana jechuun isaaniif ibsuu jalqabe, 5"Otoon ani magaalaa Yoophee keessatti kadhanaa irra jiruu, yaada qalbeeffannaa keessa muldhataan yammuu waanti tokko uffata (huccuu) guddaa (baldhaa)dhaan qabamee kallatti arfaniinuu samiidhaa gad-bu'un arge. Innis gara kootti gad-bu'e. 6Anis itti xiyyeefachuun waa'ee isaa yaade, beeyladoota miila afurii, bineensota bosonaa wantoota lafa irra lo'anii fi simbiroota samii arge."7Anis sagaleen "Pheexiroos, ol-ka'i qaliitti nyaadhu!" jedhu yammuu natti dhufuun dhagayee.8Anis "Hin ta'u, yaa Gooftaa, waanti qulqulluu hin taane yookin waantii xuraawaan takkumaa afaan koo keessa hin galle." 9Garuu sagaleen samii irraa "Waan Waaqayyoo qulqulleeseen ati xuraawaa dha hin jedhiin" jedhe. 10Kunis yeroo sadii ta'e, akkasumaan waantii hunduu deebi'ee gara samii keessatti ol-fudhatame.11Enaadhuma sana, namootni sadii, isaan Qiisaariyaa dhaa gara koottii ergamanii fuuldura mana nuti keessa turre dura dhaabatan. 12Hafuuris akkan isaan waliin deemuu na ajaje, anis otoon waan addaa (garaa garummaa) hin uumne. Obbolloonni ja'an kunis ana waliin deeman, nutis mana namichaa deemne. 13Innis akkamitti innifi maatiin isaa, akkamiitti akka Maleekini mana isaa keessa dhaabate nutti hime. 14Innis ergaa isa atiifii maatiin mana keetii hundi ittiin fayyitan sitti hima.15Akkuman isaanitti dubbachuu jalqabee, Hafuurri Qulqulluun akkuma gaaf-jalqabaa nurratti dhufe, akkasuma isaan irrattis dhufe. 16Ani dubbiiwwan Gooftaa, akkamitti inni 'Yohaannis bishaaniin cuuphe, isin garuu Hafuura Qulqulluutiin cuuphamtu' jedhe nan yaadadhe.17Kanaafuu yoo Waaqayyo kennaa yammuu nutti Gooftaa Iyyasuus Kiristoositti amannu nuf kenne sana akkasuma isaaniifis kenne, ani eenyuudha, inni ani Waaqayyoon murmuu danda'u?" 18Yammuu isaan waantoota kana dhagayan, waaan jedhanii deebisan dhaban, garuu Waaqayyo ulfeessan, akkana jedhan "Waaqayyo warra ormaas gara jireenyaatti fiduuf jijjiirraa yaadaa isaaniif kenne."19Sababa ariiyatamni Isxiifanoos irratti ka'een warrii bittinaa'an sun Phoonqee, Qopheroosii fi Antsookiyaa keessatti dubbi Waaqayyoo Yihuudoota qofaaf lallabaa adeeman. 20Garuu isaan keessa namootni muraasni Qophiroosii fi Qareenaadhaa dhufan gara Antsookiyaa dhaquun wangeela waa'ee Gooftaa Iyyasuus warra Giriikotaatiifis immoo lallaban. 21Harki Gooftaas isaan waliin jira ture, namootni baay'eetti lakkaa'amanis amanuun gara Gooftaatti deebi'an.22Oduun waa'ee isaan gara gurra waldaa Iyyarusaaleem keessa jirtuutti dhufe. Kanaafu, isaanis gara Antsokiyaatti Barnaabaas ergan. 23Innis yammuu dhufee ayyaana (kenna)Waaqayyoo argu baay'ee gamadee akka onneen hunda isaanii Gooftaadhaa ciman usaan jajjabeesse. 24Innis nama gaarii, Hafuura Qulqulluu fi amantiidhaan guutame ture, namootni baay'eenis gara Gooftaatti dabalamanii turan.25Barnaabaas sirritti Saa'ool barbaacha gara Xarsees deeme. 26Innis yammuu isa argu, gara Antsookiyaatti isa fide, gara guutuu waggaa tokkoo waldaa waliin walitti qabamaa uummata baay'ee ta'an barsiisan. Barattootnis Antsookiyaatti yeroo jalqabaatiif Kiristaanota jedhamanii waamaman.27Guyyootuma kanatti raajotni tokko tokko Iyyaruusaaleemii gara Antsookiyaatti dhufan. 28Isaan keessa tokko, kan maqaan isa Agaaboos jedhamu, ka'ee dhaabate Hafuuraan akka beelli guddaan addunyaa hunda irratti ta'u agarsiise. Kunis bara Qalaadiwoos keessa raawwatame.29Kanaafuu barattotni hundi isaanii ammuma ofii danda'an gargaarsa walitti qabanii obboloota Yihuudaa jiraniif erguudhaaf murteessan. 30Isaanis kana ni godhan, harka Barnabaasii fi Saa'oolitti qarshii jarsooliidhaa ergan.
1Baruma sanatti Heroodis inni mooticha namoota waldaa jala jiran tokko tokko isaan irratti harka isaa diriirsuun isaan jeeqa ture. 2Innis Yaa'iqoob isa obbolleessa Yohaannis guraadee (mencaa)dhaan morma irraa kutuun ajjeesse.3Gochi kunis akka Yihuudota gammachiise yammu arge Pheexiroosis dabalee qabe. Sunis yeroo ayyaana qiixxa keessa ture. 4Innis erga isa qabee booda, gara mana hidhaatti isa darbachuun booda akka isa eeganiif loltoota gareewwan afuri isa irratti ramade. Innis ayyaana Faasigaatiin booda akka gara fuldura uummataatti isa fidaniif yaadeeti.5Kanaafu Pheexiroos mana hidaa keessatti eegama ture, haa ta'u malee waldaa keessatti waa'ee isaa kaadhannaan cimaan gara Waaqayyootti ni taasifama ture. 6Halkanuma sana, Heroods rakkina isa irratti uumuuf waan yaadeef otoo gara uummataatti hin baasiinin dura, Pheexiroos sansalata lamaan hidhame loltoota lama walakaa rafa ture, waardiyooni eeganis balbala dura dhabachuun mana hidhaa to'atu turan.7Battaluma sana Maleekni Gooftaa tokko muldhate, kutaa mana hidhaa sana keessattis ifti ife. Maleekni sunis cinaacha Pheexiroos dhawun dammaqsuun akkana isaan jedhe "Daddafii ol-ka'i" sansalanni harka isaattis irraa harca'e. 8Maleekichis "Uffata (huccuu) kee uffadhu, kophee kees godhadhu" isaa jedhe. Pheexiroosis akkanuma godhe. Maleekichis akkana isaan jedhe "Uffata (huccuu) kee isa irraa of-irra buusii na hordofi."9Kanaafuu Pheexiroos Maleekicha hordofuun alatti bahe. Innis dhugaa maaltu akka Maleekichaan hojjatama jiru hin beekne. Waan muldhata argu isatti fakkate. 10Erga waardiyya isa jalqabaa fi isa lammaffa bira darbanii booda, gara balbala sibiilaa isa gara magaalaati baasuutti dhufan, innis ofuma isaatti isaanii baname. Isaanis gara alaatti bahun otoo daandii tokko irra gad-deemaa jiranu, Maleekichi isa dhiisee biraa deeme.11Pheexiroosis yammu gara qalbii isaatti deebi'u, akkana jedhe "Amma ani akka Gooftaan Maleeka isaa naaf ergee harka Heeroodsii fi waan Yihuudootni eegan sana hunda jalaa na baase dhugaadhumaan beekeen jira!" 12Innis yammu kana hubatu gara mana Maariyaam ishii haadha Yohaannis akkasumas Maarqoos jedhamuu, bakka namootni baay'een walitti qabamanii kadhataa turanitti dhufe.13Yammu inni balbala isa alaa rurrukute, intalli tajaajiltuun maqaan ishii Roodaa jedhamtu eenyu akka ta'e hubachuuf dhufte. 14Ishinis yammuu sagalee Pheexiroos ta'uu hubattu waan baay'ee gammaddeef balbala banuu dhiiftee fiigidde gara manaatti ol-seenuun akka Pheexiroos balbala irra dhaabachaa jiru gabaafte. 15Isaanis "Ati maraatuudhaa" jedhaniin. Ishiin garu akkasuma akka ta'e itti cimsite. Isaanis "Inni Maleeka isaati" jedhan.16Pheexiroos garuu balbala rurrukututti fufe, yammu isaan balbalicha bananis, isa arganii diniqfatan. 17Pheexiroosiis harka itti agarsiisuun akka caldhiisan godhee akkamitti akka Gooftaan mana hidhaa keessaa baasee isa fide isaanitti hime. Innis "Waantota kanneen Yaa'iqoobii fi obbolootaaf gabaasaa" isaaniin jedhe. Achuman bakka sana dhiisuun bakka biraatti deeme.18Amma yammuu lafti bari'u, Pheexiroos irratti maaltuu ta'e jechuun loltoota jidduuti jeequmsi xiqaa hin taane uumame. 19Heerods erga Pheexiroos barbaachise argu hin dandeenyeen booda waardiyyoota sakatta'ee akka ajjeefamani ajaje. Heerodsis Yihuudaadhaa gara Qiisaariyaatti gad-bu'ee achi ture.20Heerodsis uummata Xiiroosii fi Siidoonaatti waliin lola qaba ture. Biyyi isaani nyaata kan argatan biyya mootichaatii waan tureef, garagaaraa (tajaajilaa) mootichaa kan ta'e nama Baalaasxoos jedhamu erga argatiin booda mooticha waliin walitti araaramuuf tokko ta'anii gaafatan. 21Guyyaa beellamaa sanatti Heerodsi uffannaa mootii uffachuun teessoo mootitni irra taa'anirra ta'e, innis haasawa isaaniif godhe.22Uummatnis sagalee ol-kaasuun "kun sagalee waaqaatidha, malee sagalee namaatii miti!" jedhan. 23Battalumatti sababa inni Waaqayyoof ulfina hin kenninee maleekni Gooftaa isa dhahe, innis raammoo dhaan nyaatame du'e.24Dubbiin Waaqayyoo garuu ni dabale, ni babaldhates. 25Kanaafuu Barnabaasii fi Saa'ool yammuu ergama saanii fixan gara Iyyaruusaaleemii deebi'an. Yohannis isa Maariqoos jedhamuu isaan waliin fidan.
1Waldaa Ansookiyaa keessa raajonnii fi barsiisoota jiru ture. Isaanis Barnaabaas, Simi'oon (isa Niigeer jedhamu) Luukiyoos Qareenaa, Maanaayeen (isa Heerods, abbaa biyyaa ta'e waliin guddate) fi Saa'ool turan. 2Yammuu isaan Gooftaa Waaqesanii fi xoomaa jiranuu Hafuurri Qulqulluun "Barnaabaasiif Saa'ool hojiin ani isaan waameef naa fo'aa" jedhe. 3Isaanis erga xoomani kadhatanii fi harka irra kaa'anii booda isaan ergan.4Kanaafuu Barnaabaasii fi Saa'ool Hafuura Qulqulluutiin ergamanii, gara Saaluuqiyaatti gad-bu'an, achuumaan gara Qoophuroositti dooniidhaan deeman. 5Yammuu magaalaa Saalaamis keessa gahan mana sagadaa Yihuudootaa keessatti sagalee Waaqayyoo lallaban. Yohaannisis akka isaan gargaaruu qabatanii turan.6Isaanis biyyoota galaana keessa jiran hunda, kan nama Yihuuda ta'ee raajaa sobaa tokko falfalaa maqaan isaas Baryasuus jedhamu achitti argan. 7Falfalaan kunis namicha beekaa bulchaa biyya kan Sargiwoos Phaawuloos jedhamu waliin ture. Namni kunis sababa dubbii Waaqayyoo dhagahuu barbaadeef Barnaabaasii fi Saa'ool ofitti waamee. 8Garuu Eliimaas "Inni falfaltichi" (hiiknii maqaa isaatti akkanumaa dha) kun akka namichi bulchaa biyyaa kun amantiirraa deebi'uuf yaalii gochuun isaaniin morma ture.9Garuu Saa'ool inni Phaawuloos jedhamee waamamu Hafuura Qulqulluun guutamuun, gara isaa xiyyeefannan ilaaluun 10akkana jedheen "sii ati diina qajeellumma hundaa,hameenyaa fi dabaan kan guutamte ilma Daabiloos, Ati karaa Gooftaa isa qajeelaa irra dabsuu (jallisuu) kan hin dhabne, siidhaa mitii?11Amma garuu, harkii Gooftaa sirra jira, jaamaa taatas, kanaan booda yeroo muraasaaf illee biiftuu hin argitu." Battalumatti dumessifii dukkanni Eliimaas irratti bu'e, innis nama harka isa qabee isa qajeelchuu barbaada naannawu jalqabe. 12Bulchaan biyyaa sunis waan ta'a jiru argee amane, barumsa waa'ee Gooftaas dinqisiifate.13Phaawuloosii fi hiriyoonni isaa doonii qopheeffachuu Phaafuudha gara Phergaa isa Phamfiiliyaa keessatti dhufan. Yohaannis garu achumatti isaan dhiisuun gara Iyyaruusaaleemitti deebi'e. 14Phaawuloosii fi hiriyoonni isaa Phergaa dhaa ka'anii gara Antsookiyaa ishii Phisdiyaatti argamtuutti deeman. Isaanis guyyaa Sanbataas gara mana sagadaa keessa seenanii taa'an. 15Erga kitaaba seeraa fi raajotaa keessa dubbifamee booda, geggeesitootni mana sagadaa "Yaa obboloota ergaa uumata asi jiran jajjabeessu yoo qabaattan, dubbadhaa" jechuun isaanitti ergan.16Phaawuloosis ol-ka'ee harka isa olqabuun "Yaa namoota Israa'eel fi isin warri Waaqayyo soddaattan, dhagaha. 17Waaqni saba Israa'eel kanaa abbota keenya filatee otoo isaan biyyaa Misira keessa jiraata turan isaan ulfeesse, irree isaa isa cimaadhaa achi baasee isaan geggeesse. 18Lafa onaa keessa gara waggota afurtamaa obsa isaa isaanirra godhe.19Erga saboota torba kanneen biyya Kana'aan keessa jiran barbadeessee booda, lfa isaanii uummata keenyaa kennuun dhaalchise. 20Waantootni kun hundu waggota 450 olfudhate. Waantoota kana hunda booda, waaqayyo hanga Saamu'eel isa raajichaatti abboota firdii isaaniif kenne.2121Yammu uummani akka mootiin isaaniif kennamu isa gaafatan Waaqayyoo Saa'ool ilma Qiis, nama qomoon isaa Biniyaam ta'e, isaaniif kenne, innis waggoota afurtama isaan mo'ee. 2222Erga Waaqayyoo mootumma irraa isa buusee, Daawiit akka mootii isaanii ta'u kaasee, Waaqayyoos waa'ee Daawiit "Ani nama akka garaa kootii ta'e Daawiit ilma Iseeyi argadheera, inni waan ani akka hojjatuuf barbaadu hunda ni hojjata" jedhee dhugaa isaaf bahe.23Sanyiidhuma nama kanaa irraa Waaqayyoo fayyisaa, Iyyasuus, Israa'eelif fiduudhaan akkuma akkuma abdachise godhe. 24Otoo Iyyasuus hin dhufiiniin dura Yohaannis cuuphaa qalbii jijjiirachuu saba Israa'eel hundaaf lallabe. 25Yohaannis ergama usaa otoo xumuraa jiruu; "Isin akkan ani eenyu ta'e yaaduu?" jedhe. Ani mee isaa dha miti. Dhageeffadhaa, garuu kophee miila isaa hiikuuf kaniin ani ga'uumsa hin qabne tokko inni na duubaan ni dhufa" jedhe.26Yaa obboloota ilmaan sanyii Abrihaam, akkasumas isaan Waaqa sodaataa walakkaa keessan jiran, waanti kun, inni ergaa waa'ee fayyinaa ta'e nuuf ergame. 27Warra isaan Iyyaruusaaleem keessa jiraatanii fi bulchoonni isaani warra Iyyasuus hin beekne (hubanne) haa ta'u malee sagaleen raajotaa inni guyyaa sanbataa hunda dubbisan sun akka raawwatamuuf isatti faradan.28Sababa ajjeechaan isa gahu yoo argachuu baatan baatanille, akka isa ajjeesuuf Philaaxoos waaman. 29Yammuu waa'ee isaa waantootni barreeffaman hundi raawwatan, fannoo irraa isa gad-buusanii awwaala keessa isa ciibsan.30Waaqayyoo garuu du'a keessaa isa kaase. 31Galiilaa irraa jalqabee hanga Iyyaruusaleemitti kanneen isa waliin guyyoota baay'ee itti muldhatee jira. Namootni kun amma uummata hundaaf dhugaa baatota isaati.32Kanaafuu nuti oduu gammachisaa, abdii abboota keenyaaf kennamee ture sana isinitti himna. 33Waaqayyoo Iyyasuus du'aa kaasuun kakuu nuuf ilmaan isaaniitiif raawwate. Akkuma Kiitaaba Faaruu boqonnaa lama keessatti akkana jedhamee barreeffame "Ati Ilma kootii hardha Ani Abbaa kee ta'eera."34Akkuma inni du'aa isa kaase malee gonkumaa deebi'ee akka hin bosbosne, inni akkana dubbate. "Ani eebbaa isa qulqullaa'aa fi mirkanaa'aa Daawiitiif abdii galamen isinii kenna."35Kanaafu Faarfannaa keessatti bakka biraatti akkuma jedhame "Ati qulqulicha kee akka bosbosuuf dabarsitee hin kennitu."36Dawiit bara isaa feedhii Waaqayyoo tajaajilee boqote, abboota isaa walii ciisee foon isaa bosbosa arge. 37Inni garuu kan Waaqayyoo du'aa isa kaase bosbosa hin argine.38Kanaafuu, yaa obboloota, karaa nama kanaatiin dhiifamni cubbuu akka isiniif lallabame, isinnitti kan beekame haa ta'u. Seerri Musee isin qulqulleessuu hin danda'u. 39Waaqayyoo garu nama kanaan isaan amanan hundaaf qulqullina kenneera.40Kanaafuu isin waan raajonni dubbattan sun isin irratti akka hin raawwatamnee ofeegadha. 41"Isin warri qoostan ilaala diniqfadha, badaas eenyumtuu yoo isinitti hime waan isin hin amanneen ani bara keessanitti hojjadha."42Phaawuloosii fi Barnaabaas otoo bahaa jiranu, uummani dubbiidhuma akkanaa hanga sanbata itti fufuutti akka deebisan dubbatan isaan kadhatan. 43Yammuu wal-gayiin mana sagadaa raawwatu, Yihuudootnii fi namootni amantii fudhatanii itti ciman baay'een isaanii Phaawuloosii fi Barnaabaas hordofan, isaanis isaan waliin dudubbachuun akka ayyaana Waaqayyootiin cimuu itti fufan isaan gorsan.44Sanbata itti aanuutti uummanni magaalichaa hunda ta'an dubbi Gooftaa dhaga'uuf walitti qabaman. 45Yihuudotni yammu tuuta kana argan inaaffaadhaan guutaman, faallaa dubbii Phaawuloosiif Barnaabaas dubbatanii dubbachuudhaan isaan arrabsan (habaaran)46Phaawuloosiif Barnaabaas garuu sodaa tokko malee akkana jechuun dubbatan "Duraan dursee dubbiin Waaqayyoo isinitti himamuun barbaachisaadha ture, isin immoo dubbii kana ofi irraa dhiibuun jireenyi barabaraa akka waan isini hin malleetti of-gootan, ilaala, nuti amma gara warra ormaatti gargalla. 47Gooftaan akkana jedhee waan nu ajajeef "Ani akka ati namoota ormaatii ifa taate hanga qarqara lafaatti fayyina fidduuf si fildheera."48Akkuma namootni ormaa waan kana dhaga'aniin baay'ee gamadanii dubbii Gooftaas ulfeessan. Warri jireenya barabaraatii filaataman hundis amanan. 49Dubbiin Gooftaa naannoo sana keessa hundatti babaldhate.50Yihuudootni garuu dubartoota amantiin ciccimoo ta'aniifi kan jiruudhaan ulfina qaban akkasumas dhirota magaalattiti bebbeekamoo ta'an kakaasan. Isaani Phaawuloosiif Barnaabaas irratti ari'annaa kaasanii naannoo isaanitti baasan. 51Phaawuloosiif Barnaabaas gara warra isaan mormaanitti awwaara miila isaanii dhadha'an. Isaanis achumaan gara magaalaa Iqooniyaa deeman. 52Baratootnis gammachuuf Hafuura Qulqullutiin guutaman.
1Phaawuloosiif Barnaabaas akkuma muuxanno kanaan duraatti Iqooniyamitti mana sagada Yihuudootaa waliin seenan dubbachuun Yihuudoitaaf Giriikoota lachuu keessaa namootni lakkofsaan. baay'atan amanan. 2Yihuudootni isaan amantii kanaaf hin ajajamne garu namoota orma kakaasuun akka isaan obbolootatti hadhaa'aa ta'an godhan.3Kanaafu isaanis yeroo dheeraadhaf achi turan, humna Gooftaatinis sodaa tokko malee dubbatan; Gooftaanis dubbii ayyaana isaa yammu isaan dubbatan dinqii fi mallattoo ajaa'ibsisaadhaan isaaniif raggasisa ture. 4Uummanni magaalichaas gargar qoodamee, gareen muraasni Yihuudoota waliin, kaan immo ergaamtoota waliin ta'an.5Namootni ormaa fi Yihuudotni lamaanuu (dura butoota isaanii waliin) isaan jeequu fi dhagaadhaan isaan dhawuuf yaadan. 6Isaan garuu ergaa waan kana beekanii gara magaalota Luqaaniyaa isaan Lisxiraa fi Darbeetti akkasumas naannawa isaanitti baqatan, 7bakka sanattis Wangeela lallabuutti fufan.8Lisxiraattis, namni tokko kan dhaloota isaa irraa jalqabee miilli isaa laamsa'ee naafa ta'e, adeemuu kan hin dandeenyetu taa'e ture. 9Namni kunis yammuu Phaawuloos dubbatuni dhaggeefata ture. Phaawuloosiis xiyyeefannaan ija isaa isarra go.dhee fayyuudhaaf akka amantii qabu arge. 10Innis sagalee guddaadhaan "ol-ka'ii miila keetiin dhaabadhu" isaan jedhe. Kanaafuu namichi ol-utaalee ka'uun asiifi achi deeme.11Tuutni kunis yammuu waan Phaawuloos godhe argan, sagalee isaanii ol kaasan afaan Liiqooniyaatiin "waaqoleen bifa namaatiin gara keenyatti gad-dhufan" jedhan. 12Isaanis Barnaabaasin 'Zewos' Phaawulopsiin immoo sababa inni dubbataa isa dursaa ta'eef 'Harmees' jechuun waaman. 13Lubni mana qulqullu Zawoos inni magaalaa alatti argamuu kormaa fi goonfoo abaaboo uummata heddu ta'an waliin aarsaa isaaniif gochuuf fide.14Ergamootnis Barnaabaasiif Phaawuloos yammuu kana dhagahan uffata (huccuu) isaanii tarsaasuun dhafanii gara tuutaatti figan, akkana jechuunis iyyan 15"Yaa namoota, isin maaliif waantoota kana gootu? Nuti mee akkuma keessan namootaa dha. Nuti oduu gammachiisaa isinitti himnaa yoos isin waan faayidaa hin qaabne kana irra gara Waaqa jiraataatti, isa samiif ardii, galaanaaf waantoota isaan keessa jiran hunda uumetti deebi'aa. 16Inni baroota darban keessa sabootni akka karaa ofi filatanii deemaniif isaan dhise.17Haa ta'u malee dhugaa bayiinsa malee of hindhiifne, samii irraa roobsuun inni waan gaarii hojachuun bokkaa samii irraa roobsuun waqtii firii guutuu, soorataa fi oonnee keessan gammachuun guute. 18Erga jechoota kana dubbatanii bppda illee, Phaawuloosiif Barnaabaas akka namootni isaaniif hin arsine kan dhoowwan yaalii guddaadhaani.19Garuu Yihuudotni muraasni Antsookiyaa fi Iqooniyaamii uummata gara ofiitti deebisan. Phaawuloos dhagaadhaan tumuun waan du'e isaanitti fakkaatee magaalaa alatti harkisanii baasan. 20Ta'ullee otuma barattotni isa marsanii jiranuu ka'ee magaalaa keessa seene, guyyaa itti fufus Barnaabaas waliin gara Darbe deeme.21Magaalaa sana keessatti erga wangeela Lisxiiraa, Iqooniyaa fi Antsookiyaatti deebi'an. 22Isaanis ruhii (keessa) barattoota jajabeessan, akka isaan amantiitti cimuun itti fufan gorsan ,akkanas jedhan "Nuti gara mootummaa Waaqayyootti galuuf rakkina (dhiphona) baay'ee keessa darbuu qabna."23Erga isaan waldaa hundaa hundaa keessatti jaarsolii filachiisanii booda Gooftaa amananitti xoomaan kadhatanii isaan dabarsanii imaanaa Kennan. 24Achiin Phisdiyaa keessa darbanii gara Phamfiiliyaatti dhufan. 25Isaanis Pheergaa keessatti ergaa dubbachuun gara Axaaliyaatti gad-dhufan. 26Achii ka'uun hojii hanga ammatti raawwataniif ayyana Waaqayyootti bakka itti kennaman! Ka'aniitti gara magaalaa Antsookiyaatti dooniidhaan deebi'an.27Erga Antsookiyaatti gahanii booda waldaa walitti qabanii, waantoota Waaqayyoo isaan waliin hojjate hundaafii, akkasumas akkamitti balbala amantii Warren ormaatiif banee isaaniif gabaasan. 28Isaanis yeroo dheeraadhaaf barattota waliin turan.
1Namootni tokko tokko Yihuudaadhaa gara Antsookiyaatti gad-bu'uun, "Isin akka seera Museetti you kittaanamtan malee, Isin fayyuu hin dandeessan" jechuun obboloota barsiisan. 2Waantii Kunis akka Phaawuloosiifi Barnaabaas isaan waliin namootni biroos akka gara Iyyaruusaaleem deemanii ergamootaa find jaarsolii waliin waa'ee gaafii kanaa walqunnaman filataman.3Isaanis kanaafuu, waldaa sanaan ergamanii, adeemsa isaanii irrattis Fiinqee fi Antsookiyaa keessa darbuun akka warri ormaa gara amantiitti deebi'an hima. Kunis obboloota hundaaf gammachuu guddaa fide. 4Isaanii yammuu gara Iyyaruusaaleemitti dhufan, isaanis waldaadhaan, ergamootaanii fi jaarsoliidhaan baga nagaan dhuftan jedhamanii simataman, isaanis waan Waaqayyoo karaa isaaniitiin hojjate gabaasan.5Garuu namootni muraasa isaan amanan, isaan garee Fariisootaa jala jiran, ka'an dhaabachuun "Warra ormaa kana akka kittaanamanii fi akka seera Musee eegan gochuun ni barbaachisa" jedhan. 6Kanaafuu ergamoonnii fi jaarsoliin akka waan kan xiinxalaanii walitti qabaman.7Mormii guddaadhaan booda Pheexiroos olka'ee dhaabachuun akkana isaaniin jedhe."Yaa obboloota, akka Waaqayyoo yeroo gabaabaan dura namootni ormaa akka afaan kootiin dubbii wangeelaa dhagahanii amananii jedhee isin keessa na filate isinuu ni beektu." 8Waaqayyo, inni onnee hundaa beeku, akkuma nuuf kenne akkasuma Hafuura Qulqulluu isaaniifis kennuun dhugaa isaaniif bahe. 9Onnee isaanii amantiidhaan qulqulleessun, nuufiisaan walakaatti garaa garuummaa homaa hin gone.10Egaa amma maaliif qanbara (harqoota) nuriif abboonni keenya baachuu hin dandeenya maaliif gateetti barattootaa irratti fe'uun maliif Waaqayyo qortu? 11Nuutis garuu akkuma isaanii akka karaa ayyaana Gooftaa Iyyasuusiin fayyina arganne ni amanna.12Tuutni hundi yammuu Barnaabaasii fi Phaawuloos mallattoolee fi dinqisiisoo Waaqayyoo karaa isaaniitiin warroota ormaa jiddutti hojjate caldhisanii dhaggeeffatuyyu.13Erga isaan dubbii xumuraniin booda, yaa'iqoob"Yaa obboloota na dhagaha, 14Simi'oon akkamitti akka Waaqayyoo duraan dursee arjummaa isaatiin namoota ormaa keessaa saba tokko maqaa isaatiif akka filatu" isaaniin jedhe.15Dubbiin raajootaas inni akkana jedhamee barreefame kana waliin waliigala; 16"Kana boodas nan deebi'a, deebiseen Dunkaana Daawiit isa diigames ijaara,mootumma isaas deebiseen haaromsa. 17Kunis akka namootni hafan na barbaadan; warra ormaa hundaa dabalatee akka maqaa kootiin waamamaniifi 18jedha Gooftaan waantoota kana kan bara duriitii jalqabe beekamu godhe."1919Kanaafuu akka namootni ormaa isaan gara Waaqayyootti deebi'an sana rakkisuun hin qabne ani murteesseen jira. 2020Garuu nuti akka isaan waaqa tolfamaaf faalaman irraa sagaagalummaa irraa fi foon horii ofiin du'anii nyaachuu irraa of-eegan isaanii ni barreessina. 2121Seerri Musees dhaloota durii irraa jalqabee magaalota hunda keessatti akka lallabamee fi mana sagadaa keessatti guyyaa sanbataa hunda dubbatamee dha.22Yammuu kana ergamootnii fi jaarsoliin waldaa hunda waliin ta'uun isaan keessa Yihuudaa isa Barsaabaas jedhamee waamamuu fi Siilaas, isaan dura bu'oota obbolaa turan filachuun akka Phaawuloosiif Barnaabaas waliin gara Antsookiyaatti isaan ergan. 23Isaanis kan harka isaanitiin barressan "Obboloota keessan, ergamootaa fi jaarsoolii irraa, obboloota ormaa Antsookiyaa, Sooriyaa fi Kilqiyaa keessa jiraattaniif; Nagaan isin haagahu!24Sababa namootni tokko tokko eyyama keenya malee ni biraa dhufanii dubbii dhaan ruhii (keessa) keessan dhiphisaa akka jiran dhageenyeera. 25Yaada tokkoon walii galee, namoota fillee isiniif erguun gaarii ta'e waan argineef jaalatamoota keenya kan ta'an Barnaabaasii fi Phaawuloos waliin isaan isinii erginee jirra. 26Isaanis namoota lubbuu isaanii dabarsanii maqaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kennanii dha.27Kanaafuu waan barreessine akkasumatti jechoota ofi isaaniittin isiniif gabaasaniif Yihuudaa fi Siilaas erginee jirra. 28Waantoota barbaachiisaa kanneen malee kana caala akka waan biraa isin irratti hin feene, Hafuura Qulqulluu fi nu birattis garii ta'ee nutti muldhateera. 29Kunis akka isin wantoota arsaa waaqa tolfamee, dhiiga, foon horii ofiin du'anii, sagaagalummaa fi kan kana fakkaatan irra of eegdan, waan gaarii hojjattan.30Isaaniis yammuu achii bahanii gara Antsookiyaatti dhufan erga tuuta walitti qabanii booda, xalayaa itti kennen. 31Yammuu isaan xalayicha sana dubbisan, sababa jajjabeenya argataniif ni gammadan. 32Yihuudaa fi siilaas, akkasumas raajotni dubbii baay'eedhaan gorsaa isaan cimsan, jajjabeessanis.33Bakka sana yeroo xiiqoo erga turanii booda obbolootatti nagaa dhamuun gara namoota isaan erganitti deebi'an. 34- 35Phawuloosuu fi Barnaabaasis garuu dubbii Gooftaa barsiisaa fi lallabaa (namoota biroo baay'ee waliin ta'un) achi turan.36Phawuloosis guyyoota muraasaan booda Barnaabaasiin "Mee amma kaanee obboloota magaalota hunda keessatti argaman isaan kanaan dura dubbii Gooftaa lallabneef akkaataa jireenya isaanii haa mildhannu" jedheen. 37Barnaabaasis Yohaannis isaa Maariqoos jedhamee waamamuu isaan waliin fudhachuu barbaade. 38Phaawuloos garuu Maarqoos inni isaan biraa Phamfiiliyaadha isaan biraa deebi'ee hojiitti hin taane yaade.39Kanaafuu garaagarumman cimaan walkaa isaanitti uumame. Waan kana ta'eef gar-gar bahan, Barnaabaas Marqoos waliin, dooniidhaan gara Qoophroos. 40Phaaquloos immoo garuu Siilaas filate; erga obboloonni ayyaana Gooftaatti imaanaa kennanii booda deeme. 41Innis waldoota jajjabeessa Sooriyaa fi Kilqiyaa keessa darbe.
1Phaawuloosis immoo gara Darbee fi Lisxiraatti dhufe, achittis barataa tokko maqaan isaa Xiimootewoos jedhamu kan haati isaa dubartii Yihuudaa taate, kan amante, abbaan isa garu nama Giriikii ture. 2Obbolaan Lisxiraa fi Iqooniyaa keessa jiran gaarummaa isaa dubbatu turan. 3Phaawuloos akka Xiimootewoos isa waliin deemu barbaade, kanaafuu sababa Yihuudotni bakka sana jiraatan jedhee isa kittaane, waan hundi isaanii akka abbaan isaa nama Giriikii ta'e waan beekaniif ture.4Isaanis akkuma magaalota keessa deemaa darban murtii waan jaarsooliif ergamoonni Iyyarusaaleemitti dabarsan fuudhanii akka ammantootni ajajamaniif isaanif dabarsu turan. 5Waldoonnis amantiidhaan cimaa fi lakkofsaanis guyyuma guyyaan dabalaa deemu turan.6Phaawuloosiif hiriyoonisaa kan waliin jiran Hafuurri Qulqullu akka isaan Isiyaa keessatti dubbii (wangeela) hin lallabne waan isaan dhowweef naannoo Forgiyaa fi Galaatiyaa keessa darban. 7Yammuu gara Misiyaatti dhiyaatan, Biitaaniyaa keessa seenuuf yaadan, haa ta'u malee Hafuurri Iyyasuus isaan dhoowwe. 8Kanaafuu, karaa Misiyaatiin darbanii gara magaalaa Xiiroositti gad-dhufan.9Phaawuloosis halkan sanatti namni Maqedooniyaa tokko dhaabatee "Gara Maqedooniyaa kootuutti nu garagaari" jedhee isa kadhatuu muldhataa arge. 10Yammuu Phaawuloos muldhaticha argu, akka Waaqayyoo wangeela isaaniif lallabnuu nu waame jenne waan murteessineef battaluma sanatti gara Maqedooniyaa deemuuf kaane.11Xiro'aadadhaa dooniidhaan kaanee gara Saamtiraaqeetti qajeelle guyyaa itti fufu gara Naaphoolitti dhufne. 12Achiis kaanee gara Filiiphisiyuus deemne, ishinis magaalaa Maqeedooniyaa kan taate, magaalaa kutaa sanaaf baay'ee barbaachiftuu taateefi warra Roomaanotaa jalatti kan bulaa turtee dha, nutis guyyoota baay'ee magaalaa sana keessa turee. 13Guyyaa sanbataatti achii baanee gara qarqara lagaatti deemne, bakka sunis akka bakka kadhannaa ta'e waan nutti fakkaateef. Nutis bakka sana teenye dubartoota achitti walitti qabamaniif lallabne.14Dubartiin maqaan ishii Liidiyaa jedhamtu tokko, ishinis daldaaltuu uffata (huccuu) haarrii diimaa kana magaala Tiyaaxiroonii dhufte, kan Waaqa waaqaeffatu, nu dhaggeeffatti turte, waan Phaawuloos dubbatu akka xiyyeeffannoo dhaggeefatuufis Gooftaan onnee ishii banee ture. 15Ishinis maatii ishii waliin erga cuuphamtee booda, Ishiinis "Yoo isin akkan ani Gooftaatti amanuu koo dhugaadhumaan beektan, kootaatii mana koo turaa" jette; ciminaanis nu gaafatte16Waa'eedhuma kanaa, otoo bakka kadhannaa deemaa jirruu durbii garbittin tokko kan hafuura xibaaraa qabdu nutti dhufte. Ishiin waa himeen galii baay'ee gooftaa ishitiif galchitti turte. 17Dubartiin kunis Phaawuloosiif nu hordofuun sagalee ol kaaftee "Naamootni kun tajaajiltoota Waaqa guddaati. Isaanis waayee karaa fayyinaa isiniif lallabu" jette. 18Ishinis waan kana guyyoota baay'eef gote. Phaawuloos garu baayee waan jeeqameef gara ishitti garagaluun hafuurichaan "Ani maqaa Iyyasuus Kiristoosinan si ajajaa ishii keessaa bahi" jedhe. Yeroodhuma sanas hafuurichis bahe.19Yammuu gooftaan ishii akka abdiin galii isaa jalaa hafu argu, Phaawuloosiif Siilaas qabuun lafa irra harkiisuun bakka gabaatti warra abbaa taayitaa fuldurratti isaan fidan. 20Yammuu isaan qabanii fuldura moototiitti fidan, akkana jedhan "Namootni kun otoo Yihuudoota ta'anii jirannu, jeequmsa magaalaa keenyaatiif sababa dha." 21Isaaniis taateewwan seeraan alaa kan warra Roomeetiin fudhatamuu fi raawwatamuu hin qabne lallabu.22Tuutnis tokko ta'uun Phaawuloosiif Siilaasitti ka'an, moototni akka uffata (huccuu) isaanii irraa baasanii reeban (tumman) ajajan. 23Erga akka maleetti isaan raabanii booda, mana hidhaa isaan darbatanii akka wardiyyichii jabeessee eeguu ajaje. 24Wardiyyichis erga ajaja kana argatee booda, mana hidhaa, isa kutaa keessaatti isaan darbataniu miila isaanii jabeesaanii jirmatti hidhan.25Gara naannoo halkan walakkatti Phaawuloosiif Siilaas kadhataa fi faaruudhaan otoo Waaqayyoo galateeffachaa jiru turan, hidhamtootni kaanis isaan dhageeffatu turan. 26Battaluma sanatti hollanni lafaa guddaan ta'e, kanaafuu hundeen mana hidhaas raafame, akkasuumas balballi mana hidhaa hundumtuu baname; hidhaan namoota hundaa hikkamee.27Wardiyicha mana hidhaa sana eeguus hirribaa damaqee balballi mana hidhaa banamee yammuu argu, waan hidhamtootni isa harkaa bahan itti fakkatee of-ajjeesuudhaaf guuraadee isaa huqqifate.28Phaawuloos garuu, sagalee isaa ol-kaasee "Nuti hundii keenya waan as jirruuf akka of irratti hamaa hin hojjane" jedheen.29Waardiyichiis ibsaa akka fidaniifi waamuun dafee gara keessatti galuun hollachaa Phaawuloosiif Siilaas jalatti kufe. 30Isaanis gad-baasee "gooftoota akkan fayyuuf maal gochuun qaba?" jedheen. 31Isaanis "Gooftaa Iyyasuusitti amani, atiif maatiin kees ni fayyitu" jedhaniin.32Isaanis dubbi Gooftaa isaafii namoota mana isaajiran hundaaf lallaban. 33Waardiyichiis yeroodhuma sana halkaniin isaan fuudhe madaa isaanii dhiqe, inni fi warri mana isaa keessa jiran hundi ennasuma cuuphaman. 34Innis akkuma Phaawuloosiif Siilaas gara mana isaatti waamee nyaata fuldura isaanitti dhiyeesse, maatii isaa hunda waliin waan Waaqayyootti amaneef gammachuu gudhadhaan guutame.35Amma yammu lafti bari'uu moototni "Namoota sana gad-lakkisaa" jechuun wardiyyootatti ergan. 36Wardiyyichis gabaasa ergaa sana Phaawuloosiif "Moototni akkan isiin baasuuf ergaa natti erganii jiruu, kanaafuu ammas koottaa baha, nagaadhaanis deemaa" jedheen.37Phaawuloos garuu "otoo nutti lammiiwwan Roomee taanee jiru murtii malee uummata fulduratti nu reebanii (rukutanii) achiinis gara mana hidhaatti nu darbatan, amma isaan dhooksaadhaan baasanii nu erguu barbaaduu? Kun hin ta'u ofuma isaaniitiin dhufani nu haa baasan" isaaniin jedhe. 38Waardiyyooniis wantoota kana moototaaf gabaasan, isaanis yammuu Phaawuloosiif Siilaas lammii Roomee ta'uu dhagahan nahan. 39Moototni dhufanii dhiifama isaan gaafachuu, isaan baasuun, akka magaalicha keessaa bahanii deemanii isaan gaafatan.40Kanaafuu Phaawuloosiif Siilaas mana hidhaa keessaa bahanii gara mana Liidiyaatti dhufan. Phaawuloosiif Siilaasiis yammuu obboloota argan, erga jajjabeessanii booda magaalicha gad-lakkisanii deeman.
1Yammuu isaan magaaloota Amfiiphoolis fi Aphooloniyaa keessa darbanii gara magaala Tasaloonqee, bakka manni sagadaa Yihuudootaa jirtutti dhufan. 2Phaawuloos akkuma amala isaatii, gara isaanii deemee, guyyoota sanbataa sadiif kitaaba keessaa kaasuun isaan waliin dudubate.3Innis kitaaba banuun, akka Kiristoos irra rakkini (dhiphinni) gahuun qabuu fi du'aas ka'uu akka qabu barbaachisaa ta'u isaa, ibsaa godhe. Innis akkana jedhe "Iyyasuus innin isinii lallabuu kun Kiristoosu dha." 4Yihuudootniis muraasini isaanii amanuudhaan Phaawuloosiif Siilaas makaman, akkanumas Giriikonni lakkoofsaan baay'ee ta'an kan amantiitti cimanii fi lakkoofsi isaanii xiqaa kan hin taane dubartootni beekamoonis isaanitti makaman.5Yihuudootnis warri hin amanne garuu, inaaffaadhaan waan guutamaniif lafa gabaatii kashalabboota fudhachuun, tuuta walitti sasaabanii, magaalattiin akka jeeqamtu godhan. Phaawuloosiif Siilaas gara uummataatti fiduuf waan barbaadaniif gara mana Iyaasoonitti dafanii deeman. 6Haa ta'uu malee yammuu barbaadanii isaan dhaban, Iyyaasooniif obboloota kaanis harkisuun gara magaalaatti fuldura warra aangoo qabanitti akkana jechaa iyyaa isaan fidan. "Namootni kun isaan addunyaa kana gaggaragalchan asis immoo dhufanii jiru; 7namootni isaan Iyyaasoonin simataman kun seera Qeesaariin faallaa dhaabachuun inni biraa Mootichi- Iyyasuusi dha jedhu.8Isaanis uumataa fi abbaa aangoota magaalichaa isaan waantoota kana dhagahan hunda jeqan." 9Garuu erga Iyaasooni fi isaan hafan irra wabi fuudhuun gad-lakkisan.10Obbollonnis halkanuma sana Phaawuloosiif Siilaas gara Beeriyaatti isaan ergan. Yammuu achi gahan, gara mana sagada Yihuudootaa deeman. 11Uummanni kun kanneen isaan Tasaloonqee keessa jiranii caala qalbii qabeeyyii turan, sababa isaan fedhii guutuudhaan duubbii sana fudhatanii akka dhugaa ta'ee fi hin taane ilaaluuf jedhanii guyyaa guyyaadhaan kitaaba qorachaa turan. 12Kanaafuu baay'een isaan, dubartoota Giriikii beekamoon muraasnii fi namoota baay'ee dabalatee amanan.13Ta'uus Yihuudootni, Tasaloonqee Phawuloos akka inni Beeriyaattu immoo dubbii Waaqayyoo akka lallabu yammuu dhagahan, rakkoo uumuun uummata jeeqan. 14Achiin battalummatti, obbolloonni Phaawuloos gara galaanaa akka deemuuf ergan, Siilaasif Ximootiwoos garuu achi turan. 15Namootni isaan Phaawuloos gaggesanis hanga Ateenaatti isa fidan. Isaanis akkuma Phaawuloos achitti dhisaniin, isaanis ajaja Siilaasiif Ximootiwoosiif hanga danda'ametti dafani akka isa bira dhufan jedhu isa biraa fudhatan.16Phaawuloos otuma Ateenaa keessatti isaan eega jiru akka magaalaattiin waaqota tolchaman guutamuu ishii yammuu argu, hafuurri isaa isa keessatti raafame. 17Kanaafuu inni guyyaa hunda mana sagadaa keessatti Yihuudootaaf warra kaaniin isaan Waaqayyo waaqeessan, akkasumas immoo lafa gabaattis isaan achiitti arge waliin wal morma ture.18Haa ta'u malee garuu Filoosoofartootni Ephiqoorostii fi Istooyikoonni tokko tokko isaan falmu turan. Muraasini "Namtichi lafalafu (dudubatu) kun maal jechuu yaalaa?" jedhan. Kaanis "Inni isaa namoota akka hordoofaniif namoota gara waaqota hin beekamnee (keesummaa ta'anii)tti waamuu dha" jedhan. Sababa inni wangeela waa'ee Iyyasuusiifi du'aa ka'iinsa lallabuufi ture.19Isaanis Phaawuloos fuudhanii bakka Aariyoosfaagoos isa fidanii, "Baruumsa haaraa isa atti dubbattu kana beekuu dandeenyaa?" jedhan. 20Ati waantoota haaraa ta'an tokko tokko gara gurra keenyaatti fidaa jirtaa. Kanaafuu waantootni kun maal jechuu akka ta'an beekuu barbaadna." 21(Namootni Ateenaa hundii fi keesummoonni (namootni haaraan) achi keessa jiraatan yeroo isaanii kan dabarsan waayee waan haaraa dubachuu yookin dhagahuu malee hommattiyyuu miti.)22Phaawuloosis bakka Aariyoosfaagoos sana walkaa dhaabatee akkana jedhe. "Isin yaa namoota Ateena karaa hundaanuu akka isin namoota amantii taatan nan arga. 23Akkuman otoo naanna'aa darbuu waantoota isin waaqeffatan hubadhetti, iddoo arsaa tokko barreefamni 'waaqa hin beekamneef' jedhe irratti maxamfamen arge. Kanaafuu isin otoo hin beekin kan waaqeffattan kun maal akka ta'en isinitti hima.24Waaqni inni addunyaa hundaa fi wantoota isa ardii (lafaa) waan ta'eef mana qulqulluu harka namaatiin hojjatame keessa hin jiraatu. 25Inni namoota hundaaf jireenyaa fi hafuura akkasumas wantoota biroo hafan hundas kan kennu waan ta'eef waanti inni dhabe barbaadu tokkolle waan hin jireef harka namaatiin hin tajaajilamu.26Inni nama tokko irraa uummata sabootaa hunda uumee akka lafa irra jiraatan gochuun, bara jireenya isaanii fi bakka naannoo jireenya isaanii isaaniif murteesse. 27Kunis akka isaan Waaqayyoo barabaadan akkasumas karaan isaanii isa duukaa ta'uun itti dhagahame akka isa argataniif kanas ta'u inni tokko tokkoo keenya irraa fagoodhaa miti.28Nuti kan jiraanu fi kan sochoonnu akkasumas jireenya kan arganne isaan, akkuma weelliftoota keessaa tokko "Akkasumas immoo nuti sanyii isaatii dha" jedhetti 29Kanaafuu nuti waan ilmaa (sanyii) Waaqayyoo taaneef ga'umsa Waaqayyoo waan akka warqii, meetiif yookin fakkenya dhagaa isaan ogummaa fi beekumsa namaatiin tolchaman fakkaatuudhaa miti.30Kanaafuu Waaqayyoo yeroo wallaalummaa cufuun, amma garuu inni namoota hunda bakka hundaa akka qalbii jijjiirratan ajaja. 31Kunis sababa inni guyyaan yammuu qulqullummaan addunyaa irratti karaa nama isa filateetiin murtii itti kennuu qopheeseefiidha. Waqaayyoos nama kana du'aa isa kaasuun mirkaneesee jira."32Amma namootni Ateenaa yammuu waa'ee du'aa ka'iinsaa dhagahan, muraasni isaanii Phaawuloos jeqan, kaanneen garu "Nuti waa'ee dhimma kana amma deebinee dhageenya" jedhan. 33Sana booda, Phaawuloos dhiisee deeme. 34Namootni tokko tokko garu, Diyoonaasiyoos namni Aariyoosfaagoos, dubartiin maqaan ishii Damaariis jedhamtuu fi kan isaan waliin jiran kannennis, isaan wal-qunnaman, ni amananis.
1Waantoota kanaan booda Phaawuloos Ateenaa dhisuun gara qorontoos deeme. 2Achittis nama Yihuudaa kan, dhalootaan Phaanxoos ta'ee maqaan isaa Aqiilaa jedhamu, arge, innis haadha mana isaa Phirisqiilaa waliin sababa Yihuudootni hunduu Roomee keessaa akka bahanii Qalaawudoos ajajeef Xaaliyaanii dhaa yeroo dhiyootti dhufe. Phaawuloosis gara isaanii dhaqe, 3innis akkuma isaanii hojii wal-fakkaataa waan hojjatuuf, dunkaanaa hodhaa isaan waliin ture.4Phaawuloosis guyyaa sanbataa hunda mana sagadaa keessatti Yihuudootaaf Giriiikoota lachuu waliin dudubbachuun akka amananii yaalaa ture. 5Amma yammuu Siilaasiif Xiimotiwoos Maaqeedooniyaadha gad-dhufan, phaawuloos lallaba dubbitti of cimsuun, warra Yihuudootaatii Iyyasuus akka Kiristoos ta'e dhugaa isaaniif bahee. 6Haa ta'u malee yammu Yihuudootni isaan mormanii fi isa arrabsan (habaaran), Phaawuloos uffata (huccuu) isaa isaanitti urgufuun akkana isaaniin jedhe, "Dhigni keessan mataadhuma keessan irratti haa ta'u, ani qulqulluu dha, ammaan achi ani gara warra ormaan deema."7Innis achii bahee gara mana maqaan isaa Tiiqoos Juusxoos jedhamu, nama isa Waaqa waaqeffatuutti dhufe. Manni isaas mana sagadaatti aanee kan jiruudha. 8Qarisphoos, bulchaa mana sagadaa kan ta'e maatii isaa hunda waliin Gooftaatti amane, warri Qorontoosis isaan waa'ee kanaa dhagahan baay'een ni amanan ni cuuphamanis.9Gooftaan halkan keessa muldhataan Phaawuloosin akkana jedhe "Dubbadhu malee hin sodaatiin, hin caldhisiinis. 10Ani siin waliinin jira, namni tokkolee si miidhuu hin danda'u, ani magaala kana keessa nama baay'een qaba." 11Phaawulos dubbii Waaqayyoo isaan barsiisaa waggaa tokkoof ji'a jaha achi jiraate.12Yammuu Gaaliyoon bulchaa Akayaa ta'u garuu, Yihuudootni waliigaluun ka'ani Phaawuloosin mormuun gara bakka mana murtii fulduratti isa fidanii, 13isaanis "Namni kun faallaa seeraattin akka uummanni Waaqa waaqeessan dogongoraan kakaasaa jira" jedhan.14Otuma Phaawuloos dubbachuuf jedhuu, Gaaliyoon Yihudootaan akkana jedhe "Yaa Yihuudoota, otoo waanti kun dhugaadhumaan dogongora yookin yakka ta'e turee, isinin dhagaha ture. 15Haa ta'u malee gaafiiwwan keessan kanneen waa'ee jechootaf maqootaa akkasumas waa'ee seera keessani waan ta'eef, isinumti ofuma keessaniin fixadhaa. Ani waan akkanaatii murtii kennuu hin fedhu."16Gaaliyoon akka isaan bakka mana murtii gad-dhisan godhe. 17Yammuu kana hundi isaanii bulchaa mana sagadaa kan ta'e, Susteeniyoos, fulduruma mana murtii sanaatti isa tuman. Garuu Gaaliyootti waantii isaan hojjatan kun homaa itti hin fakkanne.18Phaawuloosiis guyyoota dheeraadhaaf achi turee booda, obbolootatti nagaa dhaamuun Phirisqiilaaf Aqiilaa waliin dooniidhaan gara Sooriyaa deeme. Otoo qarqara galaanaa gad-hin dhiisiisiin dura, bakka Keenkiri'aatti, waan wareega qabuuf rifeensa mataa ofirraa haaddate. 19Yammuu gara Efeesoonitti isaan dhufan, Phaawuloos Phirisqiilaaf Aqiilaa achitti isaan dhisee, inni ofuma isaatiin gara mana sagadaa deemee Yihuudoota waliin duddubachuu jalqabe.20Yammuu isaan Phaawuloos isaan waliin yeroo dheeraaf akka turu gaafatan, inni hin sarminee (ni dide). 21Garuu akkuma isaan biraa ka'een, "Yoo Waaqayyoo eyyame gara keessanitti deebi'ee nana dhufa" jedhe. Innis akkasumaan dooniidhaan Efeesoonii deeme.22Phaawuloos yammu Qiisaariyaa gahu, gara Iyyaruusaaleemitti ol-deemee waldaa nagaa gaafatee, gara Antsokiyaatti gad-deeme. 23Erga yeroo muraasa achitti dabarsee booda, Phaawuloos barattoota hunda jajjabeessa naannoo Galaatiyaaf Pheergaa keessa deeme.24Namni maqaan isaa Aphiloos jedhamu, dhalootaan nama Aleeksaandaariyaa ta'e, gara Efeesoonitti dhufe. Innis dubbiidhaan arraba qabuu fi Kitaaba Qulqulluus sirriitti beekumsa qabuudha. 25Aphiloos barnoota Gooftaa kan barratedha, Hafuuraanis kan guutame, inni waayee Iyyasuus haalaan nama dubbatuufi barsiisuu dha, haa ta'u malee inni kan beekuu cuuphaa Yoohannis qofaa ture. 26Aphiloos mana sagadaa keessatti sodaa tokko malee ni dubbata. Garuu yammuu Phirisqiilaaf Aqiilaan isa dhagahan, gara tokkotti isa fuudhanii waayee karaa Waaqayyoo caala haalaan isaaf ibsan.27Yammuu inni gara Akiyaatti ol-darbuu barbaduu obbolonni isa jajjabeessanii akka barattootni isa simatanii xalayyaa barreessaniif. Yammuu achi gahuu, isaan warra ayyaana Waaqayyootti amananiif gargaarsa guddaa ta'e. 28Aphiloos, Iyyasuus akka inni Kiristoos ta'e Kitaaba Qulqulluu keessaa mirkaneessaa Ayihuudoota waliin ciminaan mormaa isaan amansiisa ture.
1Otoo Aphiloos Qorontoos jiru, Phaawuloos karaa olii keessa bahee gara magaalaa Efeesoonitti dhufe, barattoota tokko tokko achitti arge. 2Phaawuloosiis "Yammuu amantan Hafuura Qulqulluu fudhatanii jirtuu?"isaaniin jedhe.Isaanis "Lakki, siriidhumaa waa'ee Hafuura Qulqulluutuu hin dhageenye" isaan jedhan.3Phaawuloos "Yoos maaliin cuuphamtanree? jedheen. Isaanis "Cuuphaa Yohaannisiin" jedhan. 4Kanaafuu Phaawuloosis deebisee, "Cuuphaan Yohaannis cuphaa qalbii jijjiirrachuuti. Innis akka uummatni kan isa boodaan dhufu tokkotti, innis Iyyasuusitti akka amana himee ture.5Uummatnis yammuu kana dhagahan maqaa Gooftaa Iyyasuusin cuuphamani. 6Achiin yammuu Phaawuloos harka isaa isaan irra kaa'u, Haafurri Qulqulluu isaan irratti bu'e (dhufe), isaaniis afaan haaraadhaan dubbatan ni raajanis. 7Isaanis walumaagalatti gara kudha lamaa ta'u.8Phaawuloos gara mana sagadaa keessa galuun sodaa malee, waa'ee mootummaa Waaqayyoo dudubbachaa fi akka isaan amanan gochaa ji'oota sadii ture. 9Garuu yammuu Yihuudootni muraasni onnee jabeessanii ajajamuu diduun, uummata duratti waa'ee karaa kana waan hamaa dudubbachuu jalqaban. Kanaafuu Phaawuloos barattoota isa waliin fudhatee galma Xiraanoos keessatti guyyaa guyyaadhaan dudubbata ture. 10Kunis wagoota lamaaf itti fufe, kanaafuu warreen isaas Issiyaa jiraataan, Yihuudootnii fi Giriikonni hundi isaan dubbii Gooftaa dhagahan.11Waaqayyoos harkaa Phaawuloositti dinqii baay'ee ajaa'ibsiisaa ta'e hojjata ture. 12Waan kana ta'eef maarrabii fi uffata (huccuu) qaama (nafa) isaa tuqe illee gara warra dhukkubsatanii yoo geessan dhibee isaanii irraa ni fayyu akkasumas hafuurri xuraa'aaniis gad-isaan lakkisa ture.13Garuu Yihuudootni naannoo sana keessa adeeman ni jiru ture. Isaanis maqa Gooftaa Iyyasuus waamuu, kanaafuu isaanis yammuu "Maqaa Iyyasuus isa Phaawuloos lallabuutiin sin ajaja" jedhan hafuura xuraa'aa baasuuf yaalu turan. 14Lubnii ol-aanaan Yihuudootaa kan maqaan isa Asqewaa jedhamu tokko, isaan waan kana hojjatan ilmaan torba qaba ture.15Hafuurri xuraa'aanis akkana jedhee isaaniif deebiseef, "Iyyasuus nan beeka, Phaawuloosiis nan beeka; garuu isin eenyuu dha?" 16Namichi hafuura xuraa'aa dhaan qabame sunis utaalee hunda isaanii qabachuun isaanitti cimee tume. Isaaniis mammadaa'uun qullaa isaanii baqachaa manaa bahan. 17Kunis Yihuudootaaf Giriikoitaa lachuutti isaan Efeesoon jiraatan hundatti beekama dhufe. Isaanis baay'ee sodaatan, maqaa Gooftaa Iyyasuusis ni ulfeeffame.18Kanaafuu warri amanan baay'een isaanis dhufanii hojii haamaa kanaan dura hojjatan hunda himatan. 19Warrii hojii falfalaa raawwachaa turan keessaa baay'eenis kitaaba isaanii waliin fiduun namoota hunda fulduratti guban. Yammuu gatii isaan lakkaa'an meetii kuma shantama ture. 20Kanaafuu dubbiin Gooftaa humna gudaadhaan fafaca'uun baay'ee babaldhate.21Erga waantootni kun hunduu raawwatamanii booda, Phaawuloos Maqeedooniyaaf Akaaya keessa darbee gara Iyyaruusaaleemitti dhufuuf Hafuuraan murteesse, innis "erga achi gahee booda, Roomee arguun qaba" jedhe. 22Phaawuloos kan isa tajaajilan keessaa lamaan saanii, Xiimootiwoosif Eraasxoos gara Maqeedooniyaatti erge. Inni ofumasaatii garuu yeroodhaaf Isiyaa keessa ture.23Yeroodhuma sanatti waa'ee dhuma karaa kanaattin Efeesoon keessatti jeequmsi xiqqaa hin taane ka'e. 24Namni maqaan isaa Demeexiroos jedhamu tumtuu meetii kan ta'e inni Arxeemisii meetiidhaan totolchu, ogeeyyiidhaafis galii guddaa kan fiduufitu ture. 25Innis hojjatoota sana hunda waliitti qabuun akkana jedhen "Yaa namoota, akka hojii kanaan qarshii baay'ee argannuu isinuu ni beektu,26Isinuu argaa fi dhagahaa jirtuu, akka namni Phaawuloos jedhamu kun Efeesoon keessatti qofa otoo hin ta'iin, Isiyaa hunda keessattis malee, namoota baay'ee amansiisaa fi dogongoorsiisa garagalchaa akka jiru. Innis waaqonni harkaan tolchamab waaqota miti" jechaa jirra. 27Balaan kan dhufaa jiru garuu daldala (galii) keenya qofa irratti otoo hin ta'iin manni qulqulluu Arxeemis ulfinnii fi gaarummaan ishii ni salphata akkasumas baay'ee guddini fi guutummaan ishi kan Isiyaaf addunyaan hundi ishii waaqeessu kun duwwaa tati.28Isaanis yammu kana dhagahan, dallansuudhaan guutamaanii akkana jechuun iyyan, "Arxeemis warra Efeesoon guddoo dha". 29Magaalitiinis waantootni bitaa itti galuun guutamte, uummatnis yaada tokkoon gara bakka ti'aatirii keessaatti ariitiidhaan dhaqaan; Isaanis miiltoowwan Phaawuloos isaa Maqeedoniyaadha dhufan, Gaayoosiif Ariyaastraaqoos jedhamn qaban.30Phaawuloosis gara tuuta uummata keessa seenuu barbaadee ture, haa ta'u malee barattootni isa dhoowwan. 31Akkasumas kutaa Isiyaa Keessatti namootni aangoo irra jiran tokko tokkoo isaa hiriyaa Phaawuloos ta'an akka bakka ti'aatrii sana hiin seene ergaa itti erguun kadhatan. 32Tuutni sunis waan burjaaja'eef uummatni muraasni waan tokko kaanis immoo waan biraa jechuun iyyuu. Baay'een isaan maaliif akka walgahaaniyyuu hin beekan ture.33Tuuta keessaa tokko tokkoo isaan Yihuudoota turan, Aleeksaandar dhibuu akka isaanii mormuuf gara fulduraatti isa baasan. Kanaafuu Aleeksaandaris isaaniif mormuu barbaadee halka kaasuun akka caldhisanii mallattoo kenneef. 34Haa ta'u malee yammuu isaan akka inni nama Yihuudaa ta'uu hubatan, sagalee tokkoon sa'aatii lamaaf akkana jechuun iyyan "Arxeemis warra Efeesoon guddoo dha."35Barreessaan ol-aanaa magaalicha akka caldhisan gochuun, akkana jedhe "Isiin yaa namoota Efeesoon mana qulqullummaa Arxeemis ishii guddoo fi fakkiin ishi inni samii dha bu'e akka uummanni magaalaa Efeesoon eegduu akka ta'e namni hin beekne jiraa? 36Kanaafuu dhugaan kana kan mormuu waan hin jirreef akka tasgabbooftanii fi ariifatanii waan tokko gochuu irraa akka of qusattan. 37Namoota kana otoo isaan mana qulqullummaa kana hin saamiin yookin waaqaa keenya otoo hin arrabsiin akkasumaan qabdanii bakka fiddanii jirtu.38Kanaafuu Dimeexiroosis ta'e ogeeyyiin isa waliin jiran, eenyumarratuu yoo imannaa qabaattan manni murtii banaa dha, abbaan alangaas jiru. Himannaa keessan dhiyeefachuu ni dandeessu. 39Garuu yoo waan biraa waanuuma kamiyyuu dhiyeefachuu barbaaddan, walgayii idilee irratti ilaalamuun ni danda'ama. 40- 41Kanaafuu waan hardha ta'ee kun akkanumaan waan ta'eef sodaa keessa jira, yoo gaafatamnees deebisuuf sababa hin qabnu." Innis erga waan kan jedhee booda walgayicha gad-lakkise.
1Erga jeequmsa gab jedhee booda, Phaawuloos barattotatti ergee fichisiisuun erga jajjabeeseen booda nagaa itti dhaamuun gara Maqeedooniyaa deeme. 2Innis naannowwan darbu hunda keessatti dubbiiwwan baay'ee himuun isaan jajjabeessa, gara Giriikitti dhufe. 3Ji'oota sadii erga achitti dabarsee booda gara Sooriyaatti doonidhaan deemuuf qophiirra otoo jiru, Yihuudotaan isa irratti sadoon waan sadameef, kanaafuu karaa Maqeedooniyaatiin debi'uuf murteesse.4Hanga Isiiyaatti isa waliin deemuuf kan ka'an Beeriyaadha ilma Phiiroos kan ta'e Soophaaxiroos, Arisxaarkoosiif Sakondoos, lamaanuu amantoota Tasaloonqee irraa ta'an, Darbee irraa Gayiwos, Ximootiwoos fi Isiyaa irraayyis Tiqiiqoosii Xiroofeemos turan. 5Garuu namootni kun nu fuldura darbani Xiroo'aadaatti nu eegan. 6Ayyana qiixaatiin booda dooniidhaan Filiiphisiyuusii kaanee guyyoota shaniin booda gara isaanii xiiroositti dhufne. Achittis guyyoota torba turre.7Guyyaa jalqaba torbaniitti, yammuu nutii biddeenaa cabsachuuf walitti qabamnu, Phaawuloos amantootatti dubbate. Innis waan guyyaa itti fufu achii deemuu waan karoorseef, kanaafuu hanga halkan walakaatti haas'aa isaa dheeresse. 8Kutaa ol-gubbaa bakka itti walitti qabamne keessa ibsaa baay'eetuu jira ture.9Dargaaggeesi maqaan isaa Awuxaaqoos jedhamu tokko foddaa irra taa'a, innis hirribni itti dhufe ammuma Phaawuloos dubbii isaa dheeressu, innis hirriba cimaa keessa galuun mugee fooqii sadaffaa irraa kufee lafa dhahee reenfa isaa kaasan. 10Phaawuloosis gad-bu'e, isa irra diriiree ciisa, isas hammate." Lubbuun isaa waan isa keessa jirtuuf hin gaddiinaa" jedhe.11Innis kutaa ol-gubbaatti deebi'ee bahuun, biddeena cabsatee nyaate, hanga laftii bariyuuttiis erga isaan waliin baay'ee haasayee booda achii deeme. 12Isaanis dargaggeessi du'aa ka'ee sana of-fidani baay'ees jajjabaatan.13Nuti ofuma keenyaa Phaawuloos simachuuf dursinee dooniidhaan gara Asoon bakka nutti Phaawuloos fuudhuuf karoorfanne deemne. Kunis waan inni ofuma isaatti kan gochuuf barbaadeef dha, sababni isaa lafa deemuu waan inni karoorseef. 14Yammuu inni Asoonitti nu qunnamu doonidhaan isa fuunee gara Miixilii deemne.15Guyyaa itti fufus dooniidhaa achii kaanee karaa gama Kiyuus geenye. Guyyaa itti fufus Saamus bira geenye, bariitusaas immoo gara magaalaa Miilixus dhufne. 16Phaawuloos amma danda'ametti ayyana Pheenxeeqosxee Iyyaruusaaleem ta'uu waan ariifateef Isiyaa keessa turuu hin barbaadne, kanaafuu Efeesoon bira darbuuf murteesse.17Innis Miilixoniidhaa gara Efeesoonitti namoota erguun jaarsooliin waldaa gara ofiitti waamsise. 18Isaanis yammuu gara isaa dhufa, akkana isaaniin jedhe.19"Guyyaa jalqaba miilli koo Isiyaa keessa ijjate irraa kaasee, akkamittiin akka yeroo hunda yeroo koo isin waliin dabarsaa sadoo Yihuudootaa irraa kan ka'e rakkinni ana irra gahuu ilee, gad-ofi qabuu guddaa fi imimmaanii waliin, Gooftaa tajaajiluu itti fufeera. 20Otoo waan faayidaa qabuu isiniif lallabuu irraa of hin qabiin akkamitiin adda babayii fi manaa mana irra deemuun isin barsiise isinuu ni beektu, 21Yihuudootaa fi Giriikotaa lamaaniiyyuu qalbii jijjiirachuu gara Waaqayyootti deebi'aniin akka isaan Gooftaa keenya Iyyasuusitti amanan dhugaa bayeera.22Ammas ilaalaa, ani otoo waan achitti narra gahuuf jiru otoo hin beekiin gara Iyyaruusaaleem Hafuuraan dirqamee deemaa jiraa. 23Hafuurri Qulqulluu garuu akka magaalaa hundaa keessatti hidhamuuf rakkoon na eegatuu naa mirkanneessaa jira. 24Garuu ani figicha sana xumuruu fi tajaajila Gooftaan Iyyasuus natti kenne sana, ayyaana waaqayyoottin wangeela dhugaa bahutti, lubbuu koo ana biratti akka waan faayidaa hin qabneetti lakkaa'a.25Ammas ilaalaa, isin warriin ani isiin keessa naanna'ee waa'ee mootummaa Waaqayyoo lallabe, isin hundi keessan kanaan booda akka fuula koo hin argine nan beeka. 26Kanaafuu akkan ani ofii kootii dhiiga nama hundaa irra qulqulluu ta'e hardha guyyaa kanatti isiniifan dhugaa baha. 27Ani eyyama Waaqayyoo hunda isinitti himuu irraa gara duubaatti hin deebine.28Kanaafuu waa'ee ofuma keessanii ofi eegadha, akkasumas waa'ee hoolota hunda kanneen Hafuurri Qulqulluu eegdota isin godhe. Waldaa Waaqayyoo ishii inni dhiiga ofiitiin bite eeguuf of-eegadhaa. 29Ergan ani deemee booda akka yayyiiwwaan hamoon dhufanii jidduu keessan seenanii fi akka hoolotaaf garaa hin laafne nan beeka. 30Miseensuma keessan keessaayyuu namoota kaasuun barattoota ofii taasiisuun dhugaa kan jallisan ni ka'u.31Kanaafuu of eegaa, waanin ani waggoota sadiif otoo wal irraa hin kutiin halkaniif guyyaa isin akeekachise sana yaadadhaa. 32Ani amma Waaqayyootii fi akkasumas dubbii ayyaana isaatti isa isin ijaaruu danda'uu fi warra qulqullaa'an hunda keessatti dhaala isiniif kennuu danda'uttiin imaanaa isin kenna.33Ani meetii, warqii fi uffata (huccuu) eenyumaatuu hawwee hin beeku. 34Akkan harkoota kanneenin hojjadhee waan na barbaachisu fi waan isaan na waliin jiran barbaachisu argadhuu isin ofuma keessaniinuu ni beektu. 35Humna keenyaan dadhabnee hojjachuun warra dadhabaa gargaaruu akka qabnu isinitti agarsiisuun ani fakkeenya isinii ta'een jira, akkasumas dubbii Gooftaa Iyyasuus, dubbii isa inni ofuma issaatiin "Isa fudhatuu irra isa kennutuu eebbifama" jedhe, ni yaadatu.36Erga akkanatti dubbatee booda, jilbeefatee hunda isaan waliin kadhate. 37Boyicha baay'eetuu ta'e, Isaanis Phaawuloositti marmuun isa dhugatan. 38Sababa inni waan isin kanaan booda fuula koo hin argitan isaaniin jedheef onneen hunda isaanii baay'ee xuqamee (cabee). Achiin hanga dooniitti isa gaggeessan.
1isaan biraa gargar baanee deemnee booda dooniidhaa, gara magaalaa Qoositti qajeellee, guyyaa itti fufus gara magaalaa Roodee, achiis gara magaalaa Phaaxiraatti dabarre. 2Yammuu doonii Fiinqee deemu argannuu isaan karaa keenya itti fufne.3Erga Qophiroos arginee booda, karaa bitaatti ishii dhiifnee gara Sooriyaatti dhufuudhaan Xiiroositti bakka doonichi fe'isaa isaa itti buufatutti nutis buune. 4Erga baratoota achitti arginee booda, guyyoota torba achii turre. Isaanis akka Phaawuloos gara Iyyaruusaaleem hin deemnee Hafuuraan ta'un isa dhoowwan.5Yammuu guyyoota achii turuu qabnu dhumu, achii kaanee karaa keenya deemne, hundi isaanii haadha manaa fi ilmaan isaanii waliin hanga magaalaa baanuutti nu gageessan. Achiin nus qarqara galaanaatti jilbeeffanee, kadhanne. 6Erga nagaa walitti dhaamnee booda nuti dooniidhaan deemne isaanis gara manaatti deebi'an7Yammuu Xiiroosii kaanee Phiixiloomaas gahuun karaa keenya xumurre. Achitiis obboloota nagaa gaafachuun isaan waliin guyyaa tokko ture. 8Guyyaa itti fufuttis achii kaanee gara Qiisaariyaatti dhaqne. Nutis mana Filiiphoos, isa lallabaa wangeelaa, isa torban keessaa tokko ta'e seenee, isa waliin ture. 9Innis ijoollee durbaa afuur isaan dhiira hin beekne kan raajii dubbatan qaba ture.10Akkuma nuti guyyoota muraasaaf achi turree raajichi maqaan isaa Agaaboos jedhamu tokko Yihuudaadhaa gad-dhufe. 11Innis gara keenya dhufe hidhata Phaawuloos fuudhee, isaan miilaa fi harka isaa hidhuun akkana jedhe, "Hafuurri Qulqulluun Yihuudootni abbaa hidhata kanaa akkanatti hidhuun, dabarsanii harka warra ormaatti isa kennu" jedhe.12Yammuu waantoota kanneen dhageenyu nutiifi uummatni isaan bakka sana jiraatan Phaawuloos akka gara Iyyaruusaaleemitti ol-hin baanne kadhanne. 13Achiin Phaawuloos, "Maal gochaa jirtu, boowaa onnee koo na raaftu? Ani hidhamuudhaaf qofa hin ta'in maqaa Gooftaa Iyyasuusiif Iyyaruusaaleemitti du'uuf immoo qopha'eera" jedhe. 14Waan Phaawuloos gorsa keenya fudhachuu dideef caldhisuun "Ergaa fedhiin Waaqayyoo haa ta'u" jenne.15Guyyoota kana booda, boorsaa keenya qabanne gara Iyyaruusaaleemitti ol-deemne. 16Qiisaariyaadha barattootni tokko tokko nu waliin deeman. Isaanis nama maqaan isa Minaasoon jedhamu nama Qophiroos fedanii waliin dhufan, innis baratoota isaan duraa keessaa ture, nutis isa waliin turre.17Yammuu nuti Iyyaruusaleem geenyu obbollonni gammachuudhaan nu simatan. 18Guyyaa itti fufus Phaawuloos nu waliin gara Yaa'iqoobiif jaarsolii hunda bira bakka jiran deeme. 19Erga inni nagaa isaan gaafatee booda waantoota Waaqayyoo isaan namoota ormaa keessatti hojjate hunda tokko tokkoon gabaase.20Yammuu isaanis kana dhagahan, Waaqayyoo ulfeessuun, akkana isaan jedhan "Yaa obbolleessa, akkamitti akka Yihuudoota keessaa kuma baay'eetti lakkaa'aman akka amanan argitee jirta; Isaan hundi immoo seera eeguuf kan inaafaniidha. 21Isaanis waa'ee kee akka ati Yihuudoota isaan warra ormaa keessa jiraatan hunda akka Musee dhiisanii ati akka isaan ijoollee isaanii hin kittaannee fi akkasumas akka isaan karaa aadaatiin hin deemne akka barsiiste dhaga'anii jiru.22Isaan akka ati dhufte dhagahuun isaanii waan hin afneef, maal gochuu qabna? 23Kanaafuu waan nuti siin jennu godhi. Namoota wareega ofiirraa qaban afur nu bira jiru. 24Nammota kanneen fuudhii isaan waliin seera qulqulinaatiin of-qulqulleesi, gatii isaaniis isaanii kanfali, kanaafuu rifeensa mataa isaan haa aaddatan. Kanaafuu namootni hundi isaan waanti waa'ee keetii dubbatame sun soba ta'u ni beekuu. Isaanis akka ati seeraa qajeelaatti ajajamaa jirtu ni baratu.25Waa'ee namoota ormaa isaan amananii garuu, akka isaan nyaata waaqota tolchamniif aarsaa kenname, dhiga irraa, foon horii ofiin du'aan nyaachuu fi sagaagalumaa irraa of-eegan murtii keenya isaaniif barreesineerra. 26Kanaafuu Phaawuloos namoota sana fudhatee, guyyaa itti fufu isaan waliin of qulqulleesse. Achiins guyyoonni sirna qulqullinaa yoom akka xumuramuufi aarsaan tokko tokkoon isaanii immoo yoom akka dhiyeeffamu beeksiisa kennuuf gara mana qulqullina keessa dhaqan.27Yammuu guyyoonni torban sun xumuramuuf gahu, Yihuudotni Isiyaa dha dhufan tokko tokko, Phaawuloos mana qulqullinaa keessatti waan arganiif, tuuta hunda isa irratti kakaasuun qaban. 28Isaanis iyyuudhaan "Yaa namoota Israa'eel nu garagaaraa, namni kun namoota hunda bakka hundatti wantoota namootaaf, seeraa fi bakka kanaaf faallaa ta'an isa barsiisuu dha. Kana malees, Giriikoota immoo mana qulquluutti fiduudhaan bakka qulqulluu kana xureessa. 29Isaaniis kana kan jedhaniif, kana dura nama Efeesoon Xiroofiimoon waan magaalaa keessatti isa waliin arganiif Phaawuloos mana qulqullinaa keessa waan isa fide isaanitti fakkaateeti.30Magaalaan sun hundi ni jeqamte; namootnis tokko ta'uun gara Phaawuloositti figuun qaban. Isaanis lafa irra isa harkisanii mana qulqullutti gad-isa baasuun, ennasuma balbaloota cufan. 31Otoo isaan isa ajeesuuf yaalanuu, akka magaalaan Iyaaruusaaleem hundi jeqamaa jirtu oduun gara ajajaa waraana qaqabe.32Innis yeroodhuma sanatti loltoota fi ajajaawwan dhibbaa fudhatee gara tuutaatti dafee gad-fiige. Yammuu uummatni ajajichaaf loltoota argan, Phaawuloos tumuu dhisan. 33Ajajaan sunis Phaawuloositti dhaqee qabe, akka inni sansalata lamaan hidhamuus ajaje. Achinis akka inni eenyu ta'ee fi akka inni maal hojachuu ture gaafate.34Tuuticha sana keessaayyis kaan isaanii waan tokko kan hafan immoo waan biraa jechuun iyyan. Ajajichiis waca irraa kan ka'e dhugaa jiru beekuu waan hindandeenyeef akka Phaawuloos gara buufata loltootaa keessatti fidamu ajaje. 35Yammuu Phaawuloos bahuuf gara sadarkaa (gulantaa)tti dhufu, sababa jeequmsa tuutichaa irraa kan ka'e loltootaan baatame. 36Tuutni uummatichaas isa duukaa hordofuun iyyuu, isaanitti fufuun "Isa dhabamsiisaa!" jedhan.37Akkuma Phaawuloos gara buufata loltootaatti dhufuudhaaf ka'eetti innis ajajichaan "Akkan waan tokko sitti dubbadhuu naa eyyamamaa?" jedheen. Ajajichis "Afaan Giriik beektaa?" jedheen. 38Ati kanaan dura nama biyya Misiraatti jeequmsa kaasee namoota nama ajjeesan kuma afur dura bu'uun lafa onaatti daggala gale sana mitii?39Phaawuloosiis " Ani nama magaala ishii beekamtu Xarsees kan Kiilqiyaa keessatti argamtuudha. Akkan ani uummata kanaa dubbii taasisuuf akka naa eyyamtuuf sun kadhadhaa" jedhe.40Yammuu ajajichi eyyama isaaf kennu, Phaawuloos sadarka (gulantaa) irra dhaabate akka uummatni caldhisuuf harka isaa ol-qabe. Yammuu caldhisni guddaab ta'u, afaan Hibruutiin dubbate. Innis akkana jedhe.
1"Yaa obbolottaaf abboota, falmaata koo isan ani isiniif dhiyeesu dhagahaa." 2Yammuu Phaawuloos afaan Hibruutiin dubbisaa isaa itti himu, tuutichis caldhisuun dhagahan. Innis akkana jedhe.3nama Yihuudaa, kaniin Xarsees ishii biyya Kiilqiyyaatti argamtu keessatti dhaldheedha, garuu kaniin guddadhee miila Gamaaliyaa jala taa'uun baradhe asuma magaalaa kana keessattidha. Akkuma hardha isin hundi keessan inaafitan kana anis Waaqayyoof inaafeera, Ani haala ciminaan karaa seera Abbootaa baradheera. 4Namoota dhiiraa fi dubartii lachuu isaan karaa kana irra deemuun hunda hanga du'aatti hari'achuun, isaan qabee gara mana hidhaatti isaan galcheera. 5Akkuma lubni ol-aanaa fi jaarsooliin dhugaa bahuu danda'anitti, gara Damaasqoo deemuuf isaan biraa xalayyaa fuudhee gara obboloota isaanii gara Damaasqoo isaan hidhee akka adabamanii gara Iyyaruusaaleemitti fiduuf deemeen ture.6Gara guyyaa walakkaatti, akkuma gara Damaasiqootti dhiyaadheen battalumatti iftii guddaan samiidhaa naannawa kootti ife. 7Anis lafa dhahuun sagalee 'Saa'ool, Saa'ool ati maaliif na ariita?' naan jedhun dhagahe. 8Anis 'Yaa Gooftaa ati eenyuudha?' jedhee deebiseef Innis 'Iyyasuus nama Naazireet, usa atii ariituudha' naan jedhe.9Namootni isaan ana waliin jiran ificha argan malee nama natti dubbachaa jiru sagalee isaa haalaan hin hubanne. 10Anis 'Yaa Gooftaa maal haagodhu?' jedhen. Gooftaanis akkana naan jedhe 'Ka'iitii gara Damaasqootti deemii. Achiittis waan ati gochuu qabdu hundumaa sitti himamaa.' 11Anis sababa iftii sun guddaa ta'eef arguu hin dandeenye, kanaafuu namootni naan waliin jiran suun harka koo qabanii gara Damaasqootti na geessan.12Achittis nama Hanaaniyaa jedhamu waliiniin wal-qunname, innis nama ciminaan seera eeguu fi Yihuudoota achi jiraatan birattis kabaja qabuudha. 13Innis gara koo dhuufun, bukkee (cinaa) koo dhaabate, 'Yaa obbolleesa, Saa'ool, arguu danda'i.' Anis ennasuma, yeroodhumasanatti isa arge.14Innis 'Waaqni abboota keenyaa akka ati eyyama isaa beektuu, akka isa qulqullicha san argituuf dubbii afaan isaa irra bahu dhageessuuf si filaateera. 15Kunis waa'ee waan argitee fi dhageesse akka atii namoota hundaaf dhugaa isaaf baatuufi. 16Ega amma maala eegda? Ka'itti maqaa isaa waamaa, cuuphami, cubbuu keess of irraa dhiqi.'17Ergan ani gara Iyyaruusaalemitti deebi'ee booda, otoon mana qulqulluu keessatti kadhata irra jiruu, muldhatni natti dhufe. 18Yammuu inni akkana naan jedhuun arge 'Dafiitii ariitiidhaan Iyyaruusaaleem keessa bahi, sababni isaa waa'ee koo waanti ati isaaniif dhugaa baatuu hin fudhatanii.'19Anis 'Yaa Gooftaa isaan ofumasaaniitiinuu akkan ani warra sitti amanan mana hidhaatti isaan darbadhuu fi isaan tumuuf mana sagadaa hunda irra akka naanna'u ni beekuu. 20Yammuu dhiigni dhugaa baatuu keetii, Isxiifanoos dhangala'u raawwii sana irratti namoota isa ajjeessan waliin walii galuun bakka sana dhaabaadhe uffata (huccuu) isaaniin eega ture' jedhe. 21Garuu inni immok 'Deemi, sababan ani gara fagootti namoota ormaattin si ergaa' naan jedhe."22Isaanis hanga dhuma dubbii isaatti dhageeffatan. Achiin sagalee isaanii olkaasuun akkana jedhan "Nama akkanaa kun jiaachuun isaa sirrii waan hin taaneef lafa gubbaa irraa dhabamsiisaa." 23Otuma isaan iyyaa, uffata (huccuu)isaani dadarbachaa fi awwaaras gara samiitti ol-bittinsaa jiraanuu, 24ajajaan sun akka Phaawuloos gara buufata loltootaa keessatti fidan ajaje. Innis namootni maaliif akkanatti isaan mormaa akka isatti iyyan beekuuf jedhee, akka isa garafanii qoratanii ajaje.25Yammuu isaan teephaan isa hidhanii garafuuf qophaa'an, Phaawuloos ajajaa dhibba isa bukkee (cinaa) dhaabatuun "Lammii Roome tokko murtii tokko malee garafuun seerrii ni eyyamaa? jedheen. 26Ajajaan dhibba suunis yammuu kana dhagahu, gara ajajaa waraanaa (ajajaa kumaa) dhaqee akkana jedhee itt hime, "Ati maal gochuu dhaafi? Namni kun lammii Roomee dha?"27Ajajichi sunis dhufee "Mee nattu himi ati lammii Roomee dha?" isaan jedhe. Phaawuloosis "Eeyyee" jedheen. 28Ajajaan sunis "Ani lammummaa kana argachuuf qarshii baay'ee ta'un itti baase" jedheen. Phaawuloos garuu deebisee "Ani immoo lammii Roomee ta'een dhaladhee." 29Kanaafuu namootni isa qoruuf yaadan suun ennasuma isa dhisan. Ajajichis, yammuu inni akka Phaawuloos lammii Roomee ta'uu beekuu sababa isa hidheef sodaate.30Guyyaa itti fufu ajajaan sun sababa Yihuudootni Phaawuloos himatan beekuu barbaadee. Kanaafuu hidhaa isaa iraa hiikee, lubboon hangafaa fi gumiin hundi akka walitti qabamanii ajaje. Achiin Phaawuloos gad-fiduun jidduu isaanii dhabe.
1Phaawuloosis gara miseensota gummi xiyyeeffanoon ilaaluun akkana jedhe "Yaa obboloota ani hanga guyyaa kanaatti fuldura Waaqayyooti sammuu qulqulluudhaaniin jiraadha. 2Lubni ol-aanaan Hanaaniiyaan namoota isaan isa bukkee (cinaa) dhaabatan akka afaan isaa dhahan ajaje. 3Phaawulosis akkana isaan jedhe, "Ati gidgiddaa booraleedhaan dibame nanaa Waaqni si dhaha; Ati seeraan natti murteesuuf taa'aa otoo jirtuu, seeraan ala na rukuchisuuf ajajjaa?4Namootni isaan isa bukkee (cinaa) dhaabatanis, "Ati akkanattiidhaan kan lubba ol-aanaa Waaqayyoo kan arrabsitu?" jedhan 5Phaawuloosiis, "Yaa obboloota, ani hin beekne, akka inni lubba ol-aanaa ta'e. Akka akkana jedhame barreeffame "Bulchaa uumata keettitti hamaa dubbachuu hin qabdu."6Phaawuloos akka gareen isaan saaduqoota gareen biroo immoo Fariusoota t'uu isaanii waan beekeef, inni gumichaa sagalee isaa ol-kaasee "Yaa obboloota, ani farisicha, ilma farisichaati dha. Sababni natti murtaa'uuf waaniin ani abdii du'aa ka'iinsaa qabuufiidha" jedhe. 7Yammuu inni kana jedhu, Fariisootaa fi Saduqoota jidduutti wal mormiin jalqabame, tuutichis ni qoodame. 8Sababa Saaduqonni du'aa ka'insi, maleektootni fi hafuura waanti jedhamu hin jiru jedhanii fi fariisonni immoo kun hundi akka jiran beekamtii waan kennaniifidha.9Jeequmsi guddaanis ni uumame, garee fariisootaa keessaas tokko tokko barsiisonni seeraa ol ka'uun "nama kana irratti nuti badii homaa hin argine, Hafuuri yookin maleekaan isatti dubbatee yoo ta'e hoo?" jedhan. 10Yammuu mormini guddaan ka'u, ajajicha akka Phaawuloos isaaniin bakka hedduutti hin ciciramne, sodaatee, kanaafuu akka loltootni gad-bu'anii jidduu gumichaatii humnaan isa fuudhanii gara buufata loltootaatti isa fidan ajaje.11Halkan itti fufus Gooftaan bukkee (cinaa) isaa dhaabate "Jabaadhu, akkuma Iyyaruusaaleem keessatti dhugaa naa baatee, akkanumatti Roomittis dhugaa naa baataa" isaan jedhe.12Yammu lafti bari'uus Yihuudoota keessaa muraasni akka otoo Phaawuloos hin ajeesiini waan tokko hin nyaaneef hin dhugne mariyachuun waliif kakatan. 13Sadoo kanas kan qindeesan namoota afurtamaa ol-ta'u.14Isaanis gara luba ol aanaaa fi gara jaarsoolii deemuun akkana jedhan "Nut hanga Phaawuloos ajjeefnuuti akka waan tokko hin nyaannee waliif kakannee jira. 15Kanaafuu, amma, gumichi waan waa'ee Phaawuloos sirriitti qorachuu barbaadan fakkeesse akka ajajaan sun gara keessatti gad isa fidu kadhadhaa. Karaa keenyaan, otoo inni achii dhuufa jiruu karaa irratti isa ajjeesuuf nuti qophii dha.16Garu ilmi obboleetti Phaawuloos akka isaan isa eegachuuf karaa irra akka riphan waan dhagayeef gara buufata looltootaa deemuun Phaawuloositti hime. 17Phaawuloosis ajajaawwan dhibbaa keessaa tokko waame "Dargaggeessi kun waan isatti himu tokko qabaa gara ajajaa isa guddaatti geessi" jedhe.18Kanaafuu ajajaan dhibbichaas dargaggeessa sana gara ajajaa isa guddaatti fide, "Phaawuloos inni hidhamaan sun ofitti na waamuun akkan dargaggeessa kana gara kee fidu na gaafate. Innis waan sitti himuu tokko qaba" jedhe. 19Ajajichis harka isaa qabee gara bakka qobaatti baasuun "Maalii dha inni waanta ati naaf gabaastuu?" jedhee gaafate.20Dargaggesichis akkana jedhe "Yihuudootni waan waa'ee isaa sirritti qorruu barbaadan fakkaataan akka ati Phaawuloos boru gara gumiitti gad fiddu si gaafachuuf walii galanii jirru. 21Ati garuu hin sarmiiniif, sababnis isaan namoota afurtamaa ol ta'an karaa irratti riphanii isa eeggachaa jiru. Isaanis hanga isa ajjeessanitti akka waan tokko illee hin nyaanne fi hin dhugnee kakuu waliif galanii jiru, kunoo ammayyuu qophaa'anii akka atti mirkaneesituuf eeggachaa jiru.22Ajajaan sunis "Ati waantoota naaf gabaafte kana nama biroo tokkottillee akka hin himnee" jedhee dargaggeesichaa akeekkachiisuun gad dhiisee. 23Innis akkasumaan ajajaawwan dhibbaa keessaa lamaan isaanii ofitti waamee "Loltoota dhibba lama, abbaa fardeennii torbaatama akkasumas abbaa eeboo (waraanaa) dhibba lama qopheessaatti halkan kees sa'aatii saditti asii ka'aatii gara Qiisaariyaa deemaa" jedheen. 24Innis immoo akka horii yaabii kan Phaawuloos yaabatee nagaadhaan gara Filiiks, isa bulchaa biyyaa bira itti dhuufu akka qopheessanii isaan ajaje.25Achiis innis xalayya haala kanaan barreesse; 26"Qalaadiyoos Loosiyaas irraa, gara kabajamaa, bulchaa biyya Filiiksiif, nagaan siif haa ta'u. 27Namni kun Yihuutaan qabamuun isaaniin hanga ajjeechaatti gahee ture, ani garuu yammu inni akka lammii Roomee ta'e beekuuf loltoota koo waliin deemee isa baase.28Ani akka isaan maaliif isa himatan beekuu waanin barbaadeef isa fuudhee gara gumii isaanitti gad buuse. 29Ani akka inni waa'ee gaafii seera isaaniitiif akka himatameen beeka malee yakka waan du'aaf yookin hidhaaf isa gahuu waan tokkollee hin qabu. 30Akka sadoo nama kanatti sadan gabaasni waan nagayee tureef, anis battalumatti isa gara keetti erguun warri isa himatanis akka himata isarratti qaban siif dhiyeessan ajajeen jira.31Kanaafuu loltootni sunis waan ajajamanni raawwatan. Isaanis halakaniis Phaawuloos fuudhanii gara Antiiphaaxiriis isa geessan. 32Guyyaa itti fufuttis, loltootni baay'een akka abbaan fardeenii isa waliin deeman gochuun isaan ofiin isaanii gara buufata loltootaatti deebi'an. 33Yammuu abbaan fardeenii Qisaariyaa qaqaban xalayaa isaanii bulchaa biyyaatti kennan, akkasumas Phaawuloosiis isatti kennan.34Bulchaan biyyaas xalayicha erga dubbisee booda, Phaawuloos kutaa kamii akka dhufe gaafate. Yammuu inni Kilqiiyaa irraa ta'uu beekuu, 35"Ani yammuu himattootni kee as dhufanini guuttumman si dhagaha" jedheen. Achiin akka inni mana mootummaa Heroodis keessatti eegamu ajaje.
1Guyyoota shaniin booda Hanaaniya luba ol aanaan, jarsoolii tokko tokkoo fi abukaatoo nama, xarxuuloos jedhamuu achi deeman. Namootni kunis himata isaan Phaawuloos irratti qaban bulchaa sana fulduratti dhiyeessan. 2Yammuu Phaawuloos ol ka'ee fuldura bulchaa dhaabatu, xarxuuloos bulchaadhaan akkana jechuun isa himachuu jalqabe, "Sababa keetiin nuti nageenya guddaa arganeerra, ilaalchi keessa saba keenyaaf haaromsa gaarii fidera 3Baay'ee kabajamaa Filiiks, galata kana caala waan atibgootu hunda ni fudhanna.4Kanaafuu kana caala akkkan si hin dadhabsiifne gabaabaadhumatti akka garalaafuummaa keetiin nu dhageessu sin kadhadha. 5Nuti akka namni kun dhibee ta'uun, Yihuudootni addunyaa hunda keessa jiran akka jeqamaniif sababa isa ta'e dha. Inni dura bu'aa garee Naazirootaati. 6Akkasumas yammuu inni mana qulqulluu xureessuuf yaaluu, isa qabne.7- 8 Yammuu ati waa'ee kanaa hunda Phaawuloos qorattu, waa'ee waantoota kanaa hunda waantoota isa nuti isa himachaa jirru kan beekuu ni dandeessa." 9Yihuudootnis immoo himata kana irratti makamuun, akka dhugaa ta'e mirkaneessan.10Yammuu bulchaan akka Phaawuloos dubbatuuf harka kaasee mallattoo kenuuf, Phaawuloosis "Bara baay'eedhaaf akka ati abbaa murtii saba kanaa taate nan beeka, kanaafuu gammachuudhaanii siti of beeksiisa. 11Sagaduudhaaf gara Iyyaruusaaleem kanin deeme akka guyyoota kudha lama hin caalle ati ofuma keetiin beekuu ni dandeessa. 12Yammuu isaan mana qulqulluu keessatti na argan eenyuma waliinu hin mormine, mana sagadaa keessattis ta'ee, yookin magaala keessatti uummata hin kakaafne. 13Isaanis waan amma ittin na himatan kanaaf ragaa dhiyeessan mirkaneesuu hi danda'an.14Garuu waantiin sitti himub,ani akka karaa, isa isaan barumsa dharaa jedhani waaman sanatti, ani Waaqa abboota keenyaan tajaajila, waantoota seeraa fi raajota keessatti barreeffaman hundattis nan amana. 15Akkuma namoota kanaattis immoo Waaqayyoo irraatti warri qulqulloonis warri hamoonis akka du'aa ka'an, abdii nan qaba. 16Kanaafuu ani yeroo hunda Waaqaa fi namoota hunda fulduratti sammuu qulqulluu akkan qabaadhuu nan tattaafadha.17Ani ammas wagoota dheeraan booda saba koo isaan iyyeeyyidhaa kenne, Waaqayyoof immoo aarsaa dhiyeesuuf jechan dhufe. 18Yammuu ani waan kana godhu Yihuudootni muraasni Isiyaa dhaa dhufan otoon ani mana qulqulluu keessatti seera qulqulaa'inaa raawwadhu na argan, namoota waliin hin jiruuyyuu yookin jeequmsis hin jiru ture. 19Garuu namootni kun yoo waan ittin na himatan tokkollee qabaatan si fulduratti naa himatan.20Yookin, namootni isaanumti kun balleessa yammuun ani fuldura gimii Yihuudoota dhabadhu argan maal akka ta'e haa dubbatan. 21Yammuun ani isaan fuldura dhaabadheeyyu waa'ee waan tokkoo malee, waa'ee du'a ka'uumsa wara du'anii, isaan ani qorame fuldura keessan hunda dhaabadhe malee."22Filiiksi inni waa'ee karaa kana sirritti beeke, waan kana dhagahu guyyaa biraatti dabarse. Innis akkana jedhe, "Yammuu Luusiyoos ajajaan kumaa Iyyaruusaaleemii gad-dhufuun dhimma keessan murteessa." 23Achiin inni ajajaan dhibbaa akka Phaawuloos to'annaa jalatti akka eegamub, garuu immoo hiriyoonni isaa isaan wal arguu yoo barbaadan akka hin dhoowwanne bilisa akka argatu jechuun ajaje.24Guyyoota muraasaan booda Filiiks haadha manaa isaa Daruusiilaa, ishi Yihuudii turtee waliin deebi'e, Phaawuloositti erguun waa'ee Iyyasuus Kiristoositti amanuu isa irraa dhagayee. 25Yammuu Phaawuloosis waa'ee qulqullumaa, waa'ee of dhoowwuu fi waa'ee murtii isa gara fulduraatti dhufuu dubbatu, Filiiksis sodaachuun akkana jedhe, "Ammaaf deemi, garu boodarrati yammuun yeroo qabaadhe, sin waamsisa."26Akkasumas waan Phaawuloos qarshii (malaamaltummmaa) isaaf kennuuf jecha, yeroo, yeroodhaan waamsiisuun isa waliin dudubbata. 27Erga waggoonni lama darbee booda Phoorqiyoos Fisxoos bakka Filiiksitti dhufuun bulchaa biyyaa ta'e, garu Filiiksi Yihuudoota irraa fudhatama argachuuf jedhee Phaawuloos mana Hidhaa keessatti dhiise.
1Fisxoosis erga gara bulchaa kutaatti seenee, guyyoota sadiin booda, Qiisaariyaa irraa gara Iyyaruusaaleemitti ol deeme. 2Luboon angafooni fi dura bu'oon bebeekamoo Yihuudootaa himata Phaawuloos irratti isaan qaban fidanii, jabeessanii Fisxoos gaafatan. 3Isaanis karaa irratti riphani waan Phaawuloos ajeesuuf qophaa'aniif akka Fisxoos dabsee nama ergee gara Iyyaruusaalemitti fidanii isa gaafatan.4Fisxoosis Phaawuloos Qiisaariyaatti hidhaa keessa akka jiruuf innuu ofumasaatiin dhufee akka achi deemu isaanitti hime. 5"Kanaafuu warri danda'an, Nu waliin achuu deemu ni dandeesu, yoo badiin tokko nama kana irratti argame, isa himachuu ni dandeessu" jedhe.6Fisxoosis guyyoota saddeet yookin kudhan caala achi hin ture, achiinis gara Qiisaariyaatti gad-bu'ee, guyyaa itti aanutti teessoo murtii irra taa'ee akka Phaawuloos gara isaatti fidan ajaje. 7Yammuu inni achi gahu, Yihuudootni Iyyaruusaaleemii dhufan isa bukkee (cinaa) dhaabatu turan, isaanis himatoota baay'ee isaan cicimoo ta'an garuu immoo kan ragaa homa itti argachuu hin dandeenye dhiyeessan. 8Phaawuloosis akkana ofirraa mormate, "cubbuun ani faallaa seera Yihuudootaa yookin faallaa mana qulquluu, yookin faallaa Qeessaar ani hojjadhe hin jiru."9Fisxoos gara Yihuudota biratti fudhataman argachuu waan barbaadeef, kanaafuu deebisee Phaawuloosiin akkana jedhe "Gara Iyyaruusaaleemiti ol deemtee waa'ee waan kana achiitti akka anaan murtii argachuu barbaadaa?" 10Phaawuloosis "Ani teessoo murtii Qeesaar fulduran dhaabachaa jira bakka ani murtii itti argadhu. Akkuuma atuu sirriitti beektu Yihuudoota irratti badii tokkollee hin hojjanne.11Haa ta'u malee yoodhan waan du'aan na gahu badii fi yakka hojjadhe, akkan hin duunee waantiin mormu hin jiru. Garu himmanni isaanii yoo homaa hin taane, namni tokkollee dabarsee harka isaanitti na kennuu hin danda'u, Ani gara Qeesaarittis oliin iyyadha. 12Fisxeeis erga gummii waliin mariyatee booda "Gara Qeesaaritti iyyadhu, gara Qeesaar deemi" jedhee deebiseef.13Guyyoota muraasaan booda, mootichi Agriiphaa fi Barniiqeen Fiisxoos harka fuudhuuf gara Qiisaariyaa qaqqaban. 14Erga isaan guyyoota baay'eef achi turanii booda, Fisxoosis waa'ee Phaawuloos mootichaa akkana jechuun ibseef, "Namni Feeliks mana hidhaatti isa dhisee deeme tokko as jira. 15Yammuun ani Iyyaruusaaleem keessa tureeyyu, Luboon ol aanaa fi jaarsoliin warra Yihuudotaa nama kanatti himatan mormii akkan isaaniif murteessuu nati fidan. 16Anis akka namni kamiyyuu otoo himmatoota fuldura dhufee hin dhaabatiin waan ittiin himatame sanaa deebii kennuuf otoo carraa hin argatiin dabarfamee kennamuuf addaa warra Roomee akka hin taane isaanitti himeen jira.17Kanaafuu yammuu isaan na wajjin as dhufan, tursiisuu waan hin barbaanneef bariitu isaa teessoo murtii irra taa'uun akka namicha naa fidan ajaje. 18Himmatootni isaas yammuu ol ka'anii dubbattan yakka isa himatuu jedhee eege tokkolee isa irratti hin dhiyeesin. 19Garuu waa'ee amantii isaaniitii fi waa'ee Iyyasuus isa du'e tokkoo, isa Phaawuloos immoo inni jiraataadha jedhee dubbatuu irrattii waldhabu. 20Anis waan kana akkamittin akka hiikuu bitaa waan natti galeef akka inni gara Iyyaruusaaleem deemee achitti akka himmanaan isaa qoratamuu fedhii qabaachuu isaan isa gaafadhe.21Garuu yammuu Phaawuloos waa'ee isaa akka mootii moototaa biratti isaaf ilaalamuu ol iyyannoo waan gaafateef anis hanga gara Qeessaaritti isa erguutti akka eegamuu ajaje. 22Agriiphaanis Fisxoosiin "Anis immoo mee nama kana dhagahuu nan barbaada." Fisxoosis "Boruu eegaa isa ni dhageessa" jedheen.23Kanaafuu guuyyaa itti fufuu Agriiphaa fi Barniiqeen ulfina guddaadhaan dhufanii bulchoota ol annaa loltootaa fi namoota bebbeekamoo magaalichaa waliin gara galmaa keessa seenan, ajaja Fisxoosinis Phaawuloos dhiyaate. 24Fisxoosis akkana jedhe "Mooticha Agriiphaa, akkasumas namoota asitti nu waliin argamtan hundi, nama kana ni argitu, Yihuudootni Iyyaruusaaleemi fi asis Qiisaariiyaa keessa jiraatan hundi isaanii hoomaadhaan namni kun kanaan achi lubbuudhaan juraachuu hin qabuu jechuudhaan iyyaa na kadhatan.25Anis waan isa hanga ajeechaatti isaan gahu waan tokkollee akka inni hin hojjannen hubadhe. Haa ta'u malee waan inni gara mootii moototaatti ol iyyateef, ani gara Roomeetti isa erguuf murteesse. 26Garuu waa'ee isaa waanti mirkaanaa'e waantiin gara gooftaa kootiitti isaaf barreessu hin arganne. Kanaafuu akka qorrattanii waan mirkanaa'a tokko anis waanin isaaf barreessuu danda'u akka argataniifiin hunda keessan, keesumaayyuu kara kee, mootii Agruiphaa fuldurattin isa fide. 27Kunis nama hidhamaa tokko yammuu ol ergamu sababa ittiin himatame haal gaariidhaan otoo hin ibsiin erguun sirri waan natti hin fakkaanneef.
1Agriiphaanis Phaawuloosiin "Akka ofiikeetiif dubbattu si eyyameera" jedheen. Yammuu kanas Phaawuloos harka isaa diriirsee mormii isaa dhiyeessuu jalqabe. 2"Yaa mooticha Agriiphaa, hardha waan Yihuudootni nahimatan hundaaf fuldura kee dhaabadhee mormuuf carraa kana argachuu danda'uu kootiif gammachuutuu natti natti dhagahama. 3Keessumaayyuu sababa ati bartee (aadaa) fi wal mormii Yihuudootaa sirriitti beektuu fi, kanaafuu akka ati obsaan na dhaggeeffatuu sin kadhadha.4Dhugaadhumaan ijoollummaa koo irraa jalqabee saba koo keessattiifii Iyyaaruusaaleem keessatti akkan jiraachaa ture Yihuudootni ni beeku. 5Akkasumas jalqabumarraa kaasee, waa'ee koo akkan ani seera amantii keenya ciminaan hordofaa akka fariisotaatti akkan jiraachaa ture, yoo eyyaman isaanumtuu dhugaa bahuu ni danda'u.6Ammas ani kaniin himatamee as dhaabadheef sababa abdii kootii isa Waaqayyo abboota keenyaaf kenne sana fudhachuu kootiifii dha. 7Abdiin kun isuma gosoonni keenya kudha lamaanuu fudhachuun halkanii fi guyyaa garaadhaan Waaqayyoo waaqeesan sanaa dha, egaa abdii kanaadha, yaa mooticha, inni Yihuudootni ni himataniif. 8Maaliifidha isin akka Waaqayyo warra du'un du'aa kaasuu isaa akka dinqii waan hin amanamne tokkootti murteesittan?99Ani ofumakootiinuu maqaa Iyyasuus nama Naazreet kana mormuuf akkan waanin danda'u hunda gochuu qabu murteesseen ture. 10Iyyaruusaaleem keessattis waantiin ani godhu kanuuma, ani luboota angafootaa irraa angoo argachuun qulqullota Waaqayyoo baay'ee isaanii gara mana hidhaatti isaan galcheera, akkasumas yammuu isaan ajjeefamanis irratti waligaluun sagalee koo kenneerra. 11Ani yeroo baay'ee mana sagadaa hunda keessatti isaan adabeera akka waan abaarree jedhaniifis isaan dirquuf yaaleera, aaridhaanis guutamuun hanga magaalota biyya alaatti isaan hordofuun ariyaan ture.12Haaluma kanaan aangoo fi ajaja lubba olaanaa irraa fudhadhee, waan kana raawwachuuf gara Damaasqoo otuun deemaa jiru, 13karaa sana irratti guyyaa walakaatti yaa mooticha, ifa ifti isaa ifa aduu caaluu, naannawaa koofi naannawa namoota na waliin adeemaa jiraniitti yammuu samiidhaa ibsamuun arge. 14Yammuu hundi keenya lafatti kufnu, anis sagalee afaan Ibraayisxiitin 'Saa'ool, Saa'ool, ati maaliif na ariita? Aricha dhiibuun miidhaan isaa sumatti cima' naan jedhun dhagaye.15Anis 'Yaa Gooftaa ati eenyuudha?' jedhe. Gooftaanis deebise 'Ani Iyyasuus isa ati ariituudha. 16Ammas ka'iitii miila keetiin dhaabadhu, anis akka tajaajilaa koo taatee, waa'ee koo waan beektuufi waaniin ani kanaan booda sitti muldhisuuf jiruu, sababa kaayyoo kanaatiif ani sitti muldhadhee si filadheeraa, 17Ani saba kanaafi namoota ormaa ani isaanitti si erguu irraa sin egaa. 18Atis ija isaanii bantee, dukkana keessaa gara ifaatti, hafuura manca'aa seexana irraa gara Waaqayyootti isaan deebifta, kunis akka isaan dhifama cubbuu Waaqa biraa fudhatanii warra natti amanuu isaaniittiif qajeellumaa argatanii waliin akka dhaala argataniif.'19Kanaafuu, yaa mooticha Agriiphaa, muldhata samii kanaa ajajamuu hindhisuu, 20haa ta'u malee, anis duraan dursee warra Damaasqoo keessa jiraataniif, achinis warra Iyyaruusaaleem keessaa fi biyya Yihuudaa hunda keessa warra jiraataniif, akkasumas warra hormaatiif, akka isaan cubbuu irraa yaada jijjiirratanii gara Waaqayyootti deebi'aniifi cubbuu irraa deebi'uu isaanii akka hojiidhaan muldhisaniifiin ergaa kana isaaniif lallabe. 21Sababuma kanaaf Yihuudootnii mana qulqulluu keessatti na qabuun na ajeesuuf yaalan.22Kanaafuu garagaarsa isa Waaqayyoo biraa dhufu hanga guyyaa hardhaatti waanin argachaa jiruuf, kunoo asi dhaabadhee xiqaafi guddaadhaaf dhugaa baha malee waan raajonniif Museen jedhanii irratti dabalee waantiin dubbadhe tokkollee hin jiru, 23inni Kiristoos dhiphachuu akka qabuu fi isaan du'an keessa inni du'aa ka'un isa jalqabaa ta'uun saba keenyaa fi namoota ormaatiif ifa labsa."24Akkuma Phaawuloos mormii isaa fixeen, Fixoos sagalee isaa ol kaasee, "Phaawuloos, ati samuun kee xuqameera, barumsi kee guddaan si maraacheera" jedheen. 25Phaawuloos garuu "Yaa kabajamaa Fisxoos, ani hin maraanne, waantin ani dubbachaa jiru kun dhugaadha, sirriidhaas. 26Waa'ee wantoota kanneenii kana mootichi ni beeka, waanti isa jala dhokatees hin jiru, kanaafuu ifumattan isatti dubbadha.27Yaa mooticha Agriiphaa raajotatti amantaa? Akka amantu nan beeka." 28Agriiphaanis phaawuloosiin "Yeroo muraasa kanatti ati Kiristaana ana gochuuf jettaa?" 29Phaawuloosis "Yeroo xiqoos ta'u dheeraa keessatti si qofa otoo hin ta'iin warri hardha kana dhagahaa jiran kun hundii hidhaa (sansalata) kana malee akkuma akka koo ta'anii Waaqayyoon kadhadha" jedheen.30Kanaan booda moottichii, bulchaan biyyaa fi Barniiqees, akkasumas warreen isaan waliin taa'an ol ka'anii dhaabatan. 31Isaanis yammuu galmicha gad lakkisanii bahan "Namni kun du'aaf dhiifnaan hidhaadhaafu waanti isa geessissuu tokkollee hin jiruu" waliin jedhan. 32Agriiphaanis Fiisxoosiin "Namni kun otoo gara Qeesaaritti ol-iyyachuu baatee gad-isa lakkisuun ni danda'ama ture" jedheen.
1Akka dooniidhaan gara Ixaaliyaa deemuun keenya yammuu murtaa'u, Phaawuloosifii hidhamtoota kaannenis ajajaa dhibbaa Yuuliyoos jedhamuu kan miseensa kutaa waraanaa Awugisxoos jala jirutti dabarfamanii kennaman. 2Nutis doonii Adraamixiisii ka'ee kutaa Isiyaa buufatoota qarqara galaanaa galaanaa jiranitti fidu tokko yaabachuun galaana irra deemuu jalqabne. Arisxirokoos namni Tasaloonqee Maqeedooniyaa keessaa tokko nu waliin deeme.3Guyyaa itti fufutti magaalaa Siidoonaa bakka Yuudiyoosi Phaawuloosiif arjummaa itti godheefii akka gara hiriyoota isaa deemee waan isa barbaachisu argatuu eyyameefitti dhufne. 4Dooniidhaan achii kaanee galaana irra deemnee bubbeen fuldura keenyaa waan nutti ka'eef Qoophiroosiin dayeeffannee darbine. 55Erga dooniidhaan galaana irra qarqara Kilqiyaa fi Phanfiiliyaatiin ceene Muuraa, magaalaa Luuqiyaa qubanne. 6Achiiyyis, ajajaan dhibbaa sunis doonii Aleeksaandariyaadhaa gara Ixaaliyaa deemuu argee nu yaabachiise.7Nutis dooniidhaan guyyoota baay'eef suuta jennee deemuun rakkinaan naannoo Qaniidoos geenye, yammuu bubbeen akka gara fulduraatti hin deemneef nu dhoowwu karaa Salmuunaatiin dhufnee Qarxeesiin dayeeffannee deemne. 8Achiinis rakkina guddaadhaan qarqara galaanaa sana bira darbinee bakka buufata Dansaa (Gaarii) jedhamtuutti kan magaalaa Laasiyaa bira jiruutti dhufne.9Nutis amma yeroo baay'ee fudhanne, akkasumas yeroon xoomii warra yihuudootaas waan darbee tureef doonidhaan deemuun hamaa ta'uu ni danda'aa, kanaafuu Phaawuloos isaan of eegachiise, 10akkanas jedheen "Yaa namoota nanaa, ani akka karaan keenya kun rakkina qabu, rakkini kunis doonichaa fi fee'iisa kana irratti balaa guddaa akka geessissuu fi kana qofa otoo hin ta'iin lubbuudhuma keenyaafuu sodaachisaa akka ta'e nan arga. 11Ajajaan dhibbaa sun garuu gorsa Phaawuloos caala gorsa hooftuu doonichaa fi gorsa abbaa doonichaa dhagaha ture.12Yeroo roobaa (ganna) achii dabarsuuf buufatichii sun mijataa waan hin taaneef baay'een isaanii achii ka'uu irratti waligaluun, akkuma taanu taanee gara magaalaa Finqee yoo qaqabuu dandeenye yeroo gannaa kana achiitti dabarsiina jechuun gara buufataa karaa ilaala Qarxees kibba dhiyaa fi kaaba dhiyaatti dufuuf murteessine. 13Yammuu bubbeen kibbaa suuta bubbisuu jalqabu waan akka barbaadan ta'eef isaanitti fakkaate. Kanaafuu chikaala sibiilaa itti doonii hidhan buqisanii qarqara Qarxees qabachuun deeman.14Yeroo muraasaan booda garuu bubbeen hammaa "Hariikeen" jedhamuu karaa kaaba bahaatii lafa bishaan jidduu sana irraa ka'uun gad-isaan dhahuu jalqabe. 15Yammuu kana dooniichii obonboleetti galaana irraatiin qabamee gara bubbeeti deemuu dadhabu, nutis obonboleettichatti gad lakkifne gara bubbeen nu ofetti deemne. 16Nus bakka xiqqoo Qeedaa jedhamtuu kan bishaanii marfamte tokkoon dayeeffannee darbuun bidiruu lubbuu olchan rakkina baay'eedhaan baasuu dandeenye.17Namootni bidruu lubbuu olchaa kana harkisanii ol baasuun wadaroo isaatiin akka dooniin caccabee hin badnee naannessani hidhan, bakka Siirtis jedhamuutti cirrachaafi dhoqqeetti bu'ee akka qabamee hin hafneef waan sodaataniif doonii isaanii irraa sharaa buusuun akka ofuma isaatiin gara barbaadutti deemuu gad-dhiisan. 18Waan obonboleettiin galaana irraa kun akka waleetti nutti cimaa dhufeef, namootni guyyaa itti fufutti fe'isa isaanii gara galaanaatti gad-darbuu jalqaban.19Guyyaa sadaffaattis meeshaalee doonichaa harkuma ofiitiin fudhanii dadarbatan. 20Yammuu otoo aduus ta'ee urjii hin argiin guyyoota baay'ee dabarsineef, obonboleettiinis waan nutti cimaa deemeef, abdiin kana irraa hafuu ni dandeenya jenne qabnuu hunda ni fixanne.21Isaanis erga midhaan nyaatanii yeroo dheera waan turaniif, Phaawuloos walakaa isaanii ka'ee dhaabachuun "Yaa namoota isin otoo gorsa koo dhaggeessanii turtanii Qarxeesii hin kaatan turtan, rakkina fi miidhaan kunis isin irra hin gahuuyyu. 22Ammas taanaan ani akka isin jabaattanan isin gorsa, sababnis doonii kana malee isin keessaa lubbuun tokkoyyuu hin baddu.23Waaqayyoo innin ani kan isaa ta'eefi innin Waaqeeffadhu, kalleessa halkanii Maleekni Inni erge bukkee (cinaa) koo dhaabate. 24"Yaa Phaawuloos hin sodaatiin, ati fuldura Qeesaar dhaabachuu qabdaa, Waaqayyoos kun namoota si waliin deemaa jiran kana hunda isaanii gara laafuma isaatiin siif kenneera" naan jedhe. 25Kanaafuu yaa namoota nanaa jabaadhaa! Ani akka waantii kun akkamuu natti dubbateetti akka ta'u Waaqayyo nan amana. 26Haa ta'u malee lafa bishaan jidduu tokkootti ba'uun keenya waan hin ooleedha."27Yammuu halkan kudha afraffaa ta'u otoo galaana Adiriyaa irratti asiifi achi raafamaa jirruu, gara halkan walkaatti warrii doonicha irra hojjatan waan gara lafaatti dhiyaanne itti fakkaate. 28Isaanis wadaroo ittiin gad fageenya galaanaa ittiin safaran (lakka'an gad ha'anii yammuu ilaalan gad fageenyi bishaanii gara meetira afurtama ta'e, yeroo muraasaan boodas deebisanii yammuu gad ha'an gara meetira soodomaa ta'e. 29Isaanis dhagaa qarsaatti buna jechuun waan sodaataniif chikaala sibiilaa afur gara duuba doonitti gad ha'an, akka dafe birii'uufis Waaqa kadhatan.30Hojjatootni dooniicha irra hojjatanis waan chikaala sibilichaa gara fuldura doonitti buusan fakkeesuun, bidiruu lubbuu oolchaa gara galaanatti buusanii ofuma isaanii qofa olchuu yaalan. 31Phaawuloosis garuu ajajaa dhibbaa fi loltootaan "Yaa namootni kun asi doonii keessa turan malee isinis badii irraa hafuu hin dandeessan jedheen. 32Akasumaan loltootni wadaroo bidiruu sana irraa kutuun bidiruu sana gad lakkisan.33Akkuma lafti bari'uuf jedheen Phaawuloos akka midhaan nyaataniif isaan jajjabeesse. Innis "Guyyoota kudha afran kanatti garaa keessan rarra'ee otoo homaa hin nyaatiin turtanii jirtu. 34Kanaafuu akka isin nyaata nyaataaniifin ani isin kadhadha, kunis akka isin jiraataniif barbaachisa waan tuqamuu ta'eefi. Isin keessa namni tokkoyyuu rifeensi mataa isaa hin tuqamuu." 35Erga kana jedhee booda, biddeena fuudhee hunda isaanii fulduratti Waaqayyoo galateeffachuun cabsee (kutee) nyaachuu jalqabe.36Akasuma isaan hundu jabaachuun ofuma isaaniitiin bideena fudhatan. 37Namootni doonicha irra jirruu turre. 38Isaanis erga nyaatanii quufanii booda qamadii gara galaanaatti darbachuun dooniicha irra akka fe'iisi hirdhatu taasisan.39Yammuu lafti bari'uu akka gara lafaatti dhiyaatan waan hin hubannee turan, haa ta'u malee qarqarri galaanichaa cirracha ta'uu isaa yammuu argan akka doonicha gara sanatti ofuu danda'an wal mariyatan. 40Kanaafuu chikaala sibiilaa hiikuun galaana keessatti gad-dhiisan, yeroodhuma sanattis wadaroo battee hiikuun sharaa isa karaa fuulduraa qilleensatti olqabuun gara qarqara galaanaatti qajeelan. 41Haa ta'u malee doonichi cirracha galaana keessatti ol tuulametti bu'uun lafatti gad-rakkate. Karaa duuba immoo bubbeen hamaan waan rukuteef socho'uu waan hin dandeenyeef humna qilleensaatiin caccabuu jalqabe.42Loltootnis tokkolle daakanii bahuu akka hin dandeenye hidhamtoota ajjeesuuf karoorfatan. 43Garuu ajajaan dhibbaa suun waan phaawuloos du'a jalaa olchuu barbaadeef akka waan karoorfatan hin goonnee dhoowwee, warrii daakuu danda'an isaan dursanii gara bishaanitti utaalanii bu'uun gara lafaatti akka bahanii ajaje. 44Namootni hafan immoo kaan isaanii saanqaadhaan kaanis caccaba dooniiti rarra'ani akka bahan godhee. Haaluuma kanaan hundii keenya nagaadhaan gara laffatti baanee.
1Yammuu nagaadhaan gara lafaatti baanuu, bakka lafa bishaaniin marfamee sun akka Maaltaa jedhamuu beekne. 2Namootni achirra jiraataniis garaa laafummaa nama dinquun nu simachuun, sababa yeroo isaa gannaa fi qorra ta'eef ibidda bobeessanii nu keessummeessan.3Haa ta'u malee Phaawuloos otoo huncuurri walitti qabee gara ibiddaatti kaa'aa jiruu buutiin tokko sababa hoo'aatiin achi keessaa baatee harka isaa ciniintee itti hafte. 4Namootni achi jiraatan sunis yammuu buutiin harka Phaawuloos ciniintee isa irratti rarraatee argan akkana waliin jedhan "Dhugaadhuman namni kun nama lubbuu ajjeesseedha, ammam galaan jalaa bahullee; kunoo dhugaa akka jiraatuu hin eyyamneef.5Inni garuu buutitti gara ibidaatti gad ofirraa urgufuun miidhaa tokko malee hafe. 6Isaanis qaamni isaa ni dhiita'a yookin immoo battala lafa dhahee du'a jedhani eegu turan. Haa ta'u malee yeroo dheeraaf eeganii yammu akka inni homaa hin taane argan, yaada isaani jijjiiruun inni Waaqa jedhan.7Naannoodhuma sana biraa bulchaan biyya lafa bishaaniin marfamtee sana kan maqaan isaa Phuuphiloos jedhamuu achii lafa qaba ture. Innis gara laafummaan nu simatee guyyoota sadii waan nu barbaachisu nuu gochuun nu keessumeesse. 8Abbaan Phuuphiliyoosiis dhibee nafa gubaa fi garaa kaasaadhaan qabamee cisa ture. Yammuu Phaawuloos gara isaa deemee harka isaa irra kaa'ee kadhatuuf isa fayyise. 9Kanaan booda namootni lafa bishaaniin marfamtee sana irra jiraataan isaan dhukkubsatan hundis immoo dhufanii fayyan. 10Namootni sunis immoo kabaja baay'ee nuu kennuun nu kabajan. Yammuu dooniin deemuuf qophoofnu, waan nu barbaachisu hunda nuuf kennan.11Nutis ji'oota sadiin booda doonii ganna sana dhaabatee lafa bishaaniin jidduu sana tureen kaanee deemuu jalqabne, doonichis kan Aleeksaandariyaa ta'ee, malattoo 'waaqoota lakkuu' jedhu of gubbaa irraa qaba ture. 12Erga magaalaa siiraakuus geenyee booda, guyyoota sadiif achi turre.13Achiis kaanee dooniidhaan gara gara magaalaa Reegiiyoonii geenye. Guyyaa tokkoon boodas waan bubbeen kibbaa ka'eef, guyyoota lama keessatti gara magaalaa Putiyoliitti dhufne. 14Achitti obboloota tokko tokko arganne isaanis akka isaan waliin turruuf nu waan affeeraniif guyyoota torba isaan waliin turre. Nutis haaluma kanaan gara Roomeetti dhufne. 15Obbolooni achi jiraatanis, yammuu waayee keenya dhagahanb, hanga bakka lafa gabaa Aphiyuusittii fi hanga Siriilaaveernas itti nu simaachuu dhufan. Phaawuloosis yammuu obbolaa arguv,Waaqayyoo galateeffate, jabeenyas ni argate.16Yammuu nuti Roomee seennu Phaawuloos ofumasaatii loltuu isaa eegaa jiruu waliin jiraachuuf eeyyame. 17Akkasuma gara guyyoota sadiin booda Phaawuloos namoota isaan dura bu'oota Yihuudootaa turan walitti waame. Yammuu walitti qabamanii dhufan, innis, "Yaa obboloota ani dogongora waan uummataa yookin seera abboota keenyaa faalleessu homaa hin hojjannee, haa ta'u malee, Iyyaruusaaleem keessatti harka warra Roomeetti dabarfamee kennemeera. 18Isaanis erga na qoranii booda sababa du'aan na gahuu waan ana irratti hin arganeef gad na lakkisuuf feedhan.19Garuu yammuu Yihuudootni na mormanii dubbatan, ani gara Qeesaarittu ol iyyachuuf dirqamee malee saba koo himachuuf sababa qabaadheetii miti. 20Kanaafuu, sababa kanaaf ammas sansalata kanaan kanin hidhameefis sababa abdii Israa'eeliif kennameefiidha" isaaniin jedhe.21Isaanis akkana jedhanii isaaf deebisan, "Nuti xalayaa waa'ee keetii gara Yihuudaatii nugahee, obboloota keessaas eenyumtuu dhuufu nu hin gabaafne, yookin waa'ee kee waan badaa kan hime hin jiruu. 22Nut garuu waa'ee garee amantaa kanaa yaadnibkee maal akka ta'e sirraa dhagahuu barbaadne, sababnis bakka hundatti akka mormiin waan karaa dubbatamaa jiru nu birratti bekamaadha."23Isaanis guyyaa itti isa waliin walbargan erga beellamaniif booda, namootni baay'een bakka inni itti qubatetti dhufan. Innis dhimmicha isaaniif ibse, waa'ee mootummaa Waaqayyoos dhugaa bahe. Innis ganama irraa kaasee hanga galagalaatti waa'ee Iyyasuus, seera Musee fi kitaaba raajota, lamaanuu keessaa ibsuufii yaalee. 24Isaan keessaa muraasni isaaniiwaa'ee waanticha isa jedhame amanan, kaan hin amanne.25Isaaniis yammuu waliigaltee dhaban, isaanis erga Phaawuloos jechaa tokko kana dubbatee booda dhiisanii deeman "Hafuurri Qulqulluun karaa Isaayaas isa raajichaan abboota keessanitti sirritti dubbate. 26Innis "Gara uummata kanaa deemii akkana jedhi Dhagahuu ni dhageessu, garuu hin hubattan, ilaaluu ni ilaaltuu, garuu hin beektan.27Sababni isaas onneen saba kanaa jabaa waan ta'eef, gurra isaaniis duudeera ijjonis dunuukfataniiru. Otoo kana ta'uu baatee garuu, ijaan arganii, gurra isaaniitiinis dhagahanii, onnee (yaada) isaaniitiin hubatani ni deebi'uuyyuu anis isaaniin fayyisaayyu."28- 29 Kanaafuu akka fayyinni Waaqayyoo kun warroota ormaatiif ergameefi akka isaaniis dhagahan isin akka beektan."30Phaawuloosis mana ofi isaatiif kireeffate keessa waggoota lama jiraate, innis namoota isa bira dhufan hunda gamachuudhaan simata ture. 31Innis gufuu tokko malee ija jabbeenya guutuudhaan waa'ee mootummaa Waaqayyoo lallabaa wantoota waa'e Gooftaa Iyyasuus Kiristoosis barsiisaa ture
1Phaawuloos, ergamaan Yasuus Kiristoos, ergamaa wangeela Waaqayyoo ta’uuf, qophaatti addaan ba’ee waamame2Kunis isa Waaqayyo duraan dursee Kitaaba Qulqulluu keessatti karaa raajotaa waadaa galedha (abdachiisedha).3Innis waa’ee ilma isaa isa fooniin sanyii Daawwit irraa uumamee,.4Akka afuura qulqullutti immoo, isa du’aa ka’e fi ilma Waaqayyoo ta’uun isaa humnaan beeksifame wa’ee gooftaa keenya, Yasuus Kiristoosi dha. .5Ulfina maqaa isaatiif uummanni lafa irra jiraatu hunduu gara amantiitti, gara abboomamuttis geessuudhaaf ayyaanni ergamoota ta’uu, isumaan nuuf kennameera.6Isinis warra kan Yasuus Kiristoos ta’uudhaan waamaman keessa jirtu.7Isin warra Roomaa jiraattan hunduu, warra Waaqayyo isin jaallatee fi ummata isaa qulqullu akka taataniif isin waame hundi keessanuu, ulffinnis, nagaanis Waaqayyo, abbaa keenya, fi gooftaa keenya, Yasuus Kiristoos, irraa isiniif haa ta’u.8Duraan dursee, amantiin keessan addugnyaa lafaa guutuutti waan beeksimameef, isiniif, karaa Yasuus Kristoos, Waaqayyo koo nan galateeffadha.9Akkuma Waaqayyo na arggu, ani afuurakootiin wangeela ilma isaa keessatti yoon Waaqayyoo tajaajilu, yeroo hundumaa kadhata koo keessatti isiniin nan yaadadha.10 Kadhannaa koo yeroo hundaa keessatti, Waaqayyo, akka fedhii isaatti, dhufee akkan isin argu akka nadandeessisuuf nan kadhadha.11 Isin arguuf kanan barbaades (hawwes), akka jabeenya argattaniif kennaa affuuraa tarii yoon isiniif kenne jedheeni.12Kana jechuunis, anis amantii kootiin, isinis amantii kessaniin waliin taanee amantii keenya akka cimsannu bay’isee waanan barbaadeefi.13Yaa obboloota ko, yeroo baay'ee dhufee isin arguudhaaf akeekuu koo akka beektan nan jaalladha; garuu yeroo hundumaa hamma ammaatti ittifameera. Saba Waaqayyoo warra hin ta'in, warra biraa keessatti akkuman hojjedhe, hojii ija qabu isin gidduuttis hojjechuufan ture. 14Ani saba hundumaafuu, warra Giriikotaa fi warra Giriikota hin ta'iniifis, warra beektotaa fi warra wallaalotaafis kanan itti gaafatamu gatiitu ana irra jira;15Kanaafuu, ani karaa koo isin warra Roomaa jiraattaniifis Wangeela lallabuudhaaf qophaa’uu koo ibsuun barbaada.16Ani wangeelatti hin qaana’u, inni humna Waaqayyo isa warra amantii qaban hundumaa waan ta’eef; jalqaba warra Yihudootaaf, akkasumas warra Giriikotaaf.17Sababnisaas, wangeella keessatti qajeelummaan Waaqayyo amantii irra gara amantiitti akkuma ibsametti, "Namni qajeelaa ta'e amantiidhaan jiraata”.18Warri hin amannee fi qajeelloo hin taane dhugaa waan ukkaamssaniif, dheekkamsi Waaqayyoo samii (waaqa) irraa itti dhufa.19Waaqayyoo warra isa beekaniif ni hubatama; sababnisaas, Waaqayyo isaaniif beekumsa kenneera.20Erga biyyi lafaa uumamee jalqabee, raajiiwwan (qualities) Waaqayyoo, keessattu. humni isaa inni kan bara baraa fi waaqummaan isaa (divine nature), waan inni uume irratti ifatti mull’atee (argammee) jira. Kanaafuu, waan itti qabatan (sababbii godhatan) hin qabani.21Kunis sababni isaa, isaan waa’ee Waaqayyoo kan beekan yoo ta’ullee, akka Waaqayyootti ulfina hin laanneef; hin galateeffannes. Kana dhiisuudhaan, yaada isaanii isa gatii hin qabne (foolish) duukaa bu'an; onneen isaanii inni hadoodes ni dukkana’ee..22Nuti beekaa dha ofiin haajedhan malee,isaan garuu wallaalaa ta’ani. 23Isaan ulfina Waaqayyoo isa bara baraanuu hin badne fakkeessuudhaan gara bifa namaa isa badutti, bifa simbirrootaatti, bifa bineensota miilla afuriitti fi bifa uumamtoota warra lafa irra quqquriibanitti jijjiraniiru.24Kanaafis Waaqayyo kajeellaa garaa isaaniitiin xuraa'ummaatti, walii isaanii gidduuttis dhagna isaanii salphisuutti dabarsee isaan kenne.25Isaan dhugaa waa'ee Waaqayyoo sobatti diddiiraniiru; Waaqayyoon isa hundumaa uume dhiisanii, uumamaaf sagadanii, hojjetaniif. Waaqayyo garuu bara baraan galateeffamaa dha! Ameen.26Sababii kanaaf Waaqayyo kajeellaa nama salphisutti dabarsee isaan kenne; dubartoonni isaaniis karaa ittiin fedha fooniitiif dhiiraa wajjin wal bira ga'an isa uumamaan kennameef dhiisanii, gara isa uumamaan isaaniif hin kennaminitti diddiiratan.27Warri dhiiraas akkasuma karaa ittiin fedha fooniitiif dubartootaa wajjin wal bira ga'an, isa uumamaan kennameef dhiisanii, kajeellaa walii isaaniitiin gubataniiru; warri dhiiraas walii isaanii gadhoomsanii, beekaa karaa irraa jal'isuu isaaniitiif adaba dhagna isaanii akka ta'utti fudhataniiru.28Isaan Waaqayyoon beekuu, dubbii qajeelaatti waan hin lakkaa'iniif, Waaqayyo immoo yaada jal'aadhaa fi, waan namni hin hojjenne hojjechuutti dabarsee isaan kenne.29Isaan jal'ina, hammina, sassata, gadhummaa hundumaan guu-tamanii turan. Kanaanis guutamanii in hinaafu, in ajjeesu, nama in lolu, in gowwoomsu, warra kaaniif isa gadhee in hawwu, dhoksaa namaa in mul'isu;30in hamatu, Waaqayyoon in jibbu, humnaan nama irratti in ka'u, in afuufamu, of in jaju, hamaa lafaa fuudhanii in bixxilu, warra isaaniif hin abboomaman.31Qalbii hin qaban, waan dubbatan hin eegan, jaalala of keessaa hin qaban, oo'as hin qaban.32Akka abboommii Waaqayyootti warra kan akkasii godhaniif duuni akka isaaniif ta'u, in beeku. Haa ta'u iyyuu malee, ofii isaaniitii kan akkasii in godhu; kana gochuu isaanii duwwaas utuu hin ta'in, warra kana godhaniin "Ba'eessa gootan" in jedhu.
1Kanaafis, ati yaa isa nama biraatti faradduu, waan itti qabattu hin qabdu! Ati inni namatti faraddu, isuma namichi sun hojjete waan hojjettuuf, firdii isatti faraddeen ofitti in faradda.2Nuyi garuu firdiin Waaqayyoo inni warra waan akkasii hojjetan irratti dhufu qajeelaa akka ta’e in beekna.3Ati yaa namana! Warra waan akkasii hojjetanitti faradda, ofii keetii immoo isuma sana yommuu gootu, firdii Waaqayyoo jalaa baqattee kan baatu sitti fakkaataa?4Yookiis baay’ina gaarummaa isaa, obs isaa, siif danda’uu isaa salphaatti ilaaltaa ree? Gaarummaan Waaqayyoo gara geddarannaa yaada garaatti akka si geessu hin hubattuu ree?5Mata-jabina keetii fi yaada garaa keetii geeddarachuu diduu keetiin garuu, guyyaa firdiin Waqayyoo inni qajeelaan itti mul’atuuf dheekkamsa of irratti walitti in qabda;6Waqayyo nama hundumaafuu adda addaan akkuma hojii isaatti gatii in kennaaf.7Inni warra obsaan waan gaarii hojechaa, guddina, ulfina hin darbine, jireenya hin badness Waqayyo biraa argachuu barbaadaniif jireenya bara baraa in kennaf.8Namoota warra ofittoo warra dhugaadhaaf abboomamuu didanii, seera Waqayyoo malee jiraachuudhaaf abbomamanitti garuu in dheekama, isaan in ifatas.9Dhiphinnii fi gidiraan lubbuu nama hamaa godhu hundumaatti in dhufa; kunis duraan dursee nama Yihudii irratti akkasumas nama Yihudii hin ta’in irratti in dhufa.10Guddinni, ulfinni, nagaanis nama waan gaarii hojjetu hundumaaf in kennama; kunis duraan dursee nama Yihudaatiif akkasumas nama Yihudii hin ta’iiniif in kennama.11Waaqayyo nama wal hin caalchisu.12Warri seera utuu hin qabaatiin yakkan hundinuu, seerichi utuu hin ilaalamin in dhumu; warri seera qabaatanii yakkan hundinuu seerichaan isaanitti in faradama.13Warri seera dhaga’aan Waaqayyo duratti qajeeltota hin ta’an, waan seerichi abboomu warri godhan garuu qajeelota in ta’u.14“Yihudoota kan hin ta'in warri seericha hin qabne, uumama isaaniitiin waan seerichi isaan irraa barbaadu yeroo hojjetan, yoo seericha hin qaban ta'e iyyuu isaan ofuma isaanii keessaa seera qabu.”15“Isaan, hojiin seerichi abboomu garaa isaanii keessatti akka caafamee jiru in argisiisu; dhageettiin garaa isaanii akkasumas yaadni garaa garaa takka takka isaan hadheessan, takka takka immoo isaaniif falman, waa'ee kanaaf dhugaa ba'uu isaanii ti.”16“Akka wangeela ani barsiisuutti, guyyaa Waaqayyo harka Yesus Kristosiin dhoksaa namootaa bakkee baasee faradutti, wanti kun in beekama.”17“Ati garuu "Ani Yihudii dha ofiin jetta, seerri anaaf jira jettee in amanatta, "Waaqayyo dhuunfaa kooti" jettee of in jajja.”18“Jaalala Waaqayyoo beekta; seerichaan barsiifamtee, isa ta'uu fi isa hin taane gargar baaftee in himta.”19“Jaamotaaf karaa argisiisaa, warra dukkana keessa jiraniif ibsaa akka taate of amanatta.”20“Seericha keessattis beekumsaa fi dhugaa isa bifa macaafaatti qophaa'e waan argatteef, gowwoota in gorsita, wallaalotas in barsiifta.”21“Yoo akkas ta'e immoo, ati warra kan biraa kan barsiiftu, ofii kee immoo hin barsiiftuu? "Hin hatin!" jettee utuma lallabduu, ofii keetii immoo in hatta mitii?”22“"Hin ejjin!" in jetta, ati immoo in ejjita mitii? Ati waaqayyolii tolfaman in ciiggaata, galma isaanii immoo in saammatta mitii?”23“Seera Waaqayyoo qabaachuu keetiin of in jajja, seericha cabsuu keetiin immoo maqaa Waaqayyoo in salphifta mitii?”24“Akkuma caafamee jiru, "Sababii keessaniif maqaan Waaqayyoo warra saba Waaqayyoo hin ta'in gidduutti in arrabsama" in jedha.”25“Waan seerichi abboomu hundumaa yoo goote, dhagna-qabaan siif waa'ee in baasa; seericha irra yoo daddarbite garuu, dhagna qabachuun kee akka waan dhagna hin qabatin hafteetti in lakkaa'ama.”26“Namni dhagna hin qabatin immoo waan seerichi gaafatu yoo eege, dhagna hin qabatin hafuun isaa akka dhagna qabaatti hin lakkaa'amuufii ree?”27Egaa namni akka uumametti utuu dhagna hin qabatin hafee waan seerichi abboomu raawwatu, sitti in farada, ati seericha caafame utuu qabduu, utuma dhagna qabattuus seericha irra in daddarbita.”28“Namni bifa isa bakkeetti mul'atuun Yihudii waan ta'eef, Yihudii dhugaa hin ta'u; dhagna-qabaan fooniis dhagna-qabaa dhugaa hin ta'u.”29“Namni keessa namummaa isaatii isa bakkeetti hin mul'anneen Yihudii ta'e garuu,Yihudii dhugaa dha; dhagna-qabaan yaada garaa namaas dhagna-qabaa isa dhugaa dha; kunis hojii hafuura Waaqayyoo ti malee, hojii seericha isa caafamee miti. Namni akkasii kun Waaqayyo biratti malee, namoota biratti hin jajamu.”
1“Egaa Yihudiin faayidaa addaa maalii qaba? Akkasumas, bu'aan dhaqna-qabaa maali dha?”2“Karaa kamiinuu, bu'aa guddaa qaba. Hunda dursee, abdiin Waaqayyoo Yihudootatti kennamuu isaati.”3 “Yihudoota keessaa kan hin amanne muraasni waan jiraataniif, Waaqayyo amantummaa isaanii maaliif hambisaa?”4“Kun tasuma hin ta’u. Namni inni kam iyyuu sobduu yoo ta'e illee, Waaqayyo dhugaa dha. Akkuma barreeffamee jiruttis: "Ati yoo dhugaa dubbatta ta’e,, guyyaa murtiin (firdiin) kennamus dhugaa ni argatta.5“Garuu, yoo sobni kee dhugaa Waaqayyoo argisiise, nuti maal jechu dandeenya? Waaqayyo waan nutti dheekamuu barbaadef nu soba jechuu dandeenyaa? (Falmii namaa fayyadamuu kooti.)6“Kun tasuma hin ta’u!! Otoo akkas ta’e, Waaqayyo akkam godheetu biyya lafaatti murii kenna?”7“Garuu, sobni koo dhugaan Waaqayyoo ol-guddisee kan mul’isu yoo ta’e, maaliif anihamma ammatti iyuu akkan cubbamaa ta’eetti fudhatama?”8Isaan “Koottaa cubbuu hojjenna, akka waan gaariin nu dhufuuf” jedhu nuun jedhanii akkuma maqaa nuballeessan; namoonni muraasnis akkuma jedhaa nuun jedhan sana, maaliif hin jennu? Nu yakkuun isaanii sirriidhuma.9Maal haata’u, egaa? Nuti balleessa hin qabnu jennaa (Nuti cubbamtoota miti jennaa)? Tasuma hin jennu! Dura dabarsinee, warri Yihudootaas, warri Griiktotaas, hundumti isaanii iyyuu cubbamtoota jennee isaan himachaa waan turreerreef.10Akkas jedhamee, akkuma barreeffame: "Namni qajeelaan (qulqulluu ta’e) hin jiru, tokko illee hin!.”11“Namni isaafi galu tooko iyyuu hin jiru;, namni Waaqayyoon barbaadus tokko illee hin jiru.;”12“Hundi isaanii iyyuu, Waaqayyo irraa achi garagalaniiru; hunduu waluma faana, warra gatii hin qabne ta'aniiru; namni gaarii hojjetu hin jiru, nami tokko illee!,”13“Qoonqoon isaanii, boolla awwaalchaa afaan banee jiru dha; arrabni isaanii sobduu dha; hidhii isaanii jala, summii bofaatu jira.”14“Afaan isaanii abaarsaa fi dubbii hadhaa'aadhaan guutuu dha;”15“miilli isaanii dhiiga dhangalaasuutti ariifataadha,”16“karaa isaan irra darban irra diiguu fi gadadchuutu jira;”17“isaan karaa, nagaa immoo hin beekan;”18“Waaqayyoon sodaachuun yaada isaanii keessa hin jiru" jedha.”19“Ammas seerri waanuma jedhu, warra seera jala jiranitti akka dubbatu nuyi in beekna; kanas nama hundumaa afaan qabachiisuudhaaf, guutummaa biyya lafaas firdii Waaqayyoo jala galchuudhaaf in dubbata.”20“Egaa nama kan ta'e tokko illee wanta seerri nama irraa barbaadu gochuudhaan Waaqayyo duratti qajeelaa hin ta'u. Seerri cubbuun maal akka ta'e nama hubachiisa.”21“Amma garuu karaa seerichaa utuu hin ta'in karaan namni ittiin qajeelaa ta'u Waaqayyo biraa mul'ateera; seerrii fi raajonni karaa kanaaf dhugaa ba'aniiru.”22“Namni Yesus Kristositti amanuudhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa in ta'a; kana irrattis warra amanan hundumaaf garaa garummaan hin jiru.”23“Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir'ateera.”24“Isaanumti immoo ayyaana Waaqayyoo isa karaa furii Yesus Kristos tola isaaniif kennameen, qajeelota in ta'u.”25“Inni dhiiga isaa dhangalaasee du'uudhaan warra isatti amananiif mi'a araaraa haa ta'uuf, Waaqayyo isa dhaabe. Waaqayyo ofii isaa qajeelaa akka ta'e mul'isuudhaaf kana godhe; obsa isaatiinis cubbuu namoonni kanaan dura hojjetan irra darbeeraaf.”26“Bara sanaattis Waaqayyo qajeelummaa isaa argisiisuuf inni ofii isaa qajeelaa ta'uu isaa, nama Yesusitti amanus qajeelaa gochuu isaa mul'iseera.”27“Egaa, of jajuun eessa jira? Inni hafeera. Seera isa attamiitiin? Hojii keenyaanii? Karaa seera amantii malee, karaan biraa hin ta’u.”28“Egaa, namni qajeelaa kan ta’u amantiidhaani malee hojiwwan seeraatiin akka hin taane ni himna.”29“Yookiin immoo, Waaqayyo, Waaqayyoo warra Yihudootaa duwwaa dha? Inni warra Waaqayyoon hin amanneefis Waaqayyo mitii? Eyyee, inni warra Waaqayyoon hin amanneefisi.”30“Inni dhugumatti Waaqayyo tokkicha yoo ta'ee, isa dhaqna qabate amantidhaan, isa dhaqna hin qabanne immoo amantiidhaaf qajeelcha.”31“Egaa, amantii kanaatiin seericha gatii dhabsiisna jechaa dha? Tasuma miti! Jabeessineetu dhaabna malee.”
1Waa’ee, isa sanyii fooniin abbaa keenya ta’e, Abrahaam egaa maal argate jenna? 2Abrahaam hojii gaarii (qulqulluu) kan hojjeeteeru otoo qabaatee,silaa sababa ittiin of jaju ni qabaata ture; Waaqayyoo duratti garuu hin qabu.3Kitaabni Qulqulluus wa’ee isaa maal jedha? "Abrahaam Waaqayyotti amane, kunis akka qajeellummaatti (qulqulluummaatti) isaaf lakkaa'ame".4Amma, mindaan isa hojjetuuf kaffalamu, gatii argachuun isaaf ta'utti lakkaa'ama malee, akka kennaa tolaatti hin lakkaa' amu. (Recheck)5Garuu, namni hin hojjenne, garuu immoo, Waaqayyo isa qajeelaa nama godhutti kan amanu yoo ta’e, amantiin isaa qajeelummaatti lakkaa'amaaf.6Akka Daawwiit dubbatettis , namni, inni hojii malee, Waaqayyoti amanu, qajeelummaan isaan kan eebbifame dha,7Innis akkas jedha, "Warri seeraan ala ta’uun isaanii isaaniif dhiifatameef; Warri cubbuun isaanii dhoksameef eebbifamtoota dha!” 8“Namichi inni Gooftichi cubbuu isaa itti hin lakkoofne eebbifamaa dha! "9Egaa, ebbi kun himame warra dhaqna qabatan qofaafi immoo warra dhaqna hin qabanneefis dha? Nuti kan junnu, "Amantiin isaa Abrahaamiif akka qajeelummaatti (qulqullummaatti) lakkaa'ameefiira".10Attamitti lakkaa'ameef? Erga inni dhaqna qabatee booda moo isa dura? Booda miti; dura dha!11Abrahaam otoo dhaqna hin qabatin dura mallattoo dhaqna qabnummaa kan ta’e abdii qajeellummaa (qulqullumma) amantii isaatiin argatee. Kaayyoon kanaas, warra otoo dhaqna hin qabatin amanan hundumaaf qajeelummaan akka lakkaa'amuuf isa abbaa isaanii gochuudhaaf..12 Inni abbummaan isaa, warra dhaqna qabatanii fi qhaqna qabachuu qofaa otoo hin taane, dhaqna qabataniis, akkuma abbaa keenya Abrahaamittis otoo dhaqna hin qabatiin duras akka amananiif.13Sababni Abrahaamii fi sanyiin isaaa addunyaa biyya lafaa akka dhaalaniif abdiin isaaniif kenname kara seeraa otoo hin taane, karaa qulqullummaa (qajeelummaa) amantii tiinii. 14Kunis kan ta’e, yoo dhaalumman warra seera kabajaniif kenname, ‘amantiin gatii dhaba; abdiin kennames homaa hin godhu jechaa dha’ waan ta’eefi.15Seerri dheekkamsa fida; bakka seerri hin jirre, garuu, seera cabsuun hin jiru.16Sababa kanaafis, abdiin sun ulfinaan dhugoomee (kabaja argatee) sanyii Abrahaamiif, warra seeraaf bulan qofaa otoo hin taane warra amantii Abrahaam qooddataniifis, kan kennamu amantiidhaani. Inni, abbaa hunduma keenyaati; 17Akkuma barreeffamee jiruttis, "Biyyoota baaye’ef Abbaa akka taatu, ani si filadheera.” Abrahaamis, Waaqayyo, isa du'aatti lubbuu uumu; isa waantota hin jirres uumee jiraachisu, ta’eef amanamaa dha.18“Sanyiin kees ni baay’ata;” atis namoota biyyoota hedduuf abbaa isaanii taata jedhamee isa itti himame Abrahaam waan amaneef, waan abdii hin qabnetti abdate. 19Amantii isaatti otoo hin laafiin, Abrahaam qaamni isa akka dulloome (umuriin isaa waggaa dhibba tokko waan ta’eef) fi gadameessi Saaraas dullumarraa kan ka’e akka da’uu hin dandeenye heduu (yaaduu) jalqabe.20Garuu sababa Waaqayyo isa abdachiseef, Abrahaam amantii isaatti hin mamne (shakkine). Kanarras darbee, amantii isaa cimsate; Waaqayyootiifis galata (ulfina) kenne. 21Waaqayyo waan isa abdachiise gochuu akka danda’us garaa guutuudhaan amane.22Kanaafuu, kunis "akka qajeelummaati (qulqullummaatti) isaaf lakkaa'ame".23Jechi "Isaaf lakkaa'ame" jedhu, garuu, Abrahaam duwwaadhaaf kan barreeffame miti. 24Waaqayyo, isa gooftaa keenya Iyasuus Kiristoos du’aa kaasetti warra amannuufis akka nuuf lakkaa’amu barreeffameera.25Kunis isa balleessaa keenyaaf du’aaf babarffame laatamee fi isa nu qulqulleessuuf immoo du’aa kaasameefi dha.
1Kanaafis, nuti amantiidhaan qajeelota erga taanee, karaa gooftaa keenya Yasuus Kristoos, Waaqayyo biratti nagaa qabna.2Karuma isaatiis nuti ulfina (ayyaana) ittiin dhaabbannu karaa amantiitiin arganneerra; kabaja Waaqayyootiifis abdiidhaan guutamneerra.3Kana qofaa otoo hin ta’iin, gidiraa nutti dhufuttis ni gammanna. Gidiraan obsa akka fidu ni beekna. 4Obsi qorumsa fida, qorumsa darbuun immoo abdii fida (namaa kenna).5Abdiin immoo nama hin qaanessu; sababni isaas, jaalalli Waaqayyo, karaa Afuura Qulqulluu nuuf kennameetiin, gara onnee keenya keessatti waan dhangalaasameefidha.6 Yeroo nuti ammayyuu dadhabaa turree sanattis, yeroo sirrii ta’e sanatti Kiristoos warra Waaqayyotti hin amanneef jedhee du’e.7Nama gaarii ta’e tokkoof, namni du’uufii tarii jiraachuu ni mala malee, nama qajeelaa ta’eef garuu namni isaaf jedhee du’uu fedhu waan jiru hin fakkaatu.8Waaqayyo garuu, yerootti nuti ammayyuu cubbamtoota taanee jirruutti, jaalala mataasaa unuutiif qabu du’aatii Kristoosiin nuuf mirkaneesse..9Baayee’etti dabalataanis, amma dhiiga isaatiin qajeelota waan taaneef, isaatiinis dheekkamsa Waaqayyoo jalaa ni baraareffamna.10 Yeroo diinota walitti taanee turre sanatti illee, du'a ilma isaatiin Waaqayyotti araaramneerra, baayyee’etti dabalataanis erga araaramnee booda immoo jireenya isaatiin ni fayyina (du’a jalaa baana).11Kana qofaa otoo hin taane, karaa isa araara argannee, karaa gooftaa keenya Yasuus Kristoos, Waaqayyottis ni gammadna.12 Kanaafuu egaa, cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe sana, duutis cubbuudhaan dhufe. Sababa namoonni hunduu cubbuu hojjetaniifis, duuti gara namoota hundumaatti tatamsa’e. 13Erga seerichi jiraatee kaasee, cubbuun biyya lafaa irra jira ture; garuu, yeroo seerri hin turretti, cubbuun hin lakkaa'amu.14Haa ta'u malee, bara Addaam iraa jalqabee hanga bara Museetti, namoota warra akka Addaam seera cabsuudhaan cubbuu hin hojjenne dabalatee, hanga fakkeenyi Addaam dhufuuf jedhu sanatti duuti tureera.(Recheck).15Kennaan Waaqayyou kun garuu, akka balleessaa (seera cabsuu) sanaa miti. Sababa balleessaa (cubbuu) nama tokkootiin, namootni hedduun akkuma du'an, sababa nama tokkootiin, innis kennaa Waaqayyoo kan ta’e, Yasuus Kiristoosiitiin, namootni hedduunn ulfina Waaqayyoo argatan!16Kennaan kuni bu’aan isaa akka cubbuun nama tokkoo suni fide miti. Cubbuun nama tokkoo, badii nama hundaa irratti akkuma fide; balleessaa namoota baay'ee booda kennaan dhufe garuu qajeelummaa fide. 17Namni tokko waan balleesseef, sababa nama tokkotiifis duuti dhufe; karaa nama tokkoo, Yasuus Kiristoos, immoo namootni hedduun uffinaa baay’ee fi kennaa qajeelummaa jireenya bara baraaf argatani!18Kanaafuu egaa, akkuma cubbuun nama tokkoo namoota hunduma irratti du’a fidetti, karaa hojii qajeelaa namni tokkoo hojjeteen immoo namoota hundumaaf qajeelummaa fi jireenyi argameera.19Akkuma cubbuu (balleessaa) nama tokkootiin, baay'een cubbamoota ta’anii ture sanaatti, sababa seeraaf abboomamuu nama tokkootiin immoo akkasuma baay'een qajeelota ni ta'u.20 Bakka seerri jirutti garuu, cubbuun (balleessaan) ni baay’ate. Bakka cubbuun (balleessaan) baay’ateeti garuu, ulfinni Waaqayyoo caalmaatiin baay'ate. 21Kunis kan ta'e, akkuma karaa du'aatiin cubbuun mo'e, karaa gooftaa keenyaa Yasuus Kristoos immoo qajeelummaadhaan ulfinaan jireenya bara baraa arganna.
1Egaa maal jennaree? Ulfinni Waaqayyoo akka baay'atuuf cubbuu keessa jiraachuu itti fufuu qabnaa?2Kun tasuma ta'uu hin qabu! Nuti warri cubbuutiin duune, attamitti ammayyuu cubbuu keessa jiraanna?3Nutii warri Yasuus Kristoos faana tokko ta’uuf cuuphamne, du'a isaa faanas tokko ta’uuf akka cuuphamne hin beektanii?4Nuti haaluma cuuphamneen, isa waliinis du'nee awwaalamne. Kunis kan ta’e, akkuma Kristoos ulfina abbaa isaatiin warra du’an keessaa kaasame, nutis gara jireenya haaraatti ni deemna.5Akkuma isaa duunee, du'aan akkuma isa faana tokko taane, du’aa ka’uudhaanis, akkuma isaa du’aa kaannee isatti dabalamne.6 Qaamni keenya inni cubbamaa ta’e sun akka barbadaa’uuf, namnichi inni dulloomes isa faana akka fannisame ni beekna. Kunis kan ta'e, akka nuti kana booda cubbuudhaan hin garboomneefidha.7Namichi inni du’e sun, cubbuu jalaa waan ba’eef, qajeelummaan isaa ni ibsama.8Kristoos wajjin yoo duune garuu, isa waliin taanee akka jiraannus ni amanna.9Kristoos erga du’aa keessaa kaasamee booda, deebi'ee akka hin duunee fi duutis kana booda isa irratti gooftummaa akka hin qabne ni beekna.10Cubbuudhaaf jedhee, du’a al-tokkoofi isa dhumaa du’e. Jireenya isa jiraatu, garuu Waaqayyoof jiraata. 11Haaluma walfakkaatuun, isin mataan keessan kan hubachuu qabdani, kan duutani cubbuudhaaf akka ta’eef, garuu immoo karaa Yasuus Kiristoos Waaqayyoofis akka jiraattani dha.12 Kanaafuu, cubbuun qaama keessan isa du’u sanaa akka hin abbomneef, fedhii qaama keessaniif hin abboomamiinaa.! 13Meeshaalee jallinaaf oolan akka hin taaneef, qaamota keessan cubbuuf dabarsitanii hin kenniinaa. Garuu, akkuma warra du’aa gara jireenyaatti fidamanii, isinis Waaqayyoof of kennaa; meeshaalee qajeelummaaf oolan akka ta’aniif qaamota keessanis Waaqayyoof kennaa. 14Cubbuun akka isin abboomu hin eeyyamiinaa. Isin kan jirtan seera jala otoo hin taane, ulfina jala waan ta’eedhaaf.15Egaa maali? Sababa seera jala otoo hin taane, ulfina jala waan taaneef, cubbuu hojjechuu qabna jechaadhaa? Kun tasuma hin ta'u. 16Akka garbootaatti dabarsitanii yoo of laattani, isa abboomamtaniif sanaaf garba akka taatan hin beektanii? Garbummaan keessan yookiin isa gara du’aatti isin oofu cubbuudhaafi, yookiin immoo isa gara qajeelummaatti isin geessuf buluudha.17 Waaqayyoof galatni haa ga’u malee, isin garboota cubbuu taatanii yoo turtan illee, amma garuu garaa guutuudhaan barsiisa ittiin bulmaataa isinii kennameef abboomamtaniittu. 18Cubbuu jalaa bilisa baasamtanii, qajeelummaaf akka bultan (abboomamtan) godhamtanii jirtu.19 Foon keessan dadhabaa waan ta’eef, akka namaattin dubbadha. Akkuma qaamota dhaqna keessanii garbbummaa xurii fi seeraan alummaaf, isa seeraan alummaa caalaatti fiduuf, dabarsitanii laachuudhaan garboomsitanii ture sana, amma immoo, qulqullummaatin jiraachuudhaaf, qajeelumaaf akka abboomaman godhaa.20Yeroo garboota cubbuu turtan sana, qajeelummaa irraa bilisa turtani. 21Isa amma itti qaanoftan, hojiiiwwan keessan yeroo sanaa irraatii egaa bu’aa maal argattani? Bu’aan isaanii du’a dha!22Amma garuu cubbuu jalaa bilisa baasamuudhaan Waaqayyoof akka abboomamtan waan godhameef, bu'aan keessan qulqullummaa dha. Bu’aan kanaas, jireenya bara baraati!. 23Mindaan (Kaffaltiin) cubbuu du'a dha; kennaan Waaqayyoo garuu, karaa gooftaa keenya Yasuus Kiristoos, jireenya bara baraa dha.
1 Yaa obboloottankoo (isin warra seera beektan ittan dubbadha), namni tokko lubbuudhaan hanga jiraatutti seerichi akka isa bulchu (abboomu) hin beektanii?2 Dubartiin heerumtee jirtu tokko, hamma abbaan warraa ishee lubbuudhaan jirutti, seeraan isatti hidhamtee jirti; abbaan warraa ishee yoo du'e garuu, isheen seera gaa’elaa sana irraa bilisa ni taati.3 Kanaafuu egaa, abbaan warraa ishee lubbuudhaan bakka jirutti, dhiira biraa wajjin yoo jiraatte, sagaagaltuu (ejjituu) jedhamti. Yoo abbaan warraa ishee du'e garuu, isheen seericha irraa bilisa waan taatee jirtuuf, dhiira biraa waliin yoo jiraatte, sagaagaltuu (ejjituu) hin jedhamtu.4Kanaafuu, yaa obboloottankoo, isinis, karaa dhaqna Kiristoos, seerichaaf duutanii jirtu. Kunis kan ta’u, Waaqayyoof bu’aa akka buusnuuf, isinis isa du’aa kaasameetti makamuu waan qabdani fidha. 5Yeroo nuti fooniif jiraachaa turre sana, seerichi fedhii foonii keenyaa cubbummaaf baay’isee kakaasuudhaan, qaamotni dhaqna keenyaa firii (bu’aa) du’aa akka horan hojjechaa ture.6 Amma garuu seericha jalaa baanee jirra. Isa itti of hiineef duuneerra. Kanaafuu, barreeffama (seera) isa moofaa otoo hin taane, Afuura isa haaraa keessatti tajaajilla.7Egaa maal jenna? Mataa isaatti seerichi cubbuu dha? Tasa miti! Haa ta'u malee, otoo seerri hin jiraannee ani cubbuu hin beekun ture. Seerri, "Waan namaa hin hawwiin!" otoo jedhee hin turre ta'ee, hawwuun maal akka ta'e iyyuu hin beekun ture.8Cubbuun garuu abboommii seeraa sanatti fayyadamuudhaan, fedhii jiru hundaa na keessatti uume. Seerichaan ala immoo cubbuun dua’aadha.9 Dur yeroo seerri hin jirre sana, ani jiraachaan ture; yeroo abboommichi dhufee ture sana garuu cubbuun deebiseetu jireenya argate..10Ani immoo nan du'e. Abboommichi inni jireenya fiduu qabu ture, garagalee du’a natti fide.11 Cubbuun abboommicha akka carraatti fayyadameetu na gane. Karuma abboommichaas na ajjeese.12 Kanaafuu, seerichi mataa isaatii qulqulluu dha; abboommichis qulqulluu, qajeelaa fi gaarii dha.13 Egaa waan gaarii turetu du'a natti fide jechaadhaa ree? Kun tasuma miti! Cubbuun, cubbuu ta'uun isaa akka mul’atuuf, karaa isa gaarii ture sanaa du'a natti fide; karaa abboommichaas, cubbuun cubbummaa gar-malee hammaataa ta’e fide.14Seerichi afuura akka ta'e ni beekna; ani garuu nama foonii waanan ta’eef cubbuu jalatti garbummaaf gurgurame.15Waanan hojjedhu dhugaa naaf hin galu. Waanan jaaladhu, hin hojjedhu; waanan jibbu immoo, nan hojjedha. waanan jibbun hojjedha malee, waanan jaalladhu hin hojjedhu.16Waanan hin jaalanne yoon hojjedha ta’e garuu, seerichi akka gaarii ta’e seericha waliin walii galeera jechuudha.17 Ammaan booda garuu, waanan hin jaallanne kanas kan hojjetu ana otoo hin taane, cubbuu isa na keessa jiru dha. 18Ana keessa, keessumattuu foon keessa, waan gaariin akka hin jirre nan beeka. Waan gaarii hojjechuuf fedhiin na keessa jira; ani garuu hojjechuu hin danda’u.19 Waan gaarii isan jaalladhu hin hojjedhu; hammeenya isa hin jaalanne garuu nan hojjedha.20 Waanan hin jaallanne amma yoon hojjedhu, kana booda kan hojjetu ana miti; cubbuu isa na keessa jiru dha malee.21 Egaa yoo ani waan gaarii hojjechuu barbaadu, seerichi waan hamaa natti fida.22 Seera Waaqayyootti keessakootti nan gammada.23Qaama koo isa foonii adda addaa keessatti garuu seera kan biraatu natti mul’ata. Seera isa haaraa yaadni koo fudhate waliin wal-lola. Seera cubbuu isa qaamota fooni koo keessa jiruufis na garboomsa.24 Ani nama rakkataa dha! Foon isa kan du’aa ta’e kana jalaa eenyutu na baraara?25Karaa gooftaa keenyaa Yasuus Kiristoos galatni Waaqayyoof haa ta'u! Ammaan booda egaa, yaada kootiin seera Waaqayyootiif, foon kootiin immoo seera cubbuutiif ani mataan koo nan hojjedha.
1 Kanaafuu, warri Kiristoos Yasuus ta’an amma yakkamtoota miti.2Kristoos Yasuusiin jiraachuukeetiif, seerri Afuuraa seera cubbuu fi du’aa jalaa si baaseera.3 Seerrii karaa foonii dadhabaa waan ta’eef hojiisaa hojjechuu hin dandeenye. Kanaafuu Waaqayyo cubbuuf jedhee ilma isaa tokkicha fakkii fooniitiin ergudhaan cubbuu balleessee.4Waaqayyo kanas kan godhe akka nuti, akka fedhii foonii otoo hin taane, akka fedhii Afuuraatti, waan seerichi nurraa barbaadu guutuufidha..5Warri akka fedhii foonii jiraatan, waa’ee foonii yaadu; warri akka fedhii Afuuraa jiraatan, garuu, waa’ee Afuuraa yaadu.6Waa’ee foonii yaaduun du’a dha; waa’ee Afuuraa yaaduun, garuu, jireenyaa fi nagaa dha. 7Akka fedhii fooniitti yaaduun diinummaa Waaqayyooti; yaadni akkasii seera Waaqayyoof hin abboomamu, abboomamuus hin danda'u.8Warri fedhii fooniif jiraatan,Waaqayyoon hin gammachiisani.9 Afuurri Waaqayyoo yoo dhuguma isin keessa jira ta’e garuu, isin akka fedhii foonii otoo hin taane, akka fedhii Afuura jiraattu. Namni Afuura Kiristoos hin qabne kamuu garuu, kan isaa miti..10Kiristoos yoo isin keessa jira ta’e, dhaqni keessan sababa cubbuutiif du'aa dha; sababa qajeelummaa keessaniif garuu, Afuurichi jireenya isiniif ta'a.11Afuur Waaqayyoo inni Yasuus du'aa kaase isin keessa yoo jiraate, inni Kiristoosiin du'aa kaase, dhaqna keessan isa du'ufis Afuura isaa isa isin keessa jiruutiin jireenya ni kenna.12 Egaa yaa obboloottankoo, idaan nurra jira! Fooniif jennee, fedhii fooniif jiraachuu hin qabnu. 13Akka fedhii fooniitti jiraattu yoo ta’e, du'uu keessani; Afuuraan yoo hojiiwwan foonii qaama keessanii ajjeestan garuu, ni jiraattu.14 Warri Afuura Waaqayyootiin adeeman hundinuu ilmaan Waaqayyoo ti.15 Afuuri isin fudhattan Afuura sodaa isa garbummaa jalatti isin deebisu otoo hin taane, Afuura ittiin guddifamtan, isa “Yaa Abbaa keenyaa” jennee Waaqayyotti iyyannudha!.16 Afuurichi mataan isaa afuura keenya waliin ta’uudhaan, nuti ijoollee Waaqayyoo ta'uu keenya dhugaa ni ba'a.17Nuti ijoollee isaa erga taanee, dhaaltota isaas ni taana, dhaaltota Waaqayyoo. Dhugumatti, yoo Kiristoos faana dhiphannee (rakkannee) immoo, isa faana waan ulfina argannuuf, isa wajjiniinis qixxaannee dhaaltota ni taana.18 Dhiphinni keenya ammaa (hardhaa), ulfina isa nuuf dhufuuf jedhu waliin yoon madaalee ilaalu, walittuu kan hin dhufne akka ta’ettin lakka’a.19Uumamni hunduu mul'achuu (mul’ina) ijoollee Waaqayyoo hawwiin eeggachaa jiru.20 Uumamni gatii hin qabu; kunis kan ta’e isaatiin otoo hin taane, isuma isa uumetu akkas isa godhe; haa ta'u malee garuu, akkas ta'uun isaa abdii qaba.21 Kunis kan ta'e, akka uumamni mataan isaa garbummaa badii jalaa ba’uufi, gara bilisummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabaniitti dhufaniifidha.22Hanga ammaattis uummanni hunduu walfaana ta’ee akka aaduu fi akka ciniinsifatu ni beekna.23 Isa qofaa miti; nuti warri Afuura dura dabarsinee argannee mataan keenyi iyyuu fayyina qaama keenyaa kan ta'e guddisannaa Waaqayyoo hawwiidhaan eegaa waan jirruuf, keessa keenyatti ni aadna. 24Nuti abdiidhaan fayyinerra; abdiin inni amma argaa jirru garuu abdii miti. Isa argummaa, eenyutu abdataa? 25Yoo isa ijaan hin argine abdanne garuu, obsaan ni eegganna.26 Haaluma walfakkaatuun, Afuurris dadhabbii keenyatti ni nu gargaara. Akkam jennee akkatti kadhannu nuti hin beeknu; Afuurri mataa isaatiin garuu haala ibsamuu hin danda’amneen aaduudhaan nuuf in kadhata.27Waaqayyo inni waan yaada garaa namaa keessa jiru argu, yaada Afuuraas sababa beekuuf, Afuurri akka fedhii Waaqayyootti warra isaaf qulqullaa'aniif ni kadhata.28 Waaqayyoon warra jaallatan fi warra kaayyoo isaatiif waamamaniif waan gaarii akka isaaniif hojjetu ni beekna.29Ilmi isaa obboloottan hedduu keessaa hangafa akka ta'us, warri inni durumaan dursee beeku ture immoo bifaan akka ilma isaa fakkaatanis murteesseera.30Warra duruma dabarsee murteese, isaaniinis ni waame. Warra waame immoo qajeelota isaan godhe. Warra qajeelota godhe immoo ulfina isaani kenne.31 Waa’ee waantota kanaa kanaafuu maal jenna? Waaqayyo yoo nu faana ta’e, eenyutu nu dura dhaabbata? 32Waaqayyo inni ilma isaa otoo hin mararsiifatin hunduma keenyaaf jedhee dabarsee kennee, attamitti waan hunda ilma isaa wajjin tolaan nuuf hin kennuu?33 Warra Waaqayyo filate, eenyutu yakka (himata)? Abbaan firdii (murtii) Waaqayyo dha!34Eenyudha inni yakkuu (himatu)? Kan du’e Kiristoos Yasuusidha. Kana irra darbees, kan du’aa kaasammee karaa harka mirgaa Waaqayyootti argamee Waaqayyoon nuuf kadhatuus, Yasuusidha.35 Jaalala Kiristoss irraa gargar kan nu baasu eenyu? Gidiraa moo muddama,moo ari'atamuu (cunqurfamuu), moo beela, moo qullaa ta'uu, moo balaa, moo haaduu (saanjaa) dha?36Akkuma barreeffamee jirutti: "Siif jedhameetu, guyyaa guutuu ajjeefamna nu keessaa in ajjeefamu, akka hoolotaatti lakkaa’amne gorraafamna.”37 Hunduma kana keessaa darbuudhaan garuu, karaa isa nu jaallatee isa mo’een ni caalla.. 38Duutis, jireenyis, ergamtooni waaqa irraas, mootummoonnis, waantoonni jiranis, waantoonni dhufanis, humnoonnis, 39Ol dheerumsis, gadi fageenyis, waantoonni uumamani jiran kan biraas, jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kiristoos Yasuus nuuf dhufe irraa gargar nubaasuu akka hin dandeenye amaneera.
1 Ani maqaa Kiristoosiin dhugaan dubbadha; hin sobu. Yaada garaakoo Afuurri Qulqulluu naaf ba'a. 2Gaddi cimaafi madaan (dhukubni) hin fayyine lapheekoo (garaakoo) keessa jira.3 Obboloottan koo warra fooniin fira koo ta’an sanaaf jedhee ani mataan koo otoon abaaramee Kiristoos irraa addaan ba’ee hawwii koo ture. 4Isaan Israa’elota; isaan ilmummaa, ulfina isaa, waadaa kakuu, kennaa seerichaa, sir a hojii mana sagadaa, fi abdii Waaqayyoo qabu.5Kiristoos, inni hundaaf Gooftaa ta’e, akka fooniitti kan dhufe qomoo Abbootii isaanii irraati. Galatni bara baraa isaaf haata’u! Ameen.6 Kuni garuu, sagaleen Waaqayyoo hin kufe jechuu miti; sanyii Israa'el kan ta'e hunduu dhugumatti Israa'el miti;7Sanyii Abrahaam kan ta'anis hundumtuu dhugumatti ijoollee Abrahaam miti. Garuu, "sanyii Yisihaq jedhamee waamamtu".8 Kana jechuunis, ijoolleen foonii, ijoollee Waaqayyoo miti. Ijoolleen Waaqayyo abdachise garuu, akka sanyii isaatti fudhatamu.9"Yeroo kana nan dhufa; Saaraanis ilma argatti". Kunis sagalee abdiiti.10Kana qofaa otoo hin taane, Ribqaanis, abbootan keenya keessaa tokko kan ta’e Yisihaq iraa ni ulfoofte;11Ijoolleen sun otoo hin dhalatin dura, isaan keessaas tokko illee gaarii yookiin hamaa otoo hin hojjetiin, kaayyoon (akeekkiin) Waaqayyoo akkuma filannoo isaatti akka ta’uuf,12akka hojiiwwan namaa otoo hin taane, akka waamicha Waaqayyootti sababa ta’uuf, "Inni hangafni isa quxisuudhaaf ni ergama" jedhameetu isheetti himamee. 13Akkuma, "Yaaqoobin nan jaalladhe; Eessaawuu dhaan garuu nan jibbe", jedhamee barreeffamee turetti.14 Egaa maal jenna? Waaqayyo balleessaadhaa (nama walcaalsisaa)? Tasuma miti. 15Waaqayyoo, "Naman araara godhuufiif araaran godha; naman garaa laafuuf, garaan laafa," jedheetu Muuseetti hime.16Kanaafis egaa, araarri kan argamu Waaqayyo irraati malee, waan namni jaalateef yookiin immoo waan namni fiigeef miti.17 Akka Kitaabni Qulqulluu jedhuttis, “Maqaan koo biyya lafaa hundumaa irratti akka himamu waanan barbaadeef, siitiin humna koo argisiisuuf jedheen ol si kaase” jechuudhaan Waaqayyo Fara’onitti hime. 18Kanaafuu egaa, Waaqayyo nama barbaadeef araara ni godha, nama barbaadeen immoo danqamaa ni godha.19Egaa, “Waaqayyo maaliif balleessaa nama irratti barbaada? Eenyutis fedhii isaa mormee beeka?” jettanii na gaafattu.20 Haata’u malee garuu, ati yaa namanaa! Ati eenyu taateetu dha kan Waaqayyotti deebistu? Waanti harka namaatiin hojjetame tokko isa isa hojjeteetiin, “Maaliif akkasitti na hojjette?” jedhee ni gaafataa? 21Akkasumas, namni suphee dha'u tokko, dhoqqeedhuma tokko irraa yoo barbaade meesha faayidaan isaa waan kabaja qabuuf oolu, yoo barbaade immoo, meeshaa isa faayidaan isaa ulfina hin qabneef oolu hojjechuuf mirga hin qabuu?22 Waaqayyo, inni dheekkamsa isaa argisiisuufi humna isaas beeksisuu barbaade, warra akka qodaa dheekkamsaa ta'anii badiif qophaa'anii jiran kanaaf yoo obsa baay'eedhaan danda'eera ta'e maal ta'a?23Ulfinni isaa hangam akka ga’u argisiisuudhaaf jedhee, warra akka qodaa araaraa ta'aniif durumaan dursee ulfinaaf qopheesse irratti akkasuma yoo godhee ture maal ta’a? 24Warra Yihudoota keessaa qofaa otoo hin taane, unu warra kaan (hin amanne) keessaa warra waameefis akkasuma yoo godhee ture maal ta’a?25 Akkuma Hose'ii keessatti inni dubbatuttis, “Warra saba koo hin turre, saba koo jedheen waama; ishee hin jaalatamne turteetiinis, jaalatamtuu koo jedheen waama. 26Bakka ‘isin saba koo miti’jedhamee ture sanattis, ‘ilmaan Waaqayyoo isa jiraataa’ jedhamanii ni waamamu”.27 Waa’ee Israa'elii, “Baay’inni ilmaan Israa'el akka cirracha galaana keessaa baay’ee yoo ture illee, isaan keessaa kan hafu muraasa dha;, 28Gooftichi isa jedhe hunduma otoo hin turiin biyya lafaa irratti ni raawwata”, jedheetu Isaayyas iyya. 29Akkuma Isaayaas duraan dursee dubbateenis, “Gooftaan inni jiraachisaan otoo ijoollee nuuf hin hambisne ta'ee, nuti akka Sodoom taanee, Gomoraas fakkaannee hafna turre”.30 Egaa maal jenna? Warri Waaqayyoon hin amanne, warri qajeelummaa hordofaa hin ture, qajeelummaa amantii isaaniitiin, qajeelummaa argataniiru.31Israa'el, warri seera qajeelummaa hordofaa turan garuu, seera sana bira hin geenye.32 Maaliif hin geenye? Sababni isaas, isaan amantiidhaan hordofuu dhisanii waan hojidhaan itti adeemaniifidha. Isaan dhagaa gufachiisu sana irratti gufatani.33“Hubadhaa, dhagaa nama gufachiisuufi kattaa nama kuffisu (nama dura dhaabbatu) Tsiyoon keessa nan kaa'a. Inni isatti amanu immoo hin qaana’u” jedhamee akkuma barreefametti.
1 Yaa obbolootaa! Hawwiin garaa koo keessaas, Waaqayyootiinis kanan kadhadhus fayyina isaaniiti. 2Isaan beekumsaaf otoo hin taane, Waaqayyoof akka hinaafan dhugaan isaaniif nan ba'a. 3Qajeelummaa isa Waaqayyo biraa dhufu baruu dadhabanii, qajeelummaa mataa isaanii uummachuu waan barbaadaniif, isaan qajeelummaa Waaqayyoof hin bulle (ajajamne).4 Kiristoos nama amanu kamiifuu seericha qajeelummaa ni dhugoomsa (guuta). 5Waa’ee qajeelummaa isa karaa seerichaa dhufuu, Muuseen akka barreessetti: “Namtichi inni waantota kana godhu (hojjetu), isaaniin ni jiraata”.6 Qajeelummaan amantiidhaan dhufu garuu akkas jedha: “Garaakeetti ‘Eenyutu gara waaqaatti ol ba’a’ hin jedhiin. (Kana jechuun, Kiristoosiin gadi buusuudha);7‘Eenyutu boolla bu’as’ hin jedhiin.” (Kana jechuun, Kiristoosiin du’aa kaasuudha.)8Garuu immoo maal jedha? “Dubbichi sitti dhi'oo jira: afaan kee fi, garaa kee keessa”. Innis dubbii amantii isa nuti lallabnuu dha.9Afaan keetiin, Yasuus gooftaa akka ta'e yoo dubbattee dhugaa baate, garaa keetiin immoo, Waaqayyo du'aa akka isa kaase yoo amante, fayyina ni argatta.10Inni garaa isaatti amanee qajeelaa ni ta'a; inni afaan isaatiin dubbatee ibse ni fayya.11 Kitaabni Qulqulluu, “Kan isatti amanu eenyumtuu hin qaana’u” jedha.12Yihudaa fi Giriik gidduu garaa garummaan hin jiru; Gooftaa isuma tokkotu gooftaa hundumaati; warra isa waammatan hundumaafis ni qaqaba. . 13Kan maqaa Gooftaa waammatu eenyumtuu ni fayya.14 Egaa, isatti warri hin amanne, attamitti isa waammatu? Isa dhaggeeffatanii hin beekneenis attamitti itti amanu? Lallabaa malees, attamitti dhaga’u?15“Warri oduu gammachuu fidanii dhufan attam milkii qabeessota dha!” jedhamee akkuma barreeffamee jirutti, egaa yoo ergaman malee, isaan attamitti lallabu danda’u?16 Hundumti isaanii garuu oduu gammachuu kanaaf hin abboomamne. Isaayaas, “Gooftaa, isa nuti dubbanne eenyutu amane?” jedha.17Kanaafuu, amantiin kan dhufu dhaga'uutiini; kan dhaga'amu immoo sagalee Kiristoosi.18 Ani garuu kanan jedhu: “Isaan hin dhageenye ture?” Eeyyee, mamii tokko malee dhagahanii jiru. “Sagaleen isaanii lafa hundumaatti ga’eera; Waan isaan dubbatanis lafa namni jiraatu hundumaa ga'eera”.19 Dabalataanis, “Warri Israa'el hin beekan turee?” Duraan dursee, “Warra saba koo ta’uu didan nan inaaffachisa; Saba koo ta’uu keessan yoo wallaaltanis, aariidhaan akka jeeqamtan isin godha”, gaabbitaniis saba wallaalaatti akka isin aartan nan godha" jechuun Muuseen dubbateera.20 Itti aansuudhaanis, “Warra ana hin barbaadnee tureef, ani argameera; Warra ana hin gaafanne tureefis, ani mul'adheera”, jechuudhaan Isaayaas jala muree dubbateera. 21Warra Israa'eliitiin garuu kana jedha: “Warra hin abboomamneefi warra morman irratti guyyaa guutuu harka koo irrattan diriirsa”.
1 Egaa ani kanan jedhu, Waaqayyo saba isaa gadi gateeraa? Kun tasuma miti. Aniyyuu nama Israa'elidha, sanyii Abrahaam fi gosa Beniyaaminidha.2Waaqayyo saba isaa warra durumaan dursee beeku ture gadi hin gatne. Kitaabni Qulqulluu waa’ee Eeliyaas kan barreeffamee keessatti, akka inni Waaqayyo duratti Israa'eliitiin yakke (himate) hin beektanii? 3“Yaa Gooftaa, isaan raajota kee ajjeesaniiru; iddoowwan aarsaa kee itti laatamus caccabsaniiru; kan hafe ana qofaadha; anaatiinis ajjeesuu barbaadu”.4 Deebi’iin Waaqayyo isaaf kenne garuu maal jedha? “Ani Ba'aaliif kan hin jilbeenffanne namoota kuma toorba ofii kootiif hambifadheera”. . 5Yeroo ammaa kanas ulfina isaatiif kan filataman hambaaleen ni jiru.6 Yoo ulfinaan filataman immoo, hojiidhaan miti jechuudha. Otoo kana hin taanee, ulfinni, ulfina ta’uun isaa ni hafa.7Egaa kuni maali dha? Warri Israa'el isa barbaadaa turan hin arganne; warri filataman garuu argatanii jiru; warri hafan immoo ni hadoochifamani. 8Akkuma barreeffamee jiruttis, “Waaqayyo afuura isa nama hadoodchu waan isaanitti kennef, hanga guyyaa har'aattis ijji isaanii hin argani, gurri isaaniis hin dhaga’u”.9 Akkasumas, Daawitis, “Maaddiin isaanii bakka kiyyoo ittiin qabaman haata'u; Bakka isaan gufachiisu fi bakka itti adabaman haata’u.10Akka ijji isaanii hin argineef, isaanitti haa dukkanaa'u; Dugdi isaaniis bara baraaf haagugguufu” jedha.11 Egaa ani kanan jedhu “Kan isaan gufatan, akka kufaniifidha?” Kun tasuma miti. Warri hin amanne balleessaa isaaniitti aaranii, fayyina isaaniif akka isaan kakaasuufidha. 12Amma egaa, balleessaan isaanii biyya lafaatiif yoo badhaadhina fida ta’e, akkasumas mo’amuun isaanii warra hin amanneef yoo badhaadhina argachiisa ta’e, guutummaan isaanii immoo hammam caalaatti badhaadhina fidee dhufa laata?13 Amma isin warra Waaqayyotti hin amannettin dubbadha; warra Waaqayyotti hin amanneef ergamaa hangan ta'ee jirutti, ergaa koo kanatti nan boona (gammada).14Tarii warra foon koo ta’an keessatti inaaffii nan uuma. Tariis immoo muraasa isaaniis ni fayyifna.15 Gadi gatamuun isaanii, biyya lafaaf araara buusa yoo ta’e, fudhatamuun isaanii immoo maal fida, warra du'aniif jireenya fida malee.16Midhaan dura facaasame qulqulluu yoo ta’e, bukoon isaas qulqulluu dha. Hiddi isaa qulqulluu yoo ta’e, dameewwan isaas qulqulluu dha.17 Garuu dameewwan muraasni cabanii kufaniiru yoo ta’e, ati immoo, damee ejersaa taatee isaan gidduutti biqiltee jiraachuukeetiin, soora hiddi muka ejersaa sun qabu yoo hirteefiitta ta’e, dameewwan caban sana irratti of hin tuuliin. 18Of tuulta yoo ta’e garuu, kan si utubee jiru hidda sana dha malee, ati hiddicha utubtee hin jirtu.19 Boodas, “Dameewwan cabanii kan kufanii, akkan ani isaan faana guddadhu (jiraadhu) fidha” ni jetta ta’a.20Kuni dhugaa dhuma. Amanuu dhabuu issaanii iraa kan ka’e, cabanii kufaniiru. Ati garuu amantii kee irraa kan ka’een, cimaa taatee dhaabbattee jirta. Kanaafuu, sodaadu malee, of tuuluu hin yaadiin.21Waaqayyo dameewwan uumamaaf garaa laafee hin turre yoo ta’e, siifis garaa hin laafu.22 Egaa garaa laafina Waaqayyoo fi hammeenya isaa ilaali (hubadhu). Yihudoota warra kufan irratti ni hammaate; gaarummaa isaa yoo itti fufte garuu gaarummaan Waaqayyo siif dhufa. Yoo ta’uu baate immoo, atis irraa citta.23 Isaan warri Waaqayyotti hin ammanne iyyuu, yoo amanuu dhabuu isaanii itti fufuu dhiisani, isaanis ni fayyu (fayyina keessa dhaabbatu). Waaqayyo deebisee isaan fayyisuu ni danda’a.24Ati inni muka ejersa isa uumamaa (dhugaa) kan ta’e irraa foxxoqtee turte, muka ejersaa isa gaariitti hirkachuudhaan deebistee yoo latteetta (biqilteetta) ta’e, karaa biraatiin immoo, hammam caalaatti dameewwan ejersaa warri dhugumatti uumamaan ittii dhalatan sun muka isaaniitti hirkatanii deebi'anii latu (biqilu)?25 Yaa Obboloottan koo, beekaa waan taatan akka isinitti hin fakkaanneef, iccitii kana akka beektan nan barbaada. Hanga warri Waaqayyotti hin amanne hunduu garana dhufanitti, hadoodummaan gar-tokkoo Israa'el irratti dhufeera.26 Kana irraa ka’ees, ‘Israa'elooni hunduu ni fayyu’ akka jedhamee katabameenis: “Tsiyoon keessa, inni fayyisu ni dhufa; Innis amantii-dhabummaa sanyii Yaaqoob keessaa ni balleessa (baasa); 27Yeroon cubbuu isaanii isaan irraa fuudhus, Isaan waliin waadaa (kakuu) galuu kooti.”28 Sababa keessan irraa kan ka’e, isaan diinota wangeelaati. Sababa filannoo abbootaa isaanii irraatii kan ka’een garuu, Waaqayyo biratti jaalatamtoota dha.29Kennaan Waaqayyoo fi waamichi isaa hin geeddaramu.30 Akkuma isin kanaan dura Waaqayyoof abboomamuu diddanii ture sanatti, amma immoo warri Yihudootaa abboomamuu waan didaniif, isin araara Waaqayyoo argattaniittu. 31Haaluma walfakkaatuun, amma immoo Yihudoonni kun araara isa isin argattan sana isaanis argachuudhaaf jecha abboomamuu didanii jiru.32Waaqayyos hundumaaf araara kennuuf jedhee, hundumaa isaanii akka abboomamuu didan isaan godhe.33 Raajii dha! Ogummaa fi beekumsi Waaqayyoo hammam gadi fagaata! Murtileen isaa hammam kan namni yaaduu oli dha! Daandiin isaas hammam kan namni barbaadee hin arganne dha! 34“Yaada Gooftaa eenyutu beeka? Yookiin immoo, gorsaa isaa kan ta’ee ture eenyu?35 Yookiis, Waaqayyo liqii deebisuu akka qabuuf, Dura dabarsee waan tokkollee kan isaaf kennee ture eenyu?”36Waanti hunduu Isa biraa, Isaatiin fi Isaatiif haata'u! Ulfinni bara baraan Isaaf haata'u! Ameen!
1 Kanaafuu, yaa obbolottan koo, araara Waaqayyootiif jedhaatii, qaama (dhaqna) keessan Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta'utti qulqulluu gochuudhaan aarsaa jiraatu gootanii akka Isaaf dhiheesitan nan isin kadhadha. Tajaajilli keessan inni sirriin kana dha.2Jireenya biyya lafaa kana fakkaachuu dhisaatii, yaada mataa keessanii haaromsaatii of-jijjiiraa. Kana gochuudhaanis, isa kamtu fedhii (jaalala) Waaqayyoottiif gaarii, fudhatamaa fi sirrii ta’e ilaaltanii murteeffattu.3 Ayyaana anaaf kennameetiin, tokko tokkoo keessanitti kanan hima: Waa’ee ofii keessanii, isa ta’uu qabdanii olitti hin yaadiinaa; akkas irra garuu, akka amantii keessaniitti, Waaqayyo tokko tokkoo keessaniif akka lakkaa’ee isinii kennetti madaalliidhaan yaadaa.4 Nuti dhaqna keenya tokko keessatti qaama baay’ee qabna, hojiin isaanii garuu tokko miti. 5Haaluma walfakkaatuun, nutis baay'ee taanee jirruus, Kiristoosiin dhaqna tokko dha; nutis qaamota dhaqna walii ti.6 Akkuma ayyaana nuutiif kennameetti, kennaa adda addaa qabna; kennaan isa tokkoo raajii himuu dha yoo ta’e, hammuma amantii isaatti haa dubbatu.7Kennaan isa tokkoo tajaajiluu dha yoo ta’e, haa tajaajilu. Inni tokko immoo kennaa barsiisummaa qaba yoo ta’e, haa barsiisu.8Kennaan isaa tokkoo gorsuu dha yoo ta:e, haa gorsu. Kennaan isaa tokkoo laachuu dha yoo ta:e, arjjummaa dhaan haa kennu. Kennaan isaa tokkoo hoogganuu dha yoo ta:e, dhimmee haa hoogganu. Kennaan isaa tokkoo dhiifama gochuu dha yoo ta:e, gammachuudhaan dhiifama haa godhu.9 Jaalalli keessan, ofittummaa malee haa ta’u. Waan yaraa jibbaa; isa gaarii ta’e qaba dhaa. 10Jaalala obboloottanii ilaalchisee, lapheerraa wal jaalladhaa. Kabaja (Ulfina) ilaalchisee, wal kabajaa (ulfina waliif kennaa).11 Dhimma baasuu ilaalchisee, otoo hin mamiin hojjedhaa. Afuura ilaalchisee, hawwiidhaan eegadhaa. Goofticha ilaalchisee, Isa tajaajilaa.12 Abdii qabdanitti gammadaa; rakkina obsaa; Kadhannaa keessaniin cimaa.13 Rakkina qulqulloota Waaqayyoo qoodadhaa. Keessummoota akka gaariitti simadhaa.14 Warra isin yakkan eebbisaa; eebbisaa malee hin abaarinaa. 15Warra gammadan wajjin gammadaa; warra boo'an wajjinis boo'aa. 16Walii keessaniif yaada tokko ta’e qabaadhaa; ol of qabuu hin yaadinaa; kabajaan simadhaa malee, warra gajjallaa keessaniitti (isiniin gadi jiranitti) hin kooriinaa. Gamnummaa yaadota keessan keessaa baasaa.17 Nama hamaa isin irratti hojjete irratti deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa. Nama hunduma fuulduratti, waan gaarii ta’e godhaa (hojjedhaa). 18Karaa keessaniin hanga isiniif danda’meetti, nama hundumaa wajjin nageenyaan jiraadhaa.19 Yaa firoota koo! Waaqayyootti dhiisaa malee, ofii keessaniin gumaa hin baafatiinaa. Akka barreeffamee jiruttis, Gooftaan akkas jedhee dubbata: “Gumaa baasuun kan kooti; ani hojii (liqii) isaaf nan deebisa”. 20Garuu, “Diinni kee yoo beela'e nyaachisi; yoo dheebotes obaasi! Kana gochuu keetiinis akka inni hojii isaatti gaabbee aariidhaan boba’u ni goota” jedhees Gooftaan ni dubbata. 21Hamaaf hin mo’amiinaa; gaariidhaan isa hamaa mo'aa malee.
1 Namni lubbuun jiru eenyumtuu, isa bulchaa ta’eef haabulu (haa abboomamu); Waaqayyo biraa yoo dhufe malee, bulchaa (abbaa taa’itaa) ta’uun hin danda'amu. Warra aangoo qabatanii jiranis kan filate (muude) Waaqayyo dha. 2Kanaafuu, namni inni abbaa taa’itaaf abboomamuu didee mormu, ajaja (sirna) Waaqayyoos ni morma; warri morman kunis, firdii (murtii) of irratti fudhatu.3 Bulchitoonni sodaa kan ta’ani warra hojii gadhee hojjetanitti dha malee warra hojii gaarii hojjetanitti miti. Ati abbaa aangoo akka hin sodaanne ni barbaaddaa? Waan gaarii hojjedhu; galatas ni argatta.4Inni waan gaariif ergamaa Waaqayyooti. Billaa qabatee kan jiru sababa tokko malee waan hin taaneef, ati waan hamaa hojjetta yoo ta’e garuu, isa sodaadhu. Inni, nama isa hamaa hojjetu irratti, gumaa aarii Isaa kan baasuu, ergammaa Waaqayyooti.5Kanaafuu, sababa Waaqayyo sitti aaruuf duwwaa jettee otoo hin ta’iin, sababa yaada sammuu mataakeefis bitamuu (abboomamuu) qabda.6 Gibiras kan kaffaltu, sababa kanaafi. Kanas, warri abbaa aangoo, ergamtoonni Waaqayyoo, kutannoo itti fufina qabuun ni raawwatu.7Hundumaafuu, tokko tokkoo isaaniif waan argachuu malan kaffali: isa gibirri isaaf ta'uu maluuf, gibira; isa qaraxni isaaf ta'uu maluuf, qaraxa; isa sodaatamuun isaaf ta'uu maluuf, sodaatamuu; isa ulfinni isaaf ta'uu maluuf, ulfina kenni.8 Wal jaallachuu irraa kan hafe, eenyuttuu gatii hin ta’iinaa. Namni inni ollaa isaa jaallatu, waan seerichaan isa irraa eegamu gutee jira. 9Abboommiwwan, “Hin sagaagaliin, hin ajjeesiin, hin hatiin, waan namaa hin hawwiin” jedhanii fi warri kaanis hundumtuu, “Akkuma of jaalattutti, ollaa kees jaalladhu.” isa jedhuun walitti qabameera. 10Namni nama jaalatu, waan ollaa isaa miidhu hin hojjetu. Kanaafuu, jaalalli xumura seerichaati.11 Sababuma kanaafis, saatiin kun yeroo ati hirriba kee irraa dammaquu qabdu ta’uusaa ni beekta. Yeroo itti dura amanne caalaa, guyyaan fayyinaa amma nutti dhi'aatee jira. 12Halkanichi darbeera; guyyichis dhi'aateera. Kanaafuu, kottaa hojiiwwan dukkana keessa gadi haa gannu; gaachana ifatti ittiin baanu immoo haa hidhannu.13 Dhuganii machaa’uu, halaalummaa, sagaagalummaa, nama loluu dhisuudhaan, kootta jireenya keenyaa akka adeemsa ifa guyyaaf ta’utti sirreessinee haa deemnu. 14Akka isin fedhii fooniif hin bulleef immoo, Gooftaa Yasuus Kiristoosiin uffadhaa.
1 Nama amantiidhaan dadhabaa ta'e, yaada isaa irraatti murtii kennuu dhiisaatii, ofitti qabaa.2Namni amantii qabu tokko waan kamiyyuu ni nyaata; inni dadhabaa ta’e immoo fuduraa (ashaakiltii) qofaa nyaata.3 Namni inni waan hunduma nyaatu (sooratu), isa nyaata waan hunduma hin nyaanne sana hin tuffatiin (ceepha'in); inni nyaata waan hunduma hin nyaannes, isa waan hunduma nyaatu sana hin madaaliin. Waaqayyo isas ofitti qabeera.4Hojjetaa nama biraa kan ta’ettiin kan madaaltu, ati eenyu taateetu dha? Inni kan dhaabatus yookiin immoo kan kufus, gooftaa isaa fulduratti dha. Gooftaan keenya waan isa dhaabeef, inni garuu ni dhaabbata.5 Namni inni tokko guyyaa tokko guyyoota warra kaan irra caalchifata. Namni inni biraa immoo guyyoonni hundumtuu wal qixxeedha jedhee murteessee jira. Kana ilaalchisee, tokko tokkoon namaa, akka yaada mataa isaatti haa murteessu. 6Namni guyyaa kabaju, Gooftaaf jedheetu kabaja; inni nyaatus, Waaqayyoon waan galateeffatuuf, Gooftaaf jedheetu nyaata. Inni hin nyaannes, Gooftaaf jedheetu nyaata lagate; Waaqayyootiinis ni galateeffata.7 Unu keessaa tokko iyyuu akeeka ofii isaatiif hin jiraatu; unu keessaas tokko iyyuu akeeka ofii isaatiif hin du'u. 8Yoo jiraannu, akeeka Gooftaatiin jiraanna, yoo duunus, akeeka Gooftaatiin duuna. Kana booda, jiraannus yookiinis duunus, nuti kan Gooftaa ti. 9Kiristoos kan du’es, du’aa ka’ees kan jiraate, warra du'anii fi warra jiraatan lameeniifuu Gooftaa akka ta'uufidha.10 Garuu, ati maaliif obboleessa keetti faradda? Akkasumas, atis maaliif obboleessa keetiin tuffatta? Hundumti keenyuu barcuma firdii Waaqayyoo fuulduratti ni dhiyaanna.. 11Akka katabameenis, “Ani nan jira” jedha Gooftaan, “Jilbi hundumtuu anaaf ni jilbeenfata, arrabni hundis Waaqayyoof dhugaa ni ba’a.”12 Kana irraa kan ka’eenis, tokko tokkoon keenya, waan hojjenne ilaalchisnee Waaqayyoof debi’ii ni kennina. 13Kanaafuu, kana booda walitti faraduu dhiisnee, akkas gochuuf haa murteessinu: eenyumti iyyuu waan nama gufachiisu yookiin immoo kiyyoo nama qabu obboleessa isaa dura kaa’uu haa dhiisu.14 Akka Gooftaa Yasuusitti, ofii isaatii xuraa'aa kan ta’e homtuu akka hin jirre bareera; amaneeras. Waanti kamiyyu xuraa'aa akka ta’etti nama ilaaluf (yaaduf), isa qophaaf xuraa'aa ta'a.15Sababa nyaataaf (midhaaniif) jettee, obboleessa kee yoo miite, ati jaalala faana deemaa hin jirtu. Nama Kiristoos du’eefii sana, nyaata kee faana hin balleessiin.16 Kanaafuu, wanta gaarii dha jettee fudhate, hammeenyummaa isaa hin dubbatiin.17Mootummaan Waaqayyoo waa’ee nyaachaa fi dhugaatii otoo hin taane, waa’ee qajeelummaa, nageenyaa fi gammachuu Afuura Qulqulluu ti.18 Namni inni akka kanatti Kiristoosiin tajaajilu, Waaqayyo biratti fudhatamaa dha; namoota durattis dhageetti qaba. 19Kanaafis egaa, waantota nageenyaaf ta'aniifi waantota walitti nu utuban duukaa haa buunu.20 Nyaachaaf jettee hojii Waaqayyoo hin balleessiin. Waantotni hundumtuu qulqulluu dha; waanta nama gufachiisu kam iyyuu nama nyaatuuf garuu gadhee dha. 21Egaa, foon nyaachuus yoo ta’e, waynii dhuguus yoo ta’e, yookiin immoo, waanta obboleessa kee gufachiisu kam iyyuu gochuu dhiisuun gaarii dha.22Amantii kee ofii kee fi Waaqayyo gidduutti qabaadhu. Namni waanta itti amanee hojjetetti deebisee of hin yakkine, eebbifamaa dha. 23Namni shakkaa nyaatu, amantiidhaan waan hin nyaanneef, cubbamaa dha. Waanti amantiidhaan hin taanes, hundumtuu cubbuu dha.
1 Nuti warri amma jabaa (cimaa) taane, dadhabbii warra laaftotaa baachuun nutti jira; ofitti gammaduus (boonuus) hin qabnu. 2Tokko tokkoon keenya waan gaarii ol isa utubu hojjennee ollaa keenya haa gammachiisnu.3 Kiristoos iyyuu of gammachisee hin turre. Bakka kanaas garuu, akkuma barreeffamee turetti, “Arrabsoon warra si arrabsan sana ana irra bu'e” jedhe.4 Ammaan dura waanti barreeffamee ture kam iyyuu kan barreeffame, akka nuti barumsa obsaa fi jajjabina keessaa argannee abdii akka horruufidha.5 Amma immoo, Waaqayyo inni abbaa obsaa fi jajjabinaa ta’e, akkuma Kiristoos Yasuusitti, kan ittiin walii galtan yaada tokko ta’e isinii haa kennu.6 Kanas kan godhu, yaada tokko qabaattanii, afaan tokkootiinis Waaqayyoon, abbaa Gooftaa keenyaa Yasuus Kiristoos, akka galateeffattaniif haa ta’u. 7Kanaafuu, Waaqayyoon galateeffachuudhaaf, akkuma Kiristoos isiniin ofitti isin qabee turetti, isinis ofitti wal qabaa.8 Kiristoos, dhugaa Waaqayyoo argisiisuudhaaf jedhee, abdii isa Waaqayyo abbootaaf kennee tures mirkaneessuudhaaf jedhee, hojii dhaqna qabaaf kan ergame. akka ta'e isinittan hima. 9Warri Waaqayyoon hin amannes, araara isaatiif Waaqayyoon akka galateeffataniif dha. Akkuma barreeffamee jiruttis, “Egaa, ani saba warra Waaqayyoon hin amane ta’an gidduutti sin galateeffadha, Maqaa kees galataan nan faarfadha” jedha.10 Deebisees akkas jedha: “Isin, warri Waaqayyoon hin amanne, saba isaa wajjin gammadaa.” 11Ammas deebisee, “Isin, warri Waaqayyoon hin amanne hundumti keessanuu, Gooftaa galateeffadhaa; Sabni hundumtuus isa haa galateeffatanii.”12 Isaayaasis deebisee, “Hiddi Iseyi ni dhufa; innis warra Waaqayyoon hin amane bulchuudhaaf ni ka'a. Warri Waaqayyoon hin amannes abdii horu” jedheetu dubbata.13 Humna Afuura Qulqulluutiin abdiidhaan akka guutamtaniif, abbaan abdii, Waaqayyo inni itti amantani, gammachuu fi nagaa hundumaatiin isin haa guutu.14Yaa obboloottan koo, ani ofiinkoos isinis gaarummaa guutuu fi beekumsaan akka guutamtan hubadheera. Wal barsiisuu akka dandeessanis hubadheera.15 Garuu, sababa ayyaanna Waaqayyo biraa anaaf kennameef jedheetan, waa'ee waantota tokko tokkoo deebisee isin yaadachiisuudhaaf jedheen itti dabaleen iftoominaan isiniif barreessaan jira. 16Kunis, ani, ergamaa Kiristoos Yasuus ta'ee, gara warra Waaqayyoon hin amanneetti kanan ergame, akkan luba ta’ee wangeela Waaqayyoo barsiisuuf ayyaana naaf kenname dha. Ayyaana kanaanis, warri Waaqayyoon hin amanne aarsaan isaanii Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta’uuf Afuura Qulqulluutiin nan isaan qulqulleessa.17 Ani, karaa Kiristoos Yasuus, hojiin Waaqayyoof hojjedhe kanaan egaa boonuudhaaf sababan qaba. 18Warra Waaqayyoon hin amanne abboomuudhaaf jedhee waan Kiristoos karaa koo hojjetu qofaa malee, ani waan biraa tokko iyyuu hin dubbadhu. Isaan kunis, dubbii fi hojii kootiin raawwatu; 19Humna mallattootaa fi raajiiwwaniitiin, akkasumas, humna Afuura Waaqayyootiinis nan raawwdha. Yerusaalemii jalqabee naanna'eetan hamma Iliirkumiitti wangeela Kiristoos guutummaatti lallabeera. .20 Akka kanaattis, kaayyoon koo wangeela Kiristoos lallabuu dha. Garuu immoo, iddoo namni biraa dura dabarsee hojjetee turetti hojii namaa irratti dabalee hojjechuu waanan hin barbaadneefis jedheetan, bakka maqaan Kiristoos hin dhagahamnetti qofaan lallabe.. 21Kunis kan ta’e, akkuma barreeffamee turettidha: “Isaan warri waa'een isaa takkaa iyyuu itti hin himamne, ni argu; isaan warri waa'een isaa takkaa iyyuu hin dhageenye, ni hubatu.”22 Akkan isin bira hin dhufne yeroo hedduu kan ani dhoowwamee tures kanumaafidha ture. 23Dhufee isin arguudhaaf waggaa baay'ee hawwaa turullee, ammaan booda garuu, naannoowwan kanaa bakka na hafe hin qabu.24 Yeroon ani gara Ispeen dhaquudhaaf achiin darbu isin argee, takkas isin wajjin eergan gammadee booda, karaa koo irra akka na buuftan nan abdadha. 25Amma garuu, saba Waaqayyoof qulqullaa'an tajaajiluuf, gara Yerusaalemin deemuu kooti.26 Warri Maqedooniyaa fi warri Akaayiyaa, hiyyeessota Yerusaalem keessa warra Waaqayyoof qulqullaa'an gidduutti argamaniif, gargaarsa gochuuf jalataniiru.. 27Isaan, warri Waaqyyoon hin amanne kun, jaalala isaaniitiin kana godhan; karaa tokko immoo kun waanuma gochuun isaan irra jiru dha. Erga warri Yihudootaa eebba Afuuraa isa Waaqayyo irraa argatan warra Waaqyyoon hin amanne wajjin hirmaatanii, warri Waaqyyoon hin amannes waan jireenya fooniitiif argataniin warra Yihudootaa gargaaruun isaan irra jira.28 Kanaafuu, ani hojii kana raawwadhee, waanti isaaniif walitti qabames fudhachuu isaanii ergan mirkaneeffadhee booda, karaa keessan dhufeen isin dubbisee gara Ispeen adeema. 29Yeroon dhufus, akkan eebba Kiristoos guutee isiniif fidee dhufu anuu beeka.30 Yaa obboloottan koo, Gooftaa keenya Yasuus Kiristoosii fi jaalala Afuura Qulqulluutiin, akka isin ana faana taatanii Waaqayyoon naaf kadhattani nan isin gaafadha. 31Yihudaa keessatti midhaa warra hin abboomamnee jalaa akka na baasuu fi warri Waaqayyoof qulqullaa'an tajaajila ani Yerusaalemitti kennu gammachuudhaan akka fudhataniif naa kadhadhaa. 32Ani immoo, jaalala Waaqayyoo yoo ta'e gammachuudhaan isin bira akkan dhufee, isinii wajjin wal argee yaadni koos boqotu naa kadhadhaa.33 Waaqayyo inni abbaa nageenyaas hunduma keessan faana haa ta’u. Ameen!
1 Obboleettii keenya, Feebeen, ishee waldaa kristiyaanaa Sencheriyaa keessa jirutti tajaajiltuu taatee hojjettu, adaraan isinitti kennadha. 2Isheenis kan Gooftaa waan taateef simannaa warra Waaqayyoof qulqullaa'aniif ta'uu maluun ishee simadhaa. Isheen, anas dabalatee, namoota baay'ee gargaaraa waan turteef, waanta ishee barbaachisu hundumaatiin ishee gargaaraa.3 Hojii Kiristoos Yasuusitti warra hidhata koo ta'an, Phirisqiilaa fi Aqiilaadhaaf nagaa koo anaaf dhiyeessaa.4Isaan lubbuu koo baraaruuf jedhanii, lubbuu isaanii dabarsanii warra kennani dha. Nan isaan galateeffadha; ana duwwaa otoo hin taane, waldoonni kristiyaanaa saba warra Waaqayyoon hin amanne hundumtuu isaan galateeffatu.5Waldicha isa mana isaanii keessatti argamuttis nagaa koo anaaf himaa. Michuu koo, Ephanexos, isa biyya Asiyaatii hunda dura Kiristoosiin fudhateefis, nagaa koo anaaf dhiyeessaa.6 Maariyaam, ishee isiniif dadhabde hojjechaa turteefis, nagaa koo anaaf dhiyeessaa.7Andronikosii fi Yuniyaas, warra firootakoo ta’anii fi warra anaa wajjin hidhamanii turaniifis, nagaa koo itti naa himaa. Isaan regatta beekamoo fi warra ana duras Kiristoosiin amanedha. 8Amphiliiyaaxos, isa Gooftaatiin michuu koo ta'ettis, nagaa koo naaf himaa.9 Urbaanos isa hojii Kristositti hidhata keenya ta'ee fi michuu koo Isxaakisttis nagaa koo naaf himaa. 10Apheles, isa kan Kiristoos ta'uun isaa qoramee irra ga'ameef, nagaa koo naaf himaa. Namoota maatii Arisxobulos keessaa dhufaniifis nagaa koo naaf dhiyeessaa. 11Fira koo, Herodiyoon, nagaa naaf gaafadhaa. Maatii Naarkisus keessaa, warra Gooftaa fudhataniifis nagaa koo naaf dhiyeessaa.12 Warra hojii Gooftaaf dadhaban, Tiriifeenaa fi Tiriifoosaa dhaaf nagaa koo itti naaf himaa. Hojii Gooftaaf baayyiftee kan dadhabde, Pharsiis, ishee jaallatamtuu, sanaatiifis nagaa koo itti naaf himaa.13 Rufuus, isa Gooftaatiin filatamuun isaa beekame, akkasumas haadha isaa, ishee anaafis haadha taateef, nagaa koo naaf dhiyeessaa.14Asinkriixes, Filegoon fi Hermees, Phaaxrobaas, Hermaas fi obbooloota isaan bira jiraniifis nagaa koo naaf himaa.15 Filologas fi Yuuliyaa,, Nereuus fi obboleettii isaa, Olimphaasi fi warra qulqulloota Waaqayyoo isaan bira jiran hundumaattis nagaa koo naaf dhiyeessaa. 16Qulqullummaatiin wal dhungadhaatii nagaa wal gaafadhaa. Waldoonni Kiristoos hundumtuu nagaa isaanii isiniif erganii jiru.17Yaa obboloottan koo, faallaa barumsa argattanii ta’uudhaan warra yaada namootaa gargar baasuu fi, yaada nama gufachiisu qaban irraa akka of eeggattan isinan gorsa. Isaan irraas fagaadhaa.18Waanta akkasii warri hojjetan kuni, garaa isaaniitiif malee, Gooftaa keenya Kiristoosiif hin hojjetani. Dubbii afaan isaanii bareechataniitu, warra garraamii ittiin gowwoomsu.19 Wangeelaaf abboomamuun keessan fakkeenyummaan isaa hunduma bira ni qaqaba (ga’a). Kanaafis, anis waa'ee keessaniif nan gammada. Garuu, waanta gaariif ogummaa (beekumsa), waanta hamaa immoo garraamummaa akka qabaattan nan barbaada.20Waaqayyo inni abbaa nageenyaa immoo as dhiyootti Seexana miilla keessan jalatti ni caccabsa. Ayyaanni Gooftaa keenya Yasuus isin faana haa ta'u.21 Michuun koo Ximootiyoos fi firronni koo Luusiyes, Yaason fi Sosiipater nagaa isiniif dhaamu. 22Ani, Xerxiwoos, inni ergaa kana katabe, maqaa Gooftaatiin nagaa isin gaafadha.23 Gaayuus, inni anaa fi namoota waldaa kiristaanaa hunduma mana isaatti simatee nu keessummeesse, nagaa isiniif erga. Erasxes, inni horii mandarichaa baatu, fi obboleessi keenya Ku'arxes, nagaa isiniitti ergu.. 24Ayyaanni Gooftaa keenyaa Yasuus Kiristoos hunduma keessan faana haa ta'u. Ameen!25 Akka ani wangeela kootiin waa’ee Yasuus Kiristoos lallabameetiin Isa isin jabeessu, akka mul’achiisuu Isaa isa bara hedduudhaaf iccitii ta’ee dhoksaatti tureetti, 26Amma garuu, akka Waaqayyo inni bara baraan jiraatu ajajetti, inni dhoksaa ture ifatti ba'eera; abboomummaa amantii fiduufis, karaa raajotaattiin barreeffamees saba biyya lafaa hunduma biratti beekameera.27Karaa Yasuus Kiristoos, ulfinni bara baraa, beekaa tokkicha isa ta’e Waaqayyoof haa ta'u! Ameen!
1Phaawuloos, fedha Waaqayyootiin ergamaa akka ta’uuf Kiristoos Yesuusiin kan waamamee fi Sostenees obboleessa keenya,2waldaa Kiristiyaanaa ishee Qorontoos keessa jirtuuf, warra Kiristoos Yesuusitti qulqulloota taataniif saba qullaa’oo akka taataniif kan waamamtan, warra maqaa Gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoos, isa kan keenyaa fi kan isaanii ta’e, waammatan hundaa wajjinis tokko kan taatan.3Waaqayyo Abbaa biraa fi Gooftaa Yesuus Kiristoos biraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa ta’u.4 Ani yeroo mara waa’ee keessaniif Waaqayyoo kootiif galatan dhi’heessa, waa’ee ayyaana Waaqayyoo isa Yesuus Kiristoos isiniif kenneetiif. 5Inni waan maraan iyyuu badhaadhota isin godheera, haasa hundumaatii fi beekumsaan, 6akkuma dhuga-ba’umsi Kiristoos isin gidduutti dhugaa ta’ee argametti.7 Kanaafuu isin mul’achuu Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos eeggachaa yeroo jirtan kanatti kennaa hafuuraa tokko irraa iyuuu isinitti hin hir’atu. 8Inni hanga dhumaatti isin jabeessa, guyyaa Gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoositti mudaa malee taatanii akka isin argamtaniif. 9Waaqayyo amanamaa dha, inni Ilmaa isaa, Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos waliin tokkummaatti isin waame.10 Ani amma karaa maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin isinan jajjabeessa, obboloota ko, hundumti keessan akka waliif galtaniif, gargar ba’uun tokko illee akka isin gidduutti hin argamneef. Akka isin yaada tokkoo fi kaayyoo tokkoon wal qabattan isinan jajjabeessa. 11Waa’ee kessan wanti natti himame waan jiruuf, obboloota ko, saboota Kiilo’eetiin akka isin gidduu namoonni adda ba’an akka jiran.12 Kana jechuun koo: Tokkoon tokkoon keessan akkana jettu, "Ani Phaawuloos waliinan jira," yookaan "Ani Apholoos waliinan jira," yookaan "Ani Keefaa waliinan jira," yookaan "Ani Kiristoos waliinan jira." 13Kiristoos qoqqoodameera moo? Phaawuloos immoo isiniif fannifameeraa? Isin maqaa Phaawulosiin cuuphamtaniittuu?14Ani Kirispaasii fi Gaayos malee tokkoo keessan illee waanan hin cuuphiniif Waaqayyoon nan galateeffadha. 15Eenyuun keessan illee maqaa kootiin cuuphameera akka hin jenneef isa kanaafi. 16(Ani maatii Isxifaanosis cuupheera. Sanaan alatti, nama biraa tokko illee cuuphuu koo ani hin beeku.)17Sababiin isaa Kiristoos akkan cuupuuf otuu hin ta’in akkan wangeela lallabuuf ana erge—aangoon fannoon Kiristoos akka gatii malee hin taanefis, haasaa ogummaatiin miti.18Sababiin isaa fannoon Kiristoos warreen badiisa irra jiraniif gowwummaa dha. Warreen fayyan gidduutti garuu, inni humna Waaqayyoo ti. 19Akkana jedhamee barreeffamee waan jiruuf,"Ani ogummaa warra ogeessotaa nan dhabamsiisa.Hubannaa warra beektotaas of irraa nan fageessa."20Namichi inni ogeessi eessa jira? Namichi inni beekaan eessa jira? Namichi inni falmaan beekamaan biyya lafaa kanaa eessa jira? Waaqayyo ogummaa biyya lafaa kanaa wallaalumatti hin jijjiirree? 21 Biyyi lafaa kun ogummaa isaatiin Waaqayyoon waan hin bekiniif, Waaqayyo warra karaa gowwummaa lallabaatiin warra amanan fayyisuu isaatti gammadeera.22 Warri Yihuudotaa mallattoo ajaa’ibsiisaa wari Giriikotaa immoo ogummaa barbaaduutii. 23 Nuyi garuu Kiristoos isa fannifame sana lallabna, inni immoo warra Yihuudotaatiif gufuudhaa fi warra Ormootaaf immoo gowwummaa dha.24 Warra Waaqayyo isaan waameef garuu, Yihuudotas ta’an Giriikota, nuyi Kiristoosiin aangoo fi ogummaa Waaqayyoo inni ta’uu isaa lallabna. 25 Gowwummaan Waaqayyoo ogummaa namootaa irra ni caalaatii, dadhabinni Waaqayyoos jabina namoota irra ni caala.26 Gara waamicha keessanii ilaalaa, obboloota ko. Akka fooniitti hedduun keessan ogeessota miti. Hedduun keessan aango-qabeeyyiis miti. Hedduun keessan dhaloota warra ol aanoo irraa miti. 27Waaqayyo garuu warra ogeessota salphisuudhaaf jedhee wanneen gowwummaa filate. Waaqayyo wantoota jajjaboo salphisuudhaaf jecha wantoota dadhaboo filate. Waaqayyo wantoota dadhaboo biyya lafaa kanaa fo’achuudhaan wantoota jajjaboo salphise.28 Waaqayyo wantoota gadi aanoo fi tuffatamaa biyya lafaa kana irraa filate. Inni sirumaa iyyuu wantoota akka gatii hin qabnetti ilaalaman filate, wantoota gati-qabeeyyii gara waan hin jirreetti deebisuudhaaf jedhee. 29Kan inni kana godhes foon-qabeessi kam iyyuu fuula isaa duratti of-tuuluudhaaf sababa akka hin qabaanneefi.30 Sababa Waan Waaqayyo godheetiif, isin amma Kiristoos Yesuusiti jirtu, inni immoo nuyiif ogummaa Waaqayyo nuuf ta’eera. Inni qajeelummaa, qulqullinaa fi fayyina keenya nuuf ta’eera. 31Haaluma kanaan, akkuma barreeffamee jiru, "Namni of tuulu yoo jiraate, Gooftaadhaan of haa tuulu."
1 Obboloota ko, yommuun gara keessan dhufetti ani waa’ee Waaqayyootiif dhugaawwan dhokatanii turan isinitti labsuudhaaf dubbii bareedaa yookan ogummaatiin hin turre F 2Yommuun isin gidduu turetti Kiristoosiin isa fannifamemalee waan kan biraa beekuudhaaf waan biraa beekuudhaaf akkan hin barbaanne murteeffadheen tureetii.3Akkasumas ani kanan isin giddu ture dadhabina, sodaadhaa fi ollannaadhaan ture. 4 Kanaafuu ergaan kootii fi labsiin koo jechoota nama hawwatan kan ogummaatiin hin turre, garuu agarsiisa hunba Hafuuraatiin malee, 5kunis kan ta’e akka amantiin keessan ogummaa namotaa irratti otuu hin ta’in, humna Waaqayyoo irratti hundaa’uuf ture.6Amma nuyi warra bilchaatan gidduutti ogummaadhaan ni dubbanna, garuu ogummaa biyya lafaa kanaan, yookaan geggeessitoota bara kanaa, warreen darbuuf jirantiin miti . 7Ijaa kanaa, nuyi ogummaa Waaqayyoo, ogummaa dhugaa isa dhokataadhaan Waaqayyo baroota dura ulfina keenyaaf dursee qopheesse ni dubbanna.8 Geggeessitoota bara kanaa keessaa kan isa kana hubate hin jiru, utuu isa hubatanii jiraatanii, isaan Goofticha ulfinaa sana hin fannisan turan. 9Garuu akkuma barreeffame,"Iji isa kana dhaga’ee fi gurri isa kana dhaga’e hin jiru,Yaadni garaa nama kamiis isaWaaqayyo warreen isa jaallataniif qopheessee ture kana hin shallagne, "—10Wanneen kana Waaqayyo karaa Hafuura isaatii nutti mul’iseetii. Hafuurichi waan hundumaa bakkeetti ni baasaatii, wanneen Waaqayyo warreen gadi fagoo jiran iyyuu. F 11 Sababiin isaa hafuuricha namicha keessa jiru sana malee yaada nama keessa jiru eenyutu beeka? Haaluma wal fakkaatuunis, Hafuuricha Waaqayyoo malee wanneen Waaqayyoo warreen gadi fagoo sana kan beeku tokko illee hin hin jiru.12Nuyi garuu hafuura biyya lafaa kanaa hin fudhanne, garuu wanneen Waaqayyoon tola nuuf kennaman akka beeknuuf, Hafuura isa Waaqayyo biraa ta’e fudhanne malee. 13Nuyi waa’ee wanneen kanneenii jechoota ogummaa namaa irraa baranneen hin dubbannu, garuu Hafuurichatu dhimmoota Hafuuraa namoota Hafuuraatiif ibsa.14 Namni nama hafuuraa hin taane wanneen kannneen kan Hafuura Waaqayyoo ta’an fudhachuu hin danda’au, isaan isaaf gowwummaadhaatii. Isaan kunneen kan hubataman hafuuraan waan ta’eef, inni isaan hubachuu hin danda’u. 15 Namni hafuurichaan ta’e wanneen hundumaa ni madaala, garuu inni namoota warra kaaniin hin madaalamu. 16"Sababni isaa yaada Waaqayyoo eenyutu beeka, kan isa abboomuu danda’us eenyu?"
1 Egaa, yaa obboloota ko, ani akka namoota hafuuraatti isinitti dubbachuu hin dandeenye, garuu ijaa kanaa akkuma namoota foonii, akka namoota Kiristoositti daa’ima ta’aniittan isinitti dubbadha. 2 Isin nyaata jabaataa nyaachuudhaaf qophaa’oo waan hin turreef, ani aannanan isin soore, isin amma iyyuu nyaata jabaatadhaaf qophaa’oo miti.3 Isin amma iyyuu akka fooniitti jirtuutii. Isin keessa namoonni warri hinaafanii fi warri sassatan waan jiraniif, isin amma iyyuu ulaagaa biyya lafaatiin jirataa jirtu mitii? 4Sababii inni tokko akkas jedhuuf, "Ani Paawuloos duukaan jira," inni kaan immoo, "Ani Apholoos duukaan jira," isin namootuma qofaa mitiiree? 5Apholoos eenyu inni ree? Phaawulosis eenyu? Isaan akkuma hojii Gooftaan tokkoo tokkoo isaaniitiif kenneetti, hojjetoota isin karaa isaaniitiin amantanii dha.6 Ani nan dhaabe, Apholoos immoo bishaan obaase, Waaqayyo garuu guddina ni kenne. 7Kanaafuu egaa, inni dhaabes ta’e inni bishaan obaase homaa iyyuu miti, garuu kan guddina kennu Waaqayyoo dha.8 Amma inni dhaabus ta’e inni bishaan obaasu isaan tokkuma, tokkoon tokkoon isaanii akkuma dadhabbii isaaniitti mindaa isaanii ni argatu. 9Nuyi warra waliin Waaqayyoof hojjennuudhaatii. Isinis bakka dhaabaa Waaqayyoo ti, gamoo Waaqayyoo ti.10Akkuma ayyaana Waaqayyoo isa anaaf kennameetti, ani akka ijaartuu ogeessa ta’eetti bu’uura nan kaa’e, inni kaan immoo isa irratti ni ijaare. Garuu namni kam iyyuu akkaataa ittiin ijaaru irratti of-eeggachuu isa barbaachisa. 11Bu’uura isa takkaa kaa’ame sana, innis Yesuus Kiristoosii dha, malee eenyu illee bu’uura kan biraa kaa’uu hin danda’u.12 Amma egaa namni kam iyyuu bu’uura kaa’ame sana irratti namni kam iyyuu warqeedhaan, meetiidhaan, dhagaa gati-jabeessaan, mukaan, margaan yookaan cidiidhaan yoo ijaare , 13hojiin isaa ni mul’ifama, guyyaan mul’isuudhaaf waan jiruuf. Inni ibidda keessaan mul’ata waan ta’eef. Ibiddi qulqullina wanneen namoonni hundinuu hojjetanii ni qora.14 Hojiin nama tokkoo yoo jiraate, namichi badhaasa isaa ni argata; 15garaa hojiin nama tokkoo yoo gubateef, inni kasaaraa ni argata, inni garuu ofii isaatiif ni fayya, akkuma nama ibidda keessaa ba’uu.16 Isin hin beektanii ree akka mana qulqullummaa Waaqayyoo taatanii fi Hafuurri Waaqayyoo isin keessa aka jiraatu? 17 Namni tokko mana qulqullummaa Waaqayyoo yoo diige, Waaqayyos nama sana ni balleessa. Manni qulqullummaa Waaqayyoo qulqulluudhaatii, isinis immoo akkasuma.18Eenyu illee of hin gowwomsin. Namni kam illee bara kana keessa akka waan ogeessa ta’eetti kan of hedu isin keessa jiraate, inni akka ogeessa ta’uu danda’uuf “gowwaa” haa ta’u. 19 Ogummaan biyya lafaa kanaa Waaqayyo biratti gowwummadhaatii. Akkana kan jedhu barreeffameeraatii, 20Egaa ammas,21 sababa kanaaf, eenyu illee namootaan of hin tuulin. Wanit hundinuu kan keessani, 22 Phaawulosiin haa ta’u, yookaan Apholoos, yookaan Keefaa, yookaan biyya lafaa, yookaan jireenya, yookaan du’a, yookaan wanneen amma jiran, yookaan wanneen dhufuuf jiran. Wanneen hundumtuu kan keessan, 23isinis immoo kan Kiristoosi, Kiristoos immoo kan Waaqayyoo ti."Inni warra ogeessota ogummaa isaaniitiin isaan qabata.""Gooftichi yaadni warra ogeessotaa gowwummaa akka ta’e ni beeka."
1Nuyi namni hundumtuu akkanatti nu ilaalu qaba, akka hojjetoota Kiristoosittii fi akka wara dhugaa Waaqayyoo isa dhokataadhaaf soortota ta’aniitti. 2Amma egaa soortota irraa kan barbaadamu amanamoota ta’uu isaanii ti.3Anaaf yoo ta’e garuu, isiniin yookaan dhaddachaa ilmaan namaa isa kamiin iyyuu madaalamun waan baay’ee xiqqoo dha. Ani iyyuu ofii kootiif of hin madaaluutii. 4Waa’ee himannaa ana irratti dhi’aatu isa kami iyyuu ani hubannaa hin qabu, sun garuu qulqulluu ana hin godhu. Anaan kan ana madaaluu Goofticha.5Kanaafuu yeroo malee waa’ee waan tokkoo iyyuu madaalli hin labsinaa, otuu Gooftaan hin dhufin. Inni wanneen dhokatoo dukkana keessa jiran gara ifaatti ni baasa, kaayyoowwan yaada garaas ni mul’isa. Yommus tokkoon tokkoon namaa galata Waaqayyo biraa ni fudhata.6 Amma, obboloota ko, ani ulaagaalee kanneen ofii kootii fi Apholoos irratti kanan hojii irra oolche isiniif jedheeni, akka isin hiika jecha kanaa nu irraa barattaniif, 7Eenyutu garaa garummaa isiniif warreen kaan gidduu jiru arguu danda’a? Kan isin hin fudhatinis maaltu jira? Fudhattaniittu erga ta’ee immoo, maaliif akka homaa iyyuu hin fudhatiniitti of tuultu ree?8Wanneen barbaaduu dandeessan hundumaa dursitanii qabaattaniittu! Duraan dursitanii dureeyyii taataniittu! Mo’uu eegaltaniittu—kunis nu irraa tasa adda! Dhugumaan, ani akka isin mootan nan hawwan ture, nuyis isin waliin mo’uu akka dandeenyuuf. 9Sababiin isaa akkan yaadutti Waaqayyo nuun ergamoota yommuu godhu toora gara dhumaa irra nu kaa’eetu, hiriiraan akka namoota duuti itti murtaa’eetti. Nuyi namoota biyya lafaatiifis ta’e ergamootaaf warra argaman taaneerra.10Nuyi Kiristoosiif jecha gowwoota, isin garuu Kiristoositti ogeessota. Nuyi dadhaboota, isin garuu jaboo dha. Isin kabaja keessatti qabamtaniittu, nuyi garuu salphina keessatti qabamneerra. 11Hamma yeroo kanaatti nuyi ni beelofna, ni dheebonnas, uffata moofaa uffanneerra, ni reebamna, manas hin qabnu.12Baay’ees ni hojjenna, harka keenyaan ni hojjenna. Yommuu nu abaaran, ni eebbifna. Yommuu ari’atamnu, ni dandeenya. 13Yommuu abaaramnu, garraamummaadhaan ni dubbanna. Nuyi biyya lafaa keessa akka warra gatamanii taaneerra, akka balfaattis lakkaamneerra, ammuma iyyuu taanaan."Waan barreeffamee olitti hin adeeminaa."14 Kanan waan kana isiniif barreessu akka isin qaanoftaniif otuu hin ta’in, garuu akka ijoollee jaallatamaniitti isin akeekkachiiduudhaaf jedheeni. 15 Sababiin isaa isin Kiristoositti eegduu kuma yoo qabaattan illee, aboota hedduu garuu hin qabdan. Ani kara Kiristoos wangeelaan abbaa isiniif ta’eeraatii. 16Kanaafuu ani akka isin akkeessitoota koo taatan isin nan jajjabeessa.17Ximootewosiin, ilma koo isa ani jaalladhuu fi Gooftaatti amanamaa isa ta’e, kanan gara keessanitti ergeef kanaafi. Inni karaa koo isa kan Kiristoos isinitti ni argisiisa, akkuman bakka hundumaa fi waldaa Kiristiyaanaa hundumaa keessatti isaan barsiisuutti. 18Amma isin keessaa tokko tokko of bokoksitaniittu, waanan gara keessan hin dhufne isinitti fakkaatee.19 Ani garuu yoo Gooftaan jedhe dhi’ootti gara keessan nan dhufa. Yommus ani warra of bokoksan kana jecha isaanii beekuu qofa otuu hin ta’in, aangoo isaaniis nan arga. 20Mootummaan Waaqayyoo jechaan otuu hin ta’in humnaan kan guutameedhaatii. 21Maal barbaaddu? Uleedhaan moo jaalalaa fi of-qabuu hafuuraatiin gara keessan akkan dhufu barbaaddu?
1Isin gidduutti sagaagaltummaan akka raawwatamu dhageenyeerra, safu-dhabeenyi akkanaa warra hin amanin biratti illee eyyamamaa miti: Nmni haadha warraa abbaa isaa waliin ciisa. 2Guddaa of bokoksitaniittu! Ijaa kanaa gadda taa’uun isin irra hin turre moo, namni inni waan akkasii kana hojjete isin gidduudhaa akka baafamutti?3 Ani qaamaan isin gidduu yoon hin jiraatin illee, hafuuraan isin waliinan jira. Ani nama waan akkasii raawwate irratti murtii kenneera, akkuma waanan achi tureetti. 4Isin maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin yommuu wal geessanii fi ani immoo hafuuraan isin waliin yomuun jirutti, humni Gooftaa keenyaa Yesuusis yommuu achi jirutti, 5namicha kana badiisa foon isaatiitiif Swwxanatti dabarsaa isa kennaa, guyyaa Gooftaatti hafuurri isaa akka fayyuuf.6 Of-tuuluun keessan gaarii miti. Hin beektani moo raacitii muraasni bukoo guutummaa bukoo akka bukeessu? 7Bukoo isa haaraa, isa hin bukaa’in akkuma amma jirtan kanatti, ta’uu akka dandeessaniif raacitii isa moofaa irraa of-qulleessaa. Kiristoos, hoolaan Faasikaa keenya, aarsaa nuuf ta’eeraatii. 8Kanaafuu kottaa ayyaanicha ni ayyaaneessinaa, raacitii isa moofaadhaan, isa amala gadheetii fi hamminaatiin otuu hin ta’in. Ijaa kanaa, kottaa maxinoo gadi of-qabuutii fi kan dhugaatiin ni ayyaaneffannaa.9 Ani xalayaa kana kanan isiniif barreesseef namoota warra sagaagaltoota sana waliin walitti isin hidhuuf miti. 10Karaa kamiin iyyuu ani namoota warra biyya lafaa kanaa warra sagaagaltoota ta’an, yookaan warra albaadheyyii ta’an, yookaan warra nama saaman, yookaan warra waqayyoolii tolfamaoo waaqessan jechuu koo miti, isaan irraa fagaachuu jechuun biyya lafaa kana irraa adeemuu waan ta’eef.11 Ani kanan amma isiniif barressuuf garuu akka isin nama isa obboleessa jedhee otuu waamamuu garuu sagaagalummaatti, yookaan albaadhummaatti, yookaan waaqa tolfamaa waaqessuutti, yookaan nama arrabsuutti, yookaan machiitti, yookaan nama saamutti jiraatu waliin akka isin hidhata hintaaneefi. Nama akkanaa kana walin nyaata illee hin nyaatinaa. 12Ani warra waldaa Kiristiyaanaatii ala jiran haala akkamiitiinan murtii isaanitti kennuu danda’aatii? Ijaa kanaa, isin warra waldaa Kiristiyaanaa keessa jiran irratti murtii kennuuf jirtu mitii? 13Isaan warra bakkee jiran Waaqayyotu isaanitti murtii kenna."Nama isa cubbamaa of keessaa baasaa."
1 Isin keessaa namni tokko nama kan biraa waliin yoo falmii qabaate, warra qajeelota hin ta’in biratti geessee itti murteessifataa, qulqulloota Waaqayyootti geeffachuu irra? 2Isin hin beektanii qulqulloonni Waaqayyoo biyya lafaa kana irratti murtii kennuudhaaf akka jiran? Egaa isin erga biyya lafaa irrati murtii kennitu taatanii, dhimmoota xixiqqoo raawwachuu hin dandeessanii ree? 3Nuyi akka ergamoota waaqa irraa irratti iyyuu murtii kennuuf jirru hin beekani moo? Jireenya isa asii kana irratti immoo hangam caalaa murtoo kennuudhaaf jirra ree?4Yoo akkana ta’ee isin dhimmoota guyyaa guyyaa irratti murtii kennitu waan ta’eef, dhimmoota akkanaa kanneen maaliif warra waldaa Kiristiyaanaa keessaa dhaabbii hin qabnetti geesitu? 5Ani kana kanan jedhu isin yeellasisuudhaafi. Isin gidduu obboleessi ogeessi wal-dhabdee obboloota gidduu jiru hiikuu danda’u hin jiru moo? 6Garuu obboleessi tokko obboleessa isa kaan irratti dhimma seeraa qabatee ni dhufa—isa kana immoo warra hin amanne bira!7 Dhimma seeraa wal irraa qabaachuun keessan sirumaa iyyuu isiniif mo’amuu dha. Isa kana irra maaliif waan isin irra ga’e sana hin dandeessan? Yoo gowwomfatan illee maaliif hin obsitan? 8Garuu isin matumti keessan iyyuu balleessaa ni hojjettu, ni gowwomsitus, kana immoo kan gootan obboloota keessan irratti!9 Do you not know that the unrighteous will not inherit the kingdom of God? Hin gowwominaa: warri sagaagalan, yookaan warri waaqota tolfamoo waaqessan, yookaan warri ejjan, yookaan warri fakkaattii isaanii waliin ejjan, 10 yookaan warri hatan, yookaan warri sassatan, yookaan warri machaa’an, yookaan warri maqaa nama baalleessan, yookaan warri nama saaman mootummaa Waaqaa hin dhaalan. 11Isin keessaa tokko tokko kana fakkaattu turtan. Amma garuu qullooftaniittu, dhiqamtaniittu, maqaa Goofta Yesuus Kiristoosii fi Hafuura Waaqayyootiin qajeelota tasifamtaniittu.12 "Anaaf wanti martinuu seera-qabeessa," wanti martinuu garuu bu’a-qabeessa miti. "Anaaf wanti martinuu seera-qabeessa," garuu ani tokkoo isaniitiin iyyuu hin mo’atamu. 13"Nyaanni garaadhaafi, garaanis nyaataafi," garuu Waaqayyo lamaanuu isaanii ni balleessa. Qaamni namaa sagaagalummaadhaaf hin uumamne. Ijaa kanaa, qaamni namaa Gooftaadhaafi, Gooftaan qaama namaa ni soora.14Waaqayyo inni Gooftaa du’aa kaase nuunis aangoo isaatiin nu kaasa. 15Qaamni keessan miseensota qaama Kiristoos ta’uu isaa hin beektanii? Egaa ani qaama dhaqnaa Kiristoos fuudhee qaama sagaagaltuu waliin walitti fiduun naaf ta’aa ree? Kun tasumaa hin ta’in!16 Namni sagaagaltuu waliin waitti dhufe ishee waliin qaama tokko akka inni ta’u hin beektanii ree? Caaffata qulqullaa’aan akka jedhutti, "Isaan lamaan foon tokko ni ta’u." 17Namni Gooftaa waliin walitti dhufu garuu isa waliin hafuura tokko ni ta’a.18 Sagaagalummaa irraa baqadhaa! Cubbuun namni raawwatu martinuu qaama namaatii alatti ta’a, namni cubbuu sagaagalummaa raawwatu garuu qaama ofii isaatii irratti ni raawwata.19Qaamni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu ta’uu isaa hin beektanii ree? Kan ofii keessanii akka hin ta’in hin beektanii ree? 20Gatiidhaan bitamtaniittuutii. Kanaafuu, qaamaa fi hafuura keessan, isa kan Waaqayyoo ta’een, Waaqayyoon kabajaa.
1Amma waa’ee isa isin barreessitanii: "Dhiiraaf dubartii tuquun dhiisuun gaarii dha." 2Garuu sababii hojii sagaagalummaatiin qoramuun jiruuf, namni hundumtuu haadha warraa ofii isaatii qabaachuu wayyaaf, dubartiin martinuus abbaa warraa qabaachuu.3 Abbaan warraa haadha warraa isaa waliin saal-quunnamtii qabaachuudhaaf itti gaafatama isaa hundumaa ba’achuu qaba, haaluma wal fakkaatuun haati warraas abbaa warraa isheetif. 4 Qaama ofii isheetii irratti aboo kan qabdu haadha warraa miti, abbaa warraa ishee ti malee. Haaluma wal fakkaatuun, abbaan warraas qaama ofii isaatii irratti aboo hin qabu, haadha warraa isaatu qaba malee.5Yoo walii galteedhaan yeroo murtaa’e qofaadhaaf ta’e malee wal hin dhowwatinaa. Kana immoo yoo gootan kadhannaadhaaf yeroo qabaachuudhaaf qofa haa ta’u. Achii immoo walitti deebi’aa, of-qabuu dadhabuu keessaniin Seexanni akka isin hin qorreef.6Garuu kanan kana isiniin jedhu akka gorsaatti malee akka abboommiitti miti. 7Namni martinuu akka koo otuu ta’ee nan hawwan ture. Garuu namni martinuu Waaqayyo biraa kennaa ofii ofii isaatii qaba. Namni tokko kennaa isa kana qaba, inni kaan immoo isa sana.8Waarri gaa’elatti hin seeninii fi warra abbaan yookaan haati warraa irraa boqotaniif otuu gaa’elatti deebi’anii seenuudhaa baataniin jedha, akkuma koo. 9Garuu of-qabuu yoo hin danda’in, gaa’ela haa godhatan. Fedhaan gubachuu irra gaa’ela qabaachuutu gaarii dha.10 Amma immoo warra gaa’ela keessa jiraniif abboommii kanan kennaaf—ana mit, Gooftaa dha—haati warraa abbaa warraa ishee irraa adda hin ba’in 11 (garuu yoo abbaa warraa ishee irraa adda baateef, isheen hin heerumin, yookaan abbaa warraa isheetti haa araaramtu), abbaan warraas haadha warraa isaa hin hiikin.12 Garuu warra kaaniif akkanan jedha—anatu, Goofticha miti—obboleessi tokko haadha warraa hin amanne yoo qabaate, isheen immoo isa waliin jiraachuudhaaf yoo jaallatte, inni ishee hiikuu hin qabu. 13 Dubartiin tokkos abbaa warraa hin amanne yoo qabaatte, innis ishee waliin jiraachuu yoo jaallate, isheen isa hiikuu hin qabdu. 14Abbaan warraan hin amanin sun haadha warraa isaatiif jedhee adda ba’eeraatii, akkasumas haatti warraan isheen hin amanne sun obbooleessa sanaaf jettee adda baateettiitii. Yoo kun hin ta’in, ijoolleen keessan kan hin qulqulloofne ta’u, garuu isaanis adda baafamaniiru.15Garuu namni hin amanin sun yoo adda ba’e, haa dhaqu. Haala akkanaa keessatti, obboleessi yookaan obboleettiin sun kakuun isaanii isaan hin qabu. Waaqayyo akka nuyi nagaadhaan jiraannuuf nu waame. 16Yaa dubartii, akkamitti beekta, abbaa warraa kee fayyisuu yoo dandeesse? Ati woo, yaa namichaa, akkamitti beekta, haadha warraa kee fayyisuu yoo dandeesse?17Haa ta’u malee, Waaqayyo hundumaafuu ga’aa isaa kenneera waan ta’eef, martinuu akkuma Waaqayyo isaan waametti haa adeeman. Kun waldoota Kiristiyaanaa mara keessatti seera ani kennee dha. 18Namni kam iyyuu yeroo akka amanuuf waamame kittaanameeraa? Akka waan hin kittaanaminiitti of hin mul’isuudhaaf hin yaalin. Namni tokko yeroo amanuudhaaf waamame hin kittaanamnee? Inni kittaanamuu hin qabu. 19Kan barbaachisu kittaanamuu yookaan kittaanamuu dhabuu mitii ti. Kan barbaachisu abboommii Waaqayyoo eeguu dha.20 Tokkoon tokkoon namaa haala yeroo akka amanuuf waamame keessa ture keessa haa turu. 21Yeroo Waaqayyo si waame hojjetaa namaa turtee? Waa’ee isaatti hin dhiphatin. Garuu yoo harka namaa jalaa ba’uu dandeesse, carraa keetti fayyadami. 22Gootaadhaan namni garbummaa keessa waamame Gooftaa biratti bilisaatii. Haaluma wal fakkaatuun, namni yeroo waamame biliisa tures garbicha Kiristoosi. 23Isin gatiidhaan bitamtan, kanaafuu garboota namootaa hin ta’inaa. 24Obbolootaa, namni tokko yeroo waamamu haala akkamii keessa iyyuu haa turuu, Waaqayyo waliin haaluma sana keessa haa turu.25 Amma immoo waa’ee warra hin tuqamin jiranii, Gooftaa biraa abboommiin homtinuu naaf hin kennamne. Garuu araara Gooftaatiin nama amanamaa akkan ta’etti, yaada koon isiniif kenna. 26Kanaafuu, sababa balaa dhufaa jiruutiif, namni martinuu akkuma jirutti turuun isaa gaarii anatti fakkaata.27 Haadha warraatti hidhamtaniittuu? Hiikuu hin barbaadinaa. Haadha warraa irraa biliisa jirtu yoo taatan, haadha warraa hin barbaaddatinaa. 28 Garuu yoo fuutanis, isin cubbuu hojjettan miti, durbi tokko yoo heerumte, isheen cubbuu hin raawwanne. Garuu warri akkasitti jiraachuu fedhan rakkina foonii hedduutu isaan irra jira, ani immoo isa kana irraa isin oolchuu nan jaalladha.29 Garuu obbolootaa, kanan isiniin jedha: Yerottiin gabaabduu dha. Amma irraa eegaltanii, warri haadha warraa qabdan akkuma waan hin qabneeti jiraadhaa. 30Warri boossan akka waan boo’aa hin jirreetti jiraadhaa, warri gammaddanis akka waan gammadaa hin jirreetti, warri bittanis akka waan homaa iyyuu hin qabnetti, 31warri biyya lafaatti fayyadamtanis akka waan guutummaatti itti fayyadamaa hin jirretti of lakkaa’aa. Biyyi lafaa kun bifa amma jirtu kanaan baduuf jirtiitii.32 Dhiphuu irraa akka isin biliisa taatan nan barbaada. Namni gaa’elatti hin galin waa’ee Gooftichaa ni yaada, akkamitti akka isa gammachiisu. 33Garuu namichi inni fuudhe immoo waa’ee biyya lafaa kanaa yaada, akkamitti haadha warraa isaa akka gammachiisu— 34inni gargar hirameera. Dubartiin hin heerumin yookaan durbi tokko waa’ee Gooftichaa yaadu, akkamitti qaamaa fi hafuuraan adda ba’an. Dubartiin heerumte garuu waa’ee biyya lafaa kanaa yaaddi, akkamitti abbaa warraa ishee akka gammachiiftu.35 Ani isa kana faayidaadhuma keessaniifan isiniin jedha, malee gufuu tokko iyyuu isin dura kaa’uudhaaf miti. Ani waa’ee waan sirrii ta’eetiifan isinitti hima, isin gufuu tokko malee Gooftichaaf akka of kennitaniif.36 Garuu namni tokko durbummaa ishee kabajaan qabaata hin jiru yoo ta’e—yoo umurii heermaa dabarteetti ta’e akkasuma haa ta’u—waanmuma wayyuuf haa gootu. Inni kun cubbuu miti. Gaa’ela godhachuu qabu. 37Garuu yaada garaa isaatii keessatti jabaatee dhaabachuu yoo danda’e, dhiibbaa jala kan hin jirree fi hawwii isaa to’achuu yoo danda’e, kana gochuudhaaf, qeerrummaa isaa eeggachuudhaaf, immoo yaada garaa isaatii keessatti murteesseera yoo ta’e, kun gaarii dha. 38Namni qeerrummaa isaa dhiisee fuudhu gaarii godha, namni fuudhuu dhiisee jiraachuu barbaadu immoo caalaa iyyuu gaarii godhe.39 Yeroo abbaan warraa lubbuudhaan jirutti haati warra isatti hidhamteetti. Garuu yoo abbaan warraa du’e, abbaa barbaaddetti heerumuudhaaf biliisummaa qabdi, garuu Gooftaatti qofa. 40Garuu akka yaada kootiitti akka jirtutti yoo jiraatte, gammachuu caalu ni qabaatti. Natti fakkaatas Hafuura Waaqayyoo kanan qabu.
1 Amma immoo waa’ee nyaata waaqota tolfamoodhaaf aarsaa ta’ee dhi’aatee: Nuyi hundumti keenya beekumsa akka qabnu ni beekna. Beekumsi nama bokoksa, jaalalli garuu nnnama ijaara. 2Namni tokko akka waan waa beekuutti yoo yaade, namni sun akka waa hin beekne of hin beeku. 3Garuu namni tokko yoo Waaqayyoon jaallate, namni sun isaan beekameera.4 Kanaafuu, waa’ee nyaata waaqota tolfamoodhaaf aarsaa ta’ee dhi’aatee: Nuyi akka waaqonni tolfamoon biyya lafaa kana irraa homaa iyyuu akka hin taanee fi Waaqayyo tokkichi akka jiru ni beekna. 5Otuma waaqota jedhamanii kanneen waamaman lafa kana irras ta’e waaqa irra yoo jiraatan illee, [akkuma “waaqaonnii” fi “gooftonni” hedduun jiran sana], 6nuyiif amma illee Waaqayyo tokkichatu jira, Abbaa, wanti martinuu isa biraa kan ta’ee fi nuyis isaaf kan jiraannu, Goofta tokkicha, Yesuus Kiristoos, wanti hundinuu karaa isaa kan jiraatuu fi nuyis isaan kan jiraannu.7 Haa ta’u malee, beekumsi kun nama hundumaa keessa hin jiru. Ijaa kanaa, kaan kaan duraan waaqa tolfamaa waaqessaa turan, nyaata kanas kan isaan nyatan akka inni waan waaqicha tolfamaadhaaf dhi’aatetti amanuudhaani. Sababa isaan dadhaboota ta’aniif, hubannaan isaanii gar-malee dha.8 Garuu nyaanni gara Waaqayyootti nu hin dhi’eessu. Nuyi yoo nyaachuudhaa baanne, hamaa hin taanu, yoo nyaannes gaarii hin taanu. 9 Garuu of-eeggadhaa biliisummaan keessan nama isa amantiitti dadhabaa ta’e tokkoos akka inni gufatuuf sababa akka itti hin taanetti. 10Isin warri beekumsa qabu otuu isin mana sagadaa waaqa tolfamaa keessatti nyaataa jirtanii namni tokko isin arge haa jennu. Hubannaan isaa inni dadhabaan akka inni nyaata waaqa tolfamaadhaaf dhi’aate sana akka inni nyaatuuf isa hin kakaasuu ree?11 Kanaafuu sababii hubannaa waa’ee uumama waaqa tolfamaa irratti ati qabduutiif, inni dadhabaan, obboleessi Kiristoos isaaf du’e sun, ni bada. 12Kanaafuu, isin yomuu obboleessa keessan irratti yakkitanii hubannaa isaa madeessitan, Kiristoosiin yakkitan jechuu dha. 13 Kanaafuu, nyaanni yoo obboleessa koo akka inni gufatuuf sababa ta’a ta’e, ani lammata nyaata hin nyaadhu, obboleessi koo akka kufuuf sababa akkan itti hin taaneef.
1 Ani biliisa mitii? Ani ergamaa dha mitii? Ani Gooftaa keenya Yesuusiin ani hin arginee? Isinis Gooftaatti ija hojii kootii mitii? 2Warra kaaniif yoon ergamaa hin ta’in illee isiniif garuu ani ergamaa dha. Isin Gooftaati ergama ta’uu kootiif chaappaa dhaatii.3 Namoota warra ana qoruu yaalaniif deebiin koo isa kana: 4Nuyi nyaachuudhaa fi dhuguudhaaf mirga hin qabnu moo? 5Haadha warraa amantuu taate tokko fuudhuudhaaf nuyi mirga hin qabnuu, akkuma ergamoota warra kaanii fi obboloota Gooftaa, akka Keefaas? 6Or do only I and Barnabas not have the right to not work at a trade?7 Loltuun dabarsee of-kennuudhaan tajaajilu eenyu inni? Wayinii dhaabee ija isaa kan hin nyaanne eenuu dha? Yookaan namni horii tiksu garuu aannan isaanii kan hin dhugne eenyuu dha? 8 Ani kana kanan jedhu beekumsa namaatiinii? Seerichis kanuma hin jedhuu?9 Seericha Musee keessatti akkana jedhamee barreeffameeraatii, "Yommuu inni midhaan irra adeemutti sangaa afaan isaa hin hidhinaa." Waaqayyo kan inni dhimmuuf sangaadhaafii ree? 10Inni waa’ee keenya dubbachuu isaa mitii? Inni waa’ee keenyaaf barreeffame, inni qotu abdiidhaan qotuu qaba, inni dhiichisus midhaanicha irraa ga’aa isaa akka argatu abdachuu qaba. 11Nuyi yoo isin gidduutti wanneen hafuuraa facaafne, isin irraa wanneen foonii argachuun nutti guddataa ree?12Warreen kaan mirgoota kanneen isin irraa argataniiru yoo ta’e, nuuf immoo caalaan nuuf hin ta’uu ree? Nuyi garuu mirga kana hin gaafanne. Ijaa kanaa, wangeela Kiristoositti gufuu akka hin taaneef jennee waan hundumaatti dadhabnee hojjenne. 13Warri hojii qulqullummaa hojjetan mana qulqullummaa keessaa nyaata isaanii akka isaan argatan hin beektanii? Warri iddoo aarsaa irraa tajaajilan akka isaan wanneen aarsaadhaaf dhi’aatan irraa hirmaatan hin beektanii? 14 Haaluma wal fakkaatuun, warri wangeela labsan akka isaan jireenya isaaniitiif waan barbaachisu wangeela irraa argatan Gooftaan abboomeera.15 Garuu ani mirgoota kanneen keessaa homaa tokko illee hin gaafanne. Kanan kana isiniif barreessus wanti tokko iyyuu akka anaaf godhamuuf miti. Anaaf du’uu anaaf wayya—Namni tokko illee of-jajuu koo duwwaatti hambisuu isaa irra! 16Yoon wangeela lallabe, sababan ittiin of-tuuluuf hin qabuutii, sababiin isaa kana raawwachuudhumatu ana irra jira. Akkasumas ani yoon wangeela lallabuudhaa baadhe anaaf wayyoo!17 Isa kana fedhii kootiin yoon hojjedhe, ani badhaasan qaba. Garuu yoo fedhii kootiin ala ta’e, amma illee hojii soortummaa kan anatti kenname nan qaba. 18Yoos egaa badhaasni koo maal inni? Yeroon wangeela lallabu, gatii malee kennuu kootii fi mirga koo guutummaatti itti fayyadamuu dhiisuu koo ti.19 Yoon waan mara irraa biliisa ta’e illee, hundumaaf tajaajilaa ta’eera, akkan kan ammaa caalaa lubbuuwwan booji’uudhaaf. 20Warra Yihuudii ta’aniif akka Yihuudiin ta’e, akkan warra Yihuudii ta’an booji’uudhaaf. Warra seericha jala jiraniif, anis akka nama seericha jala jiruun of taasise, warra seericha jala jiran booji’uudhaaf. Ani ofii kootiif yoon seericha jala hin jiraatin illee ani kana godheera.21 Warra seerichaa ala jiraniif, anis akka nama seerichaa ala jiruun of taasise, yoon ofii kootiif seericha isa kan Waaqayyootii ala hin ta’in illee, ani garuu seera isa kan Kiristoos jalan jira. Ani akkan warra seerichaa ala jiran booji’uufan isa kana godhe. 22Warra dadhabootaaf anis dadhabaan ta’e, akkan warra dadhaboota booji’uuf. Ani namoota hundumaaf waan hundumaan ta’e, akkan karaa hundumaatiin nama hundumaa fayyisuuf. 23 Ani waan mara kanan godhu wangeelaaf jedheeni, akkan eebba isaa keessaa qooda qabaadhuuf.24 Hin beektani moo dorgommii keessatti nama maratu fiiga, garuu kan badhaasa argatu tokko qofaa akka ta’e? Kanaafuu badhaasa argachuudhaaf fiigaa. 25Namni fiigicha fiigu martinuu waan maratti of-qabuu ni shaakala. Isaan amartii isa baduuf jiru argachuudhaaf kana godhu. 26Kanaafuu ani kanan fiigu akkanatti, kaayyoo malee miti; akkanattan abootteedhaan rukuta, akka nama qilleensa abootutti miti. 27Garuu ani qaama koo gadi deebisuudhaan nan dadhabsiisa, ergan warra kaanitti lallabee booda, ani mataan koo immoo akkan duubatti hin hafneef.
1 Yaa obboloota ko, ani akka isin wallaalota taatan hin barbaadu, abboonni keenya martinuu duumessa jala akka turanii fi akka martinuun isaanii galaanicha keessa darban. 2 Martinuu Museetti duumessichaa fi galaanicha keessatti cuuphamaniiru, 3martinuus nyaata hafuuraa tokkicha nyaataniiru. 4Martinuu dhugaatii hafuuraa tokkicha dhuganiiru. Dhagaa hafuuraa isa isaan hordofaa ture irraa dhuganiiru, dhagichi sunis Kiristoos ture.5 Garuu Waaqayyo hedduu isaaniitti hin gammadne ture, reeffi isaaniis lafa onaa keessa ni faffaca’e. 6Amma wanneen kunneen nuyiif fakkeenya, akka nuyi warreen cubbuu ta’an hin taaneef akka warreen sun hawwanitti.7 Isin waqeessitoota waaqota tolfamoo hin ta’inaa, kaan kaan isaanii akkuma turanitti. Inni kun akkanatti barreeffameera, "Jarreen sun nyaachuudhaa fi dhuguudhaaf ni taa’an, taphachuudhaafis ni ka’an." 8Akkuma hedduun isaanii raawwatan, nuyis sagaagalummaa hin raawwannu. Waa’ee isa kanaatiin namoonni kumni digdamii-sadii guyyaa tokko keessatti ni du’an.9 Kiristoosiinis hin qorru, akkuma kaan kaan isaanii isa qoranii bofaan hiddamanii balleeffaman. 10Akkasumas isin hin guunguminaa, hedduun isaanii guungumuudhaan ergamaa du’aatiin balleeffamaniiruutii.11 Amma wanneen kun kan isaan irraa ga’an nuyiif fakkeenya akka ta’uufi. Isaan nuyiif gorsa akka ta’aniif barreeffaman—nuyiin warra barri inni dhumaa nu irra ga’eef. 12Kanaafuu, namni kam illee akka dhaabbatee jiru kan itti fakkaatu akka hin kufneef of haa eeggatu. 13Nama isa kam irra iyyuu kan hin ga’in qoramsi isin irra ga’e hin jiru. Ijaa kanaa, Waaqayyo amanamaa dha. Inni dandeettii keessanii ol akka isin qoramtaniif hin eyyamu. Qoramsa isinitti dhufu waliin inni karaa ba’aas isiniif ni qopheessa, akka isin keessa darbuu dandeessaniif.14 Kanaafuu, yaa jaallatamo, waaqa tolfamoo waaqessuu irraa fagaadhaa. 15Ani akka nama hubannaa qabaniittan isinitti dubbadha, wanneen ani dubbadhu akka isin qortanii ilaaltaniif. 16Xoofoo eebbaa inni nuyi eebbifnu, dhiiga Kiristoos keessaa kan hirmaatame mitii? Buddeenni inni nuyi cabsannu, dhagna Kiristoos mitii? 17 Buddeena tokkichatu jira waan ta’eef, nuyi hedduu taanee otuu jirruu qaama tokkoo dha. Nuyi martinuu buddeena tokkicha irraa waliin nyaanna.18 Israa’el isa akka fooniitti ta’e ilaalaa. Warri aarsaa dhi’aatu irraa nyaatan qooda-fudhattoota iddoo aarsaa ti mitii ree? 19Yoos eg aa ani maalan jedha ree? Waaqni tolfamaan akka inni waan tokko ta’ee ti?20 Garuu ani waa’ee wanneen isaan aarsaa dhi’eessaniin dubbadha, isaan wanneen kanneen Seexanaaf malee Waaqayyoof hin dhi’eessan! 21Isin xoofoo Gooftichaatii fi kan Seexanaa keessaa dhuguu hin dandeessan. Isin gabataa Gooftichaatii fi kan Seexanaatti dhi’aachuu hin dandeessan. 22 Yookaan nuyi Goofticha hinaaffaadhaaf ni kakaafnaa? Nuyi isa caalaa jaboota moo?23 "Wanti martinuu seera-qabeessa," garuu wanti martinuu bu’a-qabeessa miti. "Wanti martinuu seera-qabeessa," garuu wanti martinuu namoota hin ijaaru. 24Namni kam illee gaarummaa ofii isaa qofa hin barbaadin. Ijaa kanaa, gaarummaa hiriyaa isaatii haa barbaadu.25 Waan gabaa keessatti argattan hundumaa bittadhaa nyaadhaa, gaaffii yaadaa otuu hin gafatin. 26Sababiin isaas "lafti kun kan Gooftichaatii, guutummaan ishee." 27Namni hin amanne tokko nyaataaf yoo isin waame, dhaquu yoo feetan, waan isiniif kenname mara iyyuu nyaadhaa, gaaffii keessa yaada keessan otuu hin galchin.28 Garuu namni tokko yoo akkana isiniin jedhe, "Wanti kun aarsaadhaaf dhi’aate,” yoos hin nyaatinaa, namicha akkana isiniin jedhe Sanaa fi yaada mataa keessaniitiifis jecha— F 29 yaada garaa namichaa isa kaanii jechuu koo ti, kan keessanis miti. Yaadni garaa kootii maaliif kan nama kan birootiin madaalamaatii? 30Yoon nyaaticha irraa galataan hirmaadhe, maalifan waanan galata galcheefii ture sanaaf deebi’ee arrabsama?31 Kanaafuu, yoo nyaattanis ta’e yoo dhugdan, yookaan waanmua gootan kam iyyu, ulfina Gooftichaatiif godhaa. 32Yihuudota birattis ta’e Giriikota biratti muda-dhabeeyyii ta’aa argamaa, waldaa Kiristiyaanaa Waaqayyoo birattis. 33Haaluma wal fakkaatuun, ani nama mara iyyuu waan maraan gammachiisuun yaala. I do not seek my benefit, but that of the many. Kanan kana godhus akka isaan fayyaniif jedheeni.
1 Isin fakkaattota koo ta’a, akkuman fakkaattii Kiristoos ta’e.2Ani amma isinan galateeffadha, waan maratti iyyuu waan isin ana yaadattaniif. Barssifata ani isinitti dabarsee mara iyyuu qabattanii waan jirtaniifis isinan galateeffadha. 3Amma akka isin hubattan nan barbaada Kiristoos mataa nama hundumaa akka ta’e, dhiirri immoo mataa dubartii akka ta’e, akkasuma Waaqayyo immoo mataa Kiristoosii dha. 4Dhiirri yommuu kadhatu yookaan raajii dubbatu mataa isaatti aguuggatu tokko mataa isaa ni yeellasisa.5 Dubartiin yommuu kadhattu yookaan raajii dubbattu mataa isheetti hin aguuggannes akkasuma mataa ishee ni yeellasifti. Inni kun mataa ishee haaddachuu isheetii wajjin wal fakkaataatii. 6 Dubartiin tokko yoo mataa isheetti hin aguuggattu ta’e, rifeensa mataa isheetii gaggabaabsachuu qabdi. Mataa ishee of irraa haaduun yookaan gaggabaabsachuun yeelloo dha yoo ta’eef immoo itti haa aguuggattu.7 Namni mataa isaatti kan hin aguugganneef, inni bifaa fi ulfina Waaqayyoo waan ta’eefi. Dubartiin garuu ulfina dhiiraa ti. 8Namni dubartii irraa hin hojjetamneetii. Gama kaaniin garuu, dubartiin dhiira irraa tolfamte.9 Yookaanis dhiirri dubartiidhaaf hin uumamneetii. Gama biroodhaan garuu, dubartiin dhiiraaf uumamte. 10Sababa kanaafi dubartiin mataa ishee irratti mallattoo aangoo kan isheen qabaachuu qabduuf, sababa ergamoota waaqa irraatiif.11 Haa ta’u malee, Gooftaatti, dubartiin dhiira irraa adda baatee ofiin of hin dandeessu, dhiirris dubartii irraa adda ba’ee of hin danda’u. 12 Akkuma dubartiin dhiira irraa dhuftu, dhiirris dubartii irraa dhufaatii. Wanneen martinuu immoo Waaqayyo irraa dhufu.13 Isin ofii keessaniif murtii kennaa: dubartiin otuu mataa isheetti hin aguuggatin kadhachuun qajeelaa dhaa? 14 Uumamni mataan isaa iyyuu isin hin barsiisuu ree dhiirri yoo rifeensa mataa dhedheeraa qabaate, yeelloo isatti ta’uu isaa? 15Uumamni mataan isaa isin hin barsiisuu ree dubartin yoo rifeensa mataa isheetii dheereffatte, ulfina ishee akka inni ta’e? Rifeensi mataa isheetii akka uffataatti isheedhaaf kennameetii. 16Garuu namni tokko waa’ee isa kanaa yoo falmuu barbaade, nuyi shaakala kan biroo hin qabnu, waldoonni Kiristiyaanaa Waaqayyoos akkasuma.17 Garuu gorsawwan warra armaan gadi jiran keessatti ani isin galateeffachuudhaaf hin jiru. Isin yommuu walitti qabamtan, gaarummaadhaaf otuu hin ta’in garuu waan gaarii hin taa’iniifiitii. 18 Jalqabuma irratti, isin yeroo waldaa Kiristiyaanaa keessatti wal geessan, garaa garummaan akka isin gidduu jiru ani nan dhaga’a, hanga tokos itti nan amana. 19Isin gidduu gargar ba’umsi ni jiraatii, warreen mirkaneeffameef isin gidduutti isa kanaaf ragaa akka ta’aniif.20 Yeroo wal geessanitti, kan isin nyaattan Irbaata Gooftaa mitiitii. 21Isin yommuu nyaattan, tokkoon tokkoon keessan otuu warri kaan nyaata ofii isaanii hin argatin kan ofii ofii keessanii ni nyaattuutii. Inni tokko yommuu beela’u, inni kaan immoo ni machaa’a. 22Isin nyaachuudhaa fi dhuguudhaaf mana ofii keessanii hin qabdani moo? Isin waldaa Kiristiyaanaa Waaqayyo xureessuudhaa fi warra homaa hin qabne immoo yeellaasisuudhaafii re? Ani maal isiniin jedhu? Isin galateeffachuun qabaa? Ani isa kanaaf isin hin galateeffadhu!23 Waanan Goofticha irraa fudhadhe ani isinitti dabarseeraatii, akka Gooftaan Yesuus, halkan itti ganame sanatti, buddeena fudhate. 24 Erga galata dhi’eessee booda, buddeenicha cabsee akkana jedhe, "Kun foon koo ti, isiniif kan kenname. Ittiin ana yaadachuudhaaf kana godhaa."25 Haaluma wal fakkaatuun, irbaaticha booddee xoofoo fudhatee, akkana jedhe, “Xoofoon kun dhiiga kootiin kakuu haaraa dha. Yeroo isa kana itti dhugdan maratti iyyuu, isa kana ittiin ana yaadachuudhaaf godhaa." 26Sababiin isaa yeroo buddeena kana nyaattanii fi xoofoo kana keessaa itti dhugdanitti, isin du’a Kiristoos labsitu hanga inni deebi’ee dhufutti.27 Eenyu illee, egaa, namni buddeenicha nyaatu yookaan xoofoo Gooftaa keessaa haala isaaf hin maliniin nyaatu yookaan dhugu, foonii fi dhiiga Gooftaatiif itti gaafatamaa ni ta’a. 28Namni kam iyyuu dursee of haa qoru, haala kanaanis buddeenicha haa nyaatu, xooficha keessaas haa nyaatu. 29Namni inni otuu gargar baafatee hin ilaalin foonicha nyaatu dhiigichas dhugu, murtii of isaa irratti ni fida. 30Isa kanaafi isin keessaa kaan dadhaboota fi dhukkubsattoota kan isaan ta’an, kaan immoo hirriba rafaniiru.31 Garuu yoo qorree of ilaalle, murtiin nu hin argatu. 32Garuu Gooftaan yommuu murtii nu irratti kennu, ni adabamna, biyya lafaa waliin akka abaaramnutti.33 Kanaafuu, obboloota ko, nyaachuudhaaf yommuu wal geessan, walii keessan wal eegaa. 34 Namni beela’e yoo jiraate, mana ofiitti haa nyaatu, yeroo walitti qabamtan murtiidhaaf akka itti hin taanetti. Wanneen kan biroo kanneen isin barreessitaniif, yommuun dhufutti gorsa isiniif nan kenna.
1 Waa’ee kennaawwan hafuuraa immoo, obboloota ko, akka isin wallaalota taatan ani hin barbaadu. 2Ni beetu yommuu warra hin amanne turtanitti waaqota tolfamoo warreen dubbachuu hin dandeenyeen gara dabarfamaa turtan, garuma isaan isin geessanitti. 3Kanaafuu, akka isin beektan nan barbaada namni Hafuura Waaqayyootiin dubbatu akkana akka inni jedhu, “Yesuus abaaramaa dha.” Hafuura Waaqayyootiin yoo ta’e malee eenyu illee “Yesuus Gooftaa dha” jechuu hin danda’u.4 Amma egaa kennaawwan adda addaatu jira, garuu Hafuura tokkicha. 5 Tajaajillawwan adda addaatu jira, garuu Gooftaa tokkicha; 6 akkasumas hojiiwwan adda addaatu jira, garuu Waaqayyo tokkicha isa waan hundumaa hojjetutu jira.7 Amma tokkoo tokkoo namaatiif kan Hafuurichaa wanti alatti mul’atu faayidaa nama hundumaatiif kennameera. 8Isa tokkoof Hafuurichaan ogummaa jechaatu, isa kaaniif immoo Hafuurichuma sanaan beekumsa jechaatu kennamaaf.9Amma iyyuu nama kan biroodhaaf immoo Hafuurichuma sanaan amantiitu kennamaaf, kan biroodhaafis Hafuurichuma sanaan kennaan dhukkubsataa fayyisuu ni kennamaaf. 10Ammas nama biroodhaaf hojiiwwan ajaa’ibaa hojjechuutu kennamaaf, kan biroodhaafis raajii dubbachuutu kennamaaf. Kan biroodhaaf immoo hafuurota gargar baasee beekuutu kennamaaf, isa kaanisfis afaanota garaa garaatiin dubbachuutu kennamaaf. 11Wanneen kunneen martinuu hojii Hafuuricha tokkichaa ti, tokkoo tokkoo namaatiif dhuunfaatti kennaawwan kennuufii, akkuma fedhetti.12 Qaamni tokko ta’ee bu’aa dhaqnaa hedduu akkuma qabu sana, Kiristoosittis akkasuma. 13Hafuura tokkoon qaama tokkotti cuuphamneerraatii, Yihuudis ta’e Giriikii, hojjetaa namaas ta’e nama biliisa, martinuu Hafuura tokko irraa akka dhuganiif hojjetamaniiru.14 Qaamichi bu’aa dhaqnaa tokkicha otuu hin ta’in hedduudhaatii. 15Miilli namaa yoo akkana jedhe, "Ani harka waanan hin ta’iniif, ani bu’aa dhaqnichaa miti," inni tasuma iyyuu bu’aa dhaqnaa ta’uun isaa hin xiqqaatu. 16Akkasumas gurri yoo akkana jedhe, "Sababa ani ija hin ta’iniif, ani bu’aa dhaqnichaa miti," innis haala kamiin iyyuu bu’aa dhaqnichaa ta’uun isaa hin xiqqaatu. 17Guutummadhumti qaamaa otuu ija ta’ee jiraatee, dhaga’uun eessaa argama ture? Guutummaan qaamaa otuu gurra ta’ee jiraatee, fuunfachuun eessaa argama ture?18 Garuu Waaqayyo bu’aa qaamaa tokko tokkoon muudeera, tokkoo tokkoo isaanii, qaama namaa keessatti akka fedha isaatiitti. 19Hundumti isaanii bu’aa dhaqna tokkicha otuu ta’aniiru ta’ee, qaamichi eessaa argama? 20Egaa amma lakkoofsi isaanii hedduu dha, garuu martinuu qaama tokko.21 Iji harkaan akkana jechuu hin danda’u, “Ani si hin barbaadu.” Yookaan mataan miillaan akkana hin jedhu, “Ani si hin barbaadu." 22 Garuu bu’aawwan dhaqnaa warreen dadhaboo fakkaatan caalaa barbaachisoo kan ta’anii dha, 23 akkasumas bu’aawwan dhaqnaa warreen nuyi akka isaan kabaja hin qabne nutti fakkaatu, isaaniif kabaja isa ol aanaa ni kenninaaf, bu’aawwan dhaqnaa keenya warreen hin mul’anne immoo kabaja ol aanaa qabu. 24Amma bu’aawwan dhaqnaa keenya warreen mul’atan hanga warreen Sanaa hin barbaadaman. Ijaa kanaa, Waaqayyo qaamota kanneen yommuu walitti qabu, warreen kabaja hin qabneef kabaja isa caalu kenneefii ti.25 Inni kan inni kana godheef bu’aawwan qaamaa gidduu gargar ba’umsi akka hin jiraanneef jedhee ti, garuu bu’aawwan qaamaa akka isaan waliif yaadaniifi, jaalala wal-fakkaatuun. 26 Egaa yommuu bu’aan dhaqnaa inni tokko dhibamu, qaamni martinuu waliin dhibamu; yookaan yommuu bu’aan qaamaa inni tokko kabajamu, qaamni martinuu waliin gammadu. 27Amma isin qaama Kiristoosii fi tokko tokkoon immoo bu’aa qaamichaa ti.28 Waaqayyos waldaa Kiristiyaanaa keessatti yommuu muudu duraan dursee ergamoota, lammaffaa irratti immoo raajota, sadaffaa irrattis barsiisota, achi irraa immoo warreen waan ajaa’ibaa hojjetan, achiis kennaa dhukkubsataa fayyisuu, warreen gargaarsa kennan, warreen hojii bulchiinsaa hojjetanii fi warreen afaan garaa garaatiin dubbatan. 29Martinuun isaanii ergamootaa? Martinuun isaanii raajotaa? Martinuun isaanii barsiisotaa? Martinuun isaanii waan ajaa’ibaa hojjetuu?30 Matinuu kennaa dhukkubsataa fayyisuu qabuu? Martinuu afaan garaa garaatiin ni dubbatuu? Martinuu afaanota dubbataman ni hiikuu? 31Kennaa isa caalu hawwiidhaan barbaaddadhaa. Anis amma karaa isa hundumaa irra gaarii ta’e isinittan argisiisa.
1 Tarii yoon afaan namootaatii fi kan ergamootaatiin dubbadhe, garuu yoon jaalala hin qabaanne, ani dibbee sagaleen isaa guddaa yookaan bilbila kililchu ta’uu koo ti. 2Tarii yoon kennaa raajii dubbachuu qabaadhee dhgaawwanii fi beekumsa dhokataa yoon hubachuu danda’e, amantii gaara bakka isaatii buqqisu maras yoon qabaadhe, garuu jaalala yoon hin qabaatin, ani homaa miti. 3Tarii yoon qabeenya koo mara warra hiyyeeyyii nyaachisuudhaf oolche, qaamni koo illee akka gubatuuf yoon dabarsee keenne, garuu yoon jaalala hin qabaatin, ani homaa hin argadhu.4 Jaalalli obsaadhaa fi gara-laafessa. Jaalalli hinaafaa miti, of hin tuulus. Inni of hin bokoksu 5yookaan hamaa miti. Inni waan kan ofii isaatii hin barbaaddatu. Inni waan kan biroodhaan hin kakaafamu, balleessaas nama irratti hin lakkaa’u. 6Hamminattis inni hin gammadu. Ijaa kanaa, inni dhugaatti ni gammada. 7Jaalalli waan hundumaa danda’a, waan hundumaa amana, waan hundumaa abdata, waan hundumaas ni danda’a.8 Jaalalli dhumaa hin qabu. Raajiiwwan yoo jiraatan, isaan ni darbu. Afaan yoo jiraatan, gaaf-tokko ni dhaabbatu. Beekumsi yoo jiraate, inni ni darba. 9Nuyi hanga tokko beekna, hanguma beeknu sanas raajii dubbannaatii. 10Garuu yommuu inni dhugaa sun dhufutti, inni hir’uu ta’e sun ni darba.11 Yommuun daa’ima turetti, ani akka daa’imaattan dubbadhe, akka daa’imaattan yaade, akka daa’imaattan sababa kenne. Yommuun nama ga’eessa ta’etti, wanneen daa’imummaa darbadheen gate. 12Amma daawitii keessatti al-kallattiidhaan ilaalla, gaafa sanatti garuu fuulaa fuulatti. Ani amma hanga tokkon beeka, gaafa sana garuu guutummaattan beekuudhaaf jira akkuman guutummaatti beekame. 13Amma garuu wanneen kana sadantu hafee jiraata: amantii, abdiidhaa fi jaalala. Garuu kanneen keessaa jaalalli isa ol aanaa dha.
1 Jaalala hordofaatii kennaawwan hafuuraas hawwaa, keessumatti akka raajii dubbattaniif. 2Namni afaan haaraadhaan dubbatu namatti otuu hin ta’in Waaqayyotti dubbataatii. Waan inni Hafuurichaan iccitiiwwan dubbatuufis namni isa hubatu hin jiruutii. 3Garuu namni raajii dubbatu namootatti ni dubbata akka isaan ijaaramaniif, akka isaan hubataniif, isaan jajjabeessuudhaafis. 4 Namni inni afaan haaraadhaan dubbatu ofii isaa ni ijaara, namni inni raajii dubbatu garuu waldaa Kiristiyaanaa ni ijaara.5 Ani amma akka isin marti iyyuu afaan haaraadhaan dubbatan nan hawwa. Garuu Sanaa olitti immoo, akka isin raajii dubbatanan hawwa. Namni inni raajii dubbatu nama isa afaan haaraadhaan dubbatu irra ni caala (yoo namni tokko afaan haaraa dubbatame sana hike waldaan Kiristiyaanaa akka ittiin jabaattuuf). 6Amma garuu, obboloota ko, yoon afaan haaraadhaan dubbataa gara keessan dhufe, ani akkamittan isin fayyada? Hin danda’u, yoon mul’ataan, yookaan beekumsaan, yookaan raajiidhaan, yookaan barsiisaan isinitti dubbadhe malee.7 Haaluma wal fakkaatuun, meeshaaleen lubbuu hin qabne yommuu sagalee kennan —akka ulullee yookaan kiraara—isin sagalee adda addaa hin kennitan yoo ta’e, namni akkamittiin qooqa ululleen yookaan kiraarri sun dhageessitu beeka ree? 8Yoo fiinoon sagalee hin beekamneen afuufame, namni tokko akkamitti akka inni yeroo lolaa ta’e beekee of qopheessa ree? 9Isiniifis afaan haaraadhaan dubbachuun akkasuma. Dubba ifa hin ta’in yoo isin dubbattan, wanti jedhame sun akkamitti hubatama ree? Isin qilleensuma keessatti dubbattu jechuu dha.10 Afaanonni hedduun akka biyya lafaa kana irra jiran mamiin hin jiru, tokkoon isaanii illee hiikaa malee kan dubbataman hin jiran. 11Garuu ani afaan dubbatame tokko yoon hiika isaa hin beeku ta’e, ani namicha dubbatu sanatti keessummaan ta’a, namicha dubbatu sanaafis ani keessummaa dha.12 Isin birattis akkasuma. Akkuma isin mul’achuu Hafuura Qulqulluutiif hawwa qabdanitti, jabina waldaa Kiristiyaanaas hawwaa isinis akka keessatti jabaattaniif. 13Kanaafuu, namichi inni afaan haaraadhaan dubbatu hiikuus akka danda’uuf haa kadhatu. 14Yoon afaan haaraadhaan kadhadhe, hafuurri koo ni kadhata, garuu sammuun koo ija-malee dha.15 Maal gachuufan jira? Ani hafuura kootiinan kadhadha, garuu sammuu kootiinis nan kadhadha. Hafuura kootiin nan faarfadha, sammuu kootiinis akkasuma nan faarfadha. 16Kanaa achi, Waaqayyoon yoo hafuuraan eebbiftan, namni alaan ilaalu akkamitti “Ameen” jechuu danda’a yommuu isin galata dhi’eessitan waan isin jettan yoo hin beekne?17 Isin dhugaatti galata dhi’eessitaniittu, garuu namni biroon ittiin hin ijaaramneetii. 18Ani hunduma keessan caalaa afaan haaraadhaan dubbachuu waanan danda’uuf Waaqayyoon nan galateeffadha. 19Garuu waldaa Kiristiyaanaa keessatti hubannaa kootiin jechoota shan qofa dubbachuu naaf wayya akkan namoota warra kaan gorsuuf, afaan haaraadhaan jechoota kuma kudhan dubbachuu koo irra.20 Obbolootaa, yaada keessaniin daa’imoota hin ta’inaa. Ijaa kanaa, waa’ee hamminaatiif, akka daa’ima wallaalaa ta’aa. Garuu yaada keesanitti bilchaato ta’aa. 21Seericha keessatti kan akkana jedhu barreeffameera,"Namoota afaan haaraa qabanii fi arrabawwan keessummootaatiin ani namoota kanneenitti ittan dubbadha Isaan yeroo sanatti illee ana hin dhaga’ani,"22 Yoos egaa, afaanonni haaraan mallattoo dha, amantootaaf otuu hin ta’in, warra hin amanneef. But prophecy is for a sign, not for unbelievers, but for believers. 23Kanaafuu, yoo waldaan marti walitti qabamee martinuu afaan haaraadhaan dubbate, warri hin amaninii fi namoonni alaa yoo dhufan, isaan jarri kun qalbiin isaanii darbeera isiniin hin jedhanii ree?24 Garuu yoo otuu isin raajii dubbachaa jirtanii namni hin amaniin yookaan namni alaa dhufe, inni waan dhaga’e hundumaan ni jijjiirama. Waan jedhame sanaanis isatti ni faradama. 25 Iccitiiwwan yaada garaa isaatiis ni mul’ifamu. Haaluma kanaan, inni adda isaatiin lafatti kufee Waaqayyoof ni sagada. Inni akka Waaqayyo isin gidduu jiru ni beeksisa.26 Egaa kanatti aansee maaltu dhufa, yaa obboloota ko? Isin yommuu walitti dhuftan, tokkoon tokkoon namaa farfannaa, barsiisa, mul’ata, afaan haaraa, yookaan hiika isaa qabaata. Waan gootan hundumaa akka inni waldaa Kiristiyaanaa ijaaruuf godhaa. 27Namni tokko yoo afaan haaraadhaan dubbate, namni lama qofti, yoo baay’ate immoo sadii, haa jiraatu, warri dubbatu immoo dabareedhaan haa godhan, waan jedhame sana immoo namni hiiku jiraachuu qaba. 28Garuu namni hiiku yoo hin jiraanne, tokkoon tokkoon isaanii waldaa keessatti haa cal’isan. Tokkoon tokkoon isaanii ofii isaaniittii fi Waaqayyo qofaatti haa dubbatan.29 Raajonni lama yookaan sadii haa dubbatan, warri kaan immoo wan jedhamu sana hubannaadhaan haa dhaggeeffatan. 30Garuu nama taa’ee jiru tokkotti mul’anni yoo itti argame, inni duraan dubbataa ture haa cal’isu.31 Tokkoon tokkoon keessan dabaree dabareedhaan raajii dubbadhaa akka namni tokko irraa baratuttii fi martinuu immoo akka ittiin qullaa’anitti. 32Hafuuronni raajotaa kanuma raajotaatii. 33Waaqayyo Waaqa jeequmsaa mitii, Waaqa nagaa ti malee.Kuni seericha waldoota Kiristiyaanaa saboota qulqulluu Waaqayyoo ti.34 Waldaa Kiristiyaanaa keessatti dubartoonni haa cal’isan. Dubbachuun isaaniif hin eyyamamaneetii. Ijaa kanaa, isaan abboomamoo haa ta’an, akkuma seerichi abboomutti. 35Wanti isaan barachuu barbaadan yoo jiraate, isaan manatti abbaa warraa isaanii haa gaafatan. Waldaa keessatti dubartiin dubbachuun yeelloo daatii. 36 Dubbiin Waaqayyoo isin biraa dhufee> Kan inni itti dubbatame isin qofaa dhaa?37 Namni tokko nama hafuuraa yookaan raajii yoo of se’e, inni wanti ani isiniif barreessu kun Goofticha biraa ta’uu isaa haa mirkaneessu. 38 Garuu namni kam iyyuu yoo isa kana hin mirkaneessin, innis fudhatama hin argatin.39 Yoos egaa, obboloota ko, raajii dubbachuudhaaf jabeessatti hawwaa, nama isa kamiinis akka inni afaan haaraa hin dubbanne hin dhowwinaa. 40Garuu wanti martinuu sirnaa fi tooraan haa godhamu.
1 Amma akka inni isin beektan nan barbaada, yaa obboloota ko, wangeelli inni ani isinitti lallabe, inni isin fudhattanii fi irra dhaabbatan, 2inni isin ittiin fayyitanis, dubbii isa ani isinitti lallabetti jabaattanii yoo qabamtan, yoos isin akkasumaan hin amanne.3 Ani kanan isinitti dabarse akka barbaachisummaa duraatti anis waanan fudhadhe, akkuma caaffanni qulqullaa’aan jedhutti Kiristoos cubbuu keenyaaf du’e, 4akka inni awwaalamee fi akka inni guyyaa sadaffaatti du’aa kaafame, akkuma caaffanni qulqullaa’aan jedhutti.5 Kiristoos Keefaatti mul’ate, achii immoo warra kudha lamaanitti; 6achiis si’a tokkichatti obboloota dhibba shanii ol ta’anitti mul’ate. Irra guddaan isaanii amma illee jiru, kaan isaanii garuu boqotaniiru. 7Achii immoo Yaaqobitti mul’ate, achiis ergamoota maratti.8 Hundumaa boodas, ana isa akka otuu yeroon isaa hin ga’in dhalateetti mul’ate. 9Ani ergamoota keessa isa gadi aanaadhaatii. Ani ergamaa jedhamee waamamuun anaaf hin ta’u, sababiin isaas ani waldaa Kiristiyaanaa Waaqayyoo ari’ataan tureetii.10 Garuu ayyaana Waaqayyootiin ani waanan amma irra jiru ta’eera, ayyaanni isaa inni ana keessa jirus akkasumaan hin taane. Ijaa kanaa, ani hunduma isaanii caalaan dadhabee hojjedhe. Ammas garuu kan kana godhe ana miti, ayyaana Waaqayyoo isa ana waliin jiruu dha malee. 11Kanaafuu anas ta’e isaan, yoo nuyi lallabne isinis amantan.12 Amma Kiristoos du’aa akka ka’e yoo labsame, isin keessaa tokko tokko akkamitti warri du’an hin ka’an jedhu ree? 13 Garuu yoo warri du’an du’aa hin ka’an ta’eef, egaa Kiristoos iyyuu du’aa hin kaane kaa; 14akkasumas Kiristoos du’aa hin kaane yoo ta’e immoo, lallabni keenya akkasumaani kaa, amantiin keessanis akkasumaani.15 Akkasumas, nuyi waa’ee Waaqayyootiif dhuga-baatota sobduu taaneerra, sababiin isaa nuyi akka Waaqayyo Kiristoosiin du’aa kaase mirkaneessineerra. Garuu inni du’aa isa hin kaafne, yoo dhugaatti warri du’an du’aa hin ka’an ta’eef. 16Sababiin isaa yoo warri du’an du’aa hin ka’an ta’e, Kiristoos iyuu du’aa hin kaane jechuu dha; 17 Kiristoos du’aa hin kaane yoo ta’e immoo, amantiin keessan akkasumaani, cubbuun keessanis amma iyyuu isin waliin jira jechuu dha.18 Yoos egaa warri Kiristoositti otuu jiranii boqotanis badaniiru jechuu dha. 19Yoo nuyi jireenya isa as jiru kana qofaadhaaf Kiristoosiin abdanna ta’e, nama hundumaa caalaa nuyiif boo’amuu mala.20 Garuu amma Kiristoos warra boqonnaa keessa jiraniif ija isa jalqabaa ta’e du’aa kaafameera. 21Akkuma duuti nama tokkoon dufe, du’aa ka’uunis nama tokkoon dhufeetii.22 Akkuma namni marti Addaamiin du’u, Kiristoosiin immoo ni jiraataatii. 23Garuu martinuu toora mataa isaatiitti: Kiristoos, inni ija isa jalqabaa ta’e, warri kan Kiristoos ta’anis dhufaatii isaatti ni jiraachifamu.24 Achiis dhumni ni ta’a, yommuu inni mootummicha Waaqayyo Abbaatti dabarsee kennu, yommuu inni abboommii maraa fi aangoodhaa fi humna mara balleessutti. 25Inni hanga diinota isaa miilla isaa jala galfatutti mo’uun isaaf ni ta’aatii. 26Diinni inni dhuma irratti mo’atamuun ta’uuf du’a dha.27 Sababii inni "waan mara miilla isaa jala galfateera ta’eef." Garuu yommuu inni akkana jedhu, “waan mara galchateera,” isa waan mara of jala galcheef sana hin ilaallatu. 28Wanneen marti yommuu isa jalatti abboomaman, Ilmi immoo isa waan mara isa jalatti akka abboomaman godhe sana jalatti ni abboomama, Waaqayyo sunis hundumaan hundumaa ni ta’a.29 Yookaan immoo, warreen warra du’aniif cuuphaman maal ta’uuf jiru ree? Warreen du’an hin ka’an erga ta’ee, isaan maaliif warra du’aniif cuuphamaniif ree? 30Yoos nuyis maaliif sa’atii hundumaatti iyyuu balaa jala of galchina ree?31 Ani guyyuma guyyaattan du’a! Kun akkuma isinitti of jajuu kootii dhugaa dha, isan Goofta keenya Yesuus Kiristoositti qabaadhu. 32 Akka ilaalcha namaatti maalan buufachuudhaaf jira, yoon Efesoonitti bineensotaan lole, warri du’an du’aa yoo hin kaane? "Kotaa ni nyaannaa ni dhugnaa, bor ni duunaatii."33 Hin gowwominaa: "Hiriyaa gadheen hamilee namaa balleessaa." 34Of qajeelchaa! Qajeelinatti jiraadhaa! Cubbamuu itti hin fufinaa. Isin keessaa tokko tokko beekumsa Waaqayyoo hin qabdaniitii. Isa kana isin yeellasisuudhaafan dubbadha.35 Garuu namni tokko akkana jedha, “Akkamitti warri du’an ka’uu danda’u?" 36 Isin gowwoota nana! Wanti isin facaaftan tokko yoo hin du’in gara jireenyaatti dhufuu hin danda’u.37 Wanti isin facaaftan qaama isa jiraachuudhaaf jiru miti, garuu sanyii midhaanii qofaa dha. Inni garbuu yookaan waan kan biroo ta’uu ni danda’a. 38Garuu Waaqayyo akka fedha isaatiitti qaama itti godha, sanyii tokko tokkoofis qaama ofii isaatii. 39Foonni martinuu tokko miti. Ijaa kanaa, ilmaan namaatiif qaama tokkotu jira, beeyiladaafis qaama kan biroo, simbirrootaaf kan biroo fi qurxummiidhaaf kan biroooo.40 Qaamonni kan waaqaatii fi qaamonni kan lafa irraas ni jiru. Garuu ulfinni qaamota waaqa irraa fi kanneen lafa irraa adda adda. 41Biiftuudhaaf ulfina tokkotu jira, ji’aafis ulfina kan biroo, urjiiwwaniifis ulfina kan biroo. Urjiin tokko ulfinni inni qabu kan biroo irraa addaatii.42 Du’aa ka’uun warra du’aniis akkasuma. Wanti facaafame waan baduu dha, wanti kaafamu garuu waan hin badnee dha. 43 Inni salphinaan facaafama; ulfinaan garuu ni kaafama. Dadhabinaan ni facaafama; humnaan garuu ni kaafama. 44Inni qaama uumamaatiin ni facaafama; qaama hafuuraatiinis ni kaafama. Qaamni uumamaa yoo jiraate, qaamni hafuuraas ni jiraata.45 Kanaafuu akkanatti barreeffameera, “Namichi inni jalqabaa Addaam lubbuu jiraataa ta’e.” Addaam inni dhumaa garuu hafuura jireenya kennu ta’e. 46Garuu inni hafuuraa dursee hin dhufne garuu isa uumamaatu dhufe, ergasii inni hafuuraa ni dhufe.47 Namichi inni duraa kan lafaa ti, biyyoo irraa tolfame. Namichi inni lammataa kan waaqa irraa ti. 48Akkuma inni biyyoo irraa tolfame ta’e sana, warreen kaaan biyyoo irraa tolfamanis akkasuma ni ta’u, akkuma namicha isa waaqa irraa, warreen kan waaqa irraa ta’anis akkasuma ni ta’u. 49Akkuma bifa namicha isa biyyoo irraa tolfamee qabaanne sana, bifa namicha isa waaqa irraa sanas ni qabaanna.50 Amma kana isiniinan jedha, yaa obboloota ko, foonii fi dhiigni akka inni mootummaa Waaqayyoo hin dhaalle. Inni badus isa hin badne dhaaluu hin danda’u. 51Ilaalaa! Ani iccitiin isinitti himaa: Nuyi martinuu hin rafnu, garuu nuyi martinuu ni jijjiiramna.52 Nuyi battalatti ni jijjiiramna, hanga luphsuu ijaattii, yommuu fiinoon inni dhumaa afuufamutti. Fiinoon sagalee kenna, warri du’anis kan badne ta’anii ni ka’u, ni jijjiiramus. 53Qaamni inni badu kun isa hin badne uffachuun waan irra jiruuf, qaamni ini du’u kun isa hin dune ni uffata.54Garuu qaamni inni badu kun isa hin badne yommuu uffatu, qaamni inni du’u kunis isa hin dune yommuu uffatu, inni akkana jedhamee barreeffame ni dhugooma,"Du’I mo’ichaan ni liqimfame." 55"Yaa du’aa, mo’ichi kee essa jira?Yaa du’aa, bodeen kee eessa jira?"56 Bodeen du’aa cubbuu dha, aangoon du’aas seericha. 57Garuu Waaqayyo isa karaa Yesuus Kiristoos mo’icha nuu kennuuf galanni haa ta’u!58 Kanaafuu, jaallatamoo obboloota ko, akka hin sochoonetti jabaadhaatii dhaabbadhaa. Yeroo mara hojii Gooftichaatti qabamaa, sababiin isaa wanti isin isaaf hojjettan gatii malee hin hafuutii.
1 Amma waa’ee buusii qulqulluu saba Waaqayyootiif walitti qabamuu: akkuman waldoota Galaatiyaa jiran gorse ture sana isinis akkanuma gootu. 2Guyyaa jalqaba torbaniitti, tokkoon tokkoon keessan waan qabdan irraa adda baaftanii kaa’uudhaan akkuma qabeenya argataa adeemtanittis kuufachaa adeemtu. Yeroo ani dhufutti buusii walitti qabuun akka hin jiraannetti isin isa kana godhaa.3 Yommuun isin bira ga’utti, namoota isin fo’attanitti, waraqaa beeksisaa qabsiisee ani kennaa sana qabatanii gara Yeruusaalem akka adeeman nan godha. 4Ani deemuun koo barbaachisaa yoo ta’es, isaan ana waliin ni deemu.5 Garuu ani yeroon gara Maqedooniyaa deemutti isinitti nan gora. Ani gara Maqedooniyaa nan deemaatii. 6Tarii isin bira nan turan ta’a, gannuma iyyuu isin biratti dabarsuu nan danda’a, bakkan adeemu maratti akka isin ana gargaartaniif.7 Sababiin isaa ani otuun karaa darbuu qofa isinitti goruu hin fedhu. Isin waliin yeroo fudhadhee turuun barbaada, yoo Gooftaan jedheef. 8Garuu hanga ayyaana Pheenxeqoosxeetti Efesooniin nan tura, 9balballi bal’aan naaf banameeraatii, mormiiwwan hedduunis jiru.10 Amma yommuu Ximootewos dhufutti, akka inni soda malee isin waliin jiraatu godhaa, inni hojii Gooftichaatti dadhabaa jiraatii, akkuma koo. 11Eenyu illee akka isa hin tuffanne. Karaa isaa irratti nageenyatti isa gargaaraa, akka inni gara koo dhufutti. Ani akka inni obboloota waliin gara koo dhufuuf isa eegaan jiraatii. 12Amma waa’ee obboleessa keenya Apholoos, akka inni obboloota waliin dhufee isin ilaaluuf ani isa gorseera. Garuu inni ama dhufuudhaaf fedha hin godhanne. Haa t’au malee, yeroo haalli mijatuufitti ni dhufa.13 Of eeggadhaa, amantii keessanitti jabaadhaa, akka namaa ta’aa, jabaadhaa. 14Wanti isin gootan martinuu jaalalaan haa ta’u.15 Isin maatii Isxifaanos ni beektu, akka isaan bu’aa isa duraa kan Akaayaa ta’an, akka isaan tajaajila saba qulqullaa’aa Waaqayyootiif of kennanis. Ani amma isinan gorsa, yaa obboloota ko, 16akka isin namoota akkasiitii fi warreen hojicha irratti gargaarsa godhanii fi nu waliinis dadhabaniif akka of kennitan.17 Ani dhufaatii Isxifaanos, Fortunaatosii fi ka Akaayaatti nan gammada. Isaan iddoo warra hin dhufin haftanii bu’aniiruutii. 18Waan isaan hafuura kan kootii fi kan keessanis haaressaniif. Kanaafuu egaa, namoota akka isaanii kana galateeffadhaa.19 Waldoonni Kiristiyaanaa Asiyaa keessa jiran nagaa isiniif erganiiru. Aqiilaadhaa fi Phirisqiillaanis maqaa Gooftaatiin nagaa isiniif dhi’eessu, waldaa Kiristiyaanaa ishee isaan bira jirtu waliin ta’anii. 20Obboloonni marti nagaa isin gaafatu. Isinis qulqullinaan wal dhungadhaatii nagaa wal gaafadhaa.21 Ani, Phaawuloos, kana harka kootinan barreessa. 22Namni tokko Goofticha yoo hin jaallatin, inni abaaramaa haa ta’u. Gooftaa keenyaa, Kottu! 23Ayyaanni Gooftaa Yesuus isin waliin haa ta’u. 24Jaalalli koos hunduma keessan waliin haa ta’u, Kiristoos Yesuusitti.
1Eyyama Waaqayyootiin isa ergamaa Iyyasuus Kiristoos ta'e Phawuloosiifi, obboleessa keenya Ximootiiwoos irraa, gara waldaa Waaqayyoo ishii Qorontos keessaa fi akkasumas qulquloota Waaqayyoo kutaa guutuu Akaayaa keessa jiraatan hundaaf. 2Ayyaanni isiniif haa ta'u akkasumas Abbaa keenya Waaqayyoo fi Gooftaa Iyyasuus Kiristoos biraa nagaanis.3Waaqniifi Abbaan Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos haa eebbifamu. Inni Abbaa aaraaraafi Waaqa jajjabeenya hundaa dha. 4Waaqayyoo dhiphina keenya hunda keessatti keessa jiran kamiyyuu jajjabeessuu ni dandeenya. Akkuma waaqayyoo nu jajjabeesse sanatti nutis akkasumatti isaan biroo ni jajjabeessina.5Akkuma dhiphinni Kiristoos bu'aa keenyaaf nuu baay'ate, akkasuma immoo jajjabeenyis karaa Kiristoosiin nuu baay'ata. 6Gaaruu yoo nuti dhiphanne, jajjabeenyaa fi fayyina keessaniif dha; yoo nuti jajjabaanne immoo innis jajjabeenya keessanifi dha. Akkuma nutti dhiphanutti isinis immoo akkasumatti dhiphatu kanaafuu jajjabeenyi keessan obsa keessan keessatti bu'a qabeessa ta'ee hojjata. 7Abdiin nuti isiniif qabnu kan hin sochoonee dha, akkuma isin keenyamoo qooddatan ni beekna.8Yaa obboloota, nut akka isin waa'ee dhiphina kutaa Isiyaa keessatti nurra gayee akka otoo hin beekne haftan hin barbaadnu. Lubbuudhaan jiraachuufuu hanga abdii keennuutti dhiphinni ulfaataan humna keenyaa ol ta'e nurra gahee ture. 9 Dhugaadhumaa, nuti akka murtiin du'aa nurratti murteeffameettinutti dhagahama ture. Sunis kan ta'e garuu akka amantiin keenya Waaqayyoo isa du'aa kaasuu qofa irrattimalee akka ofirratti hin taaneefii ture. 10Inni balaa du'a akkanaa jalaa nu baaseera.akkasuma nu baasas. Akka nu oolchuufis abdii keenya isa irra godhanneerra.11Akkuma isin kadhannaa keessaniin nu gargaartan innis immoo kana ni godha. Karaa kadhata namoota baay'eetiin fudhatama waan nuu kennannif akkasuma namootni baay'een nu bakka bu'anii galata kennu.12Egaa of jajaluun keenya kanaadha. Qulqullummaafi garraamummaan keenya inni Waaqa biraa arganne biyya lafaa keessatti fi isin jidduutis akka jiraannuu qarooma foonii otoo hin ta'iin ayyaana Waaqayyoottiin akka ta'e sammuun keenya dhugaa nuuf baha. 13Nuti waan isin dubbiffachuu fi hubachuu hin dandeenye himaa isinii hin barreessine, akka isin guutummaan hubatan abdiin qaba. 14Akkuma isan gar-tokkeen nu hubattan, akkumanuti isinitti boonnu isinis akkasuma gaaf guyyaa Gooftaa keenya Iyyasuu nutti boonuu ni dandeessu.15Kanaafuu anis waa'ee kanaaf waaniin itti amaneef akka isin bu'aa dachaa qabaataniif jedheen gara keessan dhufuu barbaade. 16Ani yammuun gara maqeedooniyaa deemuu achumaan isinitti goree isin arguuf karoorfadhe. Akkasumas yammuun maqeedooniyaadhaa deebi'u ammas isin argee,achiin yammuun gara yahuudaatti darbu akka na gargaartan barbaadeen ture.17Yammuun ani haala kanaan kana karoorsu, otoon itti hin yaadiin ture? Yaadota fooniin karoorsee; yeroodhuma tokkoonin ani. "Eeyyee, eeyyee, fi Lakki, lakki" jedhee? 18Akkuma Waaqayyo amanamaa ta'e dubbiin nut isinitti himnu garuu "Eeyyee" fi "Lakki" dhaa miti.19Sababnis Iyyasuus Kirstoos Ilmi Waaqayyoo inni anis ta'e Silaas fi Xiimootiwoos isin jidduutti lallabne "Eeyyee "fi "Lakki" dhaamiti inni yeroo hunda "Eeyyee" dha malee. 20Abdiiwwan waaqayyoo hundi karaa isaatiin" Eeyyee" dha. Kanaafuu immoo nutis ulfina Waaqayyootiif karaa isaa "Ameen" jenna.21Ammas egaa nu isin waliin kiristoositti jabbannee dhaabannuuf kan godheefi kan nu muude inni Waaqayyoodha. 22Innis wabii waan gara fulduraatti dhufuuf chaappaa isaattin nu chaappessun Hafuuras onnee keenya keessatti nuuf kenne23Ani garuu sababnin gara Qorontoos deebi'ee hindufneef akkan isin hin gaddisiifneef ta'u lubbuu kootiif Waaqayyoon akka dhugaa baatuutti waama. 24Kunis nuti gammachuu keessaniif akka isin amantii keessaniin jabaattanii dhaabataniif isin waliin hojjanna malee isin irratti gooftaa ta'uu dhaa miti.
1Kanaafuu anii karaa kootiin isin gaddisiisuuf akkan lammata deebi'ee hin dhufnee murteeseera. 2Ani yoon isin gaddisisee ilee, eenyutuu na gammachiisuu danda'a isin warraan ani baay'ee gaddisiisa malee?3Akkanatti barreessuun koo yammuun gara keessan dhufee ture namootni na gammachiisuu qaban akka na gaddisiifnee jedheenii Akka gammachuun koo gammachuu hunda keessanii ta'uu ani hunda keessan nan amana. 4Ani akkanatti yammuun isinii barreessuu ture gadda guddaa, dhiphina onnee fi imimmaan baay'ee waliin. Akka isin dhiphataniif mitti ani kaniin isiniif barreessa Gad faggeenya jaalalan ani isinif qabu akka beektan barbaadeeni malee.5Namni kamiyyuu sababa gaddaa yoo ta'e, otoon dubbii hin guddisiin kan gaddisiise ana qofa otoo hin ta'iin isinittis ba'aa qofa otoo hin ta'iin hunda keessan gaddisiiseera. 6Addabbiin kan kan harka irra jireessaan nama sana irratti fudhataa gahaadh. 7Kanaafuu ega amma isa adabuu irra, isin dhiifama isa godhaatii jajjabeessaa. Kana godhaa, yoos inis gadda guddaa kanaan abdii hin kutuu.8Kanaafuu ani akka isin jaalala isaaf qabdan mirkaneesitaniifiin isin gorsa. 9Kanaafuu ani akka isin waan hundaan ajajamoo taatan beekuufan isin qoruuf jedheen kana barreesse.10Nama isin dhiifama gootaniif hundaaf anis dhiifama na godhaaf. Waantiin ani dhifama eenyumaafuu godha jiraate bu'aa keessaniif jedheen fuldura Kiristoos duratti dhifama godheef. 11Kunis akka seexanni nu mooksineefi dh nu mala isaa ni beekna.12Yammuun gara magaalaa Xiroo'aadaa wangeela kiristoos lallabuuf dhufu Gooftaan balbala naaf bannee ture. 13Haa ta'u malee waaniin obboleessa koo Tiitoo achitti hin argineef hafuurri koo boqonnaa hin arganne. Kanaafuu isaan achitti dhiiseen gara maqaa dooniyaa deeme.14Waaqa isa yeroo hunda injifannoo isaatiin karaa Kiristoosiin nu geggeessuu fi galanni haa ta'u. Innis urgaa isa mi'aayaa beekkumsa isaa bakka hundatti karaa keenyaan muldhise. 15Sababa nuti warra fayyanii fi warra badaa jiran jidduutti urgaa mi'aayaa kiristoos kan Waaqayyootii dha.16Namoota isaan badaa jiraniif, urgaa du'aa kan gara du'aatti geessuu dha. Isaan fayyaniif immoo, urgaa fayyinaa kan gara fayyinaati dha. 17Egaa wantoota kanaaf kan gahumsa qabu eenyuudh? Ega nuti akka waaqayyoo biraa ergamnetti, fuldura Waaqayyootti onnee qulqulluudhaan kiristoosiin taanee dubbanna malee akkuma namoota hedduutti bu'aadhaaf jennee dubbii Waaqayyoo nuti hin maknu.
1Nu ega deebinee ofjaju jalqabnaaree? Akkuma namoota biroo, xalayaa deeggarsaa isiniif yookin isin biraa hin barbaadnu, barbadnaaree? 2Xalayaan deeggarsa keenyaa kan nama hundan beekamuufi dubbiffamu, kan onnee keenya irratti barreeffame isin ofuma keessaniidha. 3Isin kan muldhiftan xalayaa kiristoos irra isa bu'aa tajaajila keenyaa dha. Innis kan barreeffame otoo halluu hin taanee garuu Hafuura Waaqa jiraataan ture. Innis kan barreeffame gabatee dhagaa irratti,otoo hi ta'uun, gabatee onnee namaa irratti ture.4Amantiin nuti karaa kiristoosiin fuldura Waaqayyootti qabnus kanaadha. 5Nuti ga'uumsa nurraayyii jennee dubbaan waan tokkollee ofuma keenyaa hin qabnu. Ga'uumsa keenya waaqayyoo irraayyi malee. 6Inni akka nut tajaajiltoota kaku haaraa taanuuf dandeetii nu kenne Waaqayyoo dha. Kakuun inni kan xalayaa dha moti kan Hafuuraati malee. Xalayaan ni ajjeessa, Hafuurri immoo jireenya kenna.7Amma tajaajila du'aaf dhagaa irratti seerri bocame sun ulfina isa ilmaan Israa'eel kallattiu dhaan fuula musee ilaaluu hindandeenye fideedha. Kunis sababa ulfina fuula museeti, ulfina isa darbu. 8Egaa tajaajillu Hafuuraa immoo hagam caala ulfina haa qabaaturee?9Tajaajilli addabbi yoo ulfina qabaate, tajaajilli qulqullinaa immoo hagam ulfinaan caalmaa haa qabaaturee? 10Waanni kanaan dura yeroo tokkotti ulfina qabu ture, sababa ulfina caaluu isa itti fufu biraatiin amma ulfina hin qabu. 11Egaa inni darbu sun ulfina yoo qabate, ulfina inni dhaabatee jiraatuu immoo hagam ulfina caalmaa hin qabaatuu!12Egaa nuti abdii akkanaa waan qabnuuf, ija jabeenya guddaa qabna. 13Nuti akka Musee isa ilmaan Israa'eel yammuu fuulli isaa calaqisu haga ulfinnisun dhumee darbutti waan kallattiitti arguu hin dandeenyeef fuula ofii carqii dhaan haguugu sanaa dha miti.14Haata'u malee garuu sammuun isaanii jabaa ture. Sababnis amma hardhaatti haguugiin sun waan irraatti hafeef. Innis kan ka'u kiristoos qofaan waan ta'ee fi dha. 15Hardhuma illee yammuu museen dubbifamu hunda haguuggiin sun onnee isaan haguugeera. 16Garuu namni tokko yommuu gara Gooftaatti garagalu, haguuggichi ni fuudhama.17Gooftaan Hafuura dha. Bakka Hafuurri Gooftaa jiruu, biliisummaan ni jira. 18Amma nuti hundi keenya, fuula hin haguuggifamneen, ulfina Gooftaa illaalla. Nuti akkum Gooftaa, isa Hafuuraa dhaa fakkaachuuf akkasumatti ulfina sadarkaa tokko irraa isa biraatti jijjiiramna.
1Kanaafuu, nuti akkuma araara arganneen waan tajaajilluuf, abdii hin kunnu. 2Haa ta'u malee, nuti karaawwan dhoksaa fi nama qaanessan (saalfachiisan) dhifneerra. Nuti karaa nama gowwoomsuu keessa hin deemnu, dubbii Waaqayyoos hin haqanqaallu, garuu dhugaa ifatti dubbachuun Waaqayyoo fulduratti qalbii nama hundumaa keessatti of dhiyyeessina.3Garuu yoo wangeelli keenya aguggiffamellee, kan aguggifame isaan warra badaa jiran qoffatti dha. 4Karaa isaaniitiin, waaqni addunyaa kanaa qalbii hin ammanne isaanii jaamse. Kanaafuu, isaan ifa wangeelaa kan ta'e ulfina kiristoos, inni isa fakkenya Waaqayyodhaa arguu hin danda'an.5Nut kan lallabni kiristoos Iyyasuus Gooftaa ta'uu malee ofii keenyaadhaa miti, nut mataan keenya kiristoosii jennee tajaajiltoota keessanii dha. 6Waaqayyoo inni "Dukkana keessaa ifti haa ifu" jedhe sun, fuula Kiristoos duratti ifa beekumsaa isa ulfina Waaqayyoo nuu kennuuf garaa (onnee) keessatti ibseera.7Haa ta'u malee humni baay'ee guddaa kun Waaqayyoo irraa malee akka nurraa hin taane agaarsiisuuf qabeenya kana xuwwee suphee keessaa qabna. 8Nuti kallattii hundaanuu ni dhiibamna malee hin cacabnu, nuti bitaa nuti gala malee abdii hin kutnu. 9Nuti ni hariyatamna malee hin gatamnu, ni kufna malee hin badnu. 10Akka jireenyi Iyyasuus qaama keenyatti baannee deemna.11Nuti warrii amma lubbuun jirru akka jireenyi Iyyasuus foon keenya isa du'u kana irratti muldhatuuf yeroo hunda. Iyyasuusif jennee, du'atti dabarfamnee kennamna. 12Kanaafuu egaa, duuti nu keessatti kan hojjatuu dha, garuu jireenyi immoo isin keessatti kan hojjatuu dha.13Akkuma "Ani amaneera, kanaafuu dubbadheera" jedhamee barreffame, nutis akkasuma hafuura amantii ni qabna. Kanaafuu, nutis ni amanna akkasuma ni dubbannas. 14Sababni akka isa Gooftaa Iyyasuus du'a keessaa nu kaasee isin walin fula isaa duratti nu dhiyeessu ni beekna. 15Waanti hundinuu bu'aa keessaniif ta'ee, ayyaanni namoota baay'ee bira gaha jiru sun akka sababa galatni ulfina Waaqayyootiif dabalamuuf jedhameeti.16Kanaafuu nuti abdii hin kutnu. Yoo eenyumaan keenya inni alaa badullee, eenyumaan keenya inni keessaa guyyaa guyyaadhaan haaroomfamaa deema. 17Dhiphinni keenya inni yeroo fi salphaa kun akka gara ulfina barabaraa isa dorgammii hin qabneetti nu fida. 18Kanaafuu nut kan eegachaa jirru wantoota muldhatanii otoo hin ta'iin, wantoota isaan hin muldhannee dha male. Waantootni muldhachuu danda'an kan yerootiidha, waantootni isaan hin muldhanne garuu kan bara baraatii dha.
1Nuti manni keenya -inni dunkaana lafaa irraa kan nuti keessa jiraannu kun diigamu illee, kan Waaqaan ijaarame ni qabna. Inni mana isa harka namaatiin ijaarameedhaa miti, garu mana barabaraa samii dhaa qabna. 2Mana keenya isa samii sana uffachuuf hawwaa isa dunkaanaa kana keessatti ni aadna. 3Sababa yoo nuti isa uffanne qullaa taanee hin argamneef nut kanaafuu ni hawwina.4Nuti warri dunkaana kana keessa jiraannu, waan ba'aan nutti ulfaateef ni aadna. Nut qulla ta'uu hin barbaadnu. Uffaachuu barbaadna malee, kanaafuu inni du'u isa jiraatuun liqimfama. 5Kan waan kanaa nu qopheesse inni Waaqayyoodha, inni waan dhufuufbHafuura akka wabiitti nu kenneera.6Kanaafuu yeroo hunda amantiidhaan jiraanna, amma foon kana keessa jiraanuutti, akka Gooftaa irraa fagaannee jiraannu ni beekna. 7Nuti amantiidhaan adeemna malee ijaan ilaalaatii miti. 8Kanaafuu, nuti amantii qabna, Nuti foon irraa gargar baanee akka Gooftaa waliinbjiraanu ni filanna.9Kanaafuu, nuti fooniin jiraanuus isa irraa gargar baanee jiraanuus kaayyoon keenya Isa gammachiisuudha. 10Nut hundi keenya teessoo barcuma murtii kiristoos fulduratti ni dhiyaanna, tokko tokkoon namaas yeroo fooniin jiraachaa ture hojii hojjateef waan gaarii yoo hojjate yookiin waan badaa yoo hojjate gatii hojii isaa ni argata.11Kanaafuu nut Gooftaa sodaachuun maal akka ta'ee waan beeknuuf akka namootni amanan gonna. Nut eenyu akka taanee fuldura Waaqayyootti ifaadha, kunis immoo qalbii keessaniif akka ifa ta'ees nan abdadha. 12Nuti akka isin nuun boontaniifi malee deebifnee of galateeffachuuf miti, kunis akka isiin waa'ee waan onnee keessan keessa jiru otoo hin ta'iin, garuu waan qaamaan muldhatuu of jajuu keessaniif deebii kennitaniifi.13Nuti yoo qalbiidhaan ala taane Waaqayyoofiidha, garuu immoo qalbii siriidhaan yoo taane bu'aa keessanifiidha. 14Kanaafuu jaalalli kiristoos nu dirqisiisa, sababni isaas, akka namni tokko hundaaf akka du'eefi kanaafuu hunduus akka du'an nuti waan irra geenyeefi. 15Inni hundaaf du'eera, kanaafuu warreen lubbuun jiraanis isa isaaniif jedhee du'eefi du'aa ka'eef malee ofii isaaniitiif hin jiraatan.16Sababa kanaan, amma irraa kaasee nama tokkollee haala foonitiin hin madaallu, nuti kanaan dura yeroo tokko Kiristoosiyyuu haala foonitiin madaalle ture. Garuu kanaan booda haala kanaan hin goonu. 17Kanaafuu, namni kamiyyuu yoo Kiristoosiin ta'e, inni uumama haarraadha. Waantootni moofaan darbeera, kunoo isaan haaraan dhufaaniiru.1818Waantootni kanneen hundi Waaqayyoo biraayyi, Innis karaa Kiristoosin ofitti nu araarsee tajaajila araaraa nuufis kenne. 1919Innis Waaqayyoo cubbuu namootaa isaan irratti lakkaawu dhiisee karaa Kiristoosiin adduunyaa ofitti araarsaa ture. Innis ergaa araaraa sana nuu kenneera.20Kanaafuu nutis bakka bu'oota Kiristoos, Waaqayyoos karaa keenyaan waamicha isa dhiyeessa. Nutis "Waaqayyoo waliin araaramaa" jenneetti Kiristoosiin isin kaadhanna. 21Akka nuti karaa isaatiin qajeeliina Isaa taanuuf, Waaqayyoo nuuf jedhee isa cubbuu hin qabnee sana cubbuu godhe
1Waaqayyoo waliin waan hojjanuuf, egaa nuti akka isin ayyaana Waaqayyoo akka waan gatii hin qabneetti hin fudhanne imaanaa isiniin jenna. 2Akka inni akkana jedhetti. Kunoo yeroonichis ammaadha. 3Akka tajaajilli keenya fudhatama hin dhabneef, eenyumattuu gufuu ta'uu hin barbaadnu.4Haa ta'u malee, karaa hundaan nuti ofii keenya akka tajaajiltoota Waaqayyootti of-dhiyeessina, obsa guddaadhaan, rakkinaan, gidiraan, dhiphinaan, 5reebamuun, hidhamuun, jeqamuun, baay'ina hojjiitiin, hirriba dhabuun, beelaan, 6qulqullinaan, hubannaan, obsaan, arjummaan, Hafuura qulqullun, jaalala dhugaatiin, 7dubbii dhugaatiin humna Waaqayyootiin. Nuti meeshaa waraanaa isa qajeelumaa harka mirgaa fi bitaatti qabachuun.8Ulfinaa fi salphinaan, habaaramuu (arrabsamuu) fi galateeffamuun, akkasumas otoo dhugaa qabnuu sobdoota jedhamneera. 9Nuti otoo beekamoo taanuu akka namoota hin beekamneetti lakkaawamneera, kunoo otoo jiraataa tanee jiruu akka waan duneetti lakkaawamneera, hojii keenyaaf tumamnuus (reebamnuus) kunoo hin ajjeefamnu. 10Nuti akka gadditootaatti lakkaawamnuus garuu yeroo hunda gamadoota, iyyeeyyii taanuus, namoota baay'ee sooressina, akka waan homaa hin qabnee taanuus, garuu hunduu keenya. "Yeroo sirrii ta'etti si dhagayeera, guyyaa fayyinaatis si gargaareera"11Yaa warra Qorontoos, nuti waan dhugaa ta'e hundaa ifatti isinitti himneera, onnee keenyas isiniif bannerraa. 12Isintuu onnee keessan nu dhokfatee malee, nuti garuu isin hindhokfanne. 13Egaa amma akka ilmaan kootiittin isinitti dubbadha, akkumaa nuti isiiniif banneetti isinis akkasumatti ofi nuuf banaa.14Namoota warra hin amannee waliin karaa hintaaneen waliin hin camadamiinaa. Qajeelaan yakka waliin waliqunnamtii maalii qaba? Ifitiis dukkana waliin tokkumaa maalii qaba? 15Kiristoosis Bi'eel waliin waliigaltee maalii qaba? Yookin kan amanee isa hin ammanneen waanti waliin qoodatan maaliidha. 16Manni qulqullummaa Waaqayyoo waaqota tolfamoota waliin walii galtee maal qabu? Nut mee mana qulqulummaa waaqa jiraati, akkuma Waaqayyoo akkana jedhetti "Ani isaan walakaan nan jiraadha, isaan jidduun nan deeddeebi'a. Ani Waaqa isaanii nan ta'a, isaanis saba koo ni ta'u.17Kanaafuu "Isaan jidduudhaa koottaa baha isaan irraayyis fo'amaa" jedha Gooftaan Wantoota xuraawaa hin xuqiinaa Anis isinin simadhaa. 18Ani Abbaan isiniif ta'a isinis ilmaan dhiiraa fi durbaa naaf taatu"
1Yaa jaalatamtoota, egaa nuti erga abdii akkana qabaannee, Waaqayyoo sodaachaa qulqullumaa keenya guutuu haa taasifnu, waan fooniif hafuura xureessu hunda irraa of haa qulqulleessinu.2Bakka nuuf kennaa! Nuti nama tokkollee hin miidhne, nuti nama tokkollee hin yakkine yookin nama tokkollee hin mooksine. 3Kana jechuun koo isin onnee keenya keessaadha kan jiratan nuuf duunus jiraannuus waliini. 4Ani amantii guddaan isin irratti qaba, waa'ee keessaniin baay'een boona, ani jajjabeenyaan guutameera. Ani takkina keenya hunda keessatti gammachuu daangaa hin qabneen guutameera.5Yammuu gara Maqeedooniyaa dhufnu qamni keenya boqonnaa hin arganne ture. Karaa hundaan dhiphina, karaa alaatiin mormii fi karaa keessa immoo sodaacha turre malee. 6Garuu Waaqayyo inni warra gaddan jajjabeessu dhufaatii Tiitootiin nu jajjabeesse. 7Waaqayyo kan nu jajjabeesse dhufaatii isaatiif qofa miti. Jajjabeenya Tiitoo isin biraa fudhateefis malee. Innis akka isin baay'ee na yaadda, gadda keessan fi inaafaa naaf qabdan nutti himeera. Kanaafuu ani isa durii caala gammadeera.8Xalayaan koo akka gadditan isin godhuullee, ani itti hin gaabbu. Garuu xalayaan koo yeroo gabaabaadhaaf isiin gaddisiisuu yammuun arguu gaddeera. 9Ani amma gammadeera, sababa isin gadditaniif otoo hin ta'iin, sababa gaddi keessan gara qalbii jijjiirachuutti isin fideefi male. Isin kan shaakalaa jirtan gadda akka fidhii Waaqayyootiin waan ta'eef. Kanaafuu isin sababa keenyaan homaa hin dhabne. 10Gaddii akka eyyama Waaqayyootiin ta'u qalbii jijjiirrannee akka gara fayyinaatti fidu malee gaabbi hin qabu. Gaddii inni addunyaa irraa dhufu garu du'a fida.11Gaddii akka eyyama Waaqayyoo ta'e kun akka isin gad-of-qabdaniif waan guddaa isin keessatti akka fide. Dandeetiindhugaa keessan amma guddaa, sodaan keessan, hawwii keessan, inaaffaa keessan fi dheebuu isin akka qajeelummaan ta'u arguuf qabdan kanneen akka Waaqayyoo isiniif baayi'see mee laalaa. Isin warra yakka hin qabne ta'uu keessan karaa hundaan of agarsiiftaniittu. 12Egaa kaniin ani isiniif barreesseef sababbii isa miidheef yookin isa miidhameef otoo hin ta'iin akka isin ammam nuuf of kennittan ofuma keessanii fuula Waaqayyo duratti of argitaniif jedheen malee.13Nutiis waan kanaanbni jajjabaanna. Nutti toluu keenya irrattis dabalee, sababa Tiitoon gammadeef nutiis caalmaatti gamadneera, sababa isa isin hundi keessan hafuura isaa boqachiiftanii fidha. 14Ani isiniin boonuu koo isatti himeen ture, isinis na hin qaaneessine. Karaa biraatiin garuu akkuma waantii nuti isinitti himne sun dhugaa ta'e, waayee keessan Tiitootti boonuun keenyas dhugaa ta'uun isaa mirkanaa'ee jira.15Innis ajajamuu hunda keessanii akkasumas sodaa fi hollannaa ittiin isa simattan sana yammuu yaadatu jaallalli inni isiniif qabu isa duraa caala dabalaa deemee. 16Ani isin irratti amantii qabaachuu kootiif nan gammada.
1Yaa obboloota nuti akka isin waayee ayyaana Waaqayyoo isa waldoota Maqedooniyaatiif kenne akka beektan ni barbaadna. 2Otoo dhiphina baay'eedhaan isaan qoramuutti jiranuu, gammachuun isaanii irra caala, akkasumas iyyuma akka maleen isaanii arjummaan badhaadhina gudaa isaanii buuseera.3Isaan haga danda'an, haga danda'an qofa otoo hin ta'iin haga danda'anii olillee akka fedhii isaaniitiin kennan ani dhugaa nan baha. 4Isaanis akka tajaajila qulqulloota Waaqayyootiif godhamuu irratti akka hirmaachuu danda'aniif akka carraa argataniif jabeessanii nu kadhatu turan. 5Kunis kan ta'e kan nuti eegne ol ture, isaanis garuu dursanii Gooftaadhaaf mataa-ofii isaanii kennan, achiinis immoo akka eyyama Waaqayyootiin nuf of kennan6Kanaafuu, Tiitoon kanaan dura isiin walakaatti hojii arjummaa jalqabe kana akka xumuruuf isa kadhannee turre. 7Isin garuu akkuma waan hundaan jechuunis amantiin, dubbiin, beekumsaan, cimina hundaa fi jaala isin nuuf qbdan akkuma caaltan akkasuma hojii arjummaa kanaanis caaltanii argamtan ni barbaadna.8Ani kana kanan jedhu isin ajajuuf miti, garuu cimina namootni biraa agarsiisanii wal bira qabe jaalala dhugaa keessan ilaaluufi malee. 9Isin ayyaana Gooftaa Iyyasuus Kiristoos ni beektuu. Inni otoo dureessa ta'ee jiruu, isiniif jecha iyyeessa ta'e, kana irraa kan ka'e iyyuummaa isaatiin isin dureeyyii taatan.10Waan kana irratti gorsa isin gargaaruu isiniif kenna. Waggaa darbe, isin waan tokko hojjachuuf jalqabuu qofa otoo hin ta'iin isa hojjachuuf yaaduu keessanis malee. 11Ammas isa xumuraa akkuma duraan fedhii fi hawwii gochuuf qabdan sanatti, akkasuma immo isinis amma dandeessan gara fiixaan baasuutti isa fida. 12Egaa isin kana gochuuf fedhi yoo qabaattan, waantii kunis gaariidha fudhatamas ni qaba, inni kunis kan hundaa'uu waan namni tokko qabuu irratti malee waan hin qabne irrattii miti.13Kunis akka isin rakkattanii warrii kaan immoo itti toluuf otoo hin ta'iin akka wal-qixxummaan jiraatuufi dha. 14Yeroo amma akka waantii isin irraa hafu hirdhina isaanii waan isaaniif barbaachisu guuta. Akkasumas immoo waantii isaan irraa hafes waan isiniif barbaachisu hirdhina keessan ni guuta, kanaanis waan qabdan waliin geessu. 15Innis akkuma akkana jedhamee barreeffameedha . "Isa baay'ee walitti qabeefis irraa hin hafneef, isa xiqaa walitti qabeefis immo hin haqanne ."16Yaada gaarii ani isinif qabu kana Waaqni inni onnee Tiitoo keessa kaa'e haa gaalatoomu. 17Innis gara keessan kan dhufe kadhannaa keenya fudhatee qofa miti. Kaka'uumsa fedhii ofii isaatiifi hawwii guddaadhaan ture malee.18Nutis isa waliin obboleessa kan wangeela lallabuun waldoota hunda biratti beekamaa ta'e ergineerra. 19Kana qofa otoo hin ta'ii , obbolleessi kun hojii arjummaa kan nuti ulfina Gooftaaf namoota biroo gargaaruuf fedhii gaarii qabnuu keessatti akka nu waliin hojjatuuf waldootaan filaatame male.20Hojii arjumaa raawwanuu kana keessatti akka eenyumtuu nu hin yakkineef of-eegganna. 21Nuti waan gaarii kana kan hojjannu, fuldura Gooftaa qofatti otoo hin ta'iin fuldura namaa fuldurattis malee.22Akkasumas nuti isaan waliin obbolleessa biraa ni ergina. Nutis isa karaa baay'ee qoruun hojii baay'ee irratti nama gaarii ta'u isaa arginee jirra. Ammas inni amantii isin irraa qabaachuu irraa kan ka'ee kan kanaan duraa caala yaada. 23Waa'ee Tiitoos immoo isa waliin tokko taanee kan waliin isiniif hojjanuudha. Obboloonni keenyas, waldoota irra ergamoota kan ta'aniidha. Isaanis Kiristoosiif ulfinaadha. 24Kanaafuu jaalala keessan isaanitti agarsiisuun mirkaneessaa saba waa'ee isiniin boonuufis waldootatti muldhisaa.
1Waa'ee tajaajila qulqullota Waaqayyootiif godhamu kana isiniif barreessuun na hin barbaachisu. 2Ani waa'ee hawwii keessan, waa'ee isan anii warra Maqeedooniyaa birratti ittin boonuu nan beeka. Anis isaanitis akka warri Akkayaa bara darbee irraa jalqabee qophaa'uutti galaniiru, jedhee itti himeen jira.3Ammas ani akkuma isaan qophaa'aniiru jedhe dubbadhe sanatti akka qophooftaniif maler waa'ee kanaatiif isiniin boonuun keenya waan akkanumaan dubbatame akka hin taanee obboloota isiniif ergeera. 4Yoo kana hin ta'iin, namootni Maqeedooniyaa ana waliin dhufanii otoo hin qophaa'iin yoo isin argan garuu isin qofa otoo hin ta'iin nutis hagana hunda isiniin boonuu keenyaan ni qaanoofna (saalfanna) waa'ee keessanis ani homaa jechuu hin danda'u. 5Kanaafuu akka obbollonni nu daru gara keessan dhufanii gargaarsa isi arjuummaan kennuun waadaa galtan sana duraan dursanii qopheessaniif isan erguun gaarii ta'uu isaa yaadeen jira. Kanaafuu waan arjuummaan kennuu yaaddan kana dirqamaan otoo hin ta'iin feedhii keessaniin kennuudhaaf kan qophooftan ta'aa.6Ijoonis kanaadha; namni inni hirdhuu facaasuu, akkasuma immoo hirdhuu haama; inni immoo kaayyoo eebbaatiif jedhee baay'ee facaasuu akkasuma eebbaan galfata. 7Egaa namnii hundu mufannaan yookiin dirqamaan otoo hin ta'iin hanga onnee ofii keessatti yaade haa kennuu, sabaniis Waaqayyo nama isa jaalalaan kennuu jaalata.8Akka isin yeroo hunda waan hundaan waan isin barbaachisu hunda argaattanii hojii arjummaa hundaaf taataniif, Waaqayyoo ayyaana hunda isiniif baay'isuu ni danda'a. 9Akka akkana jedhamee barreefameetti "Innis ni bittinneesse, hiyyeeyyifis ni kenne. Qajjellummaan isaas bara baraan ni jiraata."10Inni nama isa facaasuuf sanyii isa nyaatuufis immoo nyaata kennu sun isiniifis akka facaaftaniif sanyii isinii ni kenne isinii baay'isa firii qajjelinnaa keessanis ni baay'isa. 11Yeroo hunda akka arjummaadhaan kennuu dandeessaniif waan hundaan isin duroomsa. Waanti kunis karaa keenyaan Waaqayyoof galata kennuuf sababa ta'a.12Tajaajilli isin kennitan kun hirdhina qulqullota saba Waaqayyo guutu qofa otoo hin ta'iin, Waaqayyoofis galatni baay'een kan itti dhiyaatuuf dha. 13Sababa isin wangeela Kirisitoos fudhattanii ajajamtanii fi waa'ee isaaniifis ta'ee namoota biraatiifis arjummaa isin argisiiftanii fi tajaajila keessan isa qormaata keessa darbe sanaaf namootni Waaqayyoo ni ulfeessu. 14Isaanis isin yaadu, isiniif kadhatuus sababni isaan kana godhaniifis ayyaana guddaa Waaqayyo isa isin irra jiruudhaafi. 15Waaqni inni kenni isaa jechaan hin ibsamne haa galatoomu!
1Ani yeroon isin waliin jiru ija-laafessa, yeroo isin irraa fagaadhu garu ija-jabeessaa dha. Ani Phaawuloos garraamummaa fi gara laafummaa Kiristoosiiniin isinitti hima. 2Ani yeroo gara keessan dhufu akka isin ija-jabeenyan warra waan nuti akka nama fooniin jiraannuutti nu lakkaa'aniin mormuuf murteessera. Isinitti garuu ija-jabeenya akkanaatiin akkan dubbadhu akka hin goone isinin kadhadha.3Nu yoo fooniin deddeebinullee garuu akka nama fooniitti hin lollu. 4Meeshaan (miini) waraanaa kan nutti ittiin waraannuu kan dawoo hunda diddiiguudhaaf humna cimaa Waaqayyoo qabuudha malee meeshaa (mi'a) waraana fooniidha miti.5Mormii fi of-tuullummaa beekumsa Waaqayyo irrattii ka'u hunda ni diigna, nuti yaada hunda boojinee kiristoosiif akka ajajamu ni goona. 6Erga isin guutummaatti ajajamuu keessan mirkaneessitanii booda, nut immoo ajajamuu diduu hunda adabuuf ni qophoofna.7Isin waanuuma karaa fuldura keessanii ilaaltu. Eenyumtuu yoo kan Kiristoos ta'u isaatti amane, akkuma inni kan Kiristoos ta'e, nutis kan Kiristoos ta'uu keenya haa hubatu. 8Angoo Gooftaan naaf kenneen baay'ee boonullee itti hin qaana'uu (hin saalfadhu), angoon kunis akkan itti isin ijaaruuf malee akkan ittin isin diiguufi miti.9Ani akka waan xalayaan koo isin sodaachisuutti akka fudhattan hin barbaadu. 10Akka namootni tokko tokko "ergaan xalayaa isaa ulfaataa fi cimaadha, qamni isaa garuu dadhabaa dha, dubbiin isaas kan tuffatamee dha" jedhu.11Namootni akkana kun akka nuti waanuma yeroo isaan bira jirreetti xalayoota keenya keessatti dubbannu sana akka yeroo isaan biratti argamnus isuma hojjannu haa hubatan. 12Nuti warra garee of-galateeffatan waliin of qixxeesuuf ija hin jabaannu. Garuu yeroo ofuma isaaniitiin of-madaalaniif of qixxeessan hubannaa dhabuu isaaniiti.13Haa ta'uu malee, nuti akka maleetti of-hin jajnu, of-jajuun keenya daangaa tajaajila kan Waaqayyoo ramadee nuuf kenne qofa keessattii dha, innis tajaajila nuti isinii kennaa jirru dabalata. 14Yeroo nuti gara keessan dhufnu ofii kenyaan daangaa nuuf kenname hin darbine. Nuti yeroo wangeela Kiristoos gara keessan fidnee dhufnu warra jalqabaa turre.15Nuti hojii warri kaan hojjataniin akka maleetti of hin jajnu. Abdiin keenya garu akkuma amantiin keessan guddataan deemuuttii (fufutti) bakka tajaajila keenyaa inni isin jidduutti qabnu caalatti babaldhatuudha. 16Kanaafuu, nuti duraan dursee biyya isinin alaa keessatti wangeela lallabameen otoo of-hin jajne, isiniin achitti wangeela lallabuu ni dandeenya.17"Garuu kan boonu Gooftaadhaan haa boonu." 18Nama Gooftaa heere (filate)tuu fudhatama qaba malee, namni of heere (of filate) fudhatama hin qabu.
1Ani gowwummaa koo ishii xiqoo akka naa obsitan nan abdadha. Garuu dhugaadhumaan naa obsitu. 2Anis isiniif nan inaaffa, inaaffaa Waaqayyootiinin isiniif inaaffa, akka durba ishii qulqullittii dhiira hin beekne tokkootti dhirsa tokkoof jechuunis Kiristoosiif dhiyeessuuf isin isaaf kaadhimeera.3Garuu akkuma bofti hameenya isaatiin Hewaan mookse (gowwoomse) sana akkasuma isinis yaada keessan mooksee faaluun garaamummaa fi qulqullummaa Kiristoosiif qabdan irraa isin dogondorsaa jedheen sodaadha. 4Sababnis isin yoo namni tokko gara keessan dhufee Iyyasuus isa nuti isiniif lallabne adda ta'e isiniif lallabe, yookiin Hafuura duraan fudhatanii adda ta'e hafuura biraa fudhattan, yookin yoo wangeela isa kanaan dura fudhattaniin adda ta'e fudhattan, waantoota caldhistaniitume tolee jettanii fudhattu jechaadha.5Ani garuu, isaan "Ergamoota gurguddoo" jedhamanii waamamanii gadi jedhee of hin yaadu. 6Ani dubbitti muuxannoo dhabuu illee garu, beekumsa nan qaba. Kanas immoo karaa hundaa fi waan hundaan isinii ibsineerra.7Wangeela Waaqayyoo gatii malee isiniif lallabuun akka isin ol-jettaniif ani gad-of qabuun koo cubbuudhaaree. 8Ani isin tajaajilluuf jecha gargaarsa waldaa biraa irraa fudhachuu kootiif isaan saameera. 9Ani yeroon isin bira ture waan na barbaachisuuf nama tokkottillee ba'aa hin taane, obbolloonni Maqeedooniyaadhaa dhugan waan na barbaachisuu na gargaaranii jiru. Anis waan tokkoonillee akkan ba'aa isinitti hin taanee of eegachaan ture, gara fulduraattis of-eeggachuutti ittin fufa.10Amma dhugaan Kiristoos na keessa jiruutti boonuu koo kana kutaa Akaayaa keessatti hin caldhisu. 11Maaliifi? Waaniin isin hin jaallanneefi? Waaqayyoo ni beeka.12Namoota warra nuun waliin qixa ta'uuf hojii ofitiin of jajaa guyyaa eeggatanii sana sababa dhabsiisuuf waaniin amma hojjachaa jiruu gara fulduraatiis nan godha. 13Namootni akkanaa kun ergamoota sobaa fi hojjatoota mooksotaa, warra ergamoota Kiristoos of fakkeessuuf of jijjiiraniidha.14Kun waan dinqisiisuu dhaa miti sababnis seexanni malaaktoota ifaa fakkaachuuf waan of jijiiruuf. 15Egaa tajaajiltootni isaa yoo tajaajiltoota qajeelinaa fakkaatanii of jijjiiran kun waan dinqisiisaadhaa miti. Dhumni isaanii akkuma hojii isaanii ta'a.16Ani irra deebi'ee nan jedha. Enyumtuu akkan ani waan nama gowwaa ta'ee itti hin fakkaatiin. Garuu yoo gootan illee, akkan ani xiqqoo boonuuf akkuma gowwaa tokkotti na simadhaa. 17Ofitti amanee boonuun koo kun akkuma gowwaa tokkootti malee, akka daandii (karaa) Gooftaatiin miti. 18Egaa namootni baay'een akkuma fooniin boonan, anis nan boona.19Isin waan ofuma keessanii hubatoota taaataniif, gammachuun gowwota obsitu. 20Yoo eenyumtuu isin garboomse, yookin isin saamee, yookin bu'aa isaatii jedhee isinitti maxxane, yookin isin irratti ol baye, yookin fuula keessan kabale ni obsitu. 21Nuti garuu waan sana irratti dadhaboo ta'uu keenya sodaachuun dubbadha. Ani akka gowwaa tokkoottin dubbadha, waan namni kamiyyu ittiin boonuun, anis boonuu nan danda'a.22Isaan Ibrootaa? Anis akkanuma. Isaan Israa'eeloota? Anis akkanuma. Isaan sanyii Abrihaamiidha? Anis akkanuma. 23Isaan tajaajiltoota Kiristoosiidha? (Ani akka nama maraateettin dubbadhaa.) Ani isaanii caala, hojii ulfaataadhaan, yeroo baay'ee hidhamuudhaan, yeroo baay'ee himnaa ol garafamuun yeroo baay'ee du'atti dhiyaadheera.24Yihuudotni yeroo shan 'afurtama guutuuf tokko hanqu garafameera.' 25Yeroo sadii uleedhaan reebameera; yeroo tokko dhagaan dhahameera; yeroo sadii dooniin na jalaa caccabeera. Halkan tokkoo fi guyyaa tokko galaana irra tureera. 26Ani otoo wal-irraa hin citiin adeemsa irra tureera, balaa bishaanii, balaa saamtootaa, balaa sabuma koorraa, balaa warra ormaaraa, magaalaa keessatti balaa, lafa onaa keessatti balaa, galaana irratti balaa, barsiisota obboloota sobaa irraa balaa.27Tajaajilaan dadhabeera, dhiphadheeras, halkan baay'een irriba malee bule, beelayeera, dheebodheera, yeroo baay'ee xoomeera, dhaamodheera (daareera), qullaa ta'eera. 28Kana hunda caala yaadniin waldootaa hundaaf ani qabu guyyaa guyyaan natti ulfaata. 29Eenyutuu dadhabaadha, ani immoo dadhabaa mitiree? Eenyutuu dogongoraadha, ani immoo otoon aariin hingubanneen hafeeree?30Ani yoodhan boonuu barbaade waan dadhabbii koo muldhisaniin nan boona. 31Waaqnii fi Abbaan Gooftaa Iyyasuus inni barabaraan eebbifame sun akkan ani hin sobne ni beeka!32Yeroon ani Damaasqoo turetti namni mooticha Aareexaas jallatti bulchaa biyyaa ture ana qabsiisuuf magaalaa Damaasqoos eegsisaa ture. 33Haa ta'u malee ani garu karaa fooldaa gimbiitiin Zambiilaan rarraasanii buufamuun harka isaa jalaa baye.
1Bu'aa dhabullee, ani nan boona. Ani garuu gara agarsiisaa fi muldhata Gooftaattin qajeela. 2Ani nama Kiristoos keessa ture tokko waggaa kudha afuriin dura gara samii saddaffaatti ol fudhatamee sana nan beeka, innis immoo fooniin ta'uu yookin fooniin ta'uu dhisuu, isaa Waaqayyotuu beeka malee ani hin beeka malee ani hin beeku.3Ani namni kun fooniin ta'uu yoomin fooniin ta'uu dhiisuu, ani hin beeku; Waaqayyootuu beeka. 4Innis gara jannataatti ol fudhatamee dubbii namni ibsuuf hin danda'amne isa namni dubbachuuf hin eyyamamne dhagaye. 5Ani waa'ee nama akkanaatiif nan boona, ani garuu waa'ee ofii kootiitii dadhabbii koof malee hin boonu.6Ani sababaan dhugaa dubbadhuuf yoodhan boonuu filadhe gowwaa hin ta'u. Garuu akka namni tokkollee waan ana irratti argee fi dhagayee caala hinyaadneef, boonuu irraa ofin eega. 7Akkan ani muldhata guddaa kana irraa kan ka'e akka malee of hin tuullee waraana tokko foon kootii, akka na dhiphisuuf ergamaan seexanaa naa kenname.8Anis akka Gooftaan waan kana ana irraa fuudhuuf yeroo sadii'in isa kadhadhee ture. 9Garuu innis akkana naan jedhe "Ayyaanni koo si gaha, waan humni dadhabbii keessatti ga'uumsa godhuuf." Kanaafuu ani akka humni Kiristoos narratti qubatuuf waayee dadhabii kootiitti baay'ee nan boona. 10Kanaafuu ani waa'ee Kiristoosiif jedhee haaloota dadhabbii, arrabsamuu, rakkina, arii'atamuu, dhiphina keessatti gamadduun koo kanumaafi dha. Ani yeroo dadhabu, yoos jabaadha.11Ani akkan of gowwoomsu kan na dhiibe isiniidha, ani isinii galata argachuun qabaayyu. Ani hommaatti lakkaawamuu baadhuulee, garuu warrota ergamoota gurguddoo jedhamanii gadii miti. 12Mallatooleen ergamoota dhugaa hundii isaanis, obsaan cimuu, Milikita ajaa'ibaa fi dinqiin jidduu keessanitti hojjatameera. 13Barbaadamummaan keessan waldoota biraa hafan irraa maaliin xiqaate, ani isin irratti ba'aa ta'uu dhiisuu koo malee? Dogogora koo kanaaf dhiifamaa naa godhaa!14Ilaalaa, yammuun gara keessan dhufuuf qophaa'uu kun yeroo sadaffaa kooti. Yammuu ani dhufu maalumaanuu isin irratti ba'aa ta'uu hin barbaadu. Ani isin malee, isin irraa homaa hin barbaadu. Abbaa fi haadhatuu ijoolee ofiitiif kuusa malee, ijooleen abbaa fi haadhaaf hin kuuftu. 15Ani lubbuu keessanii ofiillee yoon kenne baay'een gammada. Egaa yoodha n ani hagan hunda isin jaaladhe, isin immoo xiqoodhima kana na jaalatuuree?16Haa ta'u malee, ani ba'a isinitti hin taane. Garuu anii waaniin hameenyaa fi maltummaadhaan isin jallise isinitti fakkachuu hin didne. 17Ani namootan gara keessanitti erga keessaa karaa nama tokkollee isin irraa bu'aa barbaadeeraa? 18Ani akka Tiitoon gara keessan dhufuuf isaa kadhadheen ture, obbolleessa keenyas isa waliin ergeera. Tiitoon isin saameeraa? Nut hafuura tokkoon hin deddeebineeree? Nut sadarkaa tokkoon hin deddeebinneeree?19Isin yeroo hundaa akka waan nuti fuuldura keessanitti ofiif falmanuu yaadu moo? Nuti akka warra Kiristoos keessa jiraatuutti Waaqayyoo fuulduratti dubbanna. Yaa jaalatamtoota, waan kana hunda hojjachuun keenya isin jabeessuuf jenneetiidha.20Yammuu gara keessan dhufu, isin akkan ani fedhu taatanii hin argamattanii laata jedheen sodaa qaba, yookin akka fedhii keessanii ta'e ani hin argamuu laata jedheen sodaa qaba, yookin jiddu keessanitti lolli, inaafaan, aariin, gareen walqoqqoduun, maqaa wal-yakkuun, hamiin, of-tuullummaanii fi jeequmsi ni jira jedheen sodaa qaba. 21Yeroon ani deebi'ee gara keessan dhufu Waaqni koo isin fulduratti naqaanessa jedheen sodaadha, waa'ee namoota baay'ee isaan kanaan dura cubbuu hojjatanii fi amma qalbii jijjiratanii hin hin qulqulloofnee fi warra hawwii foonii, xuraa'ummaa fi ejjuu raawwataniif sodaan qaba.
1Ani yammuun gara keessan dhufu kana waliin yeroo sadaffadha. "Wantii hundumtuu 'dhugaa bayinsa' nama lamaan yookin sadiin mirkaneeffama." 2Ani yammuun yeroo lammaffaaf isin bira achi ture isin akeekkachiseera, ammas isuma irra deebi'a. Ani yeroo deebi'ee dhufutti warra kanaan dura cubbuu hojjataniifi warra kaaniif hunda garaa hinlaafu.3Ani waaniin kana isiniin jedhuuf sababa isin Kiristoos ana irraan dubbachuu isaa ragaa waan barbaaddaniifii dha. Innis jidduu keessanitti cimaa dha malee dadhabaadhaa miti. 4Inni kan fannifame dadhabbiidhaan ta'ullee, garuu humna Waaqayyootii ni jiraata. Nutis akkasuma isa waliin dadhaboo taanullee, isuma waliin humna Waaqayyootiin jidduu keessan ni jiraanna.5Isin ofiin keessan amantiin jiraachuu keessan beekuuf of ilaalaa. Ofuma keessaniin of-qora. Isin dhugumaan yoo qormaata kuftan malee, ofii keessanii akka Iyyasuus Kiristoos isin keessa jiru hin hubattanii? 6Ani akka isin nuti qormaata hin kufne akka hubattan abdiin qaba.7Ammanuti akka isin yakka tokkollee hin hojjanne Waaqayyo ni kadhanna. Ani akka waan nuti qormaata darbineetti ilaalamuuf hin kadhadhu. Garuu nuti waan qormaata kufne fakkatuus akka isin waan garii ta'e gootaniifin kadhadha malee. 8Nuti dhugaadhaaf qofa malee, faallaa dhugaa waan tokko illee gochuu hin dandeenyu.9Nuti dadhaboo taanuus isin cimoo ta'uu keessaniif ni gammadna. Kadhannaan keenyas immoo akka isin guutuu taataaniifi dha. 10Ani yammuun isin irraa faggaadhee jirutti waantiin waantoota kana isiniif barreessuuf yammuun gara keessan dhufu angoo isa Gooftaan naaf kenne akka ijaaramtaniif malee, humnatti fayyadamee akka diigamtaniidhaaf miti.11Egaa yaa obbolloota, walumatti qabuun, gammadaa! Haaromsaaf hojjadhaa! Cimaa! Yaada tokko qabaadhaa! Nagaan jiraadha. Akkasuma Waaqni jaalalaafi nagaa isin waliin ta'a. 12Dhugoo qulqulluun nagaa wal gaafadhaa.13Qulqulloon sabni Waaqayyoos nagaa isiniif kennu. 14Ayyaanni Gooftaa Iyyasuus Kiristoos, jaalalli Waaqayyoo fi tokkummaan Hafuura Qulqulluus hunda keessan waliin haa ta'u.
1Phaawuloos ergamaan, ergamaa isa nama biraa yookaan dhaabbata biraa ta’e miti. Garuu, Kiristoos Yesuusii fi Waaqayyo abbaa keessaan, isa du’aa isa kaase. 2akkasuma obboloota warra anaa wajjin biraa biraa, waldaa amantoota Galaatiyaatiif.3Ayyaanni isiniif haa ta’u, nagaanis Waaqayyo abbaa fi gooftaa Yesuus Kiristoos biraa. 4Isa bara hamaa kana jalaa nu baraaruudhaaf jedhee sababii cubbuu keenyaaf of kenne. Akka fedha Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenyaatti. 5Isaaf ulfinni baraa hanga baraa baraatti haa ta’u. Ameen.6Anaan waa’een isa isin saffisa akkasiitiin isa ayyaan Kiristoosiin isin waame irraa gara galtanii na dhiba. Gara wangeela kan biraatti gara galuun eesskan na dhiba. 7wangeelli kan biraan hin jiru, garuu namoonni tokko tokko warri isin rakkisanii fi wangeela kiristoosis booressuu barbaadan jiru.8Garuu yoodhuma nu’i, yookaan erganmootni waaqa irraa illee wangeela isa nuti isinitti lallabne irraan adda ta’e isnitti lallaban, kan abaaraman haa ta’ani. 9Akkuma duraan dubbannee turre, ammas irra irra deebi’een jedha, “Yoo namni tokko wangeela isa isin duraan fudhattan irraa adda ta’e isinitti lallabe, abaaramaa haa ta’u” 10Ani amma oolmaa namootaa yookaan kan Waaqayyoon barbaadaa? Namoota gammachiisuun barbaadaa? Yoon amma iyyuu nama gammachiisaan jira ta’e, ani hojjetaa Kiristoos miti.11Obbolootaa, beekuu waanan barbaaduuf, wangeelli inni ani isinitti isa kan namaa miti. 12Ani nama tokko irraa illee isa hin fudhanne, yookaan hin barsiifamne, mul’ata isa Yesuus Kiristoos biraa anaaf kennameedha.13Wa’ee jireenya yihuudimmaa kootii isa duraanii dhageessaniittu, akkamitti akkan cimsee waldaa kiristiyaanaa ari’achaa turee fi akka ani itti balleessuuf yaalaa tures jabaa ture. 14Yihuudummaatti namoota baay’ee gita umurii kootii turan caalaa ani jabaan ture. Kun immoo ammam akka ani aadaa abboota mootiif hinaaffaa jabaa qabaachaa ture argiisa.15 Garuu, Waaqayyo inni gadameessa haadha kootii keessatti adda ana baafatee fi ayyaana isaa keessaan na waame gammadaadha. 16Ilma isaa ana keessaan mul’isuudhaaf, akka ani warra ormaa keessatti wangeela isaa lallabuuf, ani battaluma foonii fi dhiigaa wajjin hin mari’anne. 17ani gara warra ana dura Yerusaalemitti duuka buutota ta’aniis ni dhaqne, qooda isaa, gara biyya Arabaa dhaqeen Damaasqoottis deebi’e.18Isa booda, waggaa sadii booda, Keefaa wajjim wal arguuf jedheen gara Yerusaalem dhaqeen guyyoota kudha shan isaa wajjin taa’e. 19Garuu immoo Yaaqob irraan kan hafe bartoota warra kaan hin argine; isa obboleessa gooftaa. 20Isa ani siif barreesse keessatti, akka inni doba hin ta’in Waaqayyoo durattin siif mirkaneessa.21 isa booda gara kutaa Sooriyaa fi Qiliqiyaan dhaqe. 22Ani amma iyyuu waldootii kiristoyaanaa Yihudaa warra kiristoos keessa jiran qaamaan hin beeku. 23Isaa utuu “Nanmi inni nu ari’achaa ture amma oduu gaarii isa kanaan dura balleessuuf ture lallabaa jira” jedhemuu dhagaa’an. 24Kanaa isaan waa’ee kootiif Waaqayyoon halateeffatan.
1 Booda waggoota kudha afur boodan baarnaabaasii wajjin gara Yerusaalemitti ol ba’e; Tiitoosiinis of duukaa fuudhee. 2Ani sababii mul’atichaaf ol-ba’een wangeela isa ni warra ormaatti lallabes isaa dura kaa’e. Ani qoofniitti warran barbaachisoo ta’nii wajjin haasa’eera. Akka ani akkasumaan fiigaa hin turre mirkaneessuuf jedhee.3 Tiitoo inni Girikii anaa wajjin ture illee, kittaanamuudhaaf dirqisiifameera. 4Obboloonni sobaa dhoksaadhaan bilisummaa nuti Yesuus Kiristoos keessaan arganne basaasuudhaaf dhufani. Isaa garboota nu godhachuu barbaadaniiru. 5Nuti garuu yeroo tokkichaaf illee isaanitti of hin kennine, akka dhugaan wangeelaa sun isin biratti hafuuf jennee.6 garuu warri barbaachisoo fakkaatan, (Maal iyyuu yoo turan anaa dhiima koo miti, Waaqayyo loogii hin agisiisu), ani, isaan, warri barbaachisoon fakkaatan kun waan anatti dabaln hin qabanin jedha. 7Faallaa isaa immoo, akka nai warra hin kitaanamin biraan wangeela ga’uuf waamame arganiiru. Akkauma Pheexiros warra kitaanaman biraan wangeela ga’uuf waamame. 8Waaqayyo, akkuma Pheexiroosii warra kitaanamaniif ergaa godhe, anaan immoo warra hin ormaaf ergamaa ana godhe.9 Yeroo Yaaqob, Keefaa fi Yohaannis, warri akka utubaatti maqaa qaban, ayyaana isa anaaf kenname hubataniiru, isaan anaa fiBaarnaabaasiif gargaarsa barbaachisu kennaniiru. Isaan akka nuti gara warra ormootaa dhanquuf walii galaniiru, isaan immoo akka gara warra kittaanamanii dhaqan. 10Isaan akka nuti warra hiyyeessota yaadannu qofaa nu gaafatan. Dhimma isa anis baay’ee irratti hojjechuu barbaadu.11Garuu, yeroo Keefaan Anxooqiyaa dhufe, hojiin isaa kan itti farachiisu waan ta’eef isaan mormeera. 12Utuu namootni murtaa’an Yaaqob biraa hin dhufin, Keefaan warra ormootaa wajjin nyaachaa ture. Garuu yeroo namoonni kun dhufan, inni isaaniin dhiisee warra ormaa kana irraa fagaateera. Inni warra kitaannaa gaafachaa turan sodaateera.13 Yihuudonni warri hafanis ofitummaa kanatti dabalamaniiru. 14Garuu yeroon akka amalli isaanii dhugaa wangeelaa hordofaa hin jirre arge, ani hunduma isaanii duratti Keefaadhaan “Ati yoo Yihudii taatee garuu immoo akka warra ormaatti jiraatta ta’e, akkamitti akka warri ormaa akka Yihuudoattii jiraatan gootareen?” jedhe.15 Nuti dhalootumaan Yihuudota malee, warra cubbamoota ormaa miti. 16Eyyee, akka eenyu iyyuu hojii seeraan hin qullaa’in beekna, garuu immoo amantiidhaan Kiristoos Yesuusiin malee. Nutis Kiristoos Yesuusitti amanne, akka amantiidhaan Yesuusiin qulloofnuuf, hojii seeraanis miti. Hojii seeraan foonni qullaa’u hin jiru.17Garuu, yoo Yesuusiin qullaa’uu barbaanne, nutis cubbamoota turre, kanaaf Yesuus tajaajilaa cubbuutiiree? Tasa miti! 18Yoon isan takkaa diige nan ijaara ta’e, irra daddarbaa ta’uun koo ni mirkanaa’a. 19Seera keessaan seeraaf waanan du’eef, Waaqayyoof jiraachuudhaaf. Ani Yesuusii wajjin fannifameera.20 Kana booda kiristoos isa ana keessaatu jiraata malee anatu jiraata miti. Jireenya ani amma fooniin jiraadhu, amantiidhaanin ilma Waaqayyoo keessa jiraadha. Isa ana jaallatee ofii anaaf kenne keessa. 21Ani ayyaana Waaqayyoo cinatti hin dhiisu, utuu qajaalummaan seera keessaan argama ta’ee, Yesuus akkasumaan du’e jechuudha.
1 Gowwoora warra Galaatiyaa! Eenyuutu qoricha isinitti hojjete? Ija keessa duratti Kiristoos Yesuus fannifamee mul’inaan argisiifamuun isaa. 2Kun waanta isa tokkicha ani isin irraa barachuu barbaaduudha. Isin hojii seeranimoo dhaga’uu amaniitiin hafuuricha argattani? 3Isin akkasuma gowwootaa? Hafuuraan eegaltanii fooniin xumuruudhaaf jettuu?4Hanga kana akkasumaan dhiphattanii, yoo akka ta’e, inni akkasumaan turee? 5Inni hafuura isiniif kennuu fi inni isin gidduutti dinqii hojjetu, hojii seeraa ykn hojii dhaga’uu amantiin hojjeta?6 Akkuma Abraham “Waaqayyoo amenee jennaank inni qajeelummaatti lakkaa’ameef” 7Akkasuma, hubadhaa, kanaaf, isaan warri amantii sun akka ijoollee Abraham ta’an. 8Caaffatni qulqulla’aan, akka Waaqayyo warra ormootaa amantiidhaan, wangeela isa dursee Abrahamitti lalalbeen qulleessu dursee himeera. “si keessaan sabni hundumtuu ni eebbifamu” jedha. 9kanaaf, warri amantii Abraham keessaan eebbifamoodha.10 Warri hojii seeraa irratti hirkatan hundumtuu abaaramoodha. Akkas jedhamees caafameera, “Namni waan waan macaafa seeraa keessatti caafamee jirutti hin jiraannee hojii irraa hin oolchine abaaramaadha” jedha. 11Amma egaa akka eenyu illee seeraa fuula Waaqayyoo duratti hin qullaa’in beekamaadha; sababiin isaas “qajeelaan amantiidhaan jiraata” 12Garuu, seerri kan amantii miti, qooda isaa, “Namni hojii seeraa hojjetu isumattis haa jiraatu”13 Yesuus abaarsa seeraa irraa ofii isaaf abaaramaa ta’ee nu furel “Muka irratti kan rarraafame hundumtuus abaaramaadha” jedhamee caafameera. 14Akka eebbi Abrahama karaa Yesuus kiristoos gara warra ormootaa dhufuuf; akaknuti amantiidhaan waadaa hafuurichaa fudhannuuf.15 Yaa obbolootaa, jecha namaan isinitti dubbadha. Yeroo tokko seerri inni namaa qophaa’e taa’eera. Namni kan iyyu isa dhiisuu yookaan itti dabaluu hin danda’u. 16Egaa waadaan sun Abrahamii fi ijoollee isaatti dubbatameera, inni baay’ee argisiisee “ijjoolleedhaan” hin jedhu, garuu qooda isaa anaan jedha; “akkasuma ilma keetiin” innis Yesuus.17 Egaa ani amma akkas jechaan jira, seerri inni waggota 430 booda dhufe, waadaa isa Waaqayyo dursee kaa’e hin hambisu, waadicha bakkaan ga’uudhaaf. 18Utuu dhaalli seeraan argama ta’ee, kakuudhaan argamuu hin dadna’u ture. Waaqayyo garuu akkasumaan tola Abrahamiif kenne.19 Egaa kaayyoon seeraa maaliree? Sababii irra daddarbaaf itt dabalame, hanga ilmi Abraham inni waa’ee isaf kakatame dhufuttu. Seerichis karaa ergamootaa muudame, karaa harka warra gidduu jiraniitti. 20Warri gidduu jiran, lakkoofsa hedduu tokko ol argisiisa. Waaqayyo garuu tokkicha.21 Kanaaf seerri kakuu sanaan ni mormaaree? Tasa hin mormu! Seerri utuu jireenya kennuudhaaf kennameera ta’ee, qajaalummaan sirriitti seera keessan ni argama ture. 22Caaffatni qulqullaa’aan garuu waan hundumaa cubbuu jalatti hidhe, kana immoo kakuun inni amantiidhaan Yesuus keessatti jiru namoota hundumaaf akka kennamuuf.23 Amma, utuu amantiin hin dhufin dura, nuti seera jalatti garboota turre; hanga amantiin mul’atutti hidhamnee turre. 24Kanaaf hanga Yesuus dhufutti, seerri eegaa keenya ture, akka amantiidhaan qulloofnuuf. 25Amma garuu amantiin dhufeera, amma kana booda eeguma jala jirru. 26Hundumti keessan amantiidhaan Kiristoos Yesuus keessatti ijoollee Waaqayyoo waan taataniif.27 Baay’een keessan warri Kiristoossitti cuuphamtan, Kiristoosiin uffattaniittu. 28Yihudoo yookaan Girikiin hin jiru, garba yookaan birmadduun hin jiru, dhiira yookaan shamarran hin jiru. Isin hundumti keessan Kiristoos Yesuus keessatti tokko. 29egaa isin yoo kan Kiristoos taatan, isin ijoollee Abrahamu, akka kakichaatti isin dhaaltota.
1Anis kanan jira, dhaltuun sun mucaa amma ta’etti garbicha irraa adda miti, yoodhuma guutummaan biyyaatti kan isaa ta’e illee. 2Inni hanga guyyaa isa abbaa isaatiin kaa’ameetti warra isa guddisanii fi geggeessan jala jira.3Akkasuma, nuti yeroo mucaa turre, barumsa isa kan biyya lafaatiif garboota turre. 4Garuu yeroo yeroo isaa ga’etti, Waaqayyo ilma isaa erge, isa dubartii irraa dhalate, isa seera jalatti dhalate. 5Inni akka inni warra seera jala jiran furuuf, akka nuti ilmaan guddifataa isaa argannuuf.6 Sabii isin ilmaa isaa taataniif, Waaqayyo hafuura ilma isaa gara garaa keenyaatti erge. Isa “abbaa, abbaa’ jedhee iyyu. 7Kanaaf, isin kana booda garba miti, ilma malee, akkasuma isin Waaqayyoo keessaan dhaaltotas.8 Yeroo sana garuu, utuu Waaqayyoon hiin beekin, warra aboo uumamaa qabaniif garboota turtan, warra waaqa dhugaa hin ta’iniif. 9Amma garuu gara Waaqayyoon beekuutti dhuftaniittu; akkamitti gara isa dadhabaa fi waa’ee hin baafne barumsa biyya lafaatti deebituree? Amma irra deebitanii garboota ta’uu ni barbaadduu?10 Isin guyyoota, baatiiwwan haaraa, waqtii fi waggoota ni ilaaltu! 11Waanan akkasumaan isiniti dadhabe anatti fakkaatee isiniif sodaadha.12Isin obboloota keessan ni kadhattu, akka koo ta’aa, anis akkuma keessan akkan ta’e. isin homaa anatti hin balleessine. 13Garuu, sababii inni dhukkuba foonii, isa yeroo jalqabaaf ani wangeela isinitti lalalbe akka ta’e ni beektu. 14Yoodhuma haalli qaama kootii isin qore illee, isin ana hin tuffane yookaan ana hin dhiifne. Qooda isaa, akka waanan ergaa Waaqayyoo ta’eetti ana simattan; akkuma waanan ofiikootii Kiristoos Yesuus ta’eetti.15Egaa eebbii keessan sun eessa jiraree? Akkuman dhugaa isnitti ba’e, utuu hin dandaa’ama ta’ee, ija ofii keessanii baaftanii anaaf kennitu turtan. 16Kanaaf, waanan dhugaa isinitti himaa jiruufan duuna keessan ta’eeree?17Isaan isin irratti m’uu barbaadu, garuu immoo waan gaariidhaaf miti. Isaan akka isin isaaniif hinaaftaniif isinitti iyyu. 18Yeroo hundumaa waan gaariif hinaafuun gaariidha. Yeroo ani isin bira jiru qodaa miti.19 Ilmaan koo warra xixiqqo, ani akka isin warra isa irraa dhalatan taatanii fi kiristoos isin keessatti uumamuttin dhiphataa jira. 20Amma utuun isinii wajjin ta’ee qooqa koo jijjiiree nan jaal’adhan ture, sababiin isaa bitaa anatti galeera.21 Anatti himaa, warri seera jalatti buluu feetan, seera hin dhaggeeffattanii? 22Akka Abraham ilmaa lama qaba ture, tokko dubartii ishee garbitti irraa, tokko immoo dubartii ishee walabaa irraa. 23Tokko dubartii ishee garbittii irraa fooniin dhalate, inni tokko immoo dubartii ishee bilisaa irraa, kakuudhaan keessan dhalate.24 Isaan kun akka fakkeenyaatti hiikamuu ni danda’u. dubartoonni kun lamaan waan kakuu lama bakka bu’aniif. Keessa inni tokko tulluu siinaatti yeroo ta’u, garbummaafis ijoollota deessi, isheenis Aggaari. 25Aggaar amma, Biiya Arabaa keessa tulluu Siinaa bakka nuuti, Yerusaale ishee har’aa bakka buuti; ijoollee ishee wajjin garbummaatti waan jirtuuf.26 Garuu, Yerusaalem inni gubbaa jiru walaba, isheen haadha keenyas. 27akkas jedhamees barreeffamee waan jiruuf, “Gammadi, ati isheen dhabduun dhala godhachuu hin dandeenye;Iyyi, ililchis, ati isheen dhiphina da’umsaa hin argin,Sababiin isaa dubartoota abbaa manaa qabanii caalaa kan warra abbaa manaa hin qabnee baay’ataniiru.”28 Isin garuu yaa obbolootaa, akkuma Ysiyaaq ijoollee kakuuti. 29Yeroo sana inni akka fooniitti dhalate isa akka hafuuraatti dhalate ari’ate. Ammas akkasuma.30Garuu caaffatni qulqullaan immoo maal jedha? “dubartii ishee garbittii fi ilma ishee ari’i. ilmi dubartii ishee garbitti kan ishee walabaa wajjin dhaala qoddachuu waan hin daneenyeef” 31Kanaaf, yaa obbolootaa, nuti ilmaan dubarttii ishee garbittii miti, kan ishee walabaati malee.
1 Yesuus inni walabaa, walaba waannu godheef. Jabaadhaa dhaabadhaa, kanaafis, ammas irra deebitanii harqota garbummaa jala of hin galchinaa.2Ilaalaa, ani Phaawulos, yoo kittaanamuuf ofii keessan keennitan, Kiristoos karaa kam iyyuu waa’ee isniif hin baasu.3 ani amma irra deebi’een nama hundumaatti dhugaa ba’a isa kittaanamuu barbaadutti, akka inni guutummaa seeraaf abboomamuuf dirqamu. 4Isin kiristoositti adda cittaniittu, warra seeraan qullaa’aniidhas; isin ka booda ayyaana amaleeffachuu hin dandeessani.5 Hafuura keessaan, amantiidhaan, nuti hawwiidhaan abdii qajeelummaa eegganna. 6Kiristoos Yesuus keessatti kitaanamuun yookaan kittaanamuu dhiisuun bu’aa hin qabu; garuu amantii qofaatu jaalala keessaan hojjeta. 7Isin gaarii fiigaa turtan. Akka isin dhugaaf hin abboomamneef eenyutu isin abboomeree? 8Inni isin amantan kun isa isin waame biraa hin dhufne!9 Raacitiin xiqqoon guutummaa bukoo dhangaggeessiti. 10Ani gooftaatti ija jabina qaba, akka isin waan adda ta’e hin yaadne. Inni isin rakkisaa jiru, firidicha ni argatu, eenyu illee yoo ta’e.11Yaa obbolootaa, yoon amma iyyuu kittaanamuu labsaan jira ta’e, maaliifan itti fufee ari’ataree? Yoo fannoon kiristoos namatti gufuu ta’uun isaa hin oolu ture. 12Warra isim jeeqaa jiraniif, utuu xu’aashii ofii isaanii godhanii isaaniif warra ture.13 Yaa obbolootaa, Isin waan walabummaatti wamamtani. Walabummaa argattan kanas akak carraa fooniitiif itti hin gargaaraminaa. Qooda isaa, jaalalaan walii keessan tajaajilaa. 14guutummaan seeraa jecha tokkoon waan guutuu ta’uuf, “Ati akka ofii keetti oollaa kee jaal’achuu qabda.” 15Garuu yoo cicciniintanii walii keessan nyaattan, akka nyaattanii wal hin fixnetti of eeggadhaa.16 Ani garuu, hafuuraan deddeebi’aa, fedha fooniis hin baattanii. 17Fedhiin foonii faallaa hafuuraa waan ta’eef, fedhiin hafuuraa immoo fallaa fooniiti. Warra waliin morman kanaaf, waan barbaaddu gochuufii waan hin dandeenyeef. 18Garuu yoo hafuuraan geggeeffamtan, seera jala hin jirtan.19 Egaa hojiin foonii ifaadha. Sagaagalummaa, xuraa’ummaa, miirummaa. 20waaqa tolfamaa waaqessuu, xibaara, walitti bu’uu, lola, hinaaffaa, iyyaa dheekkamsaa, dorgommee, wal-dhabuu, wal hiruu. 21weennoo, machii, albaadhummaa fi waan kana fakkaatus. Sin akeekkachiisa; akkuman duraan si akeekkachiise. Warri waan akkasii shaakalan mootummaa Waaqayyoo hin dhaalani.22 Iji hafuuraa garuu, jaalala, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amantii, 23garraamummaa fi of to’achuudha. Seerri isaan kanaan mormu hin jiru. 24Warri kan Yesuus Kiristoos ta’an immoo fedhaa fi hawwa foonii fannisaniiru.25 Yoo amantiidhaan jiraanne, hafuuraanis haa deddeebinu. 26Warra of tuultota hin taanu, walitti naqxuu, walitti hinaftuus hin taanu.
1Obbolootaa, namni tokko irra daddarbaa kamiin iyyuu yoo qabame, isin warri hafuuraan geggeeffa garraamumma hafuuraan isa deebisuutu isin irra jira. Waa’ee ofii keessaniif yaadaa, isinis akka hin qoramnetti. 2Ba’aa walii keessanii baadhaa, akka seerri kiristoos akka fiixaan ba’utti.3Namni tokko utuu homaa hin ta’in akka waa ta’eetti yaade, inni ofii isaa gowwomsa. 4tokkoon tokkoo namaa hojii ofii isaatii qoree ilaaluutu irra jira; isa booda of tuuluun isaa ofii isaa keessa ta’a malee nama kan biraa keessa miti. 5Namni hundumtuu ba’aa mataa isaatii waan baatuuf.6 Namni sagalicha barate, waan gaarii hundumaa nama isa barsiisaaf qooduutu irra jira. 7Hin gowwominaa. Waaqayyo itti hin qoosamu, namni waanuma dhaabe haammata. 8Namni foon ofii isaatiif sanyii facaasu, foon irraa badiisa ni haammata. Namni hafuura isaaf sanyii facaasu, hafuura irraa jireenya bara baraa ni haammata.9 Waan gaarii gochuutti hin dhiboofnu, yoo abdii hin kutannu ta’e, yeroo isa sirriitti waan haammannuuf. 10kanaaf egaa, utuu carraa qabnuu, amoota hundumaaf gaarii haa goonu, keessumaa warra maatii amantii ta’aniif11 Xalayaa dheeraa isa ani harka kootiin isiniif barreesse ilaalaa. 12Warri qaamaan gaarii ta’uu barbaadan, akka isin kittaanamtan isin dirqisiisuu barbaadu. Isaan akka isin fannoo Kiristoos jettanii hin ari’atamneef kana godhu. 13Warri ofii isaanii kitaanan illee seericha hin eegani, garuu akka isin kitaanamtan immoo ni barbaadu, akka isin waa’ee qaama keessaniif of tuultaniif.14 Ani garuu, fannoo gooftaa Yesuus kiristoosiin malee tasa of hin jaju. Kara isa ittiin biyyi lafaa anaaf fannifamee, anis biyya lafaaf. 15Kittaanamuunis, kittaanamuu dhiisuunis bu’aa hin buusu, garuu uumama haaraa ta’uutu bu’aa qaba. 16Warra akkasitti adeeman hundumaaf, nagaa fi araarri isaan irratti haa ta’u, Waaqayyo Isaraa’el irrattis.17Ammaa kaasee namni kam iyyuu ana hin rakkisin, ani qaama koo irratti mallattoo Yesuus baadheera. 18Ayyaanni gooftaa Yesuus Kiristoos hafuura keessaanii wajjin haa ta’u. Ameen.
1Phaawuloos isa eyyama Waaqayyootiin ergamaa Kiristoos Iyyasuus ta'e irraa, gara qulqullota Kiristoos Iyyasuusitti amantanii Epheesoon keessa jiraattaniif. 2Abbaa keenya Waaqayyoo fi Gooftaa Iyyasuus Kiristoos irraa ayyaanii fi negeenyi isiniif haa ta'u3Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos inni karaa Kiristoosiin eebba hafuuraa hundaan samii irratti nu eebbise sun haa eebbifamu. 4Inni akka nuti fuuldura isaatti qulqullootaa fi warra cubbu hin qabne taanuuf otoo addunyaan hin uumamiiniin dura karaa Iyyasuus Kiristoosiin nu filateera.5Akkuma kaayyoo eyyama isaattis akka nuti karaa Iyyasuus Kiristoosiitiin ilmaan isaa taanuuf duraan dursee jaalalaan murteesse. 6Kunis bu'aan ulfinni ayyaana isaa kan inni karaa ilma isaa isa jaalatamaa sanaatiin tolumaan nuu kenne sun akka galateeffamuufii dha.7Nutis Iyyasuus Kiristoosiin akkuma badhaadhummaa ayyaana Waaqayyootiin karaa dhiiga Iyyasuusiin furamaa fi dhiifama cubbuu argannerra. 8Innis ayyaana isaa qaroomaa fi hubbannaa hundaan nuu baay'ise.9Innis akka nuti iccitii eyyama isa kan akka yaada isaa isa gaarii inni karaa kiristoosiitiin hojjachuu barbaade sana beeknu godhe. 10Kunis ilaalcha tokkoon akka karoora yammuu yeroon gahee guutamamu waan hunda tokkummaadhaan waan samii irra jiruu fi waan lafa irra jiru hunda, mataa tokko, Kiristoosillee, fiduudhaafi.11Nutis akkuma karoora isa waan hundaan akka kaayyoo eyyama isaatti hojjatu sanaatti duraan durfamnee murteeffamneef karaa Kiristoosiin dhaala argannerra. 12Sababni Waaqayyoo nu filateef nuti warri Kiristoos abdachuutti kanneen jalqaba taane akka galata ulfinaa isaa taanuufiidha.13Isinis yeroo dubbii dhugaa, inni wangeela fayyina keessani dhageessan, isattis amanuun, achiin chaappaa Hafuura Qulqulluu isa abdii kennameetiin chaappeffamtanii jirtu. 14Kunis hanga warri kan Waaqayyoo ta'an galata ulfina isaanitiif furamanitti qabdii dhaala keenyaa nuuf mirkaneesuudha.15Sababa kanaafis ani yammuun waa'ee amantii isin Gooftaa Iyyasuusitti qabdanii fi jaalala isin qulqullootaa hundaaf qabdan dhagayee jalqabee, 16kadhannaa koo keessatti isin yaadachaa waa'ee keessannif waaqayyo galateeffachuu hin dhaabne.17Abbaa ulfinaa kan ta'e Waaqa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos akka isin isa beektaniif hafuura qaroomaatiif muldhina akka isiniif kennuu nan kadhadha. 18Akkasumas abdiin inni ittiin isin waame sun maal akka ta'e badhaadhummaan dhaal qulqullootaa ulfina qabeessisun maal akka ta'e akka beektaniif iji laphee (onnee) keessanii akka banamuuf Waaqayyon kadhadha.19Humni isaa inni nu warra amanu keessatti hojjatu ammam guddaa akka ta'e akka beektaniifis nan kadhadha. Humni sunis isuma Waaqayyo yammuu akkaataa hojii jabeenya humna isaatii. 20Kunis akkuma Kiristoosiin warra du'an keessaa kaasee samii irratti mirga ofii teessise sana muldhisee dha. 21Innis Kiristoos ol-aantummaa, aangoo, humna, gooftummaa hundaa fi bara ammaa qpfa otoo hin ta'iin bara isa dhufuuf jiru keessattis maqaa kennamuu hundaa olitti mirga ofii teessise.22Waaqayyos waan hunda miila Kiristoos jala galche; waldaaf isa kennuun mataa waan hundaa godhee isa muude. 23Waldaan nafa (qaama) isaatiidha, ishinis guutummaa isaa kan inni waan hundaan karaa hundaan guutee dha.
1Akkaasuma isin akkuma yakka keessanii fi cubbuu keessaniin duutanii turtan. 2Kunis isuma isin yeroo akka jireenya addunyaa kanaatii fi akka bulchaa mootummaa qillensaatti, akka hafuura amma warra ilmaan isaan hin ajajamne keessatti hojjataa jiruuttis jiraachaa turanii dha. 3Nuti hundi keenya bara darbe tokko keessa foon keenya guutuu, hawwii fi yaada isaa hordofaa isaan jidduu jiraanneerra: uumama keenyaanis akkuma; warra namoota kaanii ilmaan dheekkamsaa jala turreerra.4Garuu Waaqni inni araaraan dureessaa sun sababa jaalala guddaa nuu qabuufidha. 5Yeroo nuuti yakka keenyaan duunee turrellee Kiristoos waliin nu jiraachisee, isinis ayyanaan fayyitan. 6Waaqayyoos Kiristoos waliin du'aa nu kaasuun Waaqayyoo Kiristoos Iyyasuusii waliin bakka samii keessa nu godhee jira. 7Waan kana ta'eef bara dhufuuf jiru keessaa badhaadhummaa ayyana isaa baay'ee guddaa madaala hin qabne sana arjummaa karaa Kiristoos Iyyasuusiin nuuf qabuu nutti agarsiisuuf jedhee waan kana godhe.8Kanaafuu isinis ayyaana karaa amantii ta'een fayyitanii jirtu, kunis kenna Waaqayyooti dha malee, hojii keessaniin miti. 9Akka namni tokko illee of hin jajne, hojiidhaan miti. 10Sababa nuti hojii harka Waaqayyoo, akka hojii gaarii hojjanuuf Kiristoos Iyyasuus keessatti uumamne isa Waaqayyoo yeroo dheeraan dura nuuf karoorsee fi akkasuma nutis isaaniin adeemuu qabna.11Kanaafuu isin warri kanaan dura fooniin namoota ormaa turtan. Isin warrii isaan fooniin harka namaatiin 'kittanamne' jedhamanii waamamanii 'hin kittaanamne' jedhamtanii waamamtan waan sana yaadadhaa. 12Isin warrii yeroo sana Kiristoos irraa gar-gar baatanii, lammuummaa Israa'eel irraa fagaattanii, kakuu waadaatiifis keessummoota taatanii, abdii otoo hin qabaatiiniif Waaqa malee addunyaa keessa jiraattan.13Amma garuu isin warri dura Waaqayyoo irraa fagoo turtan karaa kiristoosin Iyyasuusin, dhiiga Kiristoosiin dhiyaattanii jirtu. 14Waan inni ofuuma isaatiin nagaa keenyaadha, girgiddaa lolaa isa gargar nu baasuu foon saatiin dhiiguun lamaanuu tokko godhe. 15Innis seera ajajaa fi sirna isaa waliin foon ofii isaatiin walcinaa (bukkee)tti cabseera, kaayyoon isaas isaan lamaan keessaa ofuma isaatiin nama haaraa tokko uumee, nagaa gochuufi dha. 16Kiristoos saboota lachuu karaa fannoo isaatiin walitti araarsee Waaqayyoof qaama tokko gochuuf jaalalaan du'atti of kenne.17Iyyasuusis dhufee isin warra fagoo turtaniif nagaa, isaan warra dhiyoo turaniifis naga lallabe. 18Karaa Iyyasuusiin nuti lachuu Hafuura tokko sanaan Abbaa bira gahuuf dandeettii qabna.19Kanaafuu, ammaa isin warri ormaa kanaan achi, saba qulqullota Waaqayyoo waliin lammii fi miseensota maatii Waaqayyooti malee alagootaa fi keessumoota miti. 20Isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti hundeeffamtanii ijaaramtaniirtu, Kiristoos Iyyasuusiis ofiisaatiin dhagaa golee (kallattii) dha. 21Isa irratti ijaarsi sun hundi tokkummaan walqabatee akka mana qulqullummaa Gooftaatti guddata. 22Isinis immoo isaan mana Waaqayyoo Hafuuraan isin keessa jiraatu taatanii tokkummaan ijaaramaa jirtu.
1Sababa kanaaf ani Phaawuloos isin warra ormaatiif jedhee hidhama Kiristoos Iyyasuusis. 2Ani isin waayee ayyaana Waaqayyoo kan isiniif jedhamee natti kenname sana waan dhageessan nati fakkaata.3Akkuma kanaan dura ani gabaabse isiniif barreessee; ibsetti icciitii muldhataatiin natti beekamu godheera. 4Yammuu waan kana isinis dubbiftan akkan ani waayee icciitii Kiristoos beekumsa qabu hubachuu ni dandessu. 5Icciitiin kunis dhaloota biroo keessatti ilmaan namootaatiif hin beekamne ture. Amma garu Hafuuraan ergamootaa fi raajota isaatiif muldhateera.6Dhugaan dhoksaan kunis namootni ormaa karaa wangeelaatiin Kiristoos Iyyasuus keessatti akka dhaala fi miseensummaa qaamaa keessatti tokkummaa qabaataniifi akka isaan abdii qoodataniifi dha. 7Ani karaa ayyaana Waaqayyoo kan karaa hojii humna isaatiin na kennameen tajaajilaa wangeela kanaa ta'eera.8Anaaf yoodhuman qulqulloota hundaa gad ta'ellee akka badhaadhina Kiristoos isa dhuma hin qabnee sana namoota ormaatiif lallabuu ayyaani kun naa kennameera, 9akkasumas karoorrii iccittii dhoksaan baroota dheeraaf Waaqayyoo isa waan hunda uumee keessaati ifa namoota hunda fiduufi.10Kaayyoon kunis karaa waldaatiin akka beekamuu godhee akka bulchoonii fi aangoo qabeeyyiin samii irra jiraatan qarooma Waaqayyoo isa dachaa baay'ee ta'e akka beekaniifi dha. 11Kunis akkuma kaayyoo bara baraa isa inni karaa Gooftaa keenya Kiristoos Iyyasuus raawwate sanaati.12Kanaaf nutis Kiristoosiin sababa amantii keenyaatiin bilisummaa fi ija jabummaa waliin ga'uumsa qabna. 13Kanaafu sababa raafaman (dhiphinan) isiniif jecha ana irra gahuu isa ulfina keessaniidhaa jettanii akka hin jeqamne isiniin gaafadha.14Sababa kanaaf ani Abbaa fulduratti nan jilbeefadha 15isa maatiin hundumtuu warri samii fi lafa irraa maqaa isaanii argatanii dha. 16Akkuma badhaadhummaa ulfina isaatti karaa Hafuura isaatiin akka eenyummaan keessan inni keessaa humnaan jebaatuuf akka isin gargaaruu nan gaafadha.17Ani akka Kiristoos karaa amantiitiin onnee keessan keessa akka jiraatuu fi isinis akka jaalalaan hidda faggeeffatanii dhaabatanii fi hundeeffamtan nan gaafadha. 18Sanumaafuu isinis saba qulqullota Waaqayyoo waliin baldhinni, dheeriinni, of-fageenyii fi gadi- fageenyii hagam (ammam) ta'u isaa akka hubattaniifi, 19akkasumas akka guutummaa Waaqayyoo hundaan guutamtanii fi jaalala Kiristoos kan beekumsa ol ta'e sana akka beektaniifiidha.20Ammas isaaf isa humna isaa sana kan nu keessatti hojjatu sanaan amma nuti gaafannu yookiin yaadnu irraa baay'ee olfagoo hojjachuu danda'uu, 21isaaf dhallootni hundi baraa hanga baraatti waldaa keessatti karaa Kiristoos Iyyasuusin ulfinni isaaf haa ta'u, Ameen!
1Ani, kanaafuu, akka nama Gooftaadhaaf jedhee hidhameetti, akka isin waamicha itti waamamtani sanaaf akka barbaachisutti jiraataniif isinin kadhadha. 2Ani akka isin gadi of-qabummaa guddaan, garaamummaan, obsaan, jaalala waldanda'uu tokko tokko qabaachuun isiniin kadhadha. 3Hidhaa nageenyaatiin tokkummaa Hafuura, eeguuf waan dandeessan godhaa.4Akkuma yeroo waamamtan gara abdii tokkoottj waamamtan sana, qaama (nafa) tokkoo fi Hafuura tokkotu jira. 5Akkasumas Gooftaa tokko, amantii tokkoo fi Hafuura tokkotu jira, 6Waaqnii fi Abbaan hundaa, inni waan hundaa ol-ra'e, waan hunda keessatti kan hojjatuu fi kan waan hunda keessa jiru tokkichaatuu jira.7Tokko, tokkoo keenyaaf akkuma Kiristoos safaree kennetti ayyaanni nuu kennameera, 8akkuma kitaaba keessatti jedhametti "Yammuu inni gara olitti ol bayetti, inni inni booji'amtoota boojii keessa baasee qajeelchuun, namootaafis kenna kenne"9Egaa "Inni ol-baye" jechuu isa gara lafaatti gad-bu'ee ture jechuu yoo ta'e malee maal jechuudha ree? 10Inni gad bu'e sun isuma waan hunda guutuuf jedhee samiiwwan hundaa olitti ol baheedha.11Kiristoosis namootni tokko tokko akka ergamoota ta'an, kanis akka raajota, kanis akka lallaboota wangeelaa ta'anii fi kanis luboota (tikistootaa) fi barsiisota ta'aniif kenne. 12Kunis akka qaamni (nafti) Kiristoos ijaaramuuf saba qulqullota Waaqayyoo hojii tajaajilaaf qopheesuuf jedhee godhe. 13Kunis hanga nuti hundi keenya tokkummaa amantii ci beekumsa Ilma Waaqayyoo geenyuutti, kanaafuus nuti bilchaachuun guutummaa safara Kiristoos bira geenyuutti ta'uudha.14Kiristoos kan nu ijaaruuf akka nutti kanaa booda ijoollee qilleensa bishaaniitiin gara duraa fi dubatti darbatamuudhaan kanneen bubbee barsiisa gosa hundaatiin maltummaa fi jallinna mala namoota gowwoomsitootaatiin asif achi raafamanii hin taaneefi dha. 15Karaa biraa, jaalalaan dhugaa dubbachaa gara isaa isa mataa ta'e sanaatti waan hundaan guddachuu qabna; innis Kiristoosii dha. 16Kiristoos kutaalee qaamaa (nafa) guutummaatti ijaaruun, ribuudhaan walqabsiisee hidhuun yammuu kutaaleen nafaa (qaamaa) sun hundi hojii isaa ii waliin hojjatan, sun akka qaamnu guddatu godha kanaafuus immoo jaalalaan of ijaara.17Kanaafuu ani waan kana maqaa Gooftaatinii isinitti hima, imaanaas jabeessee jedha, isin kanaan booda akka warri ormaa yaada isaanii isaa faayidaa hin qabne sanaan adeemanitti akka hin adeemneef. 18Sababa laphee (onnee) jabummaa isaaniitiin waan hubbannaa dhabaniif wallaalummaan isaan keessa jira, kanaafuus jireenya Waaqayyoo irraa addaan bahaniru. 19Isaaniis waan qalbiin isaanii adoodeef hanga xuraa'ummaa waan hunda keessa galuun goche badaatti gad of-kennanii jiru.20Garuu sun akkaataa kanaan isin Kiristoos hin barre. 21Akkan ani yaadutti akka dhugaan Iyyasuus keessa jiru isin waa'ee isaa dhageessanii jirtu, isaanis barattanii jirtu. 22Sababa hawii isa gowwoomuutiin jireenya eenyummaa keessan isa moofaa dura keessa jiraattan isa xuraawwaa sana akkataa of irraa baaftan barattanii jirtu.23Isinis hafuura sammuu keessaniitiin akka haaromtan barattaniirtu, 24namumma haaraa isa qajeelaa fi qulqullu dhugaatiin fakkeenya Waaqayyootiin uumme uffadhaa.25Kanaafuu nuti waan miseensa qaama (nafa) tokko taaneef hundi keessan saba of keessaa baasaatii mee tokko tokkoon keessan ollaa isaa waliin dhugaa dubbadhaa. 26Dallanaa malee garuu cubbuu hin hojjatiinaa. Dallansuu keessanitti aduun hin lixiin. 27Daabiloosiifis carraa hin kenniinaa.28Namni inni kanaan dura hataa ture kanaan booda hin hatiin. Siriidhumaa akka warra rakkatanii gargaarsa barbaachisuu fi akka gargaaruu danda'uuf waan gaarii ta'e harka ofiitiin haa hojjatu. 29Dubbiin (haasaan) nama midhu afaan keessan keessaa hin bahiin. Jechoota isaan gaarii ta'anii isaan barbaadaniif ijaaruu qofa dubbadhaa, yoos warra dhaggeeffataniif ayyaana kenna. 30Hafuura Qulqulluu Waaqayyoo kan ittiin guyyaa fayyinaatiif chaappeffamtan sana hin gaddisiisiinaa.31Hadhina hunda, dallansuu, aarii, lolaa arabsuu fi wantoota badaa ta'an hunda waliin ofi irraa fageessaa. 32Akkuma Waaqayyoo Kiristoosiin dhifama isiniif godhe, isinis dhifama waliif godha, arjootaa fi garalaafotaas waliin ta'aa.
1Kanaafuu akkuma ijoollee jaalatamootti Waaqa kan fakkaattan ta'aa. 2Akkuma Kiristoos waan nu jaalateef nuuf jedhee mataa isaa kenna urgaa'aa fi aarsaa godhee Waaqayyotti ol kenne sana isinis jaalalaan jiraadhaa.3Garuu sagaagalummaa fi yookiin xuraawummaa gosa kamiittiyyuu yookiin sassatummaan gonkumaa jidduu keessanitti hin dhaga'amiiniyyuu, wantootni kun qulqulloota Waaqayyoo biratti kan hin barbaqchifnee dha. 4Gallateeffachuu malee haasaan faayidaa hin qabne, fi dubbiin badaan fi qoosaan inni hin barbaachifne hundi jidduu keessan hinjiraatiin.5Namni sagaagalu yookin xuraa'umni, yookin sassatuun, sunis Waaqa tolfamoo kan waaqeffatan akka mootummaa Kiristoosii fi Waaqayyoo keessaa dhaala tokkollee hin qabne isinuu ni beektu. 6Sababa waan kanaaf dallansuun Waaqayyoo warra hin ajajamne irratti dhufuuf namni kamiyyuu dubbii faayiidaa hin qabneen hin gowwoomiin. 7Kanaafuu isaan waliin gonkumaa wal hin qunnamiinaa.8Isin kanaan dura dukkana turtanii, amma garuu Gooftaadhaan ifa dha. Kanaafuu akka ilmaan ifaatti deddebi'aa. 9(Firiin ifaa gaarummaa, qajeelummaa fi dhugaa hunda keessatti argama,) 10waan Gooftaa gammachisuu qoraatti mirkaneeffadhaa. 11Hojii dukkanaa homaa firii hin qabne saaxilaa malee waliin hin hirmaatiinaa. 12Waan isaan dhooksaatti godhan dubbachuun illee qaanii dha.13Garuu yammuu waanti hunduu ifatti bahu; gara muldhachuutti dhufa. 14Waantii hunda akka muldhatu kan godhu ifaadha. Kanaafuu akkana jedhe. "Ati, inni raftu dammaqi, du'a keessaas ka'i Kiristoosis sii ibsaa."15Isin akkamitti akka deddeebitan of eegadhaa, akka warra qaroomaniitti malee akka warra hin qaroomneetti hin deddebi'inaa. 16Guyyoonni kunis badaa waan ta'aniif bara kana oolchaa. 17Kanaafuu eyyamni Gooftaa maal akka ta'e hubadhaa malee gowwoota hin ta'iinaa.18Daadhii wayinii isa gara yaada xifaafireetti nama qahelchu dhuguun hin machaayinaa, Hafuura Qulqulluutiin guutamaa malee. 19Faarfanaadhaan faarfachaa fi weedduu fi faaruu hafuuraatiin tokko tokkoon keessan waliin haasayaa, onnee keessan keessaas Gooftaadhaa faaruu qooqa gaariin weeddisaaf. 20Yeroo hunda waan hundaaf maqaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin Waaqa Abbaaf galata kennaa. 21Kabaja Kiristoosiif qabdaniin wal kabajaa.22Haati manootni, akkuma Gooftaa kabajitanitti abbaa manaa keessanis kabajaa. 23Akkumaa Kiristoos qaama (nafa) isaa fayyisuuf mataa waldaa ta'e, akkasuma abbaan manaas mataa haadha manatii dha. 24Garuu akkuma waldaan Kiristoosiif of kennitee ajajamtu, akkasuma haatii manaas karaadhuma hundaan abbaa manaa isaanitiif ta'u.25Yaa abbaa manootaa, akkuma Kiristoos waldaa jaalatee mataa isaas isheef of kenne, haadha manoota keessan jaaladhaa. 26Kanaafuu innis karaa dubbii isaatii fi bishaaniin ishee dhiqee qulqulleessuun, 27akkasuma waldaanis xurii fuula ishii fi waan akkanaa tokkollee hin qabnee fi qulqulluu hirdhina hin qabnee godhe ulfinaan of dura ishii dhaabuuf jedhee waantoota kanneen hunda godhe.28Karaadhuma kana fakkaatuun abbaa manootaas haadha manoota isaanii akkuma qaama(nafa) ofii isaaniitti jaalachuu qabu, namni inni haadha manaa isaa jaalatu of jaalata. 29Enyumtuu foon ofii nyaachisuu fi kunuunsuu malee akka hin jibbine, akkasumatti Kiristoosis waldaa isaatiif nyaachisa, kunuunsasa. 30Sababnis nuti miseensota qaama isaatii dha.31Waan kana ta'eef namni abbaa fi haadha isaa dhisee haadha manaa isaanitti maxana, isaan lamaanuus foon tokko ta'u. 32Kun iccitiin dhugaa kun yaaddaadha, ani garuu waa'ee Kiristoosii fi waa'ee waldaan dubbadha. 33Haa ta'uutii, isin tokko tokkoon keessanis akkasuma haadha manaa ofi akka mataa isaatti haa jaalatu, haati manaas abbaa manaa ishii haa kabajju.
1Yaa ijoollee, Gooftaaf jedhaatii abbaa fi haadha keessanii ajajamaa, kun sirriidha. 2(Ajajini waadaa waliinii inni duraa) "Abbaa fi haadha kee ulfeessi" dha, 3kanaafuu akka gaarummaan si waliin ta'uu fi akka lafa irratti urmii dheeraa jiraattuufi" dha.4Yaa abboota, ijoollee keessan adaba sireesuu fi barsiisuun Gooftaan guddisaa malee hin dallansiisinaa.5Yaa garboota, akkuma Kiristoosiif ajajamtanitti gooftota keessan isaan biyya lafaatiifis kabajaa fi sodaan onnee qulqulluun ajajamaaf. 6Isaan gamachiisuuf jettanni yammuu gooftotni keessan isin argan qofa hin ajajamiinaa. Akka garboota Kiristoos, isa onnee satiin eyyama Waaqayyoo hojjateetti ajajamaaf malee. 7Akka waan nama tajaajiltaniitti otoo hin ta'iin akka waan Gooftaa tajaajiltaniitti onnee guutuun tajaajilaa; 8sababni isaas garba ta'ee yookin nama bilisaa namni waan gaarii hojjatu kamiyyuu akka Gooftaa biraa badhaasa argatu ni beekna.9Yaa gooftootii, isinis garboota keessanii akkasuma godha, isinuu akka inni isaaniifis isiniifis Gooftaa ta'e sun samii keessa jiruu fi akka nama walcaalchisuun isa bira hin jirre waan beektaniif isaan hin miidhinaa.10Dimshaashumatti (walitti qabaatti) Gooftaa fi humna isaa isa jabaa ta'e sanaan cima. 11Karoora daba daabiloosiin akka mormuu dandeessaniif mi'a (meeshaa) waraana Waaqayyoo guutummaan hidhadhaa.12Waldhaansoon keenya foonii fi dhiga waliin otoo hin ta'iin, bulchitoota, angoo qabeeyyii, humnoota addunyaa dukkanaa kanaa fi humnoota hafuura hamaa kan akka samii irra jiran waliinii dha malee. 13Kanaafuu akka yammuu guyyaan hamaan dhufu dhaabachuu dandeessaniif, waan kana hunda gochuun akka jabaattanii meeshaalee lolaa Waaqayyoo hundaa hidhadhaa.14Dhugaan mundhii keessan hidhadhaa, wantee qajeelinaas uffadhaatii jabaadhaatii dhaabadhaa. 15Kophee isa wangeela nagaa irraa dhufuus miila keessanitti keewwadhaatti qophaa'aatii dhaabadhaa. 16Kallatti hunda irrattis gaachana amantii isa xiyya boba'aa hamaan sun darbatu hunda dhaamsuu dandeessan kaasaa.17Baarmexaa sibilaa isa fayyinaa kewwadhaa, goraadee Hafuraas qabadhaa, innis dubbii Waaqayyooti. 18Kadhannaa hundaa fi mata duree kadhannaa waliin yeroo hunda Hafuuraan kadhadhaa. Bara dhumaa kanatti, yeroo hunda cimina hunda waliin damaqaa.19Yammuun ani afaan banee wangeela isa dhoksaa dubbaadhu akkan sodaa malee muldhisuuf naa kadhadhaa. 20Wangeelli kunis isuman ani isaaf jedhee ambaasaadara ta'e sansalataan hidhameedha, kanaafuu anis amman danda'uutti ija jabeenyaanin dubbadha.21Tiikiqoos obollessi jaalatamaan fi amanamaan tajaajilaan Gooftaa waan hunda isinitti hima, kanaafuu, isinis waniin ani hojjachaa jiru ni beektu. 22Akka isin akkamitti akka nuti jiruu beektaniif akka onnee keessan cimsuufis jecha sababa cimaa kanaa jedhee isa isiniif ergeera.23Waaqayyoo Abbaa fi Gooftaa Iyyasuus Kiristoos irraa nagaa fi jaalalli amantii waliin obbolootaaf haa ta'u. 24Ayyaana warra isaan jaalala qulqulluutiin Gooftaa Iyyasuus Kiristoos jaalatan hundaaf haa ta'u.
1 Phaawulosii fi Ximotewos, hojjetoota Yesuus Kiristoos, Yesuus Kiristoos keessatti, qulqulloota hundumaa Filiphisiiyus keesa jiran hundumaaf. Ilaatotaa fi gargaartotaatis. 2Ayyaannii fi nagaan Waaqayyoo abbaa keenyaa fi gooftaa Yesuus Kiristoos biraa isiniif haa ta’u.3 Yeroo si yaadadhu hundumaa Waaqayyoon nan galateeffadha, 4Yeroo hundumaa, kadhannaa koo keessatti waa’ee keessan hundumaa, gammachuudhaan kadhannaa koo gochaa. 5Sababii isin jalqabaa kaafatanii hanga ammaatti wangeela keessatti hidhata koo taataniif. 6ani waa’ee kanaaf baay’een ija ofitti amanamummaa qaba, inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe, hanga guyyaa Yesuus Kiristoos dhufuutti itti fufa.7waa’ee hunduma keessaniif haala kanaan yaaduun koo sirriidha, sababiin isaa garaa koo keessa jirtu. Isin hundumti keessan ayyaanaan hidhamuu fi himatamuu koo keessatti, yeroo wageela jabeessus michoota koo turtan. 8Waaqayyo dhuga baatuu kooti, hunduma keessan jaala Yesuus kiristoosiin isinin yaada.9 Kanaaf, kun kadhannaa kooti, akka jaalalli keessan beekumsaa fi waan hundumaan hubachuutti dachaadhaan guddatuuf, 10Akka isin waan gaarii ta’e mirkaneessitaniif, akka isin hanga guyyaa Yesuusitti gaarii fi warra muda hin qabne akka taatan, 11Firii qajeelummaan isa Yesuus Kiristoos keessaan ulfinaa fi galata Waaqayyoof ta’uun guutamtanii.12Amma egaa beekuun barbaada, obbolootaa, akka waanti ana irratti ta’e bgudachuu wangeelaaf oole. 13Kana irraan kan ka’e, Kiristoosiif jedhee hidhamuun koo, waardiyoota masaraa mootummaa fi namoota hundumaa duratti gara ifaatti dhufe. 14Obboloonni hedduun sababii hidhamuu kootiif gooftaatti ija jabina baay’ee qabu, sodaa malee sagalicha dubbachuufis ija jabina qabu.15Tokko tokko hinaaffaa fi dorgommiidhaaf, Kiristoosiin lallabu, warri kaan immoo fedhuma gaariidhaan 16Booda garuu jaalalaan hojjetu, akka ani falmii wangeelaaf addana jiru waan beekaniif. 17warri duraa garuu fedhii ofittummaa irraan kan ka’e Kiristoosiin lallabu, jaalalaan miti. Isaan yeroon hidhaa keessa jiru ana aarsuu yaadu.18 Maloodharee? Karaa hundumaa qofaa, kaka’umsa sobaa yookaan dhugaan haa ta’u, Kiristoos haa lallabamu; kanatti immoo ani nangammada. Eyyee, ani nan gammada. 19Ani waanan beekuuf, akka kun fayyina kootiif ta’u, kadhaannaa keessanii fi gargaarsa hafuura Yesuus Kiristoos keessaan.20 Inni waanan hawwiidhaan eeguu fi abdoo kooti, akraa kan iyyuu yeella’ee akka an hin argameef, garuu ija jabina hundumaan, amma akkuma yeroo hundumaa, kiristoos qaama koo keessatti ol ni kaafama, jireenyaan yookaan immoo du’aan. 21Anaaf jireenyi Kiristoosi; du’is bu’aa kooti.22 Garuu, yoon foon keessa jiraadhe, inni anaaf hojii bu’a qabeessa. Isa kan filadhu? Hin beeku. 23Lamaan isaa gidduutti jabeessee danqamee waan jiruuf. Hawwiin koo irraa adda ba’ee Kiristoosii wajjin ta’uudha, isa baay’ee caalu sana, 24Amma iyyuu immoo, foon keessa turuun caalaatti isiniif jecha barbaachisaadha.25 Kana hubachuudhaan, akkan isin biratti hafee hunduma keessanii wajjin itti fufu beeka, guddinaa fi amantii keessatti gammachuu keessaniif. gammachuu fi amantii keessaniif. 26Akka isin ana keessatti Kiristoosiin Yesuusiin of jajuuf sababii caalu qabattaniif yeroon deebi’ee gara keessan dhufu. 27Ofii kee akka amala wangeela Kiristosiif ta’utti bichisiisi. Yoon isin arguudhaaf gara keessan dhufes dhiises. Waa’ee keessan dhaga’uu nan danda’a. akka ati hafuura tokkotti jabaattee dhaabattee jirtu. Amantii wangeelaaf yaada sammuu tokkoon walii wajjin.28 Karaa kam iyyuu warra isiniin morman hin sodaatinaa. Kun badiisa isaaniif mallattoodha. Isiniif garuu fayyina, kun Waaqayyoo biraati. 29Kiristoos irraan kan ka’e tola isiniif kenname, isatti akka amantan qofaaf miti, isaaf jettaniis akka dhiphattaniif malee. 30Wal’aansoo ani keessa jiru isa ana keessa jiru argitan, amma ana keessatti dhageessu.
1Kiristoos keessa jajjabinni kam yoo jiraate, yoo jajjabinni jaalalaan diyaatu jiraate, yoo tokkummaan hafuuraa jiraate, yoo araaraa fi dhiifamni yoo jiraate, 2Warra sammuu tokkoo, jaalala tokkoo, hafuuraa tokkoo ta’uu fi kaayyoo tokkoo ta’uudhaa gammachuu koo guutuu anaaf godhaa.3Yaada ofittummaatiin yookaan of duwwaa ta’anii of dhiibuutiin homaa tokko hin hojjetinaa. Qooda isaa gadi of deebisuutiin warra kaan ofii keessa irra caalchisaa yaadaa. 4Tokkoon tokkoon keessan waa’ee fedha ofii keessanii qofaa hin yaadinaa, waa’ee fedha warra naaniis malee.5 Sammuu akkasii qabadhaa, isa Kirisoots Yesuus keessas ture;6Isa, utuu Waaqayyoo ta’ee jiruu, Waaqayyoo wajjin wal qixxee ta’uu isa homaatti iyyuu hin lakkaa’in,7Qood isaa duwwaa of godhe, bifa garbaa fudhatee, bifa namaa fudhatee dhalate. Bifa namaatiinis argame. 8Inni gad of-deebisee hanga du’aatti abboomamaa ta’e. handa du’a fannootti!9 Kanaaf, Waaqayyo immoo guddisee ol ol isa qabe, maqaa isa hundumaa gararraa jiru kenneef.10Maqaa isaatiif jilbi hundumtuu ni jilbeenfata, waaqa irratti, lafaa fi lafa jalatti; 11arrabni hundumtuu akka Yesuus Kiristoos gooftaa ta’e dhugaa ni ba’a, ulifina Waaqayyoo abbaafis.12Kanaaf, michoota ko, akkuma yeroo hundumaa abboomamtan, bakka ani jirutti qofaa utuu hin ta’in, caalaatti bakka ani hin jirretti, fayyina dhuunfaa keessanii soada fi rommaan hojjedhaa. 13Waaqayyootu isin gidduutti hojjechaa kan jiru, akka fedhaa fi gammachuu isaa isa gaariitti.14 Waan hundumaa falmii yookaan guungummii malee hojjedhaa 15Akka warra mudaa hin qabnee fi qulqulloota taataniif, dhaloota jallaa fi mancaa’aa gidduutti ijoollee Waaqayyoo warra hin komatamne ta’aa. Isa ittiin biyya lafaa keessatti ibsitan. 16Dubbuu jiraanyaa qabadhaa, guyyaa Kiristoositti akkan akkasumaan hin fiiginiif yookaan akkasumaan hin dadhabiniif akka of jajutti.17Yoodhuman akka kennaa aarsaatti dhangalaa’aa jiraadhee illee, amantii keessaniif jedhee, hunduma keessanii wajjin nan gammada. 18Haaluma wal fakkaataan, isinis anaa wajjin gammaduutu isin irra jira.19Garuu, dhiyootti akkan Ximotewosiin siif ergu Yesuusitti abdiin qaba; akkasuma yeroon waantota waa’ee kee hubadhus, akkan jajjabaadhuuf. 20Ani nama akka isaatii hin qabu, nama dhugaatti isiniif yaadu. 21Hundumtuu waan fedhii ofii isaatii yaada malee, waa’ee Yesuus Kiristoos miti.22 Garuu gatii isaa isa mirkanaa’aa beektu, sabaiin isaa akka ilmaatti abbaa isaa wajjin, waan inni anaa wajjin wangeela tajaajileef. 23Kanaaf hanga dandaa’ametti haalli ana bira jiru maal akka fakatu ilaaleen isiniif erga. 24Garuu, anumti illee akka dafee dhufu gooftaatti ija jabina qaba.25Garuu, Ephafrodiixosiin deebisee erguun koo barbaachisaadha jedheen yaada. Inni obboleesaa fi hidhata hojii kooti, akkasuma loltuu isa michuu kooti; ergamaa keessanii fi fedha koofis tajaajilaadha. 26Inni baay’ee dhiphateera, hunduma keessanii wajjinis ta’uu yaadeera, sababiin isaa akka inni dhukkubsate dhageesaniittu. 27dhugaadhumatti inni hanga du’aatti dhukkubsatee ture. Waaqayyo garuu itti araarameera; isatti qofaa immoo miti; anattis malee, akkan gadda irratti gadda hin qabaanneef.28Isa erguu koo baay’ee hawwitu, yeroo deenbitanii isa argitan waan gammaddaniif; dhiphinni koos ni salphata. 29Kanaaf, maqaa gooftaan gammachuudhaan isa simadhaa. Namoota akka isaatii kabajaa. 30Inni hojiidhuma Kiristoosiif jedhee hanga du’aatti ga’e. Inni, tajaajila keessan keessaa waan isin biraa anaaf hin ta’in gara xumuraatti akka fiduuf lubbuu isaa baraare.
1Xumura irratti, yaa obboloota ko, Gooftaatti gammadaa. Anaaf wanuma wal fakkaataa kana irra deebi’ee barreessuun anaaf rakkina miti. Inni nagaatti isineega. 2Saroota ilaalaa. Hojjettoota warra hamoota sana ilaalaa. Warra qaama miidhamtoota ilaalaa. 3Nuti warra kittaanamne, warra hafuuraan Waaqayyoon waaqessanii fi warra Kiristoos Yesuusiin of jajan. Warra foonitti ija jabina hin qabne.4Yoo barbaachise, ani lee fooniin ija jabina qaba. Namni fooniin ija jabina qaba jedhe yaadu yoo jiraate. Ani isa nan caala. 5ani guyyaa saddeettaffaattiin kittaaname, sanyii Biniyaam, Ibirticha, seera ilaalchisee immo, ani Fariisicha.6 Hinaaffaaf immoo, waldaa amantootaa ari’chaan ture. Qaajlummaa isa seera jalaaf, ani muda maleessan ture.7Garuu waanti ana gargaara ture, Kiristoosiif jedhee hir’inaattin ilaala.8Dhugaadhuma iyyuu gooftaa koo Kiristoos Yesuusiin beekuun hundumaa irra waan caaluuf, ani waan hundumaa akka waan gatameetti nan lakkaa’a, Kiristoosiin bu’aa godhachuudhaaf kun hundinuu anaaf waan gatame ta’eera, akka kosiittis isa lakkaa’eera. 9isa keessatti argameera, karaa seeraa qajeelummaan qabuun miti, garuu isa karaa amantii Kiristoos keessaan argame, qajeelummaa isa Waaqayyoo biraa karaa amantii argame. 10Egaa ani amma isa baruu, humna du’aa ka’uu isaa fi michummaa dhiphina isaatii baruun fi du’aanis akka isaa ta’uun barbaada. 11Kanaaf hanga tokko warra du’an keessaa ka’uu nan amaleeffadha.12 waantota kana duraan argadhee waana guutadheef miti, garuu Kiristoos Yesuus kan isaa waan na godhatee, anis isa kana bira ga’ee harka koo keessa galfachuuf duukaa kaachuutti nan jira. 13Yaa obbolootaa, ani ofii kootiif illee harka keessa galfadheera jedhee hin yaadu. Garuu, waanti ani godhu tokko, isa booda jiru irraanfadhee, isa dura jirutti hiixachuudha. 14Akeeka sana bira ga’ee gonfoo warra moo’anii argadhudhaaf nan hiixadha, gonfoo warra moo’anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Kiristoos Yesuus itti ni waameedha.15Nuti warri bilchina qabnu hundumatuu, mee akkasitti haa yaadnu, yoo waa’ee waan tokkoo bifa adda ta’een yaadde, Waaqayyos waanta sana sitti ni mul’isa. 16Haa ta’u malee, isa takkaa arganetti haa jiraannu.17ana fakkaadhaa, yoo obbolootaa. Itti dhiyeenyaan warra warra fakkeenya isin nu eessatti qabdaniin adeemaa jiran ilaalaa. 18Baay’een adeemaa jiru, waarri ani yeroo baay’ee isinitti himem, amma immoo imimmaaniin isinitti hima, warra diinota fannoo Kiristoos. 19Dhumni isaanii diigamuudha. Garaan isaanii Waaqayyoo isaanii waan ta’eef, ulfinni isaanii immoo qaanii isaaniiti. Isaan waa’ee waantota lafa irraa yaadu,20 Lamummaan keenya garuu waaqa irra, bakka nuti teenyee fayyina keenya eeggannu, gooftaa Yesuus Kiristoosiin. 21Inni qaama keenya isa gadi deebi’aa gara qaama isaa isa ulfina qabeessaatti ni jijjiira; humni isaa kunis waanuma hundumaa of jalatti ni galcha.
1Kanaaf, yaa obboloota ko warra ani isin yaaduu, gammachuu fi gonfoo ulfinaa koo, bifa kanaa gooftaatti jabaadhaa dhaabadhaa, yaa jaallatamoo obbolootaa.2Ewodiyaa kadhachaan jira, Sinxiikeenis kadhachaa jira, gooftaa keessatti akka warra yaada tokkoo ta’aniif, 3Eyyee, ani isin nan gaafadha, michoota koo warra dhugaa, akka dubartoota warra babal’isuu wangeelaa keessatti anaa wajjin dhamaa’an gargaataniif, Kilimensii fi michoota koo warra hafan kaanii wajjin; warra maqaan isaanii galmee jireenyaa irra jiru.4Yeroo hundumaa gooftaatti hammadaa, ammas nan jedha, gammadaa. 5gaarummaan keessan namoota hundumaa biratti haa beekamu. Gooftaan dhiyoodha. 6Waan kamiif iyyuu hin dhiphatinaa. Qooda isaa, waan hundumaaf, kadhataa fi waammataan galataa wajjin gaaffiin keessan Waaqayyoo duratti haa beekamu. 7Akkasuma nagaan Waaqayyoo, inni hubannaa hundumaa irra caalu, garaa keessanii fi yaada keessan haa eegu.8Dhuma irratti, yaa obbolootaa, waa’ee waanuma dhufaa ta’ee, waa’ee waanuma kabajamaa ta’ee, waa’ee haqa ta’ee, waa’ee waan qulqulluu ta’ee, waa’ee waan jaallatamaa ta’ee, waa’ee waan gabaasa gaarii ta’ee, yoo waanti baay’ee gaarii ta’e jiraate, yoo waanti galateeffamuun irra jiru jiraate, waa’ee waantata kanaa yaadaa. 9waantoni isin barattanii fudhattanis, ana keessattis dhageessasanii argita, isaan kana hojjedhaa, Waaqayyo nagaas isinii wajjin ni ta’a.10Ani guddisee gooftaatti nan gammada, amma dhuma irratti dhimma keessan anaaf haaressitan. Dhugaadhumatti duraan waa’ee koof dhimmitaniittu, gara ana gargaaruudhaaf carraan hin turre. 11Ani kana waanan gargaarsa barbaaduun dubbadha miti. Ani haala kam keessatti iyyuu jiraahuu bareera. 12Hiyyummaa jechuun maal jechuu akka ta’e beeka, irraa haraa qabaachuunis maal akka ta’e beeka. Karaa hundumaa waan hundumaa keessatti dhoksaa kana bareera, quufattis beelattis; akkasuma, irraa hafaa qabaachuu fi dhabuuttis. 13Ani waan hundumaa karaa isaa, isa ana jebeessuu nan hojjedha..14 Haa ta’u malee, isin yeroo dhiphina koo keessatti gaarii anaaf qooddani. 15Isin warri Filiphiiiyus beektu, jalqaba wangeelaatti, yeroon Maqadooniyaatii adeeme, isiniin alatti waldaan kiristsiynaa kennuuttis fudhachuutti ana deggerte hin hin turre. 16Yeroon Tasalooniqee ture, waan ana barbaachisu isa duraa caalaa anaaf ergitaniittu. 17Ani gargaarsa hin fedhu. Qooda isaa, ija isa gatii keessan ol guddisun barbaada.18Ani waan hundumaa guutummaatti fudhadheera. Sirriitti anaaf kennameera, amma Ephafiroodisxoos harkaa waantota isin anaaf ergitan fudhadheera. Isaan foonii urgaa munya’aadha, aarsaa isa fudhatamaa fi Waaqayyoonnis gammachiisu. 19Waaqayyoon koo, fedha keessan, Kiristoos Yesuus keessaan akka ulfina badhaadhumaa isaatti isiniif ni kenna. 20Amma, Waaqayyoo fi abbaa keenyaaf ulfinni baraa hanga baraatti haa ta’u. Ameen.21Yesuus Kirisroos keessatti saba Waaqayyoo warra qulqullaa’ootti nagaa itti nuuf himi. Obboloonni warri anaa wajjin jiranis nagaa isiniif dhiyeessu. 22sabni Waaqayyoo warri qulqulloono as jiran hundumtuu nagaa isin gaafatu. Keessumaa maatiin Qeesaar. 23Ayyanani gooftaa Yesuus Kiristoos hafuura keessanii wajjin haa tau.
1Phaawulos, akka fedha Waaqayyootti ergaamaa Yesuus Kiristoosii fi Ximotewos obboleessa keenya,2Qulqulloota saba Waaqayyoo fi Yesuus Kiristoos keessatti obboloota amanamoo Qolosaayis jiraniif. Ayyaanni isiniif haa ta’u, nagaanis Waaqayyo abbaa keenya biraa.3Waaqayyoon ni galateeffanna, abbaa gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, akkasuma nuti yeroo hundumaa isiniif ni kadhanna.4Nuti amantii isin Yesuus Kiristoositti qabdan dhageenyeerra, akkasuma jaalala isin saba Waaqayyoo warra qulqullootaafis qabdan. 5Sababii abdii isa waaqa irra isiniif ka’ameef, isa sagalicha isa dhugaa keessaan dhageessan, 6isa gara keessan dhufe. Akkasuma wangeelli kun ija godhachaa fi addunyaa hundumaa keessatti guddachaa, akkuma isin keessatti hojjete guyyaa isa itti dhageessanii eegalee, akkasuma dhugaa keessatti ayyaana Waaqayyoo hubattanii kaasee.7 Kun wangeela, akkuma Ephaafiraa irraa barattan, hojjetaa michuu keenya isa jaallatamaa, hojjetaa Kiristoos isa amanamaa qooda keenya. 8Ephaafiraan jaalala isin hafuuraan qabdan nu hubacahiiseera.9Jaalala kana irraan kan ka’e, guyyaa itti kana dhageenyaa kaasee nuti isiniif kadhachuu addaan kutnee hin beeknu. Nuti akka isin beekumsa fidhii isaa hubachuun guutamtaniif ni kadhanna; beekumsa hundumaa fi hubannaa hafuuraan. 10Akka isin adeemsa isa sirrii gooftaan ta’u adeemtaniif; isa karaa hundumaan isa gammachiisu. Hojii hundumaan ija godhachaa, Waaqayyoon beekuutti akka guddattan,11humna hundumaan jabaachaa, akka humna isaa isa ulfina qabeessaatti. Akka danda’uu fi obsa guddaa qabaattanitti 12Abbaaf galata galchaa, isa isin dandeessise F1dhaala saba Waaqayyoo ifaan, keessaa qooda akka qabaattaniif.13 Inni ol aantummaa dukkanaa jalaa ni furee gara mootummaa ilma isaa isa jaallatamatti nu ceesise. 14Isa nuti keessatti furamuu arganne; dhiifama cubbuus.15Inni fakkeenya Waaqayyoo isa hin argamneeti. Angafa uumama hundumaa. 16Waanti hundumtuu isaan uumame, kan waaqa irra jiruu fi lafa irras jiru, waantonni argamnii fi hin argamne. Teessoowwanis yookaan gurguddoonni yookaan mootummaan yookaan warri aboo qaban, waanti hundumtuu isaan, isaafis uumamani. 17Inni uumama hundumaa dura ture. Waanti hundumtuu isa keessaan jabaatee dhaate.18Inni mataa qamaati, mataa waldaa kiristiyaanaatis. Inni jalqaba, warra du’aa keessaa warra du’an keessaa ka’uudhaan inni isa jalqabaati, kanaaf waan hundumaa keessatti bakka jalqabaa qaba. 19Waaqayyo guutmmaan isaa ilma keessa akkaf gammadeera. 20akkasuma ilma isaa keessaan waan hundumaa ofii isaatti araarsuudhaaf, karaa dhiiga fannoo isaa nagaa buusee, waantota lafa irra yookaan waaqa irra jiraniif.21 Isin yeroo tokko, isa irraa fagaattanii diinota isaa turtan, sammuudhaa fi hojii hamaatiin. 22Amma garuu, qaamaa isaa isa argamuun du’ee qulqulloota isin gochuuf isin araarseera, isa duratti himannaa gararraa isin taasise. 23Yoo dhuguma amantiin itti fuftan, ijaaramtanii jabaattan, abdii wangeelaa isa dhageessan jalaa yoo hin adeemtan ta’e, isa uumama hundumaa waaqaa gadi jiranitti lallabame. Kun wangeela isa ani Phaawulos tajaajilaa ta’eefiidha.24Amma isiniif dhiphachuutti nan gammada; Kiristoos waa’ee qaama isaatii, waa’ee waldaa kiristiyaanaaf dhiphina inni fudhateen kan hir’ate ani amma foon kootiin nan guuta.. 25Ani waldaa kiristiyaanaaf kanaaf tajaajilaadha; akka eegummaa isa isiniif Waaqayyoo biraa anatti kennameetti, sagalee Waaqayyoo fiixaan baasuuf. 26Dhoksaan kun isa barootaaf dhaloota jalaa dhokatee tureedha, garuu saba Waaqayyoo warra qulqullootaatti mul’ateera. 27Waaqayyo badhaadhummaa dhoksaa ulfina isaa warra ormootaa gidduutti isaaniitti mil’isuu barbaade, Kiristoos isa isin keessa jiru, abdii ulfinaa.28Nuti isa ni lallabna, namoota hundumaa akeekkachiifnee ogummaa hundumaanis ni barsiifna; akka namni hundutmuu Kiristoos keessatti ga’aa ta’ee dhiyaatuu. 29Kanaaf immoo ani nan dhama’a, na jooras akka humna isaa isa humnaan ana keessa jiruutti.
1Isiniif jedhee wal’aansoo jabaa akkamii akkan qabe akka beektan nan barbaada, warra Lodooqoiyaa jiraniif, namoonni baay’een qaamaan fuula koo hin argine. 2Ani akka garaan isaanii jajjabaatuuf, jaalalaan akka walitti hidhamaniif, badhaadhummaa hubannaa isa guutuu ta’e, argatanii dhoksaa Waaqayyoo isa ta’e Kiristoosiin akkabeekaniif nan dhama’a. 3Isa keessa qabeenyaan, ogummaa fi beekumsi dhokatee jira.4 Kana akka namni kan iyyuu dubbii miidhegsee ittiin isin hin gowwomsineef jedheen dubbadha. 5Yoodhuman fooniin isinii wajjin hin jiru ta’e illee, hafuuraan isinii wajjin jira. Amala keessan isa gaarii fi jabina amantii isin Kiristoositti qabdan arguutti nan gammada,6 Akkuma gooftaa Yesuus Kiristoosiin fudhattanitti, akkasuma isattis jiraadhaa. 7Isatti hidda gadi jabeeffadhaa, isa irratti ijaaramaa, akkuma barsiifamtan amantiidhaan ijaaramaa, galatas baay’isaa.8Akka namni kam iyyuu akka barsiisa Kiristoositti utuu hin ta’in, yaada mataa isaa keessaa ba’ee fi gowwomsaa waan tokko of keessa hin qabneen isin hin gowwomsin; akka barsiisa namaatti akka isa hafuurota bantii waaqa keessaa biyya lafaa kana keessatti humna qabnu jedhamanii sdaatamanitti isin hin booji’in. kana hundumaaf of eeggadhaa. 9Isa keessa, guutummaan Waaqayyoo biya qaamaan keessa jiraata.10 Isin isaan guutamtaniittu, isa maraa geggeessaa fi abbaa aboo hundumaa gararaa ta’een. 11Isin kittaanamuu isa namaan hojjetameen qaama namaa muraniin utuu hin ta’in, kitaanamuu isa kan Kiristoosiin kittaanamaniittu. 12Isin cuuphaadhaan isaa wajjin awwaalamtaniittu, isa keessatti amantiidhaan, humna Waaqayyootiin kaataniittu., isa du’aa isa kaaseen.13Yeroo irra daddarbee keessanii fi kitaanamuu dhabuu foon keessaniin duutan, inni ofii isaa wajjin jiraatoo isin godhee fi irra daddarbaa keenya hundumaas nuus nuuf dhiise. 14Inni barreeffama liqii isa nuun mormaa ture seera isaa wajjin balleessee, fannoo irratti fannisee daandii irraa isa balleesse. 15Inni aboo warra geggeessitootaa fi warra aboo qabanii irraa kaasee fannichaan isaa dhiibee akka isaan naanna’anii argamaman taasise.16Kanaaf, namni kam iyyuu nyaachuu fi dhuguun isinitti hin faradin, yookaan waa’ee ayyaanaa fi ji’a haaraa, yookaan guyyaa torbaffaa. 17Gaaddidduunn waantotaa dhufuuf jedhan jiru. Qaamichi garuu kan Kiristoosi.18 Nanmi gadi deebi’ee eergamootaa waaqa irraa waaqessuu jaallate, mul’ata erge tokko tokkoon himuudhaan sababii ta’u utuu hin qabaatin, yaaduma garaa isaatiin of bokoksee, galata isin hin dhabsiisin. 19Namni akkasii Kiristoos mataa dhagnichaati, isa guutummaan qaamaa ittiin soorame, buusaa fi ribuu isaatiinis walitti hidhame, guddina Waaqayyoo biraa argatuunis ni guddata.20Isin yoo Kiristoosii wajjin qabiyyee hafuurota biyya lafaa kanaa jalaa duutaniittu ta’e, maaliif kan biyya lafaa taatanii jiraattu, 21Hin qabin, hin dhandhamatin, ittis hin bu’inii”? 22Isaa kun hundumtuu itti gargaaramnaan ni balleessu, akka abboommii fi barsiisa namaatti. 23qajeelfamoonni kun mul’achuu ogummaatti, amantii ofii isaaniif hojjetatanii wajjinii fi gaarummaa fi taaajila qaamaa jabaa wajjin. Isaa garuu gammachuu foonii wajjin garii hin qabani.
1Yoo Waaqayyo Yesuusii wajjin isin kaaseera ta’e, waan olii yaadaa, bakka Yesuus mirga Waaqayyoo ta’ee jiru. 2Waa’ee waanta olii jiru yaadaa. Waa’ee waan lafa irraa miti. 3Isin waan duutaniif, jireenyi keessan Kiristoosii wajjin Waaqayyoo keessa dhokateera. 4Yesoo Kiristoos mul’atu, inni jireenya keessan ta’e, isinis isaa wajjin ulfinaan ni mul’attu.5Kanaaf, du’aa, miseensonni warri lafa irraa, ejja, xuraa’ummaa, miira, fedhii hamaa, fi ofittummaa, isa ejja ta’e. 6Innis, waanota kanaaf jedheeti kan dheekkamsi Waaqayyoo ilmaan hin abboomamne irrati dhufaa jiruuf. 7Isinis takkaa waantota kana gidduu adeemtaniittu, yeroo isaan gidduu jiraattan. 8Amma garuu isin waantota kana hundumaa balleessuutu isin irra jira, dheekkamsa, aarii, yaada hemmeenyaa, maqa balleessii fi dubbii afaanii hin tolle.9Soba walitti hin dubbatinaa, namummaa moofaa hojii isaa hundumaa wajjin of irraa baaftaniittu. 10Namummaa haaraas uffattaniittu, isa beekumsaan akka fakkeenya isa isa uumeetti haareffamaa jiruun. 11Girikii yookaan Yihuudiin bakka hin turin, kittaanamuu fi kittaanamuu dhiisuu, garba, warra hin amanne, Iskuutes, garba, nama walabaa, garuu Kiristoos hunduma, akkasuma hunduma keessa jira.12Kanaaf, akka warra Waaqayyoon fo’atamniitti, qulqulluu fi jaallatamniitti, garaa araaraa qabaadhaa, garraamummaa, gaarummaa fi obsa. 13Walii keessaniif obsaa. Simboo waliif ta’aa. Yoo namni tokko isaa kaan irratti komee qabaate, akkuma itti goftaan isiniif dhiisetti isinis waliif dhiisaa. 14Waantota kana hundumaa caalaa, jaalala qabaadhaa, isa hidhaa waan hundumaa ta’e.15Nagan kIristoos garaa keessan keessatti haa moo’u, isin nagaa kanaaf jettaniitu kan isin qaama tokko keessatti waamamtan. Akkasuma galaateeffadhaa. 16sagaleen gooftichaa baay’inaa isin gidduu haa jiraatu. Ogummaadhaan walii keessan barsiisaa fi qajeelchaa, faarfannaa fi weedduu hafuuraa faarfachaa, waaqayyoofis galata galchaa.17Waan kam iyyuu yoo hojjettan, sagalee fi hojiidhaan, hunduma isaa maqaa gooftaa Yesuus Kiristoosiin hojjedhaa. Karaa isaa Waaqayyo abbaaf galata dhiyeessaa.18Haati manoolii, abbootii manoolii keessaniif of kennaa, akkuma gooftaa keessatti sirrii ta’e. 19Obbootiin manaa, haadha manoolii keessan jaalladhaa, isaanitti hin hammaatinaa. 20Ijoollonni, waan hundumaa maatii keessaniif abboomamaa, kun gooftaa ni gammachiisa. 21Abbootiin, ijoollee keessan hin dheekkamsiisinaa, akka humni isaan hin buunetti,22 Warri garboonni, akka fooniitti karaa hundumaa gooftota keessaniif abboomamaa, tajaajila ijaan miti, akka namoota gammadaniitti, garuu garaa jaalalaan. Gooftaa sodaadhaa. 23Waan hojjettan hundumaa, gooftaaf jettanii garaa keessan irraa hojjedhaa, namaaf jettanii miti. 24Isin gatii dhaalaa akka gooftaa biraa fudhattan beektu, innis gooftaa Yesuus isa isin tajaajiltaniidha. 25Namni waan gaarii hin goone hundumtuu adaba isaa ni fudhata, hojii gaarii hin hojjetaniif, adda qooduun hin jiru.
1 Gooftoliin, garbootaaf waan sirrii fi ga’aa ta’e kennaafii, ofii keessaniis akka waaqa irraa gooftaa qabdan beekaatii.2Jabaattanii kadhachuu keessan itti fufaa; galata galchuutti dammaqaa, 3Waliin taatanii nuuf kadhachuus, akka Waaqayyoo sagalee isaatiif balbala nuuf banuuf, akka dhoksaa Kiristoos dubbannuuf, isa ani isaaf jedhee hidhaa keessa jiruuf, 4akka ifaa isa godhuuf kadhadhaa, akka inni dubbatamuun irra jirutti.5Gara warra bakkee jiraniitti ogummaan adeemaa, yerichas bitaa. 6Yeroo hundumaa dubbiin keessan ayyaanaan haa ta’u. ashaboon kan minyaa’e haa ta’u. akka itti tokko namootaaf deebiftan akka beektaniif.7Haala ani keessa jiru hundumaa, Tiqikoos isinitti ni hima. Inni obboleessa jaallatamaadha. Tajaajilaa amanamaa fi gooftaa keessatti hidhata hojii. 8Anis kanaaf jedhee isa gara keessatti ergeera., akak isin waa’ee keenya hubattaniif, akkasuma akka inni garaa keessan jajjabeessuuf. 9Ani Onesimoosii wajjin isa ergeera. Obboleesa isa amanamaa fi jaallatamaa, isa isin keessaa tokko ta’e. isaan waan achiti ta’e hundumaa isinitti ni himu.10Arisxarko, obboleessi inni naa wajjin hidhame, nagaa isin gaafa, Maarqosisi akkasuma, durbiin Baarnaabaas, (isa isin waa’ee isaa qajeelfama fudhattan, yoo inni gara keessan dhufe, isa simadhaa), 11akkasuma Yesuus inni Yusxosiin waames. Warra kittaanaman kan qofaatu, mootummaa Waaqayyoof hidhata hojii kootiiti. Isaan anaaf jajjbina koo turani.12Ephafiraas nagaa isin gaafata, Innis isin keessaa tokko ta’ee, garbicha Kiristoos Yesuusi. Yeroo hundumaa kadhannaadhaan isin yaadata. Innis guutummaatti tasgabbooftanii fedha Waaqayoo hundumaan, jabbaattanii akka dhaabattan yeroo hundumaa kadhannaadhaa ni dhimma. 13Ani akka inni jabaatee isiniif hojjetu dhugaan ba’a; warra Lodooqiyaa jiraniif, Iyaaraapholis jiraniif. 14Luqaas inni abbaa qorichaa fi Deemaas nagaa isiniif dhaamu.15Obboloota warra Laa’odooqiyaa jiran dubbisaa, akkasuma Lemifuunii fi waldaa amantootaa isa mana ishee keessa jirutti. 16Yeroo xalayaan kun isin gudduutti dubbifamu, akkasuma waldaa amantootaa Laa’odoqiyaa keessatti dubbisaa, akksuma xalayaa isa La’odoqiyaatii dhufee dubbifames ilaalaa. 17Aqiriphaamiinis, “tajaajila isa Yesuus keessaan fudhatte ilaali, isa bakkaan ga’uun sirra jiru”18 xalayaa kana harka ofii kootiinan barreesse, Phaawulos, hidhaamuu koo yaadadhaa. Ayyaanni isinii wajjin haa ta’u.
1Phaawulos, Silaasii fi Ximotewos, gara waldaa amantoota ishee Tasaloniiqee, Waaqayyoo abbaa fi gooftaa Yesuus Kiristoositti jirtuu. Ayyaannii I fi nagaan isiniif haa baay’etu.2Nuti yeroo hundumaa waa’ee keessan hundumaaf Waaqayyoof galata dhiyeessina, kadhannaa keenya keessattis yeroo hundumaa isin yaadanna. 3Waaqayyoo fi abbaa duratti hojii fi amantii keessan ni yaadanna.4 Obboloota Waaqayyootti jaallatamtanii, akka inni isin fo’ate beekna. 5Sababiin isaa, wangeelli keenya sagalee qofaadhaan gara keessan hin dhufne, humnaanis malee. Hafuura qulqulluu fi mirkaneessuu baay’eedhaan. Akkasuma, nuti isiniif jennee isin gidduutti namoota akkamii akka turre beektu.6Isin sagalicha yeroo rakkina keessaan hafuura qulqulluu biraa gammachuudhaan fudhatttan warra nuu fi gooftichas fakkaatan taatana.7Kara irraan kan ka’e, warra amananii Maqeddoniyaa fi Akaayaa keessa jiran hundumaaf fakkeenya taatan.8Sagaleen gooftaa isin biraa waan ba’eef, Maqeddoniyaa fi Akaayaa keessatti qofaa miti; amantiin isin Waaqayyootti qabdan garuu, bakka hundumaa ga’e. kanaaf waa’ee isaa waan jechuun nurra jiru hin jiru. 9isaanumti ofii isaaniitf nuti isin gidduutti fudhatama akkamitti akka arganne waan dubbataniif, akkamittis akka waaqota tolfamoo waaqessuu keessaa gara Waaqayyootti akka deebitan, Waaqayyoon isa jiraataaf hojjechuudhaaf. 10ilma isaa waaqa irraa eeguudhaaf, isa inni du’aa kaase, Yesuusiin isa dheekkamsa dhuuf jedhu jalaa nu baraaru.
1Ofii keessaan akkuma beektan, Obbolootaa, isin bira dhufuun keenya bu’aa malee akka hin taane, 2garuu, akkuma beektan yoodhuma duraan kan dhiphannee fi qaanii malee Filiphisiiyusitti rakkanne illee ta’e, wallaansoo jabaa keessaan dubbii Waaqayyoo isinitti lalalbuudhaaf Waaqayyoo keenyatti ija jabeeyyii turre.3 gorsi keenya dogoggora hin turre, xuraa’ummaa keessaas hin turre, gowwomsaa keessaas hin turre. 4Qooda isaa, akkuma Waaqayyoon qoramnee ilaalamne, wangeelicha akka amannuuf, kanaaf ni dubbanna, namoota gammachiisuuf miti, Waaqayyoon malee. Inni isa garaa keenya qoruudha.5 Nuti tasa dubbii saadoo fudhannee hin dhufne, akkuma beektan, yookaan dubbii sassatummaa, Waaqayyo dhuga baatuu keenya. 6Namoota irraas ulfina hin barbaanne. Isinii fi warra kaan irras.7 Eenyummaa duuka buutota Kiristoos ta’uu keenyaa falmuu dandeenya turre. Qooda isaa, nuti isin gudduutti akka warra ormaa taane, akka haadha ishee ilmaan ofii isheetii jajjabeessituu. 8Karaa kana jaalala isiniif qabna turre. Nuti dubbii Waaqayyoo qofaa utuu hin ta’in jireenya ofii keenyaa illee isiniif qooduudhaaf gammachuu qabna turre. Isins waan baay’ee michoota keenya taataniif.9Akkuma yaadattan, yaa obbolootaa, itti dadhabuu keenya. Tokkoo keessanitti ba’aa akkka hin taanetti halkanii fi guyyaa hojjechaa, dubbii Waaqayyoo isinitti lallabne.10 Isin dhuga baatota, Waaqayyos akkasuma, isin warra amanee biratti amalli keenya akkam qulqulluu, qajeelaa fi muda maleessa ture. 11Akkasuma, akkamitti akka nuti tokkoo tokkoo keessanii wajjin turre. Akkuma abbaan ijoollee isaa wajjin ta’u. 12Si gorsaa, si jajjabeessaa, akka ati akka amala Waaqayyoof ta’u adeemtuuf, isa gara mootummaa ofii isaa fi ulfina isaatti si waamee.13Sababii kanaaf, nuti walitti fufnee Waaqayyoon galateeffanna; yeroo isin sagalee Waaqayyoo isa fudhattan, isa nurraa dhageessan, akka dubbii namaatti hin fudhanne, garuu akkuma inni dhugaa ta’etti malee, sagalee Waaqayyoo, isa isin warra aname keessatti hojiitti jiru.14 Isiniif, yaa obbolootaa, faana waldaa amantoota Waaqayyoo warra Yihudaa keessa jiranii duukaa buutaniittu. Isinis karaadhuma namoota magaalaa keessaanii dhiphinni wal fakkaataan isin irra ga’eera, akkuma Yihodota biraa godhan. 15warra gooftaa Yesuusii fi raajota lamaan isaanii ajjeesanii fi nuun immoo ari’anii baasan. Isaan Waaqayyoon hin gammchiisan. Qooda isaa, isaan diina namoota hundumaati. illed 16Isaan akka nuti akka isaan fayyaniif warra ormaatti hin dubbanneef nu dhowwu. Firiin isaan isaa, isaan yeroo hundumaa, cubbuu isaanii hanga dandaa’an itti fuutu. Dhuma irratti dheekkamsi isaan argata.17 Garuu nuti, obboloonni, yeroo muraasaaf isinittii adda baane, qaamaan malee, garaan mitii. Addumaan nuti hawwineerra. Hawwii guddaadhaan, fuula keessa arguudhaaf. 18Nuti waan gara keessan dhufuu hawwineef, addumaan ani, Phaawulos, ammas, garuu seexanni nu dhorke. 19Abdii keenyaa, yookaan gammachuu keenya, yookaan kabaja keenya gooftaa Yesuus duratti yeroo yeroo inni dhufu maali? Inni si’i mitii? 20Sababii ati kabajaa fi gammachuu keenya taateef.
1Kanaaf, yeroo kana caalaa baachuu dadhabnetti, Ateenaatti qofaa isaa isa dhiisuun gaariidha jennee yaadne. 2Ximotewosiin ergine, Waaqayyoodhaaf, wangeela Kiristoos keessatti obboleessaa fi hidhata hojii keenyaa, akka inni amantii keessanitti isin jajjabeessuuf. 3akka namni tokko illee rakkina kanaan hin raafamnetti. Akkuma isin beektan nuti kanaaf muudamne.4Dhuguma, nuti isinii wajji turre, akka rakkinnii nurra ga’uuf jiru dursinee isinitti himneerra, akkasumas ta’e, akkuma beektan. 5Sababii kanaaf, yeroo kana caalaa obsuu dadhabe, waa’ee amantii keessanii baruufin erge. Tarii inni qoru hanga tokko isin qoreera ta’a. dhama’uun keessanis akkasumaani.6 Ximotewos isin biraa gara keenya dhufe,e oduu gaarii waa’ee amantii fi jaalalaa fide. Akka isin yeroo hundumaa nu yaadattanis nutti hime. Akkuma nutis isin arguu yaadni, isinis akka nu arguudhaaf yaaddan. 7Sababii kanaaf, obbolootaa, nuti isiniif jajjabaanne amantii keessan irraan kan ka’e. dhiphinaa fi gidiraa keessatti.8Ammaaf ni jiraanna; yoo gooftaatti jabaattanii dhaabattan. 9Waa’ee keessaniif kan ittiin Waaqayyoon galateeffannu, gammachuu fuula Waaqayyoo duratti qabnu hundumaa akkamitti ibsninaree? 10Halkanii fi guyyaa cimsinee kadhanna, fuula keessan arguudhaaf, akkasuma waan amantii keessatti isinitti hirata isiniif kennuudhaaf.11Waaqayyo abbaan keenya ofii isaatii fi gooftaan keenya Yesuus, karaa keenya gara keessanitti haa qajeelchu. 12Gooftaan jaalala isin walii keessaniif qabdan guddisee haa baay’isu; gara namoota hundumaattis, akkuma nuti isiniifis goonu. 13Inni garaa keessan haa jabeessu, akka isaan Waaqayyoo keenyaa abbaa duratti qulqullummaatti muda maleessa ta’aniif yeroo dhufaatii gooftaa Yesuusitti namoota isaa qulqullaa’ota hundumaa waliin.
1Dhuma irratti, yaa obbolootaa, kabajaan isin gaafanna, gooftaa Yesuusiinis isin gorsina. Yeroo nurraa qajaalfama nurra fudhattan, akkamitti akka itti Waaqayyoon gammachiisaa adeeman. Akkasuma adeemsa karaa kanaa, caalchiftanii akka dhamaataniif. 2Gooftaa Yesuus keessaan qajeelfama akkamii akka isiniif kennine beektu.3Kun fedha Waaqayyoo waan ta’eef, qajeelummaan keessan, ejja irraa fagaachuun keessan, 4Tokkoon tokkoon keessan qulqullummaa fi kabajaan akkamitti akka mi’a isaa baachuun isin irra jiru akkuma beektan, 5Fedha hawwiin miti (Akkuma warra ormootaa Waaqayyoon hin beeknee) 6Namni kam iyyuu irra daddarbee dhimma isaa keessatti obboleessa isaa hin gowwomsin. Gooftaan waantota akkasii irratti ijaa ni ba’a. akkuma nuti duraan isinitti himnee isin akeekkachiifne.7Waaqayyo xuraa’ummaatti nun waamne, ququllummaatti malee. 8kanaaf, namni kana tuffatu nama tuffata miti; Waaqayyoon malee, isa hafuura qulqulluu isiniif kennu.9 Jaalala obbolummaa ilaalchisee, eenyu iyyuu akka isiniif barreessu isin hin barbaachisu. Waaqayyo akka itti walii keessan jaallattan isin barsiiseera. 10Dhuguma, kana obboloota Maqedooniyaa keessa jiraniif kana godhaa. Nuti garuu isin gorsina, obbolootaa, kana caalaa akka hojjetaniif. 11Akkasuma nuti akka jireenya gabii qabu jiraattan isin gorsina. Waa’ee itti gaafatamummaa keessaniif of-eeggadhaa, akkuma nuti isin abboomne harka keessaniin hojjedhaa, 12Akka warra akkee biratti sirriitti adeemuu dandeessanii fi homaa tokkoo hin barbaannetti.13 Obbolootaa, waa’ee warra rafanii akka isin wallaltan hin barbaannu, akka warra hafanii akka isin gaabbitan, warra abdii hin qabne. 14Yoo akka Yesuus du’ee du’aayis ka’e amanne, Waaqayyos akkasuma warra isaa wajjin rafiitiitti kufan Yesuusiin wajjin ni fida. 15Kanaaf, dubbii gooftaatiin isinitti dubbanna, nuti warri lubbuun jirru, warri dhufaatii gooftaaf hafne, warri nu dura mugan hin dursinu.16Gooftaan ofii isaatiif waaqa irraa waan dhufuuf. Inni sagalee guddaadhaan dhufa, sagalee angafa ergamaan, malakata Waaqayyootiin, akkasuma war Kiristoositti du’an dura ni ka’u. 17Isa booda nuti warri lubbuun jirru, warri hafne, isaanii wajjin duumessa keessatti ni argman goofticha qilleensa keessatti simachuudhaaf. Akkasitti, gooftaa wajjin yeroo hundumaa jiraanna. 18Kanaaf, dubbii kanaan walii keessan jajjabeessaa.
1Amma yericha ilaalchisee, obbolootaa, eenyu iyyuu akka homaa tokko isiniif barreessu isin hin barbaachisu. 2Ofii keessaniif sirriitti akka dhufaatiin gooftaa akka hattuun halkan dhuftu fakkatu waan beekataniif. 3Isaan yeroo “nagaan” jedhan, diigamsi akka tasaa isaan irratti ni dhufa. Innis akka ciniinsuu da’umsa dubartii ulfaa ni ta’a. isaa karaa kam iyyuu jalaa ni ba’ani.4 Isin garuu, obbolootaa, isin garuu sukkana keessa hin jirtan guyyichi akka hattuutti akka isin irra hin baaneef. 5Hundumti keessan ijoollee ifaa fi ifa guyyaati. Nuti ijoollee halkanii fi dukkaa miti. 6kanaaf, akkuma warra nutis hin rafnu. Qooda isaa, haa dammaqnu. 7Warri rafan halkaniin waan akkas godhaniif fi warri dhuganis halkaniin halkaniin akkas godhu.8Garuu, hanga kan guyyaa taanetti, dammaqnee, amantii fi jaalala akka qabduu harmaatti, abdii fayyinaa immoo akka gonfoo mataatti uffachuutu nurra jira. 9Waaqayyo dheekkamsaaf utuu hin ta’in, karaa gooftaa Yesuus fayyina akka fudhannuuf nu kaa’e. 10Kanaaf eenyutu nuuf due, dammaqnes rafnes, isaa wajjin ni jiraanna. 11kanaaf walii keessan jajjabeessaatii, walis kakaasaa. Akkuma gochaa jirtanitti.12Yaa obbolootaa, kabajaan isin gaafanna, akka warra isin gidduutti dadhabaniif fi warra gooftaa keessatti isin geggeessaniif kabajan kennaafii. 13Sababii hojii isaaniitiif, jaalalaan ol isaan qabaa. Isin gidduutti nanaan haa ta’ani. 14Yaa obbolootaa, isin gorsina, warra dhibaa’ota ni akeekkachiifna, warra dadadhaboo ni jajjabeessina, warra dadhaboo ni gargaarra, waan hundumaatti immoo ni obsina.15Akka namni kam iyyuu hamaadhaaf, hamaa hin deebifne ilaalaa. Qooda isaa, waan gaarii tokkoo tokkoo keessanii fi akksuma hundumaaf gaarii ta’e hordofaa. 16Yeroo hundumaa gammadaa. 17Utuu addaan hin kutin kadhadhaa. 18Waan hundumaaf galata galchaa. Kun Kiristoos Yesuus keessaan fedha Waaqayyoo waan ta’eef.1920212219 Hafuura hin dhaamsinaa, Raajota hin tuffatinaa. Waan hundumaa qoraa, isa gaarii ta’e cimaa qabadhaa. Waan gaarii hundumaa irraa fagaadhaa.23 Waaqayyo nagaa, guutummaatti isin haa qulleessu. Guutummaan hafuura keessanii, lubbuun keessanii fi qaamni keessan dhufaatii gooftaa Yesuusiif mudaa maleessa ta’ee haa eegamu. 24Amamanaan isa isin waamuudha. Isa hojjetuudhas.25 Obbolootaa, nuufis kadhadhaa. 26dhungannaa qulqulla’aadhaan obboloota hundumaa nagaa gaafadhaa. 27Maqaa gooftaan akka isin xalayaa kana obboloota hundumaaf dubbiftan isin abbooma. 28Ayyaanni gooftaa keenya Yesuus kiristoos isinii wajjin haa ta’u.
1Phaawulos, Silaawonisii fi Ximotewos; Tasaloniqeetti waldaa amantootaa ishee Waaqayyoo abbaa keenyaa fi gooftaa Yesuus Kiristoositti jirtuuf. 2Ayyaannii fi nagaan Waaqayyo abbaa fi gooftaa Yesuus kiristoos biraa isiniif haa ta’u.3nuti yeroo humdumaa waa’ee keessaniif Waaqayyoo galata dhiyeessina. Obbolootaa, akkuma ta’u, amantiin keessan caalchisee guddachaa jira. Jaalalli isin walii keessaniif qabdanis guddaadha. 4Nuti illee waldaa Waaqayyoo keessatti waa’ee keessaniin of jajna. Ari’ataman humdumaa keessatti waa’ee obsaa fi amantii keessaniif, waa’ee rakkina isa isin keessa darbaa jirtaniifis. 5Kun ragaa isa qajeelaa firdii Waaqayyooti, mootummaa Waaqayyoof kan maltan ta’u akka yaaddan, isa dhiphachaafii jiraniif.6dhuguma, Waaqayyoo qajeelummaadha warra isin dhiphisan innis immoo dhiphisuu., 7Isin warra rakkaniif boqonnaan haa ta’u, hunduma keenyaaf illee. Gooftaa Yesuus yeroo waaqa irraa mul’atu, ergamoota isaa warra jajjaboo wajjin. 8Abidda bobu’u keessatti, Warra Waaqayyoon hin beekne irratti tarkaanfii ijaa ba’uu ni fudhata; akkasuma warra wageela gooftaa Yesuusiif hin abboomamnee irrattis.9Isaa gubannaa bara baraatiin ni dhiphatu bakka gooftichi hin jirretti; humna ulifina isaan alatti. 10Inni yeroo dhumaatti yeroo dhufu kana ni godha; qulqullummaa isaatiin ulfina argachuudhaaf, warra isa amantan biratti jajamuudhaaf. Sababiin isaa dhuga ba’umsi nuti isiniif kennine amanamaadha.11sababii kanaaf, utuu wal irraa hin kutin isiniif ni kadhanna. Waaqayyo akka isin warra waamicha isaaf mala taataniif, humna isaatiin kaayyoo gaatii hundumaa fi hojii amantii hundumaa bakkaan ga’uuf. 12Kana immoo akka maqaan gooftaa Yesuus isin gidduutti ulfina argatuuf kadhanna; isinis isa keessatti, akka ayyaana Waaqayyoo keenyaa fi gooftaa Yesuus kiristoositti.
1Amma waa’ee dhufaatii gooftaa Yesuus Kiristoos fi isaa wajjin ta’uudhaaf isa wajjin ta’uu keenyaa, kabajaan gaafanna yaa obbolootaa. 2Akka isin salphaatti jeeqamtanii hin rakkanneef. Hafuuraanis ta’e ergaadhaan, yookaan xalayaadhaan isa akka waan nu biraa dhufee fakkaatuun. Guyyaan gooftichaa waan dhufeef.3eenyu illee karaa kam iyyuu isin hin gowwomsin. Waan utuu kufaatiin hin dhufin booda hin dhufnee fi namni seera-maleessaas hin mul’atin, ilmai diigumsaa. 4Inni kun isa ofii isaa ol ol qabuudha fi waan Waaqayyoo jedhamee waamamuu yookaan waaqeffatamuun hundumaa mormuudha. Kamuma irraan kan ka’e, inni mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ta’ee akka Waaqayyoos of fakkeessa.5 Ni yaadattuu yeroon isin bira ture akkan waa’ee kanaa isnitti dubbadhee ture? 6Amma egaa waanta isa dhowwu beektu, akka inni yeroo isa sirrii ta’e qofaatti mul’atuuf. 7Dhoksaan alseerummaa hojiitti jira; amma nama isa dhowwu tokko qofaatu jira, hanga inni daandii irraa fuudhamutti.8Isa booda inni seera malee jireetu sun ni mul’ata; isa gooftaa Yesuus afuura baafannaa afaan isaatii ajjeesa, yeroo mul’ina dhufaatii isaatis garakamitti iyyuu isa hin fidu. 9Shufaatiin seer-maleessummaa humnaan hojjechuu, mallattoo fi dinqiiwwan sobaa seexanaa irraan kan ka’e dhufa. 10Akkasuma, waan hamaa hundumaatiin warra balleessaa jiran isa gowwomsu, sababii isaan dhugaa fi fayyina jibbaniif.11Sababii kanaaf, Waaqayyo gowwomsaa human qabu isaanitti ergaa jira; akka isaan soba amananiif. 12Akka hundumti isaanii, warri dhugaa hin amanin ifatamaniif, qooda isaa xuraa’ummaa keessaa gammachuu waan fudhataniif.13Nuti garuu yeroo hundumaa isiniif Waaqayyoon galateeffanna, obboloota warra gooftaan jaal’ate, sababiin isaa Waaqayyo akka firii jalqabaatti isin jaal’ate, akka karaa qulleessuu hafuuraa fi dhugaatti amanuun. 14Kanatti immoo garaa wangeela keenyaa isin waame. Akka isin ulfina gooftaa Yesuus Kiristoos argattaniif. 15Kanaaf, yaa obbolootaa, aadaa isa barsiifamtanitti cimaatii jabeessaas qabadhaa, dubbiin keenyaan yookaan immoo xalayaa keenyaa.16Amma gooftaan Yesuus Kiristoos ofii isaa fi Waaqayyo abbaan keenya, inni nu jaal’atee jireenya bara baraas nuuuf kennee, nu jabeessee ayyaan keessaanis abdii gaarii nuuf kenne, 17Garaa keessan hojii fi sagalee gaarii hundumaan garaa keessan haa jabeessu.
1Amma, Obbolootaa, nuuf kadhadhaa; akka sagaleen Waaqayyoo ariifatuu fi ulifnas argatuuf, akkuma isinii wajjin jiru. 2Akka nuti xuraa’ummaa fi namoota hamoota irraa adda baanuuf. Hundumtuu amantii hin qabani. 3Waaqayyo garuu amanamaadha, inni isin jabeessuu fi isa hamaa ta’e irraa isin eegu.4Nuti waa’ee keessaniif Waaqayyootti ija jabina qabna. Akka isin isa lamaan isaa gootanii fi isa nuti isin abboomnes godhuu itti fuftan. 5Waaqayyo gara isa jaallachuu fi Kiristoosiifis jedhanii obsuutti ti garaa keessnan haa qajeelchu.6Amma egaa isin abboomna yaa obbolootaa, maqaa Yesuus Kiristoosiin, akka isin obboleessa hojii hin qabnee fi akka aadaa jireenyaa nurraa fudhataniitti hin jiraanne of irraa fagessitaniif. 7Nuun fakkeechuun isiniif barbaachisaa akka ta’e akkuma waan beektaniif, nuti yeroo isinii wajjin turre hojii malee hin turre. 8Utuu gatii hin baasin nyaata nama tokko iyyuu nyaannee hin beeknu; garuu halkanii fi guyyaa humnaa fi dadhabbiidhaan eenyutti iyyuu akka ba’aa hin taaneef hojjenneerra. 9Kana immoo waan aboo hin qabneef goone miti; isiniif fakkeenya ta’uuf malee, isinis akka nu fakkaattaniif.10Yeroo isinii wajjin turre, “Namni hin hojjetne, hin nyaatinis” jennee isin abboomneerra 11Akka namootni hin hojii hin hojjenne isin gidduu jiran dhageenyeerra, warri hojiitti hin dhimmine, warri hoji maleeyyiin. 12Amma, nuti warra akkasii maqaa gooftaa Yesuus Kiristoosiin ni gorsina. Akka isaan itti dhamaa’anii hojjetanii buddeen ofii isaanii nyaataniif.13 Isin garuu, yaa obbolootaa, waan gaarii hojjechuutti hin laafinaa. 14Yoo namni dubbii keenya xalayaa kana keessa jiruuf hin abboomamne jiraate, isa dhiisaatii hariiroo isaa wajjiniis dhiisaa., akka qaaniin isatti dhagaa’amutti. 15Garuu akka diinaatti isa hin ilaalinaa; akka obboleessaatti isa akeekkachiisaa.16Amma egaa gooftaan nagaa ofiidhuma isaatii karaa hundumaa yeroo hundumaa nagaa isiniif haa kennu. Gooftaa humduma keessanii wajjin haa ta’u, 17Ani Phaawulos, kana harka kootiin isiniif barreesseera; isa mallatttoo xalayaa ani barreesse hundumaa ta’e. 18Ayyaanni gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hunduma keessanii wajjin haata’u; Ameen.
1Phaawulos, duuka buutuu Kiristoos Yesuus akka abboommii Waaqayyoo keenyaa isa fayyisaa fi Kiristoos Yesuus isa abdii keenyaatti.2Ximotewosiif, ilma amantii isa dhugaaf, ayyaanni, araarrii fi nagaan Waaqayyo abbaa fi kiristoos biraa.3kkuman yeroon gara Maqedooniyaa dhufuuf ture, akka ati hoojjettuuf si ariifachiise, Efesonitti haftee, akka namoonni tokko barsiisa kan biraa hin barsiinfe akka abboomtuuf. 4Akkasuma akka isaan seenaa fi hidda dhalootaatti gatii hin kennineef. Kan karoora Waaqayyoo isa amantiidhaan ta’e caalaa, falmii guddisa.5amma egaa kaayyoon abboommichaa jaalala garaa irraa ka’eedha. Qalbii gaarii irraa fi amantii garaa irraa ta’e irraa. 6Namoota waanota kana irraa dogogganii dubbii waa’ee hinbaafnetti goran jiru. 7Isaan barsiisota seeraa ta’uu barbaadu, garuu waanta dubbachaa jiran yookaan waanta ija jabummaadhaan jabeessaa jiran hin beekani. 8Garuu nama seeraan itti gargaarmuuf seerri dhimma ni baasa.9Nuti kan beekna, akka seerri nama qajeelaadhaaf bakka hin buune. Garuu immoo warra seera malee jiraatanii I jallootaaf malee, warra Waaqayyoon hin beeknee fi cubbamootaaf, warra cubbamootaa fi ciiggaasisoo, warra abbaa fi haadha isaanii ajjeesaniif, warra jjeesaniif. 10 Namoota warra ejjitootaaf, warra naamusa hin qabneef, warra sagaagalummaa raawataniif, warra namoota garbummaadhaaf butaniif, warra sobaniif, warra sobaan dhugaa ba’anii fi akkasuma warra barsiisa dhugaan mormaniif. 11Qajeelfamni kun akak ulfina wangeela Waaqayyoo isa eebbifamaatti isa an itti amaneetti.12Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin nan galateeffadha; inni na jabeesse, amanamaa godhee na simate, akkasuma immoo tajaajilaaf ana muude. 13Ani kan nama arrbsu, ari’atuu fi nama dubbii jaal’atusin ture. Garuu, utuun hin amanin, beekumsa malee waanan hojjedheef araaran fudhadhe. 14Ayyaanni gooftaa amanii fi jaalala Yesuus kiristoosiin ana irra darbaa dhangala’e.15Ergaan kun fudhatamuudhaaf amansiisaa fi ga’aadha; akka Yesuus cubbamoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe. Isa ani isa ani isa geggeessaafii ta’e. 16Garuu sababii kanaaf, araaran argadhe, ana keessatti, isa ajajaa, Yesuus kiristoos obsa hundumaa ni argisiisa, inni kana hundumaa warra isatti amananii jireenya bara baraa fudhataniif akka fakkeenyaatti godhe. 17amma mootuu barootaaf, isa hin dune, hin argamne, Waaqayyo isa qulqulluu, ulfinni baraa hanga bara baraatti haa ta’uuf. Amen.18ani abboommii kana isin duran kaa’a, Ximotewos ilma ko, akka raajii isa duraan waa’ee keetiif dubbatameetti, akka ati lola amantii isa gaarii loltuuf, 19Amantii fi qalbii gaarii qabaattee. Kana dhiisanii, amantii isaanii akka caccabaa doonii godhaniiru. 20Warri akka Himnewosii fi Iskindir, warra akka isaan nama hin arrabsineef ani seexana itti gadi dhiise.
1Kanaaf, hundumaa dura, himannaai, kadhannaa, iyyataa fi galata namoota hundumaaf akka ta’un gaafadha. 2Moototaa fi warra aboo irra jiran hundumaaf, akka nuti jireenya nagaa fi tasgabbii fi Waaqayyoon fakkaachuu fi kabaja hundumaan jiraannuuf. 3Kun Waaqwayyo keenya isa fayyisaa biratti gaarii fi fudhatamaadhas.4Inni akka namoonni hundumtuu fayyanii fi gara dhugaa beekuuttis dhufaniif ni barbaada..5Waaqayyo tokkichatu jira, namaa fi Waaqayyo gidduu immoo kan walitti fidu tokkotu jira, nama isa Kiristoos Yesuus. 6Inni furii godhee hundumaaf ofii isaa kenne, akkuma dhuga ba’umsichaa yeroo isa sirriitti. 7Kaayyoo kanaaf, ani isa labsuu fi ergamaa ta’een muudame; ani dhugaan dubbadha. Ani hin sobu, akkasuma barsiisaa warra ormootaa amantii fi dhugaadhaan.8 Kanaaf, ani akka dhiironni bakka hundumaatti akka aarii fi falmii malee harka isa qulqullaa’aa ol kaasanii nan barbaada. 9Akkasuma, akka dubartoonnis uffata gaarii uffatan, gitaa fi of-qabuudhaanis, rifeensa dhaa’ame yookaan warqee yookaan dhagaa gati jabeessa ykn uffata gatiin isaa cimaa., 10Garuu, waan dubartootaaf malu, warra karaa hojii isa gaarii Waaqayyoon dhugaa ba’an.11 Dubartiin calliftee barachuu fi of kennuu walii galaan barachuutu irra jira. 12Anii akka dubartiin barsiiftuu fi aboon hojjettu hin eyyamu, garuu calliftaa haa jiraattu.13 Sababii Addaam dura argameef, isa booda immoo Hewaan. 14Addaam hin gowwomsamne, garuu dubartittiitu gowwosamee irra daddarbituus taate. 15Haa ta’u melee, garaa ijoollee godhachuu immoo ni fayyiti, isaan amantii fi jaalalaa fi qulqullummaa fi of qabuudhaan yoo itti fufan
1Dubbiin kun amanamaadha, namni tokko yoo geggeessaa ta’uu hawwe, inni hojii gaarii hawwuu isaati. 2Kanaaf, geggeessaan immoo maqaa gaarii qabaachuutu irra jira. Inni abbaa manaa haadha manaa tokkoo ta’uutu irra jira, gaarii, nama of qabu, nama naamusa qabuu fi nama keessummaa simatu. Nama barsiisuu danda’us ta’uutu irra jira. 3Nama araara waynii hin qabne, lola jaallatu hin ta’in; garuu, garraamii fi nama naga qabeessa haa ta’u. Inni nama qarshii jaal’atu hin ta’in.4Namaa gaarii godhee maatii isaa bulchu haa ta’u, akka ijolleen isaa kanaa hundumaan, isaaf abboomamanii fi isa kabajan mirkaneessutu irra jira. 5Namni kun yoo akka itti maatii isaa bulchu hin beeku ta’e, akkamitti karra Waaqayyoof dhimmuu danda’aree?6 Inni nama dhiyeenya amane hin ta’in, akka of tuulummaan of-bokoksee, akka isa hamaatti dheekkamsa jalatti hin kufnetti. 7Akkasuma nama warra bakkee biratti dhuga ba’umsa gaarii qabu, akka wal dhabdee fi kiyyoo sexanaatti hin kufnetti.8 Akkasuma, diyaaqunoonni, haa kabajamni, warra arraba lamaa hin ta’in. isaan wayinii baay’ee hin dhugin yookaan sassatoo hin ta’in. 9isaan dhoksaa amatii qalbii qulqulla’aadhaan eeguutu irra jira. 10Isa dursanii ilaalamuutu irra jira, isa booda namoota waan ittiin jedhan waan hin ta’iniif tajaajiluutu irra jira.11 Akkasuma, warri manaa isaanii kabajamoo malee, warra maqaa balleessan hin ta’in. gitumatti ta’anii immoo waan hundumaan amanamoo haa ta’an. 12Diyaaqunoonni, warra haadha manaa tokkoo haa ta’an; isaan warra ijoollee fi abbaa warraa isaanii seeraan qabatan haa ta’an. 13Warra gaarii godhanii tajaajilan, ofii isaaniitiif dhaabbannaa gaarii fi ija jabina guddaa amantii isa Yesuus kiristoos keessatti ni argatu.14 Yeroon waantota kana isiniif barreessu, gara keessan dhufuuf nan hawwa. 15Garuu yoo ture, akka isin itti mana Waaqayyoo keessatti itti jiraachuun isin irra jiruuf kana isiniif barreess; isa waldaa amantoota Waaqayyoo isa jiraataa ta’e, isa utubaa fi deggeraa dhugaa ta’e.16 Nuti hundumti keenya akka dhoksaan Waaqayyoon beekuu guddaa akka ta’e beekna.“Inni fooniin mul’ate,hafuuraanis mirkanaa’eera. Ergamootaan immoo kenname,Saboota gidduutti labsame,Biyya lafaa keessatti itti amanameera,Ulfinaanis ol fudhatame.”
1 Amma caaffanni qulqulla’aan ifatti, bara dhumaatti namoonni amantii dhiisanii gara hafuuraa gowwosaa fi bariisa hamootaati ni goru jedha. 2Warri sobduun, warri sammuun isaanii jal’ate.3 Akka namoonni wal hin fuuneef ni dhowwu, akka isaan nyaata isa Waaqayyo uumee, warri amananii, dhugaas beekan galataanis hin fudhannee fi irraas of qusataniif ni gaafatu. 4Waaqayyo uumama hundumaaf gaariidha, waanti galateeffatamee fudhatame kan gatamu hin jiru. 5Innis sababii dubbii Waaqayyoo fi kadhaanaadhaan qullaa’eefi.6Isin yoo waanota kana obboloota dura keessan, Yesuus Kiristoosiif tajaajiltoota gaarii taatu. Isin waan dubbii sagalee amantii fi barsiisa gaarii isa hordoftaniin sooramaa jirtaniif. 7Dubbii seenaa isa namootni dulloomoon himan ciigga’aa. Qooda isaa, gara Waaqayyoon fakkachuutti ofii keessan leenjisaa. 8Muuxannoon qaamaa xiqqoo bu’a qabeessa, Waaqayyoon fakkaachuun garuu waan hundumaaf gargaara. Inni waadaa jireena isa ammaa fi jireenya isa mul’achuuf jiruuti.9 Sagaleen kun amanamaadha; guutummaattis fudhatama qaba. 10Nuti kanumaaf joorree rakkannas. Waaqayyoo isa jiraataa waan abdannuuf, isa fayyisaa nama hundumaa ta’e, keessumaa immoo warra amanan.11 namootaaf gorsaatii barumsa kanas barsiisaa. 12Eenyu illee dargaggeessa ta’uu kee hin tuffaatin, ati garuu dubbiidhaan, amalaan, jaalaa fi qulqullummaadhaan amantootaaf fakkeenya ta’i. 13Amman dhufutti, dubbisa dubbisuutti, akeekkachiisuu fi barsiisuutti cimi.14Kennaa isa si keessa jiru hin tuffatin, isa karaa raajii siif kanname, isa harki geggeessitoota sirra kaa’uun siif kenname. 15Isaan kanaaf of eeggadhu. Isaa keessa ta’i, guddachuun kee warra kaaniif ragaa akka ta’utti. 16Ofii keefis warra kaaniifis gatii kenni. Isaan kana itti fufi. Kan gochuu keetiin, ofii kees warra si dhaggeeffatanis ni fayyistaa.
1Nama dulloomaa hin ifatin, qooda isaa, akka abbaatti isa gorsi. Dargaggoota akka obbolootaatii gorsi. 2Dubartoota dulloomoo akka haadhaatti, dubartoota warra dargaggoota immoo akka obboleettotaatti, qulqullummaa hundumaan.3Dubartoota abbaan manaa irraa du’e kabajaa, warra abbaan manaa seeraa irraa du’e. 4Garuu immoo yoo dubartoonni sun ijoollee yookaan ijoollee, ijoollee isaanii qabaatan, isaan jalqaba maatii ofii isaaniitti kabajan haa argisiisuu haa barani. Maatii isaaniif deebii haa kennan, sababiin isaa kun Waaqayyoon hammachiisuudha.5Garuu dubartoon abbaa manaa irraa du’e isheen sirriin, isheen qofaa ishee hafte, isheen abdii ishee Waaqayyoo irratti gattee, yaada garaa ishee gaafachuu fi halkanii fi guyyaas kadhata itti fufte, 6Ishee of gammachiisuudhaaf jiraattu garuu, har’ima iyyuu utuu jirtuu duuteetti.7 Isaan kanaanis akkasuma isaan gorsi, akka isaan muda maleeyyii ta’aniif. 8Garuu yoo namni, fira ofii isaatiif hin kennu ta’e, keessuumaa maatii isaatiif, inni amantii isaa gateera, akkasuma inni warra hin amanin irra gati dhabeessa ni ta’a.9Dubartiin abbaan manaa irraa du’eera kedhamtee galmeeffamuun irra jiru umuriin ishee waggaa ja’atamaa gadi hin ta’in. haadha manaa abbaa manaa tokkoo. 10ishee dhuga ba’umsa hojii gaarii qabaachuutu irra jira; ijoolle kunuunsuu haa ta’u, yookaan keessummota simachuu, yookaan miilla namoota qulqullootaa dhiquu, yookaan warra rakkatoota gargaaruu, yookaan nama hojii gaariif of kenne.11Garuu akkuma dubartoota dargaggoota abbaan manaa irra du’eetti, tarree keessatti hin barreessinaa. Isaan waan faallaa Kiristoos fedha foon isaaniitti kennamaniif. 12Akkasitti, of kennuu isaanii isa jalqabaa waan dhiisaniif dheekkamsi itti dhufa. 13Yeroodhuma tokko, isaan dhibaa’ota ta’uu ni baratu, manaa mana irras ni naanna’u. isaan dhibaa’ota qofaa miti. Dubbii waa’ee hin baasne dubbatu, qaamni isaaniis boqonnaa hin qabu. Dubbii jechuun isaan irra hin jirre dubbatu.14 Kanaa ani akka dubartoonni dargaggeeyyiin abbaan manaa irra du’e heeruman, ijoollee akka godhatan, mana geggeessanii fi akka isaan warra maqaa maqaa ni balleessaniif carraa hin kennine nan barbaada. 15Baay’ee seexana duukaa bu’aniiru. 16Yoo dubartiin amantuun tokko dubartoota abaan abbaan manaa irraa du’e qabaatte, isheen isaan haa gargaartu, waldaa kiristiyaanaatti ba’aa akka hin taanetti; gargaarsa dubartoota abbaa manaa hin qabnee isa sirriis ni ta’a.17Geggeessitoonni warri gaarii godhanii geggeessan immoo, warra hojii lama hojjetaniif gatii haa kannani, keessumaa warra sagalichaa fi barsiisaanis itti dadhaban. 18Caaffatni qulqullaa’aan, “yeroo inni midhaan, siribisiisu qotiyyoo afaan isaa hin hidhin” jedha. Akkasuma, “hojjetaaf miindaan ni ta’aaf” jedha.19 dhuga baatoa lama yookaan sadii yoo jiraatan malee himata maanguddoo irratti dhiyaate hin fudhatin. 20warri hafan akka sodaatanitti, warra cubamoota sirreessi.21 Ani kabajaan sin dheekkama, Waaqayyoo fi gooftaa Yesuus fi ergamoota warra fo’aman duratti, utuu wal hin caalsichin abboommii kana akka eegduuf, loogii malee akka hojjettuuf. 22ariifattee nama tokko irra iyyuu harka hin kaa’in, cubbuu nama kan biraas hin qooddatin. Qulqullummaatti ofii kee eegi.23 Kana booda bishaan hin dhugin. Qooda isaa, garaadhaa fi isa walitti fufee si dhukkubuuf jecha wayinii xiqqoo dhugi. 24Cubbuun namoota tokko tokko ifatti beekamaadha; isaanis murtoodhaaf isaan dura ni adeema. Cubbuun inni kaan garuu booda dhufa. 25Akkasuma, hojiin gariin ifatti beekamaadha; garuu warrumti kaan iyyuu immoo hin dhokatani.
1Warri akka garbaatti waanjoo jala jiran, gooftota ofii isaaniif kabajni hundumtuu ni jedhanii haa yadani. Kana immoo akka maqaan Waaqayyoo fi barsiifni hin arrabsameef gochuutu irra jira. 2Garboonni warri goofttota amane qaban, kabaja isaan dhowwachuun irra hin jiru, sababiin isaa obboloota. Qooda isaa, caalsichanii tajaajiluutu iyyuu irra jira. Warri bu’aa kana fudhatan amantootaa fi jaallatamoo waan ta’aniif. Waantota kana labsii barsiisi.3Yoo namni tokko barsiisa sobaa barsiisee dubbii dhugaa isa isa kan gooftaa keenya Yesuus kiristoosii fi barsiisa waaqummaa isaan yoo morme, 4Inni oftuulaa fi nama homaa hin hubanneedha. Inni jeequmsa keessatti fedhii sirrii hin taanee fi falmii waa’ee sagalee isa hameenya, lola, arrabsoo, shakii hamaa qaba. 5Akkasuma, namoota warra qalbiin isaanii bade gidduutti walitti bu’iinsa addaan hin cinne. Isaan dhugaa gataniiru, Waaqayyoon fakkachuun immoo karaa ittiin qarshii baay’ee argataniidha jedhanii yaadu.6Nama Waaqayyoo ta’uun, bu’aa gammachuu guddaa qaba. 7Gara biyya lafaatti waanta fidne waan hin qabneef, isa keessaa waan fudhannu hin qabnu. 8Qooda isaa, nyaataa fi ufatatti haa gammadnu.9 Amma warri badhadhummaa isa qormaataan guute argachuu barbaadan, gara kiyyootti. Isaan gowwummaa guddaa fi fedhii miidhaa qabu keessatti ni kufu. Gabatee hundumaa isa nama miidhuu fi belleessu keesatti. 10Jaalallii maallaqaa hidda hammeenya waan hundumaa waan taeef. Namoonni warri isa jaallatan, amantii irraa kaatanii, ofii isaaniis gadda guddaadhaan waraananiiru.11 Ati garuu, nama Waaqayyoo, waantota kana irraa fagaadhu. Qajeelummaa, hordofi, Waaqayyoon fakkaachuu, amanamummaa, jaalala, obsa fi gaarummaa hordofi. 12Lola gaarii isa kan amantii loli. Jireenya bara baraa isa itti waamamte qabadhu. Isa namoota dhuga baatota baay’ee duratti dhugaa baate.13Ani abbboommii kana Waaqayyoo dirattin sitti kenna, isa waan hundumaaf jireenya kennu, akkasuma Kiristoos Yesuus duratti, isa Phonxos Phiilaaxos qoramee dhuga ba’umsa gaarii kenne. 14Akka abboommicha balleessaa fi komee malee, hanga gooftaa keenya Yesuus kiristoos deebi’ee dhufutti eegduuf.15 Waaqayyo dhufaatii Kiristoos yeroo isa sirriitti ni mil’isa; Waaqayyo, inni eebbifamaa fi guddaan, mootii inni moo’uu fi gooftaa inni geggeessu. 16isa qofaatu hin du’u, ifa isa sirrii keessas ni jiaraata. Eenyu iyyuu isa arguu yookaan ilaaluu hin danda’u. Isaf ulfinnii fi gooftummaan bara baraa haa ta’u. Amen.17 Warra sooressoota biyya lafaa kanaa gorsi, akka isaan of tuulanii qabeenyaa isaanii isa amansiisaa hin ta’in abdii hin godhanneef. Qooda isaa, Waaqayyoon haa abdatan. Inni akka itti hammannuuf qabeenyaa dhugaa hundumaa nuuf ni kenna. 18Akka isaan waan gaarii hojjetaniif itti himi, akka isaan hojii gaariidhaan badhaadhanii fi kenuufis garraamotaa fi fedha qabeeyyii ta’aniif. 19Haala akkasiin, ofii isaaniif isa dhufuuf jiruuf bu’uura gaarii ka’atu; ittiinis jireenya isa dhugaa argatu.20 Yaa Ximotewos, isa sitti kenname eegi. Haasaa ciiggaasisaa fi homaa hin qabne dhiisi, yaada waliin mormu, waanta sobaa isa beekusma jedhami irraas fagaadhu. isa beekumsa sobaa jedhamee beekamus. 21Namoonni tokko tokko kana labsu; dhugaa irraa waan kaataniif. Ayyaanni sii wajjin haa ta’u.
1 Phaawulos, fedha Waaqayyoo keessaan ergaa Yesuus Kiristoos, akka waadaa jireenya isa Yesuus Kiristoos keessa jiruutti, 2Ximotewoosiif, ilma isa jaallatamaa. Ayyaanni, araarrii fi nagaan Waaqayyo abbaa fi gooftaa keenya Yesuus Kiristoos biraa.3 Waaqayyoon nan galateeffadha, isan akkuma abboota kootii tajaajilu, sammuu qulqulluudhaan, yeroon walitti fufee kadhata koo keessatti halkanii fi guyyaa si yaadadhu. 4Yeroon imimmaan kee yaadadhu, si arguun hawwa, akkan gammachuudhaan guutamutti. 5amantii kee isa sirrii nan yaadadhe; isa jalqaba akkoo kee Lo’isii fi haadha kee Ewuniiqee keessa ture. Akka inni si keessas jitu amaneera.6 Kun egaa akka ati kennaa Waaqayyoo isa si keesa jiru ani harka sirra kaa’uudhaan argatte ammas akka qabsiiftuuf si yaadachiisuufi. 7Waaqayyo hafuura sodaachuu nuuf hin kennine, humnaa fi jaalalaa fi naamusa malee.8Kanaaf, waa’ee gooftaa keetii dhugaa ba’uu hin sodaatin, waa’ee koos Phaawulos, isa isaaf hidhame. Qooda isaa, egaa akka akak humna Waaqayyootti wangeelaaf dhiphachuu keessa qooda qabaadhu. 9Isa nu fayyisee hafuuraan immoo nu waame. Inni kana godheera, akka hojii keenyaatti immoo miti, garuu akka yaadaa fi ayyaana isaatti malee, isa utuu yeroo isaa illee hin eegalin Kiristoos Yesuus keessaan nuuf kenne. 10Amma garuu, fayyisuun Waaqayyoo karaa mul’achuu fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos argameera. Isa du’a balleessee, jireenya fidee fi du’uu dhiisuu gara ifaatti karaa wangeelaa. 11Sababii kanaaf, ani lallabaa, ergamaa fi barsiisaa ta’ee muudameera.12 Kanaf jedhees isaan kanaaf nan dhiphadha; garuu immoo itti hin yeella’u, eenyuun akkan amane waanan beekuuf. Akka inni waanan itti amane kana hanga guyyaa dhumaatti eeguu danda’u amaneera. 13Fakkeenya dubbii isa amanamaa ana irraa dhageessee sana eegi, 14Waan gaarii isa Waaqayyo sitti kenne, hafuura qulqulluu isa si keessa jiraatu keessaan eegi,15Ati kana beekta, akka warri Asiyaa keessa jiraatan hundumtuu ana irraa deebi’an. Garee kana keessan Fiigelosii fi Hermogenesistu jiru. 16Waaqayyo mana Onesiforosiif araara haa kennu, irra deebi’ee waan ana haaressee fi hariiroo anaa wajjin qabutti waan hin qaana’iniif. 17Qooda isaa, inni yeroo Roomaa ture, dhimmee barbaadee ana argate. 18Guyyaa sanatti araara akka argatuuf gooftaan isa haa gargaaru. Efesonitti karaa inni ittiin ana gargaare hundumaa, ati gaari gootee beekta.
1Ati kanaaf, yaa ilma ko, ayyaana isa Yesuus Kiristoos biraa argatetti jabaadhu. 2isa dhuga baatoa hedduu duratti ana irraa dhageesse, namoota anamamoo ta’an warra kan biraa barsiisuu danda’anitti dabarsii kenni.3 Akka loltuu gaatii Yesuus Kiristoositti anaa wajjin dhiphina keessaa hirmaadhu. 4Loltuun kam iyyuu jireenya dhimmoota kanaa keessa utuu jiruu, geggeessaa isaa gammachiisuudhaaf jedhee tajaajila dhimma kan biraa keessa hin seenu. 5Akkasuma, namni gorgommee fiigichaatti jitu tokko, yoo akka qajaalfama fiigicha sanaatti hin fiigu ta’e gonfoo hin fudhatu.6 Akka qotee bulaan jabaan ga’ee ija midhaanii isaa isa jalqabaa fudhatuuf barbaachisaadha. 7Waa’ee waanan jechaa jiruu itti yaadi, Waaqayyos waan hundumaan hubannaa siif kenna.8 Yesuus Kiristoosiin yaadadhu, isa ilma Daawiti ta’e, isa du’aa’is ka’e. Kun akka ergaa wangeela kootiitti, 9Isa ani dhiphachaafii jiru, isa ani akka nama yakka godheetti fuuncaan hudhameefii, garuu immoo sagaleen Waaqayyoo immoo hin hidhamu. 10Kanaaf ani isaan waan hundumaa warra fo’amaniif jedhee nan obsa; isaanis fayyina isa Kiristoos Yesuus keessa jiru akka fudhataniif, ulifna bara baraa wajjin.1211 Kun dubbii amanamaadha:“Nuti yoo isaa wajjin duuneerra ta’e, isaa wajjinis ni jiraanna.12 Nuti yoo obsine, isaa wajjin ni moona.Nuti isa ganne, innis nu gana.13Nuti yoo amanamuu didne, inni garuu ananameedhuma hafa. Inni ofii isaa ganuu waan hin dandeenyeef.14 Isaan kana isaan yaadachiisuu itti fufi. Akka isaan sagalicha irratti wal hin lolleef Waaqayyoo duratti isaan abboomi; inni namoota warra dhagaa’n diiga malee, bu’aa hin qabu. 15Ofii kee akka nama fudhatameetti Waaqayyoof of dhiyeessuuf hanga dandeessu hojjedhu. Akka hojjetaa waan itti qaan’u hin qabne, nama isa sirriitti sagalee dhugaa sana barsiisuu.16Dubbii waa’ee hin baafnee fi duwwaa irraa fagaadhu, isa caalchisee gara Waaqayyoon wallaaluutti nama geessu. 17Haasaan isaanii akka kaanserii tamsa’a. Himnewosii fi Filexos isaan keessaa tokko. 18Warra dhugicha irraa fagaatan, isaan , du’aa ka’uun ammuma iyyuu ta’eera jedhu, kanaanis amantii namootaa ni balleessu.19 Haa ta’u malee, bu’uurri jabaan inni kan Waaqayyoo ni dhaabata. Barreeffama “Waaqayyo warra kan isaa ta’an ni beeka” jedha; akkasuma, “Namni maqaa gooftichaa waammatu hundutmuu, xuraa’ummaattii adda ba’uutu irra jira” jedha. 20sooressaa keessa qodaa warqee fi meetii qofaatu jira miti. Qodaan mukaa fi suphees jira. Keessa muraasni bu’aa kabajamaaf ta’u; warri kaan immoo waan bu’aa hin qabneef. 21Namni tokko yoo waan bu’aa hin qabne irraa of qulleesse, inni qodaa isa bu’a qabeessa. Inni adda ba’eera, gooftaa isaatiif bu’a qabeessa, hojii gaarii hundumaafis qophaa’aadha.22 Fedha dargaggumma irraa baqadhu. Qajeelummaa, amantii, jaalaa fi nagaa warra garaa qullaa’aadhaan gooftaa waammatanii wajjin hordofi. 23Gaaffii isa gowwaa fi waa’ee hin baasne of irraa ittisi. Akka isaan lola dhalan ni beekta.24Tajaajilaa Waaqayyoo loluun irra hin jiraatu. Qooda isaa namoota hundumaaf garraamii ta’uutu irra jira, nama barsiisuu danda’uu fi obsaa. 25Nama hubannaadhaan warra mormitoota isaa qajeelchu. Tarii Waaqayyo akka isaan dhugaa beekaniif yaada qalbii jijjiirrannaa ni kennaaf ta’a. 26Isaan ammas warra garaa qulqulla’aa ta’nii kiyyoo seexanaa keessaas ni ba’u ta’a, erga isaaf fedha isaan booji’amanii booda.
1Garuu kan beeki: bara dhumaatti yeroon ulfaataan ni ta’a. 2Namonni kan of jaallatan ta’u, warra qarshii jaallatan, of tuuloo, of jajoo, warra arrabsan, warra maatii isaanii arrabsan, warra kabajan hin beeknee fi xuraa’oota ta’u. 3Waara jaalala hin qabne, warra araarsuu hin dandeenye, warra maqaa namaa balleessanii fi of hin to’anne, warra lola jaallatan fi waanta gaarii jibban ta’u. 4Isaan warra ganan ni ta’u, warra eeggannaa hin qabne, of tuultota, warra Waaqayyoon caalaa qabeenyaa jaallatan.5 Isaan bifa nama Waaqayyoo beekuu qabu, garuu humna isaa immoo ni ganu. Namoota akkasii irraa fagaadhu. 6Isaan keessaa muraasni dhiirotaa waan ta’aniif, warra gara manaatti seenanii dubartoota gowwoota ta’an wallaalchisaniidha. Dubartoonni kun warra cubbuun irra tuulamee fi warra fedhii addaa addaatiin oofamniidha. 7Dubartoonni kun yeroo hundumaa ni baratu, garuu tasa gara beekumsa dhugaa hubachuutti dhufuu hin danda’aani.8Akkasuma, akkuma Yaaneesii fi Yaambires Museedhaan morman, barsiisonni sobaa kunis dhugaadhaan ni mormu. Isaan warra sammuun isaanii manca’eedha, amantiittis kufaniiru. 9Garuu immoo fagoo hin adeemani, gowwummaan isaanii namoota hundumaa biratti beekamaa waan ta’eef. Akkuma namoota warra sanaa.10Isin garuu, barsiisa, amala, kayyoo, amantii, dhiphina dheeraa, jaalalaa fi obsa koo hordoftaniittu; 11ari’atamuu, dhiphinaa fi waan Anxooqiyaa, Iqooniyuumii fi Lisxiraatti tti ana irra ga’e, Ani ari’atmuu obseera. Isaan hundumaa keessaa, Waaqayyo ana oolche. 12Warri Kiristoos keessaan Waaqayyoon fakkaatanii jiraachuu barabaadan hundumtuu ni ari’atamu. 13Namoonni hamoonnii fi warri fakkeessitoonni ittumaa gara gadheetti adeemu, warra kaanis dogoggorsanii ofiis ni dogoggoru.14Isin garuu, isa barsiifamtanitti qabamaatii amantii jabaas qabaadhaa. Isin eenyuu irraa akka barattan beektu. 15Akka mucummaatii kaasee caaffata qulqull’aa barsiifatme ati beekta. Kun immoo fayyina isa amantiidhaan Kiristoos Yesuus keessa jiruuf ogeessa si taasisa.16Caaffatni qulqullaa’oon hundumtuu akka yaada Waaqayyootti ta’e. Barumsa bu’uura wangeelaaf, balleessaa hubachiisuuf, qajaalchuu fi qaajlummaatti laanjusuuf bu’aa ni buusa. 17Kun immoo akka namni Waaqayyoo dorgomaa fi hojii gaarii hundumaa qophaa ta’uufi.
1 Ani abboommii kabajamaa kana Waaqayyoo fi Kiristoos Yesuus durattin siif dhiyeessa; isa warra jiranii fi warra du’nitti faradu, sababii mul’achuu isaa fi mootummaa isaaf. 2sagalicha lallabi, yeroo mijataa fi mijataa hin taane keessatti qophaa’aa ta’i. Nama balleessaa isaa hubachiisi, ifadhu, gorsi, obsaa fi barsiisa hundumaan.3Yeroo itti namoonni barsiisa sirrii jibban ni dhufa. Isaan akka fedha ofii isaaniitti barsiisota walitti ni qabatu; warra waan gurra isaaniitti tolu dubbatan. 4isaan dhugaa dhaga’uu irraa gurra isaanii ni deebisu, gara qoosaatti ni deebi’u, 5Ati garuu, waan undumaan nama qalbii qabu ta’i. dhiphina keessaa hirmaadhu, hojii wangeelaa hojjedhu, tajaajila keessaa bakkaam ga’i.6 Anis sababiin siin boonuuf. Yeroo adda ba’uu kootii ga’eera. 7ani lola isa gaarii sana loleera, dorgommichas xumureera, amantiis eegeera. 8gonfoon qajaalummaas anaaf qophaa’eera, inni Waaqayyo, inni qajeelaan faradu, guyyaa sana nama anaaf kenna, ana qofaaf immoo miti, warra dhufaatii isaa eeggatan hundumaafis malee.9Ariitiidhaan gara koo dhufuudhaaf waan dandessuu godhi. 10Deemaas ana dhiisee adeemeera. Inni biyya lafaa jaallatee gara Tasaliiniqeetti sokke. Kiresqes Galaatiyaa dhaqe, Tiitos immoo Daalmaatiyaa dhaqe.11Luqaas qofaatu ana biratti hafe. Maarqosiin ofii kee duukaa anaaf fidi, inni tajaajila kana keessatti bana barbaachisa waan ta’eef. 12Xiqikoosiin immoo gara Efesoonitti ergeera. 13Waaroo ani Xiraa’ositti Kaarphos biratti dhiise, yeroo dhuftu fidii kottu. Akkasuma macaafotas sanas, keessumaa caaffata gogaa duugamaa sana.14 Iskindir inni sibiila tumu, waanta hamaa baay’ee ana irratti hojjete. Waaqayyos akka hojii isaatti isaaf ni deebisa. 15ati isa irraa of eeggadhu. Sababiin isaaa inni jabeessee dubbiin keenyaan mormeera. 16Famii koo isa jalqabaa keessatti, namni tokko illee ana waliin hin turre. Qooda isaa, hundumtuu ana dhiise. Kun isaanitti hin lakkaa’amin.17 Garuu imoo Waaqayyotu anaa wajjin ta’ee ann jajjabeesse, ana keessaan, akkal labsiin ergichaa guutummaatti fiixaan ba’uuf, akkasuma akka warri ormaas guutummaan isaanii dhagaa’aniif. Anis immoo afaan leencaa keessaan oole. 18Waaqayyo afaan waan hamaa hundumaa keessaa ana oolcha, mootummaa isaa waaqa irraafis na fayyisa. Isaaf ulfinni baraa hanga bara baraatti haa ta’u. Amen.19Phrisqiilaa, Aqiilaa fi maatii Oneesiforos dubbisi. 20Erasxos Qoronxositti hafe, Xiroofimosiin immoo dhukkubsannaanin Mileexositti dhiise. 21Utuu ganni hin ga’in dhufuu yaali, Yubulus, Liinos, Kilaawudiyaa fi obboloonni hundumtuu nagaa si gaafatu.22Waaqaayo hafuuraan isinii wajjin haa ta’u, ayyaanni isinii wajjin haa ta’u.
1Phaawulos, tajaajilaa Waaqayyoo fi ergamaa Yesuus Kiristoos amantii namoota warra Waaqayyoof fo’amanii fi dhugaa beekuu isa Waaqayyoon fakkachuu wajjin waliif galuu. 2abdii jireenya bara baraa Waaqayyooo, isa hin sobdne, isa baroota dura kakuu galamee wajjin. 3Yeroo isa sirriitti inni dubbii isaa keessaan mul’ise; isa ani akka abboommii Waaqayyoo fayyisaa keenyaatti itti amaneen.4Tiitoosiif, ilma isa karaa amantii walii wajjin qabnuu, Waaqayyo annaa fi fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos biraa ayyaannii fi naagaan siif haa ta’u. 5Dhimma kanaaf jedheen Qarxeesitti si dhiise, akka ati waantota warra amma iyyuu hin xumuramin jiran toora qabsiiftuu fi geggeessitoota magaalota hundumaa keessatti muuddu akkuman si abboomee turetti.6Warri geggeessaan kun nama waan ittiin komatamu hin qabne, nama haadha manaa tokkoo, nama ijoollee amanamoo waan ittiin himataman hin qabnee fi dhibaa’ota yookaan warra hin abboomamne hin qabne. 7Warra to’ataniif akka nama maatii Waaqayyoo geggeessaniitti namoota waan ittiin komatamn hin qabne ta’uu barbaachisaadha. Nama of tuulu kan hin taane, nama dafee hin aarre, nama araada wayinii hin qabne, nama falmii jaallatuu fi karaa sirrii hin taane bu’aa argachuu barbaadu kan hin taane.8Qooda isaa, nama nama simatu, nama waan gaarii jaal’atu, nama ofii isaa bitu, gaarii, qajeelaa fi nama of to’atu ta’uu irra jira. 9ergaa isa amanamaa dhugaa barsiifame jabeessee qabachuutu irra jira. Isaan warra kaan ittiin akka jajjabeessuuf, barsiisa amanamaa fi sirriin wara isaan morman ittiin sirressuuf.10Namoonni murmitoonni, warri akkasumaan dubbatanii fi warri gowwomsitoonni, keessumaa warra kittaanaman irraa. 11Isaaniin cal jechisiisuun barbaachisaadha. Isaan bu’aa nama yellaasisu waan barsisuun isaan irra hin jirre barsiisuudhaan maatii hundumaa gaddisiisaa jiru.12Raajota isaanii keessaa tokko, “Warri Qareexis yeroo hundumaa ni sobu, bineesota hamoota, dhibaa’ota warra garrati” jedhe. 13Dhuga ba’umsi kun dhugaadha. Kanaafis, cismsii isaan sirreessi, akka isaan amantii keessatti amanamoo ta’aniif.14Akka isaan mammaksa warra Yihudotaa yookaan abboomiiwwan namoota warra dhugaa irraa deebi’aniitti gatii hin kennineef.15Warra qullaa’otaaf, waanti hundumatuu qullaa’aadha. Warra xuraa’otaaf garuu, wanti qulqulluun hin jiru. Garuu sammuu fi qalbiin isaanii xuraa’eera. 16ni raagu, hojii isaaniitiin garuu isa ni fanu; isaan jibbisiisoodha, kan hin abboomamnee fi hojii gaarii tokkoof illee kan hin taane.
1Ati garuu, waan qajeelfama isa sirrii sanaa wajjin wal simatu dubbadhu. 2Akka maanguddoonni warri dhiironni, of hin ganne, kabajamoo, hubatoo ta’anii fi amantiittis jabaa fi obsa qabeeyyii ta’aniif barsiisi.3Akkasuma, akka dubartoonni warri maanguddoonni amala isaaniin kabajamoo ta’an, warra maqaa namaa hin ablleesine yookaan wayinii baay’eef garboota kan hin taane, garuu immoo barsiisota waan gaarii akka ta’aniif barsiisi. 4Akkasuma akka dibartoonni warri dargaggoonni abbaa manaa isaanii jaallataniif leenjisi, akkasuma akka isaan ijoollee isaanii jaallataniif. 5akka isaan hubatoota ta’an, qulqulloota, mana eegdota gaarii fi warra abbootii manaa ofii isaaniif abboomaman akka ta’aniif. Sagaleen Waaqayyoos akka waan hamaatti akka hin dubbatamneef.6Akkasuma, akka dhiironni warri dargaggtooni miira gaarii gargaaramaniif jajjabeessi. 7Karaa hundumaa fakkeenya hojii gaarii godhii ofii kee dhiyeessi. Barsiisa kee keessatti, amanamummaa, ulfina mul’isi. 8Akkasuma, ergaa amanamaa isa cephoo hundmaan ol ta’e; akka namni siin mormu waan gadhee waa’ee keenyaas dubbatu dhabee qaana’utti.9Warri garboonni gooftotaa isaaniif, waan hundumaan warra abboomaman haa ta’an, isaan gammachiisuuf malee isaaniin falmuuf miti. 10Akka isaan jalaa hin hanne, garuu qooda isaa amantii gaarii hundumaa akka argisiisan, karaa hundumaan barsiisa waa’ee Waaqayyo keenya isa fayyisaatti gatii akka kennaniif.11Ayyaanni Waaqayyoo fayyina ilmaan namootaaf waan tamsa’eera. 12Inni akka nuti Waaqayyoo malee hin jiraannee fi fedhii biyya lafaa dhiifnuuf nu leenjisa; akkasuma jireenya of qabuu, qajeelummaa fi bara kana keessa jireenya Waaqayyoon beekuu. 13Yeroo abdii keenya isa eebbifamaa argachuudhaaf gara fuula duraa ilaallu, mul’achuun ulifna Waaqayyoo keenya isa guddaa fi fayyisaa Yesuus kiristoos.14Yesuus ofii isaa nuuf kennee seera maaleessummaa hundumaa jalaa nu fure, akkasuma ofii isaa saba addaa godhachuudhaaf warra waan gaarii hojjechuudhaaf hawwii qaban .15Waa’ee isaan kanaa dubbadhu, akka namoonni hojjetaniif jajjabeessi, aboo hundumaan qajeelfama kenni. Namni kam illee sin tuffatin.
1Akka isaan reerichaa fi warra aboo qabaniif of kennaniif isaa yaadachiisi, akka isaan isaaniif abboomaman, akka isaan hojii gaarii hundumaafis qophaaa’niif. 2akka isaan nama tokko iyyuu hin arrbsine, akka lolaaf hin kakaane, garraamota akka ta’an, namoota hundumaatti gaarummaa akka argisiisan.3Nutis yeroo tokko wallaalotaa fi kan hin abboomamne waan turreef. Dogoggorree, fedhaa fi ganmachuu addaa addaatiif garboota turre, hammeenyaa fi jibbaatti jiraanneerra. Nuti warra jibbisiisoo fi wal jibbanis turre.4Garuu yeroo gaarummaan Waaqayyoo fayyisaa keenyaa fi jaalalli inni ilmaan namoof qabu mul’te, 5Hojii qajaalummaa keenyaan hojjenne miti; garuu araara isaatiin nu fayyise. Dhiqannaa dhalachuu haaraa keessaa fi hafuuraan haara’uu Hafuura Qulqulluutiin.6Waaqayyo guddisee karaa fayyisaa keenya Yesuus Kirisoos nurratti dhangalaase. 7Kanaaf, ayyaana isaatiin qulloofnee, abdii dhaaltota jireenya bara baraa qabna.8Ergaan kun amanamaadha. Waantota kana cimsee si gaafachuun barbaada, akka warri Waaqayyootti amanan eeggannaadhaan, hojii gaarii keessatti ofii isaanii hirmaachisaniif. Waantonni namoota hundumaaf gaariidha, bua qabeessas.9Garuu, falmii akkasumaanii, hidda dhalootaa fi lolaa fi walitti bu’iinsa waa’ee seeraa dhiisi. Waantonni sun bu’aa hin qabani, gatiis hin qabani. 10Nama isin gidduutti addaa addummaa uumu, ergaa yeroo tokko yookaan lama akeekkachiiftee booda tuffadhu. 11Akka namni sun daandii isa qajeelaa irraa jal’ate, cubbuus gochaa jiruu fi offi isaa ceephaa jiru beeki.12Yeroon Arxemaasiin yookiis Xikiqoosin gara keetti erge, akka isaan saffisaan gara koo Niqophoolisiin dhufan, yeroo ganna dabarsuuf murteesse. 13Zenaasii isa abbaa seeraa fi Apholoosiin erguudhaaf waan gochuu dandeessu godhi. Akka homtuu isaanitti hin hir’annetti.14 Namoonni keenya hojii gaarii isa fdhii hatattaamaaf ta’u keessatti qooda fudhachuu barachuutu irra jira; ija dhabeessii akka hin taanetti.15 Warri anaa wajjin jiran hundumtuu nafaa siif dhaamu. Warra amantii keessatti nu jaallatan nuuf dubbisi. Ayyaanni hunduma keessanii wajjin haa ta’u.
1Phaawulos, Yesuus kiristoosiif hidhamaa fi Ximotewos obboleessa, hiriyaa fi hidhata hojii keenyaa Filemonaaf. 2Aafiyaa obboleettii keenyaa fi Arkiphoos hidhata wal’aansoo keenyaa, akkasuma waldaa amantootaa isa mana kee keessatti walitti qabamuuf.3Ayyaanni siif haa ta’u; nagaanis Waaqayyo abbaa keenyaa fi gooftaa Yesuus Kiristoos biraa.4 Yeroo hundumaa yeroo kadhannaa koo keessatti si yaadadhu Waaqayyoo koo nan galateeffadha. 5Sababiin isaa amantii isa ati gooftaa Yesuusitti qabduu fi jaalala ati namoota qulqulloota hundumaa qabdu nan dhaga’a. 6amantii kee qooduun kee bu’a qabeessa akka ta’uuf nan kadhadha. Ati akka waa’ee waantota gaarii nuti Kiristoos keessatti qabnuuf hubannaa gaarii qabaattuuf. 7Ani sababii jaalala keetiif gammachuu fi jajjabina guddaa argadheera; sababiin isaa garaan namoota qulqulloota Waaqayyoo siin haara’eera, obboleessaa.8Kanaaf, yoodhuma ani Kiristoos keessatti waan ati hojjechuun sirra irra si abboomuuf ija jabina qabaadhe illee, 9Amma iyyuu jaalala irraan kan ka’e, qooda isaa sin gaafadha, ani Phaawulos, jaarsichi, amma immoo Yesuus Kiristoosiif jedhee hidhamee kanan jiru.10 waa;ee ilma koo Onesimoos sin gaadadha, isa ani hidhaa keessatti abbaa isaa ta’eef, 11Inni duraa siif dhimma kan hin baasne ture, amma garuu siifis anaafis bu’a qabeessa. 12Ani deebisee gara keetti isa ergeera, inni garaa koo keessa jira. 13Inni, utuu ana biratti hafee bakka kee ana tajaajilee nan jaal’adhan ture; yeroon wangeelaaf jedhee hidhamee jirutti.14Garuu, fedha keen alatti homaa tokko gochuu hin barbaanne. Hojiin gaariin kee fedhiidhaan malee, dirqamaan ta’uu isaa hin barbaanne. 15Tarii kanaaf jedhee yeroodhaaf sittii adda ba’eera; atis akka deebifte isa argattuuf. 16Inni kana booda garbicha miti; obboleessa isa jaallatamaadha. Keessumaa inni anaaf jaallatamaadha. Siif immoo ni caala, fooniinis gooftaa keessattis.17Kanaaf yoo akka hidhata hojiitti ana qabaatte, akka kootti isa simadhua. 18Yoo inni sitti balleesseera yookiis waa si jalaa fuudheera ta’e, anatti lakkaa’i. 19Ani Phaawulos, kana harka kootiin siif barreessa. Ofii kootiin siif baasa. Ati akka ati ofiin kee kan koo taate homaa hin dubbadhu. 20Eyyee, obboleessaa, Gooftaa keessatti ati dhimma anaaf baasi. Kiristoos keessatti garaa ana ciibsi21 waa’ee abboomamuu kee itti amanee, kana siif barreessa. Akka ati isan gaafachaa jiru kana caalaa hojjettu beeka. 22Akkasuma, kutaa keessummaa anaaf qopheessi; karaa kadhannaa keetii gara keetti akka deebi’u waanan abdadhuuf.23Ephaafraas, Yesuus kiristoos keessatti miiltoon koo isa hidhamaanis si dubbisa. 24Maarqos, Arsxaarkos, Deemaasii fi Luqaa hojjetootni michootni koos.25Ayyaanni gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura kee wajjin haa ta’u. Ameen.
1Baroota dheeraa dura, Waaqayyo yeroo adda addaatti karaa hedduudhaan raajotaan abboota keenyatti dubbataa ture.. 2Garuu baroota dhumaa kanatti, inni karaa Ilma isaa isa dhaaltuu waan maraa ta’eetiin nutti dubbate. Waaqayyo kan inni ardii kana hojjetes karaa isaatiin ture. 3Inni calqqisa ulfina Waaqayyoo ti, jiraachuu isaatiif bakka bu’aa isa dhugaa. Inni jecha aangoo isaatiitiin wanneen mara walitti isaan qaba. Cubbuu namootaa erga isaan irraa qulleesse booda, inni mirga Mooticha isa ol aanaa dhaqee taa’eera.4Inni akkuma maqaan inni dhaale kan isaanii irra caala ta’e sanatti, inni ergamoota Waaqayyoon ol kan jiru ta’e. 5Waaqayyo ergamaa isaa isa kamiin akkana jedhee beeka,"Ati Ilma koo ti,Ani har’an Abbaa siif ta’e "?Yookaan Waaqayyo ergamaa isaa isa kamiin iyyuu akkana jedhe,"Ani Abbaan isaa ta’a,Akkasumas inni Ilma anaaf ta’a "?6Garuu ammas, Waaqayyo yommuu isa angafa dhalate gara adduunyaa kanatti fidu, akkana jedha, "Ergamoonni Waaqayyoo marti isa waaqessuu qabu."7Waa’ee ergamoota Waaqayyootiif inni akkana jedha,"Inni isa ergamoota isaatiif hafuura kennuu dha,Akkasumas tajaajiltoota isaatiif ibidda boba’u."8Garuu Ilmaan akkana jedha,"Teessoon kee, yaa Waaqayyo, bara baraan jiraata.Uleen qajeelinaas ulee mootummaa keetii ti.9Ati qajeelina jaallattee, seer-dhabiinsa jibbite.Kanaafuu, Waaqni kee, siin warra si faana jiran hundumaa irra dibata gammachuutiin si dibeera.”."10"Jalqaba irratti, yaa Gooftaa, ati hundee lafaa keesse.Samiiwwanis hojii harka keetii ti.11Isaan ni badu, ati garuu dabartee ni jiratta. Isaan akka cittuu wayyaatti ciccitanii badu.12Ati akka harka uffataatti isaan dadachaafta,Isaanis akkuma cittuu uffataatti ni jijjiiramu.Ati garuu isuma sana, baroonni kees dhuma hin qaban."13Garuu Waaqayyo ergamaa isa kamiin iyyuu akkana jedhee beeka, ,"Ati gara harka koo mirgaa taa’I hangan diinota kee ejjennaa miila keetii siif godhutti"?14Ergamoonni marti hafuurota warreen fayyina dhaalan tajaajilan miti moo?
1Kanaafuu nuyi wanneen dhageenye sanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuu qabna, isa irraa akka hin gorretti.2Ergaan inni karaa ergamoota Waaqayyootiin dubbatamee ture amanamaa yoo ta’eef, irra daddarbaanii fi abboomamuu dhabuun inni kam iyyuu kafaltii irra deebii fudhata, 3nuyi egaa yoo fayyina isa gudda sana tuffanne, akkamittiin of oolchina ree? Fayyinni kun isa jalqaba irratti Gooftaadhaan labsamee booda immoo warra isa dhaga’een nuuf mirkanaa’ee dha. 4Yeruma tokkichatti Waaqayyos mallattoodhaan, dinqiiwwanii fi raajiiwwan adda addaatiin, akkasumas kennaawwan Hafuura Qulqulluu akka fedha isaatiitti namootaaf kennuudhaan ni dhugoomse.5Addunyaa isa nuyi akka inni dhufuuf jiru waa’ee isaa dubbannu kana Waaqayyo ergamootatti hin laanneetii. 6Garuu namni tokko bakka tokkotti akkana jechuudhaan mirkaneesseera,"Akka ati waa’ee isaa irratti yaadduuf namni maali?Yookaan ilmi namaa, akka ati isaaf yaadduuf?7Ati nama xiqqoodhuma ergamoota Waaqayyoo irra xiqqeessitee;Ati isa ulfinaa fi kabajaan isa gonfitee. F8Ati waan hundumaa miilla isaa jala galchiteefii."Waaqayyo waan mara kan inni kenne isattiitii. Waan kamiin iyyuu otuu isatti hin kenning hin hanbifne. Garuu nuyi amma wanti marti harka isaa keessa galee hin arginu.9Garuu nuyi isa Yesuus isa yeroo xiqoodhaaf ergamoota xiqqoo gad aanaa ta’ee ture sana argina, akka inni sababa dhiphinaa fi du’a isaatiif ulfinaa fi ulfinaa fi aangoodhaan gonfame sana, innis namoota maraaf ayyaana Waaqayyootiin du’a dhandhamate. 10Kunis kan inni ta’e Waaqayyoof wanti marti isaaf karaa isaa jiraachuun qajeelaa waan t’eefi, ilmaan hedduus gara ulfinaatti fiduun. Isaaf fayyina namootaaf bu’ura isa ta’e Goofticha akka inni dhiphachuu isaatiin kana raawwatu gochuunis qajeelaa ture.11Inni qulqulleessus ta’e warreen qulqulleeffaman lamaanuu burqaa tokkicha qabuutii. Kanaafuu inni obboloota jedhee isaan waamuudhaaf hin yeellane. 12Inni akkana jedha,"Ani maqaa kee obboloota kootti nan labsa,Ani yaa’ii keessaa waa’eekee nan faarfadha."13Ammas immoo,"Ani isa nan amanadha."Ammas immoo,"Ilaalaa, anii fi ijoolleen koo warreen Waaqayyo naaf kenne kunoo ti."14Kanaafuu, ijoolleen immoo foonii fi dhiiga waan hirmaataniif, innis wanneen kanneen haaluma kanaan hirmaateera, isa aangoo du’aa qabu sana akka balleessuu danda’uuf, innis immo seexana. 15Kun kan inni ta’eefis warreen bara isanii guutuu soda du’aa jala jiraataa turan akka isaaniin biliisa baasuufi.16Dhugaatti inni kanneen inni gargaaru ergamoota Waaqayyoo mitiitii, garuu dhaloota Abraahaami malee 17Kanaafuu inni waan maraan akka inni obboloota isaa fakkaatuuf barbaachisaa ta’ee argameera, akka inni waan maratti iyyuu Waaqayyoof isa araara qabuu fi luba ol anaa ta’uu akka inni danda’uufi, cubbuu namootaatiifis akka inni gatii baasuuf. 18 Yesuus ofii isaatiif dhipatee fi qoramee waan tureef, isaan warreen qoraman gargaaruudhaaf dandeetti qaba.
1Kanaafuu, obboloota qulqullootaa, waamicha isa samii irraa ta’etti isin ni hirmaattu. Waa’ww Yesuus isa ergamaadhaa fi luba isa ol aanaa amantii keenyaa ta’ee yaadaa. 2nni Waaqayyo isa isa muudeef amanamaa ture, akkuma Museen mana Waaqayyoo maraaf manamaa turetti 3Yesuus ulfina kan Musee irra caalu argachuutu malaaf, sababiin isaas namichi inni mana ijaaru man asana caalaa ulfina-qabeessa waan ta’eef. 4Manni kam iyuu nama ta’e tokkoon ijaaramaatii, garuu waan mara kan ijaare Waaqayyoo dha.5Museen akka tajaajilaa Waaqayyootti guutummaa mana Waaqayyoo keessatti amanamaa ture, waa’ee wanneen gara fuul-duraatti dubbatamuudhaaf jiranii kan dhugaa ba’us ture. 6Garu Kiristoos akka Ilmaatti amanamaa dha, itti gaafatamaa mana Waaqayyoo tis. Nuyi mana isaa ni taana yoo jajjabina keenyaa fi abdii isa ittiin of jajnu sanatti yoo jabaannee jiraanne.7Kanaafuu, inni kun akkuma Hafuurri Qulqulluun jedhu Sanaa dha:"Har’a, yoo sagalee isaa dhageessan8yaada garaa keessanii hin jabeessinaa akka fincilaatti,Yeroo qoramsa isa lafa onaa keessattii.9Inni kun immoo yommuu abbootiin keessan ana qoruudhaan ana irratti fincilanii dha, hojiiwwan kan koo erga arganii booda,10waggoota afurtamaaf. Kanaafuu ani dhaloota sanatti aareera.Akkanan ittiin jedhe, “Isaan yeroo mara yaada garaa isaaniitiin karaa irraa jal’ataniiru.Isaan karaa kan koo hin beekne.'11Inni kun akkuma ani gadda koo keessatti:'Isaan tasa iyyuu boqonnaa kootti hin galan.'"12Of eeggadhaa, yaa obboloota ko, isin keessaa namni tokko illee akka yaada garaa amantii hin qabne hin qabaannetti, yaada garaa isa Waaqayyo isa jiraataa irra gara galu. 13Garuu walii keessan guyyaa guyyaadhaan wal jajjabeessaa, hanga ini “har’a” jedhamuu waamametti, isin keessaa namni tokko illee gowwomsaa cubbuutiin garaan isaa hin jabaannetti.14Nuyi hidhata Kiristoos taaneerraatii yoo jalqabaa hanga dhumaatti amanannaa keenya isa irratti jabeeffanne. 15Waa’ee isa akanaa akkana jedhameer tureetii,"Har’a, isin yoo sagalee koo dhageessan,Yaada garaa keessanii hin jabeessinaa,akka yeroo fincilaatti."16Inni Waaqayyoon dhaga’ee isa irratti fincile eenyuu dha? Isaan warra karaa Museetiin biyya Gibxiitii ba’an sana mitii? 17Inni waggoota afurtamaaf kan inni itti aaraa ture eenyu? Isaan warra cubbuu hojjetanii reeffi isaanii lafa onaa keessatti kukkufee hafe sana mitii? 18Eenyuudhaan kan inni boqonnaa kootti hin galtan ittiin jedhe, warreen isaaf abboomamuu didan sana yoo hin ta’in? 19Nuyi ni argina akka isaan boqonnaa isaatti hin galin sababa amantii dhabina isaaniitiif.
1Kanaafuu, amma iyyuu kakuun boqonnaa isaatti galuu sun waan dhaabbatee jiruuf, kottaa ni sodaannaa, akka isin keessaa namni tokko illee kakuu sana irraa hin hir’annetti. 2Nuyis akkuma isaanii hoduu gammachiisaan sun nutti himameeraatii. Garuu ergaan sun warreen abboomaman waliin tokko hin ta’iniin hin fayyadne.3F Nuyi warreen amanne akkuma inni jedhe sanatti boqonnaa isaatti ni gallaatii,"Akkuman aarii koo keessatti kakadhetti,Isaan tasa boqonnaa kootti hin galan."Yoo inni kun ta’e iyyuu, hojiin isaa uumama biyya lafaa irraa kaasee raawwatameera. 4Inni waa’ee guyyaa isa torbaffaa bakka ta’etti dubbateeraatii: 5 Ammas irra deebi’ee barreeffamuma kana keessatti akkana jedhe,"Waaqayyos guyyaa isa torbaffaatti hojiiwwan isaa irraa ni boqote.""Isaan tasumaa boqonnaa kootti hin galan."6Kanaafuu, boqonnaa sanatti galuun kan namoota muraasaa ta’ee hafa, warri dursee oduu gammachiisaan sun itti labsame sababii abboomamu dhabuu isaaniitiif itti hin galleetii. 7 Kanaafu Waaqayyo ammas guyyaa tokko beellameera, akkana jedhee isa waamuudhaan "Har’a," yommuu karaa Daawitiin dubbatetti jechoota dursee caqafamaniin:"Har’a yoo sagalee isaa dhageessan,yaada garaa keessanii hin jabeessinaa."8Iyyaasuun otuu boqonnaa isaaniif kennee jiraatee, Waaqayyo wa’ee guyyaa kan biraa hin dubbatu tureetii. 9Kanaafuu Sanbanni kan biroon sabni Waaqayyoo akka itti boqotuuf ol kaa’ameef tokko ni jira. 10 Namni inni boqonnaa Waaqayyootti galu innis ofii isaatii hojiwwan isaa irraa ni boqotaatii, akkuma Waaqayyo hojiiwwan isaa irraa boqotetti. 11Kanaafuu boqonnaa sanatti galuudhaaf haa hawwinu, eenyu illee abboomamuu dhabuu isa akka warri sun qabaatanii turaniitti akka hin galleef.12Dubbiin Waaqayyoo jiraataadhaa fi kan hojii irra jiruu dha haaduu qara lama qabu irra qaramaa aka ta’etti. Inni hanga lubbuudhaa fi hafuura, hiddaa fi ribuu addaan baasuttii fi yaadaa fi karoora yaada garaa namaa hanga hubatutti keessa gadi ni seenaatii. 13Wanti uumame kan Waaqayyo duraa dhokachuu danda’u tokko illee hin jiru, garuu ija isa nuyi amanachuu qabnu fuul-duratti wanti marti qullaadhaa fi banamaa dha.14Kanaafuu, nuyi luba isa ol aanaa isa samiiwwan keesa darbe, Yesuus Kiristoos Ilma Waaqayyoo waan qabnuuf, kottaa amantii keenyatti haa jabaannuu. 15Nuyi luba ol aanaa isa dadhabbii keenyatti garaa nuuf hin laafne hin qabnuutii. Qooda kanaa, isa akkuma keenya cubbuu irraa kan hafe waan maratti qorame qabna. 16Egaa kottaa amantiidhaan gara teessoo ayyaanaa ni deemnaa, kan yeroo barbaachisaa ta’etti nu gargaaru araaraa fi ayyaana akka argannuuf.
1Lubni ol aanaan, inni namoota gidduudhaa fo’amu, wanneen dhimma Waaqayyoo ta’an irratti namoota bakka bu’ee akka dhaabbatuuf muudama, akka aarsaa waa’ee cubbuutiif dhi’aatuu fi kennaa dhi’eessuuf. 2Inni of eeggannaadhaan warreen hubannaa hin qabnee fi warreen gowwomfaman ni gargaara, innis akkuma isaanii dadhabina waan qabuuf. 3Sababa kanaatiif, inni cubbuuwwan ofii isaatiifis aarsaa ni dhi’eessa, akkuma cubbuu warreen kaaniitiif dhi’eessutti.4Namni isa kanaaf kabaja argatu tokko illee hin jiru. Qooda kanaa, akkuma Aaron waamamee ture sanatti Waaqayyoon waamama. 5Haaluma wal fakkaatuun, Kiristoosis ofii isaa luba ol aanaa gochuudhaan kabaja ofiif hin kennu. Qooda kanaa, inni isatti dubbatu akkana jedheera,ani har’a Abbaa kee ta’eera."6Inni kun akkuma isa inni bakka biraatti akkana jedhuu ti,"Ati bara baraan luba dhalubicha Malkataadiqiin hordoftee."7Yeroo inni fooniin turetti, Kiristoos kadhannaa isaa fi gaaffiiwwan isaa sagalee guddaadhaa fi imimmaaniin Waaqayyo isa du’a irraa isa oolchuu danda’utti dhi’eeffataa ture, jireenya qajeelaa waan inni jiraataa tureef kadhannaan isaas dhaga’ameera. 8Inni Ilma yoo ture illee, wanneen dhiphate sana irraa abboomamuu barateera.9Inni qulqulluu ture, warreen isaaf abboomaman maraafis sababa fayyinaa ta’eef. 10Inni akkuma Malkatsaadiq Waaqayyoon luba ol aanaa taasifame.11Nuyi waa’ee Yesuus waan jennu waan hedduu qabna, garuu isin dhaga’utti daagota waan taataniif isiniif ibsuun ulfaataa dha.12Yeroo kanatti isin barsiisota ta’uun otuu isiniif maluu, isin amma illee nama wanneen sasalphaa dubbii Waaqayyo isin barsiisu barbaaddu. Isin aannan barbaaddu, nyaata jabaataa otuu hin ta’in! 13Namni aannan qofa sooratu nama erga waa’ee qajeelinaatti muuxannoo ga’aa hin qabneedhaatii, inni ammuma iyyuu daa’ima xiqqaa dha. 14Garuu nyaanni jajjabaan nama bilchaateefi. Isaan kunneen warreen sababii bilchina isaaniitiif wanneen gaarii wanneen gadhee irraa adda baafachuudhaaf leenjifamanii dha.
1Yoos egaa, kotaa ergaa Kiristoos isa jalqabaa dhiifnee fuul-duratti gara bilchinaatti ni deemnaa. Hojiiwwan du’aa fi amantii Waaqayyotti qabnuuf qalbii jijjiirrannaadhaaf bu’uura kaa’uu ni dhiifnaa, 2yookaan bu’uura barsiisa waa’ee cuuphaa, harka nama irraa kaa’uu, du’aa-ka’uu warreen du’anii fi murtii isa bara baraa. 3Kanas kan nuyi goonu yoo Waaqayyo jedhee dha.4Inni kun hin danda’amuutii warreen takka hubattoota ta’aniif, warreen kennaa isa samii irraa dhandhamataniif, warreen Hafuura Qulqulluu iraa hirmaattota ta’aniif, 5akkasumas warreen dubbii Waaqayyoo isa gaariidhaa fi aangoo bara isa dhufuuf jiruu dhandhamaatanii, 6garuu deebi’anii irraa kufaniif—isaaniin gara qalbii jijjiirrannaatti deebisanii fiduun hin danda’amu. Inni kun kan inni ta’uufis isaan Ilma Waaqayyoo ofii isaaniitiin fannisaniiru, akkasumas uummata fuul-duratti isa yeellasisaniiru.7Lafti inni bokkaa isa irratti roobu dhuguudhaan biqilaawwan warreen lafichi hojjetameef bu’a-qabeessa ta’an ni biqilcha—inni kun lafa isa Waaqayyo biraa eebba fudhatuu dha. 8Garuu inni yoo qoraattiidha fi baalaan waraantee biqilche, inni homaafuu waa’ee hin baasu waan ta’eef abaarsa irraa fagoo hin jiru. Dhumni isaas gubachuu ta’a.9Garuu nuyi waa’ee keessaniif waan gaggaarii dhageenyeerra, jaallatamtootaa, waa’ee wanneen fayyinaa irratti, akkanatti dubbanna yoo ta’e illee. 10Waaqayyo jal’ina hin hojjetuutii. Inni hojii keessanii fi jaalala isa isin maqaa isaatiif argisiiftan hin irraanfatu, sababiin isaa isin saba isaa warra qulqulloota tajajiltaniittuutii, ammas tajaajilaa jirtuu.11Nuyi guddifnee hawwina akka tokkoon tokkoon keessan hanga dhumaatti amanamummaa kanatti akka jiraattan, abdiin keessan akka dhugoomuuf. 12Kun kan inni ta’uufis akka isin dhibaa’ota hin taaneefi, garuu akka isin akkeessitoota warreen amantiidhaa fi obsaan isa abdatame sana dhaalanii akka taataniif.13Waaqayyo Abrahaamiif yommuu kakuu galetti, ofii isaatiin kakate, nama kan biroo isaa ol jiruun kakachuu waan hin dandeenyeef. 14Inni akkana jedhe, "Ani sin eebbisa, dhaloota hedduus siifan kenna." 15Karaa kanaan, Abrahaam erga obsaan eeggataa tureee booda isa abdachiifame sana ni argate.16Namoonni nama isaanii ol jiru tokkoon kakatuutii. Wal falmii isaanii mara booda, kakuudhaan jabeessu. 17Waaqayyo yommuu qulqullina kaayyoo isaatii isa hin jijjiiramne sana ifatti mul’isuudhaaf murteessetti, inni kakuudhaan xumure. 18Inni kan inni kana godheef wanneen hin jijjiiramne lamaan—Waaqayyoof sobuun akka hin danda’amne—nuyi, warreen koolu-galtummaadhaaf badne, jajjabina cimaa ittiin abdii fuula keenya dura jiru kana qabanna.19Nuyi isa kana akka gaachanaatii fi da’oo amanamaa lubbuu keenyaatti qabaanna, abdii isa iddoo isa keessaa golgaa dudduubaatti seenu, 20bakka Yesuus, inni nu dursee deeme, bakka keenya bu’ee itti seenee jiru. Inni luba ol aanaa isa akka Malkatsaadeq ta’eera
1Inni Malkatsaadiq, mootii Saaleem, luba Waaqayyo Isa Ol Aanaa, isa Abrahaamiin deebii qalma moototaa irratti argatee isa eebbisee dha. 2Isaaf ture Abrahaam kan inni waan mara keessa kudhan keessaa tokko keenneef. Jalqaba, hiikaan maqaa isaatii kan inni jedhu, "mootii qajeelinaa"; achi irraa immoo inni "mootii Saaleemi," kunis, "mootii nagaa." 3Inni abbaa hin qabu, haadha hin qabu, akaakilii hin qabu, guyyoota jalqabaatii fi dhuma jireenyaas hin qabu. Akkasumas Ilma Waaqayyoo fakkaachuudhaan, inni bara baraan luba ta’ee hafa.4Ilaalaa namichi Abrahaam wanneen lola irratti argate keessaa kurnaffaa kenneef kun hangam guddaa akka inni ta’e. 5Ijoolleen Leewwi warreen waajjira lubummaa qabatan akka seerichaatti uummata sana irraa kurnoo akka guuraniif abboommii qabu, kana jechuunis, obboloota isaanii irraa otumaa isaanis ijoollota Abrahaam ta’anii jiranii iyyuu. 6Garuu Malkatsaadiq, inni qomoon isaa isaan waliin hin lakkaa’amne, kurnoo Abrahaam irraa fudhate, isa isa dursee kakuu qabu sana ni eebbises.7Namni gadi aanaan tokko isa ol aanaadhaan akka eebbifamu kan ganamu miti. 8Haala kanaan, namoonni warri du’an kurnoo fudhatu, garuu haala is asana keessatti inni ittuma fufee jiraata. 9Akkasumas, halla dubbannaatiin, Leewwii, inni kurnoo fudhate, karaa Abrahaamiin kurnoo baaseera, 10sababiin isaa yommuu Malkatssaadiq Abrahaamiin wal argetti Leewiin qaama akaakilii isaatii keessa ture.11Amma otuu karaa lubummaa Leewwummaatiin muda-dhabeenyi ni argama ta’eetii (sabni karaa sanaan seericha fudhatan waan ta’eef), lubni kan biroon inni Malkatsaadiqiin fakkaatu ka’uun maaliif barbaachisaa ta’e, Aaroniinis maaliif hin fakkaanne? 12Yommuu lubummaan jijjiiramutti, seerichis ni jijjiiramaatii.13Inni asitti waa’een isaa dubbatamu kun qomoo kan biroo irraa ti, qomoo tasumaa keessaa namni bakka aarsaatti tajaajilee hin turre. 14Amma egaa ifatti Gooftaan keenya kan inni dhalate Yihuudaa irraa ti, qomoo Museen waa’ee lubummaatiif tasa maqaa hin dha’in.15Wanti nuyi jennuu caalaa kan inni ifa ta’u immoo yommuu lubni kan biroon fakkaattii Malkatsaadiqiin ka’uu dha. 16Inni kun kan inni luba ta’e ulaagaa qaamaatiin otuu hin ta’in, garuu aangoo bara baraan jiraachuutiini. 17Caaffanni qulqullaa’aan waa’ee isaatiif akkanatti dhugaa ba’aatii:"Ati toora Malkatsaadiqiin luba bara baraa ti."18Abboommiin inni duraa kan inni dhiifameef dadhabaadhaa fi kan dhimma hin baafneef otuu hin ta’in— 19seerichi waan tokko iyyuu muda-dhabeessa gochuu waan hin dandeenyeefi—garuu abdii kan biroonis kennameera, isa nuyi ittiin gara Waaqqayyooti itti dhi’aannu.20Akkasumas inni kunis kakuu malee miti! Warreen kaan kakuu malee luba ta’an, 21garuu inni kakuu isa akkana isaan jedheetiin luba ta’e,"Gooftaan kakateeraa yaada isaas hin jijjiiru:'Ati luba bara bara ti.'"22Isa kanaanis Yesuus kakuu isa wayyuuf wabii kenneera. 23Luboonni warreen duraanii lakkoofsi isaanii hedduu dha, akka isaan waajjira isaanii keessatti itti hin fufneef duuti isaan dhowwa waan tureef. 24Garuu Yesuus itti fufee bara baraan jiraata waan ta’eef, inni lubummaa dhaabbataa qaba.25Kanaafuu inni warreen karaa isaatiin Waaqayyotti dhi’aatan guutummaatti fayyisuudhaaf dandeetti ni qaba, sababiin isaa inni isaaniif falmuudhaaf yeroo hundumaa ni jiraata. 26Akka nuyi luba ol aanaa akkanaa, isa qulqulluu ta’e, gara-laafessa ta’e, mudaa kan hin qabne, cubbamoota irraa kan adda ba’e, samii olittis kabajamee kan jiraatu, qabaachuun kan ta’uudhaatii.27Inni akka luboota ol aanoo warreen kaanii aarsaa guyyaa guyyaa, dura cubbuu kan ofii isaatiitiif, achii immoo kan namoota kan birootiif, dhi’eessuun isa hin barbaachisu. Inni isa kana yeroo tokkoo fi yeroo hundumaatiif raawwateera yommuu aarsaa of godhe sanatti. 28Seerichi namoota warra dadhaboota ta’an luba ol aanoo isaan godha tureetii. Garuu jechi kakuchaa,,, inni seericha boodaan dhufe sun, Ilma isa bara baraan muda-dhabeessa ta’e sana muude.
1Amma qabxiin waan nuyi irratti dubbataa jirru isa kanaa dha: Nuyi luba isa ol aanaa isa gara harka mirgaa teessoo Mootii isa waaqa irraa jiruu taa’ee jiru ni qabna. 2Inni tajaajilaa iddoo qulqullaa’aa ti, mana qulqullummaa isa dhugaa isa Gooftaan, nama otuu hin ta’in, ijaaree.3Lubni ol aanaan inni kam iyyuu kennaadhaa fi aarsaa dhi’eessuudhaaf muudama. Kanaafuu waan dhi’eessan tokko qabaachuu nama gaafata. 4Amma Kiristoos otuu lafa irra jiraateera ta’ee, inni tasumaa luba ta’uu hin danda’u, sababii warri akka seerichaatti kennaa dhi’eessan waan jiraniif. 5Isaan waraabbiidhaa fi gaadidduu wanneen waaqa irraa tajaajilu. Inni akkuma Museen Waaqayyoon akeekkachiifamee dha yommuu mana qulqullummaa ijaaruudhaaf ka’etti: Waaqayyo akkana jedhe, "Wanneen mara akka toora tullucha irratti siif kennameetti akka gootu ilaalladhu."6Garuu amma Kiristoos tajaajila isa hedduu caalaa ta’e fudhate, akkuma inni ta’e gidu-galeessa kakuu isa wayyuu ta’etti, innis immoo abdiiwwan warra wayyu irratti kan hundaa’ee dha. 7Yoo kakuun inni duraa kan dogongora of keessaa hin qabne ta’eef, isa lammataatiif taateen qophaa’u hin jiru tureetii.8Waaqayyos yommuu namoota biratti dogongora argetti, akkana jedhe,"Ilaali, guyyoonni dhufaa jiruu—jedha Gooftaan—Yommuu ani kakuu qopheessuuttimana Israa’elii fi mana Yihuudaatti.9Inni akka kakuu isa ani abboota isaaniiWaliin guyyaa ani harka isaanii qabee biyya Gibxiitii isaan baasuudhaaf godhadhee hin ta’u.Isaan kakuu koo of eeggannoodhaan hin abboomamneetii,anis immoo isaanan tuffadha—jedha Gooftichi.10Inni kun kakuu ani guyyoota sana booda mana Israa’el waliin godhadhuu dha—jedha Gooftichi.Ani seerota koo sammuu keessa nan kaa’a,Akkasumas onnee isaanii irratti isaanan barreessaaf.Ani Waaqayyo isaaniin ta’a,isaanis saba koo ni ta’u.11Isaan walii isaanii lammii isaa hin barsiisan,akkasumas walii isaanii obboleessa isaa, akkana jechuudhaan,'Gooftaa beeki.'Isaan martinuu na beekuutii,Xiqqaa isaanii irraa hanga isa ol aanaatti.12Ani hojii isa hamaadhaaf araara isaaniif nan godhaatii,cuubbuu isaaniis ani deebi’ee kana caala isaanitti hin lakkaa’u."13Kakuu isa kana “haaraa” jechuudhaan moggaasuudhaan, kakuun inni jalqaba akka haqame ni labse, wanti haqamee fi dulloomes dafee dhabamsiifama.
1Amma kakuu innumti duraa iyyuu heerota ittiin waaqeffatanii fi taateewwan lafa irraa itti raawwatan qabu turan. 2Godoon itti waaqeffatan qopheeffamee tureetii. Godicha keessattis kutaan inni jalqabaa bakka baattuun ibsaa, minjaallii fi maxinoon argamuu kaa’aman waan ta’eef bakka qulqullaa’aa jedhamee waamama.3Golgaa isa lammaffaa duubaan godichi kutaa kan biroo kan qabu yommuu ta’u inni kun immoo bakka isa qulllqullaa’aa hundumaa caalu jedhamee wamama. 4Inni kun bakka ixaana itti aarsan qaba. Inn kun taabota kakuu isa warqeedhaan uffifame of keessaa qaba. Kutaa isa kana keessa isaa okkoteen warqee irraa hojjetamee manna kan baatu, uleen Aaron inni latee ture sunii fi taabotawwan kakuu ni argamu. 5Taabota kakuu Sanaa ol, kiruubiin ulfina qabeessi kan teessoo araaraa aguugantu ture, waa’ee isaa amma gadi fageenyaan dubbachuu kan nuyi hin dandeenye.6Wanneen kunneen erga qophaa’aanii booda, luboonni gara kutaa isa gara bakkee godichaa jiru seenuudhaan tajaajila isaanii ni kennu. 7Garuu luba isa ol aanaa qofatu waggaatti sia’a tokko kutaa isa lammaffaa seenuu danda’a ture, innis immoo otuu dhiiga isa cubbuu ofii isaatii fi kan uummanni warri kaan otuu itti hin yaadin raawwateef hin dhangalaasin miti.8Hafuura Ququlluun akka godoon inni jalqabaa amma iyyuu akkuma bakka qulqullaa’aatti geessu ta’ee dhaabbachaa jirutti hin mul’anne argisiiseera. 9Inni kun yeroo amma keessa jirruuf mul’istuu dha. Kennaanii fi aarsaan amma godhamaa jiran lamaanuu yaada warra waaqeffatanii qulqulleessuudhaaf ga’oo hin taane. 10Isaan kan isaan ilaallatan nyaataa fi dhugaatii, akkasumas dhiqannaa ayyaaneffannaa duwwaadhaaf oolan, abboommiin inni lammataa hanga mul’atutti isaan kunneen heerota qaamaaf ta’anii dha.11Kiristos akka luba isa ol aanaa kan wanneen gaggaarii warra dhufanii turanii ta’ee dhufe. Inni godoo isa mudaa hin qabne, harka namaatiin hin hojjetaminiitii fi kan biyya lafaa ishee uumamte kanaa kan hin ta’in isa hundumaa caalu sana keessa darbe. F 12Inni dhiiga re’ootaatii fi kan jibootaatiin otuu hin ta’in, kan inni iddoo isa hundumaa irra qulqulluu kan ta’e sana si’a tokkoo fi si’a hundumaaf seenuudhaan fayyina keenya kan bara baraa dhugoomseera.13Yoo dhiigni re’ootaa fi kan sangootaa akkasumas daaraawwan jibootaa facaasuun warra cubbaman foon isaanii ni qulqulleessa ta’e, 14dhiigni Kiristoos inni karaa Hafuura isa bara baraatiin qulqullinaan ofii isaa Waaqayyoof kenne immoo hangam yaada keenya du’a irraa qulqulleessee hojii Waaqayyo isa jiraataatiif hin qopheessu ree? 15Sababa kanaatiif, inni araarsaa kakuu isa haaraa ti. Inni kun kan inni ta’eefis, duuti dhufuudhaan warreen kakuu isa jalqabaa jala jiran dhiifama erga argachiisee, warreen waamaman abdii dhaala isa bara baraa sana akka fudhataniif.16Bakka dhaamsi dhaalaa jiru maratti, du’i namicha isa dhaamsicha kennee mirkaneeffamuu qabaatii. 17 Dhaamsi dhaalaa du’a isa dhaala dhaameetiin mirkanaatii, sababiin isaa hanga namichi lubbuudhaan jirutti dhaamsichi humna hin qabaatuutii.18Kanaafuu kakuu inni jalqabaas dhiiga malee hin dhaabbanne. 19Yommuu Museen abboommii hundumaa isa kan seerichaa sabatti kennetti, inni dhiiga jibootaa fi kan re’ootaa bishaan, suufii diimaadhaa fi hisoophii waliin fudhatee kitaabichaa fi sabichatti ni facaaseetii. 20Achii akkana jedhe, "Inni kun dhiiga kakucha isa Waaqayyo isiniif abboomee ti."21Haaluma wal fakkaatuun, inni dhiigicha godichaa fi meeshaalee tajaajila achitti ta’u maraaf fayyadan irratti ni facaase. 22Haala seerichaatiin, wanneen marti dhiigaan qulqulleeffamu. Dhiigne otuu hin dhangala’in dhiifamuun cubbuu hin jiraatu.23Kanaafuu, fakkaattuuwwan wanneen samii irra jiranii aarsaa beeyiladaa kanneeniin qulleeffamuutu ta’aaf. Haa ta’u malee, wanneen samii irraa aarsaawwan kanneen irra wayyaniin qulleeffamuu malu. 24Kiristoos mana isa hundumaa irra qulqulluu ta’e kan harka namaatiin hojjetame, mana isa dhugaatiif fakkeenya isa ta’etti hin seenne. Ijaa kanaa, inni samii mataa isaatti seene, amma bakka Waaqayyo jirutti nuyiif argamuudhaaf.25Inni ofii isaa yeroo hedduudhaaf dhi’eessuudhaaf achi hin seenne, akka luboota ol aanoo warren kaanii warra dhiiga wanneen biroo qabatanii waggaadhaa waggaatti achi seenaniitti. 26Haalli akka sana ta’eera otuu ta’eetii, inni erga uumamuu biyya lafaatii kaasee yeroo hedduu dhiphachuutu isa irra ture. Amma garuu inni gara dhuma barootaatti mul’achuudhaan ofii isaa aarsaa godhee cubbuu dhabamsiise.27Akkuma namni tokko al tokko du’uudhaaf muudame, ergasii immoo murtiin inni dhumaa itti dhufutti, 2828 Kiristoosis al tokko aarsaa ta’ee cubbuu baay’otaa dhabamsiise, deebi’ee immoo ni dhufa, cubbuu irratti hojjechuudhaaf otuu hin ta’in, fayyina warren isa eeggataniitiif.
1Seerichi gaadidduu wanneen dhufuudhaaf jiranii ti malee ofuma isaatiin bifa isa dhugaa kan wanneen sanaa mitiitii. Namoonni warri Waaqayyotti dhi’aatan aarsaawwan wal fafakkaatan luboonni wagaadhaa waggaatti dhi’eessaniin muda-dhabeeyyii ta’uu hin danda’an. 2Otuu akkana hin taanee, aarsaawwan sun dhi’aachuun hin dhaabatu turee? Silaa warri waaqeffatan sun si’uma tokko qullaa’anii ergasii yaada cubbuu kan biroo hin qabaatan tureetii. 3Garuu aarsaawwan sanaan waa’ee cubbuutiif yaadachiifni waggaadhaa waggaatti ni godhama. 4Dhiiga jibootaa fi kan re’ootaatiin cubbuu dhabamsiisuun hin danda’amuutii.5Kiristoos yommuu gara biyya lafaa dhufetti, akkana jedhe,"Isin aarsaadhaa fi kennaa otuu hin ta’in ,Qaama keessan anaaf qopheessitu;6aarsaawwan gubamanii fi kan cubbuutiifisin gammachuu hin arganne.7Achii ani akkanan jedhe, ‘Ilaalaa, ani asan jira—akkuma inni barreeffama keessatti jedhame—fedha kee raawwachuudhaaf, yaa Waaqayyo.'"8Dura inni akkana jedhe, "Kan ati barbaadde aarsaa, kennaa, aarsaa yookaan kennaa, yookaan kennaa qofa, yookaan aarsaa gubamu, yookaan aarsaa cubbuu miti. Yookaan ati isaanitti gammachuu hin arganne.” Isaan kunneen aarsaawwan akka seerichaatti godhamanii dha. 9Achii inni akkana jedhe, "Ilaalaa, ani fedha keessan raawwachuudhaafan as jiraa." Inni shaakala isa dura ani balleessa shaakala isa lammataa iddoo buusuudhaaf. 10Fedha sanaan, nuyi karaa karaa aarsaa qama Yesuus Kiristoosiin qulleeffamneerra, si’a tokkoo fi si’a hundumaafis.11Guyyaadhaa gara guyyaatti tokkoon tokkoon lubaa dhaabbatee ni tajaajila, aarsaadhuma wal fakkaatu ammas ammas dhi’eessuudhaan—aarsaawwan warra tasa cubbuu nama irraa dhabamsiisuu hin dandeenye. 12Garuu yommuu Kiristoos aarsaa tokkicha yeroo maraaf cubbuudhaaf dhi’eessetti, inni gara harka mirgaa Waaqayyoo taa’e. 13Inni hanga diinonni isaa ejjennaa miilla isaatii ta’anitti eegaa jira. 14Inni aarsaa tokkichaan warreen qullaa’an bara baraan muda-dhabeeyyii isaan godheeraatii.15Hafuura Qulqulluunis isa kana dhugaa nuuf ba’a. Dura akkas jedha,16"Inni kun kakuu isa ani isaan waliin galuu dhaGuyyoota sana booda, jedha Gooftichi.Ani seerota koo yaada garaa isaanii keessa nan kaa’a,sammuu isaanii irrattis nan barreessaaf."17Achiis akkana jedhee itti dabala, "Ani cubbuu isaaniitii fi seera-dhabiinsa isaaniideebi’ee isaanitti hin yaadadhu."18Amma egaa bakka warreen kanneeniif dhiifamni jirutti, ammaan booda aarsaa kan biroo dhi’eessuun hin barbaachisu.19Kanaafuu, obbolootaa, nuyi bakka isa hundumaa caalaa qulqulluu ta’e sana dhiiga Yesuus Kiristoosiin seenuudhaaf ija-jabina qabna. 20Innis karaa isa haaraadhaa fi isa jiraataa inni karaa golgichaatiin, jechuunis foon isaatiin, nuuf tolchee dha. 21Sababiin isaa nuyi mana Waaqayyoo irratti luba isa ol aanaa qabnaa, 22kottaa yaada garaa dhugaadhaan isatti dhi’aannaa amantii dhuga-qabeessaan, yaada garaa keenyaa fedha hamaa irraa qulleessinee fi qama keenyas bishaan qulqulluudhaan dhiqannee.23Kottaa abdii keenya isa dhugaa baanuuf sanas jabeessinee ni qabannaa, abdicha inni kenne sun amanamaa waan ta’eef. 24Kottaa walii walii keenya jaalalaa fi hojii gariidhaaf wal ni jajjabeessina. 25Kottaa wal arguu keenya hin dhiifnuu, akka warri tokko tokko dhiisan sana. Ijaa kanaa, wal jajjabeessaa, keessumattuu amma yeroo guyyichi dhi’aachaa jiru kanatti caalfitanii.26Erga dhugicha beekne booda yoo nuyi beekaadhuma cubbuu hojjechuu itti fufne, aarsaan cubbuudhaaf godhamu ammaan booda hin jiru. 27Ijaa kanaa, kan jiru murti sodaachisaa ta’e tokkoo dha, ibidda cimaa diinota Waaqayyoo balleessu.28Namni seera Museetiif hin abboomamne kam iyyuu dhiifama tokko malee dhuga-ba’umsa namoota lamaa yookaan sadii’iitiin ni ajjeefama. 29Hammam adabni caalu isa haa argatu ree nama isa Ilma Waaqayyoo miilla ofii jalatti dhiite, dhiiga kakuu sana akka waan qulqulluu hin taaneetti kan isa lakkaa’e—dhiiguma isa ittiin qulleeffame sana—akkasumas Hafuura ayyaanaa isa arrabse?30Isa akkana jedhe san ani beeknaatii, "Ijaa baasuun kan koo ti; ani gatii nan baasa." Ammas irra deebi’ee, "Gooftichi saba isaatti ni murteessa." 31Harka Waaqayyo isa jiraataatti kufuun waan nama sodaachisuu dha!32Garuu guyyoota warra darban yaadadhaa, isa erga beekumsa argattanii booda, dhiphina keessatti lola guddaa akka dandeessan. 33Yeroo tokko tokko uummata gidduutti arrabsoodhaa fi ari’atamaaf saaxilamtaniittu, yeroo kaan immoo warreen haala akkasii keessa jiran waliin dhiphina isaanii hirmaattaniittu. 34Isaan warreen mana hidhaa keessa jiraniif garaa waan laaftaniif, qabeenyi keessan yeroo fudhatamus gammachuudhaan simattaniittuutii. Isin ofii keessaniif qabeenya isa caaluu fi isa hin darbine akka qabdan beektaniittuutii. F35Egaa amantii keessan gad hin dhiisinaa, inni badhaasa guddaa isiniif qabaatii. 36Isin jabaachuu qabdu, yommuu isin fedha Waaqayyoo raawwattan, isa inni abdachiise ni fudhattuutii.37"Yeroo xiqqoo ishee kamitti iyyuu,inni dhufuuf jiru sun ni dhufa malee hin turuutii.38Inni qajeelaan koo amantiidhaan ni jiraata.Yoo inni gara duubaatti deebi’e, lubbuun koo isatti hin gammaddu."39Garuu nuyi warreen gara badiisaatti duuba deebi’an sana keessa hin jirru, garuu nuyi warreen amantii qabaachuudhaan lubbuu isaanii oolfatan keessa jirra.
1Amantiin waan abdatanii fi wanneen hin arginis dhugeeffachuu dha. 2Waan kanaaf abbootiin amantiin isaanii fudhatameeraafiitii. 3Amantiidhaan Waaqayyo akka ardiin kun uumamtu akka inni abboome ni hubannaa, wanti mu’atu kun wanta mul’atu kan biraa irraa akka hin uumamin.4Amantiidhaan ture Abeel kan inni aarsaa kan Qaayin irra wayyu dhi’eesse, isa kanaanis qajeelummaan isaa mirkanaa’eefii Waaqayyo waa’ee aarsaa inni dhi’eesseef waa’ee isaa waan gaarii dubbate, amma iyyuu amantiidhaan Abeel ni dubbata, du’eera yoo ta’e illee.5Amantiidhaan ture Henook kan inni ol fudhatame akka du’a hin arginetti. “Inni hin argamne, Waaqayyo waan ol isa fudhateef." Inni otuu ol hin fudhatamin dura, akka inni Waaqayyoon gammachiise mirkanaa’eeraafiitii. 6Amma amantii malee isa gammachiisuun hin danda’amu. Namni gara Waaqayyoo dhufuu fedhu kam iyyuu akka Waaqayyo jiruu fi akka inni warreen isa barbaaddataniif badhaasa kennu amanuun barbaachisaa dha.7Amantiidhaan ture Nohi, waa’ee waan hin argamin jiranii abboommii samii irraa yommuu argatetti, kan inni sodaa Waaqayyootiin maatii isaa oolfachuudhaaf bidiruu ijaare. Kana gochuudhaanis, inni biyya lafaa abaaree dhaaltuu qajeelummaa isa karaa amantii argamuu ta’e.8Amantiidhaan ture Abrahaam, yommuu waamametti, abboomamee lafa akka inni dhaaluuf abdachiifametti ni deeme. Inni otuma bakka itti adeemu hin beekin ka’ee adeeme. 9Inni amantiidhaan ture kan inni bakka kakuu sana keessa akka galaatti jiraate. Inni Yisaaqii fi Yaaqob warreen isa waliin dhaaltota ta’anii wajjin achi dunkaana keessa jiraate. 10Inni magaalaa guddittii bu’uureeffamte fuul-duratti ilaalaa tureetii, ijaaraan ishee Waaqayyoon kan ta’e.11Amantiidhaan ture, Saaraan mataan ishee illee dhabduu taatee otuu jirtuu, dandeetti ulfaa’uu kan isheen fudhatte. Ishen baay’ee dulloomteetti yoo ta’e illee, isa abdicha kenne amanamaa ta’uu isaa waan amanteef inni kun isheedhaaf ta’eera. 12Kanaafuu, namicha tokkicha kana irraa—innis gara du’aatti kan dhi’aate—dhaloonni akka urjiiwwan samii heddummatanii fi akka cirracha galaanaa lakkaa’uun kan hin danda’amne ni argaman.13Amantiidhaan ture kunneen marti kan isaan otuu kakuu sana bira hin ga’in du’an. Qooda kanaa, isaan fageenyatti ilaalanii nagaa gaafataniiru, isaan akka lafa kana irratti keessummootaa fi orma akka ta’an hubataniiru. 14Warreen waan akkasii dubbatan akka isaan biyya kan ofii barbaaddatan ifaadhaatii.15Isaan waa’ee biyya isa gadi dhiisaanii ba’anii duubatti yaadu yoo ta’e, gara duubaatti deebi’uudhaf carraan jira ture. 16Garuu kun akkuma jirutti, isaan biyya isa wayyu ni hawwu, innis, isa samii irraa. Kanaafuu, Waaqayyo waaqa isaanii ta’uutti hin yeellaane, inni magaalaa guddittii isaaniif waan qopheesseef.17Amantiidhaan ture Abrahaam, yommuu qorametti, kan inni Yisaaqiin aarsaa godhee dhi’eesse. Inni kan inni aarsaa godhe ilma tokkicha qabu ture, inni kakuun galameefii ture sun. 18Abrahaamiin ture kan akkana jedhame, "Qomoon kee kan inni waamamu Yisaaqiin ta’a." 19Abrahaam akka Waaqayyo Yisaaqiin du’aa kaasuu danda’u beekeera, dubbii fakkeenyaatiin, inni kan inni deebisee isa fudhate isaan keessaa ti.20Waa’ee wanneen dhufuuf jiranii kan Yaaqob Esaawuu fi Yaaqobiin eebbise amantiidhaan ture. 21Amantiidhaan ture, Yaaqob, yommuu gara du’aatti adeemaa turetti, kan inni ijoollee Yoseef eebbise. Yaaqob ulee isaa irratti hirkatee ni sagade. 22Amantiidhaan ture Yoseef, dhumni isaa yommuu itti dhi’aatetti, waa’ee Gibxiin gadi dhiisanii adeemuu ijoollee Israa’el kan inni dubbatee fi waa’ee lafee ofii isaatiis kan inni isaan abboome.23Amantiidhaan ture Museen, yommuu dhalatetti, warra isaatiin kan inni ji’ootaaf dhokfame waan akka inni mucaa miidhagaa ta’e arganiif. Isaan abboommii mootichaa hin sodaanne. 24Amantiidhaan ture Museen, erga guddatee booddee, kan inni ilma intala Fara’oon ta’uu dide. 25Inni saba Waaqayyoo waliin dhiphachuu filate bu’aa cubbuudhaa kan yeroodhaaf ta’etti gammaduu irra. 26Inni Kiristoosiif jedhee tuffatamuu qabeenya Gibxii argatu caalaa bakka kenneef, inni badhaasaa isaa fageenyatti ilaalaa waan tureef.27Amantiidhaan ture Museen kan inni Gibxiin gadi dhiisee adeeme. Inni dheekkamsa mootichaa hin sodaanne, inni akka waan isa hin mul’anne sana arguutti waan lakkaa’eef. 28Amantiidhan ture kan inni Faasikaadhaa fi dhiiga facaasuu eeggate, akka inni dhaloota angafa balleessu sun ilmaan angafoota maatii warra Israa’el hin tuqneef.29Amantiidhaan ture kan isaan Galaana Diimaa akkuma lafa gogaatti ce’an. Warri Gibxii isa kana gochuudhaaf yommuu yaalanitti, isaan ni liqimfaman. 30Amantiidhaan ture gamoon Yeriikoo kan inni jige, guyyoota torbaaf erga itti marfamee booda. 31Amantiidhaan ture Rahaab isheen gaalamoota turte kan isheen warreen hin abboomamne waliin hin balleefamin hafte, sababiin isaa isheen warreen basaasuudhaaf deemanii turan nagaadhaan simatteettiitii.32Kana irra maal jechuun danda’a ree? Yeroon ana hin ga’u yoon guutummaatti waa’ee Geediwoon, Baaraak, saamsoon, Yoftaahee, Daawit, Saamu’eelii fi waa’ee raajotaa nan dubbadha jedheef. 33Amantiidhaan ture kan isaan mootummoota mo’atan, qajeelummaa argatanii fi kakuuwwan bira ga’an. Isaan afaan llencotaa cufaniiru, 34aangoo ibiddaa qabbaneessaniiru, arfii eeboo jalaa ba’aniiru, dadhaboota otuma jiranii jaboota ta’aniiru, lola irratti humna argataniiru, raayyaawwan ormaas mo’ataniiru.35Dubartoonni warreen isaan duraa du’anii turan du’aa ka’umsatti deebisanii argataniiru. Warreen kaan dhiphataniiru, gadi dhiifamuu fudhachuu diduudhaan, du’aa ka’uu isa wayyuu akka argachuu danda’aniif. 36Others experienced mocking and whippings, and even chains and imprisonment. 37Isaan dhagaadhaan rukutamaniiru. Bakka lamatti addaan kutamaniiru. Eebodhaan ajjeefamaniiru. Gogaawwan hooltaatii fi kan re’ootaatiin maramanii naanna’aniiru. Isaan dhabdoota, miidhamoo ta’anii cunqurfamaniiru. F 38Biyyi lafaa kun kan isaanii hin turre. Isaan lafa onaadhaa fi gaarota irra ni jooran, holqaa fi boolla lafaa keessas.39Namoonni kunneen marti waa’ee amantii isaaniitiif Waaqayyo biratti fudhatama argataniiru yoo ta’e illee, kakuu sana bira hin geenye. 40Waaqayyo waan nuuf karoorse waan wayyu qaba, nuyiin malee akka isaan muda-dhabeeyyii ta’uu hin dandeenyetti.
1Kanaafuu, nuyi dhuga-baatota akka duumessaa heddummatan kanaan marfamneeraatii, kottaa ba’aa hundumaa of irraa gannee salphaadhumatti cubbuutti hin kufnuutii. Kottaa dorgommii isa fuula keenya dura jiru obsaan ni dorgomanaatii. 2Kottaa Yesuus irratti ni xiyyeeffannaatii, isa amantii keenyaaf bu’uuraa fi qulqulleessaa ta’e sana. Inni gammachuu isa fuul-dura ture ilaalee, fannoo baachuu fudhate, salphina isaa wayittuu hin lakkoofne, teessoo Waaqayyoo irras gara mirgaatiin ni taa’e. 3Egaa Waa’ee isaa yaadaa, isa mormii cubbamoota irraa isatti dhufe danda’e, isinis akka hin dadhabnee fi abdii akka hin kutanneef.4Isin amma iyyuu hanga dhiiga dhangalaasuutti cubbuu waliin wallaansoo hin qabne; 5jajjabina isa akka ilmaaniitti isin abboomus irraanfattaniittuutii:"Yaa ilma ko, naamuusa Gooftichaa salphaatti hin ilaalin,yookaan yommuu isaan adabamtu hin dadhabin.6Gooftichi nama isa jaallatu adabaatii,akkasumas inni ilmaa isaa isa simatu adaba."7Dhiphina akka adabaatti fudhadhu. Waaqayyo akka ilmaan isaatiitti si fuhataatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne jiraa ree? 8Garuu ati yoo adaba namoonni warreen kaan fudhatan hin fudhatin, isin ilmooma hin qabdan.9Dabalataanis, nuyi abboota foonii qabna warra nu adabaa turan, nuyis isaan kabajna. Isa kana caalaa hangam Abbaa hafuuraa isa jiraataa ta’e immoo kabajuu qabna ree! 10Abbootiin keenya yeroo gabaabaadhaa fi akkuma gaarii isaanitti fakkaatetti nu adabaniiru. Garuu Waaqayyo gaarummaa keenyaaf nu adaba, akka nuyi qulqullummaa isaa keessaa hirmaannuuf. 11Adabni yeroodhaaf gammachuu namaaf hin kennu, garuu nama gaddisiisa. Booda irratti garuu warren isaan leenjifamaniif adabni ija naga-qabeessa qajeelina ni kennaaf.12Kanaafuu harka keessan isa gadi rarra’uu fi jilba keessan isa laafe jabeessaa. 13Miilla keessaniif karaa qajeelaa baasaafii, inni okkolaa ta’e akka inni hin mudhqnetti, akka inni fayyu malee.14Nama mara waliin nagaadhaa fi qulqullinaa barbaadaa, isaan kanaan malee namni Goofticha argu hin jiruutii. 15Of eeggadhaa, namni tokko iyyuu ayyaana Waaqayyoo akka hin dhabnetti, hundeen hammeenyaas dhiphina fiduudhaaf akka hin biqilletti, hedduunis isaan akka qulqullina hin dhabnetti, 16namni kam iyyuu halalummaatti yookaan gadi dhiisiitti jiraachuutti akka hin taanetti, akkuma Eesawuun nyaata yeroo tokkootiif jedhee angafummaa ofii gurgurate sana. 17Isin ni beektuutii booda irratti, yommuu inni eebba dhaaluudhaaf barbaadetti, inni ni dhowwatamee, sababa carraa qalbii jijjiirrannaa hin arganneetii, imimmaaniin yoo barbaaddate illee.18Isin gara gaara isa tuqamuu danda’uu, gaara isa abiddi irraa boba’u, dukkanni, aarri jabaanii fi bubbeen irraa bubbisu hin dhufneetii. 19Isin gara malakata afuufamuu, yookaan sagalee ol ka’aa warreen dhaggeeffatan akka inni deebi’ee hin dubbatamneef kadhatanii hin dhufneetii. 20Isaan waan abboomamu sana baachuu hin danda’aniitii: "Beeyiladni illee yoo gaara sana tuqe dhagaadhaan haa rukutamu." F 21Egaa bakki sodaatamaan kun isa Museen akkana jedhee dha, "Ani sodaadhee rom’eeras."22Qooda kanaa, isin gara Gaara Tsiyoonii fi magaalaa guddittii kan Waaqayyo isa jiraataa dhuftan, Yeruusaalem ishee samii irraa, bakka ergamoonni waaqaa kumoota kudhanitti lakkaa’aman itti wal ga’anii gammadanitti. 23Isin gara waldaa amantootaa warra jalqaba dhalatanii dhuftaniittu, kan warreen samii irratti galmaa’anii. Isin gara Waaqayyoo dhuftaniittu, isa hundumatti faradu, gara hafuurota warra qajeeloo warreen muda-dhabeeyyii taasifamanii. 24Isin gara Yesuusis dhuftaniittu, walitti araarsaa kakuu haaraa isa ta’e, gara dhiiga isa facaafamees isa dhiiga Abeel caalaatti dubbatuu.25Ilaalaa isa dubbataa jiru dhaga’uu akka hin didneef. Isaan yommuu inni lafa kana irratti isaan akeekkachiise isa jalaa ba’uu hindandeenyeetii, nuyi immoo isa samii irraa nu akeekkachiisu dhaga’uu didnee yoo irraa gara galle, caalaa iyyuu jalaa ba’uu hin dandeenyu. 26Yeroo tokkotti, sagaleen isaa lafa ni raase. Amma garuu inni abdii kennuudhaan akkas jedhe, "Yeroo dabalataa tokko, lafa qofa otuu hin ta’in ani samiis nan raasa."27Jechoonni kunneen, "ammas wanneen raafaman bakka isaaniitii fuudhamu, kunis, wanneen uumamanii turan, wanneen raafamuu hin dandeenye qofti akka hafanitti. 28Kanaafuu, mootummaa isa hin raafamne akkuma fudhannetti, kottaa warra galateeffatan ni taanaa, akkasumas gadi of deebisuudhaa fi ulfina kennuudhaan ni sagadnaa. 29Waaqayyoon keenya ibidda nyaatuu dhaatii.
1Jaalalli obbolummaa itti haa fufu. 2Keessummoota simachuu hin dagatinaa. Karaa kanaatiinii tokko tokko eenyummaa isaanii otuu hin beekin kan isaan ergamoota Waaqayyoo keessummeessan.3Hidhamtoota yaadadhaa akkuma waan isaan waliin hidhamtaniitti. Warreen cunqurfaman yaadadhaa akkuma waan isaan taataniitti of lakkaa’aatii. 4Gaa’elli hunduman kabajaan haa eegamu, siren gaa’elaas qulqullinatti haa eegamu, Waaqayyo namoota sagaagalanii fi kan eejjan ni adabaatii.5Amalli keessan jaalala horii irraa biliisa haa ta’u. Waanuma qabdanitti gammadaa, Waaqayyo ofii isaatii akkana jedheeraatii, "Ani tasuma iyyuu kophaatti isin dhiisee isin biraa hin hafu."6Gammachuutti jirachuudhaan akkana jennee dubbachuudhaaf ija jabina haa qabaannu,"Gooftichi gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu.Namni maal ana gochuu danda’a?"7Geggeessitoota keessan ilaalaa, isaan warra sagalee Waaqayyoo isinitti hime, bu’aa amala isaaniis ilaalaatii amantii isaaniitti isaan fakkaadhaa. 8Yesuus Kiristoos kaleessa isuma ture, har’as borus, bara baraanis isuma sana.9Barsiisawwan adda ta’aniin akka hin fudhatamne of eeggadhaa. Yaadni garaa namaa ayyaanaan jajjabaachuun gaariidhaatii, warreen isaaniin sosocha’aniif kan gatii hin qabne nyaataanis miti. 10Nuyi iddoo aarsaa qabna kan warreen mana qulqullummaa keessaa tajaajilan irraa nyaachuudhaaf mirga hin qabne. 11Dhiigni beeyilada aarsaa dhiifamuu cubbuutiif luba isa ol aanaadhaan gara bakka qulqullaa’aatti dhi’eeffaman, qaamni isaanii immoo dallaadhaa alatti ni gubata.12Egaa Yesuusis karra magaalaa guddittiitii alatti dhiphate, dhiiga isaatiin namoota qulqulleessuudhaaf jedhee. 13Kottaa nuyis egaa gara isaa dhaqnaa dallaadhaa alatti, gad deebii inni fudhate baadhannee. 14Nuyi magaalaa guddittii dhaabbataa taate asii hin qabnuutii. Qooda kana, isa dhufuuf jiru sana eeggataa jirra.15Karaa isaatiin, egaa, kottaa aarsaa galataa yeroo mara Waaqayyoof ni dhi’eessinaa, galata isa bu’a arraba isa maqaa isaa jajatuu ta’e. 16Kottaa gaarii gochuudhaa fi waan qabnu qooduu hin dagannuu, Waaqayyo inni itti gammadu kennaa akkasiittiitii. 17Geggeessitoota keessaniif abboomamaatii isaanitti of kennaa, isaan akkuma warreen eegduu ta’anii lubbuu keessaniif ni dhimmuutii. Akka geggeessitoonni keessan isa kana gammachuudhaan raawwataniif abboomamaafii, guungummiidhaanis hin ta’in, inni isiniif bu’aa hin qabuutii.18Nuyiifis kadhadhaa, nuyi yaada gaarii akka qabnuu fi wanneen maratti qajeelinatti jiraachuudhaaf of amansiifneerraatii. 19Akka isin isa kana gootaniif caalchiseen isin jajjabeessa, akkan dafee gara keessanitti deebi’uufis.20Amma Waaqayyo waaqni nagaa, inni tiksee hoolotaa isa ol aanaa, Goofticha keenya Yesuus Kiristoosiin, warra du’an keessaa kaasee dhiiga kakuu bara baraatiin fide, 21akka isin fedha isaa raawwattaniif, waan isa gammachiisu akka goonuuf nu keessatti hojjetu, karaa Yesuus Kiristoosiin, waan gaarii hundumaan isin haa guutu; isaafis bara hanga bara baraatti ulfinni haa ta’u. Ameen.22Amma ani isinan jajjabeessa, yaa obbolootaa, sagalee jajjabinaa kanan isiniif barreessetti akka qabamtaniif. 23Obboleessi keenya Ximootewoos akka inni gadi dhiifames akka isin beektan nan barbaada, yoo inni dafee dhufeef isa waliin dhufee isin arguudhaafan jira.24Geggeessitoota keessanii fi saba qulqullaa’aa Waaqayyoo maratti nagaa naaf himaa. Warreen Xaaliyaanii keessa jiran nagaa isniif dhaamu.25Ayyaanni hunduma keessan waliin haa ta’u.
1Yaaqoob, hojjetaa Waaqayyoo fi goftaa Yesuus Kiristoos, gosoota warra kudha lamaan warra bittimmaa’aniif, nagaan isin gaafadha! 2Gammachuu hundumaatti lakkaa’aa, yeroo rakkinni addaa addaa isin irra ga’u. 3akka qoramuun amantii keessanii obsa fidu isin ni beektu.4Obsi immoo akka isin guutummaatti guddatanii guutuu taataniif hojii isaa fiixaan haa baasu, utuu homaa hin dhabin. 5Garuu isin keessaa eenyu illee yoo ogummaa barbaade, Waaqayyoon haa gaafatu, isa gaarummaadhaan warra gaafatan hundumaaf utuu hin dheekkamin kennu. Innis isaaf ni kenna.6 Garuu immoo amantidhaan haa gaafatu. Namni shakku, akka bubbee galaanaa isa qilleensaan asii fi achi raafamuuti. 7namni akkasii gooftaa biraa waa nan argadha jedhee hin yaadin. 8Inni nama sammuu guddaa qabuudha, karaa isaa hundumaa irrattti keessatti kan hin tasgabbaa’iniidha.9Obboleessi inni gadi jedhaan ol ka’uu isaatti of haa jaju. 10Sooressis gadi jechuu isaatti, sababii isaa inni akka abaaboo daggalaa isa maraga keessa jiruu ni darba. 11Akkuma aduun baatee ho’a isheetiin marga gogsitu. Abaaboon ni arca’a, miidhagni isaas ni darba. Akkasuma, namni badhaadhaanis adeemsa isaa keessatti, irraa ni darba.12Namni qormaata obsu eebbifamaadha. Erga qormaaticha darbee booda, gonfoo jireenyaa ni fudhata. Isa warra Waaqayyoon sodaataniif qophaa’e. 13Namni qoramu, “Waaqayyootu ana qore hin jedhin, Waaqayyo hamaadhaan hin qoramu waan ta’eef, akkasuma inni namas hin qoru waan ta’eef.14Garuu, namni hundumtuu fedhii ofii isaatiin qorama; yeroo fedha ofii isaan harkifamuu fi gowwomfamu. 15Fedhiiin erga ulfooftee booda, cubbuu ni deessi, cubbuun immoo erga guutumaatti guddattee, du’a ni deessi. 16Hin gowwofaminaa, yaa jaallatamoo obboloota ko.17Kennaan gaarii fi kennaan guutuun hundumtuu oliiti. Innis, Waaqayyo abbaa ifaa biraa dhufa. Isa bira sababii gaaddidduun naannofteef gara galuun hin jiru.18Waaqayyo akka nuti dubbii isaa irraa dhalannuuf nu fo’ate. Akka nuti uumama hundumaaf ija qabeeyyii taanuuf.19Isin kana beektu, yaa jaallatamoo obboloota ko. Namni hundumtuu dhaga’uuf ariifataa haa ta’u. dubbachuuf immoo suura haa jedhu; ariifis suuta haa jedhu. 20Aariin namaa qajeelummaa Waaqayyoo fiixaan hin baasu. 21Kanaad xurii hundumaa of irraa baasaatii, hamaa hundumaas. Gaarummaadhaan sagalicha isa dhaabatte fidhadhaa, isa lubbuu keessan fayyisuu danda’u.22 Warra dhagaa’an qofaa utuu hin ta’in warra sagalicha hojii irra oolchanis ta’aa,warra ofii isaanii gowwomsan hin ta’inaa. 23Nami tokko yoo kan hojii irra hin oolchine, dhageessuu qofaa ta’e, inni akka nama fuula uumamaa isaa of ilaallee keessatti ilaaluuti. 24Inni ofii isaa ilaalee, yeroo adeemu battaluma immoo maal akka fakkaatu irranfata. 25Garuu namni inni eeggannaadhaa seera walabummaa ilaaluu fi akkuma sanattis ilaaluu itti fufu, dhaga’ee isa irraanfatu, namni akkasii hojii isaa keessatti ni eebbifama.26Namni tokko yoo ani amanaadha jechaa, arrabsa isaa immoo hin to’anne, inni garaa isaa gowwomsa, amantii isaas gatii hin qabaatu. 27Amantii isa Waaqayyoo abbaa keenya duratti qulqulluu ta’ee fi hin manca’in, warra abbaa hin qabnee fi dubartootas rakkina isaanii keessatti gargaaruuf, akka isaan biyya lafaa keessatti utuu hin manca’in jiraataniif.
1Yaa obboloota ko, gooftaa keenya Kiristoos Yesuus keessatti amantiitti loogii hin godhinaa, gooftaa ulfinaa, namoota muraasaaf hin looginaa. 2Yaadaa, namni tokko qubeelaa warqee fi uffata miidhagaa keewwatee gara wal-ga’ii keessanii yeroo seenu, akkasuma, namni iyyeessi yeroo uffata xurii qabu uffatee seenu. 3Yoo namica isa uffata gaarii uffate argitanii, “ati bakka gaarii kana taa’I” jettanii, isa iyyeessaan immoo, “ati immoo achi taa’i” jettan, yookaan “miilla koo jala taa’i” jettan, 4walii keessan gidduutti murteessaa jirtu mitiiree? Yaada hamaadhaan abbaa firdii hin taaneeree?5dhaggeeffadhaa, yaa jaallatamoo obboloota ko, Waaqayyo akka biyyi lafaa inni iyyeessu amantiitti sooressa akka ta’uuf filateera, akkasuma warri isa jaallatan akka dhaaltuu mootummichaa ta’aniif? 6Isin garuu warra iyyeessota ulfina dhowwattan, kan isiniin hacuucu warra sooressoota mitii? Isaa warra gara mana murtiitti isis geessan mitii? 7Isaan maqaa gaariiisa isin itti waamamtan hin arrabsanii?8Yoo akkas ta’e, akka caaffata qulqull’aatti seera mootii hojii irra oolchitu, “olla kee akka ofii keetti jaalladhu,” isin sirriitti hojjettu. 9Garuu yoo namoota muraaf loogde, cubbuu hojjechaa jirta jechuudha, irra daddarbaa keefis sitti faradama.10 Nama isa guutummaa seeraaf abboomamuuf, isa inni karaa tokko gufatuun malee, guutummaa seeraa cabsuu isaatiin ni gaabba. 11Keessa inni tokko “hin ejjin” jedha, akkasuma, “hin ajjeesin” yoo hin ejjitu ta’e, garuu yoo ajjeefte, ati seera irra daddarbiteetta.12Kanaaf, dubbadhu, hojjedhus, akka warra seera walabaan itti faradamuutti. 13Firdiin warra araara hin argisiifnetti, araara malee itti dhufa. Araarri firidii irratti ni moo’a.14Yaa obboloota ko, bu’aa maaliiti, namni tokko amantiin qaba jechaa, hojii hin qabu yoo ta’e? amantiin isaa sun isa ni fayyisaa? 15Mee yaadaa, obboleessi yookaan obboleettin tokko uffataa gaarii hin taane uffattee guyyootaafis nyaara hin nyaanne. 16Yaadaa, isin keessaa tokko, “nagaadhaan dhaqi, sitti haa ho’u, guutamis” yoo waanra qaama isaatiif barbachisu hin kennitaniif ta’e, bu’aa maalii qabaree? 17Akkasuma amantiin qofaa isaa, yoo hojii hin qabu ta’e, du’aadha.18 Tarii namni tokko, “ani amantii qaba, hojiis qaba.” Jechuu danda’a. Amantii kee hojiimalee natti argisiisi, ani immoo amantii koo hojii kootiin sitti nan argisiisaa. 19Ati Waaqayyoo tokko jiru ni amanta. Gaarii gootees ni hojjetta. Garuu seexanni iyyuu sanatti ni amana, ni oollattus. 20Beekuu ni barbaaddaa, yaa nama gowwaa, akka amantiin hojii malee bu’aa hin qabne?21Abraaham yeroo ilama isaa Yisiyaaqiin, iddoo aarsaa irratti dhiyeesse hojiidhaan hin qulloofneeree? 22Akka amantiin hojii isaa malee hojjete ni argitu. Akkasuma akka amantiin isaa hojiidhaan guutuu ta’e. 23Caaffatni qulqulla’aan akka jedhe “Abrahaam Waaqayyoon amanate, inni qajeelummaatti lakkaa’ameef, Inni michuu Waaqayyoo jedhamee waamame. 24Akka namni hojiidhaan qullaa’u argita. Amantii qofaan miti.25Akkasuma, Rahaab isheen ejjituun illee, yeroo ergamoota simattee karaa kan biraa irra isaan ergite hoiidhaan qullooftuu hin taaneeree? 26Qaamni foon irraa adda ba’e du’aa waan ta’eef, amantii hojii irraa adda ba’es du’aadha.
1Isin keessaa baay’een barsiisota ta’uun irra hin jiru, yaa obboloota ko, nama barsiisaa ta’etti warra kaan caala akka firdiin cimaan itti faradamu ni baaktu. 2Nuti karaa baay’ee waan gufannuuf. Namni tokko yoo sagalichaan hin gufatu ta’e, inni nama mudaa hin qabneedha, nama isa guutummaa qaama isaatii illee to’achuu danda’u.3Amma yoo akka inni nuuf bitamuuf luugama afaan fardaa irra keenye, isaan guutummaa qaama isaatii bituu ni dandeenya. 4Dooniis ilaalaa, yoodhuma baay’ee dheerina qabaatanii fi bubbee jabaan dhiibame illee, batoo xiqqoo tokkoo gara namichi isa oolfu geeeesutti oofamu.5Haala kanaan, arrabni qaama xiqqoodha, waan hedduun immoo of jajji. Akkasuma akkamitti akka abiddi xiqqoo ta’ee garuu immoo bosona guddaa gubu ilaalaa. 6Arrabnis abidda, qaama keenya keenyaa kutaa isa madda hameenyaa. Arrabni guutummaa qaamaa mancaasa. Daandii jireenyaa ni guba, ofii isheetiis gahaannemitti ni gubatti.7Tokkoo tokkoo bineensa bosonaaf, simbirroo, wara lo’anii fi uumamni galaana keessaa namaan leenjifamuu ni danda’u. 8Garuu, namni kan iyyuu arraba leenjisuu hin danda’u. inni hafuura isa hamaa isa boqonnaa hin qabneedha. Summii du’aa ta’een kan guute.9Isumaan gooftaa fi abbaa galateeffanna, isumaanis immoo nama arrbabsina, isa akka bifa Waaqayyootti hojjetame. 10Afaauma tokkicha keessaa eebbaa fi abaarsi ba’a. Yaa obboloota ko, kun ta’uun irra hin jiraatu.11Burqituun tokko bishaan minyaa’aa fi hadha’aa lanaan isaa baasuu danda’aaree? 12Mukti habuu, yaa obboloota ko, ejersa godhachuu danda’aaree? Yookaan wayiniin ejersa? Yookaan, bishaanni ashaboo bishaan minya’aa.13Isin keessaa ogeessaa fi hubataan eenyuree? Namni sun gaarummaa ogummaa keessatti, hojii isaatiin jireenya gaarii haa mullisu. 14Garuu yoo hinaaffaa hamaa fi fedhii garaa keessan keessatti qabaattan, of tuultanii, dhugaas hin sobinaa.15 Kun ogummaa isa ol gubbaadhaa dhufu miti. Qooda isaa isa lafa irraati, kan hafuuraa kan hin ta’in, hamaa. 16bakka hinaaffaa fi fedhiin jiru, namatti bitaacha’uu fi shaakala hamaatu jira.17Garuu ogummaan inni waaqa irraa jalqaba qulqulluudha, isa booda jaalalli nagaa, garraamummaa, araaraan gutuuu fi ija gaarii, looguu dhiisuu fi gaarummaa. 18Iji qajeelummaa warra nagaa buusan gidduutti nagaadhaan faca’a
1Lolaa fi wal dhabdeen isin gidduu jiru eessaa dhufe? Wal loluun miseensota keessan keessa jiru fedhii keessan irraa kan dhufe mitii? 2Isin ni feetu, garuu hin qabdani. Ni ni ajjeeftu, ni hawwitus, fudhacuu garuu hin dandeessani. Isin wal loltu. Waan hin gaafanneef hin qabaattani. 3Isin ni gaafattu, garuu hin fudhattani, sababii gar-malee gaaffattaniif. Akka fedhii keessaniif itti gargaaramuu dandeessanitti.4 Isin ejjitoonni! Akka biyya lafaa wajjin michoomuun Waaqayyoo wajjin ta’e hin beektanii? Kanaa, namni biyya lafaa wajjin michoomuu barbaadu ofii isaa diina Waaqayyoo ni ta’a. 5yookaan caafanti qulqullaa’aan akkasumaan jedha jettanii ni yaadduu? “Hafuurri inni nu keessa kaa’e, hinaaffaa gadi fagoo qaba jettanii?6Garuu ayyaana caalu nuuf kenna, kanaaf caaffatni qulqullaaan “Waaqayyo warra of tuulaniin ni morma, warra garraamotaaf garuu ayyaana ni kenna” jedha. 7kanaaf Waaqayyoof of kennaa. Seexanaan mormaa, innis isin irraa ni baqataa.8 Waaqayyootti dhiyaadhaa, innis isinitti ni dhiyaataa, harka keessan qulleeffadhaa. Isin warri cubbamootni, garaa keessanis qulleessaa, isin warri yaada lamaa. 9Gaddaa, boo’aa, iyyaas! Kolfi keessan boo’ichatti haa jijjiiramu, gammachuun keessanis, dukkanatti. 10Waaqayyoo duratti gadi of deebisaa, innis ol isin kaasaa.11 waa’ee warra kaanii hamaa hin dubbatinaa, yaa obbolootaa. Namni obboleessa tokko hammeessu yookiis, obboleessa isaatti faradu, seericha hammeessuu isaati, serichattis faraduu isaati, ati seerichatti yoo faradde immoo, seericha irratti abbaa firdii ta’uu keeti malee, nama seericha hojii irra oochu ta’uu kee miti. 12Nama tokko qofaatu seera kenna, faradas. Innis isa fayyuu danda’uu fi belleessuus danda’uudha. Ati eenyu kan olla akeeti faraddu?13 Amma dhaggeeffadhaa, “Har’a yookiis bora gara magaalaa kanaa ni dhaqna jettu, waggootas achitti ni dabarsitu, bu’aas ni buufattu.” 14Waan bor ta’uu jiru eenyuutu beeka, jireenyi kees maali? Ati akka hurrii yeroo muraasaaf ba’ee, isa booddee immoo baduuti.15Qooda isaa, ati “Yoo fedha Waaqayyoo ta’e, kana yookaa sana ni hojjenna” jedhi. 16Ati garuu amma waa’ee karoora kee isa isa sirrii hin ta’iniif of jajaa jirta. 17Kanaafa nama isa utuu gaarii beekuu garuu immoo hojii irra hin oolchiheef, isaaf kun cubbuudha.
1Amma kottaa, isin warri sooreyyiin, waan dhiphinni gara keessanitti dhufaa jiruuf boo’aatii wawwaadhaa. 2Badhaadhumaman keessan ni tortora, uffata keessanis biliin ni nyaatti, 3Warqee fi meetiin keessanis ni bada, dammeessa’uun isaaniis ragaa isiniif ta’u. inni akka abiddatti foon keessan ni nyaata. Badhaadhummaa keessan keessan guyyoota dhumaaf walitti qabattaniittu.4 Ilaalaa, gatiin isin warra midhaan keessan haamaniif kennitan, faallaa keessan boo’aa jira. Iyyi warra sassaabanii gurra gooftaa maccaa keessa seeneera. 5Jireenya gaarii jiraattanii, ofii keessanis gammachiifatniittu. Guyyaa qalmaafis ofii keessan gabbiftaniittu. 6You have condemned and murdered the righteous person. He does not oppose you.7 Obsaa, isa booda yaa obbolootaa, hanga gooftaan dhufutti. Qotee bulaan ammam akka inni oyiruu isaa irraa fiirii eeggatu ilaalaa; hanga inni bokkaa isa jalqabaa fi isa boodaa argatutti. 8Isinis, obsaa. Dhufaatiin gooftaa waan dhiyaateef garaa keessan jabeessaa.9Yaa obbolootaa, walii keessan hin hameessinaa, akka hin ifatamnetti. Ilaalaa, firidiin balbala keessan irra dhaabatee jira. 10Yaa obbolootaa, dhiphinaa fi obsa raajotaa fakkeenya godhadhaa. Warra maqaa Waaqayyoon dubbatan. 11Ilaalaa, nuti warra obsan sana akka warra eebbifamniitti ni ilaalla. Waa’ee obsa Iyoob dhageessaniittu. Yaada Waaqayyoos ni beektu, ammam akka inni baayyee o’a qabeessaa fi araara qaneessa ta’e.12Hundumaa caalaa, yaa obboloota ko, hin kakatinaa, isa waaqa irraan yookaan isa lafa irraan, yookaan kaka kan biraatiin. Qooda isaa, “eyyee” keessan “eyyee” “mitiin” keessas “miti” isa jedha haa ta’u. kanaaf firdii jalas hin faltani.13Isin keessaa nama dhiphachaa jiru jiraa? Inni haa kadhatu. Namni gammadu jiraa? Inni faarfannaadhaan haa galateeffatu. 14Isin keessaa namni dhukkubsatu jiraa? Inni geggeessitoota waldaa amantootaa haa waamu, isaafis haa kadhatani. Maqaa gooftaanis dibata isa haa dibani. 15Kadhannaan amantii nama dhukkubsataa ni fayyisa, gooftaanis ol isa kaasa. Yoo cubbuu hojjeteera ta’e, Waaqayyo isaa ni dhiisa.16 Kanaaf walii keessaniif qalbii jijjiirradhaa, walii keessaniif kadhadhaa, akka fayyitaniif. Kadhannaan nama qajeelaa hojii isaatiin baay’ee humna qabeessa. 17Eliyaas akkuma keessan nama ture. Inni akka bokkaan hin roobneed cimsee kadhate. Laficha irrattis waggoota sadii fi ji’a ja’aaf hin roobne. 18Isa booda Elsaayis ni kadhate. Waaqnis bokkaa roobse. Laftis midhaan kennite.19 Yaa obboloota ko, Isin keessaa namni tokko yoo dhugaa irraa kaate, namni tokko immoo deebisee fide, 20Nanmi sun, akka namni nama cubbamaa daandii isaa isa dogoggora irraa deebise, du’aa irraa akka isa fayyisuu fi baayyini cubbuus deebisee akka isa hin arganne gochuu isaa beektu.
1Pheexiros, ergaa Yesuus Kiristoos, warra bittimmaa’anii biyya kan biraa jiraniif, warra fo’amaniif, Phoonxos keessa, Galaatiyaa, Qophadooqiyaa, Asiyaa fi Bitaaniyaa. 2Kun akka dursee beekuu Waaqayyo abbaatti, karaa qulleessuu hojii hafuuraa, abbooamamuu fi itti facaasuu dhiiga Yesuus Kiristoosiif. Ayyaanni baay’een isiniif haa ta’u; nagaan keessanis haa baay’atu.3 Waaqayyoo fi abbaan gooftaa keenya Yesuus Kiristoos haa galateeffamu! Ayyaana guddaa kana keessatti, karaa du’aa ka’uu Yesuus kiristoos abdii jiraataatti jireenya haaraa nuuf kenne. 4Kun dhaala isa hin badneedha, hin dammeessa’u, isa yeroonis irraa hin darbine. Innis Waaqa irratti walitti isiniif qabameera. 5Isin amantii keessaan humna Waaqayyootiin eegamtaniittu, fayyina isa guyyaa dhumaatti mil’achuuf jiruuf.6Isin kanatti guddistanii ni gammaddu, ammuma illee, yeroo muraasaaf, isin dhiphina hundumaa dhiphachuuf jirtu. 7Isaan kun isin irra kan ga’an, abiddaan ilaalamee yoo qulqullaa’es, warqee isa badu caalaa, amantiin keessan inni guddaa kabajamaan dhugaa ta’uu isaa akka mirkanaa’uu fi yeroo Yesuus mul’atu, galataa fi ulfina, faarfannaa akka isiniif argamsiisuufi.8Isin isa hin argine, garuu isa ni jaallatu. Amma isa hin argitani, garuu isatti amantu, gammachuudhaan ni gammaddu, isa hin ibsamuu hin dandeenyee fi ulfinaan guute. 9Isin amma fiirii amantii keessanii ofii keessaniif fudhachaa jirtu, fayyina lubbuu keessanii. 10Fayyina kana ilaalchisee, raajiin inni ni dhufa jedhee waa’ee ayyaanaa raaje, dammaqinaan barbaadee eeggannaadhaanis qore.11Hafuurri Kiristoos inni isa keessa ture, waa’ee dhiphina kiristoos akkasuma waa’ee ulfina isa dhiphina isaa booda ta’uu dursee dubbachuudhaan yeroo fi akkamittis akka raawwate qoraa turani. 12Inni akka isaan ofii isaanii tajaajilaa hin turreef isanitti mul’ate, isin garuu, waa’ee waanta amma isinitti himamee isinitti himan, karaa warra wangeela isinitti lallabee karaa hafuura qulqulluu isa waaqa irraa ergamee. Waanta isa ergamoonni arguuf barbaadan.13Kanaaf, sammuu keessaa jabeessaa. Of qabaa. Abdii keessan guutummaatti, ayyaana isa Yeroo Yesuus mul’atu argamu irra kaawwadhaa. 14Akka ijoollee abboomamaniitti, fedha isa yeroo hin amanin turtaniitti waliif hin galinaa.15Garuu akkuma inni isin waame qulqulluu ta’e, amala keessan hundumaan qulqulloota ta’aa. 16Barreeffamee akkuma jiru, “qulqulloota ta’aa, anis qulqulluu waanan ta’eef,” 17Yoo “abbaa” jettanii waamtan, isa wal caalchisuu malee akka hojiitti faraduu, biyya lafaa kana irra akka keessummaatti yeroo jiraattan amala keessan eeggadhaa.18Akka inni meetii isa badu irraa yookaan warqee isa isin irraa furamtan, amala akkasumaanii, isa abboota keessan irraa dhaaltaniin akka hin ta’in beektu, 19Garuu dhiiga Kiristoos isa gati jabeessani, akka hoolaa isa midaa yookaan madaa hin qabnee.20Kiristoos utuu biyyi lafaa hin uumamin dura illee tureera. Garuu amma immoo yeroo dhumaa kanatti isinitti mul’ateera. 21Isin isa keessaan Waaqayyootti amantu, isa du’a isa kaasee ulfinas kenneef, amantii fi abdii keessan Waaqayyoo irratti akka ta’uuf.22 Isin dhugichaaf abboomamuudhaan lubbuu keessan qulleeffattaniittu. Kunis kaayyoo jaalala jaalala obbolummaa isa gaariifi, kanaaf garaa qullaa’aadhaan walii keessan jaalladhaa. 23Isin lammaffaa dhalattaniittu, sanyii isa baduttii miti, sanyii isa hin bdanetti malee, karaa dubbii Waaqayyoo isa jiraataa fi hafee jiraatuu.24 "Foonni hundumtuu akka margaa waan ta’eef,Ulfinni isaas, akka abaaboo lagaati.Margi ni goga, abaaboon isaad irra harca’a,25Sagaleen Waaqayyoo garuu bara hundumaa ni jiraata.”
1 Kanaafa hamaa hundumaa dhiisaam gowwomsaa hundumaa, ofittummaa, hameenyaa fi maqa balleessii hundumaa. 2Akka mucaa reefuu dhalatee, aannan hafuuraa isa ho’aa isaa fedhaa, isa keessaan akka fayyinatti guddataniitti. 3Yoo akka gooftichi gaarii ta’e dhandhamattaniittu ta’e.4Gara isa dhagaa jiraataa, namoonni warri kaan tuffatanii kottaa; garuu isa Waaqayyoof dhimma baasaa ta’ee fo’ame. 5Isinis akkuma dhagicha isa jiraataa, mana hafuuraa ta’uudhaaf ijraaramaa jirtu, luboota hafuuraa ta’uudhaaf, isaa aarsaa hafuuraa karaa Yesuus Kiristoos, Waaqayyoo duratti fadhatamaa dhiyeessu.6Caaffatni qulqulluun akkas jedha:"Ilaalaa, ani dhagaa golee Xiyoon keessan ta’aa jira.Isa filatamaa fi gati qabeessa.Namni isatti amanu hin yeella’u.”7Gatiin isaa, kanaaf, isin warra amananiifi.Warra hin amanneef garuu,"Dhagaa inni ijaartuun tuffatani,Mataa golee ta’e,”8Akkasuma,9 Isin garuu saba fo’ameedha, luboota mootii, saba qulqullaa’oo, qabeenyaa Waaqayyoo, Hojii isa dinqisiisaa dukkana keessaa gara ifa isa dinqisiisaatti isin waamee akka labsitaniif. 10Isin duraa saba isaa hin turre; amma garuu saba isaa taataniittu. Ayyaana hin hin arganne turtan; amma garuu ayyaana argataniittu." Dhagaa gufachiisuu fi dhagaa isa isaan gufachiisu.”11 Jaallatamo, akka keessummootaa fi hidhamtootaatti isinan gorsa, akka isin fedha foonii irraa of eeggattaniif, isa faallaa lubbuu keessanii isin lolu. 12Warra hin amanin gidduutti amalli keessan kabajamaa haa ta’u. yeroo isaan akka warra hamaa godhacniitti isin arrabsan, hojii keessan isa gaariif dhuga baatota ta’uu danda’u, guyyaa itti Waaqayyo mulatuttis ulfina isaaf ni kennu.13 Gooftaaf jedhaatii warra aboo qaban hundumaaf bitamaa. Moototaaf abboomamaa. 14akkasuma warra biyya bulchaniifis, warra hamaa godhan akka adabamanii fi akkasuma warra gaarii godhan immoo warra galateeffatan. 15Kun fedha Waaqayyoo waan ta’eef, gaarii hojjechuu keessaniin haasaa akkasumaanii warra gowwootaa cal ni jechiisiiftu. 16Akka saba walabaatti, walabummaa keessan dadhabbii keessan ittiin haguuguuf dhimma itti hin ba’inaa, garuu hojjetoota Waaqayyoo fakkaadhaa. 17Namoota hundumaa kabajaa. Obbolummaa jaalladha. Waaqayyoon sodaadhaa. Mootii kajaa.18Hojjetootaa, gooftota keessan kabajaa. Gooftota warra gaarii fi ormootaa qofaaf hin bitaminaa, warra hamootaafis bitamaa. 19Waa’ee Waaqayyoof jedhee dhiphan jallinaa kan fudhatu galata ni fudhata. 20Yoo hojii hojjettanii adabamtanii obsitan galata maalii qabaree, garuu yoo immoo gaarii gootanii yoo dhiphattanii obsitan kun Waaqayyoo biratti galata isiniif argamsiisa.21 Isinis kanumaaf waamamtani, sababiin isaa Kiristoosis isiniif du’’e. Inni akka isin isa hordoftaniif fakkeenya isiniif dhiise.22"Inni cubboo tokko illee hin hojjenne, sobnis tasa afaan isaa keessatti hin argamne.” 23Inni yeroo arrabsame, deebisee hin arrabsine. Yeroo dhiphate, deebii hin kennine, garuu isa dhugaadhaan firdii kennutti of kenne.24 Inni ofii isaatii qaama isaa keessatti muka irratti cubbuu baate, cubbuuf du’ee qajeelummaadhaaf jiraachuuf jedhee. Madaa isaatiin fayyifamtan. 25Hundumti keessan akka hoolotaa baddanii turtan, amma garuu gara tiksichaa fi lubbuu keessan eeguutti deebitaniittu.
1 Akkasuma, isin warri haati manooliis abboota manaa ofii keessaniif of kennaa. Yoodhuma dhiironni tokko tokko sagalichaaf abboomamoo ta’am illee isin kana godhaa. isaan sagalicha malee moo’amuu ni danda’u. karaa amala haadha manootii isaanii. 2Kabajaa fi amala keessaniif dhuga baatota ta’nii.3Of miidhegsuun keessan waanta alaan miul’atu, rifeensa tolfachuudhaan, warqee naqachuudhaan, uffata gaarii isaas uffachuudhaan hin ta’in. 4Qooda isaa, miidhaginni keessan, inni hin bande keessa namummaa keessanii isa dhokataadhaan haa ta’u, kunis hafuura garraamumama fi gabii isa Waaqayyoo duratti guddaa gati jabeessa ta’e, sanaan haa mul’atu.5Kun waan dubartoonni qulqulloonni warri Waaqayyoon abadatan bifa kanaaf of faayessaa turaniif. Abbootii manaa isaaniif of kennuudhaan. 6Bifa kanaan Saaraan Abrahaamiif abboomamteetti gooftaa koo jettees waamteetti. Isin amma ijoollee isheet, yoo waan gaarii ta’e hojjettanii fi rakkina hin sodaattan ta’e.7Akkasuma, isin abbootiin manaas akka hubannaatti haadha manootii keessanii wajjin jiraachuutu isin irra jira, akka qodaa dadhabaatti, dubartii. Isin akka warra walii wajjin ayyaan jireenyaa dhaalaniitti kabaja kennuufiitu isin irra jira. Kana immoo akka kadhannaan keessan hin dhokfamneef godhaa.8Dhuma irratti, hundumti keessan, yaada tokko qabaadhaa, warra o’an, abba obbolootaatti warra jaallatan, garraamii, fi gad-of deebisoo. 9Hamaadhaaf hamaa hin deebisinaa, kan isin arrabsus hin arrabsinaa. Faallaa isaa, eebbisuu keessan itti fufaa, isin kaaf waamamtani, eebbichas dhaaluudhaaf.10 "Namni jireenya jaallatuu fi guyyoota gaarii arguu barbaadu, arraba isaa hamaa irraa eeguutu irra jira, arraba isaas gowwomsaa dubbachuu irraa.11Inni waan hamaa irraa haa deebi’u, waan gaariis haa hojjetu.Nagaa haa babaadu, haa hordofus.12Ijo Waaqayyoo warra qajeelota ni ilaala, gurri isaas kadhannaa isaanii ni dhaga’a.Fuulli gooftichaa garuu warra hamaa hojjetaniin ni morma.”13 Yoo isin waan gaarii hojjechuudhaaf barbaaddan eenyutu isin miidharee? 14Garuu qajeelummaaf jettanii yoo dhiphattan, isin eebbifamoodha. Sodaachisuu isaanii hin sodaatinaa. Hin dhiphatinaa.15 Qooda isaa, garaa keessan keessatti gooftaa Yesuusiin qulqulluu godhaatii adda baasaa. Yeroo hundumaa, nama isa abdii isa isin qabdan isin gaafatuuf gatii kennaa. 16Deebiin keessanis arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis haa ta’u, warri hamaa isin irratti dubbachuudhaan maqaa keessan balleessan, amala keessan isa gaarii isa erga kan Kiristoos taatanii argisiiftan, hammeessn akka yeella’aniif, yaadni garaa keessanii akka isin hin ceephaanetit jiraadhaa. 17Yoo fedha Waaqayyoo ta’e gaariidha, waan gadhee caalaa waan gaarii gootanii dhiphachuun.18 Kiristoosis yeroodhuma tokkicha cubbuudhaaf dhiphate. Inn qajeelaan sun nuuf dhiphate, warra qajeelota hin turiniif, gara Waaqayyootti nu fiduudhaaf. Inni fooniin du’e, garuu immoo hafuuraan ka’e. 19Hafuuraan, ahfuurota warra amma mana hidhaa keessa jiranitti lallabe. 20Bara Nohi keessa yeroo obsi Waaqayyoo isaan eegaa ture, isaan kan hin abboomamne turan, bara ijaarsa doonichaa, Waaqayyos namoota muraasa fayyise, luubbuu saddeet, karaa bishaanii.21 Kunis mallattoo cuuphaa isa amma isin fayyisuuti, akka isa xurii qaama irraa dhiqaranii miti. Garuu, karaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos sammuu gaariidhaan Waaqayyoo duratti kan dhiyaatuudha. 22Kiristoos mirga Waaqayyoo jira. Inni gara waaqatti ol ba’eera. Ergamootni, warri aboo qabanii fi humni hundumtuu isaaf of kennuutu irra jira.
1kanaaf, Kirisoos fooniin waan dhipateef, isinis kaayyoodhuma kanaaf of qopheessaa. Namni dhipina fudhatu cubbuu dhiiseera. 2Kanaaf immoo, namni akkasii, foon keessatti yeroo isaa hafe, fedhii Waaqayyoof malee, fedhii namootaaf hin jiraatu.3 Fedhii warra ormootaa guutuduhaaf, miiraan jirachun, fedhii, machii, ayyaana machii, sirbaa fi ejji yeroo dabree ni ga’a. 4isa isin amma isaanitti dabalamtanii lolaa jireenya ittisa hin qabneetiin, fudhatamuu dhiiftan ni dinqifatu, maqaa keessanis ni balleessu. 5Isaan immoo waan godhan sababii isaa wajjin isa warra jiranii fi warra du’anitti faraduu qophaa’etti himuuf jiru. 6Kaafis jecha immoo wangeellichii warra du’anittis lallabameera. Yoodhuma akka namaatti fooniin itti faradameera iyyuu ta’e, hafuuraan karaa isa Waawayyo hojjetu irra jiraachuu ni danda’u.7Xumurri waan hundumaa dhicyaachaa jira. Warra sammuu nagaa ta’aa, yaaduu keessaniin, warra kadhataniif jettanii warra of qaban ta’aa. 8Waan hundumaa caalaa, jaalala o’aa waliif qabaadhaa. Jaalalli baay’ina cubbuu waan balleessuuf. 9Utuu wal hin komatin walii keessan simadhaa.10 Akkuma tokkoo tokkoon keessan kennaa fudhattan, akka kennaa gaarii isa kan Waaqayyoo isa karaa addaa addaa dhufuuttii ittiin walii keessan tajaajilaa. 11Nami tokko yeroo dubbatu akka sagalee Waaayyoottihaa dubbatu. Namni tokko yeroo tajaajilu, humna isa Waawayyo isaa kennuun haa ta’u. Kana hundumaa akka Waaqayyo Kiristoos Yesuus keessan ulfina argatuuf hojjedhaa. Yesuus Kiristoosiif ulfinnii fi mootummaan bara baraan haa ta’uuf. Ameen.12 Jaallatamo, abiddaan qoramuu isinitti dhufe kana akka haaraatti hin fudhatinaa. Akka waan haaraan isin irra ga’eetti. 13Qooda isaa, hanguma dhiphina Kiristoos baayyinaa fudhatan, gammadaa, isinis akka gammaddanii fi yeroo ulfinni isaa mul’atu. 14Yeroo maqaa Yesuusiif arrabsamtan, isin kan eebbifamtaniidha. Sababiin isaa hafuurri ulfinaa fi hafuurri Waaqayyoo isin irra ni buufata.15 isin keessa garuu ajjeesuu isaatiinkan, hannaan, hamaa hojjetuutiin, yookaan gidduu seenuutiin, kan dhiphatu hin jiraatin. 16Nami tokko yoo akka Kiristiyaanaatti dhiphate, hin yeella’in, qooda isaa, maqaa sanaan Waaqayyoof ulfina haa kennu.17 Firdiin mana, Waaqayyoo keessaa waan eegaluuf. Yoo nurra eegale, waa’een warra wangeela Waaqayyoof hin abboomamnee maal ta’a?18“Warra qajeelotaaf fayyinni yoo cimaa ta’e, warra akka yaada Waaqayyootti hin jiraannee fi cubbamoonni akka ta’uree?”19Kanaaf, warri fedha Waaqayyoof jedhanii dhiphatan lubbuu isaanii uumaa isa amanamaa hojii gaarii hojjetuutti haa kennaani.
1Ani geggeessitoota warra isin gidduu jiran nan gorsa. Ani, akkuma isaanii geggeessaa fi dhuga baatuu dhiphina Kiristoos kanan ta’e, akkasuma ani ulfina isa mul;chuuf jiru keessaa hirmaachuuf jira. 2Karra Waaqayyoo warra eegumsa keessan jala jiran eegaa. Akka eegdotaatti ilaalaa. Kana gochuun isin irra jira. Garuu waam fedha qabdaniif, akkuma Waaqayyoon tajaajiltanitti, bu’aa yellaasisuuf miti, garuu of kennuudhaan malee. 3Warra geggeessaa keessan jala jiran akka gooftummaan hin bulchihaa, karrichaaf fakkeenya ta’aa. 4Garuu yeroo oogganaan sun mul’atu, gonfoo ulfinaa isa hin daribine ni argattu.5Akkasuma, isin dargaggonni, warra dulloomaniif of kennaa, hundumti keessan, gaarramummaandhaan walitti dhiyaadhaatii walii keessan tajaajilaa. Waaqayyo warra of tuulanii ni morma, warra garraammotaad immoo ayyaana isaa ni kenna.6Kanaaf, harka Waaqayyoo isa hundumaa danda’u jala of galchaa, innis yeroo isaatti ol isin qabaa. 7Yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa, inni isiniif waan yaaduuf.8Of qabaa, dammaqaa. Mormaan keessan inni hamaan akak leencaa nannoo keessan naanna’e aadaa jira, Nama nyaatu barbaaduudhaaf. 9Ittiin mormaa. Amamntii keessanitti cimaa. Isin akka biyya kafaa keessatti obbolummaan keessan dhiphina wal fakkataa dabarsaa jiru ni beektu.10Yeroo gabaabaa erga dhiphattanii booda, Waaqayyo inni kan ayyaanaa, inni karaa Kiristoos gara ulfina bara baraatti isin waame, guutuu isin godha, isin jabeessa, isin ijaaras. 11Isaaf, aangoon baraa hanfa bara baraatti isaaf haa ta’u. Ameen.12 Ani Silaawosniin akka obboleessa amanamaattin lakkaa’a, gabaabsees karaa isaa isiniif barreeseera. Ani akka waanti ani barreesse kun dhugaa ayyaana Waaqayyoo ta’e isin gorsaa fi dhugaas isiniif ba’aam jira. 13Dubartiin ishee Baabilooniim jirtu, ishee isinii wajjim fo’amte, nagaa isiniif dhaamti. Maarqos ilmi koos akkasuma nagaa isiniif dhaama. 14dhungannaa jaalalaatiin walii walii keessan dubbisa. Nagaan isin warra Kiristoositti jirtaniif haa ta’y.
1 Simoon Pheexros, garbichaa fi ergamaa Yesuus Kiristoos, warra amantii isa gati qabeessa akkuma keenya kan keenyaa fudhate, amantii qajeelummaa Waaqayyoo keenyaa fi fayyinaa keenya Yesuus Kiristoos keessatti.2Ayyaanaa fi nagaan nagaan Waaqayyoo fi gooftaa keenya Yesuusiin beekuun isiniif haa baay’tau.3 Humna Waaqummaa isaatiin, waan hudumtuu jireeyaa fi Waaqayyoon fakkaachuun isa beekuu keessaan nuuf kenname karaa isa ulfinaa fi sadarkaa guddaan nu waamee. 4Kennaa kanaan isin badiisa isa sababii kajeellaa fooniitiif, biyya lafaa kana keessa jiru jalaa baatanii, dhaqna hafuraa isa kan Waaqayyootti hirmaattuu akka taataniif, abdiin gati jabeeyyiinii fi gurguddoon nuuf kennamaniiru.5 Sababii kanaaf, amantii keessanitti gaarummaa dabaluuf dhama’aa, gaarummaan immo akka beekumsa fiduuf. 6beekumsi of to’achuu, of to’achuun immoo obsa, obsi immoo Waaqayyoon fakkaachuu fida. 7Waaqayyoon fakkaachuun obboloota jaallachuu, obboloota jaallachuun immoo jaalala.8 Yoo isaan kun isin keessa jiraatanii isin keessattis immoo guddatani, akka isin dhabduu fi ija dhabeeyyee hin taane isin eega, gooftaa Yesuus Kiristoosiin beekuutiin. 9Garuu namni kana hundumaa hin qabne, jamaadha fageessee hin argu, cubbuu isaa isa darbe irraa dhiqachuu isaa nama irraanfate.10 Kanaaf, obbolootaa, waamamuu fi fo’amuu keessan mirkeeffachuudhaaf dhama’aa; yoo isaan kana hojii irra oolchitan, hin gufattanis. 11Akkasitti mootummaa gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos isa bara baraa sansatti galuu, isiniif ni kennama.12 Kanaaf, yeroo hundumaa isaan kana isin yaadachiisuuf qopha’aadha. Yoodhuma beektu ta’e illee, yoodhuma dhugaa amma qabdanitti jaboo taatan illee. 13Kun anaaf sirriidha jedheen yaada, yeroon dunkaana keessa jiru, karaa yaadachiisuu isin kakasuudhaaf.14Godoo koo isa lafarraa kana of irraa baasuun koo dhiyootti akka ta’e beeka, sababiin isaa gooftaan keenya Yesuus Kiristoos kana anatti mul’iseera. 15Adda ba’uu koo boodas akka isin waantota kana hundumaa yaadattanii gootaniif arguuf yaalii nan godha.16 mammaksa isa namoota si’aa’ootiin qophaa’e hin hordofne, yeroo humnaa fi waa’ee dhufaatii gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isinitti himne, garuu, nuti ulfina isaatiif dhuga baatota turre. 17Waan inni kabajaa fi ulfina Waaqayyo abbaa biraa fudhateef, yeroo sagaleen ulfina kabaja isaan gara isaa dhufe, “ Kun ilma koo isa jaallatamaadha, ani isatti baay’een gammada.” inni jedhu. 18Nuti ofii keenyaa, utuu sagaleen kun waaqa irraa dhufuu dhageenyeerra, yeroo isaa wajjin gaara isa qulqulla’aa irra turre.19 sagalee raajii isa caalaatti ifaa ta’es qabna; isa isin gaarii gootanii hojjechuuf gatii itti kennitan, akkuma ibsaan bakka dukkanaatti ifu hanga guyyaan bari’ee biiftuun barii ba’utti garaa keessan keessatti. 20Hundumaa caalaa, akka raajiin caaffattoota qulqulla’oo hiikaa nama tokko illee hin dhufin hubachuun isin irra jira. 21raajin tokko illee fedha nama tokko illee takkaa hin dhufne, namootni yeroo karaa hafuura qulqulluu Waaqayyoo biraa fudhatan dubbataniiru.
1 Raajootni sobduun gara namootaa ni dhufu, barsiisonti sobduunis gara keessan ni dhufu. Isaan dhoksaadhaan warra gantoota warra diiganis of duukaa ni fidu, gooftaa isa isaaniin fide ni ganu, Isaan saffisaan ofii isaanii irratti diigumsa fidaa jirau. 2Baay’een gowwomsaa isaanii kan duukaa bu’u, daandiin dhugaas maqaa balleessu. 3Of-tuulummaan isaanii dubbii sobaatiin isin saamu. Ceephoon isaanii yeroo dheeraadhaa kaasee dhufaa jira, diiguun isaaniis hin dhaabanne.4Utuu Waaqayyi ergamoota warra cubbuu hojjetan adda hin bafne ta’ee, boolla dukkanaa keessatti funyoo sibiilaatiin hidhamanii guyyaa firdiif akka kaa’ama godhe malee, isaan hin qusanne. 5Inni utuu addunuyaa isa durii adda hin baafne ta’ee, Hohiin dhoksee kaa’eera ta’ee, isa qajeelummaa himu, warra turban kan biraa wajjin, yeroo bishaan badiisaa addunyaa warra hin amennee irratti fide, 6Inni utuu magaalota Sodoomii fi Gamooraa daaraatti jijjiire, akka fakkeenya warra Waaqayyoon hin sodaannee ifatee balleessee ta’ee,7 Looxiin isa qajeelaa oolche ta’ee, isa amala miiraa namootaa warra seera hin beekneen hacuucame, 8Nama qajeelaadhaaf, inni guyyaa guyyaatti isaan gidduu jiraachaa ture, hojii isaanii isa seera maleessa argee, dhaga’ees lubbuu isa qajeelaam dhiphate, 9Waaqayyo yoo waantota kana godheera ta’e, namoota Waaqayyoon sodaatan rakkina keessaa akkamitti akka oolchu beeka, akka warra qajeelota hin ta’in hidhu, akka isaan guyyaa girdiitti adabamaniif.10 Kun keessumaa dhugaadha, warra fedha foonoo isa hamaa hordofanii fi warra aboo qaban warra tuffataniif. Ija jabeeyyii fi fedha ofii, isaan yeroo warra ulfina qabeeyyii arbsan hin raafamani. 11Ergamootni jabinaa fi humna guddaa qabu, garuu faallaa isaanii firdii arrabsoo gara Waaqayyootti hin fidani.12 Namoonni kun garuu akka bineensota warra yaaduu hin dandeenyeetti, isaan qabuu fi balleessuufis dhalatani. Isaan maal akka arrabsan hin beekani, balleessuu keessas ni badu, 13Gatii jallina isaaniis jallinni irratti ni raawwatama, isaan guyyaa guutuu jireenya keessa ba’aa jiraachuudhaan kajeellaa isaanii isa hamaa raawwachuutti ni gammadu, kajeellaa isaanii isa hamaatti jireenya keessa ba’aa jiraachaa, yeroo isaanii wajjin nyaatan, isaan xurii fi mudaa isaanitti ni ta’u. 14Iji isaanii ejjaan guutuudha, isaan cubbuu hin quufani, isaan lubbuu ishee tasgabbii hin qabne gara hojii jallinaatti ni sossobu. Garaa isaaniif sassatatti leenjisaniiru. Isaan ijoollee abaaramaniidha.15 Isan daandii isa sirrii dhiisanii isa dogoggaraa irra bu’aniiru. Daandii Bala’aam ilma Be’oor hordofanii, isa warra qajeelota hin ta’im irraa kaffaltii fudhachuu jaallate. 16Garuu irra daddarbaadhuma ofii isaatiif ifatame, harreen hin dubbanne sagalee naman dubbatee, maraatummaa raajichaa dhaabsise.17 Namoonni kun bishaan burqituu malee fi hurrii qilleensaan oofamuudha. Dukkanni guddaan isaaniif qophaa’eera. 18Haasaan isaanii kan akkasumaaniiti. Fedhii fooniitiin, miiraan, isaan namoota warra, warra dogoggran jalaa baqachuu barbaadan ni sossobu. 19Bilisummaas waadaa galuuf, garuu isaanumti ofiin isaaniis garboota malaamaltummaati. Namni waanuma isa irratti moo’uuf garbicha ta’a.20 Gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenya Yesuus Kiristosoon beekuudhaan, xuraa’ummaa biyya lafaa duraa, baqatanii erga ba’anii, deeii’anii ittiin qabamanii yoo moo’aman, akki isaa itti jiran inni booddee isa duraa irra ni hamaata. 21Karaa qajeelummaa erga beekanii booddee, abboommii qulqulluu isa isaaniif kenname irraa gara-galuu irra, takkaadhuma utuu hin beekun hafaniiru utuu ta’ee, isaaniif ni wayya ture. 22Fakkeenyi kun isaaniif dhugaadha, " Sareen deebisee dig-diguma isaa nyaata, booyyeenis dhiqatee dhoqqeetti deebi’a.”
1Jaallatamo, Kun xalayaa isa lammaffaa isa ani isiniif barreesseedha, lamaan isaanii keessatti iyyuu xalayoonni kun, sammuu keessan isa gaarii kakaasuufi. 2Akka isin sagalee isa kanaan dura raajota warra qulqullootaan dubbatamee ture yaadattanii fi abboommii gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenaa isa ergamoota keessaanii kennames.3Dura kana beekaa, warri ga’isan akka bara dhumaatti dhufan. Isaan ni qoosu, akka fedha ofii isaaniitts itti ni fufu. 4Isaan akkas jedhu, "Waadaan deebi’uu keetii eessa jira? Bakka abbootiinn keenya rafanii, waanti hundumtuu akka turetti jira, erga bara uumamaatii kaasee,”5 Isaan beekaadhuma itti yaadanii akka bara dheeraa dura biyyi lafaa sagalee Waaqayyoon bishaan keessaa bishaaniin uumamte irraanftu, 6Karaa isa ittiin biyyi lafaa bara sana bade. Bishaan irra yaa’ee. 7Sagaleedhuma wal fakkaataadhaan, waaqnii fi biyyi lafaa abiddaaf kaa’amani; guyyaa firdiiti fi akkasuma guyyaa diigamuu warra sodaan Waaqayyoo keessa hin jirreef kaa’aman.8 Yaa jaallatamo, kana hin irraanfatinaa, akka gooftaa wajjin guyyaan tokko akka guyyaa kuma tokkoo ta’e, waggaan kumni tokko immo akka guyyaa tokkoo ta’e. 9Waaqayyo waa’ee abdii isaatiif suuta hin jedhu, akka namootni suuta jechuu isaa barbaadan. Qooda isaa, inni waa’ee keesaniif obsa qabeessa. Eenyuu keessa illee akka baddaan hin fedhu, gara qalbii jijjiirranaatti aka dhuftan malee.10Haa ta’u malee, guyyaan gooftaa aka hattuutti ni dhufa, waaqonni sagalee guddaadhaan ni badu. Qabiiyeewwan isaa abiddaan ni gubatu, lafaa fi hojii ishee keessa jiru duwwaa ni ta’u.11Yeroo waantotni kun bifa kanaa badan, isin namoota akkamii taatu? Isin jireenya qullaa’aa fi Waaqayyoon fakkaatu jiraattu. 12Guyyaa dhufaatii Waaqayyoo eeggachuu fi ariifachiisuutu isin irra jira. Guyyaa sana, waaqonni abiddaan ni badu, qabiiyyeewwan isaas ho’a guddaan ni baqu. 13Garuu akka waadaa kanaatti nuti waaqa haaraa fi lafa aaraa eegganna, bakka warri qajeelonni jiraatan.14Kanaaf, jaallatamo, yeroo waanota kana eeggattan, isa duratti muda maleeyyii fi warra hin komatamne ta’uuf hanga dandeessan hojjedhaa, nagaadhaan. 15Akkasuma, obsi Waaqayyoo fayyina keessaniif akka ta’e beekaa, akkuma obboleessi keenya jaallatamaan Phaawulos isiniif barreesse, akka ogummaa isa isaaf kennameetti. 16Phaawulos xalayoota isaa hundumaa keessatti waa’ee isaan kanaa ni dubbata, isa waanotni hubachuun isaa keessa jiru keessatti. Namoonni warri hin hubannee fi tasgabbii hin qabne kana ni jallisu. Yeroo caaffata qulqulla’aa kan biraa qopheessan, diiguma ofii isaaniitiif.17 Kanaaf, yaa jaallatamo, erga waa’ee waantota kanaa dursitanii beektu ta’ee, akka namoota warra seera hin beekneen hin gowwomsanneef of eeggadhaa; akkasuma akka amantii keessanis hin dhabnetti. 18garuu, ayyaanaa fi fayyinaa keenya gooftaa Yesuus Kiristoosiin beekuutti guddadhaa.Isaaf ulfinni ammas, bara baraanis isaaf haa ta’u. Ameen!
1 Isa jalqabaa kaasee, dhageenye, isa ija keenyaan argine, isa ilaallee fi harki keenya tuqe, sagalee jireenyaa ilaalchisee. 2Akkasuma, jireenyichi beeksifameera, nutis isa arginee dhugaas baaneerra. Nuti jireenya bara baraa isa Abbaa bira turee fi nutti beeksifame isinitti labsaa jirra.3Waan arginee fi dhageenyes isinitti himna, kanaaf isinis nuu wajjin hariiroo ni qabaattu. Hariiroon keenya abbaa wajjinii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosii wajjini. 4Akkasuma, waantota kana akka gammachuun keessan guutuu ta’uuf isinii barreessina.5Kun ergaa isa nuti isa irraa dhageenyee fi isinittis labsaa jirruudha. Waaqayyo ifa, isa keessa tasumaa dukkanni hin jirru. 6Nuti akka isaa wajjin hariiroo qabnuu fi dukkana keessa adeemnu yoo argine, nuti sobdotaa fi warra dhugicha shaakalaa hin jirreedha. 7Garuu akkuma inni ifa keessa jiru nuti yoo ifa keessa jiraanne, walii keenyaa wajjin hariiroo yoo qabaanne, dhiigni ilama isaa Yesuus cubbuu hundumaattii ni qulleessa.8 Nuti yoo cubbuu hin qabnu jenne, ofii keenya gowwomsina, dhugichis nu keessa hin jiru. 9Garuu immoo yoo cubbuu keenya himanne, inni cuubbuu keenya nuuf dhiisuu fi xuraa’ummaa hundumaattiis nu qulleessuudhaaf amanamaadha. Garuu yoo qalbii jijjiirranne, inni amanamaadha cubbuu keenya nuuf dhiisuudhaaf 10Nuti yoo cubbuu hin goone jenne, sobduu isa taasifna, dubbiin isaas ni keessa hin jiru.
1Yaa ijoollee, ani akka isin cubbuu hin hojjenneefin waantota kana isiniif barreessaa jira. Garuu namni tokko yoo cubbuu hojjete. Abbaa biraa falmaa qabna, Yesuus Kiristoosiin, isa qajeelaa. 2Inni cubbuu keenyaaf aarsaa isa araarsaadha. Nu’i qofaafis miti, guutummaa addunyaafis malee. 3Nuti akka isa beekuukaadhaaf dhufne beekna, yoo abboommoota isaa eegne.4 Inni “Waaqayyoon beeka” jedhaa abboommota isaa immoo hin eegne sobaadha; dhugaanis keessa hin jiru. 5garuu inni dubbii isaa eegu, dhugaadhumatti jaallii Waaqayyoo isa keessatti jabaateera. Kanaanis isa keessa akka jiruu ni hubanna. 6Namni Waaqayyoo keessatti qabamee jiraachuu barbaadu akkuma inni adeemetti adeemuutu irra jira.7 Yaa jaallatamo, ani abboommii haaraa isiniif barreessaa hin jiru, garuu isuma durii isin jalabaa kaasee beektaniidha. Abboommiin inni haaraan sagalee isa isin dhageessaniidha. 8Haa ta’u malee, abboommii haaraa isiniif barreessan jira, isa Kiristoos keessatti, isin keessattis dhugaa ta’e, sababiin isaa dukkanichi darbaa jira, ifichi inni dhugaan immoo ifaa jira.9 namni ificha keessan keessan jira jechaa, obboleessa isaa jibbu, amma iyyuu dukkanicha keessa jira. 10Nanmi obboleessa isaa jaallatu ificha keessatti hafa, isa keesa gufachuun hin jiru. 11garuu namni obboleessa isaa jibbu dukkana keessa jira, dukkana keessas ni adeema; inni eessa akka adeemaa jiru hin beeku sababiin isaa dukkanichi ija isaa jaamseera.12 Isiniifan barreessa, yoo illoolle, sababii maqaa isaatiin cubbuun keessa isiniif dhiifameera. 13Isiniifin barreessa, abbootii, sababii isin jalqaba irraa kaaftanii isa beektaniif. 14Isinnifin barreessa, yaa dargaggootaa, sababii isin isa hamaa sana mootaniif. Isiniifin barreessa, ijoollotaa, isin abbaa waan beektaniif.15 biyya lafaa yookaan waantota biyya lafaa keessa jiru hin haallatinaa. Namni yoo biyya lafaa haallatee, jaalalli Waaqayyoo keessa jin jiru. 16Waanta biyya lafaa keessa jiru hundumaaf, hawwi foonii, hawwii ijaa fi of-tuulummaan jireenyaa abbaa biraa miti, biyya lafaa biraati malee. 17biyya lafaa fi hawwiin isaa darbaa jiru. Garuu namni fedha Waaqayyoo hojjetu immoo bara baraan jiraata.18 Yaa ijoolle, yeroo isa dhumaati. Akkuma dhageessan inni mormituu Kiristoos ta’e dhufaa jira. Amma warri mormitoota Kiristoos ta’an dhufaniiru. Kanaanis akka inni yeroo isa dhumaa ta’e hubanna. 19isaan nu biraa adeemaniiru. Garuu ni biraa miti. Utuu nu biraati ta’ee numa silaa numa bira ture turani. Garuu isaan yeroo sokkan, akka ni biraa hin ta’in argisiisaniiru.20 Isin garuu isa qulqulluu biraa dibata qabdu, hunumati keessanis beektu. 21waan isin dhugicha hin beekneefin isinii barreessa miti, garuu waan isin beektaniif, sobnis dhugicha bira waan hin jirreef.22 inni sobduun eenyuudha, inni akka Yesuus, Kiristoosiin ta’e ganu? Namni sun mormituu Kiristoosi, inni abbaa fi ilma ni gana. 23Namni kam iyyuu ilma kan ganu abbaa of keessaa hin qabu. Kan ilma dhugaa ba’u immoo abbaa qaba.24 Isiniif, inni isin jalqabaa kaasee dhageessan isin keessatti haa afu. Isinis ilma keessatti, abbaa keessattis. 25Kun kakuu isa inni nuuf kenneedha, jireenya bara baraa. 26Ani Waan kana waa'ee warra isin gowwomsuu barbaadaniifin isiniif barreesseera.27 Isin garuu ibatni isin fudhattan isin keessa ni jiraata; namni kan biraan isin barsiisuun hin barbaachisu, dibatichi akka waan hundumaa isn dhugaadha malee soba miti. Akkuma inni isin barsiise isa keessa jiraadhaa. 28Amma, yaa ijoolle, yeroo inni mul'atu ija jabina qabaannee dhufaatii isaa duratti akka hin qaanofneef isa keessa turaa. 29Yoo akka inni qajeelaa ta’e beektan, namni waan sirrii hojjatu hundi isa irraa akka dhalate ni beektu.
1 Abbaan jaalala akkamii nuuf kenne, akka nuti ijoollee Waaqayyoo jedhamnee waamamnuuf, kun eenyu akka nuti taaneedha. Kana irraan kan ka’e, biyyi lafaa nun beeku, isa waan hin beekneef. 2Yaa jaallatamo, amma nuti ijoollee Waaqayyooti, maal ta’uu akka jiruu immoo amma iyyuu hin mul’anne. Nuti beekna, yeroo Kiristoos mul’atu, akka isaa akka taanu, akkuma inni jiruttis isa ni argina. 3Namni hundumtuu isa keessatti abdii qaba, akkuma inni qulqulluu ta’e, innis of qulqulleessa.4Namni cubbuu hojjetu hundumtuu hojii seera maleessummaa hojjeta, cubbuun seela maleessummaa waan ta’eef. 5Akka Yesuus cubbuu keessan isin irraa fuudhuuf mul’ate ni beektu; isa keessa cubbuun hin jiru. 6Namni isa keessa taa’ee cubbuu hojjechuu itti fufu hin jiru. Namni cubbuu hojjechuu itti fufu isa hin argine, yookaan isa hin beekne.7Yaa ijoolle, eenyu illee isin hin gowwomsin. Namni qajeelummaa hojjetu qajeelaadha, akkuma Yesuus qajeelaa ta’e. 8Namni cubbuu hojjetu hundumtuu seexana biraati; inni jalqabuma cubbuu hojjeteera. Kanaafis ilmi Waaqayyoo mul’ate, hojii seexanaa diiguudhaaf.9 Namni Waaqayyoottii dhalate itti fufee cubbuu hin hojjetu; sanyiin Waaqayyoo isa keessa waan jiruuf. Inni waan Waaqayyoottii dhalteef itti fufee cubbuu hin hojjetu. 10kana keessatti ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen seexanaa mil’ataniiru; namni waan Waaqayyoo biraa qajeelaa ta’e hin hojjenne, namni obboleessa isaa hin jaallannes akkasuma.11 kun ergaa isa isin jalqaba dhageessan waan ta’eef, walii keenya jaallachuutu nurra jira. 12Akka Qaa’en ta’uun nurra hin jiru, isa isa hamaa biraa biraa ta’ee obboleessa isaa ajjeese. Inni maaliif isa ajjeese? Waan ofii isaaf hamaa hojjetuu fi obboleessi isaa immoo qajeelaa ta’eef.13Hin dinqifatinaa, yaa obboloota ko, yoo biyyi lafaa isin jibbe. 14Nuti jireenya keessaa gara jireenyaatti akka darbine beekna; kanaaf obboloota jaallanna. Namni hin haallanne du’a keessatti hafa. 15Nami obboleessa isaa hin haallanne ajjeessaadha. Akka nama ajjeesu keessa jireenyi hin jirre beektu. Namni nama ajjeese kam iyyuu jireenya bara baraa isa keessa jiraatu akka hin qabne ni beektu.16 Kanaanis beekna, Yesuus lubbuu isaa waan nuuf kenneef. Nutis akkasuma lubbuu keenya obboloota keenyaaf kennuutu nurra jira. 17Garuu, namni meeshaa biyya lafaa qabu, obboleessa isaa isa rakkate arga, garaa gara laafina isaas isa irraa cufa, akkamitti jaalalli Waaqayyoo isa keessatti hafa? 18Yaa ijoollee ko, afaaniin yookaan arrabaan utuu hin ta’in, garuu immoo hojiidhaa fi dhugaadhaan haa jaallannu.19 Kanaanis akka dhugaa biraa taane ni hubanna, isa durattis garaa keenya ni mirkaneessina. 20Yoo garaan keenya nu ceepha’e, Waaqayyo garaa keenyaan oli, inni waan hundumaa beeka. 21Yaa jaallatamo, yoo garaan keenya nun ceepha’u ta’e, nuti Waaqayyootti ija jabina qabna. 22Waan isa gaafannu isa biraa ni arganna, sababiin isaa abboommota isaa ni eegna, waan isa dduratti gaarii ta’e ni hojjenna.23 Kun abboommiidha, akka nuti maqaa ilma isaa Yesuus Kiristoositti amannuu fi walii keenyaas jallannuuf; akkuma inni abboommii kana nuuf kenne. 24Namni abboommii Waaqayyoo eegu, isa keessatti ni hafa, Waaqayyos isa keessatti. Kanaanis akka inni nu keessatti hafu ni beekna. Isa inni hafuuraan nuuf kenne.
1Yaa jaallatamo, hafuura hundumaa hin amaninaa. Qooda isaa Waaqayyoo biraa ta’uu isaanii qoraa; raajonni sobduun hedduun gara biyya lafaa dhufaniiru. 2Kanaan hafuura Waaqayyoo ni beektu-hafuurrii inni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhufaa ba’u Waaqayyo biraati. 3hafuurri inni Yesuusiin dhugaa hin baane immoo Waaqayyoo biraa miti. Kun hafuura mormitoota Kiristoosi, inni isin dhageessan dhufaa jira, ammas immoo biyya lafaa keessa jira.4 Isin Waaqayyoo biraati, yaa ijoolle, isin isaaniin mootaniittu, sababiin isaa inni isinii wajjin jiru isa biyya lafaa keessa jiru irra ni caala. 5Isaan biyya lafaa keessati, kanaaf waanti isaan jedhan biyya lafaa biraati, biyyi lafaas isaaniin dhageeffata. 6Nuti Waaqayyoo biraati, namni Waaqayyoo biraa ta’e hundumtuu nu dhaggeeffata. Kan Waaqayyoo biraa hin ta’in nun dhaggeeffatu. Kanaanis hafuura dhugaa fi hafura ogoggraa beekna.7 Yaa haallatamo, walii keenya haa jaallannu, jaalalli Waaqayyoo biraati, namni jaallatu hundumtuu Waaqayyoo irraa dhalate, Waaqayyoonis beeka. 8Namni hin jaallanne Waaqayyoon hin beeku, Waaqayyo jaalala waan ta’eef.9 Kanaaf jedhees jaalalli Waaqayoo gidduu keenyatti mul’ate, Waaqayyos kanaaf isa tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge, akka nuti isa irraan kan ka’e jiraannuuf. 10Jaalala kana keessatti, nutu Waaqayyoon jaallate miti, garuu immoo isatu nu jaallate, akkasuma akka ilmi isaa cubbuu keenyaaf aarsaa araaraa ta’uuf erge.11 Yaa jaallatamo, erga Waaqayyo akkas nu haallatee, nutis walii keenya jaallachuutu nurra jira. 12Namni Waaqayyoont akkaa argee beeku hin jiru; yoo walii keenya jaallanne, Waaqayyo nu keessatti hafa, jaalalli isaa guutuu nu godheera. 13kanaanis isa keessatti hafuu keenya ni beekna, innis nu keessatti, hafuura isaa irraas waan nuuf kenneef. 14Akkasuma, nuti akka abbaan ilmi isaa fayyisaa biyya lafaa ta’uuf erge dhugaa baaneerra.15 Namni akka Yesuus ilma Waaqayyoo ta’e dhugaa ba’u, isa keessatti hafa, Waaqayyoo keessatti. 16Akkasuma, jaalala isa Waaqayyo nuuf qabu beeknee amaneerras. Waaqayyo jaalala, namni jaalala kana keessa jiraatu Waaqayyo keessa jiraata. Waaqayyos isa keessa ni jiraata.17Sababii kanaaf, jaalalli kun nu gidduutti guutuu ta’e, akka nuti guyyaa firdiitti ija jabina qabaannuuf, sababni isaas akkuma inni jiru nutis addunyaa kana irrattis akkasuma. 18Jaalala keessa sodaan hin jiru, qooda isaa, jaalalli guutuun sodaa baasee gata, sababiin isaa sodaan adabbii wajjin hojjeta. Garuu, namni sodaatu, jaalala keessatti guutuu hin taane.1919 Nuti ni jaallanna, sababiin isaa 20Yoo namni tokko, “Waaqayyoon nan jaalladha” jechaa obboleessa isaa jibbe, inni sobaadha. Namni obboleessa isaa is argu hin jaallanne, Waaqayyoon jaallachuu hin danda’u, isa hin argin. 21Akkasuma, kun abboommii isa nuti isa biraa fudhanneedha, namni Waaqayyoon jaallatu, obboleessa ofii isaatiis jaallachuutu irra jira.
1Namni akka Yesuus Waaqayyoottii dhalate amanuu fi namni abbaas jaallatu nama isa irraa dhalate jaallata. 2Kun akkaataa nuti ijoollee Waaqayyoo jaallannuudha, yeroo Waaqayyoon jaallannuu fi abboommota isaas eegnu. 3Abboommota isaa eeguun, jaalala Waaqayyoof. Abboommonni isaas ulfaatoo miti.4 Namni Waaqayyootti dhalate biyya lfaa ni mo’a. kun moo’icha isa biyya lafaa moo’eedha, amantii keenya illee. 5Eenyutu biyya lafaa moo’a? nama isa akka Yesuus ilma Waaqayyoo ta’e amanu.6 Kun isa bishaanii fi dhiigaan dhufeedha. Yesuus Kiristoos, inni bishaan qofaadhaan hin dhufne, bishaanii fi dhiigaan malee. Hafuurri isa dhugaa ba’uudha, sababiin isaa Hafuurri dhugaadha. 7Kan dhugaa ba’an sadiitu jiru; 8Hafuura, bishaanii fi dhiiga. Isaan sadan kun waliif galu.9 Nuti yoo dhuga ba’umsa namaa fudhanne, dhuga ba’umsi inni kan Waaqayyoo ni caala. Kun dhuga ba’umsa isa kan Waaqayyoo isa inni ilma isaa ilaalchisee dhugaa ba’eedha. 10Namni ilma Waaqayyootti amanu ofii isaa keessaa dhuga ba’umsa qaba. Namni Waaqayyoon hin amanne sobduu akka ta'u isa godheera, sababiin isaa inni dhuga ba’umsa isa Waaqayyoo waa’ee ilma isaatii kenne hin amanne.11 Dhuga bu’umsichis kana, Waaqayyo jireenya bara baraa kenne, jireenyichis ilma isaa keessa jira. 12Namni ilmicha qabu jireenya qaba. Namni ilma Waaqayyoo hin qabne jireenya hin qabu.13 Ani akka isin jireenya bara baraa qabdan akka beektaniifin kana isiniif barreesse. Isin warra maqaa ilma Waaqayyootti amantaniif. 14Akkasuma, kun ija jabina isa nuti isa duratti qabnuudha, yoo akka fedha isaatti waan fedha keenyaa gaafanne, inni ni dhaga’a. 15Akkasuma, yoo akka inni nu dhaga’u hubanne, waanta nuti isa gaafannu, waan isa gaafanne hunda akka qabnu ni beekna.16 Namni obboleessi isaa utuu cubbuu du'a hin fidne raawwachuu yoo arge, kadhachuutu irra jira, Waaqayyos jireenya ni kennaaf. Ani waa’ee warra cubbuun isaanii du’a hin fidneen argisiisa. Cubbuun du’a fidu jira, ani, inni waa’ee isaa kadhachuutu irra jira jechaan jira miti. 17Jallinni hundumtuu cubbuudha, garuu cubbuun du’a hin fidne jira.18Nuti beekna akka namni Waaqayyootti dhalate cubbuu hin hojjenne,garuu namni Waaqayyoorrii dhalate isa ni eega, inni hamaanis isa hin miidhu. 19Nuti akka Waaqayyoo biraa taane beekna. Nuti akka gutummaan biyya lafaa humna isa hamaa keessa jiru beekna.20 Nuti garuu akka ilmi Waaqayyoo dhufee, akka nuti isa dhugaa ta’e Isa beeknuuf hubannaa nuuf kenne beekan. Akkasuma, ilma isaa Yesuus Kiristoos keessa. Ini kun Waaqayyo isa dhugaa fi jireenya bara baraati. 21Yaa ijoolle, waaqota tolfamoo irraa of eegaa.
1 Maanguddii irraa kaasee hanga ishee filatamtee fi ijollee isheetti, kan an dhugaadhaan jaal’adhu, ana qofaa miti, warra dhagaa beekan hundumaas, 2Sababii dhugaa isa nu keessa jiruu fi bara baraanis nuu nu wajjin jiraaatuuf.3Ayyaanni, araarrii fi dhugaan Waaqayyo abbaa fi Yesuus Kiristoos biraa nuuf haa ta’u,ilma Waaqayyoo, dhugaa fi jaalala keessaan.4 Ijoolleen keessan keessaa warra dhugaan adeeman arguu kootti guddaan gammade, akkuma abboommii isaa abbaa biraa fudhanne. 5amma isinin kadhadha, akka nama abboommii haaraa isiniif barreessuutti miti, garuu isun jalabaa kaafnee qabnu malee. Akka wal jaallannuuf. 6Kun jaalala, akka abboommii isaatti akka adeemnuuf. Kun abboommiidha, akkuma jalqabaa kaasee dhageessan, isa keessa akka adeemtaniif.7warri nama gowwomsan baay’een biyya lafaa keessatti ergamanii waan jiraniif, isaan akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa hin ba’ani. Kun isa sobaadhaa fi faallaa Kiristoosi. 8Ofii keessan ilaalaa, waanta itti dhamaane akka hin dhabnetti, garuu immoo badhaasa guutuu akka argattaniif.9 Namni gara fuula duraatti hin adeemnee fi barsiisa Kiristooos keessatti hin hanfne Waaqayyoon hin qabu. Namni barsiisachatti qabamee hafu, inni abbaa fi ilmas qaba. 10Namni tokko yoo gara keessan dhufee barumsa kana immoo hin fidu ta’e, gara mana keessaniitti isa hin fudhatinaa, isas hin dubbisinaa. 11Namni nagaa gaafatu, hojii isaa isa hamaa keessatti hirmaachuu isaati.12 Ani waanan isiniif barreessuu baay’een qaba, garuu waraqaa fi qalamaan isiniif barreessuu hin barbaanne. Garuu, gara keessan dhufee fuulaa fuulaan isinitti haasa’un barbaada. Akka gammachuun keessan guutuu ta’uuf.13Ijoolleen obboleettii keessan ishee fo’atmamtuu nagaa isin gaafatti.
1 Maanguddoo isa jaallatamaa Gaa’iyoosiif, isa ani dhugaatti haalladhuuf. 2Yaa jaallatama, waan hundumtuu gaarii akka siif ta’uu fi fayyaas akka qabaattu nan kadhadha. Akkuma lubbuu keetiif gaarii ta’e. 3Yeroo obboloonni dhufanii waa’ee dhugaa naaf ba’an guddaan gammade; akka ati dhugaan adeemaan jirtu. 4Ani kana caalaa gammachuu hin qabu, isa ijoolleen koo dhugaadhaan adeeman dhaga’uu caalaa.5 Yaa michoo ko, ati yeroo obbolootaa fi warra ormaadf hojjettu amanamummaa shaakalta. 6Warra jaalala kee waldaa amantootaa keessatti dhugaa ba’an. Karaa Waaqayyoof maluun adeemsa isaanii irratti isaan erguun kee gaariidha. 7Sababiin isaa, isaan maqaa kanaaf jedhanii ba’an, warra ormootaa biraa homaa hin dudhanne. 8Kanaaf dhugaaf akka waliin hojjennuuf namoota akkanaa simachuu qabna.9 Ani waan tokko waldaa kiristiyaanaaf barreesseera, garuu, Diyooxiraaxis inni isaan keessaa tokkoffa ta’uu barbaadu, nun fudhanne. 10Kanaaf yoon dhufe, hojii isa inni hojjetettin gatii kenna, sobaan jechoota hamoodhaan nu himate. Sanattis hin quufne, ofii isaatii obboloota simachuu diduu qofa utuu hin ta’in, garuu warra isaaniin simachuu barbaadanis dhaabsisee waldaa amantootaa keessaa isaan ari’a.11 Yaa michuu ko, waan hamaa ta’e utuu hin ta’in, waan gaarii fakkaadhu. Namni waan gaarii hojjetu Waaqayyoo biraati, inni hamaan garuu Waaqayyoon hin argine. Inni hamaa hojjetu Waaqayyoon hin argine. 12Dimexiroos, namoota hundumaa biraa dhuga ba’umsa gaarii qaba, dhugaadhaan illee. Nuti illee waa’ee isaa dhugaa ni baana, akka dhuga ba’umsi keenya dhugaa ta’e isini beektu.13 Waanan isiniif barreessu waan heedduun qaban ture, garuu qalamaa fi waraqaan isiniif barreessuu hin barbaadu. 14yeroo dhiyoottiisin arguu nan hawwa, fuulaa fuulaanis ni haasofna. 15Nagan isiniif haa ta’u. obboolonni nagaa siif dhaamu. Obbooloota achi jiran maqaa waamii naaa itti naaf himi.
1 Yihudaa, tajaajilaa Yesuus Kiristoosii fi obboleessa Yaaqob, warra waamamaniif, warra Waaqayyo abbaatti jaallataman, warra Yesuus Kiristoosiif eegamaniif.2Araara, naagaa fi jaalli siif haa baay’atu.3 Yaa Jaallatamo, waa'ee fayyina waloo keenyaa isiniif barreessuuf carraaqii hunda osoon gochaa yeroon ture, amma amantii isa al tokkicha yeroo hundumaaf akka ta’utti warra Waaqayyoof qulqull’aanitti dabarfame sanaaf akka loltaniif caafee, isin gorsuun dirqamaan barbaachisaa ta’uu isaa. 4Namoonni tokko tokko dhoksaan isin gidduu seenaniiru. Namoonni kun ceepaha’amuuf mallatteeffamnii turan. Isaan namoota Waaqayyoon hin sodaanne warra ayyaana Waaqayyo keenyaa gara miira namaatti jijjiiraniidha. Akkasuma isaan, gooftaa keenya isa tokkicha Yesuus Kiristoosiin ni fanu.5Ani amma isin yaadachiisuun barbaada, yoodhuma yeroo tokkicha guutummaatti beektaniittu iyyuu ta’e, akka Waaqayyo saba isaa biyya Gibxii baase, isa booda garuu inni warra hin amanne ni balleesse. 6Akkasuma, ergamoota warra bakka aboo isaanii hin eeggannes, warra bakka jireenya isaanii isa sirrii dhuusan. Waaqayyo guyyaa guddaa sanatti firdiidhaaf hidhaa bara baraa, dukkana guutuu keessatti isaan eegeera.7 Akkasumas Sodoomii fi Gomoraa fi magaalonni naannoo isaanii jiran saalqunnamtii jallaa fi gocha saalqunnamtii jalʼaadhaaf of kennan. Isaan warra adabbii ibidda bara baraatiin dhiphataniif fakkeenya ta’anii tajaajilu. 8Akkasuma haaluma wal-fakkaatuun abjoottoonni kun qaama isaaniis xureessuu. Isaan aboodhaan ni mormu, warra ulfina qabeessa immoo maqaa balleessu.9 Mikaa’el inni ergamaan illee, yeroo inni seexanaa wajjin wal falmaa turee fi waa’ee reeffa Musee irratti wal falmaa ture, murtii arrabsoo isa irratti fiduuf ija hin jabaanne, inni garuu "Gooftaan si haa ifatu!" jedhe. 10Garuu namoonni kun waan hin hubanne arrabsu; akkasumas waan isaan hojjetan uumamaan hubatu. Akkuma bineensota warra sammuu hin qabne, wantoota warra isaan balleessan. 11 Isaaniif wayyoo! Sababni isaas, karaa Qaayin irra deddeebi'aniiru, bu'aa argachuufis dogoggora Bala'aamiin liqimfamaniiru. Akkuma Qooraayi mormanii Waaqayyoo irratti ka’uu isaaniitinis balleeffamuu isaaniiti.12Jarri kun irbaata jaalalaa isa wajjin qabdan yeroo malee isin wajjin nyaachuun isaanii xurii isinitti ni ta’a. toksitoota warra ofii isaanii qofaa sooran. Isaanis duumessa rooba hin qabnee fi qilleensi baatuudha. Mukkeetii birraa, firii hin qabne—yeroo lama du’an, hundee irraa buqqa’an. 13akkuma dha’aan galaanaa inni unkuramaan, hoomocha baasu, isaanis hojii isaanii isa yeellasisaa, akka hoomichaatti ol ni baasu, isaan akka qorsaati, iddoon dukkana limixii bara baraan isaaniif kaa’ame, jira.14Henok, Addaam irra inni torbaffaan waa’ee isaanii akka jedhee raajii dubabteera, "Ilaalaa! Gooftaan qulqulloota isaa kumaatamaa fi kumaatamaan dhufaa jira." 15Inni namoota hundumaatti faraduudhaaf dhufaa jira. Inni namoota Waaqayyoon hin sodaanne hundumaa hojii isaan karaa Waaqayyoon hin sodaanneen hojjetan hundumaa irratti murtii kennuudhaaf dhufaa jira; akkasuma, dubbii hadhaawaa warri cubbamoonni Waaqayyoon hin sodaanne isa irratti dubbatan hundumaattis. 16Isaan kun warra gunguman, komatan fi fedhii hamaa ofii isaanii hordofaniidha. Afaan isaanii sagalee guddaadhaan of jajuu dubbata, bu’aa argachuuf warra kaan ni jajjabeessa.17Isin warri jaallatamoon garuu, sagelee isa dur ergamoota gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin dubbataman yaadadhaa. 18Isaan, “Bara dhumaatti warri qoosan, warrai Waaqayyoon hin sodaanne fi fedhii ofii isaanii hordofan ni jiraatu.19Isaan addaan qoodamuu ni fidu, isaan kan biyya lafaati, hafuurichas hin qabani.20 Isin garuu, yaa jaallatamo, amantii keessan isa hunda caalaa qulqulluu taʼeen of ijaaraa, hafuura qulqulluutiinis kadhadhaa. 21Jaalala Waaqayyoo keessatti of eegaa, akkasuma, araara Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa jireenya bara baraa isiniif fidu eeggadhaa.22 Warra shakkanitti araara argisiisaa. 23Warra kaan abidda keessaa butaa baasaa, warra kaanitti sodaadhaan araara itti argisiisaa, uffata fooniin xuraa’e illee akka jibban.24 Amma isa akka isin hin gufannee fi fuula isaa isa ulfina qabeessa dura mudaa malee fi gammachuu guddaadhaan akka dhaabbattu si gochuu danda’uuf, 25Waaqayyoo keenya isa tokkicha karaa goofta keenya Yesuus Kiristoos ni fayyiseef, ulfinni haa ta’u, ulfinni, ol-aantummaa fi aboon, bara hundumaa amma kaasee hanga bara baraatti isaaf haa ta’u. Ameen.
1 Kuni mul'ata Yasuus Kiristoos isa inni ittiin wanta as dhiyootti ta’uun irra jiru hojjetoota isaatti argisiiuudhaaf Waaqayyo biraa argatee dha. Waaqayyo hojjetaa isaa Yohaannisitti kanas kan beeksise, ergamaa isaa ergguudhaani dha.2Yohaannisis sagalee Waaqayyo dubbatee Yasuus Kiristoos dhugaa ba'uu isaa waanta arge hunddaa dhugaa ba'eera.3Yeroon kuni itti raawwatu waan as dhi'aateef, namni isa inni dhugaa ba'e kana sagalee isaa ol kaasee dubbisu, warri dubbii raajii dubbatame kana dhaga'anii fi warri wanta isa keessatti barreeffameefiifis abboomaman ebbifamtoota dha.4Yohaannis waldoota kiristiyanaa toorban Asiyaa keessa jirtaniif kana jedhe: “Ayyaannii fi nagaan Waaqayyo isa jiru, isa turee fi isa dhufuuf jiru biraa fi afuurota toorban teessoo isaa dura jiran biraa isiniif haa ta’u”;5“Yasuus Kiristoos, isa amantummaa dhaan dhugaa ba’e, isa hunda dura du’aa ka’ee dhalatee fi isa abboomaa mootota biyya lafa kanaa ta’e biraas isiniif haa ta'u.” “Isa nu jaalatuu fi isa dhiiga isaa unuuf jedhee dhangalaasee cubbuu keenya irraa nu dhiqeef,6“Isa mootummaa nu keennee fi isa luboota Waaqayyo abbaa isaa nu godhee sanaafis ulfinnii fi aangoon bara baraa isaaf haa ta'u. Ameen.”7Kunoo ilaalaa; duumessaa wajjin dhufuuaa jira; tokko tokkoon ijaa isa arguuf jira. Warri isa waraananis isa arguuf jiru. Sababa isaatiif gosoonni (sanyiin) namaa lafa irraa jiraatu hundumtuu ni gaddu.8“Ani isa duraati; ani isa boodaatisi,” akkasumas “inni jiru, inni ture, inni dhufuuf jiru, inni hundumaa danda'u,” jedha Waaqayyo Gooftaan.9Ani obboleessi keessan Yohaannis, sagalee Waaqayyoo isa Yasuus dhugaa ba'e isiniif qooduuf edheen, rakkina, mootummaa fi obsa Yasuusiitiin, biyya bishaan keessatti argamtuufi Phaaximoos jedhamtu tokko keessan ture.10Gaafa Guyyaa Gooftaa sana ani Afuuraan guutameen ture. Duuba kootii sagalee guddaa, sagalee xurumbaa (faaggaa fakkaatu, tokkon dhaga'e. 11Sagaleen sunis, “Waan argaa jirtu kana Kitaaba keessatti barreessi. Isas gara waldoota kiristaanaa toorban – Efesoon, Simiirnaa, Phergamoom, Tiyaatiraa, Saardiis, Filaadelfiyaa, fi Laa'odisaa – iti ergi” naan jedhe.12 Sagalee eenyyuutu akka natti dubbachaa jiru ilaaluudhaaf duuba kootti yeroon garagalu, baattuu ibsaa warqee irraa hojjetame toorba nan arge.13Ilma namaa kan fakkaatu tokko immoo baatuuwwan ibsaa sana gidduu, uffata dheeraa miilla bira ga'u uffatee, fooxaa warqees qomoo isaatti naannessee hidhatee, ture.14 Mataa fi rifeensi mataa isaa akka suufii yookiin immoo akka cabbii addaata ture; ijji isaa immoo akka barbadaa ibiddaa ti ture.15Miilli isaa akka sibiila diimaa isa ramaca ibiddaa keessatti finiinee cululuqsamee hojjetamee ti; sagaleen isaas akka sagalee bishaanii walitti baay’atee huursaa fiiguu ti.16Harka mirgaa isaatti urjii toorba qabatee ture; haaduun qara karaa lamaa afaan isaa keessaa gadi ba’aa ture. Fuulli isaas akka biiftuu saafaa ifa ture.17Yeroon isa arges, akka nama du'eettin miilla isaa jalatti kufe. Inni immoo harka mirgaa isaa ana irra kaa'ee, “Hin sodaatin. Inni duraa, inni booddees ana dha”18“Inni jiraatus ana dha. Kunoo ilaali. Ani du'een ture; amma garuu, kunoo ilaali; hamma bara baraatti bara baraan nan jiraa dha! Furtuuwwan balbala du'aa fi mootummaa warra bara baraaf du’ani (mana seexana) of harkaa qaba.”19“Kanaafuu, waanta argitee turtes, waanta amma ta'uutti jiruu fi waanta kana booda ta'uuf jirus barreessi.”20“Hiikaa urjoota toorba harka mirgaa koo keessatti argitee turtee fi hiikaa baattuuwwan ibsaa toorba warqee irraa hojjetaman dhoksamee ture ilaalchisee, hiikaan isaanis: Urjoonni toorban, ergamoota waldoota kiristaanaa toorbaa ti; baattuuwwan ibsaa toorban immoo, waldoota kiristaanaa toorban sanatti” naan jedhe.
1“Gara ergamaa waldaa kiristaanaa Efesoonitti, ‘Ergaaleen kuni kan isa harka mirgaa isaatti urjoota toorba qabatee turee fi isa baattuu ibsaa toorba gidduutti mul’atee turee ti’ jedhii ti barreessi.”2“Hojiiwwan kee, dadhabii kee cimaa fi obsaan danda'uu kee nan beeka; akkasumas, namoota warra hamaa ta’aniif immoo akka ati obsa isaaniif hin qabnee fi warra nuti ergamoota dha ofiin jedhaniin qoruudhaan sobduu ta'uu isaanii akka argites nan beeka.”3“Dadhabe otoo hin jedhiin, maqaa kootiif jettee, akka ati obsaan dandeessee jirtus nan beeka.”4“Jaalala kee isa yeroo jalqabaa sana dhiisuu (gadi gatuu) kee garuu sirratti argeera”.5“Eessatti akka gatte yaadadhu. Dhiifama gaafadhuu tii, waantota jalqaba hojjettu ture sana hojjedhu. Dhiifama gaafachuu yoo dhiifte garuu, ani gara kee dhufeetan, baattuu ibsaa kee iddoo isaatii kaasa.”6“Kana garuu qabda: Hojiiwwan warra Niqolaatiyaa akkuma ani jibbu, atis ni jibbita.” 7“Namni gurra qabu waanta Afuurri Qulqulluu waldoota kiristaanaatiin jechaa jiru mee haa dhaga’u. Isa mo'uuf, muka jireenyaa isa jannata Waaqayyoo keessa jiru sana akka nyaatuuf mirga isaa isaafin kenna.”8 “Ergamaa isa waldaa kiristaanaa Simiirnaa keessa jiruutiif, akkas jedhii barreessi:”‘Ergaan kun kan dhufe isa jalqabaa fi isa dhumaa; isa du'ee fi isa deebi'ees jiraate biraati jedhii.’9“Rakkinaa fi hiyyuma kee nan beeka; garuu immoo ati sooressa dha. Warra sobanii nuti Yihudoota offin jedhanii si arrabsan sanaas nan beeka; isaan garuu Yihudoota miti. Isaan walga'ii Seexanaa ti.”10 “Dhiphina (Rakkoo) isa sitti dhufuuf jiru hin sodaatin. Kana hubadhu! Seexanni isin qoruuf jecha, muraasa keessan mana hidhaatti isin galchuufi dha; guyyaa kudhaniifis ni rakkattu. Hamma du'aatti amanamaa ta'aa; ani immoo gonfoo (baarneexaa) jireenyaa nan isinii kenna.”11“Namni gurra qabu waanta Afuurri Qulqulluu waldoota kiristaanaatiin jechaa jiru mee haa dhaga’u. Isaan mo’anis, du'a isa lammaffaadhaan hin miidhamani.”12 “Ergamaa isa waldaa kiristaanaa Phergamoon keessa jiruutiif, akkas jedhii barreessi:”‘Ergaan kun kan dhufe isa haaduu qara-lamaa qabu sana biraati jedhi.’13“Iddoon ati jiraattu bakka Seexanni mo’ee bulchu (abboomu) akka ta’e nan beeka. Ati garuu hamma ammaatti maqaa koo jabeessitee qabattee jirta. Bakka Seexanni jiraatu sanatti, bara dhugaa ba’aa koo fi amanamaa koo kan ture, Antiiphaas, isin gidduutii ajjeefame sana iyyuu, akka ati anatti amanuu kee hin ganne, nan beeka.”14 “Waan muraasa ta’e garuu sirratti argeera: namoota tokko tokko warra barsiisa Bala'aamii qabatanii jiran achitti of biraa qabda. Namooni kuni, ijoollee Israa’el fuulduratti gufuu darbachuudhaan akka isaan nyaata waaqayyoliif (idols) kennamuuf qophaa’e nyaatanii fi akka isaan sagaagalan gochuudhaaf, warra Balaaq barsiisani dha.”15“Haaluma wal fakkaatuun, namoota tokko tokko warra barsiisa warra Niqolaatiyaa qabatanii jiranis achitti of biraa qabda.”16 “Kanaafuu, dhiifama gaafadhu! Yoo gochuu dhiifte garuu, ani dafeen sitti dhufa; haaduu afaan koo keessa jiru sanaatiinis, namoota sana irratti waraana nan bana.”17“Namni gurra qabu waanta Afuurri Qulqulluu waldoota kiristaanaatiin jechaa jiru mee haa dhaga’u. Isa mo'uuf, qibaa qiddusii (manna) dhoqsaa jiru sana keessaa nan kennaafi; dhagaa adii, maqaa haaraan irratti barreessame, tokkos nan kennaafi; maqichas, nama isa fudhatu irraa kan hafe, namni biraan tokko illee hin beeku.”18 “Ergamaa isa waldaa kiristaanaa Tiyaatiraa keessa jiruutiif, akkas jedhii barreessi:”‘Ergaan kun kan dhufe, Ilma Waaqayyoo, isa ija akka barbadaa ibiddaa qabuu fi isa miilli isaa isa sibiila diimaa (bronze) cululuqsamee hojjetame fakkaatu sana biraati jedhi.’19“Ani hojiiwwan kee, jaalala fi amantii kee, tajaajila kee fi obsaan danda'uu kee nan beeka. Waanti ati booda kana hojjette, isa dura hojjechaa turte akka caalus nan beeka.”20“Garuu immoo, kana sirratti argeera: Dubartii Izaabeel jedhamtu, ‘Ani haadha raajiiti’ ofiin jettu, sana obsiteetta. Isheen barsiisa isheetiin akka hojjetoonni koo sagaagalanii fi nyaata waaqayyoliif (idols) kennamuuf qophaa’e nyaataniif isaan gowwoomsiti.”21“Hojii isheetti akka gaabbitu, yeroo isheefii kenneetan ture; isheen garuu, balleessaa isheetti gaabbuudhaaf fedhii hin qabdu.”22 “ Kunoo ilaali! Akka isheen dhukkubsattee siree irra ciiftu nan godha; warra ishee wajjin ejjanis gaabbanii hojii ishee irraa deebi'uu yoo baatan, rakkina guddaa keessan isaan nan buusa.” 23“Ijoollee ishees nan ajjeesa; kanaanis, waldoonni kiristaanaa hundumtuu, inni waanta laphee namaa fi garaa namaa keessa jiru hurgufee ilaalu suni ana ta'uu isaa ni baru. Anis tokko tokkoo keessaniif akka hojiiwwan keessaniitti nan isiniif kenna.”24“Garuu, Tiyaatiraa keessatti warra haftan fi warra barsiisa kana qabachuu dhisanii, isa warri kaan, ‘waantota Seexanaa isa gadi fagoo’ jedhanis hin beebneen immoo, akkas nan jedha: ‘ba'aa kan biraa isin irra hin kaa'u’.”25“Waan hundumaaf iyyuu garuu, hamma ani dhufutti, waan harkaa qabdan jabeessitanii qabachuu qabdu.”26 “Isa mo’uu fi isa hojii koo hamma dhumaatti hojjetuuf, aangoo inni saba baay'ee irratti qabu nan isaaf kenna.”27“Ulee sibiilaatiinis isaan bulcha (bita); akka qodaa suphees isaan cacabsa.”28“Akkuma ani abbaa koo biraa fudhadheetiinis, nama sanaaf bakkalcha barii nan kenna.”29“Namni gurra qabu waanta Afuurri Qulqulluu waldoota kiristaanaatiin jechaa jiru mee haa dhaga’u.”
1“Ergamaa isa waldaa kiristaanaa Sardees keessa jiruutiif, akkas jedhii barreessi:”‘Ergaan kun kan dhufe isa afuura Waaqayyoo toorbaa fi urjii toorba qabatu sana biraati jedhi.’ “Ani hojiiwwan kee nan beeka. Maqaadhaaf lubbuu qaba jedhamta malee, ati du’aa dha;”2“Hojiiwwan kee fuula Waaqayyoo koo duratti guutuu ta’uu isaa sababa ani hin argineef, dammaqii ka’itii warra hafan illee akka isaan hin duuneef jajjabeessi.”3 “Kanaafuu, wanta fudhattee fi waanta dhageesse yaadadhu. Isaafis abboomami. Hojiiwwan keettis gaabbi. Dammaqxee ka’uu yoo baatte garuu, ani hattuu fakkaadheen sitti dhufa; sa’aatii kamitti akkan sitti dhufus hin beektu.”4“Haa ta'u iyyuu malee garuu, Saardes keessa namootni muraasa, uffata isaanii hin xureessine, jiru; waan isaaniif maluuf, isaan uffata adii uffatanii ana wajjin ni deemu.”5 “Inni mo’u uffata adiitu itti uffifama; anis maqaa isaa Kitaaba Jireenyaa keessaa hin haqu; Abbaa koo fi ergamtoota fuuldurattiis maqaa isaa waameetan isaaf dhugaa nan ba’a.”6“Namni gurra qabu waanta Afuurri Qulqulluu waldoota kiristaanaatiin jechaa jiru mee haa dhaga’u.”7“Ergamaa isa waldaa kiristaanaa Filaadelfiyaa keessa jiruutiif, akkas jedhii barreessi:” ‘Ergaan kun kan dhufe isa qulqulluu fi isa dhugaa ta’e; isa furtuu Daawwiit qabatee jiru; isa kan inni saaqu (banu), eenyumtuu cufuu hin dandeenye; isa inni cufes, eenyumtuu saaquu hin dandeenye; biraati jedhi.’8“Ani hojiiwwan kee nan beeka. Kunoo ilaali; ani fuuldura kee balbala banaa, isa eenyumtuu cufuu hin dandeenyee, siif kaa’een jira. Akka humni kee laafa ta’e nan beeka; garuu immoo, dubbii koo eegdeetta; maqaa koos hin kaadne.”9“Kunoo ilaali! Warra walga'ii Seexanaa ta’ani fi warra Yihudoota utuu hin ta'in sobanii Yihudoota ofiin jedhan sana akka dhufanii miilla kee jalatti kufani nan godha; akka ani siitiin jaaladhus ni baru.”10“Sababa ati waan ani si ajaje obsaan dandeessee eegdeef, ani immoo sa’aatii qormaataa isa guutummaa biyya lafaa irratti namoota lafa irra jiraatan hundumaa qoruudhaaf dhufu sana jalaa akka ati baatuu nan si eega.”11“Anuu as dhihootti nan dhufa; akka namni tokko iyyuu gonfoo mo'ichaa (crown) kee sirraatii hin fudhannef, isa qabdu jabeessiitii eeggadhu.”12“Isa mo'uuf, anuu mana sagadaa Waaqayyo koo keessatti utubaa nan isaafii dhaaba. Lammaffaas achi keessaa hin baafamu. Anis maqaa Waaqayyoo koo, maqaa magaala Waaqayyoo koo (Yerusaalem ishee haaraa, ishee Waaqayyo koo biraa waaqa keessaa gadi buutu) fi maqaa koo isa haaraa isa irratti nan barreessa.”13“Namni gurra qabu waanta Afuurri Qulqulluu waldoota kiristaanaatiin jechaa jiru mee haa dhaga’u.”14“Ergamaa isa waldaa kiristaanaa Laa'odiiqeyaa keessa jiruutiif, akkas jedhii barreessi:” ‘Ergaan kun kan dhufe isa “Ameen” jedhamu, isa amananmuu, isa dhugaa ba’uu fi isa uumama Waaqayyoo irraatti abboomaa (bulchaa) ta’e biraati jedhi.’15“Ani hojiiwwan kee nan beeka; akka ati yookiin qorraa yookiin immoo hoo’aa hin taanes nan beeka. Ani hawwiin koo otoo ati yookiin qorraa yookiin immoo hoo’aa taateeti ture.”16“Kanaafuu, sababa ati rammoo garaa (lukewarm) taateef – hoo’aas qorraas kan hin taane – afaan koo keessa gadi si tufuufan jedha.”17“Atis ‘Ani sooressa dha; qabeenya baay’ees waan ani qabuuf, waata tokko iyyuu hin barbaadu’ jetta. Garuu, ati akka nama hundumaa ol rakkataa, gaddisiisaa, hiyyeessa, jaamaa, fi qullaa ta'uu kee hin beektu.” 18“Gorsa koo dhaggeeffadhu: akka sooromtuuf warqee ibiddaan qulqulleessame, akka dhaqna qullummaakee isa siqaanessu dhoqsattuuf uffata adii bareedaa fi akka arguu danddessuf qoricha ijaa ija keetti dibattu ana irraa bitadhu.”19“Ani naman jaaladhu eenyuma iyyuu itti nan ori’a, nan abboomas. Kanaafuu, atis dhimmi; hojiiwwan keettis gaabbi.” 20“Kunoo ilaali; ani balbala bira dhaabbadheen jira; balbalas rukutaan jira. Namni sagalee koo dhaga'ee balala anaaf banu yoo jiraate, ani mana isaatti ol nan seena; isa wajjin ta’ees maaddiitti nan dhi'aadha; innis ana wajjin ni nyaata.”21“Nama isa mo’uuf, ana waliin tessoo (barcuma) koo irra akka taa’uu mirga isaafii nan kenna; akkuma anis mo’ee Abbaa koo wajjin barcuma isaa irra taa’ee ture sanaatti jechuu koo ti.” 22“Namni gurra qabu waanta Afuurri Qulqulluu waldoota kiristaanaatiin jechaa jiru mee haa dhaga’u.”
1 Waantota kana booddees, nan ilaale; waaqa keessatti balbala banamaa tokkos nan arge. Sagaleen inni ani duraan dhaga’ee ture suni, akka sagalee faaggaatti (trumpet) dubbachaa, “As ol koottu; waantoota kana booda, waanta raawwachuu qabu ani nan sitti argisiisa,” naan jedhe.2Battaluma sanatti, ani Afuura Qulqulluutiin nan guutame; achumaanis, barcuma waaqa keessa kaa'amee jiru tokko irra nama taa'ee jiru tokko nan arge.3Inni barcuma sana irra taa'ee jiru sunis albuudota jaasper (jasper) fi karneeliyaan (carnelian) jedhaman fakkaata. [Albuudonni kuni garmalee bareedu; gatiin isaanii baay’ee qaala’aa dha; baay’ee waan calaqqisaniif, bareedina midhagsuuf oolu]. Barcumichis Sabbata Waaqayyootiin marsamee ture. Sabbatni Waaqayyoo sunis yeroo ilaalani albuuda bareedaa eemeraalaad (emerald) fakkaata ture.4Barcumoonni digdamii afur barcumichatti naanna’anii jiru ture; barcumoota kana irras manguddonni digdamii afur, uffata adii uffatanii, akkasumas gonfoo (kooffiyyaa) warqee mataatti keewwatanii, taa'anii turani.5Barcumica biraatii bakakkaan balaqqeessu, sagaleen guguungumu fi sagaleen qaqawweessu ni dhufa ture; fuul dura barcumichaatii immoo ibsaa afuurota Waaqayyoo toorban kan ta’an ibsaan toorba boba’aa jiru ture.6Burcuqoon galaanaa kan birillee (miccirraa) fakkaatus fuul dura barcumichaa jira ture. Gidduu fi naannoo barcumichaas, fuulli isaanii fi dugdi isaanii kan ijaan guutame, uumamni lubbuu qaban afur jiru turani.7Uumamni inni duraa leenca fakkaata ture; inni lammaffaa jabbii fakkaata ture; uumamni inni sadaffaan immoo fuula nama fakkaatu qaba ture; inni afuraffaa joobira isa balali'u fakkaata ture.8Tokkon tokkon uumamtoota lubbuu qaban arfan sunis, kaattuu, keessaa fi duubaan ijaan guutame, ja'a ja'a qabu ture. Halkanii fi guyyaas, otoo addan hin kutiin: “Qulqulluu, qulqulluu qulqulluu dha Waaqayyo Gooftaan inni hundumaa danda'u, inni ture, inni amma jiru, inni dhufuuf jirus,” jedhanii faarfatu.9Yeroo uumamttoonni lubbuu qaban kun isa barcumicha irra taa'ee jiru sanaaf guddina, ulfinaa fi galata dhiheessanitti, isa bara baraan jiraatu sanaaf in dhi'eessu.10Yeroo manguddoonni digdamii arfan, isa barcumicha irra taa'ee jiru fuul duratti kufanii isa bara baraan jiraatuuf sagadani, gonfoowwan isaanii barcumicha fuul dura kaa’uudhaan akka jedhanii: 11“Siif ta’uu ni mala, yaa Gooftaa keenyaa, yaa Waaqayyoo keenyaa, Guddina, ulfinaa fi humna fudhachuun kee, Waan hundumaa kan uumte waan taateef, Kan jiraatanis, kan uumamanis akka fedhii keetti dha,” faarfatu.
1 Sana booddees, waraqaa, kan kessaa fi duubaan iratti barreeffamee fi chaapaa toorbaan saamsamee, walitti marame tokkon harka mirgaa isa barcuma irra taa'ee jiru sana keessatti nan arge. 2Ergamaa cimaan tokko sagalee isaa ol guddisee, “Waraqaa maramee jiruu kana banuu fi saamsaa isaas kutee saaquudhaaf namni isaaf malu eenyu dha?” Mallattoo macaafichi ittiin cufame irraa kutee macaaficha banuudhaaf kan male eenyu?" jedhee yeroo inni labsu nan arge.3 Kan waaqa keessaa, lafa irraa, yookiin immoo lafa jala jiraatu tokko illee waraqaa maramee jiru kana banuu yookiin dubbisuu hin dandeenye ture.4Sababa namni waraqaa maramee jiru kana banuu yookiin dubbisuu danda’u dhibe irraa kan ka’e, ani baay’een boo’e. 5Maanguddoota sana keessaa inni tokko garuu, “Hin boo'in! Kunoo ilaali! Leencichi inni gosa Yihudaa, inni Hidda Daawwit ta’e mo'eera. Inni isa marame banuu fi saamsaa isaas saaquu ni danda’a,” naan jedhe.6 Bakka barcumichaatti, uumamatoota lubbuu qaban arfanii fi manguddoota gidduutti Hoola dhaabbatee jiru tokkon nan arge. Hoolichis waan qalame fakkaata. Hoolichi gaanfa toorbaa fi ija toorba qaba ture; kunneenis, afuurota Waaqayyoo toorban guutummaa biyya lafaatti ergamanii turani dha.7Hoolichi isa barcuma irra taa’ee jiru bira deemuudhaan harka mirgaa isaa keessaa waraqaa maramee jiru sana fudhate,8 Yeroo inni waraqaa maramee jiru fudhatee turettis, uumamttoonni lubbuu qaban arfan fi manguddootni digdamii arfan sun Hoolicha fuul duratti kufani. Tokko tokkoon isaaniis, kadhata saba Waaqayyoof qulqullaa'aniif warra fayyadan baganaa (harp) fi meeshaa ixaana itti aarsan, isa warqee irraa hojjetamee, ixaanaan guutanii harkkatti qabatanii ture.9 Isaanis faarfannaa haaraa faarfatani: “Ati isa maramee jiru fudhachuun siif mala; Saamsaa isaas hikuun siif mala. Ati gora’amtetta; dhiiga keetiinis, saba Waaqayyoo bitatteetta. Gosa, afaan, ummataa fi biyya hunda irraa bitatteetta.”10“Waaqayyoo keenyaa akka tajaajilaniifs mootummaas, lubootas isaan goote; Isaanis biyya lafaa bituuf aangoo ni qabu,” jechuudhaanis ni faarfatani .11Kana booddees, ergamoota baay'ee barcumichaatti, uumamtoota lubbuu qabanittii fi, manguddoota sanattis naanna'an nan arge; sagalee isaanis dhaga’een ture. Baay’inni lakkoofsa isaaniis kumaatama kudhanii, kumaatama kudhanii fi kumaatama kumaatamaa ture. 12Sagalee ol guddaa tiinis akkas jedhanii ture: “Hoolichi inni qalame aangoo, badhaadhummaa, ogummaa, humna, ulfina, guddina, hooqubaa fudhachuuf isa isaaf malu dha.”13 Wanti waaqa irratti, lafa irratti, lafa jalatti, fi galaana keessatti uumamee, isaan keessa jirus hundinuu, “Hooqubaan, ulfinni, guddinni, aangoon, isa teessoo irra taa'ee jiru sanaaf, hoolichaafis baraa hamma bara baraatti haa ta'u!” jechuu isaanii, nan dhaga'e.14Uumamtoonni lubbuu qaban arfanis, “Ameen!” jedhani; manguddoonnis lafatti kufudhaan sagadani.
1Yeroo Hoolichi chaapaan saamsaman warra toorbaa keessaa isa tokko saaqee turetti, uumamtoota lubbuu qaban arfan keessaa inni tokko sagalee akka qaqawweetiin, “Koottu!” yeroo inni jedhu ilaalaan ture. 2Farda adii tokkos nan arge. Inni fardicha yaabbatee jiru iddaa harkatti qabatee ture; gonfoon immoo isaaf kenname. Inni mo'aa dha; ammas mo'uudhaaf ba'ee dhufe.3 Yeroo Hoolichi isa chaapaan saamsaame isa lammaffaa saaqee turetti, uumamtoota lubbuu qaban arfan keessaa inni lammaffaa “Koottu!” yeroo inni jedhu nan dhaga’e.4Sana boodas, fardi biraa inni akka ibiddaa diimatu tokko gadi ba'e. Isa fardicha yaabbatee jiruufis nagaa biyya lafaa irraa akka inni balleessuu fi namoonnis akka wal gorra'an eeyyamni kennameefii ture. Isa fara yaabbatee jiruu kanaaf haaduun baay’ee guddaa ta’es isaaf kenname.5Yeroo Hoolichi isa chaapaan saamsame isa sadaffaa saaqee turetti uumamtoota lubbuu qaban arfan keessaa inni sadaffaa “Koottu!” yeroo inni jedhu nan dhaga’e. Anis farda gurraacha tokkoo fi inni fardicha yaabbatee jiru immoo madaalii harka isaatti qabate argeen ture.6Sagalee, uumamtoota lubbuu qaban arfan gidduudhaa inni tokko kan dubbate kan fakkaatu, “Qamadii safartuu xinnoo tokko, gatii dadhabbii guyyaa tokkoo, garbuu safartuu xinnoo sadiis gatii dadhabbii guyyaa tokkoo godhi. Zaytichaa fi waynicha garuu hin miidhin” jedhu dhaga'een ture..7Yeroo Hoolichi isa chaapaan saamsame isa afuraffaa saaqee turetti uumamtoota lubbuu qaban arfan keessaa inni afuraffaa, "Kottu!" jechuu isaa nan dhaga'e.8Itti aanees, farda daalacha (pale) tokko nan arge. Maqaan isa fardicha yaabbatee jiru immoo Du’a jedhama; Si’ool (mana mootummaa warra bara baraaf du’anii) duuba isaa jira ture. Isaanis, nuusa (ruubii) biyya lafaa kana haaduudhaan, beelaa fi dhukubaan, yookiin immoo bineensota caakkaatiin akka ajjeesaniif aangoon isaaniif kennamee ture.9Yeroo Hoolichi isa chaapaan saamsame isa shanaffa saaqee turetti, ani immoo lubbuuwwan warra sagalee Waaqayyoof jedhanii, akkasumas sababa waanta dhugaa ba'aan eeganii turaniif jedhamamee qalamanii turan bakka sagadaa jalatti nan arge.10Isaanis, sagalee isaanii ol guddisuudhaan, “Ati Inni Mo’aa, Qulqulluu fi Dhugaa taate! Warra biyya lafaa irra jiraatan irratti akka firdii kee laattee gumaa dhiiga keenyaa unuuf baastuuf, hanga yoomiitti tura?” jedhanii iyyaa turani. 11Itti aanees, uffatni adiin tokko tokkoo isaaniif kenname; hanga hojjetoonni akka isaani fi obbolootni isaanii, warri akkuma isaanii ajjeesamuuf jedhani, hundumtuu ajjeesamanii dhumaniitti yeroo muraasaaf akka eeganis isaanitti himamee ture.12 Yeroo Hoolichi isa chaapaan saamsame isa ja’affaa saaqee turetti, socho’a lafaa guddaa ta'e ilaaleen ture. Biiftuunis akka uffata gaddaatti gurraacha taate; ji'in isheen guutuu taatee baate immoo akka dhiigaatti diimattee turtte.13Akkuma qilleensi cimaa ta’e muka harbuu yeroo raasu sanyii isaa isa hin bilchaanne harcaasuutti, urjoonnis waaqa keessaa lafatti gadi harca'anii ture.14Waaqnis (samiinis) akka waraqaa walitti maramee jiruutti ni bade (bakka jiruu bade). Tokko tokkon tulluu fi lafi bishaan keessaa bakka jirani irraa butamanii ture.15 Sana booddees, mootonni biyya lafaas, namoonni beekamoo ta’anis, ajajjoonni waraanaas, namoonni sooreyyiinis, humna qabeeyyonnis fi warri hafanis, inni garbichaa ta’es, inni bilsa ta’es hundumtuu boolla keessa fi kattaa tulluu gidduu jiru keessa dhokatanii ture.16Tulluuwwanii fi kattaawwan sanaatiinis akkas jedhani: “Nu irratti jigaa! Fuula isa barcuma irra taa'ee jiru duraatiis, dheekkamsa Hoolicha jalaatiis nu dhoksaa!” 17“Guyyaa cimaan dheekkamsa isaanii dhufeera. Egaa eenyutu danda’ee dura dhaabbata?” jedhani.
1 Kana booda immoo, ergamoonni afur golee (corners) lafaa arfan irra dhaabbachuudhaan, akka qilleensi lafattis, galaanattis, mukattis hin qilleensineef jedhanii, qilleensota golee arfanii jabeessanii ittisuu isaanii ani argeera.2Ergamaan kan biraan immoo chaapaa (seal) Waaqayyoo isa jiraataa of harkatti qabatee karaa ba’a biiftuu irraa yeroo inni dhufaa jiru nan arge. Ergamichis, ergamoota arfan warra lafaa fi galaana miidhuuf eeyyamni kennameefii turan sanaatiin, sagalee isaa ol fudhatee akkas jedhee isaanitti iyye:3“Hanga nuti adda hojjetoota Waaqayyo keenyaa irratti chaapaa goonutti lafas, galaanas, yookiin immoo mukas hin miidhinaa.”4 Lakkoofsa warra chaapaan godhameefi dhaga'eera; gosa ijoollee Israa'el hunduma keessaa 144,000 chaapaan godhameefiira .5Gosa Yihudaa keessaa, nama kuma kudha lamaaf chaapaan godhameera; gosa Ruuben keessaas, nama kuma kudha lamaaf chaapaan godhameera; akkasumas, gosa Gaad keessaas, nama kuma kudha lamaaf chaapaan godhameera;6Gosa Asheer keessaa kumni kudha lama, gosa Niftaalem keessaa kumni kudha lama, gosa Minaasee keessaa kumni kudha lama;7Gosa Simi’oon keessaa kumni kudha lama, gosa Lewwii keessaa kumni kudha lama, gosa Yisaakor keessaa kumni kudha lama;8Gosa Zebuloon keessaa kumni kudha lama, gosa Yoseef keessaa kumni kudha lama, gosa Beniyaamin keessaa kumni kudha lama mallattoon chaapaa godhameefiira.9Waantota kanneen eergan ilaalee booda, kan namni kam iyyuu lakkaa’uu hin dandeenye, namoonni baay'ee hedduu ta’an biyya, gosa, uummata fi afaan dubbatamu hundumaa keessaa dhufan fuul dura barcumichaa fi fuul dura Hoolichaa dhaabbachaa jiran argeera. Isaanis, uffata adii uffatanii, dameewwan muka meexxiis harkatti qabatanii ture;10Sagalee isaanii ol fuudhachuudhhanis, “Fayyinni Waaqayyo keenya isa barcumicha irra taa'ee jiru biraa, Hoolicha biraas ni argama!” jechaa iyyaa turani.11 Ergamoonni barcumichatti, manguddootatti akkasumas uumamatoota lubbuu qaban arfanitti naanna'anii dhaabbachaa turani hundumtuu barcumicha fuul duratti adda isaaniitiin gombifamanii. Waaqayyoofis sagadani;12Akkasis jechaa: “Ameen! Hooqubaan, guddinni, ogummaan, galanni, ulfinni, humni, aangoonis bara baraatiif Waaqayyo keenyaaf haa ta'u! Ameen!”13 Kana booddees, manguddoota keessaa inni tokko, “Warri uffata adii uffatanii jiran kun eenyu dha; eessaatiis dhufani?” jedhee na gaafate.14Anis, “Yaa gooftaa ko, situ beeka!" ittiin nan jedhe. Innis, “Isaan kun warra rakkina guddaa keessaa ba'anii dhufanii dha. Uffata isaaniis kan addeeffatani dhiiga Hoolichaatiin miiccataniitu dha”15 “Barcuma Waaqayyoo fuul duratti kan isaan argamanis sababa kanaafi dha; Waaqayyootiinis halkanii fi guyyaa mana sagadaa isaa keessatti isaaf sagadu. Inni barcuma irra taa'ee jirus, godoo (tent) isaa isaan irratti ni diriirsa.”16“Isaanis, lammaffaa hin beela'ani; lammaffaas hin dheebotani. Aduus ta’e, waanti nama gubu kan biraas, isaan hin gubu.”17“Hoolichi inni walakkaa barcumichaa jirus isaaniin ni tiksa; gara burqaa bishaan jireenyattis isaaniin ni geessa; Waaqayyoos imimmaan isaanii kam iyyuu ija isaanii irraa ni haqa” naatiin jedhe.
1 Yeroo Hoolichi isa chaapaan saamsame isa toorbaffaa banee ture immoo, waaqaa keessatti cal jedhamsi (silence) naannoo sa’aatti walakkaatiif ture. 2Sana booddees, ergamoota toorban warra fuul dura Waaqayyoo dhaabbachaa jiraniif faaggaawwan (xurumboota) toorba yeroo isaaniif kennamu nan arge.3 Ergamaan kan biraan kan qodaa ixaana itti aarsan isa warqee irraa hojjetame baatee dhufeetu bakka aarsaa Waaqayyoo dhaabbachaa ture. Fuul dura barcumichaa kan jiru, iddoo aarsaa ixaana Waaqayyoo, isa warqee irraa hojjetamee jiru, sana irratti ixaana kaa’ee akka uummanni Waaqayyoof qulqullaa'an hundumtuu kadhataniif, ixaanni baay'ee hedduu ta’e ergamichatti kenname.4Aarri ixaanichaas, kadhannaa warra Waaqayyoof qulqullaa'anii wajjin ta’ee, harka ergamaa sanaa irraa ka’uudhaan gara fuul dura Waaqayyootti ol ka'e.5Ergamichis qodaa ixaana itti aarsan sana fuudhuudhaan ibidda iddoo aarsaa sanaa jiru itti guute. Sana boodas, ibiddicha lafatti gadi darbate; yeroo inni lafatti kufes, ni qaqawweesse, ni guggummeesse, bakakkaan ni balaqqeesse, laftis socho'ee ture.6Ergamoonni toorban, warri xurumboota toorba of harkaa qabani, faaggaawwan sana afuufuudhaaf ni qophaa'ani.7Ergamaan inni duraas xurumbaa isaa afuufe; cabbii fi ibiddi kan dhiigaan walmake ni mul’ate. Lafa irrattis gadi darbatame; kana irraa kan ka’eenis; tokko tokkoo lafaa, mukaa fi marga jiidhaa irraa, harka sadii keessaa harki tokkoon isaanii ni gubate.8Ergamaan inni lammaffaas xurumbaa isaa afuufe; waanti tulluu guddaa fakkaatu tokko ibiddaan gubachaa galaana keessatti darbatame. Harka sadii keessaas harki tokkoo galaanichaa dhiiga ta'e;9Harka sadii keessaas harki tokkoo uumamtoota lubbuu qaban warri galaanicha keessa jiraatanis ni du'ani; markaboonnis, harka sadii keessaa harki tokko ni barbadaa’ani.10Ergamaan inni sadaffaanis xurumbaa isaa afuufe; urjjii guddaan tokko akka gucaa boba'aa samii keessaa, harka sadii keessa harki tokkoo lagoota fi harka sadii keessa harki tokkoo burqqawwan bishaanii irratti kufe. 11Maqaan urjii sanaas Hadhooftuu jedhama. Harka sadii keessa harki tokkoo bishaanota sanaas hadhooftuu ta’ani; hadhaa’ummaa bishaanota kanaa irraa kan ka’eenis, namoota baay’eetu du’e.12 Ergamaan inni afuraffaas xurumbaa isaa afuufe; harka sadii keessaa harki tokkoo biiftuu, harka sadii keessaa harki tokkoo ji'aa, akkasumas, harka sadii keessaa harki tokkoo urjiiwwaniis ni rukutame; kana irraa kan ka’eenis, harka sadii keessaa harki tokkoon isaanii dukkana ta’e; harka sadii keessaa harki tokkoo guyyaa fi harka sadii keessaa harki tokkoo halkaniis ifa hin qabani ture.13 Joobira bantii mataa koo irraan samii keessa balali'u tokkon arge; innis sagalee isaa ol fudhatee, “Ergamoonni sadan faaggaawwan warra hafan yeroo afuufan sagalee dhowuuf jedhuuf, isin warra lafa irra jiraattaniif wayyoo, wayyoo, wayyoo!” jechaa iyyuu isaas nan dhaga'e.
1 Sana boodas, ergamaan inni shanaffaa xurumbaa isaa afuufe. Urjii waaqa keessaa lafatti kufe tokkos nan arge. Saaqxuun ujjumboo qilee boollaa keessa ittiin bu’aniis urjichaaf kenname.2Urjichis ujjumboo qilee boollaa keessa ittiin bu’anii sana bane; aarri inni aara warshaa guddaa keessaa ba’u fakkaatus boollicha keessaa ol ba'ee aare. Biiftuu fi qilleensis aarichaatiin ni dukkanaa'ani.3 Hawwaannisnis aaricha keessaa lafa irraatti ba'e; isaanis, humna (aangoo) akka humna ginxootaa (scorpions) ta’e lafa irratti akka qabaataniif isaaniif kennamee.4Isaanis namoota warra chaapaa Waaqayyoo adda isaanii irratti hin qabne malee, marga lafa irra jiru, biqiltuu magariisa yookiinis immoo muka kam iyyuu miidhuu akka hin qabne isaanitti himame.5Namoota sanas ji’a shaniif akka gidiraa argisiisaniif malee, ajjeesuun isaaniif hin eeyyamamne. Dhiphinni (Miidhaan) isaan irraa ga’us akka ginxiin yeroo nama iddeetti isaanitti dhaga’ama.6Guyyaawwan sanattis namoonni otoo du'anii barbaadu; du’a garuu hin argatani. Du’uuf baay’ee fedhu; duuni garuu isaan irraa baqata.7Hawwannistoonni sunis fardeen lolaaf (waraanaaf) qopha’an fakkaatu. Waanti gonfoo warqee fakkaatu mataa isaanii irraa qabu; fuulli isaanii immoo fuula namaa fakkaata.8Rifeensi isaanii rifeensa mataa dubartootaa fakkaata; ilkaan isaanii immoo akka ilkaan leencaa ti.9Laphee isaanii irratti waan akka diraa sibiilaa jabaatu diratanii qabu; huursaan baallee isaaniis akka huursaa gaarii fardeeniin harkifamanii waraanatti didichaa jiranii ti.10 Eegeewwan akka ginxootaa nama iddan qabu; eegeewwan isaaniis humna ji'a shaniif nama miidhu qabu.11Isaan mootii ofii isaaniis qabu; innis ergamaa boolla qilee sanaati. Maqaan isaas afaan Yihudootaattiin “Abadoon”, afaan Giriikiitiin immoo “Apxoliyoon” jedhama.12Wayyoon inni duraa darbeera. Hubadhaa! Kana booddees, wayyoon lama amma iyyuu ni dhufa.13 Ergamaan inni ja'affaan xurumbaa isaa afuufe; anis sagalee gaanfaa kan bakka aarsaa isa warqee irraa hojjetamee fuul dura Waaqayyoo taa’ee jiru biraatii dhufaa jiru nan dhaga’e;14Ergamaa isa ja'affaa xurumbaa baatee jiru sanaatiin, “Ergamoota arfan warra Laga Efiraaxes isa guddichatti hidhamanii jiran hiiki!” jedhe.15Ergamoonni arfan warri sanyii namaa harka sadii keessaa harka tokko ajjeesuudhaaf sa'aatii sanaaf, guyyaa sanaaf, ji'a sanaaf, akkasumas waggaa sanaaf qopheeffamanii turanis ni hiikamani..16Lakkoofni loltoota farda yaabbatanii 200,000,000 akka ture ani dhaga’eera.17Akkaataan ani fardeen sanaa fi warra isaan yaabbatanii jiran sanas arges, akkasi: Biftiwwan dirannaa namoonni suni laphee isaaii irratti diratanii turani diimaa, bifa waaqaa fi bifa keelloo ti. Mataan fardeen isaanii immoo mataa leencaa fakkaata ture; afaan isaanii keessaas ibiddi, aarri fi ibidda qabsiistuun (dhagaan ibiddaa) ni ba’u ture.18Sababa dhaicha sadan kanaa, isaanis ibidda, aara fi ibidda qabsiistuu warra afaan fardeenii sana keessaa ba’anii, irraa kan ka’e namoota harka sadii keessaa harka tokkotu ajjeeffame.19Humni fardeen sanaas kan jiru afaani fi eegee isaanii keessa dha; eegeen isaanii bofa fakkaata; mataas ni qabu; isaaniitiinis namoota madeessu.20 Namoonni dha'icha kanneeniin otoo hin ajjeefamin hafan garuu hojii iaaniitti hin gaabbine ture; hojiiwwan harki isaanii hojjetetti gaabbuudhaan irraa hin deebine; afuura hamaa fi waaqayyolii warqee, meetii, sibiila diimaa, dhagaa fi muka irraa hojjetamanii fi arguus, dhaga'uus, deemuus (socho’uus) hin dandeenyeef sagaduus hin dhiifne. 21Isaan lubbuu baasuu (ajjeesuu), namatti moruu, sagaagaluu, fi hanna isaanitti gaabbaniis irraa hin deebine.
1Sana booda immoo ergamaan baay’ee nama sodaachisu tokko waaqa keessaa otoo inni gadi bu’aa jiruu nan arge. Innis hurriitiin marfamee ture; mataa isaa olitti immoo sabbata Waaqayyootu ture. Fuulli isaa biiftuu fakkaata; miilli isaas utubaa ibiddaa fakkaata. 2Kitaaba xinnoo walitti maramtee jirtu tokko qabatee ture; isheenis harka isaa irratti banamte. Miilla isaa mirgaatiin galaana irra, miilla isaa bitaatiin immoo lafa irra ejjete;3 Itti aansees, sagalee isaa ol fudhatee akka leencaa baroode. Yeroo inni iyyee ture sanattis, qaqawween toorban sunis sagalee isaaniitiin dubbatanii ture.4Yeroo isaan dubbatan sana, ani immoo waan isaan jedhani barreessuuf jedheen ture; garuu sagalee waaqa keessaa, “Wanta qaqawween toorban dubbatan garaa keetti qabadhuu dhoksii malee; hin barreessiin!” natiin jedhun dhaga'e.5 Achiin boodas, ergamichi inni galaanaa fi lafa irra ejjetee yeroo dhaabbachaa jiru ani argee suni, harka mirgaa isaa gara waaqaatti ol qabe. 6Innis maqaa isa bara baraatiif jiraatu, isa waaqaa fi wanta isa keessa jiraatus uume, isa lafaa fi wanta isa irra jiraatus uume, isa galaanaa fi wanta isa keessa jiraatus uume sanaatiin eerga kakatee booda, “Kana caalaa lafa irra harkisuun hin jiru.7Gaafa guyyaa ergamaan inni toorbaffaan xurumbaa isaa afuufuuf jedhutti garuu, raajiin Waaqayyoo, haaluma inni hojjetootaa fi raajota isaattiif waa’ee oduu gammaachuu kanaa ibsee ture sanatti, ni raawwata” jedhe.8 Sagaleen inni ani waaqa keessaa duraan dhaga'e ture suni, ammas deebisee anatti dubbate, “Dhaqiitii kitaaba banamaa harka ergamaa isa galaana fi lafa irra dhaabbatu sana keessa fudhadhu” naan jedhe.9Anis gara ergamichaa deemeen, akka inni kitaaba xinnoo sana anaaf kennu isa gaafadhe. Innis, “Kitaabicha fudhadhuuti nyaadhu. Garaa kee ni hadheessa; ataan kee keessatti garuu akka dammaa midhaaha” naatiin jedhe.10 Anis kitaabicha ergamichaa harkaa fuudheen nyaadhe. Afaan koo keessatti akkuma dammaa midhaaha dha ture; eergan nyaadhee booda garuu, garaan koo hadhaahaa ta’e. 11Sana boodas, namni wa’ii “Ati ammas raajii waa'ee namoota baay'ee, saba baay'ee, afaan baay'ee, mootota baay'ee dubbachuun si irra jira” naatiin jedhe.
1 Ulee ittiin safaruuf kan nagargaaru, uleen shambaqqoo tokko anaaf kenname. anatti dubbatee, “Ka'iitii mana sagadaa Waaqayyoo fi bakka aarsaa Isaa safari; namoota warra achi keessatti sagadanis lakkaa'i” jedhamee natti himame2Akkasumas, “Goodaa dallaa mana sagadaa Waaqayyootti naanna’ee jiru sana garuu hin safariin; inni warra Waaqayyoon hin amanneef kennameera. Isaanis ji'a afurtamii lamaaf qe’eettii qulqullooftu sana ni dhidhiitu.3 Dhuga-baatonni koo lamaa uffata gaddaa uffatanii, guyyoota 1,260f raajii akka dubbataniif ani aangoo nan kennaaf” jedhee natti hime.4Dhuga-baatonni lameen kunis, muka ejersaa lamaa fi baattuu ibsaa lamaan warra Goofticha biyya lafaa fuul dura dhaabatanii dha. 5Eenyu iyyuu isaan midhuuf barbaada yoo ta’e garuu, ibiddi afaan isaanii keessaa ba'ee diinota isaanii ni fixa. Isaaniin miidhuuf kan barbaadu eenyu iyyuu, haala kanaatiin ajjeesamuu qaba.6Dhuga-baatonni kuni guyyoota isaan raajii himan sana bokkaan akka hin roobneef samii cufuudhaaf aangoo ni qabu. Yeroo barbaadanittis, bishaan dhiigatti geddaruudhaaf, akkasumas,yeroo barbaadanitti dhukuba dha'icha kamiinuu biyya lafaa rukutuudhaaf aangoo ni qabu.7Dhugaa ba’uu isaanii yeroo isaan xumuranitti immoo, bineensichi inni boolla qilee sana keessa ol ba’u lola isaanitti kaasa. Isaan mo'uudhaanis, isaan ajjeesa.8Reeffi isaaniis magaalicha isa guddicha (Magaalli sunis isa fakkeenya afuuraatiin “Sodoom fi Misirii” jedhamee waamamu dha) iddoo gooftaan isaanii duraan itti fannifamee ture keessaatti karaa irra ni ciisa.9Guyyoota sadii fi walakkaatiifis, saba, gosa, afaan fi biyya hundumaa keessaa kan dhufan nammoonni muraasni reeffa isaanii ni ilaalu. Isaanis akka isaan awwalaman hin eeyyamani.10 Warri biyya lafaa irra jiraatanis kanatti gammadudhaan ni ayyaaneffatu. Kana irra darbee iyyuu; kennas waliif ni kennu; sababni isaas raajonni lameen kuni warra biyya lafaa irra jiraatan gidiraa argisiisaa warra turan waan ta’eefi dha..11Guyyoota sadii fi walakkaa booda garuu, afuurri jireenyaa Waaqayyo biraa dhufeetu isaan keessa ni seena. Isaanis ka'anii ni dhaabatu. Warra isaan ilaalaa jiranittis sodaa guddaan isaanitti ni dhufa.12Sana boodas, waaqa keessaa sagalee guddaan “Ol koottaa as!” jedhee yeroo isaanitti dubbatu ni dhaga’u. Achumaanis, diinonni isaanii bakka ilaalaa jiranitti, isaanis duumessa keessa gara waaqaatti ol ni ba'u.13 Sa’aatii sanattis kirkirri lafaa guddaatu ta’a; harka kudhan keessaa harki tokkoo magaalichaas ni jijjiga. Kirkira lafaa kanaanis namoonni kuma toorba ni ajjeefamu; warra irraa hafanis sodaan isaan ni qaba; Waaqayyo isa waaqa keessa jiruufis ulfina ni kennu. 14Wayyoon inni lammaffaa darbeera. Hubadhu! Wayyoon inni sadaffaas dafee dhufaa jira.15 Itti aaness, ergamaan inni toorbaffaa xurumbaa isaa afuufe; sagaleewwan guguddaan . Waaqa keessaas sagaleen guddaan, “Mootummaan addunyaa biyya lafaa mootummaa Gooftaa keenyaa fi mootummaa Kiristoos ta’ee jira; Innis bara baraatiif mo’ee ni jiraata” jedhani dubbatani.16 Sana booddees, mangguddoonni digdamii arfan, warri iddoo Waaqayyoo jirutti barcuma isaanii irra taa'an, fuula isaaniitiin gadi gombifamanii Waaqayyoof sagadani.17Isaanis, “Ati Inni jirtu, Inni turtes, yaa Waaqayyo Gooftaa Guddaa, humna kee isa guddaa waan fudhatteef, waan mooteefis jecha, nuti galata siif dhi'eessina.18 Warri sitti hin ammane baay’ee aaraniiru; dheekkamsi kee garuu dhufeera. Yeroon warri du'an firdii argatanis ga'eera; Yeroon hojjetoonni kee warri raajotaa, Yeroon warri siif qulqullaa'an, yeroon warra maqaa kee sodaatanii fi yeroon warra xixinnaa fi warra, gurguddaa, Yeroon hunduu gatii isaanii itti argatan ga'eera. Yeroon warra biyya lafaa balleessaa jiran, Ati isaaniin balleeeessitus ga'eera” jedhani.19 Achii boodas, manni sagadaa Waaqayyoo inni waaqa keessaa ni banamee; mana sagadaa Isaa keessaas saanduqni kakuu Isaa ni mul’ate. Battaluma sanattis, balaqqeessi bakakkaa, gugguumgumni, qaqawweessi, kirkirri lafaa fi cabbii hamaa ni uumamani.
1 Mallattoon guddaan tokko, waaqa keessatti mul’ate: dubartiin biiftuu uffattee, ji'a miilla ishee jala gootee, gonfoo urjjiiwwan kudha lamaa qabu immoo mataa ishee irraa qabdu tokko ni mul'atte.2Isheenis ulfa turte; ciniinsuunis itti cimee muccaa da'uudhaaf dhiphattee iyyaa turte.3 Sana booddees, mallattoon biraa tokkos waaqa keessaa ni mul’ate. Ilaali! Jawwee diimaa guddaa kan mataawwan toorba, gaanfota kudhani fi gonfoowwan toorba mataawwan isaa iraa qabu qabu dha ture.4Eegeen isaa urjoota waaqa keessa jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaa'ee lafatti gadi furguggise. Yeroo isheen deessu, mucaa ishee nyaachuudhaa jedhee, jawween sunis dubartii ishee da’uuf ciiniinsifattu fuul dura dhaabate.5 Isheenis mucaa ilmaa deesse; mucaan kunis isa ulee sibiilaatiin saba biya lafaa hundumaa bituuf jedhu dha. Mucaan ishees gara Waaqayyootti, gara barcuma isaattis ishee irraa ol butame;6Dubartittiinis biyya fagoo iddootti isheen guyyoota 1,260f akka waldhaanamtuuf jedhee Waaqayyo isheef qopheessee turetti baqatte.7 Achumaan lolli waaqa keessatti ka'e. Mikaa'elii fi ergamoonni isaa jawwee sana lolani; jawween sunii fi ergamoonni isaas deebisanii isaan lolani.8Jawween suni garuu humna ittiin mo’u hin qabu ture. Kana irraa kan ka’eenis, sana booda jawween sunii fi ergamoonni isaa waaqa keessatti iddoo hin arganne.9Jawwee guddichi sunis, bofni bara durii, inni Diiyaabilos yookiin immoo Seexana jedhamu sunis, inni guutummaa biyya lafaa dogogorsiisu sunis, lafatti gadi darbatamani; ergamoonni isaas isaa wajjin gadi darbatamani.10Achiin boodas, waaqa keessaa sagalee guddaa tokko nan dhaga'e; innis, “Fayyinni fi humni, mootummaan kan Waaqayyo keenyaa, aangoon kan Kiristoos isaatii amma kunoo dhufaniru.Inni obboloota keenyaa yakku,Inni halkanii fi guyyaa Waaqayyo keenya fuul duratti isaan hadheessaa ture gadi darbatameera.11Dhiiga Hoolichaatiin, akkasumas dubbii isaanii isa dhugaa ba'aniinis, obbolonni keenya isa mo'aniiru; du'a iyyuu yoo ta'e, isaan lubbuu isaanii hin mararsiifanne.12Kanaafuu, isin warri waaqaas, warri isaan keessa jiraattanis, gammadaa! Sababa seexanni gara keessanitti gadi bu'eef, lafaa fi galaanaaf garuu, wayyoo! Inni baay’ee aaree jira; yeroo muraasa (gabaabduu) qofaan akka isa hafes ni beeka!” jedhe.13Jawween suni gara lafaatti akka gadi darbatame yeroo beeketti, dubartittii ishee ilma deesse sana ari'uutti ka'e.14Dubartittiinis iddo fagoo isheetiif qophaa’ee jiru sanattii akka balaliituuf, kaattuun joobira guddaa lama isheef kennameera. Kunis iddoo isheen jawwee sana jalaa dhokattee, bara tokkoof, barootaa fi bara walakkaatiif itti kunuunsifamtu dha.15 Yeroo dubartittiin balali’aa turte sana ittis, jawwichi lolaan bishaanii akka ishee haree adeemuuf, bishaan isa akkuma laga yaa'u afaan isaa keessaa gadi dhangalaasee.16Lafti garuu dubartittii ni gargaare. Laftis, laga isa jawwichi afaan isaa keessaa baasee isheetti gadi dhangalaasaa ture sana, afaan isaa banuudhaan dhuge.17Sana booddees, jawween sun dubartittii sanatti baay’ee waan aareef, sanyii ishee warra kaanitti, lola banuudhaaf ka’ee gara isaan jiranitti sokke; isaanis warra abboommii Waaqayyoof ajajamanii fi warra isa Yasuus dhugaa ba'e qabatanii jirani dha.18Achiin boodas, jawwichi cirracha galaanaa qarqaraa irra dhaabate.
1Sana boodas, bineensa galaana keessaa ol ba’aa jiru tokko nan arge. Innis gaanfa kudhanii fi mataa toorba qaba; gaanfa isaa irrattis gonfoo kudhan qaba; tokko tokkoo mataa isaa irratti immoo maqaa ulfinaa Waaqayyoon arrabsuu qaba ture.2Bineensi ani arge kunis qeerransa fakkaata ture. Miilli isaa miilla amaaqetaa fakkaata; afaan isaa immoo afaan leencaa fakkaata. Bineensi kun akka abboomuufis, jawwichatu humna isaa, barcuma isaa fi aangoo isaa isa guddaa ni kenneefi.3Mataan bineensa kana inni tokko madaa isa ajjeesuu danda’u qaba ture; madaan isa ajjeesuu danda’u sun garuu ni fayye. Namoonni guutu biyya lafaas bineensicha duukaa bu’uudhaan isa dinqisiifatani.4Waan inni aangoo isaa bineensichaaf keenneefiifis jecha, namoonni suni jawwichaaf sagadani. “Eenyutu akka bineensa kanaa ta'a? Eenyutis bineensicha kana loluu danda'a?” jecha bineensichaafis ni sagadanii.5Bineensichaafis afaan jechoota of tuulummaa fi arrabsoowan ittiin dubbachuu danda’u kennameefii ture. Kana gochuudhaafis aangoon ji’a afurtamii lamaaf isaaf kenname.6Kana irraa kan ka’eenis, bineensichi afaan isaa banuudhaan kan Waaqayyoon arrabsu, kan maqaa Waaqayyoo fi bakka buufata isaa arrabsu, akkasumas, kan warra waaqa keessa jiraatanis arrabsu dubbate..7Bineensichi warra Waaqayyoof qulqullaa'ani irratti loloa akka banuu fi akka isaan mo’us eeyyama argateera. Akkasumas, gosa, namoota, afaanii fi saba hundumaa irrattis aangoon isaattiif kennameera.8Uumama biyya lafaatii jalqabee, warri maqaan isaanii Kitaaba Jireenyaa, isa kan Hoolicha qalamee (gorra’amee) ta’e, keessaatti hin barreessamne, warri lafa irra jiraatan hundumtuu bineensichaaf ni sagadu.9 Eenyumtuu gurra qaba qaba yoo ta'e, mee haa dhaga'u! 10Eenyumtuu booji'amuuf jira yoo ta'e, booji'amuun isaa hin oolu. Eenyumtuu haaduudhaan ajjeesamuuf jira yoo ta'e, haaduudhaan ajjeesamuun isaa hin oolu. Kana keessatti, warra Waaqayyoof qulqullaa'anii irraa kan eegamu obsaa fi amantii dha.11 Sana booddee immoo, bineensa lafa keessaa ol ba'a jiru kan biraa tokko nan arge. Akkuma hoolaa gaanfa lama qaba; akka jawweetti immoo dubbata ture.12Bineensi kunis aangoo bineensi inni tokkoffaa qabu ture hundumaa bakka inni duraa jirutti ni hojjeta; laftii fi warri isa irra jiraatanis bineensa isa tokkoffaaf, isa madaa isa ajjeesuu danda’u irraa fayyeef, akka sagadani godhe..13Inni raajiiwwan gurguddaa ta’anis ni raawwate. Ibidda iyyuu hojjechuudhaan fuul dura namootaatti waaqa keessaa lafatti gadi buuse.14Mallattoowwan bineensa isa tokkofaa sana bakka bu’ee akka argisiisuuf aangoo isaaf kennamee sanaanis, warra lafa irra jiraatan gowwoomsaa (dogogorsaa) ture; kanas kan godhe, isaan fakkii bifa bineensicha isa haaduudhaan rukutamee ture, garuu immoo amma iyyuu jirachaa jiru, sanaa akka kaasan isaanitti himuudhaani dha ture.15 Fakkii bifa bineensichaattis afuura itti baasee lubbuu akka itti uumuufis eeyyamni waan kennameefiif, akka fakkiin suni iyyuu dubbatuu fi warra sagaduufii didani akka inni ajjeesu godhe.16Dabalataanis, bineensichi namni kam iyyuu, xinnaanis guddaanis, sooressis hiyyeessis, inni bilisa ta’es, inni garba ta’es harka mirgaa irratti yookiin immoo adda irratti gubaa akka qabaatu ni dirqisiise.17Namni kam iyyuu, gubaa bineensicha, innis, lakkoofsa maqaa isaa argisiisu, yoo of irraa qabaate malee, bituus gurguruus hin danda’u ture.18 Kunis ogummaa gaafata. Eenyumtuu sammu qaba yoo ta'e, lakkoofsa bineensicha lakkaa'ee bira haa ga'uu. Lakkoofni kunis lakkoofsa dhala namaa ti. Lakkoofni isaas 666 dha.
1 Ani nan ilaalee; Hoolichi Tulluu Xiyoon irra dhaabates nan arge. Maqaan Isaa fi maqaan Abbaa Isaa adda isaanii irratti kan barreessamee jiru, namoonni 144,000 Isa wajjin turani.2Waaqa keessas sagalee akka bishaan walitti baay’atee huursuu fi sagalee akka qaqawwee guddaa guguungumu nan dhaga'e. Sagaleen ani dhaga'ee suni sagalee kiraara isa warri kiraara rukutan dhageessisanis ni fakkaata.3 Isaanis faarfannaa haaraa fuul dura barcumichaa, fuul dura uumamtoota lubbuu qaban arfanii fi fuul dura manguddootaa sanatti ni faarfatani. Faarfannaa sanas namoota 144,000, warra biyya lafaa irraa furaman sana, irraa kan hafe, namni biraa tokko illee baruu hin dandeenye.4Namoonni kunis warra dubartoota bira dhaquudhaan of hin xureessine dha; isaan gursumma isaanii hin balleessine. Hoolichi eessa iyyuu yeroo deemu, Isa faana kan deeman isaani dha. Isaan kuni, warra sanyii namaa keessaa jalqabatti Waaqayyoo fi Hoolichaaf furamani dha.5Afaan isaanii keessatti sobni tokko illee hin argamne; isaan warra mudaa of irraa hin qabnee dha.6 Ergamaa biraa, kan wangeela isa bara baraa baatee, warra lafa irra jiraataniif, saba, gosa, afaanii fi namoota hundumaattiif labsuudhaaf, walakkaa samii keessa balali'aa jiru tokko nan arge.7Innis sagalee isaa ol fudhatee, “Sa’aatiin firdii isaa waan ga’ee jiruuf, Waaqayyoon sodaadhaa; ulfinas Isaaf kennaa. Isa waaqa, lafa, galaana fi burqaa bishaanii uumeefis sagadaa” jedhee dubbate.8 Ergamaan biraa, inni lammaffaa, isa duraatti aansuudhaan, “Kufteetti; kufteetti Baabiloon isheen guddittiin; isheen sabni hundumtuu dhugaatii waynii ishee isa halalummaa ishee irraa dhufu akka dhugan amansiifte kufteetti” jedhe.9 Ergamaan biraa, inni sadaffaan, isaanitti aanee sagalee guddaadhaan, “Eenyumtuu bineensichaa fi fakkii bifa isaaf sagada yoo ta'e, gubaa sanas adda isaa irratti yookiin immoo harka isaa irratti fudhatee yoo godhate,10inni dhugaatii waynii isa dheekkamsa Waaqayyoos ni dhuga; waynii isa otoo bishaan itti hin makamiin burcuqqoo aarii isaatti buufame ni dhuga. Namni kana dhugus, fuula ergamoota ququlloota ta’anii fi, fuula Hoolichaa duratti ibidda fi ibidda qabsiistuu boba'uun ni dararama.11 Aarri ibidda isaan ittiin dararamanii immoo bara baraaf ol ni ba'a; warri bineensichaa fi fakkii bifa isaatiif sagadan kunneenis, akkasumas, namni gubaa sanas adda isaa irratti yookiin immoo harka isaa irratti fudhatees halkanii fi guyyaas boqqonnaa hin qabani.12Kunis, warra Waaqayyoof qulqullaa'anii, warra abboommii Waaqayyoo eeganii fi warra Yasuusitti amanan irraa obsaan danda'uu barbaada” jedhe.13 Anis sagalee waaqa keessaa nan dhaga’e; innis, “Kana barreessi: Warri Gooftaatti qabamanii du'ani, warra eebifamani dha”. Afuurri Qulqulluus, “Eyyee, bu’aan (firiin” hojii isaanii isaan duukaa ni bu'a; kanaafuu, dadhabbii isaanii irraa aara haa galfatani” jedha.14Ani nan ilaale; hurrii adii tokkos nan arge. Ilma namaa kan fakkaatu tokko hurricha irra taa’eera. Gonfoo warqee mataa irra godhateera; haamtuu qara qabdu tokko immoo harkatti qabateera.15Sana booddees, ergamaan biraa tokko mana sagadaa sana keessaa gadi ba’eetu, sagalee guddaadhaan, isa hurrii irra taa'ee jiru sana waamee: “Haamtuu kee fudhuutii, haamuu jalqabi. Midhaan biyya lafaa bilchaatee waan jiruuf, yeroon haaman ga'eera” jedhe. 16Achumaan inni hurrii irra taa'ee jiru suni haamtuu isaa biyya lafaa irra kaa'ee cire; biyyi lafaas ni haamame.17 Ergamaan biraa tokkos mana sagadaa isa waaqa keessa jiru keessaa ni ba'e; innis haamtuu qara qabdu qabateera.18Ammas ergamaan biraa, inni ibidda irratti aangoo qabu, iddoo aarsaa ixaanaatii gadi ba'ee. Sagalee guddaadhaan ergamaa isa haamtuu qara qabdu qabu waamee, “Haamtuu kee ishee qara qabdu qabadhuutii wayniin waan bilchaateef muka waynii biyya lafaa irraa haamiitii walitti qabi” jedhe.19Ergamichis haamtuu isaa biyya lafaa irra kaa'ee, wayniis muka wayinii irraa ciree haame. Bakka cuunfaa waynii dheekkamsa Waaqayyoo isa guddaattis darbate.20Iddoon cuunfichass magaala duubatti ni dhidhiitame; dhiigni inni hanga luugama fardaa bira ga'us keessaa gadi dhangala’e; innis naannoo kiilo meetra 1,600 ni ta’a.
1 Sana boodas, mallattoo guddaa fi dinqisiisaa ta’e tokko waaqa keessatti nan arge: Ergamtoota toorbaa fi dhukkuba dha'icha toorba turani. Dhukkubni dha’ichaa kunneennis warra dhumaa fi warra dheekkamsi Waaqayyoo ittiin dhaabatu (xumuramu) dha.2 Waanta akka galaana burcuqqoo kan ibiddaan walmake fakkaatu tokko nan arge. Warri bineensicha fi fakkii bifa isaa irratti, akkasumas lakkoofsa isa maqaa isaa ibsu irratti mo’insa argatan suni immoo galaanicha bukkee dhaabbatanii jiru. Kiraara isa Waaqayyo isaaniif kenne qabatanii jiru.3 Isaanis faarfannaa Musee, isa tajaajilaa Waaqayyoo ta’e, fi faarfannaa Hoolichaa faarfachaa jiru: “Hojjiiwwan kee guddaa fi dinqisiisa dha. Yaa Gooftaa Abbaa Humnaa. Daandiiwwan kee sirrii (qajeelaa) fi dhugaa dha. Yaa Mootii saba hundaa. 4Kan siitiin hin sodaanne eenyu dha, yaa Goofta! Maqaa kees kan hin ulfeessine eenyu dha? Si duwwaatu qulqulluu dha. Sabni hundumtuu ni dhufu; Fuul dura keettis ni sagadu; Hojiiwwan kee isaan qajeelloon sababa ifa ba’aniif (mul’ataniif) dha” jedhanii faarfatu turani.5Waantota kanneen eergan ilaalee booda, manni sagadaa iddoon itti dhugaan ba’amu waaqa keessaa baname.6Ergamoonni toorban sunii dhukkuboota dha'icha toorban sana qabatanii mana sagadaa sana keessaa gadi ba’ni. Isaanis uffata calaqqisaa ‘layineeni jedhamu uffatanii, qoma isaaniis hidhata (marxifannoo) warqee irraa hojjetamee hidhatanii ture.7Uumamtoota lubbuu qaban arfan sana keessaa inni tokko, waciitii warqee irraa hojjetaman toorba warra dheekkamsa Waaqayyoo isa kan bara baraatiin guutaman, ergamoota toorban sanaaf kenne.8Manni sagadichaas aara isa ulfina Waaqayyoo fi humna isaa irraa dhufeetiin guutame. Hanga yeroo dhukkuboonni dha'ichaa toorban kan warra ergamoota toorbaa sanaa xumuramanittis, namni tokko iyyuu manicha keessa seenuu hin dandeenye.
1 Anis mana sagadaa sana keessaa sagalee guddaa ergamoota toorban sanaan, “Dheekamsa Waaqayyoo isa waciitii toorban sana keesa jiru dhaqaatii lafa irratti gadi naqaa”, jedhu nan dhaga'e.2 Ergamaan inni duraas deemetu, waciitii isaa keessaa lafa irratti gadi naqe; madaawwan nama jibbisiisanii fi nama dhukkubsan, namoota warra gubaa bineensichaa of irraa qabanii fi warra fakkii bifa isaaf sagadanii irra namm’e.3Ergamaan inni lammaffaan immoo waciitii isaa keessaa galaana keessatti gadi naqe. Innis dhiiga ta’e, dhiiga akka nama du'ee; lubbuu qabeeyyonni galaana keessa jiraatan hundumtuu ni du'ani.4 Ergamaan inni sadaffaan immoo waciitii isaa keessaa lagaa fi burqituu bishaanii keessatti gadi naqe; isaanis dhiiga ta'ani.5Ergamaan bishaanotaas, “Ati qajeelaa dha – inni jirtu, inni turtes, Ati Qulqulluu dha – Sababni isaas, waantota kanaaf situ firdii kenne.6Sababa isaan dhiiga warra siif qulqullaa'anii fi warra raajotaa kee dhangalaasaniif, ati immoo dhiiga isaan dhugan isaaniif laatte; kunis waanta isaaniif ta'uu qabu dha” yeroo inni jedhu nan dhaga’e..7Iddo aarsaattis, debi’ii, “Eyyee, yaa Waaqayyo Goofta Inni hundumaa dandeessuu, firdiiwwan kee dhugaa fi qajeelaa dha” jedhu nan dhaga’e.8Ergamaan inni afuraffaan immoo waciitii isaa keessaa biiftuu irratti gadi naqe; namoota ibiddaan guggubuun isaaf eeyyamameera.9Namoonnis ho'a hamaa sanaan ni guggubamani. Isaanis, Waaqayyo isa da’ichoota kana irratti aango qabu, maqaa isaa waamanii arrabsani. Hojii isaanii kanattis, isaan hin qaabbin; yookiinis, keessaa immoo isaan Waaqayyoon isa dha'icha kana hundumaa irratti gooftummaa qabu maqaa Waaqayyoof ulfina hin kennine.10Sana booddee immoo, ergamaan inni shanaffaan waciitii isaa keessaa barcuma bineensichaa irratti gadi naqe; mootummaan isaas dukkanaan uffisame; warri achi jiranis hammeenya gidiraa isaan irra ga’e irraa kan ka'e, arraba isaanii nyaachaa (cicciniinaa) turani. 11Sababa hammeenya gidiraa isaan irra ga’ee fi madaawwan isaanii irraa kan ka'es, Waaqayyoo waaqaa arrabssaa turani; hojiiwwan isaaniittis gaabbuu ni didani.12Ergamaan inni ja'affaan immoo waciitii isaa keessaa laga isa guddicha, Laga Efiraaxes, itti gadi naqe. Mootota warra karaa ba’a biiftuu dhufuuf jedhaniif daandii qopheessuuf jechas, bishaan lagichaas ni goge.13Afuuronni hin qulqullofni sadii kan raachota fakkaatan afaan jawwichaa, afaan bineensichaa fi afaan raajii ishee sobduu sana keessaa yommuu ba'anii nan arge.14Isaanis afuurota seexanootaa warra mallattoowwan dinqisiisaa ta’an argisiisanii dha. Kanaafis, gaafa guyyaa isa guddichaa kan Waaqayyoo Abbaa Humnaa sanaa mootota guutummaa biyya lafaa irratti lola banuuf warra mootota walitti qabuudhaaf ba'anii dha.15Sagaleen tokkos, “Hubadhaa! Ani akka hattuuttin dhufa; qullaa isaa adeemee qaamni isaa bakkeetti mul'atee haala isa qaanessuun akka isaan isa hin arginetti, namni inni dammaqinaan uffata isaa uffatee na eeggatu, eebbifamaa dha” jedhe.16Isaanis, mootota sana iddoo afaan Hibriiwuutiin “Armaagedoon” jedhamutti walitti qabani.17Sana boodas, ergamaan inni toorbaffaan waciitii isaa keessaa qilleensatti gadi naqe. Itti aansees, sagaleen guddaan “Raawwateera!” jedhu mana sagadaa sana keessaa fi barcumicha birra dhaga’ame.18Achumaanis, balaqqeessi ni balaqqeessa'e; ni guguungume; awl jala qabees ni qaqawweesse; kirkirri lafaa hamaanis ni ta’e – kirkirri lafaa kunis erga namni lafa irra jiraachuu jalqabee kaasee kirkira lafaa uumamanii turan hundaa kan caalu kirkira guddaa dha.19Magaalli guddittiin sunis bakka sadiitti gar-gar baate; magaalonni saboota biyya lafaas ni kufani. Sana boodas, Waaqayyo magaala gudditti Baabiloon yaadateetu, wayinii isa dheekkamsa Isaa isa baay’ee hamaa irraa hojjetamee burcuqqootti guutee isheefii kenne.20 Biyyoonni bishaan keessaa hundumtuu hin badani; tulluuwwanis hin argamne.21Cabbii guguddaan, inni tokkoon isaa hanga kiiloo 60 ulfaatu, samii keessaa namoota irratti gadi roobe. Da’ichi cabbii kunis baay'ee hamaa waan tureef, namoonni sunis Waaqayyoon arrabsani.
1Ergamtoot toorban warra waciitii toorba qabatanii jiran keessaa inni tokko gara koo dhufeetu anatti dubbatee, “Kottu, firdii sagaagaltitti ishee guddittii, bishaanota baay'ee irra teessu sanaa, ani sitti nan argisiisaa;2Ishee mootonni biyya lafaa wajjin sagaagalani; ishee wayniin ishee inni isheen sagaagalummaa isheetiin hojjetteen, warri lafa irra jiraatan ittin machooftuu ta’an” jedhe.3Achiin boodas, ergamichi Afuuraatiin ol na baatee gara lafa onaatti na geesse; achittis dubartii bineensa dimaa kan maqootni arrabsoo irra guutee jiru irra teessee jirtu tokko nan arge. Bineensichis mataawwan toorbaa fi gaanfota kudhan qaba.4Dubartittiinis uffata purple fi diimaa uffatteetti; warqee, albuudota dhagaa qaal’aa ta’anii fi calleetiinis of miidhagsiteetti. Kubbayyaa warqee wantota nama jibbisiisanii fi xuraa'ummaa sagaagalummaa isheetiin guutamee jirus, harkatti qabatteetti.5Maqaan inni iccitti qabu, “Baabiloon guddittii, haadha sagaagaltootaa fi haadha biyya lafaa irratti waantota nama jibbisiisanii” kan jedhu adda ishee irratti barreeffamee ture.6 Dubartitiin dhiiga warra Waaqayyoof qulqullaa'aniitiini fi dhiiga warra Yasuusiif dhugaa ba'uu isaaniitiif aarsaa ta’aniitiin machooftee akka jirtus nan arge. Yeroon ishee arges, ani baay’een ajaa’ibame.7Ergamichi garuu, “Maaliif ajaa’ibamte? Iccitii dubartittii fi kan bineensicha, isa mataawwan toorbaa fi gaanfota kudhan qabuu, ishee baatee jiruu, anu siifan ibsa.8 Bineensichi ati argitee turte sun, amma hin jiru; boolla qilee sana keessaa ol ba’uuf jira. Sana booddees, balleessii isaatti ni fufa. Isaan warri lafa irra jiraatan suni, isaan warri erga biyyi lafaa kun uumame jalqabee maqaan isaanii Kitaaba Jireenyaa keessaatti hin barreessamnee, isaan yeroo bineensicha argan ni ajaa’ibamu; sababni isaas waan inni takka jiraachaa tureef, waan amma hin jirreef, garuu immoo deebi'ee argamuuf waan jiruufi dha.9Kuni sammuu ogummaa qabu barbaada; mataawwan toorban suni tulluuwwan toorba kanneen dubartittiin irra teessuu dha. akkasumas mataan torban mootota torba.10Dabalataanis, mataawwan toorban suni, mootota toorba dha. Isaan keessaas, shan kufaniiru; tokko jira; inni hafe tokko immoo hanga ammatti hin dhufne; dhufuudhaafis, hanga yeroo gabaabduu duwwaadhaaf turuun isa irra jira.11 Bineensichi inni takka jiraachaa ture, amma immoo hin jirre, isa saddeetaffaa dha. Innis warra toorban sana waan ta’eef gara balleessii isaa ni dhaqa.12Gaanfonni kurnan warri ati argitee turte immoo, mootota kudhan warra hanga ammaatti mootummaa hin fudhanne dha; isaan garuu bineensicha wajjin sa'aatii tokkootiif akka moototaatti aangoo ni fudhatu.13Isaanis yaadni isaani tokko waan ta’eef, humna fi aangoo isaanii dabarsanii bineensichaaf ni kennu.14Hoolicha irrattis waraan ni banu. Hoolichi garuu Gooftaa gooftotaa, Mootii moototaas waan ta'eef, isaaniin ni mo'a; warri isaa wajjin jiranis warra waamaman, warra filataman, akkasumas warra amanamanii dha” naatiin jedhe.15 Ergamichi akkasis anaan jedhe: “Iddoo sagaagaltuun suni tessee jirtutti bishaanonni ati argite immoo, namoota, uummattoota walga’anii jiran, saboota fi, afaanota dha.16Gaanfonni kurnan ati argitee fi bineensichi sagaagaltuu sana ni jibbu. Qobaatti ishee baasu; qullaattis ishe hanbisu; foon ishees ni nyaatu, ibiddaanis guutumman guutuutti ishee ni gubu.17Waaqayyos hanga dubbiin Isaa raawwatutti, akka isaan waligaluudhaan mootummaa isaanii dabarsanii bineensichaaf kennanii fi akeeka isaas hojjetaniif jecha kanas garaa isaanii keessa kaa'eera.18 Dubartittiin ati argitee turtes, magaala gudditti ishee mootota biyya lafaa bituuf isaan irratti aangoo qabdu dha”.
1Waantotni kuni erga ta’ani booda immoo, ergamaan biraa tokko waaqa keessa yeroo gadi dhufaa jiru nan arge. Innis aangoo guddaa waan qabuuf, biyyi lafaas ulfina isaatiin ni ife.2Innis sagalee nama sodaachisuun ni iyyee, “Kufteetti, Baabiloon isheen guddittiin kufteetti! Isheen iddoo seexanoonni jiraatan taateetti; isheen mana hidhaa warra afuura hin qulqulloofnee taateetti; isheen mana hidhaa simbirroo hin qulqulloofnee taateetti; isheen mana hidhaa bineensota hin qulqulloofnee fi bineensota nama jibbisiisanii hundumaa taateetti.3Saboonni hundumtuu waynii ishee isa halaalameeru sana dhuganiiru. Mootonni biyya lafaas ishee wajjin sagaagalaniiru. Daldaltoonni biyya lafa irraas humna ishee isa qixii hin qabne sanaatiin sooromaniiru” jechuudhaan.4Sana booddees, sagaleen biraa tokko waaqa keessaa, “Yaa uummata koo! Cubbuu ishee akka hin qooddanneef, dha'icha ishee tokkoo isaa iyyuu akka hin fudhaneef, ishee biraatii gadi ba’aatii koottaa.5Cubbuun ishee hamma waaqaatti ol fagaatee wal irratti tuulameera, Waaqayyoos hojiiwwan ishee yara ta’an sana hundumaa yaadateera.6Liqii isheen nama irratti fidde, isheefis ni deebisaa; wanta isheen gooteefis, dachaa lamaan ni godha. Kubbaayya isa isheen ittiin namaaf bulbultetti, harka lamaan isheef ni bulbula.7Akkuma isheen ulfina ofiif laattee, jireenya qananii jiraatteenis, gidiraa fi gadda hangas ga’u isheef ni kenna. Isheen garaa isheetti, ‘Ani akka Mootuutti taa’een jira; ani gaalamoota miti. Gaddis nan argu.’ ofiin jetteetti.8Kanaafuu, guyyaa tokko keessatti, da’ichooni ishee ni dhufu: du’a, gaddaa fi beela. Ibiddaanis ni gubatti. Kunis kan ta’u, Waaqayyo Gooftaan Inni Abbaa humnaa, firdii ishee waan isheefi kennuufi dha” jedhe.9Mootonni biyya lafaa warri ishee wajjin sagaagalanii fi keessa gadi ba’anii jiraatan, yeroo aara gubachuu ishee argan, isheedhaaf boo'anii wawwaachuuf jiru.10Gidiraa isheen argaa jirtu sodaataniis irraa fagaatanii dhaabbachuudhaan, “Wayyoo, wayyoo, magaala guddittiif, ya Baabiloon, magaala humna-qabeettii. Adabbiin kee sa’aatii tokko keessatti dhufe" ni jedhu.11Kana booda meeshaa isaanii namni irraa bitu waan hin jirreef, daldaaltonni biyya lafaas isheedhaaf ni boo'u, ni gadduus. 12Meeshaa warqee, meetii, albuudota dhagaa warra gatiiin isaanii qaali ta’e, calleewwan, uffata naayileen gaarii irraa hojjetame, uffata bifa dhiilgee, haarrii, uffata bildiimaa, muka urgaa'u kan gosa hundumaa, mi'a ilka araba irraa hojjetame hunduma, mi'a muka baay'ee gati qaalii baasu irraa hojjetame, mi'a sibiila diimaa, kan sibiilaa, kan dhagaa miidhagaa irraa hojjetame,13qarafaa, qimamii urgeessituu, ixaana, qumbii, haphee, dhugaatii waynii, zayitii, daakuu bullaa'aa, qamadii, horii fi hoolaa, fardeenii fi gaarii fardeeniin harkifamu, qaamaa fi lubbuu namootaas isaan irraa kan bitu hin jiru.14Akkasumas, “Humna qabeenya kee hundumaatiin bu’aan ati argachuudhaaf hawwaa turte si harkaa ba'eera. Qananii fi jireenyi kee cululuqn suni hundumtuu, akka deebi’anii hin argamnetti, si harkaa badaniiru”isheetiin jedhu.15 Daldaltoonni meeshaalee kanneenii warri qabeenya isheetiin sooromanii turanis, sababa gidiraa ishee sodaataniif, ishee irraa fagaatanii dhaabataniitu isheef iyyanii ni boo'u, ni gadduus.16Isaanis, “Wayyoo, wayyoo yaa magaala guddittii, ishee uffata laayineenii bareedaa, ishee uffata dhiilgee fi bildiimaa uffachaa turteef; ishee warqee fi meeshaalee miidhaginaa qaalii ta’anii godhattee, calleewwanis naqattee of miidhagsitu turtee.17Sa'aatii tokko keessatti qabeenyi kun hundumtuu kan jalaa bade, wayyoo, wayyoo” jedhanii ni boo’u. Warri markaba irratti ajajan, warri markabaan adeeman, warri markaba keessaa hojjetan, warri hojii galaana irratti hojjetamuun jiraatan hundumtuu ishee irraa fagaatanii ni dhaabatu.18Aara isheen gubachaa jirtuu yeroo argan immoo ni iyyanii. Isaanis “Magaala isa kamtu akka magaala guddittii kanaa fakkaata ture?” jedhani.19Biyyoo mataa isaanii irratti facaasaniis, “Wayyoo, wayyoo yaa magaala guddittii, ishee iddoo warri markaba galaana irraa qaban hundumtuu itti sooromanii. Sa'aatii tokko keessatti kan badde taateetti!” jedhani iyyanii boo'aa fi gaddaa turani.20Sagaleen tokko immoo, “Yaa waaqaa, yaa warra Waaqayyoof qulqullooftani, yaa ergamootaa, yaa raajotaa, waan ishee irratti ta’etti gammada! Waaqayyo firdii keessan ishee irratti isiniif waan faradeef , gammadaa!” jedhe.21Ergamaan guddan tokko dhagaa gudda kan dhagaa daakuu fakkaatu tokko fuudhee “Baabiloon, magaalli ishee guddittiin suni akkas dhiibamtee gadi darbatamti; deebitees hin argamtu!” jechaa galaana keessatti darbatee22“Sagaleen warra kiraara rukutuu, kan warra weellisuus, sagalee warra ulullee fi xurumbaa xabataniis deebi'ee si keessatti hin dhaga'amu. Ogeessonni harkaas deebi'anii si keessatti hin argamani; sagaleen dhagaa daakuus, deebi'ee si keessatti hin dhaga'amu.23Ifni ibsaas, kana booda deebi'ee si keessatti hin ifu; sagaleewwan mishirroo fi mushurraas, kana booda deebi'anii si keessatti hin dhaga'amani; daldaltoonni kee namoota kabajamoo biyya lafaa waan turaniif, saboonni mora keetiin gowwoomfamaa turani.24Dhiigni raajotaa fi kan warra Waaqayyoof qulqullaa'anii, akkasumas dhiigni kan warra biyya lafa irratti ajjeefamanii hundumtuu, ishee keessatti argameera” jedhe.
1Waantota kunneen booda, sagalee guddaa isa kan uummata baay’ee fakkaatu waaqa keessaa nan dhaga’e. Innis, “Haaleeluyaa! Fayyinni, ulfinnii fi humni kan Waaqayyo keenyaa ti!2Firdiiwwan isaa dhugaa fi qajeelaa waan ta'aniif, sagaagaltuu ishee guddittii, ishee walqunnamtii saalaa ishee isa yaraa sanaatiin biyya lafaa balleessite sana irratti Inni faradeera. Dhiiga hojjetoota Isaa isa harka isheetiin dhangalaa’eefis, gumaa baaseera” jedhanii dubachaa turani.3 Yeroo lammaffaafis isaan ni dubbatani:“Haaleeluyaa! Aarri sunis hamma bara baraatti ishee keessaa ni aara” jedhani.4Manguddoonni digdamii arfan sunii fi uumamtoonni lubbuu qaban arfan suni gadi gombifamanii, Waaqayyo isa barcumicha irra taa'eef sagadanii. Isaan, “Ameen, haaleeluyaa!" jechaas turani.5 Sana boodas, sagaleen barcumicha biraa ba'ee,“Isin hundumti keessanu – isin hojjetoonni Isaa, isin warri Isa sodaattan, isin warri xinnaanis guddaanis – Waaqayyo keenya galateeffadhaa!" jedhe.6Itti aanees, sagalee akka sagalee uummata baay’ee, sagalee isa sagalee bishaan walitti baay’atee huursaa deemuu fakkaatuu fi sagaleen bakakkaa guddaa guungumee qaqawweessa’u fakkaatu tokko nan dhaga'e; innis, “Haaleluyaa! Gooftichi waan mo’uuf; Waaqayyo keenya, Inni hundumaa danda'u waan mo'uuf.7Kottaa ni gammannaa; ni ililchinaa! Ulfinas isaaf ni kennina! Guyyaan gaa'ela Hoolichaa ga'eera; mishirroon isaas of qopheessiteetti!8Isheenis uffata calaqqisaa fi qulqulluu kan laayineenii irraa hojjetame akka uffattu isheedhaaf eeyyamameera” jedhe (uffanni laayineenii inni gaarii sunis hojiiwwan warra Waaqayyoof qulqullaa'aniii isa qajeelaa dha).9Ergamichis kana naan jedhe: “Kana barreessi: Warri diggisii cidha gaa'ela Hoolichaa irratti waamamani, eebbifamtoota dha!” Itti dabalees, “Isaan kunis, sagaleewwan Waaqayyoo isan dhugaa dha” naan jedhe.10Anis isaaf sagaduudhaaf jedheen miilla isaa jalattin kufe. Inni garuu, “Kana hin godhiin! Hidhatni ani siitii fi obboloottan kee warra waa’ee isaYasuus dhugaa ba'etti qabamaniif qabu hojii dha. Inni Yasuus dhugaa ba'e, isa afuurri namoota raajii dubbachiisuu dha; kanafuu, anaaf otoo hin ta’iin, Waaqayyoof sagadi!" naan jedhe.11Kana booddees, waaqni banamee nan arge; ilaalanis, farda adii tokkon arge. Inni fardicha yaabbatee jirus amanamaa fi dhugaa jedhama; inni kan faradus, kan lola banus, qajeelummaadhaani.12Iji isaa akka barbadaa ibiddaa ti; mataa isaa irra gonfoo baay'eetu jira. Isa irraa kan hafe, maqaa namni biraan hin beekne, kan isa irratti barreessame jiru tokko ni qaba.13Uffata dhiigaan cuuphame uffatee jira; maqaan isaas "Sagalee Waaqayyoo" jedhama.14Waraanni waaqa keessaas fardeen a’adii yaabbatanii, uffata ‘laayineenii’ adii fi qulqullu uffatanii, isa duukaa bu'ani.15Afaan isaa keessaa haaduu qaramaa, isa inni saboota biyya lafaa ittiin rukutu ni ba’e; inni ulee sibiilaatiinis isaan ni tiksa. Inni iddoo cuunfaa waynii isa Waaqayyo Inni Hundumaa danda’u aariidhaan itti dheekkame keessa deemees ni dhidhiita.16Uffata isaa fi sarbaa milla isaa irrattis maqaan, “Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa” jedhu barreessamee jira.17Achiin booda immoo ergamaa biiftuu irra dhaabate tokko nan arge. Innis sagalee guddaatiin hallaattota waaqa keessa balali'an hundumaa, “Diggisii isa guddaa isaWaaqayyo qopheesse sanaaf walitti qabamaatii kootta” jedhee isaan waame.18Itti dabalees, “Koottaatii foon moototaa, foon ajajjota waraanaa, foon namoota ciccimoo. foon fardeenii fi kan warra isaan yaabbatanii jiranii, foon namoota hundumaa, kan isa bilisa ta’ees, kan isa garboomees, kan isa guddaas, kan isa xinnaas nyaadhaa" jedhe.19 Itti aanees, bineensichaa fi mootota biyya lafaa loltoota isaanii wajjin nan arge. Isaanis isa fardicha yaabbatee jiru sanaa fi loltoota isaa irratti waraana banuuf jedhanitu walitti qabamanii jiru.20Bineensichi fi raajichi sobduun inni fuula isaa duratti mallattoowwan argisiisaa ture suni ni boojji’amani. Inni mallattoowwan kanaan warra gubaa bineensichaa of irratti godhatani fi warra fakki bifa isaatiif sagadaa turani gowwoomsaa ture. Warri qabaman lamaan kunis, otoo dhuma lubbuudhaan jiranii haroo ibiddaa dhagaa boba'uu sana keessatti darbatamani.21 Warri hafan immoo haaduu isa afaan isa farda yaabbatee jiru sana keessa ba’een ajjeefamani. Hallaattonni sun hundumtuu foon reeffa isaanii ni nyaatani.
1Itti aanees, ergamaa waaqa keessaa gadi bu’aa jiru tokko ani nan arge. Innis furtuu boolla qilee sanaa fi sansalata guddaa harkatti qabatee ture.2Innis jawwee sana, bofa isaa durii sana, isa diyaabiloos yookiin immoo Seexana jedhamu, qabeetu waggaa kuma tokkoof hidhe.3Boolla qilee sanattis isa darbate. Boollichas itti cufeetu irratti saamse. Kanas kan inni godhe hanga waggaan kumni tokko suni raawwatamutti, akka inni deebi'ee saboota biyya lafaa hin gowwoomsineefi dha. Guyyaa sanaan booda garuu, yeroo muraasaaf gadi dhiifamuun isaaf mi mala.4 Achiin booda immoo barcumoota sana nan arge. Barcumoota sana irras warra firdii kennuuf aangoon isaaniif kenname suni taa’anii jiru. Dabalataanis, lubbuuwwan warra waa’ee Yasuus dhugaa ba’anii fi warra sagalee Waaqayyootiif jedhani morma kutamanii nan arge. Isaan bineensichaaf yookiin immoo fakkii isaaf hin sagadne ture dha; isaan warra adda isaanii irratti yookiin immoo harka isaanii irratti gubaa sana godhachuus didanii ture dha. Isaanis jireenyatti deebi'anii, waggaa kuma tokkoofis Kiristoos wajjin ni mo'ani.5Warra du'ani keessaa warri hafan immoo hanga waggaan kumni tokko suni dhumutti jireenyatti hin deebine. Kunis, du’aa ka’uu isa jalqabaati.6Eenymtuu inni du'aa ka'uu isa jalqabaa keessatti hirmaate, eebbifamaa fi qulqulluu dha! Duuni inni lammaffaa warra kana irratti aangoo hin qabu. Isaan luboota Waaqayyoo fi luboota Kiristoos ta’uudhaan, Kiristoos wajjin waggaa kuma tokkoof ni mo'u.7 Waggaan kumni tokko suni yeroo dhumutti, Seexanni hidhaa isaa keessa ni ba’a.8Innis gadi ba’eetu sabota karaa golee lafaa arfaniin jiran hunduma ni gowwoomsuudhaan Goog fi Maagoog, lolaaf walitti isaan isaan ni fida. Baayy’inni isaaniis akka cirracha galaanaa keessa ni ta’a.9 Isaanis gooda lafaa irran ba'aniitu, magaala jaalatamtittii, bakka buufata warra Waaqayyoof qulqullaa'aniitti, ni marsu. Garuu ibiddi waaqa keessaa bu'eetu, isaan fixe.10Seexannichi, inni isaan gowwoomse, haroo dhagaa boba'u, iddoo bineensichii fi raajii sobduun suni itti darbatamanii ture, keessatti gadi darbatame. Isaanis bara baraatiif halkanii fi guyyaa ni dararamu.11Sana booddees, barcuma adii guddaa tokkoo fi barcumicha irra taa'e kan jiru tokko nan arge. Laftii fi waaqnis fuula isaa duraa baqatani; iddoo dhaqan garuu hin arganne.12Warri du'ani, xinnaanis guddaanis, barcumicha fuul dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis yeroo saaqamani nan arge. Kitaabni biraas, Kitaaba Jireenyaa, ni saaqame. Warri du’anis, akkuma hojiwwan isaniitti haaluma kitaabota sana keessatti barreeffamee jiruun firdii isaanii argatani.13 Galaanni warra du'anii isa keessa jiran baasee kenne. Duunii fi mootummaan warra du'aniis, warra du'anii isaan harka jiran baasanii kennani; warri du’anis, akkuma hojiiwwan isaaniitti firdii isaanii argatani14Duuttii fi mootummaan warra du'anii immoo haroo ibiddaa keessatti gadi darbatamani. Haroon ibiddaa kunis, du'a isa lammaffaa dha.15Namni maqaan isaa Kitaaba Jireenyaa kana keessatti hin barreessamne yoo argame, haroo ibiddaa keessatti darbatama ture.
1Achiin boodas, ani waaqa haaraa fi lafa haaraa nan arge; waaqaa fi lafti warri duraa darbanii jiru; galaannis kana booda hin jiru.2Magaala qulqullitti, Yerusaalem ishee haaraa, ishee akka mishirroo abba manaa isheef of kuultee bareeddee dhuftuu, Waaqayyo biraa yeroo waaqa keessaa gadi buutu nan arge.3Anis sagalee guddaan barcumicha biraa yeroo dubbatu nan dhaga’e; innis, “Ilaali! Bakki Waaqayyo buufatu amma namoota gidduutti argama; innis isaan bira jiraachuufi dha. Isaan uummata isaa ni ta’u; Waaqayyo mataan isaa, isaan wajjin jiraachuufi dha; Waaqayyoo isaaniis ni ta’a.4Inni imimmaan isaani hunduma isa ija isaanii irraa ni haqa; kana booddees, duunis, gaddis, iyyis, dhukkubnis hin jiru. Warri duraa darbanii jiru” jechaa ture.5Inni barcumicha irra taa'ee jiru suni, “Ilaali! Ani waan hundumaa haaraa nan godha!” naatiin jedhe. Itti dabalees, "Dubbiiwwan kunneen amanamaa fi dhugaa waan ta’aniif, barreessi” naan jedhe.6Akkasumas “Waantotni kunneen ta’anii jiru! Ani Aalfaa fi Omeegaa dha;isa jalqabaa fi isa dhumaa ti. Ani isa dheeboteef burqituu bishaan jireenya irraa kaffaltii tokko malee tolaan nan kennaafi.7 Inni mo'us, waantota kana ni dhaala; anis Waaqayyoo isaa nan ta'a; innis ilma koo ni ta'a.8Warra sodaattotaa, warra amantii hin qabnee, warra nama jibbisiisanii, warra lubbuu balleessanii, warra safuu qooda walqunnamtii saalaa hin qabnee, warra mortootaa, warra waaqayyolii tolfamaniitti waaqessanii, warra soban hundumaa ilaalchisee garuu, bakki isaaniif malu haroo dhagaa boba'uu isa hamaa sana keessa dha. Sunis du'a isa lammaffaa dha” naan jedhe.9 Ergamtoota warra toorban warra waciitiiwwan toorba kanneen dha'ichoota gara dhumaa toorbaniin guutaman qabatanii jiran keessaa inni tokko gara koo dhufee anatti dubbate. “As koottu. Anuu ishee mishirroo, haadha manaa Hoolichaa sitti nan argisiisaa” naan jedhe.10Achumaan Afuuraatiin ol fuudhee gara tulluu guddaa fi dheeraa tokkootti na geesse, Yerusaalem, magaala qulqullittii, Waaqayyo biraa waaqaa keessaa yeroo gadi buutu anatti argisiise.11Yerusaalemis ulfina Waaqayyoo qabdi; akka dhagaa bareedinaa isa gatiin isaa qaalii ta’ee, akka dhagaa miidhaginaa isa ‘jasper’ jedhamuutti calaqqistee bareeddi turte.12Dallaa guddaa fi dheeraa, kan balbaloota karraa kudha lama qabuu fi kan ergamoonni kudha lamas eegan, qabdi turte.. Balbaloota karraa sana irrattis maqaan gosa ijoollee Israa'el kudha lamaani barreessamee jira;13karaa ba'a-biiftuu,karaa kaabaa, karaa kibbaa fi karaa lixa biiftuu, karaa tokko tokkoo isaanii, balbala karraa sadiitu jira.14 Bu’uurri dallaa magaalitti kan irra dhaabate immoo dhagoota kudha lama qaba; isaan irratti immoo maqaan ergamoota Hoolichaa kudha lamaa barreessamee jira.15Ergamaan inni anatti dubbatee ture sunis, kan magaalittii, balbaloota ishee fi dallaa ishee ittiin safaru ulee safartuu warqee irraa hojjetamte tokko qabatee ture.16Magaalittiin kan hundoofte lafa karaa arfaniinuu wal qixee dheeratu irratti ture. Ergamichis ulee safartuu isaatiin magaalittii ni safare; gara hundumaanuu kiiloo meetrii (stadia) kuma kudha lamaa dheeratti.17Dallaa ishees ni safare; furdinni isaas, akka safara dhundhuma namaatti, dhundhuma 144 ta'e (Ergamichis hammasuma safare).18Dallichi dhagaa ‘jasper’ jedhamu irraa hojjetame; magaalittiin immoo warqee qulqulluu, isa akka of-ilaaleetti ifuutiin ijaaramte.19Bu’uurri dallichaas kan bu’e, dhagaa gatiin isaa qaalii ta’e adda addaatiin miidhagfameetu dha. Dhagaawwan kunneenis, inni duraa ‘jasper’, inni lammaffaa ‘sapphire’, inni sadaffaa ‘agate’ fi inni afuraffaan immoo ‘emerald’ kan jedhamani dha.20Akkasumas,inni shanaffaan ‘onyx’, inni ja'affaan ‘carnelian’, inni toorbaffaan ‘chyrsolite’, inni saddeetaffaan ‘beryl’, inni salgaffaan ‘topaz’, inni kurnaffaan ‘chrysoprase’; inni kudha tokkoffaan ‘jacinth’, inni kudha lammaffaan ‘amethyst’ ture.21 Balballi karraa kudha lamaan calleewwan kudha lama turani; balballi karraa sunis, tokko tokkon isaa callee tokko irraa hojjetame. Daandiiwwan magaalittii warqee qulqulluu isa akka of-ilaalee keessan nama argisiisu irraa hojjetame22Waaqayyo Gooftaan Inni Abbaa Humnaa fi Hoolichi mana sagadaa waan ta’aniif, ani mana sagadaa tokko illee magaalittii keessatti hin argine.23Biiftuu yookiis ji'a magaalitti irratti ibsuun barbaachisaa hin ture; ulfinni Waaqayyoo dursee ishee irratti ifee jira; Hoolichis ibsaa ishee ti.24Saboonnis ifa isheetiin ni deemu. Mootonni biyya lafaas ulfina of biraa qaban gara isheetti ni fidu.25Balabaloonni karra ishee yeroo guyyaa hin cufamani; halkan kan jedhamus achi hin jiru.26 Isaan ulfinaa fi kabaja saboota biyya lafaa bira jiranis gara isheetti ni fidu;27Maqoota warra Kitaaba Jireenyaa Hoolicha keessatti barreessamee jiru irraa kan hafe, waanti qulqulluu hin taane fi warri waanta nama jibbisiisuu fi waanta nama gowwoomsu hojjetan tokkoon isaanii illee garuu magaalittiitti hin seenani.
1Achiin boodas, ergamichi lagicha Bishaan Jireenyaa isa akka cabbie qulqullaa’ee addaatu natti argisiise. Lagni kunis isa barcuma Waaqayyoo fi barcuma Hoolichaa biraa burqee,2gara daandii magaalittii walakkaa keessa jirutti dhangala’u dha. Karaa gamaa fi gamanaa lagichaa immoo Mukti Jireenyaa inni sanyii gosa kudha lamaa baatee jiru ni jira; mukichis ji’a ji’aan sanyii ni hora. Baalli mukichaas saba biyya lafaa fayyisuudhaaf kan ta'u dha.3Kana boodas, abaarsi tokko illee magaalittii keessa hin jiraatu. Barcumni Waaqayyoo fi barcumni Hoolichaa ishee keessa jira; hojjetoonni isaas isaaf ni hojjetu.4Isaan fuula isaa ni arguu; maqaan isaas adda isaanii irra ni jira.5Halkan kana booda achi hin jiru. Waaqayyo Gooftaan waan isaan irrati ibsuuf, ifni ibsaas, ifni aduus isaan hin barbaachisu. Isaan bara baraatiif ni mo'u.6Ergamichis, “Dubbiiwwan kunneen amanamaa fi dhugaa dha. Gootichi, inni Waaqayyoon afuurota warra raajotaa, wanta as dhihootti ta’uu qabu hojjetoota isaatti argisiisuudhaaf jedhee ergamaa isaa ergee jira.7Hubadhu! Ani as dhihootti nan dhufa! Eenyumtuu inni dubbiiwwan kitaaba kana keessatti raajaman kanaaf abboomamu, eebbifamaa dha!” jedhee natti hime.8Iinni waantota kana dhaga’ees, argees ture ana, Yohannis, dha. Yeroon dhaga’ees, argees turetti, ergamaa isa kana hundumaa anatti argisiiseef sagaduudhaaf jedheen miilla isaa jalatti kufeen ture.9Inni garuu, “Sana hin godhin! Ani hariiroon sii wajjin, obboloota kee warra raajotaa wajjin, akkasumas warra dubbiiwwan kitaaba kanaaf abboomaman wajjinis qabu kan hojii ti; anaaf otoo hin ta’iin Waaqayyoof sagadi!” naan jedhe.10 Itti dabalees “Yeroon kuni itti raawwatamu as dhi’hoo waan ta’eef, dubbiiwwan kitaaba kana keessatti raajamani saamsitee hin cufin.11Inni jal'aa ta’e, jal'inuma isaatti itti fufee haa hojjetu. Inni naamusaan gadhee ta’e, gadhummaa namusa issaatti haa fufu. Inni qajeelaa ta’e, waan qajeelaa ta’e itti fufee haa hojjetu. Inni qulqulluu ta’e, itti fufee qulqulluu haa ta’u!” naan jedhee.12“Hubadhu! Ani dafee nan dhufa. Tokko tokkoo namaaf akka hojiiwwan isaatti liqii isaa isaaf deebisuuf, badhaasni ani kennu na harka jira.13Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa duraati, isa booddee ti; isa jalqabaati, isa dhumaatis” jedhe, inni dhufuuf jedhu suni.14Warri uffatoota isaanii miiccatan, mirga Muka Jireenyaa sana irraa nyaachuu waan argataniif, akkasumas magaalittii karaa karraa balbalootaa sanaa seenuuf mirga waan qabaniif, isaan eebbifamtoota dha.15Saroonni, mortoonni, sagaagaltoonni, lubbuu baastonni, warri waaqayyolii tolfaman waaqessani fi warri sobaa jaalatanii fi waan sobaa hojjetan hundumtuu dallaa magaalittii duubatti ni hafu.16 “Waantonni kunneen hundumtuu akaa waldoota kiristiyaanaa ga'uuf jecha, ani, Yasuus, ergamaa koo ergee isiniif dhugaa baasiseera; ani hiddaa fi sanyii Daawwiti, isa akka bakkalcha barii ifu dha” ni jedha Kiristoos.17 Afuurichii fi Mushirichi, “Kottu” jedhu. Mee inni kana dhaga'us,”Kottu!” haa jedhu. Namni dheebote eenymtuu, haa dhufu; namni bishaan barbaadu eenyumtuu, otoo gatii hin baasin bishaan jireenyaa haa dhugu.18 Ani, dubbiiwwan kitaabni kuni raajessu nama dhaga'u eenyuufuu, dhugaa nan ba’a. Namni dubbiiwwan kanatti dabalu yoo jiraate, Waaqayyo adaba dha'ichoota waa'een isaanii kitaaba kana keessatti barreessame isa irratti dabaluuf jira.19Namni dubbiiwwan kitaabni kuni raajessu irraa waa hir'isu yoo jiraate immoo, Waaqayyo waa'een Muka Jireenyaa fi magaala qulqullitti inni kitaaba kana keessatti barreessamee jiru keessaa, qooda isaa ni hir'isa.20²⁰ Inni waantota kanneen hundumaaf dhugaa ba’us, “Eeyyee! Ani as dhi’hootti nan dhufa” ni jedha. Ameen! Kottu, Gooftaa Yasuus!²¹ 21Ayyaanni Gooftaa Yasuus hunduma faana haa ta'u! Ameen!